Tajaajilli Mana galmeewwanii fi Manneen kitaabaa Itiyoophiyaa qabeenya barreeffamaa gara diijitaalaatti jijjiiruu eegale - ENA Afaan Oromoo
Tajaajilli Mana galmeewwanii fi Manneen kitaabaa Itiyoophiyaa qabeenya barreeffamaa gara diijitaalaatti jijjiiruu eegale
Waxabajjii 9/2018 (ENA) - Tajaajilli Mana galmeewwanii fi Manneen Kitaabaa Itiyoophiyaa sirna mana kitaabaa ammayyaa diriirsuuf kan gargaaru, qabeenya barreeffamootaa gara diijitaalaatti jijjiiruun hojii isaa ifatti eegaleera.
Marsaa jalqabaatiin fuulawwan miiliyoona 20 gara diijitaalaatti jijjiiruuf hojiin akka hojjetamu ibsameera.
Sirna jalqabsiisa kana irratti Ministirri Innoveeshinii fi Teeknoolojii Dr. Balaxaa Mollaa, Ministira Aadaa fi Ispoortii Shawwit Shaankaa, Daarektara Tajaajila Mana galmeewwanii fi Manneen Kitaabaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Sartsee Fireesibihaatii fi keessummoonni affeeraman biroon argamaniiru.
Itiyoophiyaa ammayyaa uumuu fi dinagdee diijitaalaa guutuu ta'e dhugoomsuuf hojiileen hedduun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Fakkeenyaaf, hojmaata waraqaa irraa gara diijitaalaatti ce'uu fi qabeenya seenaa gara kuusaa diijitaalaatti galchuun dhaloota dhufutti dabarsuu hojjetamaa jira jedhaniiru.
Imalli tajaajilli mana galmeewwanii fi Manneen Kitaabaa Itiyoophiyaa jalqabe kun qaama tarsimoo Diijitaala Itiyoophiyaa 2030 akka ta'ee fi fuuldurattis dameewwan hundaan cimmee akka itti fufu ministirittin kaasaniiru.
Qabeenya biyyaa mana kitaabichaa keessatti argaman eeguu fi kunuunsuun dhaloota dhufutti dabarsuuf hojiin diijitaalaasheenii kun murteessaa ta'uu isaas ibsaniiru.
Ministirri Aadaa fi Ispoortii Sheewit Shaankaa gama isaaniitiin, Tajaajilli Mana galmeewwanii fi Manneen kitaabaa Itiyoophiyaa wiirtuu seenaan, aadaanii fi eenyummaan biyyaa itti galmeeffamee jiru ta'uu ibsaniiru.
Hojiin diijitaalaayizeeshinii jalqabame kun seenaa keenya dhaloota dhuftuuf amanamummaan dabarsuu fi namni barbaade hundi ragaa barbaadu salphaatti akka argatu kan dandeessisudha jedhan.
Daarektarri Tajaajila Mana galmeewwanii fi Manneen Kitaabaa Itiyoophiyaa Sartsee Fireesibihaat, tajaajilichi waggoottan 83'n dabran keessatti ragaalee seenaa hedduu galmeessuu fi olkaa'uudhaan dhalootaaf dabarsaa turuu isaa yaadachiisaniiru.
Hojiin qabeenya barreeffamaa gara diijitaalaatti jijjiiruu amma hojjetamaa jiru kun, qabeenya ragaa biyyattii walitti qabuu fi gurmeessuun dhaloota dhuftuuf dabarsuuf akka gargaaru dubbataniiru.
Kunis namni kamiyyuu ragaalee karaa diijitaalaa salphaatti akka argatu carraa uuma jedhaniiru.
Ragaaleen seenaa waraqaa irratti barreeffaman sababa yeroo dheerachuu fi hanqina qabiinsatiin akka hin badnee fi akka hin mancaane, eegumsa waaraa gochuuf kan dandeessisu ta'uu isaas dubbataniiru.