Tamsaasa Kallatti:

Godinichatti misooma qamadii babal’isuun wabii nyaataa qonnaan bulaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon kennameera

Waxabajjii10/2018 (ENA)- Godina Boorana Bahaatti misooma qamadii qonna Arfaasaan babal’isuun wabii nyaataa qonnaan bulaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon addaa kennamuusaa Waajjirri Qonnaa Godinichaa ibseera.

Waajjirichatti dursaan garee Misooma Midhaanii Obbo Liiban Booruu, godinichatti qonna Arfaasaatiin lafti hektaara kuma 176 fi 223 ta’u qamadii, xaafii, baaqelaa fi boqqolloodhaan misoomuu isaa beeksisaniiru.


Kanneen keessaa lafti hektaara kuma 61 fi 643 ta’u misooma qamadiitiin kan facaafamee yoo ta’u, kunis wabii nyaataa qonnaan bulaa mirkaneessuuf hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

Misooma qamadii kanaan oomishtummaa qonnaan bulaa guddisuuf, hojmaata qonnaa ammayyaa’aa hojiirra oolchuu malees, sanyiin filatamaafi xaa’oon yeroon qonnaan bulaaf akka dhiyaatu ta’uusaa ibsaniiru.

Godinichatti lafa qamadiidhaan facaafame keessaa harki caalaan isaa kilaastaraa fi tooraan kan facaafame yoo ta’u, kanaanis midhaanichi yeroo ammaa haala gaarii irra akka jiru dubbataniiru.

Godinichatti qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa kuma 42 fi 130 ol hirmaachisuun, lafa qamadiidhaan misoomee irraa oomishni kuntaala miliyoona 1 fi kuma 365 ol akka eegamu beeksisaniiru.

Godinichatti qonnaan bultootaa fi horsiisee bulaa eeggattummaa fi deeggarsa jalaa baasuun gara oomishtummaatti ceesisuuf hojimaata qonnaa ammayyeessuuf hojjetamaa akka jiru eeranii, deeggarsi ogeeyyiis taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.


Qonnaan bulaa qonna Arfaasaa kanarratti hirmaatan keessaa, jiraataan ganda Goobichaa Aanaa Liiban, Obbo Abdii Nuur akka jedhanitti, hojimaata qonnaa ammayyaa’aa fayyadamuun lafa isaanii hektaara sadii irratti qamadii misoomsaa jiraachuu ibsaniiru.

Misooma qamadii kanaan oomishaa fi oomishtummaa dabaluuf kilaastaran qotuun isaanii fi midhaanichi yeroo ammaa haala gaariirra jiraachuu ibsaniiru.

Aanichi sanyii filatamaa, xaa’oo fi tiraaktara yeroon dhiyeessuun hojii isaanii haala sirriidhaan raawwachuuf akka isaan dandeessise eeraniiru.

Jiraataan ganda kanaa Obbo Warquu Allabaachoo, qonna Arfaasaa kanaan lafa hektaara sadii qamadii misoomsan irraa oomisha gaarii akka abdatan dubbataniiru.


Deeggarsa ogeessa qonnaatiin misooma qamadii hojjechuun haala gaarii irra jiraachuu ibsuun, wabii nyaataa isaanii mirkaneessuuf akka isaan dandeessisu dubbataniiru.

Ragaan Waajjira Qonnaa Godina Boorana Bahaa irraa argame akka agarsiisutti, godinichatti walakkessa Bitootessaarraa eegalee hanga Eeblaatti yeroo bokkaa fi facaasaa yoo ta’u, walakkaa Adoolessaa irraa hanga Hagayyaatti ammoo yeroo oomishni walitti qabamu dha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015