Tarsiimoon misooma magariisaa Itiyoophiyaan damee hundaan guddina saffisiisuun milkaa’ina argamsiisaa jira - ENA Afaan Oromoo
Tarsiimoon misooma magariisaa Itiyoophiyaan damee hundaan guddina saffisiisuun milkaa’ina argamsiisaa jira
Waxabajjii 10/2018 (ENA): Tarsiimoon misooma magariisaa Itiyoophiyaan damee hundaan guddina saffisiisuun milkaa’ina argamsiisaa jira jedhan hoji gaggeessaan olaanaa Koorporeeshinii Misooma Paarkii Industirii Dr. Fissahaa Yittaagasuu.
Dhaabbanni Tajaajila Elektirikaa Itiyoophiyaa Korporeeshinii Misooma Paarkii Industirii waliin ta’uun yeroo ammaa buufata chaarjii konkolaataa elektirikii guddaa Zoonii Diinagdee Addaa Qilinxoo keessatti ijaarame eebbisaa jira.
Sagantaa kanarratti De’eetaan Ministeera Geejjibaa fi Loojistikii Bara’oo Hasan, hoji gaggeessaan olaanaa dhaabbata elektirikaa Itiyoophiyaa Injinar Geetuu Garramaa fi keessummoonni affeeraman biroon argamaniiru.
Hojii gaggeessaan olaanaa Koorporeeshinii Misooma Paarkii Industirii Dr. Fissahaa Yittaagasuu buufanni chaarjii konkolaataa elektirikaa kan yeroo isaa eeggatee fi barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Kunis qaama imaammata diinagdee magariisaa Itiyoophiyaan hordofaa jirtu ta’uu hubachiisaniiru.
Daandiin misooma magariisaa Itiyoophiyaa damee hundaan guddina saffisiisuun milkaa’ina argachaa jiraachuus hubachiisaniiru.
Kanneen keessaa tokko konkolaattota elektirikaa ta’uu ibsuun, gara fuulduraatti fedhii konkolaattota elektirikaa guutuuf buufataaleen chaarjii babal’achuu akka qaban hubachiisaniiru.
Buufatni chaarjii konkolaataa elektirikii har’a eebbifame tarkaanfii yeroo murteessaa ta’etti fudhatamedha jedhan.
Kunis faalama qilleensaa kan dhabamsiisu ta’uun cinatti faayidaa olaanaa qaba jedhani.
Dhaabbileen kunneen walitti dhufeenya cimaa akka qaban ibsuun; waliin hojjechuu isaaniis itti fufuu isaanii mirkaneessaniiru.
#TOI #ENA Afaan Oromoo #