Qoodni adda duree Itiyoophiyaan konkolaattota Elektiriikiirratti bahachaa jirtu bu’ura amansiisaarra dhaabachaa jira - ENA Afaan Oromoo
Qoodni adda duree Itiyoophiyaan konkolaattota Elektiriikiirratti bahachaa jirtu bu’ura amansiisaarra dhaabachaa jira
Waxabajjii 10/2018 (ENA) - Qoodni adda duree Itiyoophiyaan konkolaattota Elektiriikiirratti bahachaa jirtu bu’ura amansiisaarra ijaaramaa akka jiru de’eetaan ministiraa geejjibaa fi lojistiksii Bari’oo Hasan ibsan.
Buufanni konkolaataan Elektiriikii chaarji itti ta’u kan tajaajilli elektiriikii Itiyoophiyaa korporeeshinii misooma paarkiiwwan industirii waliin ta’uun zoonii dinagdee addaa eebbisiiseera.
De’eetaan ministiraa geejjibaa fi lojistiksii Bari’oo Hasan wayita kana ergaa dabarsaniin, Itiyoophiyaan buufataalee konkolaattonni elektiriikii chaarjii itti guuttatan babal’isaa jirti.
Yeroo ammaa buufataaleen konkolaattonni Elektiriikii chaarii itti guuttana si’ataa ta’an bal’inaan ijaaramaa jiraachuu eeraniiru.
Itiyoophiyaan hojiirra oolamaa jijjiirama haala qilleensaaf deebii kennaa akka jirtus eeraniiru.
Buufanni kun akka dhugoomu qaamolee gumaacha taasisaniin galateeffataniiru.