Tamsaasa Kallatti:

Sagantaan tola ooltummaa gannaa dargaggoonni misooma biyyaa keessatti qoodasaanii akka bahan taasisaa jira

Waxabajjii10/2018 (ENA)- Sagantaan tola ooltummaa gannaa dargaggoonni misooma biyyaa fi guddina fulla’aa keessatti shoora isaanii akka ba’an taasisuu keessatti gumaacha guddaa taasisasaa akka jiru Ministeerri Dubartootaa fi Dhimma Hawaasummaa beeksise.

Sagantaan tola ooltummaa gannaa bara 2018 kanaas dandeettii walitti ida’ameen raawwachuuf qophiin barbaachisaan taasifamuu isaa ibsaniiru.

Sagantaan tajaajila tola ooltummaa gannaa waltajjii guddaa dargaggoota miliyoonaan lakkaa'aman hirmaachisuun, hojiiwwan faayidaa hawaasummaa fi diinagdee qaban hedduu kan itti raawwatamanidha.

Sagantichi keessumattuu yeroo gannaa manneen barnootaa cufaa ta'anitti, dargaggoonni yeroo, beekumsa fi humna isaanii hojiiwwan biyyaaf fayyadan irratti akka oolchan gochuuf kaayyoo kan godhatedha.

Sochii biyyaalessaa waggoottan darban biyya keenya keessatti hojiirra oolaa jiru kanaan, dargaggoonni dameewwan tajaajilaa waliigala 14 irratti tajaajila kennaa jiru.

Hojiiwwan kanneen akka Ashaaraa Magariisaa,Tajaajila wal’aansa bilisaa,Dhiiga arjoomuu, Tajaajila Nageenya tiraafikaa, Barnootaa,haaromsa manneen maanguddootaa fi harka qalleeyyii fi kanneen biroorratti hirmaataniiru.

De’eetaan Ministeera Dubartootaa fi Dhimma Hawaasummaa Muunaa Ahimad turtii ENA waliin taasisaniin; sagantaan tajaajila tola ooltummaa ganna hojiirra oolaa jiru dargaggoonni beekumsaa fi humna isaanii hojii uummata isaaniif fayyadu irratti akka oolchan dandeessisaa jiraachuu dubbataniiru.

Aadaan gaarummaa biyya keenya keessatti akka gabbatu gochuu keessatti waggoottan darban xiyyeeffannoon irratti hojjetamee bu’aan argamaa jiraachuu kaasaniiru.

Keessumattuu xiyyeeffannoon fi fakkeenyummaan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad tajaajila tola ooltummaa gannaatiif kennan namoota hedduuf kaka'umsa uumuu isaa ibsaniiru.

Waliigala jijjiiramichaa as lakkoofsi hirmaattota tola ooltummaa baay'ee dabaluu isaa mirkaneessaniiru.

Fakkeenyaaf, Hirmaannaan Dargaggootaa bara 2010 Miliyoona 10 tuqaa 8 kan ture bara 2017 gara Miliyoona 25 guddachuusaa akkasumas fayyadamummaan hawaasummaa 13tuqaa 6 ture gara miiliyoona 53tti ol guddachuusaa eeraniiru.

Kunis damee kanaan jijjiirama ilaalchaa guddaa fiduun akka danda'ame agarsiistudha, jedhan De’eetaan Ministirichaa.

Sagantaa tola ooltummaa ganna bara 2018 kanaan dameewwan tajaajilaa 14n akkuma eegamanitti ta'anii; keessumattuu Ashaaraa Magariisaa, Ijaarsa nageenyaa, haaromsa manneen maanguddootaa fi harka qal’eeyyii akkasumas ijaarsa dhalootaa irratti xiyyeeffannoo addaatiin akka hojjetamu De’eetaan Ministirichaa hubachiisaniiru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015