Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Fayyadama hawaasa godinichaa caalaa guddisuuf barsiifataa fi aadaawwan hojii fi hojmaataa barataman keessaa bahuun dirqama-Dr. Rashaad Kamaal
Oct 20, 2026 89
Onkoloolessa 10/2019 (ENA) - Fayyadama hawaasa godina kibba lixaa Oromiyaa caalaa guddisuuf barsiifataa fi aadaawwan hojii fi hojmaataa barataman keessaa bahuun barbaachisaa ta’uusaa bulchaan godinichaa Dr. Rashaad Kamaal ibsan. Akkaataa caaseffama naannoo Oromiyaa haaraatiin hoggantoonni godina kibba lixaa Oromiyaatti ramadaman jiraattotaa magaalaa Mattuu fi aanaalee ollaatiin simatamaniiru. Caaseffamni haaraan godinaalee naannoo Oromiyaatti taasifame jireenya hawaasaa jijjiiruu fi hiyyummaa jalaa baasuuf kaayyoo ijoo kan godhate ta’uu bulchaan kun dubbataniiru. Fayyadama hawaasa godinichaa caalaa guddisuuf barsiifataa fi aadaawwan hojii fi hojmaataa barataman keessaa bahuun dirqama jechuun Dr. Rashaad Kamaal cimsanii kaasaniiru. Misoomni hunda galeessaa fi fyyadamummaan kan mirkanaa’u mootummaa qofaan osoo hin taane hirmaannaa fi kutannoo hundaa kan gaafatu waan ta’eef hirmaannaan hawaasaa cimee akka itti fufu gaafataniiru. Hogganaan waajjira paartii badhaadhinaa damee godina kibba lixaa Oromiyaa obbo Didhaa Guddataa gaaffiin hawaasaagaaffii bu’ura misoomaa, dinagdee fi waliin gahiinsaa fi fayyadamummaa misooma hawaasummaa waan ta’eef kana milkeessuuf itti gaafatama guddaatu nu eega jechuun ibsaniiru. Hoggantoonni caaseffama haaraatiin itti gaafatamni kennameef fayyadama ummataa fi biyyaa mirkaneessuuf kutannoon guddaan akka eegamu dabalanii ibsaniiru. Kantiibaan magaalaa Mattuu obbo Tashaalaa Ejersoo gamasaaniin, caaseffamni godinaalee sadarkaa naannootti hojjetame haqummaan misoomaa fi itti fayyadamaa akka mirkanaa’u humna guddaa kan uumudha jechuun ibsaniiru. Galmi caaseffama haaraatiin yaadame bulchiinsi magaalichaa xiyyeeffannoo caaluun hojjeta jechuun ibsaniiru. Caaseffamni godinaalee haaraan fayyadama misoomaa hunda galeessa mirkaneessuuf caalaatti hawasatti karaa dhihaateen ni hojjetama amantaa jedhu akka amanan jiraattonni magaalaa Mattuu yaada kennan dubbataniiru.
Dhaabbanni qorannoo Qonna qulumsaa bu’aa qabeessummaa fi oomishtummaa qamadii dabaluuf qorannoo teekinooloojiin deeggarame gaggeessaa jira
Oct 20, 2026 107
Onkoloolessa 10/2019 (ENA) Dhaabbanni qorannoo Qonnaa Qulumsaa bu'aa qabeessummaa fi oomishtummaa qamadii mirkaneessuuf tattaaffii taasifamu teeknoolojiiwwan haaraa qorannoodhaan maddisiisuun deeggaraa akka jiru beeksise. Guyyaan Daawwannaan misooma qamadii biyyaalessaa Godina Baha Oromiyaa Aanaa Xiyyoo fi Giddu-gala Qorannoo Qulumsaatti gaggeeffameera. Daayirektarri Giddu-gala Qorannoo Qonnaa Qulumsaa Obbo Shimallis Alamaayyoo akka ibsanitti, giddu-galichi sanyii qamadii jalqabaa dhibbeentaa 80 ol ta’u lafa qorannoo isaa fi ooyruu qonnaan bultootaa irratti baay'isaa jira. Akka Obbo Shimallis jedhanitti, giddu-galichi sanyii baay’isuu malees, Sanyii qamadii ilbiisota oomishtummaa qamadii hir'isuu danda'an dandamachuu danda'an sanyii baay'isuu irratti hojjechaa jira.   Dabalataanis, sanyiiwwan qamadii hongee fi ho’a dandamachuun ooomisha gaarii kennan baay’isuudhaan qonnaan bultootaa fi horsiise bultootaaf bal'inaan geechisaa jiraachuu eeranii; kanaafis qamadii jallisii bonaa fi sanyiiwwan qamadii naannoo gammoojjii giddu-gala kana irraa qorannoodhaan kan bahan ta’uu ibsaniiru. Kaniinis, biyya keenyatti oomishtummaa qamadii dabaluu irratti shoora olaanaa taphachaa akka jiran ibsuun sanyii qamadii ka’umsaa kuntaala kuma shanii ol baay'isuun waggaa waggaadhaan dhaabbilee oomishtootaa fi fayyadamtootaaf dhiyeessaa jiraachuu ibsaaniiru. Keessattuu dandeettia ogeessota qamadii cimsuu irratti hojjechaa akka jiran kan ibsan Obbo Shimallis, kanaafis hojiiwwan hedduun raawwatamaa jiraachuu eeraniiru. Bu’aa oomishtummaa fi qorannoo qamadii irratti dhufeef kutannoon mootummaa fi hordoffiin akkasumas deeggarsi hoggansaa itti fufinsa qabu shoora guddaa qabaachuu ibsaniiru. Inistitiyuutii Qorannoo Qonnaa Itoophiyaatti Daayirektarri bakka bu’aan daarektara Misooma Misooma midhaanii Dr.Fiqaaduu Gurmuu akka ibsanitti, inistitiyuutichi misooma qamadii irratti teeknoolojiiwwan haaraa hojii irratti akka oolan qooda fudhattootaaf dhaqqabsiisuun omishtummaa irratti jijiiramni qabatamaan akka dhufu qooda isaa bahachaa jiraachuu dubbataniiru. Keessattuu jallisii bonaa fi naannoolee gammoojjii biyyattii keessatti qamadiin jallisiidhaan bal'inaan akka oomishamu gochuun oomisha qamadiitiin of danda'uu keenya irratti shoora guddaa taphachaa akka jiran ibsaniiru. Teeknoolojii maddisiisuu fi babal'isuun, keessattuu sanyiiwwan qamadii jalqabaa bal'inaan baay'isuu fi gahaa gochuudhaan guddina oomishtummaa qamadii irratti bu’aa qabatamaan akka dhufu gumaacha bahaa jiru caalaatti cimsuudhaaf kaayyeffatee guyyaan daawwannaa biyyaalessaa gaggeeffamuu eeraniiru. Itti dabaluudhaanis, dhaabbileen qorannoo, yunivarsiitiiwwanii fi qooda fudhattoonni hedduun shoora guddaa qabaachuu isaanii ibsaniiru. Daawwannaa kana irratti hoggantoonni damichaa, qorattoonni, bakka bu'oota Yunivarsiitii, Qonnaan Bultoonni fi qooda fudhattoonni biroos hirmaataniiru.
Callaa fooyya’aa galchuuf cimnee hojjechaa jirra – Qonnaan bultoota
Oct 20, 2026 65
Onkoloolessa 10/2019(ENA) – Qonnaan bultoonni naannawa magaalaa Ambootti argaman yeroo gannaatti sirriitti gargaaramuun oomisha lafasaaniirraa argachuuf malan argachuuf midhaan kunuunsaa akka jiran ibsan. Sochii dinagdee Itiyoophiyaa keessatti facaasaan gannaa kan ijoo fi oomishni midhaanii olaanaan kan irraa argamudha. Keessumaa lafti gabbataa fi qilleensi gaarii naannawa magaalaa Amboo jiru oomisha Qamadii, Garbuu, Xaafii fi Boqqoolloof guddaa mijataadha. Yeroo ammaa xiyyeeffannoon ijoon imaammata qonnaa mootummaa baay’ina oomishaa dabaluu, itti fayyadama kompoostii fi Xaa’oo uumamaa babal’isuu akkasumas maloota qonnaa mekaanaayizeeshinii fi kilaastaraa bal’inaan hojiirra oolchuurratti kan xiyyeeffatedha. Qonnaan bultoonni naannawichaa ENA’n dubbise yaada kennaniin, galteewwan qonnaa yeroo fi gahaan dhihaachuunsaa yeroon akka facaasanii fi midhaan faca’e haala gaariirra akka jiraatu isaan gargaareera. Isaan keessaa obbo Lalisaa Fufaa akka jedhanitti, lafa hektaara walakkaarratti boqqoolloo kilaastaraan misoomsuusaanii ibsaniiru. Galtee qonnaa yeroon argatanii waan itti gargaaramanii fi kunuunsa waan taasisaniif midhaansaanii haala gaariirra akka jiruu fi oomisha guddaa akka abdatan dubbataniiru. Qonnaan bulaan Imaanaa Tashoomaa sanyii filatamaa fi Xaa’oo ga’aa fi yeroon waan argataniif gufuu tokko malee lafasaanii qotachuusaanii ibsaniiru. Gorsa ogeeyyotarraa argataniin kilaastaraan waliin hojjechuunsaanii oomisha gaarii argachuuf akka isaan gargaare ibsanii, qamadii hektaara tokkorratti misoomsan irraa oomisha ga’aa akka abdatan dubbataniiru. Dursaan garee waajjira qonnaa magaalaa Amboo obbo Taakkalaa Kumsaa gamasaaniin, yeroo qonnaa bara 2018/19 lafti facaasaaf karoorfame hektaarri kuma 1 fi 889 guutummaatti facaafamuu ibsaniiru. Kana keessaa hektaarri 60 kilaastaraan misoomuusaa fi walumaa gala kanarraa oomishni kuntaala kuma 339 fi 669 akka abdatamu dubbataniiru. Qonna gannaa baranaatiin magaalichaa fi naannawasaatti keessumaa Qamadii, Xaafii, fi Boqqoolloo kilaastaraan bal’inaan misoomaa jiraachuu dubbataniiru.
Kan mul'ate

Rakkinni ummataa haa dhaabbatu jennee karaa nagaa filanneerra - Hidhattoota duraanii filannoo nagaa fudhatan
Oct 20, 2026 130
Onkololessa 10/2019 (ENA):Humnoonni waraanaa hedduun naannoo Amaaraa naannoo adda addaatti socho’aa turan yeroo ammaa waamicha nagaa mootummaan dhiheesse fudhatanii hawaasatti deebi’aa jiru. Godina Gondar Lixaa aanaa Matammaatti dargaggoota filannoo nagaa fudhatan keessaa Taqabbaa Ayyalee tokkodha. Ofii isaa dabalatee dargaggoonni 75 karaa dogoggoraatiin bosona akka seenan ni yaadata. Yeroo bosona keessa turanitti ummata rakkisaa, miidhaa fi rakkoo adda addaaf saaxilaa akka turan dubbata. Haa ta'u malee dogongora darban irraa barachuun imimmaan ummata isaanii qoorsanii nagaa waaraa mirkaneessuuf kutannoodhaan hojjechuuf waadaa galaniiru. Hidhataa duraanii kan biraan Gaashaw Woldee dhiibbaa namoota dhuunfaa irraan kan ka’e kaayyoo qabsichaa osoo hin hubatiin waggaa sadii bosona keessa turre jechuun haala kanaan gaabbii isaa ibsa. Daandiin dogoggoraa kun dargaggummaa isaanii fixuu fi osoo misooma, qabeenya maddisiisuu fi nagaa ummata isaanii eeguu irratti bobba’uu qaban ummata nagaa dhowwachuu isaaniitti gaddeera. Qabsoon bosonaa dheerina rakkoo ummataa ta’uu hubachuun gara nagaa fi misoomaatti deebinee jirra jedhan. Godina Matammaatti itti gaafatamaan Waajjira Nageenyaa fi tasgabbii Asmaamaw Abaatee akka jedhanitti, bara bajataa kana keessatti carraaqqii itti fufiinsa qabu qondaaltota, maanguddootaa fi abbootii amantaatiin humnoonni hidhate hedduun hawaasatti makamaniiru. Itti dabaluunis dargaggoonni hafan gara jireenya nagaatti akka deebi’aniif tattaaffiin taasifamaa akka jiru, dargaggoota deebi’an hojii daldalaa, qonnaa, fi hojii misoomaatiin gurmeessuuf tattaaffiin taasifamaa akka itti fufu mirkaneessaniiru.
Itiyoophiyaan mirga abbummaa hulaa galaanaa qabaachuun badhaadhina waloo naannoo mirkaneessuuf murteessaadha – Hayyoota
Oct 20, 2026 104
Onkololeessa 10/2019 (ENA): Itiyoophiyaan mirga hulaa galaanaa qabaachuun badhaadhina waloo naannoo mirkaneessuu keessatti gahee murteessaa akka qabu hayyoonni ibsaniiru. Dhimma abbummaa hulaa galaanaa karaa nagaa fi dippilomaasiitiin furuuf tattaaffiin taasifamaa jiru bu’aa abdachiisaa agarsiisaa jira. Hawaasni addunyaas kaayyoo haqaa Itiyoophiyaaf beekamtii kennuun deeggarsaafi xiyyeeffannoo barbaachisaa ta’e kennaafii jira. Qorataan damee loojistiksii Tamasgeen Walallinyi (PhD) turtii ENA waliin taasisaniin akka ibsanitti, hulaan galaanaa daldala, geejjibaa oomishaa fi walitti hidhamiinsa gabaa addunyaa biyyoota gidduu jiru cimsuu keessatti gahee olaanaa qaba. Itiyoophiyaan hulaa galaanaa dhabuun baasii loojistiksii dabalataa fi dhiibbaa yeroodhaan gabaa addunyaattii fi gatii dorgomaa ta’een akka geessuuf sababa ta’uu hubachiisaniiru. Baasii dabalataa kun daldala alaa qofa osoo hin taane meeshaalee biyya keessaa irratti dhiibbaa kan geessisu yoo ta’u, kunis gatii meeshaalee biyya alaatii galfaman dabaluudhaan fayyadamtoota irratti dhiibbaa kan geessisu ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan gama teessuma lafaa fi baay'ina ummataa qofa osoo hin taane, guddina seenaa, seeraa fi yeroo dheeraatiin abbummaa hulaa galaanaa kanaaf gaaffii dhiheessuu akka qabdu ibsaniiru. Nageenya daldalaa biyyattii fi tasgabbii dhiyeessii ishee mirkaneessuu keessatti gahumsaan bulchiinsi tajaajila buufata doonii gahee murteessaa akka qabus ibsaniiru. Gaaffii kana galmaan ga’uuf biyyittiin biyyoota ollaa waliin ta’uun qajeeltoowwan dippilomaasii karaa nagaa, faayidaa waloo hordofuun kan jajjabeeffamu ta’uu ibsaniiru. Kunis dandeettii daldalaa fi dinagdee Itiyoophiyaa cimsuu qofa osoo hin taane, nagaa itti fufiinsa qabuu fi tumsa diinagdee naannichaaf gumaacha kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Ogeessi diinagdee Namoomsaa Mangashaa akka jedhanitti, Itiyoophiyaan buufata galaanaa kanarratti mirga abbummaa qabaachuu dorgomtummaa diinagdee guddisuu keessatti gahee murteessaa qaba. Kunis sochii diinagdee waliigalaa sirreessuun, dhiibbaa gama kanaan lammiilee hundaarra gahu hir’isuuf ga’ee olaanaa qaba jedhaniiru. Kanaaf buufata galaanaa argachuun kaayyoo misoomaa yeroo dheeraa biyyattii galmaan gahuu fi sadarkaa jireenyaa ummataa fooyyessuuf furmaata bu’uuraa ta’uu hubachiisaniiru.

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa

Afriikaan Xaanaa foramiirratti tarsiimoowwanii fi yaadota furmaata beekumsarratti hundaa’e maddisiisuuf humnashee gabbifachaa jirti
Oct 19, 2026 398
Onkoloolessa 9/2019 (ENA)- Afriikaan Foramii Xaanaarratti tarsiimoowwanii fi rakkoolee Afriikaaf yaadota furmaata hammataa maddisiisuuf humnashee gabbifachaa jiraachuu ambaasaaddaroonni ibsan. Foramiin Xaanaa 12ffaan mata duree “daandiiwwan Afriikaa gara nagaatti geessan, birmadummaa dinagdee fi cehumsa siyaanaa naannoo” jedhuun Jimaata dhufu magaalaa Bahaar Daaritti ni eegala. Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Gaanaa Makariiyoos Akanbiinab Akanboo akka jedhanitti, Foramiin Xaanaa rakkoolee nageenyaa, tasgabbii fi dinagdee Afriikaa furmaata Afriikaatiin furuuf yaada kan maddisiisu waltajjii murteessaadha. Addunyaarratti foramiin Muniik, foramiin nageenya Paariis fi foramiin nageenyaa fi tasgabbii biroonjiraatanis Afriikaan waltajjii idilee hin taanee kan akka foramii Xaanaa uumuuf karaa fagoo deemteetti jedhaniiru. Foramiin Xaanaa rakkooleen walitti bu’iinsaa, tasgabbii dhabuu, yaaddoo nageenyaa fi kufaatii dinagdee Afriikaa keessatti mul’atuuf yaadota Afriikaadhaan deebii furmaataa kennan maddisiisuuf akka gargaaru ibsaniiru. Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Burundii Wiilii Niiyamtiwee, Foramiin Xaanaa tattaaffii gamtaan Afriikaa bara 2030 Afriikaa sagaleen rasaasaa keessatti hin dhagahamne dhugoomsuuf eegale akka deeggaru ibsaniiru. Foramiin Xaanaa hoggantoonni biyyaa, imaammata baaftonni, dhaabbileen qorannoo imaammataa, hoggantoonni duraanii kan irratti hirmaatan waltajjii guddaa ta’uu ibsanii, waltaanee nageenyaaf waardiyyaa dhaabachuu qabna jedhaniiru. Itiyoophiyaatti itti aanaan itti gaafatamaa ergama embaasii Keeniyaa Peetrooniillaa Weer gamasaaniin, Keeniyaan Foramii Xaanaarratti dammaqinaan akka hirmaattu ta’uu ibsaniiru. Keeniyaan walitti bu’iinsa yeroo garagaraatti ishee mudate ofiisheen furuuf muuxannoo akka qabdu ibsanii, gama Kanaan foramiin Xaanaa waltajjii murteessasdha jedhaniiru. Foramiin Xaanaa Afriikaanonni beekumsaa fi odeeffannoorratti hundaa’anii imaammattoota baasuuf humna akka ta’uuf ibsaniiru.
Qondaaltonni waraanaa biyyoota garaa garaa hojii raayyaan ittisa biyyaa birmadummaa biyyaa kabachiisuuf raawwate dinqisiifatan
Oct 19, 2026 411
Onkoloolessa 9/2019 (ENA) Qondaaltonni waraanaa biyyoota garaa garaa hojii raayyaan ittisa biyyaa birmadummaa biyyaa kabachiisuuf raawwate dinqisiifataniiru. Erga waliigalteen waraana dhaabuu piriitooriyaa mallataa’ee Naannoo Tigiraayitti nageenyi mirkanaa’ee ture. haata’u malee gareen seeraan Alaa TPLF walii galtee piriitoriyaa diiguun irra deebiin waraanatti seenee jira. garichi odeeffannoo dogoggoraa kennuun fudhatama argachuuf tattaafachaa turus Raayyaan ittisa biyyaa haqa jiru qondaaltota waraana biyyoota adda addaa irraa dhufan hubachiiseera.   Qondaaltonni waraanaa biyyoota adda addaa irraa dhufan hojii raayyaan ittisa biyyaa birmadummaa biyya kabachiisuuf taasise dinqisiifataniiru. Baangilaadish irraa kan dhufe Birgaader Jeneraal Jii’eem Shaariifuul Itoophiyaan birmadummaashee eeggachuuf mirga seera qabeessa guutuu qabaachuu ibsaniiru. xiyyeeffannoon saanii miidhaa biyyarratti aggamame qolachuu ta’uu dubbataniiru.   Akkasumas qondaalli waraanaa UK irraa dhufan raayyaan ittisa biyyaa birmadumma biyyaa kabachiisuuf waan raawwateen odeeffannoon ifa hin taane akka ture ibsuun, Ibsa raayyan ittisa biyyaa Itoophiyaa isaaniif kenne akka qondaala loltuu tokkootti ragaa guutuu fi sirrii argachuusaanii ibsaniiru. Odeeffannoon asii arganne kan miidiyaa fi maddoota biroo irraa argannu caalaa ilaacha fooya’aa akka qabaannu nu taasiseera jedhaniiru. Dabalataanis qondaalli waraanaa Awustiraaliyaa irraa dhufte Koloneel Kaareen bakka bu’oonni qondaaltonni waraanaa biyyoota adda addaa irraa dhufanii Itoophiyaatti argamuun faayidaa qabaachuu ibsaniiru. Raayyaan ittisa biyyaa Itoophiyaa birmadummaa biyyaa kabachiisuuf taasisan dinqisiifataniiru. Qondaaltonni waraanaa biyyoota adda adddaa irraa dhufanis meeshaa waraanaa garee seeraan alaa TPLF irraa booji’ame daawwataniiru.
Fooramiin Xaanaa nageenyaa fi guddina dinagdee Afrikaaf gahee olaanaa qaba – Ambaasaaddar Zarihuun Abbabaa
Oct 19, 2026 316
Fooramiin Xaanaa dhimmoota nageenyaa fi guddina dinagdee Afrikaa irratti marii bilisaa gaggeessuun, kutannoo Itoophiyaan tumsa ardichaaf qabdu kan itti agarsiistu ta’uu Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaatti Daarektar jeneraaliin Dhimmoota Afrikaa Ambaasaaddar Zarihuun Abbabaa ibsan. Itoophiyaan Fooramii Xaanaa, guddina dinagdee Afrikaa irratti xiyyeeffatu, waggoota 15'f milkaa'inaan keessummeessaa turteetti. Fooramiin Xaanaa 12ffaan mata duree "Daandiiwwan Afrikaa Gara Nageenyaatti Geessan, Birmadummaa Dinagdee fi Ce'umsa Siyaasaa Naannawaa" jedhuun Jimaata dhufu magaalaa Bahaar Daaritti gaggeeffamuu ni jalqaba. Ambaasaaddar Zarihuun Abbabaa ENA'f akka ibsanitti, Fooramiin Xaanaa waltajjii hoggantoonni, dippilomaatonni, dhaabbileen hawaasa siivilii fi hayyoonni beekumsa irratti hundaa'uun bilisaan kan irratti mari'atanidha. Fooramichi hoggantoonni Afrikaa waltajjiiwwan siyaasaa baratamoo irraa karaa adda ta'een dhimmoota ardichaa irratti akka mari'achuu danda’an carraa uumuu isaa ibsaniiru. Keessumaa nageenyaa, tasgabbii fi guddina dinagdee Afrikaa irratti yaada bilisaan waljijjiiruu keessatti gahee olaanaa qabaachuu himaniiru. Kana malees, rakkoolee Afrikaa adda baasuu, furmaata irratti mari'achuu fi ajandaalee ardichaa sadarkaa idil-addunyaatti beeksisuu keessatti shoora guddaa bahachuu eeraniiru. Itoophiyaan jalqabaa kaasee Fooramii Xaanaa keessummeessuun itti fufuu isheetiin, kutannoo hoggansaafi tumsa Afrikaaf qabdu agarsiisaa jiraachuu Ambaasaaddar Zarihuun Abbabaa ibsaniiru.
Gurmaa’insi haaraan guddina magaalotaa fi tajaajila si’ataa kennuuf carraa guddaadha
Oct 18, 2026 792
Onkoloolessa 8/2019 (ENA) Caasaa haaraan Naannoo Oromiyaa tajaajila ariitiin argachuu fi guddina magaalotaatiif carraa guddaa kan uumuu ta’u jiraattonni Godina Kibba Lixa Oromiyaa Aanaa Limmuu Kossaa dubbataniiru. Mootummaan Naannoo Oromiyaa rakkoolee bulchiinsa gaarii furuuf,rakkoo birokiraasii hir’isuu fi tajaajila si’ataa uummataaf akka kennamuuf fooyya’insa caasaa haaraa hojiirra oolchaa jira. Caasaa haaraa kanaaf bakka bu'insi aangoo fi tajaajilaa kanaan dura ture gara godina, aanaa fi gandaatti gadi kan bu'e yoo ta'u, dabalataanis godinoonni naannichaa haala qabatamaa fi dinagdee naannoo isaaniirratti hundaa'uun godinaalee gurguddoo irratti akka qindaa’an taasifameera.   Haaluma Kanaan Godina Kibba Lixa Oromiyaatti Aanaan Limmuu Kossaa caasaa haaraa kana irratti hundaa'uun bakka teessuma dhaabbilee nageenyaa fi kanneen biroo godinichaa ta'uun filatamuun isaa ni yaadatama. Sadarkaa Itti aanaa Pirezidaantii naannoo oromiyaatti Bulchaa Godinichaa Doktar Rashaad Kamaal dabalatee hoggantoonni hojii mootummaa godinaa fi aanaa Aanaa Liimmuu Kossaatti argamuun sochiiwwan misoomaa adda addaa daawwataniiru. wayita sana jiraattonni aanichaa yaada isaanii ENA’f kennan akka ibsanitti, caasaa haaraan guddina magaalaatiif fi tajaajila saffisaa ta'e kennuuf carraa guddaa qabatee dhufuusaa dubbataniiru. Caasaa haaraa kanaan adeemsi murtoo uummataatti dhihaachuu isaatiin birokiraasii kan hambise, murteewwan guddina bu'uura misoomaa fi magaalaa kan saffisuusu akka ta’u dubbatanioiru. Jiraattota aanicha keessaa Obbo Iskindir Yohaannis akka dubbatanitti, caasaan kun guddina magaalaatiif gahee guddaa qaba.   Keessattuu Magaalaa Liimmuu waggoota dheeraaf xiyyeeffannoo dhabdeef carraa guddaa ta'uu dubbataniiru. Magaalittiin bakka teessuma dhaabbilee nageenyaa fi haqaa godinichaa adda addaa ta'uun filatamuun ishee gammachuu fi kaka'umsa guddaa uumuu isaa ibsaniiru. Haaluma walfakkaatuu Obbo Guutamaa Kadirii fi Obbo Tasfaayee Geetaachoo caasaan haaraa naannichaa tajaajila saffisiisuuf mijataa ta'uu dabalatee yeroo fi maallaqa uummataa kan qusatu ta'uu dubbataniiru. Kana malees, hojiilee bu'uuralee misoomaaf carraa guddaa ta’uu ibsaniiru. Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantii naannoo oromiyaatti Bulchaa Godinichaa Doktar Rashaad Kamaal jijjiirramni caasaa bulchiinsa Naannoo Oromiyaa tajaajiloota mootummaa gara uummataatti dhiheessuuf, dandeettii bulchiinsaa guddisuufi hojiilee misoomaa ariifachiisuuf gurmaa’insa murteessaa ta’uu dubbataniiru. Keessattuu sekteroonni mootummaa gurguddoon bakka tokko ta’uurra magaalota adda addaatti argamuun yeroo fi baasii kan qusate ta’uu ibsaniiru. Akkasumas Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa damee Godinichaa Obbo Diidhaa Guddataa,gurmaa’insi kun lammii dinagdeen cimee fi of danda'e horachuuf faayidaa guddaa qabaachuu dubbataniiru. Caasaan kun hanqina bu'uura misoomaa naannicha keessa jiru furuuf, guddina magaalotaa cimsuu fi rakkoolee bulchiinsa gaarii furuuf gahee guddaa qabaachuu Obbo Diidhaan ibsaniiru. Itti gaafatamaan Waajjira nagaa Godinichaa Obbo Juneeddii Imaam gama isaaniin caasaan kun nagaa fi tokkummaa uummataa itti fufsiisuuf gahee guddaa akka qabaatu eeruun; hojiirra oolmaa isaatiif xiyyeeffannoon ni hojjanna jedhaniiru. Hoggantoonni jijjiirramni caasaa kun kaayyoo yaadameef akka galmaan ga'uuf hirmaannaa uummataa cimsuun, dandeettii bulchiinsaa guddisuun fi hojiilee misoomaa xiyyeeffannoon raawwachuun jijjiirrama kana galmaan gahuuf akka hojjetan ibsaniiru.      

Hawaasummaa
Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob tajaajila si’ataa fi bu’aa bayii hin qabne bakka tokkotti akka argannu nu gargaareera-tajaajilamtoota
Oct 16, 2026 421
Onkoloolessa 6/2019 (ENA) - Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob tajaajila si’ataa fi bu’aa bayii hin qabne bakka tokkotti akka argannu nu gargaareera jedhan jiraattonni godina lixa Oromiyaa magaalaa Gimbii. Jiraattota magaalichaa ENA’f yaada kennan keessaa obbo Koorsaan akka ibsanitti, Kanaan dura dhimmasaanii raawwachiifachuuf waajjiraalee mootummaa garagaraa deemuun yeroo fi maallaqa qisaasaa turaniiru. Har’a garuu wiirtuun kun magaalaa Gimbiitti waan banameef dhimmasaanii yeroo gabaabaa keessatti xumurachuu waan danda’aniif gammaduusaanii ibsaniiru. Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob tajaajila si’ataa bakka tokkotti akka argannu taasisuudhaan bu’aa bayii fi baasii hin malle Kanaan dura baasaa turre nurraa hambiseera kan jedhan ammoo jiraataa magaalaa Gimbii obbo Girmaa Biraasaati. Wiirtuun kun hojiirra ooluunsaa namoonni tajaajila fooyya’aa wal qixxummaan akka argatan kan gargaaru waan ta’eef hojiin kun cimee itti fufuu qaba jedhaniiru. Eyyama daldalaa haaromsuuf gara wiirtuu kanaa kan dhufan obbo Waaqjiraa Taammiruu gamasaaniin, baasiin hin mallee fi deddeebiin Kanaan dura ture hafee tajaajila barbaadan argachuu akka danda’an dubbataniiru. Tajaajilli wiirtuu tokkoo kun guutuu fi hawaasaaf tajaajila kennuudhaan rakkoolee bulchiinsa gaarii furuuf shoora guddaa qaba jedhaniiru. Hojii gaggeessaan olaanaa tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob magaalaa Gimbii obbo Waaqtolee Malkaa ENA’f akka ibsanitti, hawaasni bakka tokkotti tajaajila si’ataa akka argatu taasiseera. Wiirtuun kun rakkoolee kenniinsa tajaajilaa furuudhaan tajaajilamtoonni bu’aa bayii malee tajaajila akka argatan taasiseera jedhaniiru.
Diinagdee
Dhaabbanni qorannoo Qonna qulumsaa bu’aa qabeessummaa fi oomishtummaa qamadii dabaluuf qorannoo teekinooloojiin deeggarame gaggeessaa jira
Oct 20, 2026 107
Onkoloolessa 10/2019 (ENA) Dhaabbanni qorannoo Qonnaa Qulumsaa bu'aa qabeessummaa fi oomishtummaa qamadii mirkaneessuuf tattaaffii taasifamu teeknoolojiiwwan haaraa qorannoodhaan maddisiisuun deeggaraa akka jiru beeksise. Guyyaan Daawwannaan misooma qamadii biyyaalessaa Godina Baha Oromiyaa Aanaa Xiyyoo fi Giddu-gala Qorannoo Qulumsaatti gaggeeffameera. Daayirektarri Giddu-gala Qorannoo Qonnaa Qulumsaa Obbo Shimallis Alamaayyoo akka ibsanitti, giddu-galichi sanyii qamadii jalqabaa dhibbeentaa 80 ol ta’u lafa qorannoo isaa fi ooyruu qonnaan bultootaa irratti baay'isaa jira. Akka Obbo Shimallis jedhanitti, giddu-galichi sanyii baay’isuu malees, Sanyii qamadii ilbiisota oomishtummaa qamadii hir'isuu danda'an dandamachuu danda'an sanyii baay'isuu irratti hojjechaa jira.   Dabalataanis, sanyiiwwan qamadii hongee fi ho’a dandamachuun ooomisha gaarii kennan baay’isuudhaan qonnaan bultootaa fi horsiise bultootaaf bal'inaan geechisaa jiraachuu eeranii; kanaafis qamadii jallisii bonaa fi sanyiiwwan qamadii naannoo gammoojjii giddu-gala kana irraa qorannoodhaan kan bahan ta’uu ibsaniiru. Kaniinis, biyya keenyatti oomishtummaa qamadii dabaluu irratti shoora olaanaa taphachaa akka jiran ibsuun sanyii qamadii ka’umsaa kuntaala kuma shanii ol baay'isuun waggaa waggaadhaan dhaabbilee oomishtootaa fi fayyadamtootaaf dhiyeessaa jiraachuu ibsaaniiru. Keessattuu dandeettia ogeessota qamadii cimsuu irratti hojjechaa akka jiran kan ibsan Obbo Shimallis, kanaafis hojiiwwan hedduun raawwatamaa jiraachuu eeraniiru. Bu’aa oomishtummaa fi qorannoo qamadii irratti dhufeef kutannoon mootummaa fi hordoffiin akkasumas deeggarsi hoggansaa itti fufinsa qabu shoora guddaa qabaachuu ibsaniiru. Inistitiyuutii Qorannoo Qonnaa Itoophiyaatti Daayirektarri bakka bu’aan daarektara Misooma Misooma midhaanii Dr.Fiqaaduu Gurmuu akka ibsanitti, inistitiyuutichi misooma qamadii irratti teeknoolojiiwwan haaraa hojii irratti akka oolan qooda fudhattootaaf dhaqqabsiisuun omishtummaa irratti jijiiramni qabatamaan akka dhufu qooda isaa bahachaa jiraachuu dubbataniiru. Keessattuu jallisii bonaa fi naannoolee gammoojjii biyyattii keessatti qamadiin jallisiidhaan bal'inaan akka oomishamu gochuun oomisha qamadiitiin of danda'uu keenya irratti shoora guddaa taphachaa akka jiran ibsaniiru. Teeknoolojii maddisiisuu fi babal'isuun, keessattuu sanyiiwwan qamadii jalqabaa bal'inaan baay'isuu fi gahaa gochuudhaan guddina oomishtummaa qamadii irratti bu’aa qabatamaan akka dhufu gumaacha bahaa jiru caalaatti cimsuudhaaf kaayyeffatee guyyaan daawwannaa biyyaalessaa gaggeeffamuu eeraniiru. Itti dabaluudhaanis, dhaabbileen qorannoo, yunivarsiitiiwwanii fi qooda fudhattoonni hedduun shoora guddaa qabaachuu isaanii ibsaniiru. Daawwannaa kana irratti hoggantoonni damichaa, qorattoonni, bakka bu'oota Yunivarsiitii, Qonnaan Bultoonni fi qooda fudhattoonni biroos hirmaataniiru.
Callaa fooyya’aa galchuuf cimnee hojjechaa jirra – Qonnaan bultoota
Oct 20, 2026 65
Onkoloolessa 10/2019(ENA) – Qonnaan bultoonni naannawa magaalaa Ambootti argaman yeroo gannaatti sirriitti gargaaramuun oomisha lafasaaniirraa argachuuf malan argachuuf midhaan kunuunsaa akka jiran ibsan. Sochii dinagdee Itiyoophiyaa keessatti facaasaan gannaa kan ijoo fi oomishni midhaanii olaanaan kan irraa argamudha. Keessumaa lafti gabbataa fi qilleensi gaarii naannawa magaalaa Amboo jiru oomisha Qamadii, Garbuu, Xaafii fi Boqqoolloof guddaa mijataadha. Yeroo ammaa xiyyeeffannoon ijoon imaammata qonnaa mootummaa baay’ina oomishaa dabaluu, itti fayyadama kompoostii fi Xaa’oo uumamaa babal’isuu akkasumas maloota qonnaa mekaanaayizeeshinii fi kilaastaraa bal’inaan hojiirra oolchuurratti kan xiyyeeffatedha. Qonnaan bultoonni naannawichaa ENA’n dubbise yaada kennaniin, galteewwan qonnaa yeroo fi gahaan dhihaachuunsaa yeroon akka facaasanii fi midhaan faca’e haala gaariirra akka jiraatu isaan gargaareera. Isaan keessaa obbo Lalisaa Fufaa akka jedhanitti, lafa hektaara walakkaarratti boqqoolloo kilaastaraan misoomsuusaanii ibsaniiru. Galtee qonnaa yeroon argatanii waan itti gargaaramanii fi kunuunsa waan taasisaniif midhaansaanii haala gaariirra akka jiruu fi oomisha guddaa akka abdatan dubbataniiru. Qonnaan bulaan Imaanaa Tashoomaa sanyii filatamaa fi Xaa’oo ga’aa fi yeroon waan argataniif gufuu tokko malee lafasaanii qotachuusaanii ibsaniiru. Gorsa ogeeyyotarraa argataniin kilaastaraan waliin hojjechuunsaanii oomisha gaarii argachuuf akka isaan gargaare ibsanii, qamadii hektaara tokkorratti misoomsan irraa oomisha ga’aa akka abdatan dubbataniiru. Dursaan garee waajjira qonnaa magaalaa Amboo obbo Taakkalaa Kumsaa gamasaaniin, yeroo qonnaa bara 2018/19 lafti facaasaaf karoorfame hektaarri kuma 1 fi 889 guutummaatti facaafamuu ibsaniiru. Kana keessaa hektaarri 60 kilaastaraan misoomuusaa fi walumaa gala kanarraa oomishni kuntaala kuma 339 fi 669 akka abdatamu dubbataniiru. Qonna gannaa baranaatiin magaalichaa fi naannawasaatti keessumaa Qamadii, Xaafii, fi Boqqoolloo kilaastaraan bal’inaan misoomaa jiraachuu dubbataniiru.
Itiyoophiyaan mirga abbummaa hulaa galaanaa qabaachuun badhaadhina waloo naannoo mirkaneessuuf murteessaadha – Hayyoota
Oct 20, 2026 104
Onkololeessa 10/2019 (ENA): Itiyoophiyaan mirga hulaa galaanaa qabaachuun badhaadhina waloo naannoo mirkaneessuu keessatti gahee murteessaa akka qabu hayyoonni ibsaniiru. Dhimma abbummaa hulaa galaanaa karaa nagaa fi dippilomaasiitiin furuuf tattaaffiin taasifamaa jiru bu’aa abdachiisaa agarsiisaa jira. Hawaasni addunyaas kaayyoo haqaa Itiyoophiyaaf beekamtii kennuun deeggarsaafi xiyyeeffannoo barbaachisaa ta’e kennaafii jira. Qorataan damee loojistiksii Tamasgeen Walallinyi (PhD) turtii ENA waliin taasisaniin akka ibsanitti, hulaan galaanaa daldala, geejjibaa oomishaa fi walitti hidhamiinsa gabaa addunyaa biyyoota gidduu jiru cimsuu keessatti gahee olaanaa qaba. Itiyoophiyaan hulaa galaanaa dhabuun baasii loojistiksii dabalataa fi dhiibbaa yeroodhaan gabaa addunyaattii fi gatii dorgomaa ta’een akka geessuuf sababa ta’uu hubachiisaniiru. Baasii dabalataa kun daldala alaa qofa osoo hin taane meeshaalee biyya keessaa irratti dhiibbaa kan geessisu yoo ta’u, kunis gatii meeshaalee biyya alaatii galfaman dabaluudhaan fayyadamtoota irratti dhiibbaa kan geessisu ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan gama teessuma lafaa fi baay'ina ummataa qofa osoo hin taane, guddina seenaa, seeraa fi yeroo dheeraatiin abbummaa hulaa galaanaa kanaaf gaaffii dhiheessuu akka qabdu ibsaniiru. Nageenya daldalaa biyyattii fi tasgabbii dhiyeessii ishee mirkaneessuu keessatti gahumsaan bulchiinsi tajaajila buufata doonii gahee murteessaa akka qabus ibsaniiru. Gaaffii kana galmaan ga’uuf biyyittiin biyyoota ollaa waliin ta’uun qajeeltoowwan dippilomaasii karaa nagaa, faayidaa waloo hordofuun kan jajjabeeffamu ta’uu ibsaniiru. Kunis dandeettii daldalaa fi dinagdee Itiyoophiyaa cimsuu qofa osoo hin taane, nagaa itti fufiinsa qabuu fi tumsa diinagdee naannichaaf gumaacha kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Ogeessi diinagdee Namoomsaa Mangashaa akka jedhanitti, Itiyoophiyaan buufata galaanaa kanarratti mirga abbummaa qabaachuu dorgomtummaa diinagdee guddisuu keessatti gahee murteessaa qaba. Kunis sochii diinagdee waliigalaa sirreessuun, dhiibbaa gama kanaan lammiilee hundaarra gahu hir’isuuf ga’ee olaanaa qaba jedhaniiru. Kanaaf buufata galaanaa argachuun kaayyoo misoomaa yeroo dheeraa biyyattii galmaan gahuu fi sadarkaa jireenyaa ummataa fooyyessuuf furmaata bu’uuraa ta’uu hubachiisaniiru.
Barana godina baha Oromiyaatti damma toonii kuma 6 caalu oomishuuf karoorfameera
Oct 20, 2026 67
Onkoloolessa 10/2019 (ENA)-Godina baha Oromiyaatti inisheetiivii oomisha dammaa cimsuun barana damma toonii kuma 6 caalu oomishuuf hojjetamaa akka jiru waajjirri qonnaa godinichaa beeksise. Oromiyaan bahaa kanniisa horsiisuuf kan gargaaru lafa mijataa fi biqiltuu uumamaa bal’aa waan qabuuf biyyattiitti bakkeewwan oomisha dammaa fi gagaa guddaa argamsiisan keessaa tokkodha. Barana godinichatti Damma toonii kuma 6 fi 100 misoomsuuf kan karoorfame yoo ta’u, kunis kan bardheengaddaa toonii kuma 2’n kan caaludha. Inisheetiiviin oomisha dammaa guddisuuf eegalame raabsii gaagura ammayyaa, dandeettii warra kanniisa horsiisanii guddisuu, hojii kanniisa horsiisuu ammayyeessuu of keessaa qaba. Waajjira qonnaa godinichaatti qindeessaan misooma dammaa obbo Daanyaachoo Tarrafaa akka jedhanitti, aanaalee godinichaa15 keessatti gaagura ammayyaa kuma 68 fi 505 raabsuuf karoorfamee amma ammaatti gaagurri kuma 10 raabsamuu dubbataniiru. Kunis kan bardheengaddaa gaagura kuma 10 oliin kan caalu yoo ta’u, inisheetiivichi osoo hi eegalamiin dura waggaatti gaagurri ammayyaa 500 raabsamaa akka ture ibsaniiru. Inisheetiivii kana deeggaruuf tokkoon tokkoon aanaa bajata birrii miil. 14 ramaduusaa fi kunis raabsii gaaguraaf, warra kanniisa horsiisaniif leenjii fi deeggarsa gochuuf, akkasumas hojiilee eegumsa biyyoo fi bishaaniif akka oolu dubbataniiru. Qonnaan bultoonni gaagura kana gatii harkaa qofaan birrii kuma 1 fi 500’n akka argatan mijeeffamuu beeksisaniiru. Godinichatti qindeessaan misooma dammaa aanaa Dhugoo obbo Asnaaqaa Tashoomaa akka jedhanitti, waggoottan sadan darban gaagurri ammayyaa kuma 6 caalu raabsameera. Barana raabsii kana dachaan dabaluuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Inisheetiiviin kun raabsii gaagura ammayyaa fi dandeettii warra kanniisa horsiisanii guddisuuf, galii qonnaan bultootaa fooyyessuu fi hojii horsiisa kanniisaa ammayyaa babal’isuuf kan akeekame ta’uu dubbataniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Dhaabbanni qorannoo Qonna qulumsaa bu’aa qabeessummaa fi oomishtummaa qamadii dabaluuf qorannoo teekinooloojiin deeggarame gaggeessaa jira
Oct 20, 2026 107
Onkoloolessa 10/2019 (ENA) Dhaabbanni qorannoo Qonnaa Qulumsaa bu'aa qabeessummaa fi oomishtummaa qamadii mirkaneessuuf tattaaffii taasifamu teeknoolojiiwwan haaraa qorannoodhaan maddisiisuun deeggaraa akka jiru beeksise. Guyyaan Daawwannaan misooma qamadii biyyaalessaa Godina Baha Oromiyaa Aanaa Xiyyoo fi Giddu-gala Qorannoo Qulumsaatti gaggeeffameera. Daayirektarri Giddu-gala Qorannoo Qonnaa Qulumsaa Obbo Shimallis Alamaayyoo akka ibsanitti, giddu-galichi sanyii qamadii jalqabaa dhibbeentaa 80 ol ta’u lafa qorannoo isaa fi ooyruu qonnaan bultootaa irratti baay'isaa jira. Akka Obbo Shimallis jedhanitti, giddu-galichi sanyii baay’isuu malees, Sanyii qamadii ilbiisota oomishtummaa qamadii hir'isuu danda'an dandamachuu danda'an sanyii baay'isuu irratti hojjechaa jira.   Dabalataanis, sanyiiwwan qamadii hongee fi ho’a dandamachuun ooomisha gaarii kennan baay’isuudhaan qonnaan bultootaa fi horsiise bultootaaf bal'inaan geechisaa jiraachuu eeranii; kanaafis qamadii jallisii bonaa fi sanyiiwwan qamadii naannoo gammoojjii giddu-gala kana irraa qorannoodhaan kan bahan ta’uu ibsaniiru. Kaniinis, biyya keenyatti oomishtummaa qamadii dabaluu irratti shoora olaanaa taphachaa akka jiran ibsuun sanyii qamadii ka’umsaa kuntaala kuma shanii ol baay'isuun waggaa waggaadhaan dhaabbilee oomishtootaa fi fayyadamtootaaf dhiyeessaa jiraachuu ibsaaniiru. Keessattuu dandeettia ogeessota qamadii cimsuu irratti hojjechaa akka jiran kan ibsan Obbo Shimallis, kanaafis hojiiwwan hedduun raawwatamaa jiraachuu eeraniiru. Bu’aa oomishtummaa fi qorannoo qamadii irratti dhufeef kutannoon mootummaa fi hordoffiin akkasumas deeggarsi hoggansaa itti fufinsa qabu shoora guddaa qabaachuu ibsaniiru. Inistitiyuutii Qorannoo Qonnaa Itoophiyaatti Daayirektarri bakka bu’aan daarektara Misooma Misooma midhaanii Dr.Fiqaaduu Gurmuu akka ibsanitti, inistitiyuutichi misooma qamadii irratti teeknoolojiiwwan haaraa hojii irratti akka oolan qooda fudhattootaaf dhaqqabsiisuun omishtummaa irratti jijiiramni qabatamaan akka dhufu qooda isaa bahachaa jiraachuu dubbataniiru. Keessattuu jallisii bonaa fi naannoolee gammoojjii biyyattii keessatti qamadiin jallisiidhaan bal'inaan akka oomishamu gochuun oomisha qamadiitiin of danda'uu keenya irratti shoora guddaa taphachaa akka jiran ibsaniiru. Teeknoolojii maddisiisuu fi babal'isuun, keessattuu sanyiiwwan qamadii jalqabaa bal'inaan baay'isuu fi gahaa gochuudhaan guddina oomishtummaa qamadii irratti bu’aa qabatamaan akka dhufu gumaacha bahaa jiru caalaatti cimsuudhaaf kaayyeffatee guyyaan daawwannaa biyyaalessaa gaggeeffamuu eeraniiru. Itti dabaluudhaanis, dhaabbileen qorannoo, yunivarsiitiiwwanii fi qooda fudhattoonni hedduun shoora guddaa qabaachuu isaanii ibsaniiru. Daawwannaa kana irratti hoggantoonni damichaa, qorattoonni, bakka bu'oota Yunivarsiitii, Qonnaan Bultoonni fi qooda fudhattoonni biroos hirmaataniiru.
Yunivarsiitiin Haroo Mayaa oomishtummaa qonnaa guddisuuf sanyii baay’isaa jira
Oct 19, 2026 251
Onkoloolessa 9/2019 (ENA)-Yunivarsiitiin Haroo Mayaa sanyii filatamaa qonnaan bulaa biraan gahuu gahuu fi oomishtummaa qonnaa guddisuuf sanyii baay’isaa jiraachuu ibse. Yunivarsiitichatti qindeessituun garee qorannoo fi faasiliitii midhaanii fi beelladaa Burtukaan Yimaam ENA’f akka ibsanitti, sanyuun kun mooraa muummee, Baabbilee, Kurfaa callee, Fadiis, Giraawwaa Hirnaa, Dirree Dawaa dabalatee bakkee birootti kan argaman buufataalee qorannoo 14 keessatti gaggeeffama. Sanyiin baay’ifamanis Boloqqee, Qamadii, Atara, Loozii, Baaqilaa, Mosee fi akaakuuwwan midhaanii biroo ta’uu fi sanyiiwwan filatamaa baay’ifaman hongee fi dhukkuba damdamachuun oomisha gaarii akka kennan ibsameera. Misooma Intarpiraayizii Yunivarsiitichatti qindeessaan mekaanaayizeeshinii qonnaa obbo Taaddasaa Addunyaa gamasaaniin, yunivarsiitichi hanqina sanyii filatamaa furuuf akaakuuwwan midhaan qorannoon fooyya’an baay’isaa akka jiru ibsaniiru. Bar-dheengaddaa sanyiiwwa Mosee ‘Buubbuu’ fi ‘Guddannee’ jedhaman baay’isuu sanyii kuntaala kuma 2 gatii madaalawaan qonnaan bultoota naannawaa fi kanneen biroof gatii madaalawaan raabseera. Kana malees Yunivarsiitichi sanyii loonii foyyessuu fi oomishtummaa guddisuuf hojjechaa jira.​​​​​​​   Yunivarsiitii Haroo Mayaatti barsiisaan kutaa barnootaa saayinsii beelladaa fi qindeessaan faarmii beelladaa Guutaa Kumsaa gamasaaniin, Yunivarsiitichi misooma qabeenya beelladaa ammayyeessuu fi oomishtummaa guddisuuf xiyyeeffatee hojjechaa jira jedhaniiru. Wiirtuu horsiisa beelladaa keessatti sanyiiwwan beelladaa guyyaatti aannan liitira 30 ta’u elmaman fooyyessuuf hojjetamaa kan jiru yoo ta’u beelladoota karaa nam tolcheen diqaalfaman hawaasa naannawaa fi dhaabbilee biroof ni dhiheeffama. Sanyii baay’isuurratti kan hirmaatan Jamiilaa Umar akka ibsanitti, bara kana hanqinni roobaa jiraatus jallisiitti gargaaramuun sanyiin baay’ifameera. Omishni walitti qabamus hanqina sanyii roobaan mudachuu danda’u furuuf akka gargaaru ibsaniiru.
Itiyoophiyaan guddina damee teeknooloojii hubannoo nam-tolcheetiin taasiftu itti fufsiisuuf leenjii fi tumsa irratti xiyyeeffachuu barbaachisa
Oct 13, 2026 833
Onkoloolessa 3/2019(ENA)- Itiyoophiyaan imaammattoota dandeettii damee teeknooloojii hubannoo nam-tolcheetiin qabdu hojiirra oolchuun gamatti dandeettii humna namaa leenjiin gabbisuu fi tumsa dhaabbilee cimsuun akka barbaachisu ibsame. Yunivarsiitiin Jimmaa fi akkaadaamiin innoveeshin endi teeknooloojii dijitaalaa Afriikaa (ADITA) gama misooma teeknoolooji, leenjii fi tajaajila gorsa ogummaatiin waliin hojjechuuf walii galaniiru. Hubannoo nam-tolchee baruu fi barsiisuu fi qorannoof itti gargaaramuuf dhimmoota barbaachisanirratti hoggantootaa fi ogeessota Yunivarsiitichaaf leenjiin kennameera. Hojii raawwachiisaan olaanaa akkaadaamii innoveeshin endi teeknooloojii dijitaalaa Afriikaa piroofeesar Shaggaawu Annaagaawu, akkaadaamichi gama misooma teeknooloojiin, leenjii fi dhimmoota konsaltaansiitiin Yunivarsiitii Jimmaa waliin hojjechuuf walii galuusaa ibsaniiru Tumsi kun Yunivarsiitonni hubannoo nam-tolchee baruu fi barsiisuu fi qorannoof sirnaan akka fayyadaman gargaaruuf kan akeekame ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan gama hubannoo nam-tolcheen jijjiirama guddaa agarsiisaa jiraachuu ibsanii, inistiitiyuutiin hubannoo nam-tolchee hundeeffamuunsaa fi imaammanni damee kanaaf gargaaru bahuunsaa misooma teeknooloojichaa si’achiisuuf barbaachisoodha jedhaniiru. Guddinni teknooloojii bu’a qabeessa akka ta’u nama ogummaan cime horachuu fi dhaabbilee barnootaa, dargaggootaa fi dhaabbilee garagaraaf leenjii kennuun akka barbaachisu eeraniiru. Inistiitiyuutichi kaayyoo kanarratti hundaa’uun Yunivarsiitii Gondor, Bahaar Daar, Finfinnee fi Jimmaa dabalatee Yunivarsiitiiwwan biroo keessatti leenjii kennaa akka jiru Piroofeesar Shaggaawu dubbataniiru. Itiyoophiyaan moodaloota hubannoo nam-tolchee afaan biyyattii garagaraan hojjetan qopheessuun teeknooloojicharraa caalaa fayyadamuu akka qabdu eeraniiruy. Pirezidaantiin Yunivarsiitii Jimmaa Dr. Darajjee Ingidaa gamasaaniin, Yunivarsiitichi itti fayyadama teeknooloojii babal’isuuf dhaabbilee garagaraa waliin tumsaan hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Yunivarsiitichi hojjettootasaa teeknooloojiin ga’oomsuun gamatti dame hubannoo nam-tolcheetiin lammiilee ga’ooman horachuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Daarektarri wiirtuu ‘ICT’ Yunivarsiitii Jimmaa Dr. Mahaammad Muntaaz, leenjiin akkaadaamichi Yunivarsiitii Jimmaatti kennaa jiru itti fayyadama hubannoo nam-tolchee guddisuuf qooda guddaa akka qabu ibsaniiru. Yunivarsiitichatti daarektarri wiirtuu qacarrii hojii fi kalaqaa Dr. Wayinisheet Daffaar gamasaaniin, leenjiin kun hoggantoota olaanoo Yunivarsiitichaaf kennamuunsaa sadarkaadhumaan kanneen biroos leenjisuuf akka gargaaru dubbataniiru. Leenjiin kun guyyoota lamaaf akka kennamu beekameera.
Tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob sirna hirmaachisaa lammiileen hundi walqixa itti keessummeeffamanidha
Oct 8, 2026 1109
Fulbaana 28/2019 (ENA): Tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob sirna hirmaachisaa lammiileen hundi walqixa itti keessummeeffaman ta’uun ibsame. Tajaajilli wiirtuu tokkoo masoob tajaajila si’ataa fi amansiisaa ta’e uumuun amantaa tajaajilamtootaa kan cimsu ta’uu Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantii oromiyaatti Bulchaan Godina kibba bahaa Oromiyaa Obbo Ahimad Idriis ibsan. Obbo Ahimad tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob magaalaa Dalloo Mannaatti ijaarame eebbisanii hojiif banaa taasisaniiru. Bulchaan Godinichaa akka jedhanitti, mootummaan naannichaa tajaajila bu’uuraa lammiileen mootummaarraa argatan ammayyeessuu irratti xiyyeeffannoon hojjechaa jira. Rakkoo kenninsa tajaajilaa fi qaamolee adda addaa biratti mul’atu furuuf tajaajilli wiirtuu tokkoo furmaata tokko ta’uusa dubbataniiru. Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob lammiileen kabajaa fi si’oominaan akka tajaajilaman, akkasumas dhaabbilee irratti amantaa akka horatan kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Aanaalee godinichaa hunda tajaajila wiirtuu tokkoo babal’isuun dhiyeessii tajaajila mootummaa si’ataa ta’e uumuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Obbo Ahimmad tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob imala Dijiitaala Itoophiyaa qabame kan deeggaru ta’u ibsaniiru. Kana malees, tajaajilichi lammiilee baasii hin barbaachisne irraa kan baraaruu ta'uu dubbataniiru. Gama biraatiin, Bulchaan Aanicha Obbo Umar Mahaammad, tajaajilli wiirtuu tokkoo tajaajiloota 82 wiirtuu tokkotti kan dhiyeessu ta’uu dubbataniiru. Tajaajilli wiirtuu takkaa Mesob sirna hirmaachisaa lammiileen hundi walqixxummaan itti tajaajilaman ta’uu isaas eeraniiru.
Ispoortii
Taphni Arsenaal fi Nottingiham Forest, akkasumas Manchesteer yuunaayitidii fi Liidsi yuunaayitid Sagantaawwa hawwiin eegamanidha
Oct 18, 2026 350
Onkoloolessa 8/2019 (ENA) Taphoota torbee 7ffaa Piriimeer Liigii Ingilaandi guyyaa lammaffaa har'a taphooni afur ni gaggeeffamu. Galgala sa'aatii 12 fi daqiiqaa 30 irratti Nottingiham Foresti Arsenal waliin Istaadiyeemii Siti Giraawundiitti ni taphatu.   Nottingiham Forest qabxii shan qabaachuudhaan sadarkaa 17ffaa irratti argama. Shaampiyooniin liigii yeroo ammaa Arsenal qabxii 15 dhaan sadarkaa lammaffaa irratti taa'eera. Keessummeessaan Foresti taphoota liigii darban lamaanmoo injifatamuu dabarsaniiru. Sagantaan kun gara injifannoo deebi'uuf kan taasifamu dha. Torbee ja'affaatti Leedsi United 2 fi 1 injifachuun gara injifannoo deebi'e Arsenaal deemsa injifannoo isaa itti fufuuf ni tapha. Arsenaal yoo injifatan garagaraa qabxii Liigii durfamaa Manchester Siitii waliin qaban gara sadiitti gadi buusu. Sagantaa biraa irratti Liidsi yuunited Manchester yuunaayitid waliin Istaadiyeemii ayilaandi Rooditti waaree booda sa'aatii 10 irratti tapha isaanii ni gaggeessu. Keessummeessaan Leedsi qabxii sagal qabaachuudhaan sadarkaa 8ffaa irratti argama. Dorgomaan isaa Manchisteer Yuunaatid qabxii ja'aan sadarkaa 14ffaa irratti argama. Liids yuunaayitid taphoota lamaan darban, Manchister yuunaayitid immoo sagantaawwan liigii afur darban injifachuu hin dandeenye. Kilaboonni lamaan gara injifannoo deebi'uuf tapha taasisan dorgommii wal-madaalaa akka qabu ni eegama. Sagantaawwan biroo irratti Birayitan Kiristaal Paalaas waliin, akkasumas Boornimaawuz Sanidar Laandi waliin walduraa duubaan waaree booda sa'aatii 10 irratti tapha isaanii ni taasisu.
Dorgommii Maaraatoonii Atileetiksii Toroontoo fi Amisteerdaam irratti Atileetonni Itoophiyaa hawwiidhaan eegamu
Oct 18, 2026 320
Onkoloolessa 8/2019 (ENA) Maaraatooniin Toorontoo 37ffaan har'a waaree booda sa'aatii sagal irraa eegalee ni gaggeeffama. Dorgommicharratti Koorniyaa lamaaniinuu atileetoonni Itoophiyaa 11 ni hirmaatu. Dubartootaan Ayinaadis Tashoomee, Maarituu Katamaa, Nigisti Haaftuu, Zawdiituu Adaraaw, Ilfinash Damsee fi Qabbanee Caalaa ni hirmaatu. Maaraatoonii Siyeel bara kanaarratti sa'aatii 2 fi daqiiqaa 20 sekondii 51 galuun kan injifatte Ayinaadis Tashoomee dorgommicha ni injifatti jedhamuun atileetota hawwiin eegaman keessaa tokko dha. Yeroon isheen itti seentes yeroo fooyyee dhuunfaa fageenyichaa ti. Sa'aatiin 2 fi daqiiqaa 16 sekondii 07 yeroo fooyyee dhuunfaa ishee kan ta'e Maarituu Katamaanis atileetii biraa kan eegamtu dha. Atileetonni lammii Keeniyaa Ruut Chebitook fi Biitriis Cheseerek dorgomtoota cimoo atileetota Itoophiyaa ta'u jedhamuun eegamu. Dinqalaam Ayyaalaa, Gizaalaw Ayyaanaa, Limanih Geetaachaw, Yismaaw Axinaafuu fi Fiqaaduu Liichee Atileetota Itoophiyaa dhiirootaa hirmaatanidha. Sa'aatii 2 fi daqiiqaa 6 sekondii 43 yeroo dhuunfaasaa kan fooyyeefate qabu Dinqalaam Ayyaalaa atileetota tilmaama injifannoo argatan keessaatti argama. Akkasumas Gizaalaw Ayyaanaa Atileetii biraa kan eegamu yoo ta'u, sa'aatii 2 fi daqiiqaa 5 sekondii 35 yeroo fooyyee dhuunfaasaa qaba. Dhiirootaan injifataan Maaraatoonii Toorontoo yeroo ammaa atileetiin lammii keeniyaa Leeyonaardi Laangaat fi atileetiin biyyattii biraa Elviis Cheboy dorgommicharratti ni eegamu. Maaraatoonii Toorontoo 37ffaarratti koorniyaa lamaaniinuu atileetonni 44 ni hirmaatu. Atileetota kana dabalate namoonni kuma 30 ol hirmaattota dha. A.L.A bara 1990 kan jalqabame Maaraatoonii Toorontoo dorgommii Atileetiksii Addunyaatiin beekamtii kan qabu (World Athletics Elite Label Road Race) dha. dabalataanis Maaraatoonii Amisteerdaam 50ffaan har'a ganama sa'aatii afur irraa eegalee ni gaggeeffama. dorgommichaan Dubartoota injifatan yeroo ammaa Ayinaalam Dastaa ni eegamti. Masarat Ballaxxaa, Buuzee Dirribaa, Mastaawot Fiqiree fi Yashii Kaalayyuu dorgommicharratti ni hirmaatu. Dhiirootaan Lammii Birhaanuu, Tsaggaayee Geetaachoo fi Hayimaanot Aleewu kan hirmaatan ta'u. Maaraatoonii Amisteerdaam sadarkaa Pilaatiiniyamii Atileetiksii Addunyaatiin kan kennameefiidha. Miseensa Maatii Dijiitaalaa ENA ta’aa https://linktr.ee/ENADigital #BiyyaGuddoo,UmmataGuddaa#Mul'ataGuddaa!  
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Ergaa Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad dabarsan:
Oct 13, 2026 607
Inistitiyuutii Metiworooloojii Itoophiyaa daawwachuuf carraa argadheen ture. Dhaabbatichi tajaajila raaga qilleensaa guutuu kennuudhaan dhaabbata humna misoomaa biyyattiif hojiiwwan murteessaa ta'an hojjechuudhaan umurii bara dheeraa qabudha. Daawwannichaan haala qilleensaafi amala qilleensaa jijjiiramaa jiru ilaalchisee haalota hubachuufi deebii kennuudhaan humna qabnu cimsuudhaaf odeeffannoo meetiriiwooloojii funaanuun, qorannoon saayinsaawaafi guddinni teknooloojii faayidaa olaanaa qabu kan mirkaneesse ta'uu argeera.   Dhaabbilee akka Inistitiyuutii Metiworooloojii Itoophiyaa jiran cimsuun baay'ee barbaachisaadha. Tajaajiloota dameewwan ijoo akka qonnaa, bishaan, fayyaa, aviyeeshiniifi hooggansi hojii yaaddoo balaa itti hirkatan fooyyessuuf ijaarsa dandeettii humna namaa, teknooloojiiwwan ammayyaafi misooma bu'uraa odeeffannoo irratti qabeenya ramadanii hojechuun murteessaadha. Keessaayyuu balaawwan dursanii tilmaamuuf, naannaawwan kamitti dafanii qaqqabuun caalaatti akka barbaachisu murteessuuf akkasumas karaa wayitawaa fi bu'a-qabeessa ta'e akka sochoonu gochuuf faayidaa sirnoonni dursanii akeekkachiisuu qaban najajjabeesseera. Odeeffannoo amansiisaan gara qajeelfamoota qabatamaatti yoo jijjiiramu lubbuu baraara; qabeenya kunuunsa, akkasumas murtii fooyya'aa kennuuf gargaara. Hojiin akkasii saatalaayitii ilaaluu bira kan darbudha. Hojichi odeeffannoowwan funaanamanii, qindaawwaaniifi qaacceffamanii tarkaanfii wayitaawaa fudhachuuf akka gargaaran, buufatawwan funaansa odeeffannoofi man'ee giddugala odeeffannoo ciccimoo guutummaa biyyattiitti argaman irraattis kan hundaa'edha.
Harka Lammiilee isheen Dachee Laliste -Itoophiyaa
Sep 22, 2026 2771
Waggoota kurnan darban keessa uwwisni bosonaa ishee baay’ee haphatee ture. Haalli kunis biyyattii jijjiirama haala qilleensaa fi eegumsa naannoof qormaata itti ta’aa tureera. Kaka’umsa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin ifatti bara 2011 kan jalqabame sagantaan ashaaraa magariisaa bu’aa olaanaa fidaa jira. Sagantaa ashaaraa magariisaa kanas ummanni Itoophiyaa qajeelfama hoggansa isaa fudhachuun duulaan biqiloota dhaabuun adda duree akka ta’e Zegaardiyaan gabaasa isaa keessatti bal’inaan ibseera. Haliimaa Kadir yeroo jalqabaaf gaafa biqiltuu dhaabuu jalqabdu namoonni akka ishee shakkanii fi itti qoosan akka turte illee Zegaardiyaan gabaasa isaa keessatti eereera. Biqiloonni dhaabaman kunniin muuzii,zayituunaafi Giraaviiliyaa, akkasumas gosoota kuduraa fi muduraa adda addaan oyiruu uwwifame bira teessoo mukaarra teessee gaafa biqiltuu dbaabuuf jettu sana gara duubatti yaadatti. Olloonni koo abdii na kutachiisanii ture jetti. Garuu waan ajaa’ibaa hojjette. Namoota Tokkoo tokkoo isaaniif ifaajii homaa hin baafne itti fakkaatee ture;garuu booda biqiloonni dhaabaman kunniin jijjiirama qilleensaa fi wabii nyaataa mirkaneessuuf furmaata ta’ee gaafa argamu dhugaa jiru hubachaa dhufuu isaanii ibsiti. Naannoo Oromiyaa aanaa Barbareetti kan kan argamtu Haliimaa Kadir umuriin waggaa 35 kan taate,biqiloota kumaatamaan lakkaa’aman dhaabuun eegumsa naannoof modeela taateetti. Biyya akka Itoophiyaa mancaatiin bosonaa mudatuti hojiin Haalimaa salphaa hin turre; ija jabina naamusaa fi cimina guddaa gaafata ture. Amma garuu wanti hundi jijjiirameera jetti Haalimaan. Biqiltoonni isheen dhaabde guddachuu fi naannoon ishee magariisa ta'aa dhufuun, warri jalqaba abdii kutachiisuuf yaalan illee hojii cimaa fi kutannoo ishee akka dinqisiifatan ibsiteetti. Haalimaaf biqiltuun isheen dhaabdu muka ofii isaatii irra darbee hiika qaba; isaanis hiriyyoota ishee dhiyootiin akkasumas qormaata hawaasa ishee addunyaa irratti jijjiirama qilleensaaf saaxilamoo ta’an keessaa tokko ta’eef furmaata ta’anii ilaalamu. Akkuma ‘The Guardian’ gabaasetti; Itiyoophiyaan babal’ina qonnaa, biqiltuu qoraaniif oolan fi itti fayyadama cileef irraa kan ka’e uwwisa bosona ishee bal’aa dhabdeetti. Kunis heddummina lubbu qabeeyyii, gabbina biyyee fi qabeenya bishaanii irratti miidhaa guddaa kan geessise yoo ta’u, balaawwan haala qilleensaatiin walqabatan hammeesseera. Inishiyeetiiwwan hedduu mootummaan Itiyoophiyaan eegalte keessaa tokko kan ta’e Ashaaraa Magariisaan, jijjiirama qilleensaa fi mancaatii bosonaa hir’isuu keessatti gahee olaanaa taphateera. Gabaasni kun akka mul’isutti waggoota torban darban keessatti biqiltuun biiliyoona 48 ta’u sagantaa kanaan dhaabameera, kan amma jiru osoo hin dabalatiin jechuudha. Ollaan Haalimaa Faxee Abdullaahi milkaa’ina Haalimaa erga argitee booda eegumsa naannoo irratti hirmaattetti. Isheenis nuti akka hin dogoggorre nutti agarsiifte jechuun Haalimaa jajuun, rakkoon furmaata biyya keessaatiin rakkoo addunyaa furuun furuun akka danda’amu agarsiisuudhaan fakkeenya taatee jirti jette. Hawaasni Oromoo daa’ima nama biraa irraa dhalate abbaa fi haadha uumamaa ykn walitti dhufeenya dhalootaa tokko malee fudhachuun akka dhala ofiitti guddifachuun, akka ilmoo ofiitti guddisee, faayidaa dinagdee fi hawaasummaa isaa eeguun aadaa qaba. Ummanni Oromoo biqiltuu akka ilmoo isaatti ilaala. Haalimaan duudhaa kana irraa ka’uun biqiloota dhaabuun kunuunsuun akka ishee gargaare ibsiteetti. Akkasumas walitti dhufeenya ijoollee ishee waliin qabdu miira haadhummaa waliin walqabsiistee jirti. ''Akkuma aadaa keenya keessatti ijoollee guddifnu, biqiltuus akka ijoollee kootti nan ilaala,'' jetteetti. Naannoo hanqinni bishaanii hamaan jiru keessa kan jiraattu Haalimaan gara sa'aatii tokkoo deemtee biqiltuu ishee bishaan obaasti. Ilmi Haalimaa ganna 13, Anwaar Hasan, haadha isaatti akka boonu ibsuun, kaayyoo ishee hordofuu akka barbaadu dubbata. Jijjiirama qilleensaa ittisuuf umurii guutuu waadaa galuu akka barbaadus himeera. Maatiin fi dubartoonni kumaatamaan lakkaa’aman ganda naannoo sana jiranis sagantaa biqiltuu dhaabuu kana irratti hirmaataniiru. Akka qorattoonni naannoo fi ogeeyyiin jedhanitti, gosoonni mukaa dhalootaan maatii fi dhaabbilee adda addaatti raabsaman hedduun isaanii guddataniiru. Naannolee gammoojjii fi haala qilleensaaf miira qaban keessatti tattaaffiin kun hawaasni jijjiirama qilleensaa caalaatti akka dandamatu gargaaruu danda’a. Qindeessaan Sagantaa Biyyaalessaa ‘REDD+’ Misooma Bosonaa Itiyoophiyaa Doktar Xibabuu Mogas sagantaa dhaabbii biqiltuu hanga ammaatti milkaa’inni guddaan argame badda dareetti ta’uu dubbatu. Itiyoophiyaan jijjiirama qilleensaa ittisuuf kutannoon hin raafamne akka biyyaattis ta’e idil-addunyaatti guddachaa fi babal’achaa dhufeera. Miidiyaa Dijitaalaa ENA hordofaa- https://www.ena.et/web/links
Raaga haala Qilleensaa bal'inaan dhaqqabamaa taasisuun qophii gahaan akka jiraatuuf dhiheenyaan hojjetamaa jira
Sep 18, 2026 2105
Fulbaana 8/2019 (ENA) Odeeffannoo raaga haala qilleensaa bal'inaan dhiyeessuun qophii fi offeeggannoo duraa akka jiraatuuf dhiyeenyaan hojjetamaa jiraachuusaa Inistitiyuutiin Meetiroloojii Itoophiyaa beeksise. Inistitiyuutichi gamaggama haala qilleensa gannaa fi raaga haala qilleensa bonaa fuulduraa hirmaannaa qooda fudhattootaatiin Adaamaatti gaggeessaa jira. Daarektarri Olaanaan Inistitiyuutichaa Dr.Faxxanaa Tashoomaa akka jedhanitti, Inistitiyuutichi misoomawwan hawaasummaafi dinagdee biyyaattif faayidaa kan qaban raaga haala qilleensaa yeroo gabaabaa fi dheeraa yeroosaa eeggatee dhiyeessuun gaheesaa ba'achaa jira.   Odeeffannoon kunneen keessattuu dameelee Qonnaafi misooma jallisiif, Bulchiinsa qabeenya bishaaniif, hir’ina sodaa balaatiif,Aviyeeshinii fi geejibaatiif ,Barnootaafi fayyaaf gaggeesuuf murteessaa ta’uusaanii ibsaniiru. Akkasumas,odeeffannoo haala qilleensaa yeroosaa eeggatee fi amansiisaa ta'e uummataafi qooda fudhattootaaf dhiyeessuun misoomaa fi guddina biyyaatiif murteessaa ta'uu isaafi hojiin kun cimee kan ittifufu ta'uu ibsaniiru. odeeffannoo raaga haala qilleensaa yeroodhaan dhiyeessuun qophii fi deebii sirrii kennuuf kan gargaaruudhas jedhan. Qooda fudhattoonnis odeeffannoo kanatti fayyadamanii tarkaanfii qophiitiif akka itti fayyadaman waamicha dhiyeessaniiru. Gara biraatiin, raaga haala qilleensa Bonaa kan dhiyeessan Itti Aanaa Daarektara Inistitiyuutichaa Dr.Asaamminnoo Tashoomaa akka ibsanitti,Bona dhufu kanatti naannowwan horsiise bulaatti haalli qilleensaa misooma qonnaatiif mijaawaa ta'ee fi roobni gaariin akka jiraatu ibsaniiru. Naannoowwan kunniin rooba kana jalqaba baatii Onkololeessaatii jalqabanii kan argatan ta'uun ibsameera. See less  
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 32991
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 22498
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru.   Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 19335
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015