Angafoota Oduu
Itiyoophiyaan cehumsa caaseffama dinagdee milkeesuuf karaa sirriirra jirti-Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee
May 12, 2025 25
Caamsaa 04/2017(TOI)- Itiyoophiyaan tarkaansiiwwan riifoormii dinagdee taasifteen invastimantii kallattii alaa hawachuun cehumsa caaseffama dinagdee milkeesuuf karaa sirriirra akka jirtu Pirezidaantiin RDFI Taayyee Atsqasillaasee ibsan. Fooramiin Itiyoophiyaatti invast godhaa 2025 Finfinneetti taa’amuu eegaleera. Pirezidaantiin RDFI Taayyee Atsqasillaasee baniinsa foramichaarratti dubbii dubbataniirn, Itiyoophiyaan tarkaanfiiwwan jijjiiramaa hedduu fudhachaa akka jirtu ibsaniiru. Tarkaanfiiwan riifoormii kunneen guddina ittifufsiisuuf, invastimantii kallattii alaa hawachuu fi cehumsa caaseffamaa milkeessuuf akka dandeessisan dubbataniiru. Kun ammoo Itiyoophiyaan karaa sirriirratti akka argamtu ishee taasiseera kan jedhan pirezidaantichi, carraan egeree dinagdee Itiyoophiyaa ifaadha jedhaniiru. Foramichi dandeettii Invastimantii Itiyoophiyaa agarsiisuuf carraa guddaa ta’uu eeranii, hirmaattonni muuxannoowwan gaggaarii akka waliif qoodan dhaamaniiru. Itiyoophiyaan invastimantii kallattii alaarraa carraa fooyya’aa argachuuf dhimmoota sadiirratti xiyyeeffachuushee ibsaniiru. Dameewwan biyya alaaf cufaa ta’anii turan banuuf riifoormii biyyaalessaa taasifame, riifoormii seeraa fi imaammataa fi dameewwan garagaraan invastimantii hawachuun jijjiiramni qabatamaa dhufuu kaasaniiru. Akkasumas bu’uraaleen misoomaa invastimantiif mijataa ta’anii fi kanneen dameelee dursi kennamuu irratti hojjetaniif fooyyessi hedduun taasifamuu eeraniiru. Biyyoota guddatan keessatti milkaa’inni dureeyyii biyya alaa wantoota sadii qofaarratti kan xiyyeeffate ta’uu kaasaniiru. Wantoonni sadan kunneen cehumsa teeknooloojii, baakumsi babal’achuu fi walitti hidhata gabaa ta’uu ibsanii, Intarpiraayizoota Itiyoophiyaa xiqqaa fi jiddugaleessaa dhiheessii Ardii fi idil addunyaa waliin qindeessuun akka barbaachisu hubachiisaniru. Kun ammoo Invastaroonni Invastimantii yeroo dheeraa fi fulla’aa mirkaneessuuf murteessaadha.
Konfaransiin Ardii bulchiinsa idaa fulla’aa gamtaa Afriikaa taa’amaa jira
May 12, 2025 44
Caamsaa 04/2017 (TOI)- Konfaransiin gamtaan Afriikaa bulchiinsa idaa fulla’aa ilaalchisuun qopheesse har’a Toogoo Loomeetti eegalameera. Konfaransichi mata duree”ajandaa bulchiinsa idaa mootummaa Afriikaa, tarsiimoowwan bulchiinsa idaa fulla’aa mirkaneessan hojeessuu” jedhuun taa’amaa jira. Komishinii gamtaa Afriikaatti komishineriin qonnaa, misooma baadiyyaa, Dinagdee Biluu fi qilleensa naannawaa fulla’aa Moses Viilakatii, barreessaan olaanaa komishinii dinagdee Afriikaa Kilaaver Gatetee, pirezidaantiin Gaanaa Joon Diraamaanii Mahimaa, ministiroonni faayinaansii biyyoota Afriikaa, kanneen imaammata baasan, dhaabbileen faayinaansii Afriikaa, hawaasonni dinagdee riijinii fi qooda fudhattoonni biroon sirna baniinsaarratti hirmaataniiru. Kaayyoon olaanaan Konfaransichaa haala idaa Afriikaa yeroo ammaarratti mari’achuun muuxannoo bulchiinsa idaa biyyootaa walii qooduun fi Idaa ilaalchisee Afriikaan ejjennoo waloo qabachuuf yaada dhiheessuu ta’uu odeeffannoon TOI’n gamticharraa argate nimul’isa. Idaa ilaalchisuun riifoormiiwwan taasifamuu qaban ilaalchisees nimari’atama. Bulchiinsa idaa fulla’aa mirkaneessuun cinaattis madden faayinaansii bal’isuurrattis nimari’atama. Marii kanarratti bu’uureffachuun bulchiinsa idaa biyyoota Afriikaa, riifoormii sirna faayinaansii addunyaa fi bulchiinsa faayinaansii fulla’aa ilaalchisuun ibsa ejjennoo waloo akka baasan ni’eegama. Konfaransiin kun amma Caamsaa 6 bara 2017tti nitura. #Oromiyaa #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI
Kan mul'ate

Koreen Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenyaa Afriikaa shororkeessuummmaa  fi  finxaalessummaa Ardichatti qolachuuf  tattaaffii  taassifamu deeggaruun nibarbaachisa
May 12, 2025 47
Caamsaa 04/2017(TOI)-Tattaaffii KoreenTajaajila Odeeffannoo fi Nageenyaa Afriikaa shororkeessummaa fi Finxaalessumaa qolachuun Ardichatti Tasgabbii, Nageenya fi Misooma buusuuf taasisu deeggaruun akka barbaachisu Itti Aanaan daarektar jeneraalaa tajaajila odeeffannoo fi nageenya biyyaalessaa Taazer Gabra Igzaabeer ibsaniiru. Walgahiin riijinii Afriikaa bahaa koree tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa Afriikaa mata duree “tumsa odeeffannoon nageenya riijinichaa jabeessuu’’ jedhuun magaalaa Finfinneetti taa’amaa jira. Walgahiin riijinii dhaabbilee odeeffannoo fi nageenyaa Afriikaa Bahaa tumsa odeeffannootiin nageenya riijinichaa nigargaara jedhan itti aanaan daarektar jeneraalii tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa Biyyaalessaa Taazer Gabra Igzaabeer. Shororkeessummaan, finxaalessummaan, walitti bu’insai idhannoon deeggarame, weerarrii fi yakkoonni daangaa ce’an biroo hara’as yaaddoo riijinii Afriikaa bahaa ta’anii itti fufuu ibsaniiru. Yaaddoo nageenyaa Riijinicha jiru to’achuun nagaa buusuuf tumsi odeeffannoo qindaa’aan biyyoota gidduutti nibarbaachisa jedhaniiru. Waltajjiin Dhaabbilee odeeffannoo fi nageenya Afriikaa bahaa raawwannaa tumsa riijiniif carraa akka uumu dubbataniiru. Hojiin nageenyaa tumsa waliinii kan gaafatu ta’uu kan ibsan obbo Taazeer, dhaabbileen qindoomina Seera bu’uureffate uumuu qabu jedhaniiru. Koreen tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa Afriikaa shororkeessummaa fi Finxaalessummaa qolachuuf biyyoota gidduutti waloomaan tumsuun shoora olaanaa qabaachuu ibsaniiru. Koreen tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa Afriikaa rakkoo faayinaansii qabu hiikuun nageenya ardichaaf, nagaa fi misoomaaf tattaafii taassisu deeggaruu qabna jedhaniiru. Barreessaan olaanaa koree tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa Afriikaa Jaksan Hamaataa gamasaaniin, kaayyoon koree kanaa nageenya riijinichaa waloomaan tiksuuf tumsa uumuu ta’uu ibsaniiru. Biyyoonni Afriikaa Bahaa qindoomina odeeffannoorratti hundaa’e uumuun shororkeessummaa fi yakkoota daangaa cehan qolachuu akka qaban dubbataniiru. Nagaa fi tas-gabbii riijinichaa mirkaneessuuf deeggarsa biyyoota shororkeessotaa fi yakkaa babal’isanii fashalaeessuu qabna jedhaniiru .
Seenessa hammataa olkaasuun fi tokkummaa cimsuun qormaatilee imala jijjiiramaa milkeessuuf mudatan mo’achuun darbuun nibarbaachisa
May 12, 2025 35
Caamsaa 04/2017(TOI)-Seenessa hammataa olkaasuun fi tokkummaa biyyaalessaa cimsuun qormaatilee imala jijjiiramaa milkeessuuf mudatan mo’achuun darbuun nibarbaachisa jedhan bulchaan naannoo ummattoota Itiyoophiya kibba lixaa Dr. injiinar Nagaash Wageeshoo. Waltajjiin maree haala yeroo irratti xiyyeeffate mata duree “Kiyyoo jabana jiddugaleessaa”jedhuun qophaa’e bakka hooggantoonni naannoo fi godinaa argamanitti magaalaa Boongaatti taa’amaa jira. Bulchaan naannichaa Dr. Injiinar Nagaash Wageeshoo waltajjicharratti akka jedhanitti, qormaatilee jabana jiddugaleessaa qalbiin hubachuun qulqullina yaadaa fi tokkummaa uumuun nibarbaachisa. Hooggansi sadarkaan jiru yeroo qormaata mo’achuun bu’a qabeessummaaf kutannoon hojjechuu irraa eegamudha jedhaniiru. Seenessa hammataa biyyaalesaaa ijaaruun, tokkummaa cimsuu fi cehumsa caaseffama dinagdee cimsuun fi imala jijjiiramaa milkeessuu keessatti gufuulee mudatan mo’achuun kutannoon hojjechuu barbaachisa jedhaniiru. Kiyyoo jabana jiddugalessaa cehuun jijjiiramicha sadarkaa olaanaarraan gahuuf ummata kakaasuu fi gurmeessuu akka barbaachisu eeranii, qormaatilee dhugan boodaa kutannoo fi komunikeeshinii cimaadhaan mo’achuun akka barbaachisu ibsaniiru. Hooggansi hojiilee misoomaa ga’umsa olaanaan raawwachuu fi rakkoolee bulchiinsa gaarii furuun itti quufinsa ummataa mirkaneessuuf kutannoon hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru.
Dameeleen dureeyyii biyya alaaf cufamanii turan banamuunsaanii invastimantii kallattii alaa guddisaa jira-Ministiroota
May 12, 2025 30
Caamsaa 04/2017(TOI)-Dhaabbilee misoomaa mootummaa dabalatee dameeleen Invastimantii dureeyyii biyya alaaf cufamanii turan banamuunsaanii invastimantiin kallattii alaa akka guddatu taasisuusaa ministiroonni ibsan. Pirezidaantiin RDFI taayyee Atsqasillaasee, hooggantoonni mootummaa olaanoon fi invastaroonni biyyoota hedduu bakka argamanitti fooramiin biizinasii Itiyoophiyaatti invasti godhaa 2025 Finfinneetti eegalameera. Ministirri maallaqaa Ahimad Shidee, Itiyoophiyaan biyya lafa bal’aa, qabeenya bishaanii hedduu, dargaggoo fi humna nama baratee akkasumas bu’ura misoomaa guutuu qabdu ta’uunshee invastimantiif mijattuudha jedhan. Riifoormiin dinagdee, riifoormiiwwan rakkoolee dhaabbataa fi caasaa furan guddina biyyaa fulla’aa kan fidan ta’uu dubbataniiru. Riifoormiiwwan seeraa fi imaammataa akkasumas dirreen daldalaa fi Invastimantii banamuunsaanii bu’aa guddaa fidaa jiru jedhaniiru. Ministirri dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos gamasaaniin, Itiyoophiyaan biyya Invastimantiif barbaadamtudha jedhaniiru. Jijjiiramaan dure xiyyeeffannoo dhabee kan ture dameen dhuunfaa waggoota jijjiiramaatti imaammata jijjiiruunn dameen dhuunfaa dinagdee keessatti qooda ijoo akka qabaatu hojjetamaa jira jedhaniiru. Dameewwan invastimantii biyya alaaf cufamanii waggootaaf turan banamuu kaasuun, seeronnii fi imaammattoonnis fooyya’uu ibsaniiru. Komishinariin komishinii Invastimantii Itiyoophiyaa Dr. Zallaqaa Tamasgeen, xiyyeeffannoon mootummaan jijjiiramaa invastimantiif kenne bu’aan guddaan argameera jedhan. Fooramiin kun tumsa jabeessuun carraalee Invastimantii akka bal’isu dabalanii dubbataniiru.

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa

Shororkeessummaa Afrikaa Bahaatti Mul’atu fi Yakkoota Daangaa darban ittisuuf  tumsi  odeeffannoo biyyoota riijinichaa Murteessaadha
May 12, 2025 38
Caamsaa 4/2017(TOI)-Shororkeessummaa Afrikaa Bahaatti Mul’atufi Yakkoota Daangaa darban ittisuuf tumsi odeeffannoo biyyoota riijinichaa murteessaa ta’uu Itti Aanaan daarektar jeneraalaa tajaajila odeeffannoo fi nageenya biyyaalessaa Taazer Gabra Igzaabeer ibsaniiru. Walgahiin riijinii Afriikaa bahaa koree tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa Afriikaa Finfinneetti taa’amaa jira. Itti Aanaan Daarektar generaalaa tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyolessaa Taazer Gabra Igzaabeer akka jedhanitti, waltajjichi tumsa odeeffannotiin nageenya riijinichaa jabeessuun haala danda’amu irratti marii’ata. Shororkeessummaa, finxaalessummaafi Yakkoonni Daangaa qaxxaamuran biroon har’allee yaaddoo biyyoota Afriikaa Bahaa ta’uu ibsaniiru. Kanaafis yaaddoo nageenyaa riijinichaa to’achuun nagaa buusuuf biyyoota gidduutti tumsi odeeffannoo qindaa’aan barbaachisaadha jedhaniiru. Waltajjiin Dhaabbilee odeeffannoo fi nageenya Afriikaa bahaa raawwannaa tumsa riijiniif carraa akka uumu dubbataniiru. Hojiin nageenyaa tumsa waliinii kan gaafatu ta’uu kan ibsan obbo Taazeer, dhaabbileen qindoomina Seera bu’uureffate uumuu qabu jedhaniiru. Barreessaan olaanaa koree tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa Afriikaa Jaksan Hamaataa gamasaaniin, kaayyoon koree kanaa nageenya riijinichaa waloomaan tiksuuf tumsa uumuu ta’uu ibsaniiru. Biyyoonni Afriikaa Bahaa qindoomina odeeffannoorratti hundaa’e uumuun shororkeessummaa fi yakkoota daangaa cehan olachuu akka qaban dubbataniiru.
Kooriyaa Rippabliikii fi Itiyoophiyaa  tumsa cimaa damee daldalaa fi Invastimantiin qaban jabeessuuf xiyyeeffannoon kennameera-ambaasaadaar Juung Kaang
May 12, 2025 41
Caamsaa 04/2017(TOI)- Kooriyaa Rippabliikii fi Itiyoophiyaa tumsa cimaa damee daldalaa fi Invastimantiin qaban jabeessuuf xiyyeeffannoon kennamuu Itiyoophiyaatti ambaasaaddaarri Rippaabiliikii Kooriyaa Juung Kaang ibsan. Hariiroon Kooriyaa Rippaabiliikii fi Itiyoophiyaa hariiroo dippilomaasiirra darbee aarsaan kan itti kaffalamee fi dhiigaan kan walitti hidhamedha. Hariiroon Kooriyaa Rippaabiliikii fi Itiyoophiyaa waggaa 74 kan lakkoofsise yoo ta’u, hirmaannaan Itiyoophiyaan waraanaa taasifte walabummaa Rippaabiliikiin Kooriyaa gonfatteef qooda olaanaa baheera. Keesumaa hariiroon biyyoota lamaanii waggoota 20 asitti caalaatte cimee ittifufeera. Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Kooriyaa Rippaabiliikii Juung Kaang turtii TOI waliin taasisaniin akka ibsanitti, tumsa daldalaa fi Invastimantii biyyoonni lamaan qaban caalaatti cimsuuf xiyyeeffatameera. Aarsaa Itiyoophiyaan walabummaa Kooriyaa Rippaabilikiif kaffalte ummanni fi mootummaan Kooriyaa Rippaabilikii yoomiyyuu beekamtii fi galanni kan knnamuufidha jedhaniiru. Hariiroo dippilomaasii yeroo dheeraa fi tumsa hundagaleessa biyyoonni Lamaan qaban cimsuuf fedhii waloorratti hundaa’uun hojjechaa akka jiran ibsaniiru. Aadaa walii qooduun, barnoota, teeknooloojii, qonna, fayyaa fi ijaarsa bu’ura misoomaan waliin hojjechaa akka jiran wabeeffataniiru. በTumsa gama daldalaa fi Invastimantiin qaban caalaa cimsuufis xiyyeeffatameera. Hirmaannaa Itiyoophiyaan nagaa kabachiisuurratti qabdu kan dinqisiifatamu ta’uu ambaasaaddarichi ibsaniiru. Ergama nagaa kabachiisuu Kooriyaa Rippaabiliikii waggaa 74 guute dabalatee Itiyoophiyaan nagaa kabachiisuuf Koongoo, Ruwaandaa, Laayibeeriyaa, Sudaan Somaaliyaa fi Sudaan kibbaatti duulte ni’eerama. #Oromiyaa #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI
Fakkeenummaa misoomaa fi nageenyaa Finfinnee itti fufsiisuuf qoonni miseensota raayyaa nageenyaa olaanaadha – Obbo Mogos Baalchaa
May 10, 2025 149
Caamsaa 02/2017(TOI)- Fakkeenummaa misoomaa fi nageenyaa Finfinnee itti fufsiisuuf miseensonni raayyaa nageenyaa qoodasaanii olaanaa cimsanii itti fufuu akka qaban hoogganaan waajjira paartii badhaadhinaa damee Finfinnee Obbo Mogos Baalchaa ibsan. Biiroon nagaa fi tasgabbii bulchiinsa magaalaa Finfinnee miseensota raayyaa nageenyaa leenjise kuma 11 eebbisiiseera. Hoogganaan waajjira paartii badhaadhinaa damee Finfinnee Obbo Mogos Baalchaa akka ibsanitti, gaggeessummaa paartichaa fi hirmaannaa ummataan Finfinnee miidhagduu, qulqulluu fi ulaagaa magaalaa idil addunyaa guutte akka taatu hojjetamaa jira. Paartichi itigaafatama ummataa fi wadaa hale qabatamaan raawwachaa jiraachuu dubbataniiru. Hojii nama jiddugaleeffateef xiyyeeffannoo olaanaa kennuun milkaa’inoonni dinagdee, hawasummaa fi siyaasaa galmaa’uu, ibsanii, hirmaannaan ummataa olaanaa ta’uu eeraniiru. Nagaa fulla’aa magaalichaa mirkaneessuuf hojiin qindaa’aan raayyaan nageenyaa raayyaa tasgabbii idilee waliin taasisaa jiran jajjabeessaa ta’uu dubbataniiru. Hooggantuun biiroo bulchiinsa nagaa fi tasgabbii Finfinnee Liidiyaa Girmaa gamasaaniin, guddina si’ataa magaalichaa fullaasuuf nagaa amansiisaa buusuun dirqama ta’uu ibsaniiru. Eebbifamtoota har’aa keessaa Kumaalaa Birhaanuu Baqqalaa, leenjii argataniin naannawasaanii eeguufnqophii ta’uu dubbataniiru. Tigist Abagaaz gamasaaniin, turtiisaaniin leenjii humna nageenyaa waliin ta’uun nagaa eegsisuuf isaan dandeessisu akka argatan argachuusaanii eeraniiru. ለHumna nageenyaaf deeggaraa ta’uun nageenya naannawa keenyaa mirkaneessuuf yoomiyyuu caalaa qophoofneerra kan jedhan ammoo Yaalweu Taaddasaati. #Oromiyaa #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI
Naannawichatti hojiileen misoomaa akka mijatanii fi nageenyi fulla’aan akka mirkanaa’u hojii guddaa hojjeteera-jiraattota magaalaa Naqamtee
May 10, 2025 108
Caamsaa 02/2017(TOI)- Naannawichatti hojiileen misoomaa akka mijatanii fi nageenyi fulla’aan akka mirkanaa’u raayyaan raayyaan ittisa biyyaa hojii guddaa hojjechuusaa jiraattonni magaalaa Naqamtee fi naannawashee ibsan. Izziin Lixaa ayyaana hundeeffamaa waggaa 47ffaa sagantaawwan garagaraan kabajaa jira. Qaama kabaja ayyaanaa kanaa kan ta’e marii paanaalii kutaaleen hawaasaa garagaraa irratti hirmaatan adeemsifameera. Jiraattonni magaalaa Naqamtee fi naannawashee marii paanaalii kanarratti hirmaatan hojii seera kabachiisuu raayyaan ittisaa hojjeteen magaalichaa fi naannawasaatti nagaan akka bu’u taasisuu dubbataniiru. La’aake Wangeel Qesiis Garramuu Baqqalaa akka jedhanitti, sochiin dinagdee fi hawaasummaa magaalichaa fi naannawichatti akka itti fufu fihawaasni tasgabbaayee akka jiraatu gochuu ibsaniiru. Hajii Yaasin Habiib gamasaaniin, raayyaan ittisaa gaachana biyyaa fi nagaa ummataa mirkaneessaa kan jiru ta’uu dubbataniiru. Geetaasfaawu Tarfaasaa yaada kennaniin, nagaan bu’ura waan hundaa ta’uu eeranii, magaalaan daandii guddinaarra jirti jedhaniiru. Abbaa Gadaan Asfaawu Kabbadaa fi obbo Shifarraawu Baqqalaa gamasaaniin, magaalaa Naqamtee fi naannawasheetti nagaan akka bu’u raayyaan ittisa biyyaa qooda olaanaa bahuusaa dubbataniiru. Hawaasni akkuma Kanaan duraa raayyaa cinaa dhaabachuun misooma akka si’achiisu dhaamaniiru. #Oromiyaa #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI

Hawaasummaa
Hirmaattonni  Industirii Turiizimii  ji’oo paarkii fi  Ji’oo Turizimii irratti  hubannaa qaban  guddisuun  guddina sektarichaaf murteessaadha. –Ministir Salaamaawit Kaasaa
May 12, 2025 20
Caamsaa 04/2017(TOI)-Hirmaattonni Industirii Turiizimii ji’oo paarkii fi Ji’oo Turizimii irratti hubannaa qaban dabaluun guddina sektarichaaf murteessaa ta’uu Ministiri Turizimii Salamawit kaasaa Ibsan. Woorkishooppiin Minsteerri Turizimii Dhaabbata barnootaa , saayinsii fi aadaa Mootummoota Gamtoomanii (Yuneeskoo) waliin mata duree ‘Ji’oo paarkonnii fi ji’oo turizimiin idil addunyaa qooda misooma fulla’aaf qaban” jedhuun qopheesse gaggeeffamaa jira. Ministirri Turiizimii Salaamaawiit Kaasaa, UNISCOtti hooggantuun Gamtaa Afriikaa, Komishinii Dinagdee Afriikaa fi biiroo Laayizen Itiyoophiyaa Dr. Riittaa Bisonowut, akkasumas hogantoonni Olaanoo dhaabbilee Federaalaa, hooggantoonni biiroo aadaa fi turizimii naannoo fi bulchiinsa magaalaa Itiyoophiyaanota sektara kanarratti hojjetanii fi ogeeyyonni biyyoota baha Afriikaa waltajjicharratti argamaniiru. Woorkishooppichi dandeettii qooda fudhattoota UNISCOtti Giloobaal Ji’oo paarkis fi Ji’oo Turizim irra jiran guddisuu dabalatee pirojektoota giloobaal ji’oo park Yuuneeskoo Itiyoophiyaa fi biyyoota Afriikaa bahaa biroo keessatti jalqabsiisuuf kan akeekamedha. Dabalataanis waa’ee Jii’oo paarkii Ardichatti beeksisuuf kan kaayyeffate ta’uun ibsameera. Ministirri Turiizimii Salaamaawwit Kaasaa saganticha irratti akka ibsanitti, utubaawwan guddina dinagdee shan keessaa tokko Damee Turiizimii ta’uu ibsaniiru. Sektarichi hamma isarraa barbaadamu guddina biyyaaf akka gumaachuuf hojjetamaa jiraachuu ibsuun kunis hamma xiyyeeffannoo kennameefii carraa jiru jabeessuunii fi beeksisuuf gumaacha taasiseera jedhaniiru. Labsiin imaammata haaraa bakkeewwan hawwataTuriizimii eeguu, Jii’oopaarkoota dhaabuu fi barbaachisummaa jii’oo Turiizimii irratti xiyyeeffannoo kan kennedha jedhaniiru. Hirmaattonni Industirii Turiizimii ji’oo paarkii fi Ji’oo Turiizimii irratti hubannaa qaban guddisuun misooma sektarichaaf murteessaa ta’uu dubaataniiru. Waltajjiin har’aa Waa’ee ji’oo Paarkii fi Ji’oo Turizimii beeksisuusf ni gargaara jedhaniiru. #Oromiyaa #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI
Atobisoonni Elektiriikii yeroo hojii galluu fi hojii baanu rakkoo geejjibaa furaa, tajaajila mijataas nuuf kennaa jiru-jiraattota magaalaa Finfinnee
May 10, 2025 113
Caamsaa 02/2017(TOI)- Atobisoonni Elektiriikii dhiheenya hojii jalqaban yeroo hojii galluu fi hojii baanu rakkoo geejjibaa furuuf gumaacha olaanaa gumaachaa akka jiran jiraattonni magaalaa Finfinnee ibsan. Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee tumsa mootummaa fi dhuunfaan Atomisoota Elektiriikii ammayyaa 100 hojii eegalchiisuunsaanii niyaadatama. Jiraattonni magaalattii TOItti akka himanitti, Atobisoonni haaraan yeroo hojii galluu fi hojii baanu rakkoo geejjibaa furuun gumaacha guddaa taasisaa jiru. Kanneen keessaa Adinew Birhanuu, yada kennaniin Atobisoonni ammayyaa Elektiriikiin hojjetan rakkoo geejjibaa furuun tajaajila mijataa kennaa jiru jedhan. Atobisoonni kunneen maallaqa madaalawaan tajaajila mijataa kennaa jiru kan jette ammoo Elsaa Kaasahuun jedhamti. Taarikuu Yimaam yaada kenneen, Atobisoonni kunneen rakkoo geejjibaa yeroo hojii bahamuu fi hojii galanitti jiru furaa jiru. Konkolaachiftoota keessaa Minyichil Geetinnat, konkolaattonni elektiriikii hatattamaa fi haala mijataa ta’een tajaajilamtoota keessummeessaa akka jiran dubbataniiru. Gatii madaalawaan tajaajila hatattamaa kennaa akka jiran kasn jette ammoo konkolaachiftuu Zabidar Baayyuuti. Konkolaachiftuun Wub Addis Dassaalenygamasheetiin, rakkoo geejjibaa yeroo hojii galamuu fi hojii bahamu furuun tajaajila kennaa jiru jetteetti. Hoogganaan biiroogeejjibaa Finfinnee Yaabbibaal Addis, Atobisoonni Elektiriikii rakkoo geejjibaa furan 100 hojii eegalaniiru jedhan. Atobisoonni kunneen bakkee rakkoon geejjibaa cimaan jirutti tajaajila kennaa akka jiran ibsaniiru.
Malaammaltummaa qolachuuf hojii baatii sagalitti hojjetameen birrii biiliyoona 2 tuqaa 2 caalu qisaasamuurraa hafeera-komishinii naamusaa fi farra malaammaltummaa federaalaa
May 10, 2025 93
Caamsaa 02/2017(TOI)- Hojii malaammaltummaa si’annaan qolachuuf hojii baatii sagalitti hojjetameen maallaqa ummataa fi mootummaa birrii biiliyoona 2 tuqaa 2 caalu qisaasamuurraa hambisuun akka danda’ame komishiniin naamusaa fi farra malaammaltummaa federaalaa beeksise. Komishinichatti hojii dursaa raawwacjiisaan qorannoo malaammaltummaa qolachuu komishinii naamusaa fi farra malaammaltummaa federaalaa Gazzaaheny Gaashaawu TOItti akka himanitti, saaxilamummaa malaammaltummaarraa Itiyoophiyaa hir’isuuf barsiisuun, qolachuu fi seera kabachiisuun hojjetamaa jira. Bara bajataa 2016/17 baatii sagal dare komishinaroota naamusaa fi farra malaammaltummaa naannolee waliin raawwii hojii adeemsifamuu dubbataniiru. Baatii sagal keessatti hojiin malaammaltummaa ittisuu si’ataan hojjetamuu 500 caalu hojjetamuu dubbataniiru. Akkaataa Kanaan maallaqa ummataa fi mootummaa birrii biiliyoona lamaa fi tuqaa lama caaluu fi lafa magaalaa fi baadiyyaa karee miiliyoona 190 qabeenya ummataa fi mootummaa oolchuun akka danda’ame beeksisaniiru. Itiyoophiyaan waliigaltee farra malaammaltummaa dhaabbata mootummootaa mallatteessuushee eeranii, bu’urri waliigaltee kanaa seera kabachiisuu, malaammaltummaa qolachuu, qabeenya deebisiisuu fi tumsa idil addunyaa ta’uu himaniiru. Bara 2015/16 ministeerotaa fi dhaabbilee itti waamamtootaa 25 irratti qorannoo saaxilamummaa malaammaltummaa taasisuun hojiin deeggarsaa fi hordoffii barbaachisaan taasifamaa akka jiru ibsaniiru. #Oromiyaa #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI
Diinagdee
Itiyoophiyaan cehumsa caaseffama dinagdee milkeesuuf karaa sirriirra jirti-Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee
May 12, 2025 25
Caamsaa 04/2017(TOI)- Itiyoophiyaan tarkaansiiwwan riifoormii dinagdee taasifteen invastimantii kallattii alaa hawachuun cehumsa caaseffama dinagdee milkeesuuf karaa sirriirra akka jirtu Pirezidaantiin RDFI Taayyee Atsqasillaasee ibsan. Fooramiin Itiyoophiyaatti invast godhaa 2025 Finfinneetti taa’amuu eegaleera. Pirezidaantiin RDFI Taayyee Atsqasillaasee baniinsa foramichaarratti dubbii dubbataniirn, Itiyoophiyaan tarkaanfiiwwan jijjiiramaa hedduu fudhachaa akka jirtu ibsaniiru. Tarkaanfiiwan riifoormii kunneen guddina ittifufsiisuuf, invastimantii kallattii alaa hawachuu fi cehumsa caaseffamaa milkeessuuf akka dandeessisan dubbataniiru. Kun ammoo Itiyoophiyaan karaa sirriirratti akka argamtu ishee taasiseera kan jedhan pirezidaantichi, carraan egeree dinagdee Itiyoophiyaa ifaadha jedhaniiru. Foramichi dandeettii Invastimantii Itiyoophiyaa agarsiisuuf carraa guddaa ta’uu eeranii, hirmaattonni muuxannoowwan gaggaarii akka waliif qoodan dhaamaniiru. Itiyoophiyaan invastimantii kallattii alaarraa carraa fooyya’aa argachuuf dhimmoota sadiirratti xiyyeeffachuushee ibsaniiru. Dameewwan biyya alaaf cufaa ta’anii turan banuuf riifoormii biyyaalessaa taasifame, riifoormii seeraa fi imaammataa fi dameewwan garagaraan invastimantii hawachuun jijjiiramni qabatamaa dhufuu kaasaniiru. Akkasumas bu’uraaleen misoomaa invastimantiif mijataa ta’anii fi kanneen dameelee dursi kennamuu irratti hojjetaniif fooyyessi hedduun taasifamuu eeraniiru. Biyyoota guddatan keessatti milkaa’inni dureeyyii biyya alaa wantoota sadii qofaarratti kan xiyyeeffate ta’uu kaasaniiru. Wantoonni sadan kunneen cehumsa teeknooloojii, baakumsi babal’achuu fi walitti hidhata gabaa ta’uu ibsanii, Intarpiraayizoota Itiyoophiyaa xiqqaa fi jiddugaleessaa dhiheessii Ardii fi idil addunyaa waliin qindeessuun akka barbaachisu hubachiisaniru. Kun ammoo Invastaroonni Invastimantii yeroo dheeraa fi fulla’aa mirkaneessuuf murteessaadha.
Konfaransiin Ardii bulchiinsa idaa fulla’aa gamtaa Afriikaa taa’amaa jira
May 12, 2025 44
Caamsaa 04/2017 (TOI)- Konfaransiin gamtaan Afriikaa bulchiinsa idaa fulla’aa ilaalchisuun qopheesse har’a Toogoo Loomeetti eegalameera. Konfaransichi mata duree”ajandaa bulchiinsa idaa mootummaa Afriikaa, tarsiimoowwan bulchiinsa idaa fulla’aa mirkaneessan hojeessuu” jedhuun taa’amaa jira. Komishinii gamtaa Afriikaatti komishineriin qonnaa, misooma baadiyyaa, Dinagdee Biluu fi qilleensa naannawaa fulla’aa Moses Viilakatii, barreessaan olaanaa komishinii dinagdee Afriikaa Kilaaver Gatetee, pirezidaantiin Gaanaa Joon Diraamaanii Mahimaa, ministiroonni faayinaansii biyyoota Afriikaa, kanneen imaammata baasan, dhaabbileen faayinaansii Afriikaa, hawaasonni dinagdee riijinii fi qooda fudhattoonni biroon sirna baniinsaarratti hirmaataniiru. Kaayyoon olaanaan Konfaransichaa haala idaa Afriikaa yeroo ammaarratti mari’achuun muuxannoo bulchiinsa idaa biyyootaa walii qooduun fi Idaa ilaalchisee Afriikaan ejjennoo waloo qabachuuf yaada dhiheessuu ta’uu odeeffannoon TOI’n gamticharraa argate nimul’isa. Idaa ilaalchisuun riifoormiiwwan taasifamuu qaban ilaalchisees nimari’atama. Bulchiinsa idaa fulla’aa mirkaneessuun cinaattis madden faayinaansii bal’isuurrattis nimari’atama. Marii kanarratti bu’uureffachuun bulchiinsa idaa biyyoota Afriikaa, riifoormii sirna faayinaansii addunyaa fi bulchiinsa faayinaansii fulla’aa ilaalchisuun ibsa ejjennoo waloo akka baasan ni’eegama. Konfaransiin kun amma Caamsaa 6 bara 2017tti nitura. #Oromiyaa #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI
Dameeleen dureeyyii biyya alaaf cufamanii turan banamuunsaanii invastimantii kallattii alaa guddisaa jira-Ministiroota
May 12, 2025 30
Caamsaa 04/2017(TOI)-Dhaabbilee misoomaa mootummaa dabalatee dameeleen Invastimantii dureeyyii biyya alaaf cufamanii turan banamuunsaanii invastimantiin kallattii alaa akka guddatu taasisuusaa ministiroonni ibsan. Pirezidaantiin RDFI taayyee Atsqasillaasee, hooggantoonni mootummaa olaanoon fi invastaroonni biyyoota hedduu bakka argamanitti fooramiin biizinasii Itiyoophiyaatti invasti godhaa 2025 Finfinneetti eegalameera. Ministirri maallaqaa Ahimad Shidee, Itiyoophiyaan biyya lafa bal’aa, qabeenya bishaanii hedduu, dargaggoo fi humna nama baratee akkasumas bu’ura misoomaa guutuu qabdu ta’uunshee invastimantiif mijattuudha jedhan. Riifoormiin dinagdee, riifoormiiwwan rakkoolee dhaabbataa fi caasaa furan guddina biyyaa fulla’aa kan fidan ta’uu dubbataniiru. Riifoormiiwwan seeraa fi imaammataa akkasumas dirreen daldalaa fi Invastimantii banamuunsaanii bu’aa guddaa fidaa jiru jedhaniiru. Ministirri dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos gamasaaniin, Itiyoophiyaan biyya Invastimantiif barbaadamtudha jedhaniiru. Jijjiiramaan dure xiyyeeffannoo dhabee kan ture dameen dhuunfaa waggoota jijjiiramaatti imaammata jijjiiruunn dameen dhuunfaa dinagdee keessatti qooda ijoo akka qabaatu hojjetamaa jira jedhaniiru. Dameewwan invastimantii biyya alaaf cufamanii waggootaaf turan banamuu kaasuun, seeronnii fi imaammattoonnis fooyya’uu ibsaniiru. Komishinariin komishinii Invastimantii Itiyoophiyaa Dr. Zallaqaa Tamasgeen, xiyyeeffannoon mootummaan jijjiiramaa invastimantiif kenne bu’aan guddaan argameera jedhan. Fooramiin kun tumsa jabeessuun carraalee Invastimantii akka bal’isu dabalanii dubbataniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Dhiibbaa jijjiirama qilleensaa damdamachuuf carraaqqii taasifamuuf gargaarsi dhaabbilee barnoota olaanoo jbaatee itti  fufa-Ministeericha
May 9, 2025 112
Caamsaa 01/2017(TOI)-Dhiibbaa jijjiirama qilleensaa qolachuu fi damdamachuuf carraaqqii taasifamuuf gargaarsi dhaabbilee barnoota olaanoo jbaatee akka itti fufu Ministeerri banootaa ibse. Siimpooziyeemiin qorannoo fi qu’annoo idil adunyaa 5ffaan Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti taa’amaa jira. Ministeera barnootaatti hojii raawwachiisaa dhimmoota akkaadaamikii Dr. Eebbaa Miijanaa, qorannoowwan dhaabbilee barnoota oaanoo rakkoo hawaasaa kan fura ta’uu akka qabu ibsaniiru. Dhaabbileen barnoota olaanoo dhiibbaa jijjiirama qilleensaa damdamachuuf hojii hojjetamuuf gargaarsi taasisan jabaatee akka itti fufu mirkaneessaniiru. Kaayyoon simpooziyeemii qorannaa kun akkaataa qabannaa fi dhabamsiisa balfa waraqaa fi pilaastikaa akkasumas akkaataa qabannaa hambaa qonnaa fi Industirii, deebisanii fayyadamuu fi qabeenyatti jijjiiruu irratti kan xiyyeeffate ta’uu kaasaniiru. Itti aanaan pirezidaantii dhimmoota Akkaadaamikii yuunivarsiitii Saayinsii fi teeknooloojii Adaamaa Dr. Tashoomaa Abdoo, Yuunivarsiitichi humna namaa saayinsii fi teeknooloojiin ga’oome horachuun alatti qorannoowwan rakkoo hawaasaa furan taasisaa jira jedhaniiru. Saayinsii Hawaan, Faarmaasiyutikaal, teeknooloojii Diroonii fi Awutomootivii dabalatee jiddugala ga’oomaa shan hojii qorannoo guutuuttu galchuuf hojjechaa akka jiru dubbataniiru. Yuunivarsiitiiwwan biyya keessaa, Kooriyaa Kibbaa, Hindii fi Yuunivarsiitiiwwan fi dhaabbilee qorannoo Awusiraaliyaa garagaraa irraa siimpooziyeemii qorannaarratti argamaniiru.
Sagantaa tajaajila wiirtuu tokkoo agarsiistuu Milkaa’ina Dijiitaala Itiyoophiyaa 2025 dhugoomsuuf hojjetamaniiti-Ministeericha
May 7, 2025 150
Ebla 29/2017(TOI)-Masoob tajaajilli wiirtuu tokkoo agarsiistuu milka’ina hojiiwwan dijiitaala Itiyoophiyaa 2025 dhugoomsuuf eegalamani ta’uu Ministeerri Innoveeshinii fi Teekinooloojii beeksise. Masoob tajaajilli wiirtuu yeroo Muummicha Ministiraa Dr, Abiy Ahmediin dhiheenya eebbifamee hojii eegaluunsaa ni yaadatama. Giddugalichi baaxii tokko jalatti tajaajila mootummaa walqabsiisuun teekinoloojii dijiitaalaa fayyadamuun tajaajila kennamudha. Gidugalichi lammiileen filannoowwan Teekinooloojii guutuu fayyadamuun dhaabbilee Federaalaa tajaajila adda addaa akka argatan kan dandeessisu yoo ta’u, dhaabbileen 12 qindoominaan tajaajila 41 ol kennaa jiru. De’eetaan Ministira Innoveeshinii fi Teekinooloojii Dr.Yishuruun Alemaayoo TOI’f akka ibsanitti, Giddugalichi tajaajila hedduu bakka tokkotti kennuun tajaajila si’ataa fi mijataa yeroo tokkotti argachuu kan dandeessisudha. Kunis aadaa tajajila kennuu kan guddisu ta’uus dubbataniiru. TarsiimooDijiitaalaa Itiyoophiyaa 2025n tajaajila Mootummaa 800 ol Dijiitaalawaa gochuu ibsanii, kunis bu’aa qabeessummaa kenna tajaajilaa kan guddisu ta’uu ibsaniiru. Kanaanis Tajaajilli wiirtuu tokkoo Dijiitala Itiyoophiyaa 2025 dhugoomsuuf hojiiwwan eegalaman agarsiisituu milkaa’inaa ta’uu ibsaniru. Hojiiwwan milkaa’ina tarsiimoo Dijiitaalaa Itiyoophiyaa 2025n dhugoomsuuf hojjetamuu eegalani , dhiheessii fi fayyadamummaa ibsaa fi intarneetii babal’isun, gudduugalli daataa ijaaramaa jiraachuu ibsaniiru. Tarsiimoo Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 qaamolee dhimmi ilaallatu waliin ta’uun qophaa’aa jiraachuu ibsaniiru. #Oromiyaa #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI
Ispoortii
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin uwwisa Bosona Itiyoophiyaa irratti jijjiiramni Guddaan dhufaa jira
May 8, 2025 132
Ebla 30/2017(ToI)-Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin uwwisa Bosona Itiyoophiyaa irratti jijjiiramni guddaan dhufaa jiraachuu Daarektarri Olaanaan Misooma Bosonaa Obbo Kabbadaa Yimaam Ibsan. TOI Sagantaa Misooma Magariisaan Uwwisa Bosonaan faayidaa argisiisu irratti, Misooma Bosona Itiyoophiyaa fi Koree Olaanoo Ashaaraa Magariisaa waliin turtii taassisaniiru. Daarektarri Olaanaan Misooma Bosona Itiyoophiyaa Obbo Kabbadaa Yimaam akka jedhanitti, Itiyoophiyaan Dinagdee jijiirama qilleensaan hin miidhamne ijaaruuf karoora qabatte keessaa sagantaan Ashaaraa Magariisaa isa olaanaa ta’uu ibsaniiru. Sagantichi ammaan dura miidhaa qabeenya uumamaa irra gahaa ture ittisuu irra darbee uwwisa bosonaa guddisaa dhufuu ibsaniiru. Ammaan dura miidhaan Qabeenya Uumamaa irra gahaa turuu ibsuun, sagantaan Ashaaraa Magariisaa hojiirra ooluu erga jalqabee fedhii qoraanii fi Ijaarsaa Guutuu irra darbee Miidhaan Misooma Bosonaa irra gahu akka hir’atuuf gumaacha guddaa gumaachuu ibsaniiru. Sagantichi dhiqama biyyee ittisuun hidhi haaromsaa dubbishiin akka hin guutamne gochuu irra darbee lageen waggaa guutuu yaa’insa madaalawaa akka qabaatan gochuuf faayidaa olaanaa argamsiisuu himaniiru. Waggaa waggaan bosona hektaara kuma 29 irratti Mancaatiin gahaa kan ture Qorannoo Waggaa darbe gaggeeffameen gara hektaara kuma 27tti gad hir’achuun milkaa’ina guddaa ta’uu obbo Kabbadeen beeksisaniiru. Biqiltuuwwan dhaabaman xaawulaa fi omisha mukaa biroo sharafa Alaan argamu bakka bu’uuf abdiin kan ta’udha jedhaniiru. Walitti qabaan Koree Teeknikaa Ashaaraa MagariisaaDr.Adafris Warquu Biqiltuuwwan Sagantichaan Dhaabbaman uwwisa bosona biyyittii guddisuu kan danda’an gosa bosonaa dhibbentaa 40 hanga 48 ta’uu ibsaniiru. Kunis qabeenyi uumamaa akka hin badne uwwisa bosonaa guddisuun gosa sanyii Biqiltootaa eeguun dhalootaaf dabarsuuf fayidaa qabaachuu ibsaniiru. Bara kana Biqiltuuwwan dhaabbachuuf qophaa’an keessaa Biliyeena 2 tuqaa 3 kan ta’an gosa mandhaalee mukeen akka ta’an xiyyeeffannoon kennamuu ibsaniiru. Kunis milkaa’ina guddaa ta’uu himuun, gosni mukeenii mandhaaleen baduuf turan oolchuun faayidaa nannoof, hawaasummaa fi Dinagdeef qabaachuu Dr. Adafris Ibsaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 10582
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015