Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Birmadummaa damee fayyaa mirkaneessuun gahumsa olaanaan hoogganuuf hojiin komunikeeshinii cimuu qaba
Jun 12, 2026 168
Waxabajjii 5/2018 (ENA): Birmadummaa damee fayyaa mirkaneessuun gahumsa olaanaan hoogganuuf hojiin komunikeeshinii cimuu qaba jedhan hoggantoonni hojii mootummaa. Ministeerri Fayyaa Ejensii Pireesii Itiyoophiyaa waliin ta’uun mata duree “Komunikeeshinii bu’a qabeessa ijaarsa Sirna Fayyaa Cimaaf” jedhuun waltajjii leenjii gaggeessaa jira. Sagantaan leenjii hoggantootaa fi ogeessota komunikeeshinii Ministeera Fayyaa fi dhaabbilee dhimmi ilaallatu Akkaadaamii Gahumsa Hooggansa Afrikaatti Waxabajjii 5 hanga 7, 2018tti kan adeemsifamu ta’a. Waltajjicharratti Ministirri Ministeera Fayyaa Doktar Maqdas Dhaabaa, Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Innaataalam Mallasaa, Hogganaa Damee Hariiroo Hawaasaa fi Idil Addunyaa Paartii Badhaadhinaa Dr. Biqilaa Hurrisaa, Ministiroonni Mootummaa, hoggantoota dhaabbilee itti gaafatamummaa Ministeera Fayyaa fi qondaaltonni hariiroo hawaasaa argamaniiru.   Ministirri Ministeera Fayyaa Doktar Maqdas Dhaabaa akka ibsanitti, Walqunnamtiin milkaa’aan mallattoo geggeessaa bu’a qabeessa ta’eedha jedhani. Ji’oo-siyaasaa fi sirna ikoo fayyaa jijjiiramaa jiru ilaalcha keessa galchuun qunnamtii cimsuun barbaachisaa ta’uu eeruun, keessumattuu birmadummaan damee fayyaa mirkanaa’uu qaba jedhaniiru.   Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Innaataalam Mallasaa gama isaaniitiin akka jedhanitti, Itiyoophiyaa keessatti qunnamtiin ogeessota damee fayyaa gidduutti taasifamu nageenya hawaasaaf murteessaadha. Ogeessonni fayyaa gumaacha mataa isaanii akka qaban eeruun, lubbuu lammii fi dhaloota hunda irratti ashaaraa akka buusan ibsuun, ogeessonni gahee hawaasa keessatti qaban hubachuun hojii komunikeeshinii isaanii sirnaan gaggeessuu irratti ciminaan hojjechuu akka qaban ibsaniiru. Jijjiiramni siyaasaa fi diinagdee Itiyoophiyaa keessatti mul’ate xiyyeeffannoo idil-addunyaa hawwachuu isaa hubachiisuun, akkasumas dameen fayyaa qunnamtii waliin walitti hidhamee lammii fayya qabeessa, oomishaa fi bu’a qabeessa ta’e uumuuf akka ta’e ibsaniiru. Hojii gaggeessaan olaanaa Ejensii Pireesii Itiyoophiyaa obbo Masaafinti Tafarraa gama isaaniitiin, waggoota darban keessa Ejensiin Pireesii Itiyoophiyaa hojiilee aadaa ijaaruu fi hawaasa barsiisuu danda’an gaggeessaa turuu ibsaniiru. Dhaabbatichi dandeettii qunnamtii uumuu fi maxxansaa bira darbee aadaa ijaaruu irratti hojii isaa cimsee itti fufeera jedhan. #ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA
Haalli rooba gannaa guyyoota 10 dhufanii maal fakkaata
Jun 12, 2026 116
Waxabajjii 5/2018(ENA)-Guyyoota kudhan itti aanan bakkeewwan rooba gannaa argatan, akkasumas kibbaa fi kibba bahaa biyyattiitti roobni xiqqaa hanga jiddugaleessaa akka eegamu inistiitiyuutiin mitiworoloojii Itiyoophiyaa beeksise. Inistiitiyuutichi ibsa ENA’f ergeen akka hubachiisetti, haalli miitiwoorooloojii roobni akka uumamu godhan keessumaa kutaalee biyyattii walakkeessa lixaarratti cimina ni qabaatu. Sababa Kanaan haalli qilleensaa jiidhaan baay’inaanis ta’e tamsaasaan guyya guyyaan kutaalee biyyattii kibba lixaa, lixaa fi Kaaba lixaatti babl’achaa ni deema jedheera. Haala Kanaan rooba xiqqaa amma jiddugaleessaa akka argatan raagni kan mul’isu yoo ta’u kutaalee biyyattii jiddu galeessa, bahaa fi kibbatti rooba xiqqaa ni argatu jedheera. Guyyoota itti aanan cimina miitiwoorooloojiirraa ka’uun biyyattii bakkeewwa rooba gannaa argatanii fi kibbaa fi kibba bahaa biyyattiitti rooba xiqqaa amma jiddu galeessaa akka argatan ibseera. Dabalataanis miitiwoorooloojii darbee darbee qaamolee bishaanii fi qilleensa naannawaa keessatti ciman irraa ka’uun kibba lixaa fi lixa biyyattii rooba cimaa ni argatu jedheera. Humna aduu olaanaan wal qabatee keessumaa aduun guyyaa kutaa biyyattii Affaar, kibba bahaa, Kaaba, lixaa fi kibba lixaa tti digirii seelshiyeesii 32 amma 41 ol akka ta’u raagni jiru akka agarsiisu eereera. Ciidhi kun qonna gannaa, bakkeewwan midhaan Arfaasaa biqilchanitti haala mijataa uuma jedheera. Guyyoota kudhan dhufan sululoota biyyattii rooba gannaa fayyadamanitti bishaan lafa gubbaa xiqqaa amma guddaatti akka argatan ni eegama jedheera. Haala Kanaan Abbayyaan, Baaroo Akooboo gara gubbaa fi jiddu galeessaa, Oomoo Gibeen, Suululli qinxaabaa gara gubbaa sululoota Gannaalee Daawwaa bakka muraasatti bishaan lafa gubbaa jiddu galeessaa amma guddaatti ni argatu jedheera. Takazeen irra caalaan, Abbayya gara gubbaa fi gara gadii bakka xiqqaatti, Hawaas gara gubbaa fi jiddu galeessaa, Oomoo Gibeen, Baaroo Akooboon, Gannaalee Daawwaan, Waabee Shabalee fi sululoonni qinxaamaa bishaa lafa gubbaa xiqqaa amma jiddugaleessaatti akka argatan ibseera.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Diinagdeen nu fayyadeera - Qonnaan Bultoota Godina Iluu Abbaa Booraa
Jun 12, 2026 130
Waxabajjii 5 /2018 (ENA): Qonnaan bultoonni Godina Iluu Abbaa Booraa Sagantaan Ashaaraa Magariisaa manca’iinsa naannoo ittisuu bira darbee dinagdeen fayyadamoo akka taanu nu taasiseera jedhani. Waajjirri Qonnaa Godina Iluu Abbaa Booraa gama isaatiin Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaatiif hojiin qophii bal’aan hojjetamaa jiraachuu beeksiseera. Akka qonnaan bultoonni Godinichaa himanitti, misoomni Ashaaraa Magariisaa waggoota darban keessatti gaggeeffame magariisummaa naannoo isaanii dabaluu qofa osoo hin taane, madda dinagdee isaaniif ta’aa jira jedhan. Qonnaan bulaan Godinichaa aanaa Hurrumuu obbo Balaachoo Alamaayyoo akka jedhanitti, Ashaaraa Magariisaa jalatti biqiltuuwwan faayidaa dachaa qabaniif xiyyeeffannoon kennameef wabii nyaataa mirkaneessuun faayidaa diinagdee isaanii akka dabalu taasiseera. Biqiltoonni firii adda addaa waggoota darban qabeenya dhuunfaa isaanii irratti dhaaban amma oomisha gaarii kan argamsiisan yoo ta’u, nyaata qofaaf osoo hin taane, madda galii dhaabbataa ta’uu ibsaniiru. Jiraataan biraa obbo Takkaallinyi Taaddagee akka himanitti, lafti isaanii garmalee miidhamee qullaatti hafee ture amma deebi’ee misooma qonnaaf kan oolu ta’uu dubbatani. Lafa dhuunfaa isaa irratti firii adda addaa misoomsuu fi gurgurtaa oomishaa irraa waggaatti hanga birrii kuma 300 argachuun jireenya isaa fooyyessuu akka danda’e himeera. Jiraattonni Godinichaa obbo Aynaalam Kidaanuu fi obbo Isaayyaas Asaffaa akka himanitti, naannoowwan manca’an akka deebi’anii fi magariisa ta’an gargaaruu bira darbee, Ashaaraan magariisaa madda galii dabalataa isaaniif ta’aa jira. Hojii kana cimsuuf yeroo ammaa boolla biqiltuu qopheessuun biqiltoota faayidaa dachaa qaban dhaabuuf karoorfachuus ibsaniiru. Hogganaan Waajjira Qonnaa Godina Iluu Abbaa Booraa obbo Addaamuu Taakkalaa akka jedhanitti, biqiltuun waggoota darban sagantichaan dhaabame hojii qonnaaf haala qilleensaa mijataa ta’e uumeera. Wabii nyaataa fi fayyadamummaa diinagdee lammiilee mirkaneessuun gumaacha guddaa taasiseera jedhan. Kanas itti fufsiisuuf qophiin duraa boolla dhaabbii fi geejjibni biqiltuu Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaatiif taasifamaa akka jirus beeksisaniiru. Hogganaan kun akka himanitti, biqiltuuwwan faayidaa adda addaa qaban miiliyoona 254 ol Godinicha keessatti dhaabuuf qophaa’uu isaanii eeruun, kanaanis lafti heektaara kuma 54 ni misoomu jedhamee eegama jedhan. #ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA
Hojiileen misooma Kooriidarii bifa magaalattii fi jireenya guyya guyyaa jiraattotaarratti jijjiirama qabatamaa fidaa jiru
Jun 12, 2026 171
Waxabajjii 5/2018(ENA)- Hojiileen misooma Kooriidarii magaalaa Finfinneetti ijaaraman magaalattii miidhagsuudhaan jireenya guyya guyyaa jiraattotaarratti jijjiirama qabatamaa fidaa akka jiran jiraattonni magaalatti ENA’f yaada kennan ibsan. Bulchiinsi magaalaa Finfinnee bifni magaalattii sadarkaa idil addunyaa kan eege, jiraattotaaf mijataa fi magaalaa ammayyaa gochuuf hojiilee misooma kooriidarii bal’aa hojjechaa jira. Jiraattota yaada kennan keessaa obbo Raggaasaa Jimaa, Kanaan dura bakkeewwan ijaaf hin tolle, bu’urri misoomaa kan hin guutamnee fi aduun dhiinaan miilaan deemuuf rakkisaa kan ture har’a ibsaa fi paarkii ammayyaatiin miidhaganii arguun boqonnaa seenaa isa guddaa ti. Misoomni kooriidarii kun haala hojii fi jireenya jiraattotaa guyya guyyaa fooyyessuusaa kan dubbatan ammoo magaalattiitti gaazexaa gurguruun kan jiraatan obbo Dabbabaa Girmaati. Bakki Kanaan dura Gaazexaan itti gurguramuu fi itti dubbifamu mijataa waan hin turreef maamiltoonni dhukkee fi aduuf saaxilamaa akka turan yaadatanii, har’a garuu bakki sadarkaasaa eeggatee fi miidhagaan hojjetamuusaa akkasumas teessoon qophaa’uunsaa namoonni dubbisan dabalaa dhufaniiru jedhan. Bu’aa guddaa misoomni kooriidarii argamsiise keessaa bifa magaalattii jijjiiruusaa fi jiraattotaaf haala mijataa uumuun isa tokko ta’uu kan dubbatan ammoo jiraataa magaalichaa obbo Akliiluu Taklatsiyoonidha. Dabalataanis obbo Kabbadaa Waaqgaarii miidhaginnnii fi mijannaan uumame hawaasni fayyaasaaf xiyyeeffannoo akka kennu karra baneera jedheera. Daandiiwwan lafoo fi bishkileetii bal’aan hojjetaman haala mijataa waan uumaniif yeroo ammaa halkanillee jiraattonni hedduun sosochii qaamaa gochaa akka jiran eeraniiru.
Riifoormiin dinagdee Gooroo Itiyoophiyaa invastimantii diyaaspooraa fi hirmaannaa daldalaa isaanii dabaluun haala mijataa uumeera
Jun 12, 2026 131
Waxabajjii 5/2018 (ENA): Riifoormiin dinagdee Gooroo biyyattii invastimantii diyaaspooraa fi hirmaannaa daldalaa guddisuun haala mijataa uumeera jedhan Daarektarri Olaanaa Tajaajila Diyaaspooraa Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Fitsum Araggaa. Jijjiirama biyyaalessaa hordofuun damee dinagdee fi faayinaansii, bulchiinsa sharafa alaa, invastimantii, haaromsa dhaabbilee fi seeraa fi imaammataa irratti haaromsi taasifameera. Ambaasaaddar Fitsum Araggaa ENAtti akka himanitti, haaromsi diinagdee Gooroo biyyattii keessatti gaggeeffame hirmaannaa invastimantii diyaaspooraa Itiyoophiyaa keessatti dabaluudhaan haala mijataa uumeera jedhan. Itti dabaluunis diyaaspooraan invastimantii, reemiitaansii fi deeggarsa hawaasummaa irratti dammaqinaan hirmaachaa jiraachuu ibsaniiru. Hojiirra oolmaan Gabaa, Maallaqa idil addunyaarratti hundaa’uun taasifamuun isaa diyaaspooraan invastimantii irratti caalaatti akka hirmaatu haala mijataa kan uume ta’uu ibsuun, qajeelfamni Firaankoo Vaalutaa hayyama sharafa alaa malee oomishaalee biyyattiif faayidaa qaban akka galfaman hayyamuun isaa hirmaannaan daldalaa diyaaspooraa akka dabalu taasisuu hubachiisaniiru. Haaromsi bulchiinsa sharafa alaa maallaqa seeraan gara Itiyoophiyaatti ergamu (remittances) haalaan akka dabalu hubachiisaniiru. Bara kana diyaaspooraan Baankota Itiyoophiyaa keessatti herrega haaraa kuma 20 ol banuun hirmaachaa jiraachuu ambaasaaddar Fitsum hubachiisaniiru. Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa fi pirojektoonni bu’uuraalee misoomaa gurguddoon biroo hojiitti galchuun diyaaspooraan invastimantii keessatti hirmaachuun haala mijataa akka uumuus hubachiisaniiru. Misoomni koridarii fi qarqara lagaa, akkasumas bakkeewwan turizimii babal’isuun diyaaspooraan biyyattii daawwachuu fi dameewwan invastimantii filannoo ta’an akka ilaalan balbala baneera jedhan. Diyaaspooraan lakkoofsi guddaan daawwannaa fi boqonnaaf gara Itiyoophiyaa kan dhufaa jiru yoo ta’u, kunis kaka’umsa misoomaa fi invastimantii biyyaalessaatiif qaban kan dabalu ta’uu Daarektarri Olaanaan kun ibsaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Milkaa'ina Marii Biyyaalessaatiif Deeggarsa taasisu cimsee itti fufa
Jun 12, 2026 448
Waxabajjii 5/2018 (ENA): Manni Maree waloo Paartilee Siyaasaa Itiyoophiyaa keessatti waliigaltee biyyaalessaa nageenyi isaa mirkanaa’e fi sirna dimokiraasii cimaa ijaaruuf murteessaa ta’e, milkaa’ina isaaf deeggarsa taasisu cimsee itti fufa jedhan walitti qabaan Mana Marichaa obbo Salamoon Ayyalaa. Komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa dhaabbata walabaa Labsii Lakk. 1265/2014’n kan hundaa’e yoo ta’u, nageenya waaraa biyyattii keessatti buusuuf hojjechaa jira. Hanga ammaatti aanaa irraa eegalee hawaasa guutuu, paartilee siyaasaa, waldaalee siivikii, hayyootaa fi qooda fudhattoota hunda hirmaachisuun hojii ijaarsa ajandaa bal’aa raawwateera. Dhaabbatichi yeroo ammaa kana ajandaawwan qindaa’an kanaan gara marsaa barbaachisaa itti aanutti ce’uuf, yeroo dhiyootti konfiraansii biyyaalessaa guddicha gaggeessuuf qophii xumuraa isaa xumuree jira. Walitti qabaan Mana Maree waloo Paartilee Siyaasaa Itiyoophiyaa obbo Solomoon Ayyalaa marii biyyaalessaa eegalame waliigaltee biyyaalessaa uumuu fi misooma mirkaneessuu keessatti gahee addaa qaba jedhan. Biyyattiin gufuuwwan jaarraa hedduuf turan irraa gara misoomaa marsaa haaraatti ce’uuf mariin biyyaalessaa murteessaa ta’uu hubachiisuun, kanaaf filannoo guddaa fi amanamaa ta’uu akeekaniiru. Manni Maree Waliinii adeemsa marii kanarratti dammaqinaan hirmaachuu bira darbee ajandaawwan biyyaalessaa paartilee siyaasaa irraa walitti qabaman marsaa lamatti Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaaf dhiyeessuu isaa himaniiru. Rakkooleen yeroo dheeraaf Itiyoophiyaanota gidduutti waliigaltee dhabuu uume, konfiraansii marii biyyaalessaa guddicha, kan yeroo dhiyootti ni gaggeeffama jedhamee eegamu irratti, dhaabbataadhaan akka furamu amantaa guutuu akka qabanis ibsaniiru. Filannoo waliigalaa bara 2018 fi milkaa’ina marii biyyaalessaa hordofuun Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa karoora addaatiin hundeeffamuu isaa kan ibsan obbo Salamoon, komishinichi itti gaafatamummaa guddaadhaan sadarkaa kanarra ga’uu isaatiif dinqisiifannaa qaban ibsaniiru. Paartileen walitti dhufeenya hojii dhiyeenyaa fi itti gaafatamummaa biyyaalessaa komishinicha waliin qaban cimsanii akka itti fufan kan akeekan yoo ta’u, yeroo murteessaa kanatti hubannoo waloo bu’uura kaa’uuf carraa ta’uu hubachiisaniiru. Akkasumas, Manni Maree Waloo adeemsa biyyaalessaa seena qabeessaa fi abdachiisaa ta’e kana dammaqinaan deeggaruun, biyyattiin siyaasa hirmaachisaa hin taane hudhee biyya qabaa kan ture irraa gara marsaa haaraa tasgabbii fi ijaarsa sirna dimokiraasiitti akka ceetuuf gumaacha taasisa jedhan. #ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA  
Pirezidaanti Taayye Atsqasillaasee Ambaasaddaroota biyyoota lamaan yeroo hojii isaanii xumuran gaggeessan
Jun 10, 2026 2729
Waxabajjii 3/2018 (ENA)- Pirezidantiin Riippabilika Dimookiraatawaa Federaala Itiyoophiyaa Taayye Atsqasillaasee, ambaasaddara Luksembargi Itiyoophiyaa turan ZyaanKiraawuzarii fi ambaasaddora Emireetota Araba Gamtoomanii Mohaammad Saaleem Alraashiidii hojii isaanii xumuran gaggeessaniiru. Hariiroon dippilomaasii firii qabeessaa fi milkaa'aan biyyoota kanneen gidduu jiru cimee akka ittifufu ibsameera. Ambaasaddarri Luksembargi Itiyoophiyaatti turan ZyaanKiraawuzari yaada isaanii ENA’f kennan, yeroo turtiisaaniitti hojiiwwan tumsa dippilomaasii biyyoota lamaanii cimsan hojjechuusaanii dubbataniiru. Hojiiwwan tumsa dinagdee Itiyoophiyaa fi Luksembarg gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf hojjetamanis milkaa'aa akka turan kaasaniiru. Kanaanis, sagantaa leenjii dandeettii ogummaawwan faayinaansii fi dinagdee gabbisu qopheessuun, biyyoota lamaan gidduutti wal-jijjiiraan muuxannoo bu'a qabeessi taasifamuu isaa ibsaniiru. Michummaan cimaan biyyoota lamaanii gara fuulduraattis dameewwan tumsa dinagdee magariisaa fi misooma faayinaansiitiin cimee akka ittifufu amantaa qaban ibsaniiru. Fooyya'iinsi dinagdee gooroo Itiyoophiyaa xiyyeeffannoo kaampaaniwwan Luksembargi hawwachuun abdii guddaa kan kennu ta'uus dubbataniiru. Kaampaaniiwwan Luksembargis adeemsa jijjiirama carraawwan gabaa fi invesitimentii Itiyoophiyaa ilaaluun hirmaannaa isaanii akka guddisan dhaamsa dabarsaniiru.
Daangaa biyya keenyaa eegsisuu cinaatti, mirga dimokiraasii keenya fayyadamuun sagalee keenya kennineerra – Miseensota Ajaja Kaaba-Bahaa
Jun 9, 2026 2383
Waxabajjii 2/2018 (ENA)- Tokkummaa fi daangaa biyya keenyaa kabachiisuu cinaatti, mirga Dimokiraasii keenyaa fayyadamuun sagalee keenya kennineerra jechuun miseensonni raayyaa ittisa biyyaa kaaba-bahaa ibsan. Akka labsii filannoo, galmeessa paartilee siyaasaa fi naamusa filannoon, namni filatu kamiyyuu naannoo jireenyaa isaa ykn naannoo dhaabbatadhaan itti hojjetutti galmaa’ee sagalee kennuu akka qabu tuma. Haa ta'u malee, sababa uumamaa fi nam-tolchee adda addaan kanneen qe'ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa'an fi miseensonni raayyaa ittisa biyyaa daangaa biyyaa kabachiisuuf daangaa biyyaa eeganii fi kaampii adda addaa keessa jiran, buufata filannoo idileetti argamuun sagalee kennuu hin dandeenye. Mirga bu’uuraa kana kabachiisuu fi hirmaachisummaa filannichaa mirkaneessuuf, Boordiin Filannoo Biyyaalessa Itiyoophiyaa qajeelfama addaa baasuun buufataalee filannoo addaa ni gurmeessa. Filannoo waliigalaa 7ffaa kanaanis, lammiilee haala addaa keessa jiran kanneen buufata daahoo keessa jiran fi kaampiiwwan ittisa biyyaa keessatti buufataalee filannoo addaa keessatti har'a gaggeeffamaa jira. Miseensonni izzii Kaaba-Bahaa yaada isaanii ENA’f kennan akka jedhanitti, raayyaan ittisa biyyaa gootummaa guddaadhaan tokkummaa fi daangaa biyya isaa kabachiisaa jira. Kanaan cinattis mirga deemokiraasii isaanii fayyadamuun paartii biyyaaf ta’a jedhaniif sagalee isaanii kennaniiru. Kanneen yaada kennan keessaa Itti-aanaan Hoogganaa Ooditii izzii Kaaba-Bahaa kumalaa Nigaatuu Kumsaa raayyaan ittisa biyyaa gootummaa olaanaan daangaa biyya isaa eegsisuu cinaatti har'a filannoo irratti hirmaachuu isaaniitiin gammachuu guddaan akka itti dhaga'ame dubbataniiru. Gara fuulduraattis filannichaan paartii mo'ate cinaa dhaabbachuun nagaa Itiyoophiyaa mirkaneessuu fi daangaa biyyaa kutannoon eegsisuu keessatti shoora keenya ni baana jedhaniiru. Shaalaqaa baashaa Abaatee Arsiinoo gama isaaniitiin; dirqama biyyaalessaa nuuf kenname ba'uu fi daangaa biyya keenyaa eegsisuuf yeroo mara qophii ta'uu isaanii ibsuun, cinaattis filannoo kanarratti hirmaachuu danda'uu isaaniitiin akka gammadaniis addeessaniiru. Filannicha irratti hirmaachuu isaaniitiin gammachuu qaban ibsuun, kunis yeroo sadaffaaf ta'uu isaa dubbataniiru. Ajaan dhibbaa Iyaasuu Cuummaa, daangaa biyya koo eegsisaa yeroo kanatti mirga dimokiraasii koo fayyadamee filachuu danda'uu kootiif gammadeera jedhaniiru. Filannoo waliigalaa 7ffaa irratti mirga dimokiraasii isaanii fayyadamuun bilisaan filachuu danda'uu kan dubbatan ammoo ajajaa kudhanii Taammanee Tashoomaa ti. Tokkummaa fi daangaa biyya koo eeggachaa, nagaa ishee kabachiisuu cinaatti filachuu danda'uu kootiif baay'een gammada jedhaniiru.
Manni maree ministirootaa wal gahii idilee 56ffaa gaggeesseen dhimmoota garagaraarratti mari’atee murtee dabarse
Jun 9, 2026 1758
Waxabajjii 2/2018(ENA)- Manni maree ministirootaa guyyaa har’aa wal gahii idilee 56ffaa gaggeesseen dhimmoota garagaraarratti mari’atee murtee dabarseera. Murteewwan wal gahii idilee 56ffaa mana maree ministirootaa – 1. Manni marichaa jalqaban hammattoo dinagdee gooroo fi fiisikaalaa bara jiddugaleessaa (2019-2023) irratti mari’ateera. Riifoormiin dinagdee gooroo guutummaan hojiira erga oolee dinagdeen Itiyoophiyaa gufuuwwan keessa jiru keessaa bahaa jiraachuu fi bu’uraaleen dinagdees cimaa dhufaniiru. Hammattoon kun bu’aalee jajjabeessoo riifoormii dinagdee Kanaan argaman caalaa cimsuu akka dandeessisuu fi dinagdee gooroo ijoo ta’anii fi Fiisikaala irratti hundaa’uun qophii bajataa mootummaa federaalaa bara bajataa 2019’f ka’umsa ta’ee akka tajaajilu qophaa’ee dhihaateera. Manni maree hammattoo kanarratti bal’inaan egra mari’atee booda hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera. 2. Xumurarrattis manni marichaa wixinee labsii bajata mootummaa federaalaa bara bajataa 2019 irratti mari’ateera. Bajanni mootummaa feeraalaa bara 2019 qaama karoora misoomaa wagga kudhanii kan ta’e galmoota karoora misoomaa fi invastimantii 2019-2021 irratti kaa’amanii fi hammattoo dinagdee gooroo fi fiisikaalaa bara jiddu galeessaa (2019-2023) bu’uureffachuun raawwii bajata sagantaa bara bajataa 2018 ka’imsa gochuun, kallattiiwwanii fi akeekama tiraanisfoormeeshinii hawaasummaa fi dinagdee akkasumas galmoota mootummaadhaan kaa’aman milkeessuuf dandeettii faayinaansii mootummaa fi sektaroonni raawwachiiftota ta’an ergamaa fi itti gaafatama kennameefiin yoo madaalamu baasii isaan barbaachisu qorachuudhaan qophaa’ee dhihaateera. Bu’uuruma kanaan, Baajanni baasiiwwan idilee, baasiiwwan kaapitaalaa, deeggarsa mootummoota naannolee fi deeggarsa raawwii galmawwan misooma fulla’aatiif oolu, Biirriin 2,339,268,126,738 (Triiliyoona lamaa fi biiliyoona dhibba sadii fi soddomii sagalii fi miliyoona dhibba lamaa fi jaatamii saddeetii, kumni dhibba tokkoo fi digdamii jaha fi dhibba torbaa fi soddomii saddeet) mana marichaatiif dhiyaateera. Manni marichaas wixinee labsii baajata mootummaa Federaalaa bara 2019 dhiyaate irratti bal’inaan erga mari’atee booda, yaada galteewwan itti dabaluun gara Mana Marii bakka bu’oota uummataatti akka darbu sagalee guutuun murteesseera.

Hawaasummaa
Birmadummaa damee fayyaa mirkaneessuun gahumsa olaanaan hoogganuuf hojiin komunikeeshinii cimuu qaba
Jun 12, 2026 168
Waxabajjii 5/2018 (ENA): Birmadummaa damee fayyaa mirkaneessuun gahumsa olaanaan hoogganuuf hojiin komunikeeshinii cimuu qaba jedhan hoggantoonni hojii mootummaa. Ministeerri Fayyaa Ejensii Pireesii Itiyoophiyaa waliin ta’uun mata duree “Komunikeeshinii bu’a qabeessa ijaarsa Sirna Fayyaa Cimaaf” jedhuun waltajjii leenjii gaggeessaa jira. Sagantaan leenjii hoggantootaa fi ogeessota komunikeeshinii Ministeera Fayyaa fi dhaabbilee dhimmi ilaallatu Akkaadaamii Gahumsa Hooggansa Afrikaatti Waxabajjii 5 hanga 7, 2018tti kan adeemsifamu ta’a. Waltajjicharratti Ministirri Ministeera Fayyaa Doktar Maqdas Dhaabaa, Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Innaataalam Mallasaa, Hogganaa Damee Hariiroo Hawaasaa fi Idil Addunyaa Paartii Badhaadhinaa Dr. Biqilaa Hurrisaa, Ministiroonni Mootummaa, hoggantoota dhaabbilee itti gaafatamummaa Ministeera Fayyaa fi qondaaltonni hariiroo hawaasaa argamaniiru.   Ministirri Ministeera Fayyaa Doktar Maqdas Dhaabaa akka ibsanitti, Walqunnamtiin milkaa’aan mallattoo geggeessaa bu’a qabeessa ta’eedha jedhani. Ji’oo-siyaasaa fi sirna ikoo fayyaa jijjiiramaa jiru ilaalcha keessa galchuun qunnamtii cimsuun barbaachisaa ta’uu eeruun, keessumattuu birmadummaan damee fayyaa mirkanaa’uu qaba jedhaniiru.   Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Innaataalam Mallasaa gama isaaniitiin akka jedhanitti, Itiyoophiyaa keessatti qunnamtiin ogeessota damee fayyaa gidduutti taasifamu nageenya hawaasaaf murteessaadha. Ogeessonni fayyaa gumaacha mataa isaanii akka qaban eeruun, lubbuu lammii fi dhaloota hunda irratti ashaaraa akka buusan ibsuun, ogeessonni gahee hawaasa keessatti qaban hubachuun hojii komunikeeshinii isaanii sirnaan gaggeessuu irratti ciminaan hojjechuu akka qaban ibsaniiru. Jijjiiramni siyaasaa fi diinagdee Itiyoophiyaa keessatti mul’ate xiyyeeffannoo idil-addunyaa hawwachuu isaa hubachiisuun, akkasumas dameen fayyaa qunnamtii waliin walitti hidhamee lammii fayya qabeessa, oomishaa fi bu’a qabeessa ta’e uumuuf akka ta’e ibsaniiru. Hojii gaggeessaan olaanaa Ejensii Pireesii Itiyoophiyaa obbo Masaafinti Tafarraa gama isaaniitiin, waggoota darban keessa Ejensiin Pireesii Itiyoophiyaa hojiilee aadaa ijaaruu fi hawaasa barsiisuu danda’an gaggeessaa turuu ibsaniiru. Dhaabbatichi dandeettii qunnamtii uumuu fi maxxansaa bira darbee aadaa ijaaruu irratti hojii isaa cimsee itti fufeera jedhan. #ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA
Naannoo Oromiyaa Godinaalee Jimmaa fi Wallagga Lixaatti qophiin tajaajila tola ooltummaa ganna dhufuu taasifamaa jira
Jun 12, 2026 234
Waxabajjii 5/2018 (ENA)-Naannoo Oromiyaa Godinaalee Jimmaa fi Wallagga Lixaatti tajaajila tola ooltummaa ganna dhufu raawwatamuuf qophiin taasifamaa jiraachuu hoggantoonni hojii godinaalee ibsan. Godina Jimmaatti tajaajila tola ooltummaa ganna kanaan dargaggoota hedduu hirmaachisuuf qophiin duraa xumuramuu Waajjirri Dargaggootaa fi Ispoortii godinichaa beeksiseera. Itti gaafatamaan waajjirichaa Obbo Nagumaa Mokonnin akka jedhanitti, kanaan dura godinichatti tajaajiloonni tola ooltummaa raawwataman bu'aa gaarii fiduu isaanii fi hubannoon dargaggootaa guddachaa dhufuun isaa hirmaannaa kanaaf kaka'umsa ta'eera. Dargaggoonni tola ooltotaa qonnaan bultoota hojii qonnaan gargaaruu, dhiiga arjoomuu, manneen warra harka qal’eeyyii suphuu fi ijaaruu dabalatee hojiiwwan misoomaa gosa 41 irratti akka hirmaatan ibsaniiru. Hojiiwwan tola-ooltummaas kutaalee hawaasaa adda addaa deeggarsa barbaadan fayyadamoo akka taasisu ibsaniiru. Manneen lammiilee harka qal’eeyyii kuma 3 fi 500 ta'an adda baasuun hojiin suphaa akka hojjetamu eeruun, tajaajilli tolaoolummaa gannaa jireenya lammiilee haala rakkisaa keessa jiran fooyyessuuf gargaaraa jira jedhaniiru. Haaluma walfakkaatuun, naannicha Godina Wallagga Lixaa keessatti tajaajila tola ooltummaa gannaan ijaarsii fi suphaan manneen lammiilee harka qal’eeyyii kuma 8 ol akka gaggeeffamu ibsameera . Itti gaafatamtuun Waajjira Dhimma Dubartootaa fi Daa’imman godinichaa Aadde Almaaz Mokonnin akka jedhanitti, tola ooltota qindeessuun hojiin hojjetamaa jiru rakkoolee hawaasummaa lammiilee hedduu hiikaa jira. Kanaanis, tajaajila tola-ooltummaa ganna kanaan tola ooltota hirmaachisuun, hojiin ijaarsa fi suphaa manneen haaraa 8,693 lammiilee harka qqal’eeyyii kuma 43 ol fayyadamaa kan taasisan akka raawwatamu ibsaniiru. Milkaa'ina hojichaafis tola ooltotaaf waltajjiin hubannoo uumuu fi sosochii akka qophaa'u eeraniiru.
Diinagdee
Hojiileen misooma Kooriidarii bifa magaalattii fi jireenya guyya guyyaa jiraattotaarratti jijjiirama qabatamaa fidaa jiru
Jun 12, 2026 171
Waxabajjii 5/2018(ENA)- Hojiileen misooma Kooriidarii magaalaa Finfinneetti ijaaraman magaalattii miidhagsuudhaan jireenya guyya guyyaa jiraattotaarratti jijjiirama qabatamaa fidaa akka jiran jiraattonni magaalatti ENA’f yaada kennan ibsan. Bulchiinsi magaalaa Finfinnee bifni magaalattii sadarkaa idil addunyaa kan eege, jiraattotaaf mijataa fi magaalaa ammayyaa gochuuf hojiilee misooma kooriidarii bal’aa hojjechaa jira. Jiraattota yaada kennan keessaa obbo Raggaasaa Jimaa, Kanaan dura bakkeewwan ijaaf hin tolle, bu’urri misoomaa kan hin guutamnee fi aduun dhiinaan miilaan deemuuf rakkisaa kan ture har’a ibsaa fi paarkii ammayyaatiin miidhaganii arguun boqonnaa seenaa isa guddaa ti. Misoomni kooriidarii kun haala hojii fi jireenya jiraattotaa guyya guyyaa fooyyessuusaa kan dubbatan ammoo magaalattiitti gaazexaa gurguruun kan jiraatan obbo Dabbabaa Girmaati. Bakki Kanaan dura Gaazexaan itti gurguramuu fi itti dubbifamu mijataa waan hin turreef maamiltoonni dhukkee fi aduuf saaxilamaa akka turan yaadatanii, har’a garuu bakki sadarkaasaa eeggatee fi miidhagaan hojjetamuusaa akkasumas teessoon qophaa’uunsaa namoonni dubbisan dabalaa dhufaniiru jedhan. Bu’aa guddaa misoomni kooriidarii argamsiise keessaa bifa magaalattii jijjiiruusaa fi jiraattotaaf haala mijataa uumuun isa tokko ta’uu kan dubbatan ammoo jiraataa magaalichaa obbo Akliiluu Taklatsiyoonidha. Dabalataanis obbo Kabbadaa Waaqgaarii miidhaginnnii fi mijannaan uumame hawaasni fayyaasaaf xiyyeeffannoo akka kennu karra baneera jedheera. Daandiiwwan lafoo fi bishkileetii bal’aan hojjetaman haala mijataa waan uumaniif yeroo ammaa halkanillee jiraattonni hedduun sosochii qaamaa gochaa akka jiran eeraniiru.
Riifoormiin dinagdee Gooroo Itiyoophiyaa invastimantii diyaaspooraa fi hirmaannaa daldalaa isaanii dabaluun haala mijataa uumeera
Jun 12, 2026 131
Waxabajjii 5/2018 (ENA): Riifoormiin dinagdee Gooroo biyyattii invastimantii diyaaspooraa fi hirmaannaa daldalaa guddisuun haala mijataa uumeera jedhan Daarektarri Olaanaa Tajaajila Diyaaspooraa Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Fitsum Araggaa. Jijjiirama biyyaalessaa hordofuun damee dinagdee fi faayinaansii, bulchiinsa sharafa alaa, invastimantii, haaromsa dhaabbilee fi seeraa fi imaammataa irratti haaromsi taasifameera. Ambaasaaddar Fitsum Araggaa ENAtti akka himanitti, haaromsi diinagdee Gooroo biyyattii keessatti gaggeeffame hirmaannaa invastimantii diyaaspooraa Itiyoophiyaa keessatti dabaluudhaan haala mijataa uumeera jedhan. Itti dabaluunis diyaaspooraan invastimantii, reemiitaansii fi deeggarsa hawaasummaa irratti dammaqinaan hirmaachaa jiraachuu ibsaniiru. Hojiirra oolmaan Gabaa, Maallaqa idil addunyaarratti hundaa’uun taasifamuun isaa diyaaspooraan invastimantii irratti caalaatti akka hirmaatu haala mijataa kan uume ta’uu ibsuun, qajeelfamni Firaankoo Vaalutaa hayyama sharafa alaa malee oomishaalee biyyattiif faayidaa qaban akka galfaman hayyamuun isaa hirmaannaan daldalaa diyaaspooraa akka dabalu taasisuu hubachiisaniiru. Haaromsi bulchiinsa sharafa alaa maallaqa seeraan gara Itiyoophiyaatti ergamu (remittances) haalaan akka dabalu hubachiisaniiru. Bara kana diyaaspooraan Baankota Itiyoophiyaa keessatti herrega haaraa kuma 20 ol banuun hirmaachaa jiraachuu ambaasaaddar Fitsum hubachiisaniiru. Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa fi pirojektoonni bu’uuraalee misoomaa gurguddoon biroo hojiitti galchuun diyaaspooraan invastimantii keessatti hirmaachuun haala mijataa akka uumuus hubachiisaniiru. Misoomni koridarii fi qarqara lagaa, akkasumas bakkeewwan turizimii babal’isuun diyaaspooraan biyyattii daawwachuu fi dameewwan invastimantii filannoo ta’an akka ilaalan balbala baneera jedhan. Diyaaspooraan lakkoofsi guddaan daawwannaa fi boqonnaaf gara Itiyoophiyaa kan dhufaa jiru yoo ta’u, kunis kaka’umsa misoomaa fi invastimantii biyyaalessaatiif qaban kan dabalu ta’uu Daarektarri Olaanaan kun ibsaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA
Bulchiinsa Dirree Dhawaa waggoota shanan darban kanatti tattaaffiin carraa hojii uumuu babal’isuuf taasifame bu’aa qabeessa dha
Jun 12, 2026 239
Waxabajjii 5/2018 (ENA): Bulchiinsa Dirree Dhawaa waggoota shanan darban kanatti tattaaffiin carraa hojii uumuu babal’isuuf taasifame bu’aa qabeessa dha ta’uu kantiibaan Bulchiinsa magaalichaa obbo Kadir Juhaar ibsani. Biiroon Hojii fi Ogummaa Bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa walga'ii Mana Maree Hojii Uumuu isaa gaggeessaa jira.   Baniinsa walgahii kanaa irratti Dura Taa’aan Mana Marichaa kantiibaan magaalaa Dirree Dhawaa obbo Kadir Juhaar akka himanitti, Bara kana dabalatee waggoota shanan darban keessatti carraa hojii babal’isuuf bulchiinsa magaalichaa keessatti hojiileen hojjetaman bu’a qabeessa dha jedhani. Keessattuu, biyya alaa fi biyya keessaan namoota kuma 71 ol ta’aniif carraan hojii dhaabbataa uumamuu akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Hojiiwwan jajjabeessaa kana itti fufsiisuuf Manni Marichaa itti gaafatamummaa guddaa akka qabu eeruun, keessattuu muuxannoo waggoota darbanii irraa fayyadamuun bu’aa fooyya’aa galmaan ga’uuf ciminaan kan hojjatu ta’uu ibsaniiru.   Hogganaan Biiroo Hojii fi Ogummaa bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa Roobeel Geetachoo akka himanitti, lammiileen carraan hojii isaaniif uumameef fedhii guyyaa guyyaa isaanii irra darbee qabeenya horachuun namoota biroof carraa hojii uumuu danda’aniiru jedhani. Carraa hojii uumameen fi leenjii ogummaa irratti hundaa’e kennamaa jiruun dargaggoonni damee tajaajilaa, industirii fi qonnaa irratti bobba’an damee hojii kamiinuu gahumsaa fi dorgomtummaa isaanii mirkaneessaa jiraachuu ibsaniiru. Walgahichi gara fuulduraattis hojiiwwan kunneen itti fufsiisuuf karaa mijataa kan uumu ta’uus ibsaniiru.   Daarektarri Tajaajila Hojii Uumuu fi Dhaabbata giddugala tokkoo Biiroo kanaa obbo Sa’iid Aliis bara bajataa kana keessa ji’oota 11 qofa keessatti dargaggoota hojii dhabeeyyii gara kuma 19 ta’aniif carraan hojii dhaabbataa bulchiinsa kana keessatti uumamuu isaa ibsaniiru. Itti dabaluunis damee qonnaa, industirii fi tajaajila irratti carraan hojii uumamuusaa ibsaniiru. Kana malees, intarpiraayizoota magaalicha keessatti socho’an kuma 3 ol ta’aniif walitti hidhamiinsa gabaa birrii miiliyoona 125 ol ta’u, akkasumas liqii kennuu, iddoo mijeessuu fi deeggarsa leenjii kennuu imala isaanii gara damee omishaatti milkeessuuf taasifamaa jira jedhan. Manni Maree Hojii Uumuu Biiroo Hojii Bulchiinsa Dirree Dhawaa waggaatti al lama walga’ii isaa kan gaggeessu gabaasa raawwii karoora carraa hojii uumuu biiroo fi dhaabbileen miseensa mana maree bara bajataa kana keessatti raawwataman dhaggeeffachaa jira. #ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA
Naannoo Oromiyaatti ganna dhufu lafa heektara kuma 16 ol irratti biqiltuun avokaadoo kilaasteraan ni dhaabbata
Jun 12, 2026 238
Waxabajjii 5/2018 (ENA)-Naannoo Oromiyaatti ganna dhufu lafa heektara kuma 16 ol irratti biqiltuuwwan avokaadoo sanyii isaanii fooyya’an kilaastaraan akka dhaabbatan Biroon Qonnaa Naannichaa beeksise. Biriichatti Daayrektarri Misoomsa fuduraalee Chaalachaw Addunyaa ENA’f akka ibsanitti; naannichatti barana misooma muduraaf xiyyeeffannoon addaa kennamuun hojiiwwan garaa garaa hojjetamaa jiru. Keessattuu wabii nyaataa mirkaneessuu bira darbee, gosa muduraalee galii sharafa alaa guddisuuf kan dandeessisan xiyyeeffannoon kennameera jedhan. Ganna dhufuuf sanyiiwwan muduraalee dhukkuba dandamachuu danda’an, yeroo gabaabaa keessatti omisha guddaa kennanii fi fooyya’an baay’inaa fi gosaan qophaawuu isaanii ibsaniiru. Avokaadoon alatti gosa muduraalee akka muzii, paappaayaa, maangoo, Burtukaana, appilii, ananaasii fi loomii kanneen biroos akka dhaabbatan eeranii, iddoowwan biqiltuun itti dhaabbatu adda baasuu fi qopheessuun xumurameera jedhan. Walumaagalatti biqiltuuwwan muduraa dhaabuuf qophaa’an miliyoona 500 ol keessaa miliyoonni 20 biqiltuu avokaadoo ta’uu ibsaniiru. Qonaan bultoota damee kanaan bobba’an kilaastaraan ijaaruu, hojii misoomaa kanaan walqabatee lafa adda baasuu, boolla qopheessuu fi akkaataa dhaabbii irratti leenjiin hubannoo uumuu itti fufuus kaasaniiru. Naannichatti yeroo ammaa kanatti naannoo rooba arfaasaa qabanitti hojiin biqiltuu dhaabuu dursamee eegalamuu isaas ibsaniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Haalli rooba gannaa guyyoota 10 dhufanii maal fakkaata
Jun 12, 2026 116
Waxabajjii 5/2018(ENA)-Guyyoota kudhan itti aanan bakkeewwan rooba gannaa argatan, akkasumas kibbaa fi kibba bahaa biyyattiitti roobni xiqqaa hanga jiddugaleessaa akka eegamu inistiitiyuutiin mitiworoloojii Itiyoophiyaa beeksise. Inistiitiyuutichi ibsa ENA’f ergeen akka hubachiisetti, haalli miitiwoorooloojii roobni akka uumamu godhan keessumaa kutaalee biyyattii walakkeessa lixaarratti cimina ni qabaatu. Sababa Kanaan haalli qilleensaa jiidhaan baay’inaanis ta’e tamsaasaan guyya guyyaan kutaalee biyyattii kibba lixaa, lixaa fi Kaaba lixaatti babl’achaa ni deema jedheera. Haala Kanaan rooba xiqqaa amma jiddugaleessaa akka argatan raagni kan mul’isu yoo ta’u kutaalee biyyattii jiddu galeessa, bahaa fi kibbatti rooba xiqqaa ni argatu jedheera. Guyyoota itti aanan cimina miitiwoorooloojiirraa ka’uun biyyattii bakkeewwa rooba gannaa argatanii fi kibbaa fi kibba bahaa biyyattiitti rooba xiqqaa amma jiddu galeessaa akka argatan ibseera. Dabalataanis miitiwoorooloojii darbee darbee qaamolee bishaanii fi qilleensa naannawaa keessatti ciman irraa ka’uun kibba lixaa fi lixa biyyattii rooba cimaa ni argatu jedheera. Humna aduu olaanaan wal qabatee keessumaa aduun guyyaa kutaa biyyattii Affaar, kibba bahaa, Kaaba, lixaa fi kibba lixaa tti digirii seelshiyeesii 32 amma 41 ol akka ta’u raagni jiru akka agarsiisu eereera. Ciidhi kun qonna gannaa, bakkeewwan midhaan Arfaasaa biqilchanitti haala mijataa uuma jedheera. Guyyoota kudhan dhufan sululoota biyyattii rooba gannaa fayyadamanitti bishaan lafa gubbaa xiqqaa amma guddaatti akka argatan ni eegama jedheera. Haala Kanaan Abbayyaan, Baaroo Akooboo gara gubbaa fi jiddu galeessaa, Oomoo Gibeen, Suululli qinxaabaa gara gubbaa sululoota Gannaalee Daawwaa bakka muraasatti bishaan lafa gubbaa jiddu galeessaa amma guddaatti ni argatu jedheera. Takazeen irra caalaan, Abbayya gara gubbaa fi gara gadii bakka xiqqaatti, Hawaas gara gubbaa fi jiddu galeessaa, Oomoo Gibeen, Baaroo Akooboon, Gannaalee Daawwaan, Waabee Shabalee fi sululoonni qinxaamaa bishaa lafa gubbaa xiqqaa amma jiddugaleessaatti akka argatan ibseera.
Kenninsa Tajaajila Geejjibaa Naannichaa Mijataa gochuuf hojii tajaajila diijitaalaa babal’isuurratti irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jira
Jun 12, 2026 178
Waxabajjii5/2018(ENA) - Naannoo Oromiyaatti tajaajila kenniinsa geejjibaa mijataa fi dhaqqabamaa gochuuf babal'ina tajaajila diijitaalaa irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Ejensiin Geejjibaa Naannichaa ibse. Ejansichatti Daarektarri Tajaajila Geejjiba Ummataa Obbo Musbaahuddiin Abdulmajiid ENA'f akka ibsanitti; kenniinsa tajaajila geejjibaa mijataa fi dhaqqabamaa gochuuf hojiiwwan babal'isa tajaajila diijitaalaa irratti xiyyeeffannoo kennamee hojjetamaa jira. Haaluma kanaan, bara baajataa Kanaan hanga taarifaa, fageenya daandiiwwan uwwifamanii fi iddoowwan ka'umsaa fi ga'umsa geejjibaa ifatti akka beekaman taasifameera jedhan. Konkolaachistootaa fi gargaartonnis hojimaata kana akka hordofan gochuu bira darbee, konkolaattonni sarara ramaddii isaaniif hayyamame qofaan akka hojjetan, booloo fi inshuraansii qaama sadaffaa maxxansuu isaanii mirkaneessuu, akkasumas sirnoonni to'annoo dandeettii teeknikaa fi hayyama ramaddii akka ciman ibsaniiru. Kana malees, imalawwan fageenya walfakkaataa qaban kaffaltii taarifa walfakkaataa akka qabaatanii fi konkolaattonni ramaddii ji'aa isaanii sirnaan akka raawwatan sirni ramaddii diijitaalaa diriirfamuu isaa dubbataniiru. Keessattuu, dhiyeessii fi fedhii geejjiba uummataa walitti fiduuf akkasumas tajaajilicha ammayyeessuuf misoomni buufata konkolaataa ammayyaa’aa fi qinda’aan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Jimma, Naqamtee, Walisoo, Roobee fi Shaashamannee dabalatee magaalaalee naannichaa 17 keessatti ijaarsi buufataalee konkolaataa ammayyaa sadarkaa isaanii eeggatanii xumuramee tajaajilaaf banaa ta'uu isaanii hubachiisaniiru. Buufataleen kunneen tajaajila hojimaata badaarraa qulqulluu kan ta'e akka kennaniif, to'annoo fi hordoffiin kallattii kaameraa Siisiitiivii (CCTV) tiin deeggarame wiirtuu guddaa ejensichaa irraa taasifamaa jira jedhaniiru. Dabalataan, magaalaalee Bulee Horaa fi Asallaa dabalatee ijaarsi buufataalee ammayyaa haaraa afurii gaggeeffamaa akka jiru akeekaniiru. Walii galaan, godinaalee naannichaa hundaa fi magaalaalee gurguddoo 23 keessatti buufatalee geejjiba ummataa 380 ol ta'an irratti sirni to'annoo diijitaalaa diriireera jedhaniiru. Konkolaachistoonni adabbiin irratti jiru bakka jiran irraa bilbila harkaa isaaniitiin kaffaltii raawwachuu srni dandeessisus diriiruu isaa dabalanii ibsaniiru. Ejansichi bara baajataa itti aanutti tajaajilicha caalaatti ammayyeessuu fi dhaqqabamaa gochuuf karroorsee hojjechaa jiraachuu kan ibsan Obbo Musbaahuddiin; hojimaata tajaajilamtoonni karaa Telebirriitiin bakka jiranirraa bilbilaan belleettoo imalaa konkolaataa barbaadanii kutachuu kan danda'an hojiirra oolchuuf hojjetamaa akka jiru beeksisaniiru.      
Ergaa Ministira Muummee  Doktar Abiyyi  Ahimad
Jun 11, 2026 629
Jaallatamtoota Hawaasa Itiyoophiyaatiif, baga milkaa’ina sagantaa Koodaroota Miliyoona 5tiif baga gammaddan! Galma waggaa sadii keessatti milkeessuuf karoorfame waggaa lamaa gadi keessatti milkeessuun danda'ameera. Sagantaan Koodaroota Itiyoophiyaa Miliyoona 5 Adoolessa 16 bara 2016 erga eegalee kaasee pirogiraamii kompiitaraa (Computer Programming), xiinxala ragaa (Data Analysis), misooma sooftiweerii Andirooyidii (Android Software Development) fi barumsa bu'uuraa beekumsa hubannaa nam-tolchee (Artificial Intelligence)tiin leenji'uuf Namoonni 5,005,146 galmaa’anii, isaan keessaa miiliyoona 3 ol kan ta'an leenjicha xumuraniiru. Milkaa'inni kun kutannoo fi dandeettii uummata keenyaa daangaa hin qabne kan mirkaneessudha. Boqonnaan seenaa addunyaa dijiitaalaa keessatti of ijaaruuf jalqabne kun, dhuma imala keenyaa utuu hin taane, mul’ata biyyaalessa keenya caalaatti ittiin ariifachiifnudha. Hanga Hagayya bara 2018tti lakkoofsa leenjifamtootaa miliyoona 7 geessisuuf galma qabame milkeessuuf, Itiyoophiyaan dabalataan hundi ergama biyyaalessa kanaa akka ta'u waamicha koo nan dabarsa. Dargaggootaa fi barattoota keenyaaf yeroon Gannaa dhuftu kun carraa guddaadha. Yeroo keessan akkasumatti gubuu irraa of qusachuun, galmaahuu fi barachuun yeroo gara mana barumsaa keessaniitti deebitan barattoota qofa utuu hin taane, geggeessitoota dijiitaalaa sadarkaa addunyaatti beekamtii qaban akka taatan nan dhaama. Leenjichi guutummaatti bilisaan kan kennamu yoo ta'u, waraqaan ragaa (certificate) kennamus sadarkaa addunyaatti beekamtii kan qabudha. Egereen isin ijaartan har'a eegala! ‎Galmaa’uuf liinkii gadii tuqaa!
Tajaajilli wiirtuu tokkoo Addis Masoob tajaajilamtoota kuma 230 ol keessummeessuu danda’eera
Jun 10, 2026 732
Waxabajjii 3/2018 (ENA)- Hojiin tajaajila dijiitaalaa mootummaa tajaajila wiirtuu tokkoo Addis Masoob erga eegalee yeroo gabaabaa keessatti namoota kuma 230 ol keessummeessuusaa waajjirri kantiibaa beeksise. Gidduugalichi itti quufinsa maamilaa dhibbentaa 99 galmeessuusaa beeksiseera. Kenninsa tajaajilaa magaalaa Finfinnee ammayyeessuu fi tajaajila mootummaa dijitaalaa wiirtuu tokkoof haala mijataa uumuuf kan eegalame pirojektiin tajaajila wiirtuu haaraan Addis Masoob kun milkaa’ina guddaa galmeessisaa jiraachuu eeraniiru. Hanga Waxabajjii 30 bara 2018 giddugalaawwan 11 banuuf karoorfamee hojjetamaa kan jiru yoo ta'u, hanga Caamsaa 30 bara 2018tti saglan isaanii guutummaatti tajaajila eegalaniiru. Isaanis: Araadaa, Boolee, Lidataa, Qirqoos, Addis Katamaa, Gullallee, Nifaas Silk Laaftoo, Kolfee Qaraaniyoo fi Ekkaan guutummaa guutuutti hojiitti galaniiru. Hojii-geessisaan Olaanaan tajaajila dijitaalaa giddugala tokkoo "Addis Masoob" Injiinar Dassaalenyi Tarrafaa akka ibsanitti, giddugalaawwan hafan kanneen akka Aqaaqii fi Lammii Kurraa raawwiin ijaarsa isaanii dhibbantaa 99 tuqaa 5 ol waan ta'eef, guyyoota dhiyoo keessatti eebbifamanii tajaajila akka eegalan qophiin xumurameera. Milkaa'inni kun kan argame deeggarsa addaa bulchiinsa magaalichaan qacarrii ogeessotaa, leenjii fi meeshaaleen bu'uuraa dursanii guutamuu isaaniitiin akka ta'e Injinar Dassaalenyi dabalanii ibsaniiru
Ispoortii
Poolisiin Finfinnee hojii nageenya kabachiisuun alatti isportesitoota kabaja biyyaa olkaasan horachaa jira
Jun 12, 2026 149
Waxabajjii 5/2018 (ENA) – Qajeelchi walii galaa olaanaan Poolisii Magaalaa Finfinnee hojii nageenya kabachiisuu itti kennameen alatti, isportessitoota kabaja biyyaa addunyaarratti ol kaasan horachaa jiraachuu Ajajaan Qajeelchichaa Letanal Jeneraal Asiraat Deeneeroo ibsan. Qajeelchi walii galaa olaanaan Poolisii Finfinnee ispoortessitoota miseensa poolisii bara 2018tti qabxii olaanaa galmeessisaniif guddina sadarkaa, badhaasa maallaqaa, akkasumas sagantaa beekamtii fi galateeffannaa qopheessee jira. Ajajaan qajeelcha walii galaa olaanaan Poolisii Finfinnee Letanal Jeneraal Asraat wayita sana akka jedhanitti, Adeemsi Filannoo Waliigalaa Biyyaalessaa 7ffaan guutummaatti nagaa fi tasgabbaa'aa ta'ee akka xumuramuuf poolisiin gahee murteessaa bahateera. Kanaafis miseensota poolisii magaalattii hundaaf galata guddaa dhiyeessaniiru. Poolisiin Finfinnee hojii nageenya eeguu dabalataan, isportessitoota kabaja biyyaa dirree ispoortii addunyaarratti ol kaasan horachaa jiraachuu isaas dubbataniiru. Ispoortessitoonni dhaabbaticha keessaa bahan dorgommiiwwan ardii fi addunyaarratti injifannoo argachuun medaaliyaa hedduu galmeessisuun kabajni biyyaa addunyaa irratti akka calaqqisu gochuu isaanii ibsaniiru. Milkaa'inni jajjabeessaan kun argamuu kan danda'e isportessitoota bakka bu'an horachuuf xiyyeeffannoo guddaan hojjetamuu isaatiin ta'uu dubbataniiru. Sagantaan beekamtii taasifame kun isportessitoota injifatan jajjabeessuuf kan kaayyeffate yoo ta'u, gara fuulduraattis dhaabbileen poolisii madda isportesitoota bakka bu'anii akka ta'an xiyyeeffannoon akka hojjetamu mirkaneessaniiru. Isportessitoonni guddina sadarkaa fi badhaasa argatan gamasaniitiin akka jedhanitti, badhaasni kun hojiiwwan keenya darbaniif beekamtii kennuu bira darbee, gara fuulduraatti cimnee hojechuun biyyaa fi kilaba keenya bu'aa caaluun waamsisuuf haamlee nutti uumeera jedhaniiru.
Istaadiyeemiiwwan Waancaa addunyaa keessummeessan 16'n
Jun 11, 2026 1186
Waancaa addunyaa Fiifaan 23ffaa Ameerikaa, Meeksikoo fi Kaanaadaan wal ta’uun kan qopheessan har’a ifatti eegalama. Dorgommiin kun seenaa keessatti yeroo jalqabaaf biyyoota hirmaatan 32 irraa gara 48tti kan guddisudha. Istaadiyeemota tapha kana keessummeessuuf filataman- Istaadiyeemota Ameerikaa keessatti argaman 1. Istaadiyeemii Meetlaayif (Niwuyoork/Niwujeersii), daawwattoota 82,500, tapha 8 keessummeessa. 2. Istaadiyeemii Etii Endi Tii (Daalaas,Teeksaas), daawwattoota 94,300 keessummeessa, hunda caalaa isa guddaadha, taphoota9 keessummeessa.   3. Istaadiyeemii Soofii (Loos Anjalas, Kaaliifoorniyaa) daawwattoota 70240 qabata, taphoota saddet keessummeessa. 4. Istaadiyeemii Mersadiis Beenzi (Atilaantaa, Joorjiyaa), daawwattoota 71,000 qabata, taphoota 8 keessummeessa. 5. Istaadiyeemii haardi rook (Miiyaamii, Filooriidaa),daawwattoota 64,767qabata, taphoota 7 keessummeessa. 6. Istaadiyeemii Arowu heed (Kansaas Siitii, Miizuurii) dawwattoota 76,416 qabata,taphoota 6 keessummeessa. 7. Istaadiyeemii Enerjii(Hiiwusten, Teeksaas),daawwattoota 72.220 qabata, taphoota 7 keessummeessa. 8. Istaadiyeemii Jiileet (Boostan,Masachuseetis), daawwattoota 65,878 qabata, taphoota 7keessummeessa. 9 Istaadiyeemii Liinkan Faayinaanshaal Fiildi(Fiilaadelfiyaa, Pensilveeniyaa), daawwattoota 67,594 qabata, taphoota 6 keessummeessa. 10. Istaadiyeemii Luman Fiildi(Siiyaatil, Waashiingitan) 11. 11. Istaadiyeemii Leeviis (Saan Firaansiiskoo,Kaaliifoorniyaa), daawwattoota 68,500qabata, taphoota 6 keessummeessa. Istaadiyeemota Meeksikootti argaman 12. staadiyeemii Azetekaa (Meeksikoo Siitii)daawwattoota 87,523 qabata, taphoota shan keessummeessa. 13. Istaadiyeemii BIBIVIE(Montereeyi), daawwattoota 53,500 qabata, taphoota 4 keessummeessa. 14. Istaadiyeemii Akiroon (Guaadlahaaraa),daawwattoota 48,071 qabata, taphoota 4 keessummeessa. Istaadiyeemota Kaanaadaatti argaman 15. Istaadiyeemii Biisii Pilees (Vaankuveer), daawwattoota 54,500 qabata, taphoota 7 keessummeessa 16. Istaadiyeemii Tooroontoo (Tooroontoo), daawwattoota 45,000qabata, taphoota 6 keessummeessa. Walumaa gala taphoota 104 keessaa Ameerikaan 78, Meeksiikoo fi Kaanaadaan haala wal fakkaataan tapha 13 keessummeessu. kaataan tapha 13 keessummeessu.    
Waancaa Addunyaa bara kanaa yeroo jalqabaatiif biyyoonni 48 ni hirmaatu
Jun 11, 2026 450
Waxabajjii 4/2018 (ENA): Waancaa Addunyaa 23ffaan Ameerikaa, Kaanaadaa fi Meeksikoo waliin qopheessan har’a ni eegala. Dorgommiin lakkoofsi biyyoota hirmaatan gara 48tti ol guddate seenaa kubbaa miilaa waancaa addunyaa keessatti isa guddaa ta’e kun walumaa galatti taphoota 104 ni keessummeessa. Taphi baniinsaa waancaa addunyaa Meeksikoo Istaadiyeemii Azetekaatti kan daawwattoota kuma 80 keessummeessuu danda'utti halkan keessaa sa’aatii 4:00 irratti Meeksikoo fi Afriikaan Kibbaan ni gaggeeffama. Biyyoonni lamaan tapha baniinsaa waancaa addunyaa 19ffaa bara 2010 Afriikaa Kibbaatti gaggeeffameen haaluma wal fakkaatuun wal quunnamanii turani. Wayita sana taphichi galchii tokko tokkoon qixaan xumurame. Siwiippee Shabalaalaan Afriikaa Kibbaaf yoo galchu, Raafaa’el Maarquweez immoo Meeksikoof galchii kan lakkoofsise ture. Taphi har'aa yeroo seena qabeessa sana irra deebiin kan agarsiisu yoo ta'u, gammachuu guddaa uumeera. Meeksikoon taphoota michoomaa sadan waancaa addunyaatiin alatti taphatte keessaa lama yoo injifattu, Afrikaan Kibbaa ammoo yeroo tokko qofa injifatteetti. Meeksikoon dirree ishee irratti waan taphattuuf carraa injifachuu qabdi jedhamee yoo eegamu, kuni Afriikaa Kibbaaf immoo qormaata cimaa ta’a jedhamee eegama. Taphni garee kanaa inni lammaffaan Istaadiyeemii ammayyaa Akroon Meeksikoo Guwaadaalahaaraatti Rippabiliika Kooriyaa fi Rippabiliika Cheek gidduutti galgala sa'aatii 11 irratti taphatama. Biyyoonni lamaan waancaa addunyaa irratti yeroo wal argan kun isa jalqabaati. Kanaan dura taphoota michoomaa irratti yeroo sadii wal arganii yeroo tokko injifachuun tapha tokko qixa ba'aniiru. Xiinxaltoonni ispoortii biyyoota lamaaniif carraa walitti dhiyoo injifannoof kennaniiru. Seenaa waancaa addunyaa keessatti yeroo jalqabaaf biyya keessummeessituutti sirni baniinsaa adda addaa sadii kan gaggeeffamu yoo ta'u, sirni jalqabaa tapha jalqabuu daqiiqaa 90 dura kan raawwatamu ta'a. Guyyoota dhufan keessattis sirni baniinsaa Toroontoo, Kaanaadaa fi Los Anjeelees keessatti ni gaggeeffama. Sirna baniinsaa kana irratti namoonni beekamoo Keeti Peerii, Fuuchar, Liisaa fi Reemaa sirba kan dhiyeessan yoo ta’u, artistoonni idil-addunyaa kanneen akka Alejandiro Fernandez, J Balvin, Mana, Belinda fi Tayla’nis sirba ni dhiyeessu. Waancaan Addunyaa bara kanaas gama faayinaansiitiin isa guddaa yoo ta’u, gumaachi maallaqaa waliigalaa FIFA’n biyyoota hirmaatan doolaara Ameerikaa miiliyoona 871 ga’eera. Kana keessaa Doolaarri Ameerikaa miiliyoonni 655 kallattiin maallaqa badhaasaaf kan oolu yoo ta’u, waancaa addunyaa 22ffaa Qaxar keessatti gaggeeffame irraa dhibbeentaa 50’n dabaleera. Waancaa Addunyaa 23ffaan seenaa keessatti yeroo jalqabaaf dorgommii biyyoota sadii waliin keessummeessuun gareewwan 48 hirmaachisa. Dorgommiin kun magaalota keessummeessituu 16 keessatti istaadiyeemii 16 keessatti kan gaggeeffamu ta’a. Waancaa Addunyaa 23ffaan hanga Adoolessa 12, 2018tti ni adeemsifama. #ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Diinagdeen nu fayyadeera - Qonnaan Bultoota Godina Iluu Abbaa Booraa
Jun 12, 2026 130
Waxabajjii 5 /2018 (ENA): Qonnaan bultoonni Godina Iluu Abbaa Booraa Sagantaan Ashaaraa Magariisaa manca’iinsa naannoo ittisuu bira darbee dinagdeen fayyadamoo akka taanu nu taasiseera jedhani. Waajjirri Qonnaa Godina Iluu Abbaa Booraa gama isaatiin Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaatiif hojiin qophii bal’aan hojjetamaa jiraachuu beeksiseera. Akka qonnaan bultoonni Godinichaa himanitti, misoomni Ashaaraa Magariisaa waggoota darban keessatti gaggeeffame magariisummaa naannoo isaanii dabaluu qofa osoo hin taane, madda dinagdee isaaniif ta’aa jira jedhan. Qonnaan bulaan Godinichaa aanaa Hurrumuu obbo Balaachoo Alamaayyoo akka jedhanitti, Ashaaraa Magariisaa jalatti biqiltuuwwan faayidaa dachaa qabaniif xiyyeeffannoon kennameef wabii nyaataa mirkaneessuun faayidaa diinagdee isaanii akka dabalu taasiseera. Biqiltoonni firii adda addaa waggoota darban qabeenya dhuunfaa isaanii irratti dhaaban amma oomisha gaarii kan argamsiisan yoo ta’u, nyaata qofaaf osoo hin taane, madda galii dhaabbataa ta’uu ibsaniiru. Jiraataan biraa obbo Takkaallinyi Taaddagee akka himanitti, lafti isaanii garmalee miidhamee qullaatti hafee ture amma deebi’ee misooma qonnaaf kan oolu ta’uu dubbatani. Lafa dhuunfaa isaa irratti firii adda addaa misoomsuu fi gurgurtaa oomishaa irraa waggaatti hanga birrii kuma 300 argachuun jireenya isaa fooyyessuu akka danda’e himeera. Jiraattonni Godinichaa obbo Aynaalam Kidaanuu fi obbo Isaayyaas Asaffaa akka himanitti, naannoowwan manca’an akka deebi’anii fi magariisa ta’an gargaaruu bira darbee, Ashaaraan magariisaa madda galii dabalataa isaaniif ta’aa jira. Hojii kana cimsuuf yeroo ammaa boolla biqiltuu qopheessuun biqiltoota faayidaa dachaa qaban dhaabuuf karoorfachuus ibsaniiru. Hogganaan Waajjira Qonnaa Godina Iluu Abbaa Booraa obbo Addaamuu Taakkalaa akka jedhanitti, biqiltuun waggoota darban sagantichaan dhaabame hojii qonnaaf haala qilleensaa mijataa ta’e uumeera. Wabii nyaataa fi fayyadamummaa diinagdee lammiilee mirkaneessuun gumaacha guddaa taasiseera jedhan. Kanas itti fufsiisuuf qophiin duraa boolla dhaabbii fi geejjibni biqiltuu Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaatiif taasifamaa akka jirus beeksisaniiru. Hogganaan kun akka himanitti, biqiltuuwwan faayidaa adda addaa qaban miiliyoona 254 ol Godinicha keessatti dhaabuuf qophaa’uu isaanii eeruun, kanaanis lafti heektaara kuma 54 ni misoomu jedhamee eegama jedhan. #ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA
Pirojektoonni Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimadiin wixineeffamanii hojiirra oolan eegumsa naannootiif gumaacha olaanaa taasisaa jiru
Jun 6, 2026 2601
Caamsaa 29/2018 (ENA)- Misooma qarqara lagaa fi misooma koriidaraa dabalatee, pirojektoonni Doktar Abiyyi Ahimadiin wixinreeffamanii hojiirra oolan eegumsa naannootiif gumaacha olaanaa gumaacha jiraachuu Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo Itiyoophiyaa ibse. Guyyaan Eegumsa Naannoo Addunyaa sadarkaa addunyaatti yeroo 53ffaaf, Itiyoophiyaatti ammoo yeroo 33ffaaf kabajameera. Guyyaa kana sababeeffachuun hoggantoonni fi ogeeyyiin Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Federaalaa fi Magaalaa Finfinneerraa walitti babahan pirojektii misooma qarqara lagaa Inxooxxoo irraa hanga Qacaneetti hojjetame daawwataniiru. Pirojektiin kun dhiyeenya kana ministira muummee Doktar Abiyyi Ahimadiin eebbifamee tajaajilaaf banaa ta'uun isaanii ni yaadatama. Daarektarri olaantuun Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Itiyoophiyaa Dr.Injiinar Lalisee Namee wayita sana akka dubbatanitti; pirojektoonni Doktar Abiyyi Ahimadiin wixineeffamanii hojiirra oolan hojiiwwan eegumsa naannoo akka milkaa'aniif gumaacha guddaa gumaacha jiru. Sagantaa misooma ashaaraa magariisaan hanga ammaatti biqiltuuwwan biliyoona 48 ol dhaabamuu isaanii yaadachiisanii; kunis faalama qilleensaa hir'isuu dabalatee bu'aawwan hedduu argamsiisaa jira jedhaniiru. Kunis Itiyoophiyaan sadarkaa addunyaatti beekamtii akka argattu kan taasise ta'uu ibsanii, sirna ikkooloojii naannoo fooyyessuu keessattis gahee adda duree taphachaa akka jiru ibsaniiru. Pirojektiin misooma qarqara lageenii hojiiwwan eegumsa naannoo bu'a-qabeessa taasisan keessaa isa tokko ta'uu eeranii; pirojektiin misooma qarqara lagaa Inxooxxoo- Qacanees agarsiiftuu adda dureedha jedhaniiru. Pirojektii kana keessatti mukkeen biyya keessaa dhaabamuu isaanii ibsanii, beekumsi eegumsa naannoo biyya keessaa kan Konsoo ashaaraan isaanii kan irra taa’e ta’uunsaa adda akka isa taasisu kaasaniiru. Hojiiwwan eegumsa naannoo fi misooma biroon kunneen Itiyoophiyaa biyya fakkeenyaan caqasamuu dandeessu taasisaa jiraachuu isaanii daarektarri kun addeessaniiru.
Misoomni dinagdee magariisaa Itiyoophiyaa dhiheessii anniisaa mirkaneessuudhaan walitti hidhamiinsa dinagdee Ardii cimsuu ni dandeessisa
Jun 5, 2026 1951
Caamsaa 28/2018 (ENA)- Misoomni dinagdee magariisaa Itiyoophiyaa dhiheessii anniisaa mirkaneessuudhaan walitti hidhamiinsa dinagdee Ardii cimsuu kan dandeessisu ta’uu dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti daarektarri teeknooloojii, innoveeshinii fi diviziyoonii bu’ura misoomaa komishinii dinagdee Afriikaa Dr. Roobarti Liisiingee ibsan. Itiyoophiyaan misooma dinagdee magariisaa kan si’achiisan teeknooloojii geejjibaa, industirii, anniisaa qusatuu fi konkolaattota elektiriikii irratti xiyyeeffattee hojjechaa jirti. Haala Kanaan baasii wagga waggaan boba’aaf bahu hir’isuu fi sirna geejjibaa humna haaromfamuun durfamu ijaaruu kan dandeessisan tarsiimoo konkolaataa elektiriikii biyyaalessaa fi karoora hojmaataa ifoomsiteetti. Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti daarektarri teeknooloojii, innoveeshinii fi diviziyoonii bu’ura misoomaa komishinii dinagdee Afriikaa Dr. Roobarti Liisiingee ENAtti akka himanitti, tarsiimoon konkolaataa elektiriikii Itiyoophiyaan baafte hammattoo seeraa, seera idil addunyaa waliin kan wal simedha. Biyyoonni Afriikaa hedduun boba’aa alaa galurratti kan hirkatan waan ta’eef sharafa alaa guddaa akka baasan ibsanii, tarsiimoo konkolaataa elektiriikii biyyaalessaa fi karoora hojmaataa baasii hir’isuurra darbee anniisaa amansiisaa dhiheessuudhaaf wabii ni ta’a jedhaniiru. Itiyoophiyaan cehumsi gara konkolaattota elektiriikiitti gochaa jirtu faalama qilleensaa hir’isuudhaan dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa damdamachuudhaaf tattaaffii taasifamu akka deeggaru ibsaniiru. Itiyoophiyaan akka lakkoofsa Awurooppaa amma 2030tti konkolaattota elektiriikii haaraa qabaattu keessaa dhibbantaa 30 kan ta’an biyya keessatti oomishuu fi walitti suphuuf karoorsuunshee walitti hidhamiinsa daldalaa Afrikaanota jidduu jiru ni cimsa jedhaniiru. Riijiniin daldala bilisaa Afriikaa jalqabamuunsaa cehumsa gara konkolaataa elektiriikiitti taasifamu ni si’achiisa kan jedhan daarektarichi, walitti hidhamiinsa daldalaa Ardii Afriikaa jiru akka si’achiisu ibsaniiru.
Hojiin misooma qarqara lageenii Finfinneen magaalaa nama giddugaleessa godhatte gochuuf kan karoorfame invastimantii yeroo dheeraati-ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Jun 5, 2026 1715
Caamsaa 28/2018 (ENA)- Hojiin misooma qarqara lageenii Finfinneen magaalaa nama giddugaleessa godhatte gochuuf kan karoorfame invastimantii yeroo dheeraa ta’uusaa ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan. Misoomni qarqara lagaa Finfinnee pirojektii faayidaa qarqara lageenii miidhagsuurra darbe kan qabu ta’uu ministirri muummee ergaasaatiin barreessaniiru. Tiraanisfoormeeshiniin magaalaa Inxooxxoo amma Piikook, akkasumas Inxooxxoorraa amma toora Qabbanaatti bal’inaan hojjetamu, lageenirraa amma meetura 50 kan fulla’u yoo ta’u, misooma kooriidaroota magariisaa, bakka ummanni itti wal gahu, daandiiwwan lafoo, bakkee bashannanaa fi bakkeewwan daldalaa kan of keessaa qabu yoo ta’u, magaalattiis baay’ee kan jijjiire ta’uu beeksisaniiru. Barbaachisummaa pirojektii kana adda kan godhu faayidaa dinagdee fi hawaasummaa inni qabudha. Bifaa fi tajaajila qarqara lageenii fooyyessuurra darbee dameelee konistiraakshinii, injiinariingii, ijaarsa miidhagina teessuma lafaa, loojistiksii fi Kanaan walqabataniin, namoota hedduuf carraa hojii kan uume yoo ta’u, kontiraaktaroota biyya keessaa, dhiheessitootaa fi daldalootaafis carraa garagaraa mijeessuusaa eeraniiru. Hojiin irra caalaadhaan mahaandisoota biyya keessaatiin bocamuusaa fi hojiirra ooluunsaa, ogeeyyonni Itiyoophiyaa misooma magaalaa fi ijaarsa bu’ura misoomaarratti dandeettiin qaban guddachaa dhufuusaa ibsaniiru. Fulla’insi misoomichaa xiyyeeffannoon wal qixaa kan kennamuuf ta’uu eeranii, bakkeewwan Kanaan dura keemikaalonni summaawaa fi balfi itti gatamu, bakkeewwan hawaasa jiraattota qarqara lagaa balaa lolaaf saaxilan kunneen, yeroo ammaa bakka magariisaa, fayyaalessaa fi magaalaa jireenyaaf mijataa ta’etti jijjiiraa jiru jedhaniiru. Karaa wal fakkaatuun, bakkeewwan daldalaa fi bashannana ummataa qindaa’anii ijaaramuunsaanii, eegumsi naannoo fi guddinni dinagdee Kanaan dura waliin hin qindoofne jalaa bahanii qorannoo fi galma waloof tumsaan hojjechuu akka danda’an kan mirkaneessudha. Hojiin misoomaa si’ataan kun Finfinnee magaalaa magariisa, caalaatti kan walitti hidhamte , dinagdeen kan dammaqxee fi nama jiddugaleessa godhatte gochuuf carraashee egeree irratti bu’urri kan kaa’ame invastimantii yeroo dheeraa ta’uusaa ministirri muummee ergaasaaniin hubachiisaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 22429
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 2457
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru.   Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 8839
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015