Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Godinichatti Manni maree tiraansfoormeeshinii qonnaa adeemsi ce'umsa qonnaa akka si’atuuf tumsaa jira
Dec 27, 2025 25
Mudde 18/2018(ENA)-Godina Baaleetti adeemsi ce'umsa qonnaa akka ariifatuuf manni maree tiraansfoormeeshinii qonnaa tumsaa jiraachuun ibsameera. Mariin ce'umsa qonnaa Oromiyaa (ATO) qoodafudhattoota gara garaa hirmaachise Baaleetti geeggeffamee jira. Manni Marii Tiraansfoormeeshinii Qonnaa Oromiyaa Hojimaata qonnaa hammayyeessuuf carraalee fi hudhaalee seektaricha keessatti mul'atan qorannoon adda baasuun yaada furmaataa kaa'uuf hundeeffamuu ni yaadatama. Manna marichaa sadarkaan ijaaraman keessaa kan Godina Baalee isa tokkoo yoo ta'u hojiilee hojjatamaa turaniin bu'aalee muuxannoof ta'aniif babal'achuu qaban hedduun galmaahaa jiru. Walitti qabaan mana marichaa fi Bulchaan Godina Baalee Obbo Abdulhakiim Aliyyii akka jedhanitti, akka godinichaatti hirmaannaa fi qindoomina miseensota mana marii tiraansfoormeeshinii qonnaa taasisaa turaniin seektaricha ceesisuuf hojiileen deeggaran mul'achaa dhufuu kaasan. Keessattuu inisheetiiviileen qonnaa jiruu qonnaan bulaa akka fooyyessaniif yaadamani hojirra oolaa jiran bu'aa qabatamaa agarsiisaa jiran agarsiiftuu carraaqqii kanaa ta'uu yaadachiisan. Obbo Abdulhakiim itti fufuun akka jedhanitti godinichatti bu'aalee seektara qonnaatiin baroottan dabran keessa galmaa'an daran cimsuun qonna ceesisuuf manni maree gumaacha ol'aanaa kan qabu ta'uus kaasan. Qooda fudhattoonni mana marichaas muuxannoolee galmaa'an daran jajjabeessuun hanqinaalee adda baafaman maqsuun kallattii ofduraa keessatti hojii caalmaaf akka ofqopheessan dhaamaniiru. Saganticharratti kan argaman Hoogganaa ittaanaan Biiroo Horsiisee Bulaa fi Jallisii Oromiyaa Obbo Roobaa Turchee gama isaaniitiin, Mootummaan naannichaa adeemsa qonna baratamaa irraa gara makaanaayzeeshiniitti ceesisuuf kaayyeffate akka milkaa'uuf manna maree tiraansfoormeeshinii qonnaatiif xiyyeeffannoo kennee hojjachaa jiraachuu dubbataniiru. Hojiin seektara qonnaatiin baroottan dabran keessa milkaa'inaan galmaa'an keessatti gumaachi manni maree qonnaa sadarkaan jiranii kan fakkeenyummaan ibsamu ta'uu yaadachiisan. Hojiilee inisheetiiviilee oomishaa fi oomishtummaa qonnaan bulaa daran dabaluu danda'an irratti xiyyeeffachuun qorannoon deeggaruun kaayyoon gama kanaan qabame galma akka gahuuf qooda fudhattoonni hudi gahee isaanii bahuu akka qaban Obbo Roobaan dhaamaniiru. Gamaaggamni raawwii mana marichaa fi kallattiin gara fulduraa hojii caalmaa qabu hojjachuuf kan isaan deeggaru ta'uu kan ibsan ammoo Itti gaafatamaa Waajjira Qonna Godina Baalee Obbo Aliyyii Muhammadi. Qooda fudhattoonni marichaa gama isaaniitiin harcaatiilee hojii keessatti uumaman fooyyessuun kallattii hojii mana marichaan taa'e hojitti hiikuun jijjiirama qabame milkeessuuf kutannoon kan hojjatan ta'uu dubbataniiru.
Intarpiraayizoonni carraa hojii bal’aa uumuudhaan fayyadama dinagdee lammiilee mirkaneessaa jiru
Dec 27, 2025 33
Mudde 18/2018(ENA)- Intarpiraayizoonni maayikiroo, xiqqaa fi jiddugaleessi carraa hojii bal’aa uumuudhaan fayyadama dinagdee lammiilee mirkaneessaa jiru jedhan de’eetaan ministiraa hojii fi ogummaa Salamoon Sokkaa. Egzibiishinii fi baazaariin maayikiroo, xiqqaa fi jiddugaleessaa ministeerri hojii fi dandeettii deeggartoota misoomaa waliin ta’uun qopheesse har’a Finfinnee paarkii michoomaatti ifatti banameera. Baazarichi mata duree “Omisha Itiyophiyaan Miidhaguu” jedhuun Mudde 18 fi 19 banaa ta’ee kan turu yoo ta’u intarpiraayizoonni maayikiroo, xiqqaa fi jiddugaleessaa oomishaa fi tajaajilasaanii baazaaricharratti qabatanii dhufaniiru.   De’eetaan ministiraa hojii fi ogummaa Salamoon Sokkaa akka ibsanitti, intarpiraayizoonni maayikiroo, xiqqaa fi jiddugaleessi bu’ura dinagdee biyyaa isa guddaadha. Intarpiraayizoonni kunneen carraa hojii bal’aa uumuun fayyadama dinagdee lammiilee ni mirkaneessaa jiru jechuun dubbataniiru. Mootummaan faayidaa tarsiimawaa sektara kanaa hubachuun bu’a qabeessummaasaa caalaatti mirkaneessuuf xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa akka jirus eeraniiru.   Ministeerri hojii fi ogummaas shoorri sektarri kun carraa hojii uumuuf qabu guddaa akka ta’u sirna caaseffamaa mijataa diriirsuusaa beeksisaniiru. Egzibiishinii fi baazaariin har’aas qama kanaa akka ta’e kaasanii oomishtoonni oomishasaanii kallattiin hawaasa shamataaf dhiheessuun gabaasaanii akka bal’ifatan taasisa jedhaniiru.
Sanyiiwwan Bunaa Omishtummaansaanii qorannoon mirkanaa’e misoomsotaaf kennameera
Dec 27, 2025 34
Mudde18/2018(ENA)- Sanyiiwwan bunaa haala teessummaa lafaa bu’uura godhachuun omishtummaan isaanii qorannoon mirkanaa’e gosa 42 ol misoomsotaaf dabarfamee kennamuu Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shayii beeksise . Omishaa fi omishtummaa bunaa dabaluuf dhimmota ijoo barbaachisan keessaa sanyii filatamaa ta’uu Abbaan taayitichaa hubachiiseera. Sanyiiwwan bunaa fo’achuun fi diqaalomsuun gidduugala wiirtuu qorannoo Qonnaa Jimmaa fi dameewwaan Qorannoo jalatti argamanitti haala teessuma lafaa bu’uura godhatan gadhiifamuusaanii Hojii gaggeessaa olaanaan Abbaan Taayitaa misooma Bunaa, shayii fi mi’eessituuwwanii Obbo Fiqaaduu Dafarras ENA’f ibsaniiru.   Filannoo fi diqaalomsuun wiirtuu Qorannoo Jimmaattii fi wiirtuuwwan qorannoo damicha jalatti argamaniin sanyiiwwan bunaa haala teessumaa lafaa bu’uura godhatanii fi qilleensa baddaaf mijatan gosni bunaa 14 gadhiifamuusaanii eeruun, omishtummaan isaanii oyruu qorannoorratti hektaara tokkorraa kuntaalaa 12 tuqaa 2 hanga 24 tuqaa 41 ta’uu hubachiisaniiru. Haaluma wal-fakkaatuun naannoowwan badda dareetti sanyiiwwan bunaa mijatoo ta’an sanyiiwwan bunaa 16 gadhiifamuusaanii kan ibsan obbo Fiqaaduun, sanyiiwwan bunaa kun omishtummaan isaanii hektaara tokkorraa kuntaala 14 tuqaa 8 hanga 24 ta’uu dubbataniiru.   Akkasumas sanyiiwwan bunaa naannoo ho’aatti mijatoo ta’an 12 gadhiifamuusaanii eeruun, hektaara tokkorraa kuntaala 13 tuqaa 2 hanga 25 tuqaa 4 akka argamu beeksisaniiru. Gama biraan sanyiiwwan bunaa naannootti biqilan Naannawa wallagaatti Afur, Harargee lixaaf Afur, Yirgaacaffeef ja’aa fi Limmuuf tokko gadhiifamuusaanii dubbataniiru. Omishtummaan Bunaa qorannoon dagaagsuun fayyadamummaa damicharraa argamu guddisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Kan mul'ate

Tarsiimoon Dijiitaalli Itiyoophiyaa 2030 Ammayyummaa Magaalotaa guddisuuf Boqonnaa haaraa bana
Dec 27, 2025 26
Mudde18/2018(ENA)-Tarsiimoon Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 magaalota Teekinooloojiin ammayaa’an ijaaruu fi haala jireenya lammiilee foyyessuuf humna guddaa akka uumu Ministirri Magaalaa fi Bu’uura Misoomaa Aadde Caaltuu Saanii ibsan. Ministirri Mummee Doktar Abiyyi Ahimad Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 yeroo jalqabsiisan dhaqqabamummaa babal’isuu, Lammiileef Carraa walqixa uumuu akkasumas lammiilee fi dhaabbilee gidduutti wal amantaa dagaagsuun galma ijoo tarsiimichaa ta’uu ibsuunsaanii ni yaadatama.   Karoorawwan kana milkeessuuf bu’uuraaleen misooma ummataa babal’isuu hojiiwwan ijoo ta’uu ibsuun, teekinooloojii kan namarratti xiyyeeffachuun haala jireenya guyyaa guyyaa lammiilee fooyyessuuf humna guddaa uuma jedhaniiru. Ministirri magaalaa fi bu’uuraalee Misoomaa Caaltuu Saanii turtii ENA waliin taasisaniin Mootummaan ida’amuu magaalonni kan kalaqaa, teekinooloojii fi agarsiistuu badhaadhinaa akka ta’aniif hojjechaa jira. Tarsiimoon Dijiitaala Itiyoophiyaa 2025 magaalota “smart City” gochuuf kan dandeessisu bu’uurri cimaan kaa’amuu dubbataniiru. Kunis magaalonni qophii karooraa eegalee dijiitaalaan akka gaggeeffaman taasisuunii fi kenna tajaajilaa ammayyeessuurratti qooda olaanaa gumaachuu ibsaniiru. Kanaanis jiraattotaaf magaala mijattuu, gurgurtaa elektirooniksii, kenna tajaajilaa si’ataa lammmiileef kennuun kan danda’ame akka ture kaasaniiru. Kanaanis bu’aa argamuu fi guddina magaalotaaf bu’uura guddaa kaa’ee milkaa’inaan xumuramuu kaasaniiru. Tarsiimoon Dijiitala Itiyoophiyaa haaraan 2030 magalummaa “smart City “ irra darbee teekinoloojiin kan ammayaa’an akka ta’an kan isaan dandeessisu ta’uu eeraniiru. Immaammata misooma magaalaa Haarawaa waliin kallatttiin kan walitti dhufu yoo ta’u, itti fayyadama Aannisaa, sochi Diinagdee, kenna tajaajilaa kan idileesu ta’uu hubachiisaniiru. Dijiitaalayizeeshiniin lammiilee fi Mootummaa akkasumas tajaajila kan kennanii fi fudhatan gidduutti wal amantaa kan uumuu ta’uu ibsaniiru. Nageenya odeeffannoo mirkaneessuun muuxannoo odeeffannoo guddina biyyaaf fayyadamuu yeroo gara yerootti babal’achaa dhufuu akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Mootummaan ida’amuu magaalonni kan kalaqaa, Teekinooloojii fi agarsiistuu Badhaahinaa akka ta’aniif xiyyeeffannoo keennee hojjechaa jiraachuu fi milkaa’ina kanaaf humna ittiin furguggifamaa guddaa ta’uu eeraniiru.
Qonna ammayyeessuu fi Omishaa fi Omshtummaa guddisuun ajandaa mootummaa isa ijoodha-Ministira qonnaa Addisuu Araggaa
Dec 27, 2025 30
Mudde 18/2018 (ENA)- Qonna teeknooloojii ammayyaan deeggaruun Omishaa fi Omshtummaa guddisuun ajandaa mootummaa isa ijoodha jedhan Ministirri qonnaa Addisuu Araggaa. Mariin Qaamolee qooda fudhattootaa makaanaayizeeshinii qonnaa fi tarsiimoowwan misooma qonna magaalaa irratti gaggeeffamaa jira. Ministirri qonnaa Addisuu Araggaa wayita kana dubbii dubbataniin, mootummaan dame qonnaa teeknooloojii ammayyaatiin deeggaruun bu’a qabeessa gochuuf kutannoon hojjechaa jira. Mootummaa damicha ammayyeessuun oomishaa fi oomishtummaa guddisuu akkasumas nyaataan of danda’uu ajandaa ijoo gochuun hojjechaa jira jedhaniiru. Tarsiimoon makaanaayizeeshinii qonnaa qophaa’uunsaa qoonni akka ammayyaa’uu fi adeemsa oomishaa fi gabaa jidduu jiru gabaabsuun qooda olanaa baha jedhaniiru. Mashinaroonni makanayizeeshinii qaraxarraa bulisa akka galan godhamuu fi tiraaktaroota dabalatee kombaayinaroonni hedduun qonnaan bulaa biraan gahuu dubbataniiru. Waggoottan darban lafa heektaara heektaara miiliyoona jaha tuqaa sadii makanayiaeeshinii qonnaan misoomfamuu dubbataniiru. Liqaa maashinaraa dhiheessuu ilaalchisee hudhaalee jiran furuuf filmaattonni garagaraa hojiirra oolaa akka jiran kaasaniiru. Tarsiimoon misooma qonna magaalaas dhimmoota tiraanisfoormeeshinii qonnaa ittiin milkeessinu keessaa tokko kan jedhan ministirichi tarsiimichi lafa magaalaa sirnaan fayyadamuuf ni gargaara jedhaniiru. Hojiilee qonna magaalaa waggoota muraasa darban hojjetamaniin bu’aan argamuu eeranii, bu’aan argame akka itti fufu karaa wal fakkaatuu fi dhaabbatummaan deeggaruu barbaachisa jedhaniiru. Mana maree bakka bu’oota ummataatti miseensonni koree dhaabbataa dhimmoota qonnaa, hoggantoonnii fi hojjettoonni federaalaa fi naannolee damichaa,qaamoleen deeggartootaa fi keessummoonni waamaman waltajjii maree kanarratti argamaniiru.
Tajaajila Qulqullina  fayyaa dhaabbilee Barnootaa olaanootti kennamu  eegsisuuf meeshaaleen wal’aansaa ammayyaa guutuuf hojjetamaa jira     
Dec 26, 2025 142
Mudde17/2018(ENA)- Tajaajila Qulqullina fayyaa dhaabbilee Barnootaa olaanootti kennamu eegsisuuf meeshaaleen wal’aansaa ammayyaa guutuuf hojjetamaa jirachuu Ministeerri Barnootaa ibse. Yuunvarsiitiin Jimmaa Deeggarsa Meeshaalee wal’aansaa Ammayaa’aa Ministeera Barnootaarra argateera. Ministeerri Barnootaa Deeggarsa Meeshaalee wal’aansaa kan taassise qaamolee deeggartootaa adda addaa waliin akka ta’e sagantaa walharkaa fuudhinsaa sanarratti ibseera. Sirna walharkaafuudhinsaa sanarrati kan argaman Deetaan Miniteera Barnootaa Obbo Koraa XuShunee akka ibsanitti, Dhaabbileen Barnootaa Olaanoon Damee fayyaan humna namaa gahoomee fi dorgomaa ta’e horachuuf hojiiwwan hojjetu cinaatti tajaajila wal’aansaa hawaasaaf kennaa jiraachuu eeraniiru.   Qulqullina Tajaajila fayyaa dhaabbatichatti kennu eegsisuuf meeshaalee wal’aansaa ammayaa’aa guutuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Kanaafis deeggarsi meeshaalee yaalaa har’a Yuunvarsiitii Jimmaaf kenname agarsiistu ta’uu ibsaniiru. Pirezidaantiin Yuunvarsiitii Jimmaa Doktar Jamaal Abbaa Fiixaa gamasaaniin, Inistitiyuutiin Fayyaa Yuunvarsiitichaa humna namaa beekumsaa fi naamusaan gahoome horachuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa turuu kaasaniiru.   Dabalataanis inistitiyuutichi hawaasa naannichaaf tajaajila wal’aansaa kennuun gumaacha olaanaa gumaachaa jira jedhaniiru. Deeggarsi Meeshaalee wal’aansaa ammayaa’aa har’a taassifameefii hojii baruu fi barsiisuuf haala mijeessuu qofa osoo hin taane qulqullina tajaajila yaalaa inistitiyuutichi kennnu guddisuuf akka gargaaru ibsaniiru. Yuunvarsiitichi Meeshaalee wal’aansaa deeggarsaan argate Birrii Miiliyona 25 kan baasan kanneen akka Laparoskoopii, ICU, hordoffii dhukkubsataa, Altiraasaawundii, fi Endoskoopii kan dabalatu ta’uu ibsaniiru.   Sirna walharkaa fuudinsaa sanarratti Deetaan Miniteera Barnootaa Obbo Koraa XuShunee dabalatee ogeeyyiin wal’aansaa olaanoo fi hoggantoonni Yuunvarsiitichaa argamaniiru.

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Manni maree bakka bu’oota ummataa wixinee labsii eegumsa biqiltuuwwanii fi kuwaaraantaayinii fooyya’e raggaase
Dec 23, 2025 323
Mudde 14/2018(ENA)- Manni maree bakka bu’oota ummataa walga’ii idilee gaggeesseen wixinee labsii eegumsa biqiltuuwwanii fi kuwaaraantaayinii fooyya’e raggaaseera. Manni maree bakka bu’oota ummataa walga’ii idilee 5ffaa bara hojii 5ffaan gaggeesseera. Itti aantuun af-yaa’ii mana maree bakka bu’oota ummataa Loomii Badhoo wixineen labsii eegumsa biqiltuuwwanii fi Kuwaaraantaayinii oomishtummaa qonnaa guddisuudhaan wabii nyaataa mirkaneessuuf shoora guddaa qaba jedhaniiru. Wixineen labsii kun ilbiisa biqiltuu midhaanirratti uumamu sirna hojmaataa dursanii ittisuu diriirsuudhaan qisaasa midhanii hir’isuun oomishtummaa midhaanii dabaluudhaan oomishtummaa qonnaa fooyyessuuf akka gargaaru ibsaniiru. Dura taa’aan koree dhaabbataa dhimmoota qonnaa Salamoon Laallee gamasaaniin, Itiyoophiyaan bqiltuu fi lubbu qabeeyyii hedduu qabaattus hammattoo seeraa qabeenya uumamaa qabdu sirnaan itti fayyadamuuf gargaaru hin qabdu ture. Kunis hmmattichi boodatti hafaa fi to’annoof mijataa waan hin taaneef labsii kana fooyyessuun barbaachisuunsaa ibsameera. Wixineen labsii kun dhiibbaa sababa ilbiisaa fi aramaa biqiltuurratti mudatuun oomishtummaa qonnaarratti qaqqabu sirna to’annoo cimaatiin ittisuuf akka gargaaru himaniiru. Wixineen labsii eegumsa biqiltuu fi kuwaaraantaayinii kun waliigalteewwan eegumsa biqiltuu idil addunyaa ka’umsa godhachuun qophaa’uusaa ibsaniiru. Wixineen labsii kun Itiyoophiyaan qabeenya biqiltuu qabduuf kunuunsa barbaachisu gochuun fayyadama dinagdee guddisuuf dandeettii uumuuf akka gargaaru dubbataniiru. Miseensonni mana maree wixinee labsii kanarratti yaada kennuun sagalee guutuun raggaaseera. #ENA Afaan Oromoo#ENA#TOI
Itiyoophiyaan ulaa galaanaa ishee kan addunyaa waliin wal quunnamtu turte gaafachuun ishee kan seerri deeggarudha- Hayyoota
Dec 23, 2025 371
  Mudde 14/2018(ENA)- Itiyoophiyaan ulaa galaanaa ishee kan addunyaa waliin ittiin wal quunnamtu turte gaafachuun kan seerri deeggaru ta’uu hayyoonni hubachiisani. Hayyoonni ENA waliin turtii taasisan akka ibsanitti gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaan gaafachaa jirtu gaaffii dhalootaa waan ta’eef ciminaan itti fufamuu kan qabu dha. Yunivarsiitii Asoosaatti diinii fi Qorataan Kolleejjii Saayinsii Hawaasaa doktar Abbabaa Aannoo akka jedhanitti; Itiyoophiyaan ulaa galaanaa kanaan dura biyyoota addunyaa waliin walqunnamtu akka qabaattu gaaffiin gaafattu dhimma bu’uuraa waan ta’eef cimee itti fufuu qaba. Kanaan dura ulaa galaanaa isheen biyyoota alaa waliin daldalaan, daawwannaan akkasumas hojiilee birootiin hariiroo cimaa qabdu turte eeruun, kanas seenaan ragaa ta’uu himaniiru. Haata’u malee waggoota 30 as ulaa galaanaa ishee shira siyaasaan dhabuun kan nama gaabbisiisuu fi gaddisiisu dha jedhan. Ulaa galaanaa ishee dhabdee osoo jirtuu akka waan homtuu hin’uumamneetti callisuun sirrii akka hin taane ibsuun, Itiyoophiyaan ulaa galaanaa akka argattu itti amanamee ifaajii dhaloota ammaatiin tattaaffiin jalqabame murteessaa ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan biyya aadaa fi uummata guddoo qabdu akka isheen ulaa galaanaa hin qabaanne seerri dhorku hin jiru kan jedhani immoo Yunivarsiitii Yuniitiitti Barsiisaa Hooggansaa fi Hariiroo Idil Addunyaa doktar Geetiyyee Tirfeedha. Gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaan gaafachaa jirtu gaaffii qananii osoo hin taanee dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu ta’uu eeruun, gaaffiin kuni seeraanis, seenaanis akkasumas uumama haala teessuma lafaanii fi seera idil addunyaatiinis fudhatama kan qabu ta’uu dubbatan. Yunivarsiistii Wachaamootti barsiissaan saayinsii siyaasaa fi hariiroo idil addunyaa Mulu’alam H/Maariyaam gama isaaniin ulaan galaanaa bu’aalee hedduu qabu gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaan gaafachaa jirtu murteessaa dha jedhan. Yunivarsiitii Dillaatti barsiisaa saayinsii siyaasaa, qorataa siyaasaa Afrikaa Bahaa fi barreessaa Daawit Masgabee gama isaaniin sababni Itiyoophiyaan ulaa galaanaa ishee dhabdeef shira akka ta'es dubbatan. Ulaan galaanaa nageenya riijinichaa fi hariiroo hawaasaa cimsuuf shoora olaanaa waan qabuuf milkaa’ina isaaf hunduu gahee isaa bahachuu qaba jedhan.
Ergamaa fi dirqamoota biyyoolessaa nutti kenname gootummaan bahachuuf qophiidha- Eebbifamamtoota Miseensota Komaandoo Addaa
Dec 22, 2025 371
  Mudde 13/2018(ENA)- Nageenya biyyaa fi ummataa eegsisuuf dirqama biyyoolessaa kennamuuf gootummaan bahachuuf qophii ta’uu isaanii ibsan Miseensonni koomaandoo addaa eebbifaman. Poolisiin Itiyoophiyaa seenaa isaa keessatti yeroo jalqabaaf miseensota humna komaandoo addaa kan akkaadaamii Poolisii Giddugala Leenjii Awaashitti leenji’an Kaleessa, bakka itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa argamanitti eebbiseera.   Humni Komaandoo Addaa kun beekumsaa fi gootummaadhaan oppereeshiniiwwan akka raawwatus himameera. Miseensonni eebbifamtoota komaandoo addaa biyyaa fiuummata isaanii gootummaanii fi namummaadhaan tajaajiluuf qophii ta’uu isaanii ibsaniiru. Konistaabil Miikiyaas Gabayyoo,konistaabil Mirtinash Takkaa fi konistaabil Abdii Tafarraa yaada isaanii ENAf kennaniin, leenjiin fudhatan leenjii jabeenya qaamaa qofa osoo hin taanee kan bilchina sammuu fi ogummaa oppereeshinii ta’uu dubbataniiru.   Haaluma kanaan ergama biyyaalessaa kamiyyuu gootummaan hojiirra oolchuuf qophii ta’uu isaanii ibsaniiru. Leenjiin kunis ergama biraaf kan nama qopheessu ta’uu dubbataniiru. Biyyaa fi ummata badii kamirraayyuu eeguuf hanga wareegama lubbuutti qophii ta’uu ibsaniiru. Eebbifamtoonni kunneen dargaggoonni Itiyoophiyaa kaanis fakkeenya isaanii hordofuun biyya isaanii tajaajiluuf qophaa’uu akka qaban hubachiisaniiru.   Eebbifamtoonni kunneen kutaalee biyyattii hundarraa kan walitti dhufan waan ta’eef, yeroon leenjiirra turan, yeroo tokkummaa Itiyoophiyaa qabatamaan itti argan ta’uu himaniiru.  
Yaadonni hojii itti aanuuf galaa fi humna ta’an marii ummataatiin kaafamaniiru-Doktar Biqilaa Hurrisaa
Dec 21, 2025 419
Mudde 12/2018 (TOI)- Yaadonni hojii itti aanuuf galaa fi humna ta’an waltajjii ummataa magaalaa Miizaan Amaanitti gaggeeffamerratti bal’inaan kaafamuusaanii hogganaan damee ummataa fi hariiroo idil addunyaa paartii badhaadhinaa Doktar Biqilaa Hurrisaa dubbatan. Mariin ummataa mata duree “labsiiwwan Gubaa bu’aalee mootummaa ida’amuu” jedhuun tibbana magaalaa Finfinnee fi magaalaawwan naannoleetti gaggeeffamuun ni yaadatama. Mariiwwan ummataa gaggeeffaman ilaalchisuun hogganaan damee ummataa fi hariiroo idil addunyaa paartii badhaadhinaa Doktar Biqilaa Hurrisaa akkasumas hoggantoonni mootummaa olaanoo Biroon ibsa kennaniiru. Hogganaan damee ummataa fi hariiroo idil addunyaa paartii badhaadhinaa Doktar Biqilaa Hurrisaa wayita kana marii ummataa naannoo kibba lixaa Itiyoophiyaa magaalaa Miizan Amaanitti taa’ame gaggeessuusaanii dubbataniiru. Namoonni kutaa hawaasaa garagaraa irraa dhufan dargaggoonni, dubartoonni, jaarsoliin biyyaa, abbootiin amantaa, hayyoonnii fi hojjettoonni mootummaa marii cimaa taasisuusaanii ibsaniiru. Hirmaattonni kunneen hojiiwwan hojjetaman dinqisiifachuusaanii fi wantoota sirraa’uu qabanis kaasuusaanii eeraniiru. Labsiiwwan Gubaa dabalatee dhimma ulaa galaanaa akkuma hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichaa akka mikaa’an yaada bal’aa kaasuusaanii dubbataniiru. Yaadonni kaafaman kunneen ammoo gaabbii fi kaka’umsa caalu kan uuman waan ta’eef, hojiilee fuuldura akka biyyaatti hojjetamaniif galaa fi humna waan ta’aniif galtee ta’uun fudhatamu jechuun ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo#ENA#TOI
Itiyoophiyaan Yaadama Ida’amuutiin Nageenyaa fi Misooma Gaanfa Afriikaaf shoora adda durummaashee bahaa jirti
Dec 20, 2025 392
Mudde11/2018(ENA)- Itiyoophiyaan yaadama Ida’amuutiin Gaanfa Afriikaa jijjiiramaa ta’e keessatti nageenyaa fi misooma mirkaneessuuf qooda adda durummaashee bahaa jiraachuu Daarektaarri Quunnamtii Idil-Addunyaa Paartii Badhaadhinaa Nabiyyuu Sihuul Mikaa’el ibsan. Daarektaarri Quunnamtii Idil-Addunyaa Paartii Badhaadhinaa Nabiyyuu Sihuul Mikaa’el (POA) waliin turtii taasisaniin, Itiyoophiyaan Biriiksitti(BRICS) tumsa gam hedduun sagalee Afriikaa dhageessisuuf hirmaannaa guddaa taassiaa jiraachuusee dubbataniiru. Haalli teessuma Gaanfa Afriikaa sochii daldalaaf mijattuu ta’uu kaasuun, sochiin daldala Addunyaa dhibbantaa 30 kan adeensifamu riijinii kana keessatti kan raawwatamu ta’u dubbataniiru. Riijinichi fedhiin qaamolee hedduu kan keessa jiru ta’uu Itiyoophiyaan Faayidaa biyyoolessaashee haala eegsisuun biyyoota waliin tumsaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Itiyoophiyaan Yaadama Ida’amuun Nageenyaa fi misooma gaanfa Afriikaa Jijjiiramaa ta’e mirkaneessuuf shoora adda durummaashee bahaa jiraachuu ibsaniiru. Paartiin Badhaadhinaa dhiibbaa Itiyoophiyaan Riijinichatti uumtu yaadama ida’amuun dhugoomsuuf hojjechaa jiraachuu ibaniiru. Karoora misoomaa milkeessuuf tumsa biyyoota waliin qabdu cimsuu akka qabdu eeruun kanaafis tattaaffii dhuunfaan olitti ida’amuun bu’aa qabeessa taasisa jedhaniiru. Itiyoophiyaan walii galteen Daldala Riijinii bilisaa Afriikaa hojiirra oolchuuf kutannoo qabdu kan argisiisu ta’uu ibsaniiru. Dhaabbileen Riijinii akka hundeeffamanii fi tokkummaan Afriikaa akka cimuuf Itiyoophiyaan qooda olaanaa bahuushee ibsaniiru. Hidhi haaromsa Guddichi Itiyoophiyaa Dippiloomaasii cimaan xumurmuunsaa Itiyoophiyaarra darbee Afriikaan hundi kan itti boonu ta’uu kan kaasan Obbo Nabiyyuun, hidhichi walitti hidhaminisa Diinagdee Riijinichaaf qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru. Gama biroon Itiyoophiyaan BRICS’tti tumsa gam hedduu fi hirmaannaa guddaa taassisuun ofirra darbitee sagalee Afriikaa dhageessisuushee ibsaniiru. Itiyoophiyaan Biyyoota Miseensa BRICS waliin tumsa qabdu cimsuun karoora misoomaa fi faayidaa biyyoolessaashee kabachiisuuf ni hojjetti jedhaniiru.
Godinichatti olaantummaa seeraa fi nageenya waaraa mirkaneessuuf hirmaannaan hawaasaa cimee itti fufeera  
Dec 20, 2025 369
Mudde11/2018(ENA)-Godina Gujii Lixaatti olaantummaa seeraa fi nageenyaa waraa mirkaneessuuf hojiin qindoominaa hawaasa hirmaachise cimanii ittifufuusanii Wajjirri Bulchiinsaa Godinichaa beeksise. Itti Gaafatamaan Waajirichaa Obbo Ayyalaa Danbaa hidhattoonni duraanii waamicha nageenyaa mootummaa fudhatanii deebi’uunsaanii itti fufeera jedhaniiru. Hidhattoonni duraanii gara nagaatti deebi’an leenjii haaromsaa fudhatanii hawaasatti makamanii jireenya idileesanii akka gaggeeffatan taasifamaa jiraachuu kaasaniiru. Gara fuulduraattis Godinichatti olaantummaa seeraa fi nageenya kabachiisuu fi cimsuuf hojiin qindoominaa hawaasa haala hirmaachise cimanii itti fufuu ibsaniiru. Qajeelcha poolisii godinichaatti itti gaafatamaan kutaa miidiyaa fi komunikeeshinii Inispeektar Fayyeeraa Keeyiraddin, hidhattoonni duraanii guyyaa guyyaan gara daandii nagaatti dhufaa jiraachuu ibsaniiru. Karaa dogoggoraan rakkoo keessa kan seenan hidhattoonni duraanii gara nagaatti akka dhufaniif Abbootiin Gadaa, Jaarsoliin biyyaa fi hawaasni waamicha taassisaa turuusaanii yaadachuun, kunis bu’aa qabatamaa fiduu ibsaniiru. Jiraattota Godinichaa keessaa Abbaa Gadaa Jaarsoo Dhugoo, Jaarsolii biyyaa godinichaa fi kutaa hawaasaa biroo waliin ta’uun hidhattoota duriif waamicha nagaa taassisaa turuusaanii ibnsaniiru. Kanaanis hidhattoonni durii hedduun Aadaa fi duudhaasaanii akkasumas, waadaasaanii kabajuun deebi’aa waan jiraniif godinichatti nageenyi bu’eera jedhaniiru. Rakkoo mariin hiikuun ala wal miidhuurraa faayidaan argamuu fi jijiiramni dhufu hin jiru jedhaniiru. Hidhattoota gara nagaatti deebi’an keessaa, Liiban Shaggaa yaada kennanneen nageenya filachuun deebi’uun hawaasa miidhe kiisuuf qophaa’uusaa ibseera. Hidhattoonni bosonatti hafanis waamicha nagaa fudhatanii akka deebi’aniif dhaamsa dabarseera.

Hawaasummaa
Tajaajila Qulqullina  fayyaa dhaabbilee Barnootaa olaanootti kennamu  eegsisuuf meeshaaleen wal’aansaa ammayyaa guutuuf hojjetamaa jira     
Dec 26, 2025 142
Mudde17/2018(ENA)- Tajaajila Qulqullina fayyaa dhaabbilee Barnootaa olaanootti kennamu eegsisuuf meeshaaleen wal’aansaa ammayyaa guutuuf hojjetamaa jirachuu Ministeerri Barnootaa ibse. Yuunvarsiitiin Jimmaa Deeggarsa Meeshaalee wal’aansaa Ammayaa’aa Ministeera Barnootaarra argateera. Ministeerri Barnootaa Deeggarsa Meeshaalee wal’aansaa kan taassise qaamolee deeggartootaa adda addaa waliin akka ta’e sagantaa walharkaa fuudhinsaa sanarratti ibseera. Sirna walharkaafuudhinsaa sanarrati kan argaman Deetaan Miniteera Barnootaa Obbo Koraa XuShunee akka ibsanitti, Dhaabbileen Barnootaa Olaanoon Damee fayyaan humna namaa gahoomee fi dorgomaa ta’e horachuuf hojiiwwan hojjetu cinaatti tajaajila wal’aansaa hawaasaaf kennaa jiraachuu eeraniiru.   Qulqullina Tajaajila fayyaa dhaabbatichatti kennu eegsisuuf meeshaalee wal’aansaa ammayaa’aa guutuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Kanaafis deeggarsi meeshaalee yaalaa har’a Yuunvarsiitii Jimmaaf kenname agarsiistu ta’uu ibsaniiru. Pirezidaantiin Yuunvarsiitii Jimmaa Doktar Jamaal Abbaa Fiixaa gamasaaniin, Inistitiyuutiin Fayyaa Yuunvarsiitichaa humna namaa beekumsaa fi naamusaan gahoome horachuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa turuu kaasaniiru.   Dabalataanis inistitiyuutichi hawaasa naannichaaf tajaajila wal’aansaa kennuun gumaacha olaanaa gumaachaa jira jedhaniiru. Deeggarsi Meeshaalee wal’aansaa ammayaa’aa har’a taassifameefii hojii baruu fi barsiisuuf haala mijeessuu qofa osoo hin taane qulqullina tajaajila yaalaa inistitiyuutichi kennnu guddisuuf akka gargaaru ibsaniiru. Yuunvarsiitichi Meeshaalee wal’aansaa deeggarsaan argate Birrii Miiliyona 25 kan baasan kanneen akka Laparoskoopii, ICU, hordoffii dhukkubsataa, Altiraasaawundii, fi Endoskoopii kan dabalatu ta’uu ibsaniiru.   Sirna walharkaa fuudinsaa sanarratti Deetaan Miniteera Barnootaa Obbo Koraa XuShunee dabalatee ogeeyyiin wal’aansaa olaanoo fi hoggantoonni Yuunvarsiitichaa argamaniiru.
Akkuma loltuun daangaa biyyaa eegu, gaazexessaan olola sobaa qolachuun dantaa biyyaalessaa eeguu qaba
Dec 26, 2025 119
Mudde 17/2018 (ENA)- Akkuma loltuun daangaa biyyaa eegu, gaazexessaan olola sobaa qolachuun dantaa biyyaalessaa eeguu aka qabu hoogganaan biiroo komunikeeshinii Oromiyaa Hayiluu Addunyaa ibsa. Gumiin Balal Marsaa 48ffaan Mata Duree Dantaa Biyyaalessaa fi Miidiyaa jedhuun gaggeeffamaa jira. Biyyi keenya akka biyyaatti dhimmoota dantaa biyyaalessaa ta’an olaantummaa Heeraa fi seeraa mirkaneessuu, tokkummaa biyyaalessaa eeguu, mirga ofiin of bulchuu jabeessuu fi guddina itti fufiinsa qabu ijaaruu irratti kutannoo olaanaan biyya hojjechaa fi injifannoowwan gurguddoo galmeessaa jirtu akka ta’ees ibsaniiru. Ejennoon mootummaa akkuma Siyaasa bishaan laga Abbayyaa jijjiirre ajandaa Ulaa Galaanaa cufamee ture banuu fi ji’oo polotiksii Gaanfa Afriikaa keessatti taatoo adda duree ta’uun argamuudha. Kunis hammattoo dippilomaasii fi seera Idil-addunyaa fayyadamuun cichoominaan hojiirra oolchuun kan raawwatamudhas jedhaniiru. Bara dorgommiin teeknoloojii dijitaalaa guddina ariifataa galmeessaa jiruu fi biyyoonni guddatan karaa hundaan miidiyaa dijitaalaa fi carraa miidiyaalee qaban hundatti fayyadamuun aantummaa fi gartummaa biyya isaanii agarsiisaa jiranitti hoggansaa fi ogeessa miidiyaa akkasumas haayyonni miidiyaalee fi komunikeeshinii biyya keenyaas haala qabatamaa addunyaa dhugaan booda hubachuun kutannoon hojjechuun dhimma bulfamu akka hin taane ibsaniiru. Addi waraanaa guddichi dantaa biyyaa kabachiisuu danda’u tokko waraana gama miidiyaatiin jirudha kan jedhan obbo Hayiluun, dhaabbileen miidiyaas waraana gama kanaan jiru qolachuuf beekumsaafi guddina teeknoloojii jaarraa kanaa hubachuufi hidhachuun dhimma filannoof dhiyaatu miti jedhan.   Miidiyaan hojii hojjetuun biyya ni ijaara; itti gaafatamummaa isaa ba’achuu yoo baate garuu haaluma salphaan biyya ni diiga jechuun ibsan. Dhimmi guddina biyyaa hojii ijoo miidiyaa ta’uu eeranii, guddina kana milkeessuufis hirmaannaa lammiilee cimsuuf hojjetamuu qaba jedhan. Bilisummaan miidiyaa akkuma eegametti ta’ee duudhaalee dhugummaa, haqummaa, al-loogummaa fi amanamummaa jabeessuun waldhabdee fi wal-shakkii hir’isuuf hojjechuun murteessaa ta’uu ibsuu isaaniiru. Waraqaa Qorannoo kan dhiyeessan Looreet Amaanu'eel Abdiisaa Miidiyaan dantaa Biyyaalessaa eegsisuu keessatti gahee inni qabu irratti muuxannoo biyyoota biroo eeruun, kan biyya keenyaas fakkeenya kana fudhachuu qabu jedhaniiru. Miidiyaan humna cimaa qaba kan jedhan qorataan kuni, humna isaa kana immoo biyya ijaaruuf itti fayyadamuu qaba jedhaniiru. Deetaan Ministiraa Tajaajila Komunukeeshinii mootummaa Obbo Kabbadaa Deesisaa gama isaaniin, gaheen miidiyaa dantaa biyyaalessaa eegsisuu keessatti qabu olaanaadha jedhaniiru. Waltajjii marii kanarratti hoggantoonni miidiyaalee adda addaa irraa dhufan irratti argamuunyaada galtee ta'u mariif dhiyeessaniiru.
Diinagdee
Godinichatti Manni maree tiraansfoormeeshinii qonnaa adeemsi ce'umsa qonnaa akka si’atuuf tumsaa jira
Dec 27, 2025 25
Mudde 18/2018(ENA)-Godina Baaleetti adeemsi ce'umsa qonnaa akka ariifatuuf manni maree tiraansfoormeeshinii qonnaa tumsaa jiraachuun ibsameera. Mariin ce'umsa qonnaa Oromiyaa (ATO) qoodafudhattoota gara garaa hirmaachise Baaleetti geeggeffamee jira. Manni Marii Tiraansfoormeeshinii Qonnaa Oromiyaa Hojimaata qonnaa hammayyeessuuf carraalee fi hudhaalee seektaricha keessatti mul'atan qorannoon adda baasuun yaada furmaataa kaa'uuf hundeeffamuu ni yaadatama. Manna marichaa sadarkaan ijaaraman keessaa kan Godina Baalee isa tokkoo yoo ta'u hojiilee hojjatamaa turaniin bu'aalee muuxannoof ta'aniif babal'achuu qaban hedduun galmaahaa jiru. Walitti qabaan mana marichaa fi Bulchaan Godina Baalee Obbo Abdulhakiim Aliyyii akka jedhanitti, akka godinichaatti hirmaannaa fi qindoomina miseensota mana marii tiraansfoormeeshinii qonnaa taasisaa turaniin seektaricha ceesisuuf hojiileen deeggaran mul'achaa dhufuu kaasan. Keessattuu inisheetiiviileen qonnaa jiruu qonnaan bulaa akka fooyyessaniif yaadamani hojirra oolaa jiran bu'aa qabatamaa agarsiisaa jiran agarsiiftuu carraaqqii kanaa ta'uu yaadachiisan. Obbo Abdulhakiim itti fufuun akka jedhanitti godinichatti bu'aalee seektara qonnaatiin baroottan dabran keessa galmaa'an daran cimsuun qonna ceesisuuf manni maree gumaacha ol'aanaa kan qabu ta'uus kaasan. Qooda fudhattoonni mana marichaas muuxannoolee galmaa'an daran jajjabeessuun hanqinaalee adda baafaman maqsuun kallattii ofduraa keessatti hojii caalmaaf akka ofqopheessan dhaamaniiru. Saganticharratti kan argaman Hoogganaa ittaanaan Biiroo Horsiisee Bulaa fi Jallisii Oromiyaa Obbo Roobaa Turchee gama isaaniitiin, Mootummaan naannichaa adeemsa qonna baratamaa irraa gara makaanaayzeeshiniitti ceesisuuf kaayyeffate akka milkaa'uuf manna maree tiraansfoormeeshinii qonnaatiif xiyyeeffannoo kennee hojjachaa jiraachuu dubbataniiru. Hojiin seektara qonnaatiin baroottan dabran keessa milkaa'inaan galmaa'an keessatti gumaachi manni maree qonnaa sadarkaan jiranii kan fakkeenyummaan ibsamu ta'uu yaadachiisan. Hojiilee inisheetiiviilee oomishaa fi oomishtummaa qonnaan bulaa daran dabaluu danda'an irratti xiyyeeffachuun qorannoon deeggaruun kaayyoon gama kanaan qabame galma akka gahuuf qooda fudhattoonni hudi gahee isaanii bahuu akka qaban Obbo Roobaan dhaamaniiru. Gamaaggamni raawwii mana marichaa fi kallattiin gara fulduraa hojii caalmaa qabu hojjachuuf kan isaan deeggaru ta'uu kan ibsan ammoo Itti gaafatamaa Waajjira Qonna Godina Baalee Obbo Aliyyii Muhammadi. Qooda fudhattoonni marichaa gama isaaniitiin harcaatiilee hojii keessatti uumaman fooyyessuun kallattii hojii mana marichaan taa'e hojitti hiikuun jijjiirama qabame milkeessuuf kutannoon kan hojjatan ta'uu dubbataniiru.
Intarpiraayizoonni carraa hojii bal’aa uumuudhaan fayyadama dinagdee lammiilee mirkaneessaa jiru
Dec 27, 2025 33
Mudde 18/2018(ENA)- Intarpiraayizoonni maayikiroo, xiqqaa fi jiddugaleessi carraa hojii bal’aa uumuudhaan fayyadama dinagdee lammiilee mirkaneessaa jiru jedhan de’eetaan ministiraa hojii fi ogummaa Salamoon Sokkaa. Egzibiishinii fi baazaariin maayikiroo, xiqqaa fi jiddugaleessaa ministeerri hojii fi dandeettii deeggartoota misoomaa waliin ta’uun qopheesse har’a Finfinnee paarkii michoomaatti ifatti banameera. Baazarichi mata duree “Omisha Itiyophiyaan Miidhaguu” jedhuun Mudde 18 fi 19 banaa ta’ee kan turu yoo ta’u intarpiraayizoonni maayikiroo, xiqqaa fi jiddugaleessaa oomishaa fi tajaajilasaanii baazaaricharratti qabatanii dhufaniiru.   De’eetaan ministiraa hojii fi ogummaa Salamoon Sokkaa akka ibsanitti, intarpiraayizoonni maayikiroo, xiqqaa fi jiddugaleessi bu’ura dinagdee biyyaa isa guddaadha. Intarpiraayizoonni kunneen carraa hojii bal’aa uumuun fayyadama dinagdee lammiilee ni mirkaneessaa jiru jechuun dubbataniiru. Mootummaan faayidaa tarsiimawaa sektara kanaa hubachuun bu’a qabeessummaasaa caalaatti mirkaneessuuf xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa akka jirus eeraniiru.   Ministeerri hojii fi ogummaas shoorri sektarri kun carraa hojii uumuuf qabu guddaa akka ta’u sirna caaseffamaa mijataa diriirsuusaa beeksisaniiru. Egzibiishinii fi baazaariin har’aas qama kanaa akka ta’e kaasanii oomishtoonni oomishasaanii kallattiin hawaasa shamataaf dhiheessuun gabaasaanii akka bal’ifatan taasisa jedhaniiru.
Sanyiiwwan Bunaa Omishtummaansaanii qorannoon mirkanaa’e misoomsotaaf kennameera
Dec 27, 2025 34
Mudde18/2018(ENA)- Sanyiiwwan bunaa haala teessummaa lafaa bu’uura godhachuun omishtummaan isaanii qorannoon mirkanaa’e gosa 42 ol misoomsotaaf dabarfamee kennamuu Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shayii beeksise . Omishaa fi omishtummaa bunaa dabaluuf dhimmota ijoo barbaachisan keessaa sanyii filatamaa ta’uu Abbaan taayitichaa hubachiiseera. Sanyiiwwan bunaa fo’achuun fi diqaalomsuun gidduugala wiirtuu qorannoo Qonnaa Jimmaa fi dameewwaan Qorannoo jalatti argamanitti haala teessuma lafaa bu’uura godhatan gadhiifamuusaanii Hojii gaggeessaa olaanaan Abbaan Taayitaa misooma Bunaa, shayii fi mi’eessituuwwanii Obbo Fiqaaduu Dafarras ENA’f ibsaniiru.   Filannoo fi diqaalomsuun wiirtuu Qorannoo Jimmaattii fi wiirtuuwwan qorannoo damicha jalatti argamaniin sanyiiwwan bunaa haala teessumaa lafaa bu’uura godhatanii fi qilleensa baddaaf mijatan gosni bunaa 14 gadhiifamuusaanii eeruun, omishtummaan isaanii oyruu qorannoorratti hektaara tokkorraa kuntaalaa 12 tuqaa 2 hanga 24 tuqaa 41 ta’uu hubachiisaniiru. Haaluma wal-fakkaatuun naannoowwan badda dareetti sanyiiwwan bunaa mijatoo ta’an sanyiiwwan bunaa 16 gadhiifamuusaanii kan ibsan obbo Fiqaaduun, sanyiiwwan bunaa kun omishtummaan isaanii hektaara tokkorraa kuntaala 14 tuqaa 8 hanga 24 ta’uu dubbataniiru.   Akkasumas sanyiiwwan bunaa naannoo ho’aatti mijatoo ta’an 12 gadhiifamuusaanii eeruun, hektaara tokkorraa kuntaala 13 tuqaa 2 hanga 25 tuqaa 4 akka argamu beeksisaniiru. Gama biraan sanyiiwwan bunaa naannootti biqilan Naannawa wallagaatti Afur, Harargee lixaaf Afur, Yirgaacaffeef ja’aa fi Limmuuf tokko gadhiifamuusaanii dubbataniiru. Omishtummaan Bunaa qorannoon dagaagsuun fayyadamummaa damicharraa argamu guddisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Tarsiimoon Dijiitaalli Itiyoophiyaa 2030 Ammayyummaa Magaalotaa guddisuuf Boqonnaa haaraa bana
Dec 27, 2025 26
Mudde18/2018(ENA)-Tarsiimoon Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 magaalota Teekinooloojiin ammayaa’an ijaaruu fi haala jireenya lammiilee foyyessuuf humna guddaa akka uumu Ministirri Magaalaa fi Bu’uura Misoomaa Aadde Caaltuu Saanii ibsan. Ministirri Mummee Doktar Abiyyi Ahimad Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 yeroo jalqabsiisan dhaqqabamummaa babal’isuu, Lammiileef Carraa walqixa uumuu akkasumas lammiilee fi dhaabbilee gidduutti wal amantaa dagaagsuun galma ijoo tarsiimichaa ta’uu ibsuunsaanii ni yaadatama.   Karoorawwan kana milkeessuuf bu’uuraaleen misooma ummataa babal’isuu hojiiwwan ijoo ta’uu ibsuun, teekinooloojii kan namarratti xiyyeeffachuun haala jireenya guyyaa guyyaa lammiilee fooyyessuuf humna guddaa uuma jedhaniiru. Ministirri magaalaa fi bu’uuraalee Misoomaa Caaltuu Saanii turtii ENA waliin taasisaniin Mootummaan ida’amuu magaalonni kan kalaqaa, teekinooloojii fi agarsiistuu badhaadhinaa akka ta’aniif hojjechaa jira. Tarsiimoon Dijiitaala Itiyoophiyaa 2025 magaalota “smart City” gochuuf kan dandeessisu bu’uurri cimaan kaa’amuu dubbataniiru. Kunis magaalonni qophii karooraa eegalee dijiitaalaan akka gaggeeffaman taasisuunii fi kenna tajaajilaa ammayyeessuurratti qooda olaanaa gumaachuu ibsaniiru. Kanaanis jiraattotaaf magaala mijattuu, gurgurtaa elektirooniksii, kenna tajaajilaa si’ataa lammmiileef kennuun kan danda’ame akka ture kaasaniiru. Kanaanis bu’aa argamuu fi guddina magaalotaaf bu’uura guddaa kaa’ee milkaa’inaan xumuramuu kaasaniiru. Tarsiimoon Dijiitala Itiyoophiyaa haaraan 2030 magalummaa “smart City “ irra darbee teekinoloojiin kan ammayaa’an akka ta’an kan isaan dandeessisu ta’uu eeraniiru. Immaammata misooma magaalaa Haarawaa waliin kallatttiin kan walitti dhufu yoo ta’u, itti fayyadama Aannisaa, sochi Diinagdee, kenna tajaajilaa kan idileesu ta’uu hubachiisaniiru. Dijiitaalayizeeshiniin lammiilee fi Mootummaa akkasumas tajaajila kan kennanii fi fudhatan gidduutti wal amantaa kan uumuu ta’uu ibsaniiru. Nageenya odeeffannoo mirkaneessuun muuxannoo odeeffannoo guddina biyyaaf fayyadamuu yeroo gara yerootti babal’achaa dhufuu akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Mootummaan ida’amuu magaalonni kan kalaqaa, Teekinooloojii fi agarsiistuu Badhaahinaa akka ta’aniif xiyyeeffannoo keennee hojjechaa jiraachuu fi milkaa’ina kanaaf humna ittiin furguggifamaa guddaa ta’uu eeraniiru.
Leenjiin Itiyoo-Koodarsii Beekumsa Teekinooloojii keenyaa dabaluun hojii keenya nuuf saffisiiseera-leenjitoota
Dec 26, 2025 115
Mudde 17/2018(ENA)- Leenjiin Itiyoo Koodarsii beekumsa Teekinooloojiin qaban guddisuun hojiisaanii saffisiisuu fi bu’aa qabeessa taassisuuf isaan gargaaruu leenjifamtoonni magaalaa walqixxee dubbatan. Inisheetivii Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimadiin kan eegalame Leenjiin Itiyoo-Koodarsii Dijiitaala Itiyoophiyaa dhugoomsuuf leenjichi lammiilee miiliyoona 5f dhaqqabamaa akka ta’u galmi qabameera. Leenjichi lammiileen beekumsa Teekinooloojiisaanii akka gabbifatani fi tajaajila Teekinooloojiin deeggarame babal’isuuf faayidaan qabu olaanaa ta’uun amanamee hojiitti kan gale waggaa 3ffaa qabateera. Leenjiin Itiyoo-Koodarsii naannoowwan itti kennamaa jiru keessaa Nannoon Giddugala Itiyoophiyaa Magaalaan walqixxee tokko yoo taatu, hirmaattonni leenjichaa beekumsa teekinoloojiisaanii guddifachuun hojisaanii saffisiisuuf isaan gargaaruusaa dubbataniiru.   Namoota yaadasaanii ENA’f kennan keessaa Dargaggoo Heenook Waldagoorgis akka ibsetti, dameelee adda addaa Afuriin beekumsii fi dandeettiin Teekinooloojii argate ogeesa gahoomee fi dorgoma isa taassisuu ibseera. Leenji’aa biroon Dargaggoo waldatinsaay waldaamlaak gamasaan leenjiin Itiyoo-koodarsii softiweerota tajaajila adda addaa kennan hojjetee fayyadamaa ta’uu ibseera. Hojii daldalaa kan hojjetan Aadde Roozaa Aggizaa gamasaaniin leenjiin fudhatan beekumsaa fi dandeettii Teekinooloojiisaanii guddisuun hojii daldalaasaaniin bu’aa qabeessa isaan taassisuu dubbataniiru.   Leenjiin Itiyoo koodarsii godina Guraageetti yeroo eegalee kaasee lammiileen kuma 58 leenjicha akka fudhatan Itti Gaafatamaan Qajeelcha Saayinsii fi Teekinooloojii Godina Guraagee Damissi Gabree ibsaniiru. Godinichatti bara baajataa qabametti lammiileen kuma 24 leenjisuuf karoorfamee hanga ammaatti lammiilee kuma 36’f leenjiin kennamuusaa fi isaan keessaa lammiileen kuma 28 waragaa ragaa fudhachuusaanii ibsaniiru. Gara Fuulduraattis Leenjicha Manneen Barnootaa sadarkaa 2ffaa hundatti dhaqqabamaa taassisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru
Dijiitaala Itiyoophiyaa 2025’n Dandeettii Dijiitaalaa fi Ijaarsa Diinagdeerratti hojiin bu’aa qabeessi hojjetamaniiru
Dec 26, 2025 92
Mudde17/2018(ENA)-Tarsiimoo Dijiitaalaa Itiyoophiyaa 2025 Dandeettii Dijiitalaa fi Ijaarsa Diinagdeef bu’uura ta’an hojiin bu’aa qabeessi kan itti hojjetaman ta’uu hayyoonni damee teekinooloojii ibsan. Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad tarsiimoo Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 yeroo eegalchiisan Dijiitaalli Itiyoophiyaa 2025 guutummaan sadarkaa jedhamutti milkaa’uu ibsuunsaanii ni yaadatama. Keessumaa bu’uuraalee Misoomaa tajaajila hawaasaa diriirsuurratti hojiin bu’aa qabeessi hojjetamuu kaasuun , Itiyoophiyaan sadarkaa Murteessaa jedhamuun gurgurtaa maallaqa callaarraa gara sirna faayinaansii Dijiitaalaatti ce’uusaa eeraniiru. Tarsiimoon Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 dhaqqabamummaa babal’isuu, Carraa wal-qixaa mijeessuu, dhaabbilee fi Ummata gidduutti wal amantaa uumuu kaayyoowwansaa ijoo ta’uu ibsaniiru. Hayyoonni Yunvarsiitii Saayinsii fi Teekinooloojii Finfinnee ENA’f yaada kennan akka ibsanitti, tarsiimoon Dijiitaala Itiyoophiyaa 2025 ijaarsa Dinagdee Dijiitaalaaf bu’uura kan kaa’ee fi tajaajiloota ammayyeessuun dhaqqabamummaa guddisuu kan danda’edha. Yunvarsiitichatti Itti gaafatamaa hubannaa namtolchee fi gahooma Roobootiksii Doktar Habiib Mahaammad, tarsiimoon Dijiitaala Itiyoophiyaa 2025 saffisa Interneetaa fooyyessuunii fi baay’ina fayyadamtoota mobaayilaa fi Intarneetaa sadarkaa olaanaan dabaluun bu’aa qabeessummaasaa qabatamaan argisiisuu ibsaniiru.   Tarsiimoon kun Dinagdee Dijiitaalaaf bu’uura kan ka’ee fi kenna tajaajiloota mootummaa hedduu ammayyeessuun dhaqqabamummaa fi saffisa tajaajilaa guddisuu dubbataniiru. Tajaajjilli Waraqaa eenyummeessaa faayidaa bu’aa bahii hanbisuuf qooda akka qabu kaasuun, koodarsii Miiliyoona shan hirmaachisaa fi sagantaawwan dandeettii guddisan hojiirra ooluusaanii hubachiisaniiru. Hojiirra oolmaan tarsiimichaa sirna faayinaansii hirmaachisa ijaaruun kaffaltii dijiitaalaa fi tajaajila faayinaansii mobaayilii babal’isuun dhaqqabamaa taassisuu ibsaniiru. Dabalataanis Dinagdee dhuunfaa keessatti hirmaannaa qabu guddisuurra darbee, nageenya Saayibarii Mirkaneessuuf hojiiwwan hojjetaman galmoota tarsiimoon kaa’aman milkeessuunsaanii agarsiistuu ta’uu hubachiisaniiru. Yunvarsiitichatti Itti gaafatamtuun kutaa Sooftiweer Injiinaringii Doktar Lamlam kaasaa gamasaaniin, Dijiitaalli Itiyophiyaa 2025 bu’uuraalee Misoomaa saffisiisuurrattui bu’aan galmaa’uu dubbataniiru.   Hayyoonni kun tarsiimoo Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 tiranisfoormeeshinii Dijiitaala Itiyophiyaa Saffisiisuu, Bu’uuraalee Misoomaa cimsuu, Kalaqa guddisuu, Dhaabbilee Dinagdee Dijiitaalaa Mandhaaleef barbaachisan ijaaruuf mul’ata kan qabate ta’uu eeraniiru. Tarsiimicha bu’aa qabeessummaan hojirra oolchuuf bu’uuraalee misoomaa Dijiitaalaa fi ijaarsa dandeettiif Fi nageenya saayibariirratti hojiiwwan hojjetaman cimanii ittifufuu akka qaban ibsaniiru.
Ispoortii
Sagantaa “booksiingideeyi” Piriimar liigichaan Maanchistar Yunaayitid  Niwukaastil Yunaayitid waliin ni taphata 
Dec 26, 2025 99
Mudde17/2018(ENA)- Piriimar liigii Ingiliz torban 18ffaa sagantaa jalqabaaan Maanchistar Yunaayitidii fi Niwukaastil Yunaayited gidduutti har’a ni gaggeeffama. Taphichi halkan sa’aatii 5:00tti Istaadiyeemii Olditirafoorditti ni gaggeeffama. Maanchistar Yunaayitid qabxii 26n sadarkaa 7ffaa irratti yoo argamu Niiwukaastil Yunaayited immoo qabxii 23n sadarkaa 11ffaa qabateera. Ammaan dura taphoota waliin gaggeessan 60 keessa maanchistar Yunayidid yeroo 33 yoo injifatu Niwukastil Yunaayitid yeroo 11 injifateera yeroo 16 immoo qixa baheera. Maanchistar Yunaayitid taphichaan galchii 117 yoo lakkoofsisu Boornimaawuz galchii 68 lakkoofsiseera. Taphoota ligichaa shan darbaniin walitti dhufeenya qabaniin Niwuukastil Yunaayitid yeroo 4 yoo injifatu yeroo tokko qixaan baheera. Gahumsa fulla’aa argisiisuun kan itti ulfaate Maanchistar Yunaayitid qabxii 3 argachuun gara injifannootti akka deebi’uu isa taassisa. Niwukaastil Yunaayitid taphoota liigichaa lamaa booda gara injifannootti deebi’uuf taphata. Taphicha abbaa seerummaan Lammii Ingiliz kan ta’e Antoonii Teeyileer ni gaggeessaa. ‘Booksiingi deeyi’ kan jedhamu moggaasa ayyaanni Gannaa Faranjootaa kabajamee guyyaa itti aanee jiru yoo ta’u namoonni hedduun wayitii gannaa saanduqaan(Box) kennaa kan itti waliif kennan ta’uusaatiin taphoonni yeroo sana taphataman booksiingi deeyi jedhamuun moggaafamaniiru. “booksiingi deeyi” lammiileen Yunaayitid Kingidam jiraatan hojii gaarii fi tola ooltummaa guyyaa itti raawwatanidha. Kilaboonni taphoota booksiingi deeyiin gatii tikkeettiirraaa baay’ee hir’isuun keessumaa ijoolleen Istaadiyeemii akka galan ni jajjabeeffamu.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Godinichatti lafa heektaara kuma 251 ol irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii ji’oota Bonaa keessa ni raawwatama
Dec 19, 2025 267
  Mudde 10/2018(TOI) - Naannoo Oromiyaa Godina Wallaaggaa Lixaatti lafa heektaara kuma 251 ol irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii ji’oota Bonaa keessa kan gaggeeffamau ta’uun ibsame. Waggoottan darban hojii kunuunsa biyyee fi bishaanii taasifameen, lafti heektaara miliyoona 33 ol misoomsamuu odeeffannoon Ministeera Qonnaa irraa argame ni ifoomsa. Bara kanas naannolee adda addaa keessatti hojiin walfakkaataan ciminaan hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, naannoo Oromiyaa keessattis hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii haala qonnaan bulaa hirmaachiseen hojjetamaa jira.   Waggoota darbanitti naannichatti hojiiwwan kunuunsa biyyee fi bishaanii hojjetamaa kan turan yoo ta’u, lafa heektaara miliyoona 3 ol misoomsuun fayyadamummaa qonnaan bultootaa guddiseera. Yeroo ammaa kanattis hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, Godinoota kanneen keessaa immoo Godina Wallaggaa Lixaatti kunuunsa biyyee fi bishaanii yeroo Bonaa kanatti lafa heektaara kuma 251 ol kunuunsuuf hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa ibseera. Waajjirichatti itti gaafatamaan Garee Eegumsa Qabeenya Uumamaa obbo Fiqiruu Birhaanuu akka jedhanitti, waggoota darban keessa hojiiwwan kunuunsa biyyee fi bishaanii Godinicha keessatti raawwataman dhiqama biyyee ittisuu, qabeenya bishaan lafa jalaa fi bishaan lafa gubbaa dabaluu, oomishtummaa qonnaa guddisuu irratti jijjiirama qabatamaa fideera. Bona kana lafa heektaara kuma 251 fi 471 ol irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii kan raawwatamu ta’uu ibsuun, qonnaan bultoonni kuma 400 ol hojii kana irratti akka hirmaatan ibsaniiru. Ijaarsi irkanii, boohoo bishaanii baasuu fi hojiiwwan kunuunsa qabeenya uumamaa biroo qonnaan bultoota dammaqinaan hirmaachisuun akka raawwataman himaniiru.   Hojii kana galmaan ga’uufis muuxannoo waggoota darban irraa argame irraa ka’uun, hojiin sosochii hawaasaa xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan. Hojiilee kunuunsa biyyee fi bishaanii taasifameen lafti misoomeera. Lafti naannoo sanaa misoomuun isaa immoo qonnaan bultoonni naannichaa horsiisa kanniisaa irratti bobb’uun, gariin immoo soorata beeladootaa fi kanneen biroo irratti hirmaachuun akka fayyadaman carraa baneera jedhan.
Bara kanatti kunuunsa qabeenya uumamaa fi misooma bishaan kuufamaan lafti heektaara miiliyoona 4.6 ni misooma- Ministeera Qonnaa
Dec 14, 2025 302
  Mudde 5/2018(TOI)- Bara kanatti kunuunsa qabeenya uumamaa fi misooma bishaan kuufamaan lafti heektaara miiliyoona 4.6 ni misoomfama jedhe Ministeerri Qonnaa. Ministeera Qonnaatti hojigaggeesaan Olaanaa Misoomaa fi Itti Fayyadama Qabeenya Uumamaa Faanosee Mokonnon akka jedhanitti, kunuunsa qabeenya uumamaa fi misoomni qindaa’aan bishaan kuufamaa hawaasa biratti aadaa ta’aa jira. Hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii waggaa waggaan naannoolee biyyattii hunda keessatti sosochii hawaasaatiin gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.   Hojiin kunuunsa qabeenya uumamaa lafa manca’e damdamachiisuuf, dhiqama biyyee ittisuuf, gabbina biyyee dabaluufi oomishaafi oomishtummaa guddisuuf gargaaraa jira jedhan. Kanarra darbees, dargaggoonni gurmaa’uun kuduraalee fi muduraalee oomishuun, fayyadamummaan diinagdee isaanii dabalaa jiraachuus ibsaniiru. Duulli Kunuunsaa fi Misooma Qabeenya Uumamaa bara kanaa baatii Amajjii keessa akka biyyaatti ifatti akka eegalu eeruun, kanaafis qophiin xumuramaa akka jiru hubachiisaniiru. Bara kana lafti heektaara miiliyoona 4.6 hojii kunuunsa qabeenya uumamaa bishaan kuufamaa kuma 21 keessatti akka misoomu ibsaniiru. Hojii kunuunsa qabeenya uumamaa sosochii uummataatiin gaggeeffamu, waggaa waggaan giddu galeessaan uummanni miiliyoona 14 ol akka hirmaatu himaniiru. Hawaasni yeroo isaa, anniisaa fi qabeenya isaa aarsaa gochuun, waggaatti giddu galeessaan birrii biiliyoona 18 ol gumaachuu ibsaniiru. Madaallii uumamaa eeguu fi jijjiirama qilleensaa ittisuu keessatti bulchiinsi qabeenya uumamaa barbaachisummaa guddaa waan qabuuf, kutaaleen hawaasaa hundi duula sosochii kanaa irratti akka hirmaatan waamicha dhiyeessaniiru.  
Guyyoota kurnan dhufan keessatti naannoolee biyyattii adda addaatti halkanii fi ganama haalli qillensa qorraa cimaan ni mudata - Inistiitiyuutii Meetirooloojii Itiyoophiyaa
Dec 12, 2025 469
  Mudde 03/2018(TOI)- Guyyoota kurnan dhufan keessatti naannoolee biyyattii adda addaatti halkanii fi ganama haalli qillensa qorraa cimaan ni mudata jedhe Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa. Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa akka beeksisetti qorri halkanii fi ganamaa naannoo Kaaba biyyattii, bahaa, Giddu Galeessaa fi Kibbaa keessatti haalaan qorri cimaa akka ta’u beeksiseera. Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa, ibsa TOIf ergeen, naannoolee biyyattii irra caalaan haala qilleensaa goggogaa, aduu fi qilleensi bonaa bubbee qabu akka mul’atu beeksiseera. Raagaan haala qilleensaa akka agarsiisutti, qilleensi goggogaa fi qorraa sababa dhiibbaa qilleensaa olaanaa Saayibeeriyaa irraa gara biyya keenyaatti bubbisu jiruuf, guyyoota kurnan dhufan keessatti cimee itti fufa jedhe. Raagaan haala qilleensaa akka agarsiisutti naannoo tokko tokkotti qorri digrii seelshiyeesii shanii gadi akka bu’u ni mul’isa. Kanaafuu Kaaba, Kaaba Bahaa,Baha biyyattii, giddugaleessaa fi kibbaa lafa Gammoojjummaa keessatti qorri halkanii fi ganama haalaan cimaa akka ta’u ibsaniiru. Akkasumas darbee darbee naannoolee tokko tokkotti cimaa ta’ee naannoo tokko tokkotti qorra fixeensa qabu akka fidu ibseera. Godinaalee kibbaa fi kibba bahaa biyyattii keessatti naannoleen muraasni yeroo rooba bonaa isaanii isa lammaffaa keessa jiran rooba salphaa akka argatan himameera. Akkasumas raagaan haala qilleensaa akka agarsiisutti, kutaalee biyyattii kaaba dhihaa, dhihaa fi kibba dhihaatti darbee darbee rooba salphaan akka roobu ibsaniiru. Ragaan tilmaama lakkoofsaa akka agarsiisutti yeroo kanatti bishaan kuufamaa irra caalaan haala qilleensaa goggogaa akka mudatu himaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 16192
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 1207
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015