Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Itoophiyaan Fakkeenyummaa Ardii Injifannoo Adwaarratti mul’iste har’a misooman dabalaa jirti 
Apr 10, 2026 127
Eebila 2/2018(ENA):-Itoophiyaan fakkeenyummaa ardii irratti injifannoo Adwaatiin agarsiifte har'as misoomaan irra deebi'aa jirti jechuun Afrikaanonni Siidaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa dawwatan ibsan. Itoophiyaan biyya madda seenaa gootummaa ta'uu ishee eeruun, Yaadannoon Injifannoo Adwaa kan Itoophiyaa qofa osoo hin taane, Seenaa boonsaa Afrikaanotaa fi saba gurraacha maraa ta'uu Eeraniiru. Hirmaattonni Yaa'ii Dandamannaa Sodaa Balaa Afrikaa 16ffaa Itoophiyaan qopheessite,irratti argaman, Siidaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa galmee seenaa gootummaa Itoophiyaa fi Afrikaanotaa kan ta'e dawwataniiru. Dawwannaa isaaniitiin Hambaalee Seenaa Ragaa Injifannoo ta'anii fi Ashaaraa gootummaa kan daawwatan yoo ta'u,yaadannoon injifannichaa biyya irra darbee Afrikaadhaaf barnoota guddaa kan qabu ta'uu ibsaniiru. Injifannoon Adwaa hiyyummaa mo'uu fi badhaadhina Afrikaatiif waliin hojjechuuf kaka'umsa guddaa kan uumu ta'uus dubbataniiru. Dawwattoota keessaa Lammiin Jibuutii kana ta’e Iisaam Abdulhaakiim yaada kennaniin; Itoophiyaan madda seenaa gootummaa ta'uu ishee seenaawwan Golambaa keessatti argerraa hubadheera jedhan. Injifannoon Adwaa Itoophiyaanonni yoo tokkooman qormaata kamiyyuu dura dhaabbachuu akka danda'an kan mirkaneesse ta'uu dubbataniiru. Kunis Afrikaanota hundaaf barnoota abdii kutachuu dhiisuu kan kennudha jedhaniiru. Zambiyaa irraa kan dhufan Masiichiluun gamasaaniitiin; Yaadannoon Injifannoo Adwaa injifannoo waraanaa qofa kan yaadatu osoo hin taane, bara kana keessa misoomaaf carraaquu kan barsiisuu fi onnee kan namatti horudha jedhaniiru. Afrikaanonni seenaa Adwaa irraa barannee yoo tokkoomne, akkuma waraanaa sana hiyyummaas mo'uu ni dandeenya jedhan. Miidhaginaa fi guddina Finfinnee keessatti arganis Itoophiyaan fakkeenyummaa Afrikaadhaaf qabdu gochaan agarsiisuu ishee ibsaniiru. Haaluma walfakkaatuun lammiin Sudaan Ismaa'eel Alii Adwaan dandeettii geggeessummaa sirrii fi kutannoon uummataa kan itti mul'atedha jedhan. Itoophiyaan gootummaa ishee duriitiin qofa osoo hin taane, har'as milkaa'ina misoomaa galmeessisaa jirtuun fakkeenya Afrikaa ta'uu itti fufteetti jedhaniiru
Ajandaa dhalootaa kan ta’e Gaffii hulaa Galaanaa Milkeessuuf dargaggoonni beekumsaa fi gahumsaan hirmaachuu qabu – Federeeshinii Dargaggoota Itiyoophiyaa
Apr 10, 2026 285
Eebila 2/2018(ENA): Faayidaa biyyaalessa Itiyoophiyaa kabachiisuu fi gaffii abbummaa hulaa Galaanaa dhimma dhalootaa ta’e milkeessuuf dargaggoonni beekumsaa fi dandeettiin hirmaachuu akka qaban Federeeshiniin Dargaggoota Itiyoophiyaa ibse. Guddina dinagdee Itiyoophiyaa saffisaa jiru itti fufiinsa akka qabaatu gochuu fi fedhii misoomaa ummataa dabalaa dhufe guutuuf, hulaa galaanaa amansiisaa ta’e argachuun dhimma filannoo hin qabnedha. Mootummaan Itiyoophiya Galma biyyaalessaa kana milkeessuufis, abbummaa ulaa galaanaa ta’uuf kan dandeessisan hojiiwwan dippiloomaasii bu’a qabeessa ta’an bal’inaan hojjechaa jira. Itti Gaafatamaan Hariiroo Uummataa Idil-Addunyaa Federeeshinii Dargaggoota Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Alaksaandar Nugusee ENA’f akka ibsanitti,hulaa Galaanaa qabaachuun guddina Dinagdee fi Hawaasummaa Itiyoophiyaatiif murteessaadha jedhani. Ambaasaaddar Alaksaandar, carraaqqii Dippiloomaasii Mootummaan hulaa Galaanaa ilaalchisee taasisu akka milkaa’uuf Federeeshinichi shoora isaa taphachaa akka jiru himaniiru. Hojiiwwan hubannoo dargaggootaa cimsuun hojjetamaa jiraachuu eeranii, dhimma Faayidaa Biyyaalessaa itti fufiinsaan milkeessuuf dhaloonni itti gaafatamummaa guddaa akka qabu dubbataniiru. Faayidaa biyyaalessa Itiyoophiyaa kabachiisuu fi gaaffii abbummaa hulaa galaanaa galmaan gahuuf dargaggoonni beekumsaa fi dammaqinaan hirmaachuu akka qaban ibsaniiru. Dargaggoonni dhimma kana irratti yaada isaanii kennan gama isaaniitiin, gaaffiin hulaa galaanaa dhimma dhalootaa ta’uu ibsaniiru. Dargaggoo Abenezer Ermiyaas gaaffiin hulaa Galaanaa keenya sadarkaa Idil-Addunyaatti fudhatama argachaa jiraachuu eeruun, dargaggoota dhiibbaa uumuu danda’an fayyadamuun dhimma kana Addunyaaf caalaatti hubachiisuu qabna jedheera. Dargaggoonni miidiyaa hawaasummaa irratti viidiyoowwan gaggabaaboo fi ragaalee seenaa fayyadamuun, gaaffii hulaa Galaanaa Itiyoophiyaa gama seeraa, seenaa fi uumamaatiin sirrii ta’uu isaa beeksisuun murteessaa ta’uu ibseera.   Haaluma walfakkaatuun, shamarran Ruut Shawaanqixawuu fi Feeven Fiqaaduu dhimmi hulaa Galaanaa kan mootummaa qofa osoo hin taane kan lammii hundaati jedhaniiru. Dargaggoonni yaada isaanii ibsuu fi mootummaa deeggaruun shoora adda durummaasaanii taphachuu akka qaban hubachiisaniiru.
Pirojektoonni misoomaa eegalaman akka milkaa'an gargaaruu fi rakkoolee mariidhaan hiikuuf ga'ee keenya ni baana - Jiraattota Dirree Dhawaa
Apr 10, 2026 540
Eebila 2/2018 (ENA): Pirojektoonni misoomaa eegalaman akka milkaa’an gargaaruu fi rakkoolee mudatan mariidhaan furuuf ga’ee keenya ni baana jedhan jiraattonni magaalaa Dirree Dhawaa ENA waliin turti taasisan. Pirojektoonni misoomaa kallattii hedduun waggoota jijjiiramaa keessa Dirree Dhawaatti hojjetaman, bu’aa qabatamaa akka argamsiisan karaa hedduudhaan mirkaneessuun ni danda’ama jedhani. Ummanni Dirree Dhawaa hojiiwwan misoomaa bara mootummaa jijjiiramaa waliin dhufe deegaruun hiriira bahuun agarsiiseera. Pirojektoonni misoomaa murteessoo ta’an egeree Itiyoophiyaa murteessan hojjetamaa akka jiran ibsuun, isaan xumuruuf tumsi, deeggarsaafi gargaarsi hundaa akka barbaachisu ibsaniiru. Kanaaf pirojektoonni misoomaa jijjirama kanaan eegalaman akka milkaa’anii fi rakkoolee jiran mariidhaan furuuf ga’ee keenya ni baana jedhan jiraattonni magaalaa Dirree Dhawaa ENA’n waliin turtii taasisan.   Namoota yaada kennan keessaa Abbaa Gadaa Afran Qalloo kan ta’an Abdurrazaaq Ahimadii fi hogganaa aadaa hawaasa Somaalee Haajii Abdoo Umar Isaa, Itiyoophiyaa keessa rakkoolee kanaan dura turan hedduun akka jiran eeruun,rakkoolee kanneenimmoo waaraan furuuf mariin barbaachisaa ta’uu himani. Adeemsi marii biyyoolessaa akka milkaa’uuf waliin hojjechuu qabna jedhaniiru.   Yaada kennitoonni biroo, obbo Akiliilee Taaxaq fi obbo Abdoo Muummee, bu’aawwan jijjiramichaa itti fufiinsa akka qabaatu gochuuf tokkummaa biyyaalessaa cimsuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Rakkoolee biyyoolessaa jaarraa hedduuf turan turan mariidhaan hiikuun biyya dhalootaaf mijattu ijaaruun ni danda’ama jedhu irratti Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa hojjachaa akka jiru beekamaadha.
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Pirojektoonni misoomaa eegalaman akka milkaa'an gargaaruu fi rakkoolee mariidhaan hiikuuf ga'ee keenya ni baana - Jiraattota Dirree Dhawaa
Apr 10, 2026 540
Eebila 2/2018 (ENA): Pirojektoonni misoomaa eegalaman akka milkaa’an gargaaruu fi rakkoolee mudatan mariidhaan furuuf ga’ee keenya ni baana jedhan jiraattonni magaalaa Dirree Dhawaa ENA waliin turti taasisan. Pirojektoonni misoomaa kallattii hedduun waggoota jijjiiramaa keessa Dirree Dhawaatti hojjetaman, bu’aa qabatamaa akka argamsiisan karaa hedduudhaan mirkaneessuun ni danda’ama jedhani. Ummanni Dirree Dhawaa hojiiwwan misoomaa bara mootummaa jijjiiramaa waliin dhufe deegaruun hiriira bahuun agarsiiseera. Pirojektoonni misoomaa murteessoo ta’an egeree Itiyoophiyaa murteessan hojjetamaa akka jiran ibsuun, isaan xumuruuf tumsi, deeggarsaafi gargaarsi hundaa akka barbaachisu ibsaniiru. Kanaaf pirojektoonni misoomaa jijjirama kanaan eegalaman akka milkaa’anii fi rakkoolee jiran mariidhaan furuuf ga’ee keenya ni baana jedhan jiraattonni magaalaa Dirree Dhawaa ENA’n waliin turtii taasisan.   Namoota yaada kennan keessaa Abbaa Gadaa Afran Qalloo kan ta’an Abdurrazaaq Ahimadii fi hogganaa aadaa hawaasa Somaalee Haajii Abdoo Umar Isaa, Itiyoophiyaa keessa rakkoolee kanaan dura turan hedduun akka jiran eeruun,rakkoolee kanneenimmoo waaraan furuuf mariin barbaachisaa ta’uu himani. Adeemsi marii biyyoolessaa akka milkaa’uuf waliin hojjechuu qabna jedhaniiru.   Yaada kennitoonni biroo, obbo Akiliilee Taaxaq fi obbo Abdoo Muummee, bu’aawwan jijjiramichaa itti fufiinsa akka qabaatu gochuuf tokkummaa biyyaalessaa cimsuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Rakkoolee biyyoolessaa jaarraa hedduuf turan turan mariidhaan hiikuun biyya dhalootaaf mijattu ijaaruun ni danda’ama jedhu irratti Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa hojjachaa akka jiru beekamaadha.
Paartiin Badhaadhinaa Naannoo Harariitti hojiiwwan namarratti xiyyeeffatan kanneen fayyadamummaa Ummataa mirkaneessan raawwateera
Apr 9, 2026 2073
Eebila 1/2018(ENA): Paartiin Badhaadhinaa Naannoo Harariitti hojiiwwan namarratti xiyyeeffatan kanneen fayyadamummaa Ummataa mirkaneessan raawwachuusaa Bulchaan Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badirii ibsan. Paartiin Badhaadhinaa Naannoo Harariitti Kaadhimamtootasaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa fi Mana Maree Naannootiif dorgoman beeksisuu fi duula na filadhaa Magaalaa Hararitti gaggeesseera. Sagantaa kana irratti Bulchaan Naannichaa obbo Ordiin Badirii dabalatee,hoggantoonni olaanoon paartichaa,miseensonni, deeggartoonnii fi Hawaasni Naannichaa argamaniiru.   Bulchaan Naannichaa wayita sana ergaa dabarsaniin, kallattiin misoomaa fi guddina Itiyoophiyaa bu’uura sirrii kan qabatee fi bu’aawwan gama maraa kan galmaa’an cimanii hojjechuu fi kutannoo Paartii Badhaadhinaatiin ta’uu kaasaniiru. Naannoo Harariitti hojiiwwan namarratti xiyyeeffatanii fi fayyadamummaa Ummataa Mirkaneessan raawwatamuu ibsaniiru. Waggoottan jijjiiramaa keessatti gaggeessummaa paartichaan baadiyyaa fi magaalota keessatti hojiiwwan misoomaa gama maraa hojjetamuusaa ibsaniiru. Hojiiwwan deebisanii misoomsuu Jagoolii fi hojiiwwan misooma kooriidarii magaalaa Harar dabalatee, hojiiwwan qabatamaan faayidaa Hawaasummaa, Siyaasaa fi Dinagdee raawwatamuu isaanii kaasaniiru. Kanaafuu, Misoomaaf, Ijaarsa Dimookraasiif, fayyadamummaa guutuu lammiilee fi guddina biyyaatiif Badhaadhina filachuun murtoo sirrii ta’uu ibsaniiru.   Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Hararii obbo Geetuu Wayyeessaa gama isaaniin, Paartiin Badhaadhinaa bu’uura Misooma, Nageenyaa fi Dimookiraasii biyyaa ta’uu ibsaniiru. Haaluma kanaan, tarkaanfiiwwan gaarii eegalaman kana itti fufsiisuuf Paartichi dandeettii guutuu kan horate ta’uu himaniiru.
Bitootessi 24 Itiyoophiyaanota kanwalitti qabee fi Ijaarsa Seenessa Waloo itti fufsiisuuf boqonnaa kan saaqedha
Apr 9, 2026 854
Eebila 1/2018(ENA): Bitootessi 24 Itiyoophiyaanota hunda kan walitti qabee fi ijaarsa seenessaa waloo ijaaruuf boqonnaa haaraa kan saaqe ta’uu Itti-gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Affaar obbo Mahaammad Huseen dubbataniru. Hiriirri Deeggarsa Uummataa guddaan Milkaa’inaa fi injifannoo kanaan dura argaman itti fufsiisuuf kaayyeffate Magaalaa Samaraatti gaggeeffameera. Hiriira deeggarsaa Istaadiyeemii Samaraatti qophaa’e kanarratti, hoggantoonni Olaanoo Naannoo Affaar, jiraattonni Bulchiinsa Magaalaa Samaraa-Loogiyaa, hojjettoonni mootummaa fi kutaaleen hawaasaa adda addaa hirmaataniiru. Itti-gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Affaar obbo Mahaammad Huseen Hiriiricha irratti argamuun ergaa dabarsaniin, Bitootessi 24 Itiyoophiyaanota hunda hammachuun ijaarsa seenessa walootiif boqonnaa haaraa kan banedha jedhaniiru.   Waggoota jijjiiramaa kanaan jechi "deeggartoota" jedhu hafee mirgi wal-qixxummaa itti mirkanaa’ee fi tokkummaan dhugaa itti mul’atedha jedhaniiru. Kanaanis uummanni Affaar dhimma biyyasaa irratti murteessuu fi geggeessuuf carraa kan itti argatedha jedhaniiru. Dabalataanis, Saboonni, Sab-lammoonnii fi ummattoonni tokkummaa isaanii cimsuun guddina waliiniitiif kan walitti dhufan ta’uu ibsanii, waggoota kanneen keessatti bu’aaleen misoomaa mirkanaa’an galmaa’uu isaanii dubbataniiru. Naannichatti injifannoowwan gama Hawaasummaa, Dinagdee fi siyaasaa argamaniin fayyadamummaan sadarkaa hundaatti guddachuu isaa eeranii, kunis bu’aa mootummaa "Ida'amuu" ta'uu dubbataniiru. Akkasumas filannoon waliigalaa 7ffaan dimookiraatawaa fi milkaa’aa akka ta’uuf uummanni hirmaannaasaa akka cimsus gaafataniiru.   Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Samaraa-Loogiyaa obbo Abduu Musaa gama isaaniin, mootummaan jijjiiramaa karoorawwanii fi hojmaataa haaraa diriirsuun misoomaaf dursa kan kennedha jedhaniru.
Filannoon lammiileen biyya isaanii keessatti ijaarsa aadaa dimokiraatawaa keessatti dammaqinaan akka hirmaatan kan taasisu kabaja ibsituu lammummaati – Gootota Abbootii fi haadholii
Apr 8, 2026 1967
Bitootessa 30/2018 (ENA): Filannoon waliigalaa Itiyoophiyaa mul’ata kabaja lammummaa lammiileen ijaarsa aadaa dimokiraatawaa biyya isaanii keessatti dammaqinaan akka itti hirmaatan kan taasisu ta’uu Abbootii fi Haadholiin goototaa ibsaniiru. Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa filannoo waliigalaa bara kanaa Guraandhala 28, 2018 hanga Bitootessa 28/2018tti galmee filattotaa gaggeessaa tureera. Kana malees, boordichi guyyoota ayyaanaa lama osoo hin dabalatiin hanga Eebila 14, 2018tti galmee filattotaa dheeresseera. Filannoo waliigalaa torbaffaa gaggeeffameen paartileen siyaasaa dorgoman 47 kaadhimamaa 10,934 galmeessuun filannoo imaammataa isaanii karaa miidiyaa ummataaf dhiheessaa jiru. Miseensonni Waldaa Goototaa Itiyoophiyaa duraanii ENAtti himan, Filannoon waltajjii waloo lammiileen aadaa dimokraatawaa Itiyoophiyaa ijaaruun jaalalaa fi kabaja biyya isaaniif qaban itti ibsatanidha jedhani.   Baa shaa Shimallis Walda-Takilee, filannoo waliigalaa Itiyoophiyaa irratti kaardii sagalee isaanii itti kennan fudhachuu himaniiru. Koloneel Ayyaaloo Balaay gama isaaniin, Filannoon mul’ata lammummaa fi dhimma mirga filachuu fi filatamuu heera mootummaatiin mirkaneessu ta’uu ibsaniiru. Filannoon waliigalaa biyyoolessaa meeshaalee aadaa dimokraatawaa biyyattii ijaaruuf gargaaran keessaa tokko ta’uu kan ibsan Koloneel Ayyaaloo, aadaa dimokraatawaa biyyattii cimsuu keessatti hirmaannaan filannoo iddoo guddaa akka qabu hubachiisaniiru.   Goota duraanii keessaa tokko kan ta’an Almaaz Anbarbar gama isaaniitiin, filannoon misoomaa fi guddina biyyattii itti fufsiisuuf waltajjii waloo lammiileen ifatti akka hirmaatan ta’uu ibsaniiru. Lammiin umuriin isaanii filachuuf gahe kamiyyuu kaardii sagalee kennuudhaan kabaja biyya isaaf qabu agarsiisuu akka qabu dubbataniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena

Hawaasummaa
Itoophiyaan Fakkeenyummaa Ardii Injifannoo Adwaarratti mul’iste har’a misooman dabalaa jirti 
Apr 10, 2026 127
Eebila 2/2018(ENA):-Itoophiyaan fakkeenyummaa ardii irratti injifannoo Adwaatiin agarsiifte har'as misoomaan irra deebi'aa jirti jechuun Afrikaanonni Siidaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa dawwatan ibsan. Itoophiyaan biyya madda seenaa gootummaa ta'uu ishee eeruun, Yaadannoon Injifannoo Adwaa kan Itoophiyaa qofa osoo hin taane, Seenaa boonsaa Afrikaanotaa fi saba gurraacha maraa ta'uu Eeraniiru. Hirmaattonni Yaa'ii Dandamannaa Sodaa Balaa Afrikaa 16ffaa Itoophiyaan qopheessite,irratti argaman, Siidaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa galmee seenaa gootummaa Itoophiyaa fi Afrikaanotaa kan ta'e dawwataniiru. Dawwannaa isaaniitiin Hambaalee Seenaa Ragaa Injifannoo ta'anii fi Ashaaraa gootummaa kan daawwatan yoo ta'u,yaadannoon injifannichaa biyya irra darbee Afrikaadhaaf barnoota guddaa kan qabu ta'uu ibsaniiru. Injifannoon Adwaa hiyyummaa mo'uu fi badhaadhina Afrikaatiif waliin hojjechuuf kaka'umsa guddaa kan uumu ta'uus dubbataniiru. Dawwattoota keessaa Lammiin Jibuutii kana ta’e Iisaam Abdulhaakiim yaada kennaniin; Itoophiyaan madda seenaa gootummaa ta'uu ishee seenaawwan Golambaa keessatti argerraa hubadheera jedhan. Injifannoon Adwaa Itoophiyaanonni yoo tokkooman qormaata kamiyyuu dura dhaabbachuu akka danda'an kan mirkaneesse ta'uu dubbataniiru. Kunis Afrikaanota hundaaf barnoota abdii kutachuu dhiisuu kan kennudha jedhaniiru. Zambiyaa irraa kan dhufan Masiichiluun gamasaaniitiin; Yaadannoon Injifannoo Adwaa injifannoo waraanaa qofa kan yaadatu osoo hin taane, bara kana keessa misoomaaf carraaquu kan barsiisuu fi onnee kan namatti horudha jedhaniiru. Afrikaanonni seenaa Adwaa irraa barannee yoo tokkoomne, akkuma waraanaa sana hiyyummaas mo'uu ni dandeenya jedhan. Miidhaginaa fi guddina Finfinnee keessatti arganis Itoophiyaan fakkeenyummaa Afrikaadhaaf qabdu gochaan agarsiisuu ishee ibsaniiru. Haaluma walfakkaatuun lammiin Sudaan Ismaa'eel Alii Adwaan dandeettii geggeessummaa sirrii fi kutannoon uummataa kan itti mul'atedha jedhan. Itoophiyaan gootummaa ishee duriitiin qofa osoo hin taane, har'as milkaa'ina misoomaa galmeessisaa jirtuun fakkeenya Afrikaa ta'uu itti fufteetti jedhaniiru
Konfiraansiin Nageenyaa biyyaalessaa 7ffaan Naannoo Beenshaangul Gumuuzitti gaggeeffama
Apr 8, 2026 689
Bitootessa 30/2018(ENA) : Konfiraansiin nageenyaa biyyaalessaa 7ffaan Naannoo Beenshangul Gumuuzitti akka adeemsifamu Barreessaan Olaanaan Mana Maree Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa Lubni Taagaay Taaddalaa ibsan. Barreessaan Olaanaa Mana Maree Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa lubni Taagaay Taaddalaa, konfiraansii nageenyaa biyyaalessaa 7ffaa ilaalchisuun ibsa kennaniiru. Ibsasaaniin konfiraansichi Eebila 7 hanga 8 bara 2018tti akka adeemsifamu eeraniiru. Konfiransii kanaaratti nageenya waaraa biyyattii keessatti mirkaneessuu fi dhimmoota biroo irratti mariin paanaalii fi Mariin uummataa qooda fudhattoonni adda addaa irratti hirmaatan akka gaggeeffamu ibsaniiru. Marii kanaan alatti, hojiiwwan misoomaa naannichatti hojjetaman daawwachuu, sagantaa dhaabbii biqiltuu fi taateewwan biroo adda addaa akka raawwataman ibsaniiru. Konfiraansii guyyoota lamaaf turu kanarratti, Abbootii Amantaa kutaalee biyyaa adda addaa irra dhufan, Hoggantoota Olaanoo Mootummaa Federaalaa fi Naannoo, Kutaalee Hawaasaa garaagaraa fi keessummoonni waamichi taasifameef akka hirmaatan eeraniru. Manni Marichaa kanaan dura naannoolee adda addaa keessatti konfiransiiwwan nageenyaa 6 gaggeessuun nageenya waaraa Itiyoophiyaa mirkaneessuu keessatti qooda olaanaa taphateera jedhaniiru. Akkasumas, Abbootiin Amantaa fi jaarsoliin biyyaa waamicha nagaa dabarsuu fi barsiisuun, dhaloota nagaaf dhaabbatu uumuu keessatti shoora olaanaa taphachuusaanii dubbataniiru. Dhumarrattis, Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa hundaaf baga nagaan torban dhiphuu fi Fannoo Gooftaa fi Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoosiin isin gahe jechuun ergaa dabarsaniiru.
Diinagdee
Ajandaa dhalootaa kan ta’e Gaffii hulaa Galaanaa Milkeessuuf dargaggoonni beekumsaa fi gahumsaan hirmaachuu qabu – Federeeshinii Dargaggoota Itiyoophiyaa
Apr 10, 2026 285
Eebila 2/2018(ENA): Faayidaa biyyaalessa Itiyoophiyaa kabachiisuu fi gaffii abbummaa hulaa Galaanaa dhimma dhalootaa ta’e milkeessuuf dargaggoonni beekumsaa fi dandeettiin hirmaachuu akka qaban Federeeshiniin Dargaggoota Itiyoophiyaa ibse. Guddina dinagdee Itiyoophiyaa saffisaa jiru itti fufiinsa akka qabaatu gochuu fi fedhii misoomaa ummataa dabalaa dhufe guutuuf, hulaa galaanaa amansiisaa ta’e argachuun dhimma filannoo hin qabnedha. Mootummaan Itiyoophiya Galma biyyaalessaa kana milkeessuufis, abbummaa ulaa galaanaa ta’uuf kan dandeessisan hojiiwwan dippiloomaasii bu’a qabeessa ta’an bal’inaan hojjechaa jira. Itti Gaafatamaan Hariiroo Uummataa Idil-Addunyaa Federeeshinii Dargaggoota Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Alaksaandar Nugusee ENA’f akka ibsanitti,hulaa Galaanaa qabaachuun guddina Dinagdee fi Hawaasummaa Itiyoophiyaatiif murteessaadha jedhani. Ambaasaaddar Alaksaandar, carraaqqii Dippiloomaasii Mootummaan hulaa Galaanaa ilaalchisee taasisu akka milkaa’uuf Federeeshinichi shoora isaa taphachaa akka jiru himaniiru. Hojiiwwan hubannoo dargaggootaa cimsuun hojjetamaa jiraachuu eeranii, dhimma Faayidaa Biyyaalessaa itti fufiinsaan milkeessuuf dhaloonni itti gaafatamummaa guddaa akka qabu dubbataniiru. Faayidaa biyyaalessa Itiyoophiyaa kabachiisuu fi gaaffii abbummaa hulaa galaanaa galmaan gahuuf dargaggoonni beekumsaa fi dammaqinaan hirmaachuu akka qaban ibsaniiru. Dargaggoonni dhimma kana irratti yaada isaanii kennan gama isaaniitiin, gaaffiin hulaa galaanaa dhimma dhalootaa ta’uu ibsaniiru. Dargaggoo Abenezer Ermiyaas gaaffiin hulaa Galaanaa keenya sadarkaa Idil-Addunyaatti fudhatama argachaa jiraachuu eeruun, dargaggoota dhiibbaa uumuu danda’an fayyadamuun dhimma kana Addunyaaf caalaatti hubachiisuu qabna jedheera. Dargaggoonni miidiyaa hawaasummaa irratti viidiyoowwan gaggabaaboo fi ragaalee seenaa fayyadamuun, gaaffii hulaa Galaanaa Itiyoophiyaa gama seeraa, seenaa fi uumamaatiin sirrii ta’uu isaa beeksisuun murteessaa ta’uu ibseera.   Haaluma walfakkaatuun, shamarran Ruut Shawaanqixawuu fi Feeven Fiqaaduu dhimmi hulaa Galaanaa kan mootummaa qofa osoo hin taane kan lammii hundaati jedhaniiru. Dargaggoonni yaada isaanii ibsuu fi mootummaa deeggaruun shoora adda durummaasaanii taphachuu akka qaban hubachiisaniiru.
Gaaffiin dhimma hulaa galaanaa Itiyoophiyaa deebii argachuu kan qabuu fi seera qabeessa dha – Miseensa mana Maree Awurooppaa Tiyaarii Maariyaanii
Apr 9, 2026 787
Eebila 1/2018 (ENA): Gaaffiin dhimma hulaa galaanaa Itiyoophiyaa deebii argachuu kan qabuu fi seera qabeessa dha jedhani Miseensa Mana Maree Awurooppaa kan ta’an Tiyaarii Maariyaanii. Marii Galaana Diimaa fi Galoo Galaana Aden waggaa 4ffaa Inistiitiyuutii Dhimma Alaa irratti kan argaman Tiyaarii Maariyaanii Turtii ENA Waliin taasisaniin, Dhimmi gaaffii hulaa galaanaa Itiyoophiyaa dhimma deebii argachuu qabuu fi seera qabeessa dha jedhani. Daandiiwwan galaanaa dhiphoo ta’an kanneen akka Bab el-Mandab cufamuun isaanii dhiyeessii boba’aa fi xaa’oo Awurooppaa irratti dhiibbaa guddaa geessisaa jira jedhan. Itiyoophiyaan naannoo tarsiimawaa kana keessatti kan argamtu biyya furtuu ta’uu hubachiisaniiru. Konveenshiniin Seera Galaanaa biyyi hundi daangaa galaanaa qabaachuu akka qabdu ifatti kaa’uu isaas hubachiisaniiru. Tiyaarii Mariyaanii akka ibsanitti, Awurooppaan nagaa waaraa naannichaaf fedhii cimaa akka qabdu eeruun, Itiyoophiyaan buufata galaanaa qabaachuun akka qabdu sababa hedduutu jiru jedhani. Kunis Itiyoophiyaaf qofa osoo hin taane tasgabbii naannichaa fi nageenya daandiiwwan daldala idil-addunyaatiif bu’aa kan qabu ta’uu ibsaniiru. Biyyoota Afrikaa keessatti biyya uummata hedduu qaban keessaa tokko kan taatee fi teessoo Gamtaa Afrikaa kan taate Itiyoophiyaan, buufata galaanaa malee taa’uun sirrii miti jedhaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Itiyoo Teeleekoom sirna kaffaltii saffisaa “Toloo” jedhamu Teeleebirriin eegalchiise
Apr 9, 2026 668
Eebila 1/2018 (ENA): Itiyoo Teeleekoom sirna kaffaltii dijitaalaa saffisaa “Toloo” jedhamu Teeleebirriin eegalchiisuu ibse. Sirni kaffaltii dijitaalaa kun buufata kaffaltii guddicha Tuulluu Diimtuutti hoji gaggeessituu Itiyoo Telekoom Firehiwot Taammiruu fi hojii gaggeessaan Intarpiraayizii Kaffaltii daandiiwwan Itiyoophiyaa Musxafaa Abbaasimal eegalchiisaniiru. Hojii gaggeessituun Itiyoo Telekoom Firehiwot Taammiruun akka jedhanitti; dhaabbatichi tajaajiloota adda addaa Dijitaalaa Itiyoophiyaa dhugoomsuu dandeessisan hojiirra oolchaa jira. Itiyoo-Telekoom tajaajila telekoomii idilee irra darbee tajaajila gahumsa qabu, mijataa fi baasii xiqqaa ta’e kennuudhaan damee faayinaansii deeggaraa akka jirus ibsaniiru.   Hojii gaggeessaan Intarpiraayizii Kaffaltii Daandiiwwan Itiyoophiyaa obbo Musxafaa Abbaasimal gama isaaniitiin, kanaan dura sirni kaffaltii waraqaa irratti hundaa’e hojiirra oolaa akka ture ibsaniiru. Dijitaalaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf kenniinsa tajaajilaa teeknooloojiin deeggaruun barbaachisaa ta’uu eeruun, imalli tajaajila kana dijiitaala gochuu har'a eegaluu beeksisaniiru. Softiweeriin sirna kaffaltii “Toloo” jedhamu akka hojjetame eeruun, kunis sirna kaffaltii ammayyaa ta'uu isaa Itiyoo-Telekoom waliin ta'uun “Tele Birr” waliin walqabsiisuun akka ta'u beeksisaniiru.   Dhaabbileen lamaan gara fuulduraatti waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Naannoo Oromiyaatti Hojiiwwan gaaffii Bulchiinsa Gaarii  uummataa  deebisan cimanii  ittifufaniiru  
Apr 4, 2026 314
  Bitootessa26/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaatti hojiiwwan gaaffii bulchiinsa gaarii uummataa deebisan cimanii itti fufuusaanii waajjira Paartii Badhaadhinaa Naannichatti Itti Gaafatamaan Damee Siyaasa Namarraa Bulii ibsan. Godina Jimmaa, Aanaa OmooNaadaa Magaalaa Asandaabootti, giddugalli tajaajila wiirtuu Masoob Sadarkaa Aanaatti isa jalqabaa ta’e har’a eegalameera. Obbo Namarraa Bulii wayita sanatti ergaa dabarsaniin, tajaajilli Masoob Naannichatti bal’inaan hojiirra oolaa jiraachuu fi gaaffiiwwan bulchiinsa gaarii uummataa adeemsaan deebisuuf hojiiwwan hojjetamaa jiran keessaa tokko ta’uu ibsaniiru.   Akka Itti gaafatamichi Jedhanitti, tajaajilli kun hoj-maata badaa ittisuu bira darbee, gaaffiiwwan uummataa tokko tokkoon deebisaa jiraachuu keenyaaf ragaadhajechuun; gara fuulduraattis tajaajilicha ammayyeessuun lammiilee hedduuf akka gahuuf xiyyeeffannoon ni hojjetama jedhaniiru.   Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir gamasaaniitiin, gaaffiiwwan misoomaa fi tajaajilaa jiraattonni Godinichaa yeroo adda addaa kaasan furuuf tajaajilli Masoobii sadarkaa Aanaatti babal’achaa jiraachuu eeraniiru. Kantiibaan Magaalaa Asandaaboo Obbo Naziif Sheek Kamaal, giddugala kanatti dhaabbileen 11 gosa tajaajila 52 foddaawwan 8’n akka kennan ibsuun, Ogeessonni tajaajila qulqulluu fi saffisaa kennuuf leejii fudhatanii gara hojiitti galaniiru jechuun ibsaniiru.
Leenjiin koodarsii dhaloota dorgomaa fi bu’a qabeessa, beekumsaa fi gahumsa teeknooloojii hidhate uumaa jira
Mar 31, 2026 263
Bitootessa 22/2018 (ENA): Leenjiin koodaroota Itiyoophiyaa miiliyoona 5 ta’an dhaloota dorgomaa fi bu’a qabeessa beekumsaa fi dandeettii teeknooloojii hidhate uumaa jira jedhan Itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dawaa Harbii Buhi. Leenjiin koodaroota Itiyoophiyaa miiliyoona 5, jalqabbii Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ta’e, dargaggoonni guutuu biyyattii keessatti argaman dameewwan teeknooloojii adda addaatiin beekumsaa fi dandeettii horachuun gahumsaa fi dorgomaa akka ta’an taasisaa jira. Bulchiinsi Dirree Dawaas bara kana dargaggoota kuma 36 fayyadamoo taasisuuf hojiiwwan hojjete keessatti bu’aa jajjabeessaa galmeessisaa jiraachuun himameera. Akka Itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa magaalichaa Harbii Buhii ENAtti himanitti, Leenjiin koodarootaa dhaloota dorgomaa fi bu’a qabeessa ta’e uumaa jira jedhani. Dargaggoonni leenjii kanaaf galmaa’an kuma 36 keessaa dhibbeentaan 70 bu’a qabeessaa fi dammaqinaan leenjicha irratti kan hirmaatan yoo ta’u, isaan keessaa dhibbeentaan 59 ragaa fudhataniiru jedhani. Karoora leenjii kanaaf kaa’amee ture dhuma bara bajataa kanaatti guutummaatti galmaan ga’uuf tattaaffiin taasifamaa jira jedhan. Dargaggoonni Itiyoo Koodarsii beekumsaa fi dandeettii horataniin carraa hojii uumuu, qabeenya maddisiisuu, gahumsaa fi bu’a qabeessummaa isaanii mirkaneessaa akka jiran himaniiru. Itti dabaluunis dargaggoonni leenjicha xumuran tajaajila dhaabbata iddoo tokkoo(Masoob) fi waajjira sivil sarvisii keessatti kennamu qindeessuun gahumsa isaanii qabatamaan mirkaneessaa jiru jedhan. Hojiiwwan hojjetamanis Dirree Dawaan sadarkaa biyyaatti bu’aa fooyya’aa akka argamsiisu kan dandeessisan ta’uu hubachiisuudhaan, ji’oota baajataa hafan keessatti hojii bu’a qabeessa ta’e hojjechuuf tattaaffiin taasifamaa akka jiru eeraniiru. Leenjitoonnis leenjichi ergama isaanii bu’a qabeessaa fi gahumsaan akka raawwatan kan isaan dandeessise ta’uu ibsaniiru. Shamarreen Saaraa Huseen wiirtuu tajaajilaa magaalaa Dirree Masob keessatti kan hojjettu yoo taatu, beekumsaa fi dandeettii leenjicha irraa argatte gahumsaa fi saffisa guddaadhaan itti gaafatamummaa ishee raawwachuuf kan ishee gargaaru ta’uu ibsiteetti.   Leenjii kana milkaa'inaan xumuree Biiroo Pablik Sarvisii fi Misooma Qabeenya Humna Namaa irraa waraqaa ragaa kan argate Fiqiruu Zawudee leenjiin Itiyoo koodarsii dandeettii teeknooloojii dhaloota haaraa fooyyessaa jiraachuu himani.   Leenjichi ergama kana qulqullinaa fi saffisaan akka xumuran, itti quufinsa maamiltootaa akka dabalu isaan dandeessisuu eeraniiru.
Leenjiin koodarsii kalaqa hojiiwwan dijitaalaa guddisuuf gumaachaa buusaa jira
Mar 28, 2026 284
Bitootessa 19/2018 (ENA): Leenjiin Itiyoo-Koodarsii carraa hojii uumuu dijitaalaa fi kalaqa babal’isuun dorgomtummaa idil addunyaa guddisaa jira jedhan Deetaan Ministira Hojjetaa fi Ogummaa obbo Salamoon Sookaa. Leenjiin koodaroota Itoophiyaa miiliyoona shan kaka’umsa ministira muummee Doktar Abiyyi Ahimadiin eegalame kun, keessumattuu dargaggootaaf dorgomtummaa idil addunyaa isaanii babal’isuuf kan kaayyeffatedha. Haaluma kanaan lammiileen Itiyoophiyaa godinaalee adda addaa leenjii fudhatanii of bira darbanii hojiirra oolmaa tarsiimoo misooma dijitaalaa biyya isaaniif taasifamu irratti ashaaraa isaanii kaa’aa jiru. Deetaan Ministira Hojjetaa fi Ogummaa obbo Salamoon Sookaa ENAtti akka himanitti; Leenjichi dandeettii dijitaalaa lammiilee guddisuu fi dandeettii jireenya isaanii guddisu horachuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru. Dargaggoonni damee teeknooloojii irratti bobba’an dandeettii isaanii akka guddifatanii gara hojii kalaqaatti akka ce’an gargaareera jedhan. Kunis dorgomtummaa biyyattii fi gara diinagdee beekumsa irratti hundaa'etti ce'uuf gumaacheera jedhan. Barnoota, qonna, industirii, turizimii fi dameewwan birootiin dijitaalaayizeeshiniif haala mijataa uumeera jedhaniiru.   Inistiitiyuutii Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa Federaalaatti Daayreektarri Ayisiitii(ICT) Naa'ol Anbassee akka jedhanitti, inistiitiyuutichi barattootaa fi hojjettoonni leenjii kana akka fudhatan deeggarsa taasisaa jira. Leenjiin Itiyoo koodarsii(Ethio-Coders) dandeettii dabalataa horachuuf waan gargaaruuf lammiileen carraa argame sirnaan fayyadamuu akka qaban ibsaniiru. Ogeessi kun hojii lammiilee ogummaa kamiinuu bobba’an fooyyessuu keessatti gahee leenjiin kuni qabu ibsaniiru.   Barattuu Baayyush Tasfaayee fi fayyadamaan barnoota tolaa (scholarship) Sudaan Kibbaa Laadulii Moorii akka jedhanitti leenjiin kun bara dijitaalaa waliin deemuuf dandeettii horachuu keessatti faayidaa qabaachuu himani.  
Ispoortii
Festivaalichi Tokkummaan Sab-daneessummaa kan itti cimuu fi waloominni kan itti  Calaqqisiisudha
Mar 29, 2026 483
Bitootessa 20/2018(ENA)- Festivaalli Ispoortiiwwan aadaa tokkummaan sabdaneessummaa kan itti jabaatuu fi duudhaan waliin jireenya sabootaa, sablammootaa fi ummattootaa kanitti calaqqisu ta’uu Pireezidantiin Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badrii ibsan. Dorgommiin Isportii Aadaa biyyaalessaa 23ffaanii fi Festivaliin Isportii Aadaa 19ffaan mata-duree duree "Misoomni Ispoortii aadaa ol-ka'iinsa Itiyoophiyaatiif" jedhuun Magaalaa Hararitti jalqabeera. Pireezidantichi wayita sana akka jedhanitti; eegumsii fi mirkanaa’uun tokkummaa Sab-daneessummaa akkasumas waliin jireenyaa, Isportiiwwan aadaa guddisanii agarsiisuuf iddoo guddaa qaba jedhaniiru. Motummaan gama kanaan isportiin kun akka guddatu xiyyeeffannoo addaa kennuusaas dubbataniiru. Deetaa Ministira Damee Misooma Isportii Obbo Makiyyuu Mohammad gamasaanitiin; Mootummaan Isportii Aadaa walitti hidhaminsa naannawaa fiduuf,obbolummaa fi waliin jireenya cimsuuf itti fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru.   Itiyoophiyaan Festivalii Isportii Aadaa Afrikaa kan bara 2026 qopheessuuf carraa argachuu ishee yaadachiisaniiru. Carraa kanatti fayyadamuun ispoortiiwwan aadaa keenya obboloota keenya Afrikaatiif beeksisuuf hojjetamaa jiru jedhaniiru. Biyyaatti keessatti Isportiiwwan fi taphoota aadaa galmaa'an 293 ol qorannoon adda baafamuu mirkaneessaniiru.   Haata’u malee dambii fi seera taphaa dhiyaatee dorgommiidhaaf kan gahan gosa isportii 11 qofa akka hin caalle eeranii; fuulduratti kana babal’isuuf akka hojjetamu hubachiisaniiru. Prezidaantiin Mana Maree Federeeshinii Isportii Aadaa Itiyoophiyaa Aadde Hayiwaat Mohammad gamasaaniitiin, ispoortiin aadaa walitti hidhamiinsa ummataa haala fulla’aa ta’een cimsuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru.   Magaalaa Hararitti kan jalqabame dorgommii fi Festivaliin Isportii aadaa kun guyyoota 8f kan turu yoo ta’u, guutuu biyyattiirraa ispoortessitoonni kuma tokkoo fi 500 ol ni hirmaatu jedhameera.
Mahaammad Saalaah Liiverpuuliin  dhuma waggichaatti ni gad-lakkisa
Mar 25, 2026 396
Bitootessa16/2018(ENA)-Taphataan Sarara fuulduraa Liivarpuul Mahaammad Saalaah xumura morkii waggaa kanaatti kilabicha akka gad-lakkisu ifatti beeksiseera. Saalaah Murtoo kana kan beeksise ergaa viidiyoon deeggartootasaaf dabarseeni . “Guyyaan kun gahuusaatti nangadda---xumura morkii waggaa kanaatti Liivarpuul gad-nan lakkisa. Kilabni kun, magaalittiin kunii fi deeggartoonnishee jireenya koo keessatti iddoo guddaa hangam akka qaban ibsuun na rakkisa” jedheera.   Ibsa kilabiin Liivarpuul baaseen Saalaah turtiisaa kilabii waggaa 9 waxabajjii bara 2026(A.L.A)tti akka xumuramu beeksiseera. Taphatichi deeggartoota isaatiif iftoomina uumuuf jecha, murtoosaa beeksisuu akka filate (BBC)n gabaaseera.   Ji’oota darban keessa hariiroon Saalaah fi Leenjisaa Arnee Siloot gidduu ture hammaachaa dhufuusaa fi carraan taphatichi tapharatti hirmaachuuf qabu xiqqaachuunsaa akka sababa murtoo kanaatti eeramu. Kilabichii fi taphataichi walii galteen walirraa adda bahuuf murteessaniiru. Saalaah kilabinsaa itti aanau ifatti beekamuu baatus, Kilaboonni Saawud Arabiyaa (keessattuu AL-Itihaad) taphaticha fudhachuuf fedhii guddaa akka qabanii fi mariirra jiraachuunsaanii bal’inaan gabaafamaa jira.   Saalaah turtiisaan Taphoota 435n Liivarpuuliif taphate keessaa galchii 255 galmeessiseera. Kunis galchii Iyaan Raashii (346) fi Roojeer Haanti (285)tti aanuun sadarkaa 3ffaan tarree galchii baay’ee Liivarpuul keessatti galmaa’ee akka argamu isa taasiseera.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Itiyoophiyaan ulaagaalee bittaa fi gurgurtaa kaarbooniin wal simsiisuun bosonaa kunuunsa jirti
Apr 4, 2026 938
Bitootessa 26/2018(ENA)- Itiyoophiyaan ulaagaalee idil addunyaa bittaa fi gurgutaa kaarbooniin kan wal siman muuxannoowwan bulchiinsa lafaa fi bosonaa guddisaa jiraachuu qindeessaan koree teekniikaa ashaaraa magariisaa Dr. Adafris Warquu ibsan. Doktar Adafris Warquu turtii ENA waliin taasisaniin, Itiyoophiyaan kuusaa kaarboonii guddaa akka qabdu kaasanii, irra caalaan bosona keessatti akka argamu eeraniiru. Sagantaan ashaaraa magariisaa bosona dabaluurra darbee galiin biyyattiin gurgurtaa kaarbooniirraa argattu akka dabalu qooda olaabaa bahachaa akka jiru dubbataniiru. Itiyoophiyaan lubbu qabeeyyii garagaraa hedduu waan qabduuf kuusaa kaarboonii fooyya’aa of keessatti qabachuuf teessuma lafaa mijataa akka qabdu doktar Adafris ibsaniiru. Itiyoophiyaan eegumsa haala qilleensaa fi naannawaa irratti dammaqinaan hirmaachaa akka jirtu eeranii, kun ammoo kaarboonii qilleensarraa dhabamsiisuudhaan karaa uumamaa fi nam-tolcheen akka kuufamu gochaa jira jedhaniiru. Gaaziin ho’a of keessatti qabatu kan kana dura bosonni ciramuu fi qabiinsa lafaa hin malleen gara hawaatti gadi lakkifamu ittisuuf karaa sagantaa ashaaraa magariisaatiin hojjetamaa akka jiru himaniiru. Haala Kanaan muuxannoowwan bulchiinsa lafaa fi bosonaa fulla’aa ta’an kan ulaagaalee bittaa fi gurgurtaa kaarbooniin wal siman guddisuuf gargaaran hojjetamaa akka jiran ibsaniiru. Kan lammataa ammoo yeroo biqiltuuwwan dhaabaman kaarboonii Kanaan dura gara hawaa seene walitti qabuun kan itti deebi’an kan godhu hojmaata hojiirra oolchuunii fi kaarboonii gadhiisiirraa eegame gabaaf dhiheessuuf xiyyeeffannoon kennamuu dubbataniiru. Sagantaa ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaan raawwachaa jirtuun gurgurtaa kaarboonii cimsuuf hojjetamaa jiraachuu fi biyyoonni garagaraa Itiyoophiyaa waliin walii galtee bittaa taasisaa akka jiran ibsaniiru. Haala Kanaan mootummaan Norweeyi ka’umsaaf bittaa kaarboonii doolaara miiliyoona 75 akkasumas Baankiin addunyaas walii galtee bittaa raawwachuu dubbataniiru. Itiyoophiyaan Norweeyii fi Baankiin addunyaa bituuf kan barbaadanii ol Kaarboonii maddisiisuushee eeranii, qabeenyi kaarboonii doolaara biiliyoona tokko baasu akka jiru ibsaniiru. Addunyaarratti Bajata guddaa bittaa kaarbooniif ramadamu gara gurgurtaa kaarboonii Itiyoophiyaatti fiduuf hojjetamaa akka jiru eeraniiru. Faayinaansii kaarboonii addunyaarratti argamu gara Itiyoophiyaa fiduuf sagantaa ashaaraa magariisaa cimsuun olitti sanadoota qindeessuunii fi hojiileen biro hojjetamaa akka jiran beeksisaniiru.
Itiyoophiyaatti baatii Eebila dhufu kanatti naannoolee baay’ee rooba Arfaasaa fayyadaman irra caalaan isaanii qilleensa jiidha qabu argatu
Apr 3, 2026 724
Bitootessa 25/2018 (ENA): Itiyoophiyaatti baatii Eebila dhufu kanatti naannoolee baay’ee rooba Arfaasaa fayyadaman irra caalaan isaanii qilleensa jiidha qabu akka argatan Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa beeksise. Ibsa Inistiitiyuutichi ENA’f ergeen, rooba Arfaasaa Bitootessa 23 hanga Eebila 22/2018tti, hangi jiidhinsa qilleensaa ol’aanaa akka ta’u ibseera. Kana waliin roobni Arfaasaa Itiyoophiyaa irra caalaan isaa ji’a Eebilaa keessa baay’inaa fi raabsa isaatiin ji’oota Arfaasaa lamaan caalaa jiidha ni qabaata. Haalli qilleensaa kun naannolee rooba Arfaasaan oomishan keessatti hojii qonnaaf haala mijataa ni uuma jedhamee eegama jechuun inistiitiyuutichi ibsa baaseen beeksiseera. Haalli qilleensaa jiidhinni walitti fufiinsaan jiru ji’a Bitootessaa keessa oomishtummaa midhaan Arfaasaa sadarkaa guddinaa adda addaa irra jiruuf iddoo guddaa qaba jedheera. Akkasumas qilleensi jiidhaan Kibbaa fi Kibba Baha Itiyoophiyaa irraa eegamu oomisha midhaanii, lafa dheedichaa fi dhiyeessii bishaanii naannoo walakkaa horsiisee bulaa kan akka Booranaa, Gujii fi kanneen kana fakkaatan keessatti murteessaa ta’uu himameera. Qonnaan bultoonnii fi horsiisee bultoonni naannoo Arfaasaa oyiruu isaanii qopheessuun haala jiidhinsa mijataa eegamutti akka fayyadaman dhaameera inistitiyuuchi. Inistiitiyuutichi naannoleen rooba gabaabaa ta’an haala gogiinsa walitti fufiinsa qabu kan sababa jijjiirama rooba Arfaasaatiin rooba uumamuu danda’u dandamachuuf jiidhina oyiruu keessa tursiisuuf tarkaanfii barbaachisaa fudhachuu akka qabanis hubachiiseera. Gama biraatiin, sigiga lafaa, dhiqama biyyee fi lolaa cimaa naannoo tokko tokkotti sababa rooba cimaatiin uumamuu malu irraa of eeggannoon akka taasifamu hubachiiseera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Itiyoophiyaan jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuuf tattaaffiin taasisaa jirtu qorannoodhaan deeggaramuu qaba
Mar 31, 2026 225
Bitootessa 22/2018 (ENA): Itiyoophiyaan jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuuf tattaaffii taasisaa jirtu dhaabbileen barnoota olaanoo qorannoo fi saayinsiidhaan deeggaruu akka qaban Deetaan Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Siyyum Mokonnon ibsani. Fooramiin waliigalaa jalqabaa sirna jalqabsiisa Tarkaanfii Haala Qilleensaa Yuunivarsiitiiwwan Itiyoophiyaa gaggeeffamaa jira.   Deetaan Ministira Pilaanii fi Misoomaa obbo Siyyum Mokonnon, jijjiirama qilleensaa ittisuuf tattaaffii biyyaalessaa keessatti gahee tarsiimoo dhaabbileen barnoota olaanoo qabaachuu qaban dubbataniiru. Furmaata saayinsaawaa qopheessuun waliin hojjechuun akka isaan irraa eegamus hubachiisaniiru. Itiyoophiyaan jijjiirama qilleensaa ittisuuf tarsiimoo dinagdee magariisaa haala qilleensaa dandamatu hojiirra oolchuurratti adda duree ta’uu hubachiisaniiru. Biqiltuu biiliyoona 48 ol dhaabuu fi anniisaa haaromfamuu danda’u misoomsuu dabalatee hojiiwwan waggoota darban keessa Sagantaa Ashaaraa Magariisaa keessatti galmaa’e Itiyoophiyaan Afrikaa fi Addunyaaf fakkeenya ta’uu agarsiisa jedhan. Dhaabbileen barnoota olaanoo qorannoo isaanii fi barruulee qorannoo fi barruulee barattoota digrii lammaffaa jijjiirama qilleensaa fi dhimmoota kanaan walqabatan irratti xiyyeeffachuu qabu jedhani. Dabalataanis waltajjiin kun waltajjii hojii qindoominaa qaamolee imaammata baasanii fi dhaabbilee barnootaa cimsu ta’uu ibsaniiru. Deetaan Ministeera Pilaanii fi Misoomaa akka dhaabbata dhimma haala qilleensaa to’atutti qindoomina yunivarsiitiiwwan waliin eegale cimsee akka itti fufu mirkaneessaniiru.   Yuunivarsiitiiwwan jijjiirama qilleensaa ittisuuf furmaata saayinsaawaa maddisiisuu keessatti gahee guddaa qabu kan jedhan immoo eeggataa Pireezidaantii Yuunivarsiitii Finfinnee Dr. Saamu’eel Kifilee dha. Akkasumas hojiiwwan misooma Ashaaraa magariisaa fi ijaarsa dandamachuu haala qilleensaa akka biyyaatti hojjetamaa jiran keessatti hirmaannaan yuunivarsiitiiwwan qaban ti’oorii irraa gara hojiitti jijjiiramuu akka qabus ibsaniiru. Waltajjichi hundeeffamuun jijjiirama qilleensaa furmaata barbaaduu keessatti milkaa’ina guddaa ta’uu ibsuun, tattaaffii akka biyyaatti jalqabame kan deeggaru ta’uu ibsaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 17242
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 2609
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015