ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Dr. Abiy Ahimad Godina Jimmaatti hojiilee misoomaa daawwatan.
Sep 30, 2023 42
Dr. Abiy Ahimad Godina Jimmaatti hojiilee misoomaa daawwatan. Fulbaana 19/2016(TOI) - Jilli Ministira Muummee FDRI Dr. Abiy Ahimadiin durfamu Godina Jimmaatti biqiltuu bunaa, bu’aalee maaddii guutuu, oomisha avokaadoo, misooma Ruuziifi Qamadii daawwachuu odeeffannoon Waajjira Ministira Muummeerraa argame ni mul'isa.
Jilli qondaaltota Raayyaa Ittisa Biyyaa Indaastirii Uffataa Adaamaa daawwate
Sep 30, 2023 11
Fulbaana 19/2016 (TOI)– Jilli Ministira Raayyaa Ittisaa Biyyaa doktar Abirahaam Balaayii fi Itaamaajoor Shuumii Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa, Indaastirii Uffaataa Adaamaa daawwateera. Faawundeeshinii Raayyaa Ittisaatti Indaastiriin Uffataa Adaamaa, bara 1980 kan hundaa’e yoo ta’u, uffannaalee Raayyaa Ittisaafi qabannoowwaan hidhannoo qopheessuun muxannoo yeroo dheeraa kan horate ta’uun ibsameera. Indaastirichi yeroo ammaa uffannaalee Raayyaa Ittisaa fi qaamolee nageenyaa, asxaawwan gulantaafi hidhannoowwan oomishaa jiraachuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyarraa argame ni mul’isa. Sadarkaa teeknooloojii Indaastirichaa amma irraa ga'ee fi kallattii guddina fuuldureerratti ibsi kan kenname yoo ta’u, adeemsi oomisha indaastirichaas jilichaan daawwatameera.
Raayyichi aantummaa uummataaf qabu cimsee itti fufa
Sep 30, 2023 97
Fulbaana 19 /2016(TOI) - Raayyaan Ittisa Biyyaa nageenya biyyaa eeguun cinaatti kanneen humna hin qabne deeggaruun aantummaa uummataaf qabu cimsee kan itti fufu Iizii kaaba bahaatti ajajaa kumaalaa furgaatu koorii 801ffaa kumaalaa Daggisawu Dooshaa beeksisan. Raayyichi magaalaa Daseetti bartoota deeggarsa barbaadaniif deeggarsa meeshaalee barnootaa taasiseera. Kumaalaa Daggisawu yeroo kana akka himanitti Raayyaan Ittisa biyyaa nageenyaa biyyaafi uummataa eeguuf aarsaa kamiyyuu kanfalaa jira. Dabalataan miindaa isaarra hir'isee lammilee harka qalleeyyiif deeggarsa hunda galeessa taasisu cimsee itti fufaa jira jedhaniiru. Har'a magaalaa Daseetti bartoota maatiin isaanii harka qalleeyyii ta'an 60 barruleefi koppee deeggarsa taasisuu himanii, kanaan duras Walloo Kibbaatti baratoota 150'f deeggasa walfakkataa taasisuu himaniiru. Uummannis nageenyi waaraan akka jiraatuuf deeggarsa raayyichaaf taasisu cimsee akka itti fufu hubachiisaniiru.
Baatiiwwan shanan darban gurgurtaan boba’aa birrii biiliyoona 98 ol sirna kafaltii elektirooniksiin raawwatameera-abbaa taayitaa boba’aan enarjii
Sep 30, 2023 38
Fulbaana 19/2016(TOI)-Baatiiwwan shanan darban gurgurtaan boba’aa birrii biiliyoona 98 ol sirna kafaltii elektirooniksiin raawwatamuusaa abbaan taayitaa boba’aa fi Inarjii beeksise. Gurgurtaan boba’aa elektirooniksii hojiirra ooluunsaa qisaasa boba’aa fi hanna wayitii gurgurtaa mul’atu hir’isuun dhiheessii fi raabsii boba’aa fooyyessuusaa abbaan taayitichaa TOI’f ibseera. Abbaa taayitichatti daarektarri raabsii fi hordoffii boba’aa obbo Dheeressaa Koottuu, dhiheessii firaabsiin boba’aa biyyattii kan Kanaan dura turerra fooyya’aa akka ta’e dubbataniiru. Abbaan taayitichaa boba’aa kontirobaandiin biyya alaatti bahuu danda’u ittisuuf raabsii boba’aa buufata Jibutii irraa kaasee amma raabsiitti jiru teeknooloojii dijitaalaa horoffii fi to’annaa taasisu walakkaan hojiirra oolchuusaa himaniiru. Itti dabaluunis Ebla 15 bara 2015 irraa kaasee amma odeeffannoon kun qindaa’etti sirna kafaltii elektirooniiksiin gurgurtaan boba’aa birrii biiliyoona 98 ol raawwatamuu ibsaniiru. Birrii biiliyoona 75 ol kan ta’u fayyadamtoota deeggarsaan kan raawwatame ta’uu kaasanii, gurgurtaan birrii biiliyoona 23 ol kan ta’u abbootii konkolaataa dhuunfaa deeggarsaan ala ta’aniin kan raawwatamedha jedhan. Sirni gurgurtaa kun hojiirra ooluunsaa kuusaa fi humna boba’aa buufata raabsii beekuun qisaasa, hannaa fi bu’aa bayii hir’isuun danda’ameera jedhan. Buufataalee raabsii sirna dijitaalaa guutummaatti hojiirra hin oolchine dhaabbilee mootummaa dhimmi ilaalu waliin ta’uun tarkaanfii akka fudhatu abbaan taayitichaa dinniineera. Kanaaf abbootiin buufata raabsii hundi sirna kafaltii boba’aa elektirooniksii hojeessuun seeraan akka bulan hubachiiseera. Sirni gurgurtaa boba’aa elektirooniksii Baatii Eblaa bara 2015 irraa kaasee karaa teelee birrii fi filannoowwan kafaltii biroon hojeeffamaa jira.
Kolleejiin mahaandisummaa loltummaa leenjifamtoota hooggansa mahaandisa loltummaa fi ogummaa bu’uraa mahaandisa loltummaan leenjise eebbisiise
Sep 30, 2023 112
Fulbaana 19/2016(TOI)- Qajeelcha olaanaa barnootaa fi leenjiitti Kolleejiin mahaandisummaa loltummaa leenjifamtoota hooggansa mahaandisa loltummaa fi ogummaa bu’uraa mahaandisa loltummaan leenjise eebbisiise. Ajajaan olaanaa kolleejii mahaandisummaa loltummaa koloneel Kitaabaa Hinsarmuu wayita kana akka jedhanitti, kolleejichi damdeettii raawwachiisummaa raayyaa guddisuuf hojjechaa jira. Leenjifamtoonni ogummaa sochii loltuu cimsuu fi sochii diinaa ittisuuf isaan dandeessisu argachuusaanii dubbataniiru. Eebbifamtoonni hooggansa mahaandisummaa loltummaa fi ogummaa bu’uraa mahaandisa loltummaan kan leenji’an ta’uu ibsaniiru. Leenjifamtoonni turtii baatii afuriin leenjii kutaa keessaa fi gochaan kenname hordofuusaanii ibsaniiru. Ittigaafatamaan qajeelcha olaanaa barnootaa fi leenjii raayyaa ittisaa letenaal Jeneraal Yimar Mokonnon, eebbifamtootaan baga gammaddan jedhaniiru. Leenjifamtoonnis leenjii argataniin tokkummaa fi birmadummaa biyyaa akkasumas nageenya ummattootaa eeguun ittigaafatama kennameef bahachuu akka qaban hubachiisaniiru. Qajeelcha olaanaa barnootaa fi leenjii Ittisaatti kolleejiin Mahaandisummaa loltummaa bara 1934 kan hundeeffame yemmuu ta’u, dameelee barnootaa shaniin leenjii addaddaa nikenna.
Siyaasa

Hawaasni musliimaa nageenyii fi misoomni biyyaa akka mirkanaa’u yaalii taasisu cimsee akka itti fufuu waamichi taasifame
Sep 27, 2023 825
Fulbaana 16/2016 (TOI)- Hawaasni musliimaa nageenyii fi misoomni biyyaa akka mirkanaa’u yaalii taasisu cimsee akka itti fufuu waamichi taasifame. Ayyaanni dhalootaa Nabii Mahaammad kuma 1 fi 498ffaan “mata duree “Nabii abbaa dhiifamaa” jedhuun abbootiin amantaa Islaamaa, hooggantoonni mootummaa fi bakka bu’oonni dhaabbilee amantaa biroo fi keewssummoonni waamichi taasifameef bakka argamanitti masjiida Aniwaar Guddichatti kabajameera. Itti aanaan pirezidaantii mana maree olaanaa dhimmoota Islaamummaa Finfinnee Sheeh Fatihuddiin Haajii Zayinuu wayita kana, wayita ayyaana Mawuliidaa kabajnu karaa nagaa, jaalalaa fi tokkummaa ummataa cimsuun ta’uu qaba jedhaniiru. Hawaasni musliimaa misoomnii fi nageenyi ummataa akka mirkanaa’u yaalii taasisaa jiru caalaatti akka itti fufu waamicha dhiheessaniiru. Imaamiin Msjiida Aniwaar guddichaa Sheeh Xahaa Haaruun gamasaaniin, Mawuliidiin ayyaana jaalalaa, waloomaa fi tokkummaa ta’uusaa dubbataniiru. Hawaasni musliimaa Mawuliida wayita kabaju akkaataa bariisa Nabii Mahaammadiin gad ofqabuun, dhiifama gochuun fi walgargaaruun , dadhaboota gargaaruun akkasumas lammiilee hordoftoota amantaalee biro waliin walooma cimsuun ta’uu akka qabu hubachiisaniiru. Ittigaafatamtuun biiroo bulchiinsa nageenyaa Finfinnee Liidiyaa Girmaa, ayyaanni Mawuliidaa wayita kabajamu dhiifamni Nabii Mahaammad, gad ofqabuu fi duudhaaleen tolummaa kanneen biroo karaa agarsiisuun ta’uu qaba jedhan. Rakkoolee akka biyyaatti mudatan hiikuuf aadaa mari’achuu gabbisuun misooma Itiyoophiyaa hundagaleessaa fi milkaa’ina guddina hawaasummaaf hundi tumsuu akka qabu ittigaafatamtuun biiroo kun dubbataniiru.
Tumsi Tarsiimawaa Itiyoophiyaa fi Chaayinaa Dameelee Tumsaa Addaddaatiin Ittii Fufsiisuuf Hojjetamaa Jira- Ahimad Shidee
Sep 27, 2023 120
Fulbaana 16/2016 (TOI)- Tumsi Tarsiimawaa Itiyoophiyaa fi Chaayinaa Dameelee Tumsaa Addaddaatiin Ittii Fufsiisuuf Hojjetamaa Akka Jiru Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee ibsan. Guyyaan biyyaalessaa hundeeffama Rippaabiliika Chaayinaa waggaa 74ffaa kaleessa galgala Finfinneetti kabajameera. Hooggantoonni mootummaa olaanoo, miseensonni hawaasa dippilomaatikii fi keessummoonni waamichi taasifameef sagantaa kanarratti argamaniiru. Ministirri maallaqaa Ahimad Shidee wayita kana akka ibsanitti, Itiyoophiyaa fi Chaayinaan biyyoota michooma seenaqabeessa wal amantaarratti hundaa’e qabanidha. Haala Kanaan Chaayinaan Itiyoophiyaatti dameelee ijaarsaa daandii si’aayinaa, sarara baaburaa, ijaarsa anniisaa fi bu’uura misoomaatiin qooda guddaa bahaa akka jirtu ibsaniiru. Fuulduras akkaataa itti fayyadama walootiin tumsa tarsiimawaa biyyoota lamaanii caalaatti cimsuuf Itiyoophiyaan cimsitee kan hojjettu ta’uu mirkaneessaniiru. Itti aanaa dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa doktar Mooniik Nsaanzabagaanwaa, Chaayinaan ijaarsa dinagdee Afriikaarratti deeggarsa olaanaa taasisaa akka jirtu ibsaniiru. Fuulduras ijaarsa dinagdee dijitaalaa hammataa fi muuxannooshee hiyyuma hir’isuu qooduun dameelee tumsa misoomaa dargaggoota Afriikaa fayyadamaa taasisanirratti tumsashee cimsitee akka itti fuftu gaafataniiru. Itiyoophiyaatti gaggeessaan itti aanaa misiyoonii embaasii Chaayinaa Shiin Chiinmiin, Chaayinaan Inisheetiivii Beelt endi rood bocuun dameelee misoomaa Afriikaa addaddaa keessatti Ashaaraashee kaa’aa jirti jedhan. Hammattoo Kanaan waggoota 53 kan dabarse tumsi tarsiimawaa hundagaleessi Itiyoo-Chaayinaa tumsa siyaasaa fi dinagdeetiin cimee itti fufuusaa dubbataniiru. Guyyaan biyyaalessaa Rippaabiliika Chaayinaa “Shiiyyii” jedhamuun kan beekamu yemmuu ta’u, akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1949 pirezidaantii Rippaabiliikii Chaayinaa duraanii Maa’oo Zedoongiin mootummaan ummataa hundaa’uurraa isaatiin waggaa waggaa nikabajama.
Odeeffannoo Wayitaawaa lakkoofsa 5 qajeelcha izzii labsii yeroo muddamaa irraa kenname
Sep 25, 2023 695
Ayyaaneffannaawwan Mawuliidii, Damadraa fi Masqalaa Fulbaana 16 fi 17 kabajaman naannoo Amaaraatti akkaataa sirni amantichaa eeyyamuun akka kabajaman Komandi poostichi hojjechaa jira. Labsii yeroo muddamaa Kanaan walgahiiwwan ummataa dhorkamuunsaanii niyaadatama. Kun ammoo humnoonni finxaaleyyii fi saamtotaa miidhaa ummatarraan gahan hir’isuuf yaadamee kan taasifamedha. Ayyaanonni amantaa Fulbaana 16 fi 17 kabajaman ayyaanota addabaabayiitti kabajaman waan ta’eef sirna ayyaanichaaf jecha addababayiirratti sassaabamuu eeyyamuun barbaachiseera. Waan kana ta’eef ajaja armaan gadii akka raawwataman qajeelchi Izzii labsii yeroo muddamaa nibeeksisa. Walgahuuwwan kunneen sirna kabajaa ayyaana amantaa qofaaf ta’uu qaba. Walgahuun kun ayyaanichi jalqabee amma xumuramutti qofa. Wayita ayyaanonni kunneen kabajaman nageenya ummataaf jecha qaamolee nageenyaa dhagahuun durqama ta’a. Fulbaana 14 bara 2016 Qajeelcha Izzii labsii yeroo muddamaa
Itiyoophiyaa fi Emereetonni Araba Gamtoomanii tumsa biyyoota lamaan jidduu jiru guddisuuf waliigalan
Sep 23, 2023 894
Fulbaana 12/2016 (TOI)- Itiyoophiyaa fi Emereetonni Araba Gamtoomanii tumsa biyyoota lamaan jidduu jiru guddisuuf waliigalteerra gahaniiru. Yaa’iin waliigalaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii 78ffaan mata duree “Nageenya. Badhaadhina, jijjiiramaa fi egeree” jedhuun taa’amaa jira. Itti aanaa ministira muummee fi ministirri dhimma alaa Dammaqaa Mokonnin yaa’ichaan cinaatti ministira dhimma alaa Emereetota Araba Gamtoomanii Sheek Abdullaah Biin Zaayid Al Nahiyaan waliin mari’ataniiru. Hooggantoonni lamaan wantoota fedhii waloo ta’an dhimmoota zoonii fi waloorratti mari’ataniiru. Mariin kun pirezidaantiin Emereetota Araba Gamtoomanii Sheek Abdullaah Biin Zaayid Al Nahiyaan Itiyoophiyaa erga daawwatanii booda kan adeemsifame ta’uun himameera. Marii taasisaniin biyyoonni lamaan tumsa taasisan cimsuuf waliigalteerra gahuunsaanii odeeffannoon ministeera dhimma alaa beeksiseera. Sheeh Abdullaahiin qooda Itiyoophiyaan yaa’ii jijjiirama haala qilleensaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii akka lakkoofsa Awurooppaatti 2023 tti adeemsifamurratti qabdu ilaalchisuun ibsi akka taasifameef odeeffannoon ministeera dhimma alaa agarsiiseera.
Itiyoophiyaa fi Chaayinaan tumsa poolisiin poolisiif jedhuun jalqaban gama hundaan sadarkaa olaanaarraan gahuuf waliigalan
Sep 23, 2023 167
Fulbaana 12/2016(TOI)- Itiyoophiyaa fi Chaayinaan tumsa poolisiin poolisiif jedhuun biyyoonni lamaan jalqaban gama hundaan sadarkaa olaanaarraan gahuuf waliigalan Jilli komishinara Jeneraalaa poolisii federaalaa Itiyoophiyaa fi pirezidaantii dhaabbata gamtaa ajajoota poolisii Afriikaa bahaa Dammallaash Gabramikaa’elii fi miseensa boordii fooramii tumsa nageenya ummataa idil addunyaan durfamu Caayinaa daawwateera. Fooramii lammaffaa tumsa nageenya ummataa idil addunyaa mata duree “One World, Common Security” jedhuun bulchiinsa Jiyaangisuu magaalaa Liyaanyuungaang qophaa’erratti kan hirmaatan komishinar Jeneraalichi hojii riifoormii dhaabbilee nageenyaa fi tasgabbii ministira muummee doktar Abiyyi Ahimadiin gaggeeffamaa jiruu fi milkaa’inoota jijjiiramaa argaman waltajjii idil addunyaa kanaaf dhiheessaniiru. Walgahii kana cinaatti ministira nageenya ummataa Chaayinaa Miister Waang Jiyaahoong waliin tumsa biyyoota lamaanii gama poolisii poolisiif jedhuurratti mari’ataniiru. Kanaanis tumsa biyyoota lamaan jidduutti jalqabame gama hundaan sadarkaa olaanaarraan gahuuf waliigaluusaanii odeeffannoon komishinacharraa argame ni’eera. Kanaa alatti komishinar jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el pirezidaantii dhaabbata poolisii idil addunyaa(Intarpool) fi ministira biyya keessaa emereetota Araba Gamtoomanii Meejer Jeneraal Ahimad Naasir Al-Raayisii waliin mari’ataniiru. Marii kanaanis tumsa biyyoota lamaanii fi dhaabbata poolisii idil addunyaa waliin jiru caalaatti cimsuun waliin hojjechuuf waliigalteerra gahaniiru. Pirezidaantiin Intarpoolii Meejer Jeneraal Ahimad Naasir Al-Raayisii dhiheenyatti Itiyoophiyaa akka daawwatan odeeffannoon ni’eera.
Sagantaan Misoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii adeemsa ijaarsa nagaa Itiyoophiyaa akka deeggaru ibseera
Sep 23, 2023 179
Fulbaana 12/2016 (TOI)- Sagantaan Misoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii adeemsa ijaarsa nagaa Itiyoophiyaa akka deeggaru beeksise. Yaa’ii dhaabbata mootummoota gamtoomanii 78ffaa New Yoorkitti taa’amaa jiru cinaatti itti aanaa ministira muummee fi ministirri dhimma alaa Dammaqaa Mokonnin itti gaafatamaa Yuu enni diipii Achiim Steeyinar waliin mari’ataniiru. Sagantaan misoomaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii Itiyoophiyaa waliin tumsa yeroo dheeraa akka qabu ittigaafatamaan kun marii kanarratti yaadataniiru. Dhaabbatichi Kana malees adeemsa nageenyaa Itiyoophiyaa, deebisanii ijaaruu fi dhaabuu deeggaruuf kutannoo akka qabu ibsaniiru. Imala misoomaa Itiyoophiyaan jalqabde akka itti fuftu dhaabbatichi deeggarsa barbaachisu nitaasisa jedhaniiru. Itti aanaa ministira muummee fi ministirri dhimma alaa Dammaqaa Mokonnin gamasaaniin sagantaan misooma Dh M G deeggarsa Itityoophiyaaf taasisaa jiru dinqisiifatanii, tumsi qaamota lamaanii hojjechuun akka barbaachisu ibsaniiru. Obbo Dammaqaan ittigaafatamaa kana waliin sagantaalee misoomaa biroorratti marii milkaa’aa taasisuusaanii ministeerri dhimma alaa beeksiseera.
Inistiitiyuutiin ngaa kabachiisaa idil addunyaa qondaaltota loltuu olaanoo digirii lammaffaan leenjise eebbisiisasa jira
Sep 23, 2023 164
Fulbaana 12/2016 (TOI)- Inistiitiyuutiin ngaa kabachiisaa idil addunyaa qondaaltota loltuu olaanoo digirii lammaffaan leenjise eebbisiisasa jira. Gorsaan loltummaa Shuumii eetaamaajoorii waliigalaa humnoota waraanaa fi ittigaafatamaan hooggansa dhukaasaa letenaal jeneraal Alamisheet Daggifee, itti gaafatamaan ajajaan nagaa kabachiisaa meejer jeneraal Addaamneh Mangistee, ajajaan inistiitiyuutii leenjii nagaa kabachiisaa idil addunyaa koloneel Dammaqaa Mangistuu, tiyoophiyaatti ambaasaaddarri Jaappaan Iitoo Taakaakoo, qondaaltonni loltuu fi keessummoonni biroo sirna eebbaa kanarratti argamaniiru. Qondaaltota loltuu har’a eebbiufaman keessaa Itiyoophiyaan alatti qondaaltonni waraanaa olaanoo biyyoota sadii keessatti ni’argamu. Eebbifamtoonni gosoota barnootaa qoondaaltummaa istaafii, taajjabdummaa loltummaa, wayitii walitti bu’iinsaa namoota nagaa eeguu, quunnamtii siviilii fi waraanaa, miidiyaa ergamaa/miishinii, loojistiiksii dabalatee barumsa nageenyii fi walitti bu’iinsi ittiin furamu hordofuunsaanii ibsameera.

Hawaasummaa
Raayyichi aantummaa uummataaf qabu cimsee itti fufa
Sep 30, 2023 97
Fulbaana 19 /2016(TOI) - Raayyaan Ittisa Biyyaa nageenya biyyaa eeguun cinaatti kanneen humna hin qabne deeggaruun aantummaa uummataaf qabu cimsee kan itti fufu Iizii kaaba bahaatti ajajaa kumaalaa furgaatu koorii 801ffaa kumaalaa Daggisawu Dooshaa beeksisan. Raayyichi magaalaa Daseetti bartoota deeggarsa barbaadaniif deeggarsa meeshaalee barnootaa taasiseera. Kumaalaa Daggisawu yeroo kana akka himanitti Raayyaan Ittisa biyyaa nageenyaa biyyaafi uummataa eeguuf aarsaa kamiyyuu kanfalaa jira. Dabalataan miindaa isaarra hir'isee lammilee harka qalleeyyiif deeggarsa hunda galeessa taasisu cimsee itti fufaa jira jedhaniiru. Har'a magaalaa Daseetti bartoota maatiin isaanii harka qalleeyyii ta'an 60 barruleefi koppee deeggarsa taasisuu himanii, kanaan duras Walloo Kibbaatti baratoota 150'f deeggasa walfakkataa taasisuu himaniiru. Uummannis nageenyi waaraan akka jiraatuuf deeggarsa raayyichaaf taasisu cimsee akka itti fufu hubachiisaniiru.
Haroo Hora Arsadee qabeyyeesaa seenaa fi aadaa eeguun misoomsuun barana nijalqabama
Sep 30, 2023 95
Fulbaana 19/2016(TOI)-Hora Arsadee ayyaanni Irreechaa itti kabajamu Haroo Hora Arsadee qabeyyeesaa seenaa fi aadaa eeguun misoomsuun barana akka jalqabamu bulchiinsi magaalaa Bishooftuu beeksise. Kantiibaan itti aanaa bulchiinsa magaalichaa Gazzaaheny Dajanee TOI’ f akka ibsanitti Haroo Hora Arsadee qabeyyeesaa seenaa fi aadaa eeguun misoomsuuf qophiin taasifamaa jira. Hojiin kun waggaa lama keessatti kan xumuramu ta’uu eeranii, barana bajanni birrii miiliyoona 150 qabameeraaf jedhan. Pirojektichi Haroo Arsadee daawwattoonni biyya keessaa fi biyya alaa waggaa guutuu kan itti bashannananii fi naannawa Haroo kana caalaatti hawataa taasisuuf akka ta’e ibsaniiru. Hojiin bu’uura misooma, hojiin miidhagsuu fi hojiiwwan biroo kan hojjetaman ta’uu kantiibaa itti aanaan kun himaniiru. Diizaayiniin pirojektichaa xumuramaa akka jiru eeranii, pirojektiin misoomaa kun uumama naannawaa waliin kan walsimuu fi haroo kana eeguuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru. Kun ammoo daawwattoonni magaalicha dhufan akka dabalan fi galiin damee kanarraa argamu guddisuuf kan gargaaru ta’uu dubbataniiru.
Godina Harargee bahaatti birrii biliyoona 3 oliin manneen barnootaaf bu'uuraaleen misoomaa guutamaniif tajaajilaaf gahan.
Sep 29, 2023 199
Fulbaana 18 /2016 (TOI) -Godina Harargee bahaatti birrii biliyoona 3 oliin ijaarsa manneen barnootaa barnoota idileen duraa dabalatee manneen barnoota biroof bu'uuraaleen misoomaa guutamaniif tajaajilaaf gahuu Waajjirri Barnoota godinichaa beeksise. Hojiin kunis kan hojjetame Mootummaafi hirmaannaa uummataan ta'uu waajjirichi beeksiseera. Hogganaan Waajjirichaa obbo Alamaayyoo Tamuu TOItti akka himanitti waqtii gannaa keessaa bu'uuraalee misooma barnootaafi galteewwaan biroo mana barnootaaf guutuun hojiin baruufi barsiisuu jalqabameera jedhaniiru. Kanneen keessaas godinichatti aanaalee hundaafi bulchisa magaalaatti ijaarsi manneen barnootaa barnoota idileen duraa 195 manneen jireenyaa barsiisootaa 372 akka keessatti argataman eeraniiru. Dabalataan hojiin manneen kitaabaa qindeessuu, bartootaaf nyaata dhiheessuufi galteewwan mana barnootaaf barbaachisan biroo guutuu dabalatee baasii birrii biliyoona 3 ol taasisuu himaniiru. Keessayyuu ijaarsi manneen barnootaa raawwatame daa'imman naannawwaa isaaniirra osoo hin fagaatiin barnoota isaanii akka hordofan akkasuma barsiisoonni hojii baruufi barsiisuu isaanii akka raawwatan kan dandeesisudha jedhaniiru. Godinichatti bara kana manneen barnootaa kuma 2fi 700tti baratoonni miliyoona 1.2 barnoota isaanii barachuu jalqabuu obbo Alamaayyoon beeksisaniiru.
Lammiilee naannoo Gaambeellaatti sababa lolaatiin buqqa’aniif deeggarsi taasifame
Sep 29, 2023 110
Fulbaana 18 /2016(TOI)- Waldaan fannoo diimaa Itiyoophiyaa lammiilee naannoo Gaambeellaatti sababa lolaa jidduu kana mudateen buqqa’aniif deeggara meeshaalee birrii miiliyoona 3 olitti tlmaamamu taasisuusaa beeksise. Waldichatti itti gaafatamaan waajjira damee Gaambeellaa obbo Cheenkoot Deeviid, waldichi magaalaa gaambeellaa dabalatee aanaalee shanitti dadhaboota dabalatee abbaa warraa fi haadha warraa miidhaan guddaa mudate 475’f deeggarsi kennamuu ibsameera. Deeggarsi taasifame uffata qorraa, pilaastikii bokkaa, Jarikaana bishaanii fi wantoota qulqullinaaf oolan akka ta’an eeraniiru. Kanaan duras deeggarsi birrii miiliyoona 4tti tilmaamamu abbaa fi haadha warraa 725’f kennamuu yaadatanii, waldichi deeggarsa namoomaa cimsee akka itti fufu ibsaniiru. Pirezidaantiin naannichaa Umod Umod, waldichi kanneen balaa uumamaa fi namtolcheen miidhamaniif dafee qaqqabuun deeggarsa taasisaa jiruuf galateeffataniiru. Lammiilee sababa lolaatiin buqqa’aniif deeggarsi taasifamu dhaabbilee birootiinis Cimuu akka qabu dubbataniiru. Jiraataa magaalaa Gaambeellaa kan ta’an obbo Piiter Utaatii rakkoo uumameen mannisaanii diigamee rakkoof saaxilamuusaanii ibsaniiru. Deegarsi waldichi taasiseen rakkoonsaanii amma tokko furamuu eeranii, deegarischaafis galateeffataniiru. Adde Tawaabech Birhaanuu gamasaaniin, lagni Baaroo guutee dambali’uusaatiin manaa fi qabeenyasaaniirra miidhaa geessisuu dubbatan. Deeggarsi waldaa fannoo diimaan jalqabame dhaabbilee biroonis akka itti fufu gaafataniiru.
Diinagdee
Dr. Abiy Ahimad Godina Jimmaatti hojiilee misoomaa daawwatan.
Sep 30, 2023 42
Dr. Abiy Ahimad Godina Jimmaatti hojiilee misoomaa daawwatan. Fulbaana 19/2016(TOI) - Jilli Ministira Muummee FDRI Dr. Abiy Ahimadiin durfamu Godina Jimmaatti biqiltuu bunaa, bu’aalee maaddii guutuu, oomisha avokaadoo, misooma Ruuziifi Qamadii daawwachuu odeeffannoon Waajjira Ministira Muummeerraa argame ni mul'isa.
Baatiiwwan shanan darban gurgurtaan boba’aa birrii biiliyoona 98 ol sirna kafaltii elektirooniksiin raawwatameera-abbaa taayitaa boba’aan enarjii
Sep 30, 2023 38
Fulbaana 19/2016(TOI)-Baatiiwwan shanan darban gurgurtaan boba’aa birrii biiliyoona 98 ol sirna kafaltii elektirooniksiin raawwatamuusaa abbaan taayitaa boba’aa fi Inarjii beeksise. Gurgurtaan boba’aa elektirooniksii hojiirra ooluunsaa qisaasa boba’aa fi hanna wayitii gurgurtaa mul’atu hir’isuun dhiheessii fi raabsii boba’aa fooyyessuusaa abbaan taayitichaa TOI’f ibseera. Abbaa taayitichatti daarektarri raabsii fi hordoffii boba’aa obbo Dheeressaa Koottuu, dhiheessii firaabsiin boba’aa biyyattii kan Kanaan dura turerra fooyya’aa akka ta’e dubbataniiru. Abbaan taayitichaa boba’aa kontirobaandiin biyya alaatti bahuu danda’u ittisuuf raabsii boba’aa buufata Jibutii irraa kaasee amma raabsiitti jiru teeknooloojii dijitaalaa horoffii fi to’annaa taasisu walakkaan hojiirra oolchuusaa himaniiru. Itti dabaluunis Ebla 15 bara 2015 irraa kaasee amma odeeffannoon kun qindaa’etti sirna kafaltii elektirooniiksiin gurgurtaan boba’aa birrii biiliyoona 98 ol raawwatamuu ibsaniiru. Birrii biiliyoona 75 ol kan ta’u fayyadamtoota deeggarsaan kan raawwatame ta’uu kaasanii, gurgurtaan birrii biiliyoona 23 ol kan ta’u abbootii konkolaataa dhuunfaa deeggarsaan ala ta’aniin kan raawwatamedha jedhan. Sirni gurgurtaa kun hojiirra ooluunsaa kuusaa fi humna boba’aa buufata raabsii beekuun qisaasa, hannaa fi bu’aa bayii hir’isuun danda’ameera jedhan. Buufataalee raabsii sirna dijitaalaa guutummaatti hojiirra hin oolchine dhaabbilee mootummaa dhimmi ilaalu waliin ta’uun tarkaanfii akka fudhatu abbaan taayitichaa dinniineera. Kanaaf abbootiin buufata raabsii hundi sirna kafaltii boba’aa elektirooniksii hojeessuun seeraan akka bulan hubachiiseera. Sirni gurgurtaa boba’aa elektirooniksii Baatii Eblaa bara 2015 irraa kaasee karaa teelee birrii fi filannoowwan kafaltii biroon hojeeffamaa jira.
Yaa’iin Guutuu Afriikaa misooma humna namaarratti xiyyeeffate torbe dhufu Finfinneetti taa’ama
Sep 30, 2023 27
Fulbaana 19/2016(TOI) – Yaa’iin misooma humna namaa Afriikaarratti xiyyeeffate Fulbaana 21 fi 22/2016 Finfinneetti akka taa’amu ministeerri hojii fi dandeettii beeksise. Ministeerichi yaa’ii kana dhaabbata tumsa misoomaa idil addunyaa Jarman(GIZ) akkasumsa dhaabbilee ‘Ayi kaappitaal’ fi Asooseeshiin foor talent develoopimant’ jedhaman waliin qopheessuusaa eereera. Ministeera hojii fi dandeettiitti de’eetaan ministiraa damee teekniikaa fi ogummaa TOI’f akka ibsanitti, qaamoleen mootummaa, dhuunfaa fi dhimmi ilaallatu biroon kanneen misooma namaarratti hojjetan haala hojmaata qindaa’aa damee kanarratti qaban cimsuun haala danda’amurratti nimari’atu. Waltajjichi Sadarkaa gabaan idil addunyaa hojii fi dandeettii amma irra gahe ilaalchisuun muuxannoo waljijjiiruuf kan dandeessisu ta’uusaa dubbataniiru. Waltajjichi hanqinoota gama hojii uumuun jiraniif furmaata kennuuf akkasumas walitti hidhamiinsa dhaabbilee Industirii fi barnootaa cimsuuf gumaacha olaanaa akka qabaatu eeraniiru. Yaadonni yaa’ii kanarratti leenjii humna namaa dabalatee hpjiilee jijjiiramaa jalqabamanii fi fooyyessa imaammataa fuulduraaf humna dabalataa akka ta’an de’eetaan ministiraa kun himaniiru. Keessumaa hojiilee bobbaatii biyya alaaf galteewwan deeggaraa ta’an argachuuf akka dandeessisu ibsaniiru. Barreeffamoonni qorannoo fedhii fi dhiheessii hojii, cehumsa barumsarraa hojiitti, carraa fi qormaata dijitaalaayizeeshiniin hojii fi dandeettiif qabu, walitti hidhamiinsa dhaabbilee Industirii fi barnootaa, misooma humna namaatti qooda damee dhuunfaa fi haala hojii idil addunyaarratti xiyyeeffatan akka dhihaatan himaniiru. Qorattoonnii fi ogeessonni damichaa biyyoota Afriikaa fi kanneen biroo, dhaabbanni mootummoota gamtoomanii fi dhaabbi;ee isa jala jiran dabalatee bakka bu’oonni dhaabbilee idil addunyaa addaddaa, qaamolee deeggartootaa fi keessummoonni waamichi taasifameef biroon ni’argamu jedhameetu eegama.
Gatii boba'aarratti sirreeffamni taasifame
Sep 29, 2023 196
Fulbaana 18/2016(TOI) - Gurgurtaa qinxaaboo omishaalee boba'aarratti sirreeffamni gatii taasifamuu Ministeerri Daldalaafi Walittihidhamiinsa Naannawaa beeksise. Sirreeffamni kun Fulbaana 18/ 2016 halkan sa'aatii 6:00 irraa eegalee Finfinneetti hojiirra kan oolu ta'uu ibseera. Haaluma kanaan gatiin beenzila liitirri tokkoo qarshii 77.65, naafxaa adiin qarshii 79.75, gaasii adiin qarshii 76.75, boba'aa xiyyaaraa qarshii 70.83, naafxaa gurraacha salphaa qarshii 62.36fi naafxaa gurraacha ulfaataan liitirri tokko qarshii 61.83 ta'uu beeksiseera.
Saayinsii fi teeknooloojii
Ministirri Innoveeshinii fi Teeknooloojii hooggantoota kaampaanii Maayikiroosooftii waliin mari’atan
Sep 21, 2023 132
Fulbaana 10/2016 (TOI) - Ministirri Innoveeshinii fi Teeknooloojii doktar Ballaxaa Mollaa yaa’ii waliigalaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii 78ffaa Niyoorkitti taa’amaa jiru cinaatti hooggantoota kaampaanii Maayikiroosooftii waliin mari’ataniiru. Mariin kun haala maayikiroosooftii fi Itiyoophiyaan waliin hojjchuu danda’anirratti kan xiyyeeffatedha. Ministirichi yaalii babal’ina teeknooloojii, tiraanisfoormeeshinii dijitaalaa akkasumas dargaggoota beekumsa dijitaalaan cimsuuf Itiyoophiyaatti taasifamaa jiru hooggantootaaf ibsaniiru. Itiyoophiyaan hubannoowwan namtolchee guddisuuf hojii hojjechaa jirtu kan ibsan yemmuu ta’u, kun ammoo hojii kaampaanicha waliin tumsaan hojjetamu keessaa damee tokko akka ta’u dubbataniiru. Itiyoophiyaan bu’ura misoomaa dijitaalaa babal’isuuf keessumaa tajaajila kilaawudii, jiddugaleessa deetaa fi bu’aalee teeknooloojii dijitaalaa biroo maayikiroosooftii waliin hojjechuu akka barbaaddu ibsaniiru. Kaampaanichi alaqa hojii teeknooloojiirratti jalqabdoota jajjabeessuuf maallaqqan, leenjii fi galteewwan barbaachisan dhiheessuun haala Itiyoophiyaa itti gargaaruu danda’urratti ibsa kennaniiru. Hooggantoonni kaampaanii Maayikiroosooftii gamasaaniin, tajaajila teeknooloojiin dijitaalaa fayyaa, qonnaa fi akkasumas dameelee biroof kennu ammayyeessuuf yaalii taasifamu deeggaruuf fedhii akka qabu ibsaniiru. Kana malees sagantaa teeknooloojii dijitaalaa Afriikaatti babal’isuuf Itiyoophiyaa akka filmaataatti fayyadamuuf fedhii akka qabu hooggantoonni kunneen ibsaniiru.
Itoophiyaa waggoota 15 dhufanitti jiddugala Aviyeeshinii taasisuuf hojjetamaa jira.
Sep 7, 2023 539
Qaammee 2/2015 (TOI) - Itoophiyaa waggoota 15 dhufanitti jiddugala Aviyeeshinii taasisuuf hojjetamaa jiraachuu deetaan Ministira Geejibaafi Loojistikii obbo Dhengee Boruu beeksisan. Itoophiyaatti Agarsiifni jalqabaa Innooveeshinii Aviyeeshinii baatii Onkoloolessa dhufu gaafa guyyaa 13 -17/2016tti Finfinnee golambaa Saayinsiitti ni taasifama. Ministeerri Geejibaafi Lojiistikiifi Abbaan Taayitaa Sivilaaveeshinii Aveeshinii Itoophiyaa agarsiisa kana ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kennaniiru. Agarsiifni kun ''Innoveeshinii Aviiyeshinii dorgomaa ta'e'' jedhuun kan geggeeffamu ta'uu ibsameera. Deetaan Ministira Geejibaafi Lojiistikii obbo Dhengee Boruu wayita ibsa kenneen akka himanitti Itoophiyaan damee Aviyeeshiniin milkaa'ina guddaa gonfachaa jirti. Mikaa'ina kana caalaatti guddisuun gara fooyya'insa olaanaatti ceesisuuf hojiin adda addaa hojjetamaa jiraachuus himaniiru. Haaluma kanaan Itoophiyaa waaggoota 15 dhufanitti jiddugala Aviyeeshinii Afrikaa taasisuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Daarekatarri olaanaa Aviyeeshinii Itoophiyaa obbo Geetaachoo Mangistuu gama isaaniin kaayyoon agarsiisa qophaa'uuf jiru ogeeyyii hojii kalaqaa Aviyeeshinii irratti bobba'aniifi qaamolee adda addaaf beekamtii kennuu, deeggaruufi jajjabeessuu tekinolojiin Aviyeeshiniifi Innoveeshinii akka babbal'atu taasisuudha jedhaniiru. Dameen Aviyeeshinii bala'aafi baay'ee ta'uu himanii, Itoophiyaan geejiba qilleensarraan milkaa'ina qabdu damee biroo irratti babal'isuufi sadarkaa idil addunyaatti dargamtuu akka taatu hojjetamaa jira jedhaniiru. Agarsiisa kanarratti Daandii Qileensaarraa, Oomishistoota Xiyyaaraafi tekinolojii Aviyeeshinii biroo, Dhaabbtilee tajaajila Aviyeeshiniirratti hirmaatan kan biyya keessaafi alaa, dhaabbilee mootummaafi motummaa qamni ilaallatu akka irratti hirmaatan himaniiru. Kanneen hojii kalaqaa adda addaa of harkaa qaban ogeeyyiin hedduus agarsiisa kanarratti kan hirmaatan ta'uun himameera. Agarsiifini kun qindoomina abbaa taayitaa Aviyeeshii Itoophiyaa, Ministeera Geejibaafi Loojistikii, Garee Daandii Qilleensaa Itoophiyaa, Hunda qilleensaa Itoophiyaa, Bulchiinsa nageenya odeeffannoo biyyaaleessaa, Instiitituyuutii Intalajensii Artifashaalii Biyyaaleessaafi Instiitiyutii Ji'oo ispeeshaalii Saayinsii Hawaan kan qopha'uu ta'uu himaniiru.
Itiyoophiyaa dijitaalaa 2025 dhugoomsuuf dhaabbileen mootummaa hundi ittigaafatamasaanii bahuu qabu-Ministeera Innoveeshinii fi teeknooloojii
Sep 2, 2023 392
Hagayya 27/2015 (ኢዜአ) ፡- Itiyoophiyaa dijitaalaa 2025 dhugoomsuuf dhaabbileen mootummaa hundi ittigaafatamasaanii bahuu akka qaban Ministeerri Innoveeshinii fi teeknooloojiiibse. Waltajjiin xumuraa mirkaneessa raawwi hojii yeroo walakkaa tarsiimoo Itiyoophiyaa dijitaalaa 2025 adeemsifameera. Waltajjii dhaabbileen mootummaa dhimmi ilaalu itti hirmaatanirratti hojiileen akka hojjetaman tarsiimoon kaa’aman eessa akka gahan odeeffannoo sassaabuu fi hojiin mirkaneessuu hojjetamuunsaa ibsameera. De’eetaan ministiraa Innoveeshinii fiteeknooloojii Huuriyaa Alii akka ibsanitti, Itiyoophiyaa dijitaalaa 2025 dhugoomsuuf dhaabbileen mootummaa hundi fi dameen dhuunfaa tumsaa fi qindoominaan hojjechuutu irraa eegama. Hojii hunda keessatti odeeffannoon hatattamaan akka darbuu fi walhubachuun jiraachuu qaba kan jedhan de’eetaan ministiraa kun fuuldura odeeffannoon cuunfamee fi mirkanaa’e ummataaf akka ifoomu dubbachuusaanii odeeffannoon ministeericharraa argame nimul’iusa. Qonni, Tuurizimiin, industiriiwwan oomishaa idil addunyaa keessa galan tajaajiloonni infoormeeshinii fi komunikeeshinii keessa galan tarsiimoo Itiyoophiyaa dijitaalaa 2025’n dameelee dursi kennameef ta’uun himameera. Bu’ura misoomaa ijaaruun, haalota dandeessisan, appilikeeshinii dijitaalaa fi dirree dijitaalaa uumuun utubaa tarsiimoo kanaa yemmuu ta’an, dhaabbileen kanneen diriirsuuf qabeenyaa qusachuun fi waliiqooduun hojjechuu akka qaban eerameera.
Addunyaan Hojmaata Dijitaalaatti Gala Waan Jiruuf Hooggantoonni Dubartoonni Qophii Kana Xieeffannaa Keessa Galche Gochuu Qabu-Ministeera Inniveeshinii fi Teeknooloojii
Aug 30, 2023 427
Hagayya 24/2015 (TOI)- Addunyaan Hojmaata Dijitaalaatti Gala Waan Jiruuf Hooggantoonni Dubartoonni Kana Xieeffannaa Keessa Galchuun ofis ta’e biyyasaanii fayyaduuf hojjechuu qabu jedhan De’eetaan Ministiraa Inniveeshinii fi Teeknooloojii Huuriyaa Alii. Mata duree “Itiyoophiyaa dijitaalaa fi qooda dubartootaa” jedhuun waltajjiin hooggantoota dubartootaa naannawa Itiyoophiyaa hindaarraa walitti babahan irratti hirmaatan magaalaa Bishooftuutti adeemsifamaa jira. Waltajjichi imala dijitaalaa Itiyoophiyaa fi qooda dubartootaa, addunyaa dijitaalaa keessatti fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuu, qoodama dijitaalaa (digital divide) saayibarii rakkisuu fi abbaa irrummaa (cyberbullying) ittisuu jedhanirratti kan xiyyeeffatedha. De’eetaan ministiraa Innoveeshinii fi teeknooloojii Huuriyaa Alii waltajjicharratti akka jedhanitti addunyaan hojmaata dijitaalaatti gala waan jiruuf hooggantoonni dubartoonni qophii kanarratti xiyyeeffate gochuun ofis biyyasaaniis fayyadamaa taasisuuf hojjechuu qabu jedhan. Qoodmaa dijitaalaa dhiiraa fi dubartii jidduu jiru dhiphisuuf dubartoonni hooggantoonni qooda olaanaa akka qaban de’eetaan ministiraa kun dubbataniiru. Qoodmaan dijitaalaa saalaan, Umuriin, naannawaa fi meeshaalee itti fayyadamaniin akka mul’atu ibsanii, qoodmaa dijitaalaa dhiiraa fi dubartii jidduu jiru dhiphisuuf dubartoonni hooggantoonni qooda olaanaa qabu jedhaniiru. Itiyoophiyaan dinagdee dijitaalaa ijaaruuf hojjechaa kan jirtu yemmuu ta’u, qoodmaa dijitaalaa bifa addaddaan mul’atu dhiphisuun fayyadama walqixaa mirkaneessuuf hojjetamaa akka jiru himameera.
Ispoortii
Obbo Iyyaasuu Wasan filannoo pirezidaantummaa konfedereeshinii Bunyaa Afriikaaf kaadhimaman
Sep 30, 2023 16
Fulbaana 19/2016(TOI)- Pirezidaantiin federeeshinii boksii Itiyoophiyaa obbo Iyyaasuu Wasan filannoo pirezidaantummaa federeeshinii Bunyaa Afriikaaf Itiyoophiyaa bakka bu’uun kaadhimaa ta’uun dhihaatan. Federeeshinichi filannoo pirezidaantummaa ilaalchisuun har’a har’a miidiyaaf ibsa kenneera. Filannoon pirezidaantummaa federeeshinii Bunyaa Afriikaa waamicha walgahii ariifachiisaa Konfedereeshinichi Afriikaa Kibbaa Darbaanitti Onkoloolessa 02 bara 2016 aka adeemsifamu waameen akka raawwatamu ibsameera. Pirezidaantiin federeeshinii Bunyaa Itiyoophiyaa obbo Iyyaasuu Wasan Itiyoophiyaa bakka bu’uun filannoorratti akka hirmaatan federeeshinichi isaan filateera. Pirezidaantiin federeeshinichaa Iyyaasuu Wasan filannichi Ispoortii guutuu ardii Afriikaa gaggeessuuf kan taasifamu waan ta’eef Ispoortii Bunyaa Itiyoophiyaaf carraa gaarii kan uumudha jedhan. Miseensonni Federeeshinichaa Ispoortii Bunyaa Afriikaaf nama sirriitti tajaajilu filachuu qabu jedheera. Ministeera Aadaa fi Ispoortiitti de’eetaan ministiraa damee misooma Ispoortii ambaasaaddar Masfin Charinnat filannichi bifa Ispoortii Bunyaa Itiyoophiyaa jijjiiruuf gumaacha olaanaa akka qabaatu ibseera. Ministeerichi filannichaaf deeggarsa barbaachisu akka taasisuuf qophaa’uusaa hubachiisaniiru. Obbo Iyyaasuun alatti pirezidaantiin yeroo konfedereeshinichaa Azaaniyaa Omoo-geegee Naayijeeriyaarraa, pirezidaantiin federeeshinii Bunyaa Yugaandaa Moosees Muhaangii, Bertiraand Meendugaa Kaameeroon irraa fi Mahaammad El Kaabuurii Moorookoorraa filannoo kanarratti nihirmaatu. Kaadhimamoota dhihaatan keessaa dorgomaan sagalee caalu argate pirezidaantii Konfedereeshinichaa ta’uun waggaa afuriif nitajaajila. Federeeshiniin Bunyaa Afriikaa Itiyoophiyaa dabalatee biyyoota miseensota 50 qaba.
Gahumsi atileet Tigisit Asaffaa maraatoonii Barilinirratti agarsiifte atileetoota lafaa dhufootti haamlee kan horudha.
Sep 29, 2023 47
Fulbaana 18, 2016 (TOI): Gahumsi atileet Tigisit Asaffaa maraatoonii Barilinirratti agarsiifte atileetoota lafaa dhufootti haamlee kan horu ta'uu deetaan Ministira aadaafi Ispoortii ambaasaaddar Masifin Charinnaat himan. Maratoonii Barilin 49ffaa injifannoon kan xumuran atileet Tigist Asaffaa fi leenjisaa ishee Gammadoo Daddeefoo har'a ganama buufata xiyyaaraa idil addunyaa booleetti simanaan taasisfameerafi. Simannaa kanarratti deetaan Ministira Aadaafi Ispoortii ambaasaaddar Masifin Charinatiifi pireezdaantiin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Gargaartuu Komishinaraa Atileet Daraartuu Tulluu argamaniiru. Sirna simannaa kanarratti deetaan ministira Aadaafi Ispoortii ambaasaaddar Masifin Charinnaat injifannoon kun injifannoo maaraatoonii kan gara qe'ee isaa duraaniitti deebisedha jedhaniiru. Injifannoon fiigicha maaraatoonii mallattoo obsaa fi cimina akka ta’es hubachiisaniiru. Kanaaf injifannoon Maraatoonii Barliin kun Itoophiyaan ijoollee ishee waliin qormaata irra aanuu akka dandeessu Afrikaafi addunyaaf ragaa guddaa ta'eera jedhaniiru. Akkasumas injifannoon argame atileetota lafaa dhufoo injifannoof akka kakasuu eeraniiru. Kanaafis Atileet Tigisti Asaffaafi leenjisaa ishee Gammadoo Daddafoo galateeffatanii gara fuula duraattis hojii kana cimsaanii akka itti fufan gaafataniiru. Pireezidaantiin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Gargaartuu Komishinara atileet Daraartuu Tulluu; injifannoon argame federeeshinichaafis ta’e biyyatiitti abdii guddaa kan uume ta’uu himaniiru.Injifannoo keessanitti boonneera, baga gammadanis jedhaniiru. Atileet Tigisit Asaffaa gama isheetiin haalli qilleensaa yeroo sanaa fiigichaaf mijataa ta’uu ibsitee, garuu dorgomtoota irraa dorgommii cimaan ishee mudachuu eerteetti. Shaakala cimaa gochaa waan turteef dorgommicha rikaadii fooyyeessuun injifachuu akka dandeessee himteetti. Atileetonni biroonis haaluma kanaan cimanii hojjechuun bu'aa caalmaa qabu galmeessuu akka danda'an ergaa dabarsiteetti.
Qiddus Goorgis Shaampiyoonsi Liigii Kaafiin tapha deebii har’a nitaphata
Sep 29, 2023 53
Fulbaana 18/2016 (TOI)- Qiddus Goorgis Shaampiyoonsi Liigii Kaafii 2023/24 tapha deebii marsaa lammaffaa har’a garee Gibxi Al Ahilii nitaphata. Taphni garee lamaanii Istaadiyeemii Kaayiroo Intarnaashinaalaa nama kuma 75 qabatutti nitaphatama. Gareen lamaan tapha marsaa jalqabaa Fulbaana 13/2016 taphataniin gareen Al Ahilii goolii 3 fi o’n mo’achuunsaa niyaadatama. Qiddus Goorgis garee ramaddii seenuuf morkataasaa garaagarummaa goolii 3’n mo’achuu qaba. Lammii Maalaawii kan ta’an Buubbuun tapha kana abbaa seeraa muummee ta’uun nitaphachiisu. Bara dorgommii darbe Al Ahiliin mo’ataa Shaampiyoon Liigii Kaaf ta’uunsaa nibeekama.
Maaraatoonii Barliin 49ffaarratti riikordii addunyaa fooyyessuun kan mo’atte Atileet Tigist Assaffaaf Simannaan Taasifame
Sep 29, 2023 64
Fulbaana 18/2016(TOI)- Maaraatoonii Barliin 49ffaarratti riikordii addunyaa fooyyessuun kan mo’atte Atileet Tigist Assaffaaf buufata Xayaaraa idil addunyaa Booleetti Simannaan Taasifameef. Atileet Tigist ganama har’aa Leenjisaashee waliin Finfinnee wayita geessu ministeera aadaa fi Ispoortiitti de’eetaan ministira damee misooma Ispoortii ambaasaaddar Masfin Charinnat fi pirezidaantiin federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Gargaartuu komishinaraa Daraartuu Tulluu argamuun simannaa taasisaniiruuf. Sirna kanarratti abaaboon kennameeraaf. Atileet Tigist Asaffaa Maaraatoonii Barliin 49ffaarratti sa’aatii 2:11:53 xumuruun riikoordii maaraatoonii addunyaa dubartootaa fooyyessuunshee niyaadatama.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Guyyoota kurnan itti aanan roobni qonnaa yeroo gannaaf mijataa ta'ee ni rooba
Sep 22, 2023 284
Fulbaana 11/2016(TOI) - Guyyoota kurnan dhufan bakkeewwaan rooba yeroo hannaa fayyadamoo ta'anitti irra caalaan roobni kan roobu ta'uu Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itoophiyaa beeksise. Inistiitiyuutichi ibsa TOI'f ergeen guyyoota kurnan dhufanitti roobni bakkeewwaan eerame kanatti roobu oomisha qonnaa waqtii gannaaf mijataa kan ta'edha jedheera. Keessattuu naannawwa bahaa fi kaaba bahaa biyyatti walakkeessa gannaarra eegalee hanqinni rooba tureetti roobni kan roobu ta'uu ibseera. Roobni bakkeewwan kanneenitti roobu mala bishaan kuusuu adda addaa fayyadamuun qonnaaf akka ooluu kuusuun barbaachisaa ta'uu Inistiitiyutichi akeekeera. Gama biraatiin kallattii Kibbaa fi Kibba Baha Itoophiyaatti uwwisni duumessaa dabalaa dhufuun walqabatee jiidhinni uumamuu danda’u naannawwaa horsiisee bultootaafi gariin horsiise bultootaatti roobni akka roobu haala kan mijeessuu ta'uu ibsa isaan eereera. Kana malees, raagni qilleessaa akka agarsiisutti, bakkeewwaan yaa'awwan Kaabaa, Kaaba lixaa, Lixaafi Baha Giddugaleessaatti jiidhinsi fooyya’aan ni jiraata. Haa ta’u malee, rooba cimaan bakka tokko tokkotti roobuu danda'uun qarqara galaanaa fi naannoo lolaadhaaf saaxilamoo ta'anitti signi lafaa mudachuu waan danda'uuf qaamonni dhimmi ilaallatu of eeggannoo barbaachisaa akka godhan inistiitiyutichi dhaamera. Hidhawwan akka Qoqaa, Yaa'a laga Awaash, Xaanaa Baalesiifi Fincaa'aa, bishaan isaanii guyyaa guyyaan dabalaa waan jiruuf hordoffiin barbaachisaan akka taasifamu tilmaamni kun ni mul’isa.
Harki jabaan Itoophiyaanootaa cichoominaan seenaa hojjechuu itti fufeera
Sep 18, 2023 182
Fulbaana 7/2016 (TOI) – Ministirri Muummee FDRI Dr. Abiy Ahimad harki jabaan Itoophiyaanootaa cichoominaan seenaa hojjechuu itti fufeera jedhan. Sagantaan Ashaaraa magariisaa yeroo gannaa har'a kan xumurame yoo ta'u Dr. sagantaa kanaan karooraa ol biqiltuu biiliyoona 7.5 dhaabneera jedhaniiru. Ministirri Muummee FDRI Dr. Abiy Ahimad ergaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaanii qoodaniin uummanni keenya ciminaafi cichoominaan hojii hojjeteef mootummaan baay'ee kabaja jedhaniiru.
Biqiltuuwwan bunaa waggaa sadii dura dhaabaman firii ashaaraa magariisaa kennaa jiru- Ministira muummee doktar Abiyyi Ahimad
Sep 16, 2023 248
Fulbaana 05/2016 (TOI) - Biqiltuuwwan bunaa waggaa sadii dura dhaabaman firii ashaaraa magariisaa kennaa jiru jedhan Ministira muummee doktar Abiyyi Ahimad. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad ergaa fuula marsariitiisaaniirratti barreessaniin biqiltuuwwan bunaa waggaa sadii dura dhaabaman firii ashaaraa magariisaa kennaa jiru jedhaniiru. Sagantaan ashaaraa magariisaa Itiyoohiyaa lafa fooyyessuurra darbee misooma bosonaa qonnaa gabbisuurratti argama jechuun beeksisaniiru.
Haalli qilleensaa ji'aa fulbaanaa gara jalqabaa guyyoota 10 hojii qonnaaf gahee olaanaa qaba.
Sep 13, 2023 252
Haalli qilleensaa ji'aa fulbaanaa gara jalqabaa guyyoota 10 hojii qonnaaf gahee olaanaa qaba. Fulbaana 2/2016 (TOI) - Haalli qilleensaa ji'aa fulbaanaa gara jalqabaa guyyoota 10 hojii qonnaaf bu'aa olaanaa akka qabu Instiitiyuutiin Meetirolojii Itoophiyaa beeksise. Instiitiyutichi ibsa TOI'f ergeen Fulbaana kana guyyoota jalqabaa 10 haalli qilleensaa rooba fiduu danda'uu Itoophiyaa bakka adda addaatti akka jiraachuu danda'a jedheera. Haaluma kanaan naannaawwaa jiddugala lixaa biyyattirratti bal'inaan roobni gahaan waan jiraatuuf kunis hojii qonnaaf haala mijataa kan uumudha jedheera. Haalli qilleensaa kun oomishaalee kanaan dura facaafaman, kanneen firii godhachaa jiranfi kanneen guddina sadarkaa adda addaarra jiranii haala barbaadamuun akka guddatan kan dandeesisuu ta'uu ibsa isaan eereera. Gama biroon haalli qillensaa jiidhaa kaabaafi kaabaa bahaa biyyattirra xiqqaachaa kan deemuun kan dhabamu ta'uu haalli raaga qilleensaa jiru ni mul'isa jedhaniiru. Gama biroon naannawwaa horisiise bulaafi gariin horsiise bultootaatti rooba idilee olii kan argataniifi darbee darbee rooba idileen olii ni argatu jedheera. Kana hordofuunis bakkeewwan eeraman kanatti ofeeggannoon dursaa barbaachisaan godhuamuu akka qabu instiitiyutichi hubachiiseera.
Gabaasa addaa
Kabaja ayyaana bara haaraa irratti balaan tasaafi ibidda osoo hin mudatiin nagaan kabajameera.
Sep 13, 2023 266
Fulbaana 2/2016 (TOI) - Magaalaa Finfinneetti ayyaanni bara haaraa osoo balaan ibiddaafi kanneen biroon hin mudatiin nagaan kabajamuu Komishiniin hoggansa Ibiddaafi sodaa balaa beeksise. Hawaasni ergaawwaan ofeeggannoo kenna haalaa hojiirra oolchuuf deegarsaa taasiseef komishiniichi galateeffateera. Ogeessii kominikeeshinii Komishinichaa obbo Nigaatuu Maammoo jala bultii kabaja ayyaana bara haaraa irraa jalqabee balaan ibiddaafi balaan tasaa biroo osoo hin mudatiin darbuu himaniiru. Hojii hubannoo uumuu hojjetameen hawaasni ogeeffannoo barbaachisaa waan taasiseef balaan osoo hin mudatiin ayyaanichi karaa nagaa akka kabajamuu ta'uu keessatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru. Sababoota Balaa ibiddaafi balaa tasaa uumuu danda'an hubachuun hojiirra oolchuun hawaasa biratti baratamaa dhufuu himanii, kunis balaan tasaa akka hin mudanee gahee olaanaa bahaa jira jedhaniiru. Ayyaanaoonni gara fuula duratti kabajamanis karaa nagaa akka kabajamaniif komishiinichi qophii gahaa taasisee kan jiru ta'uu himanii hawaasni sababoota balaa ibiddaafi balaa tasaa biroo uumuu danda'an irraa cimsee akka of eeguu hubachiisaniiru. Balaan ibiddaafi balaan tasaa biroo yoo mudate bilbila bilisaa 939, bilbila kallaatti 0111-55-53-00 ykn በ0111-56-86-01 bilbiluun beeksisuun Komishiinichi deebii hatattamaa balaa uumameef akka kennu beeksisaniiru.
Balaa konkolaataan lubbuun namoota 6 darbe
May 29, 2023 1525
Caamsaa 21/2015 (TOI) – Naannoo Harariitti balaa Tiraafikaa qaqqabeen lubbuun namoota 6 darbuu Komishiniin Poolisii naannichaa beeksiise. Balaan kun kan qaqqabee kaleessa galgala harkan saatii 4:30tti ganda Soofa qilee bakka jedhamutti akka ta'ee Komishiinii poolisii naannichaatti qorataan olaanaa balaa Saajin olaanaa Raastaam Mazihaar himaniiru. Konkolaataan fe'umsaa Azuuzuu lakkoofsa gabatee 3- 88036( Oro) meeshaa fe'ee Awwadaay irraa gara Jijjigaadeemu jiraatoota naannaawwichaa hamaamoota missirroo cidharra jiran waliin jiranitti bu'uun daandiirra bahee garagaluun balaa kun mudachuu himaniiru. Balaa kanaan namoota umuriin isaanii waggaa 20 hanga 25 ta'uu kanneen cidharra jiran jaha lubbuun isaanii darbuu himanii kanneen keessaas shan dubartoota ta'uu himaniiru. Dabalataan namoota 8 irra balaan salphaafi cimaan kan gahe yoo ta'u hospitaalatti waldhaansi fayyaa taasifamaafii jiraachuu himaniiru. Yeroodhaaf konkolaachisaan konkolaticha oofuu kan miliqe yoo ta'uu to'annaa jala oolchuuf hordoffiin taasifamaa jiraachuu himaniiru. Sababni balichaas qoratama jiraachuu himaniiru.