Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Itiyoophiyaan Faayidaa dinagdeeshee fi eenyummaashee eegsisuuf bakka turte gara galaana diimaatti deebi’uu dirqama
Oct 30, 2025 7
Onkoloolessa 20/2018 (TOI)- Itiyoophiyaan Faayidaa dinagdeeshee fi eenyummaashee eegsisuuf bakka turte gara galaana diimaatti deebi’uu dirqama jechuun ibsan Piroofeesar Biruuk Hayiluu Bashaah Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad walgahii idilee lammaffaa bara hojii shanaffaa mana maree bakka bu’oota ummataa irratti gaaffiiwwan miseensota mana mareerraa dhihaataniif deebii fi ibsa kennaniin, dhimmi galaana diimaa gaaffii seera qabeessa, seena qabeessa, teessuma lafaa fi dinagdee ta’uu kaasaniiru. Yuunivarsiitiiwwan Itiyoophiyaa fi Ameerikaa garagaraatti barsiisaa kan ta’an Piroofeesar Biruuk Hayiluu Bashaah TOI’tti akka himanitti, akkaataan Itiyoophiyaan galaana diimaarraa gargar cite bu’ura seeraa akka hin qabne kaasanii, biyyoota ulaa galaanaa hin qabne 44 keessa baay’inaan akka caaltu ibsaniiru. Itiyoophiyaan riijinii galaana diimaaf haraa miti kan jedhan piroofeesar Biruuk, Pershiyaarraa amma Babel Mandabii fi Hinditti kan deeman dooniiwwan cimaa kan qabdu akka ture yaadataniiru. Galaannii diimaa kan ishee wayita turetti bulchiinsota Roomaa fi Giriik waliin walitti hidhata daldalaa cimaa qabaachaa akka turte ibsanii, faayidaa dinagdee fi eenyummaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa eegsisuuf gara galaana diimaatti deebi’uun dirqama jedhaniiru. Itiyoophiyaan imaammata hariiroo alaa tumsarratti hundaa’e akka qabdu eeranii, gara galaana diimaatti deebi’uun riijinichaaf faayidaa hedduu akka qabu ibsaniiru. Biyyoota addunyaarraa ulaa galaanaa hin qabne keessaa 16 Afriikaa keessatti akka argaman ibsanii, Itiyoophiyaan waggaa 34 dura ulaa galaanaa km. kuma lama ta’u qabdi ture jedhaniiru. Afriikaarraa Zimbaabuwee fi Maalaawiin ulaa galaanaa Moozaambiik akka fayyadaman yaadatanii, gaaffiin sera qabeessii fi karaa nagaa Itiyoophiyaan gaafatte biyyoota ollaatiin qajeeltummaan ilaalamuu akka qabu ibsaniiru. Itiyoophiyaan eenyummaashee eegsisuuf hammattoo seeraa amma mana murtii idil addunyaatti geessuuf ishee dandeessisu ifatti akka qabdu dubbataniiru. Itiyoophiyaan ulaa galaanaatti akka hin fayyadamne dhorkuuf mirga kan qabu hin jiru kan jedhan piroofeessar Biruuk, biyyi ulaa galaanaa qabu tumsuuf dirqama akka qabu ibsaniiru. Haala Kanaan biyyoota gurguddoo dabalatee adeemsa karaa nagaa Itiyoophiyaan hoedofte ulaa galaanaa akka ishee barbaachisu fudhataniiru jedhaniiru. Ulaan galaanaa Itiyoophiyaaf barbaachisaa akka ta’e Awurooppaarraa amma biyyoota galoo galaanaatti beekamtii kennuu eegaluusaanii bu’aa carraaqqii dippilomaasii ta’uu ibsaniiru.
Misoomni Kooriidaraa magaalaa Amboo bifa haaraa fi miidhagaa ishee gonfachiiseera
Oct 30, 2025 22
Onkoloolessa 20/2018(TOI)-Misoomni Kooriidaraa magaalaa Ambootti hojjetame magaalattii bifa haaraa fi miidhagaa akka ishee gonfachiise Jiraattonni magaalatti dubbatan. Naannoo Oromiyaatti magaalota misoomni Kooriidaraa bal’inaan keessatti hojjetaman keessaa tokko magaalaa Ambooti. Jiraattonni magaalaa Amboo misooma Kooriidaraa magaalattitti hojjetaman ilaalchisuun TOI’n dubbise misoomni kooriidaraa bifa magaalattiin duraan qabdu jijjiiraa akka jiru dubbataniiru. Jiraataan magaalaa Amboo obbo Mangistuu Raggaasaa akka jedhanitti, Kooriidarichi osoo hin eegaliin dura daandiin muummee magaalaa Amboo Qaxxaamuree darbu tiraafikaa fi sochii namootaatiin kan muddame ture. Hojiin misooma Kooriidaraa erga eegalee sitti garuu daandiin waan bal’ateef konkolaattotaa fi namaaf haala mijataa uumuun alatti miidhaginni magaalattii dabaleera jedhan. Dargaggoonnis bakka bashannanaa fi itti boqotan argachuusaanii argachuusaanii dubbataniiru. Jiraataan magaalaa Amboo kan biraan obbo Mangee Tafarii,misoomni kooriidaraa magaalaa Amboo osoo hin eegalamiin dura balfi qarqara daandiirratti kuufame deemuuf rakkisaa ture jedhaniiru. Bakkeewwan balfaan guutamanii turan bakka bashannanaatti jijjiiramuusaanii dubbatanii, milkaa’ina misooma kooriidaraa kanaaf bulchiinsa magaalaa cinaa dhaabachuun deeggarsa taasisan akka itti fufan ibsaniiru. Misooma kooriidarii hojjetameen bakkeewwan qilleensa qulqulluun waan guutameef magaalattii jireenyaaf mijattuu fi qulqulluu godheera jechuun dubbataniiru. Dargaggoo Baayyisaa Taammiruu gamasaatiin, guddina biyyaa saffisiisuuf qoonni dargaggootaa guddaa ta’uu eeree, misoomni magaalattiitti gaggeeffamaa jiru akka saffisu hirmaannaa akka cimsu ibseera. ​​​​​​​ Hojiin misooma kooriidaraa bifa magaalattii jijjiiruun turizimii fi invastimantiif mijattii akka taasisu ibsee, dargaggoota biroo waliin ta’uun amma hojiin misoomaa kun xumuramutti qoodasaa akka bahu mirkaneesseera.
Jiruu fi Jireenya Qonnaan Bulaa Ceessisuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba-ministira muummmee Dr. Abiyyi Ahimad
Oct 30, 2025 22
Onkoloolessa 20/2018(TOI)- Haala jiruu fi jireeenya qonaan bulaa jijjiiruun Qonnaan Bulaa Ceessisuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad ibsan. Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Bahaatti sagantaa walitti qabuu oomisha midhaan gannaa fi jalqabsiisa hojii misooma qamadii bonaa irratti argamanii hojiiwwan misooma Qonnaa adda addaa daawwataniiru. Qonnaan bulaan yeroo ammaa qabeenya argachaa jiraachuu eeruu, Qonnaan bultoonni keenya maallaqa qaban fayyadamuun jireenya fooy’aa jiraachuu akka qaban Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad hubachiisaniiru. Qonnaan bulaan maallaqa argachaa jiraatus haalli jireenya isa hin fooyyofne jechuun, jiruu fi jireenya qonnaan bulaa ceessisuuf karoora qabame Kanaan namni gaafa mana ijaaru boroosaa keessatti Baawoo Gaazii, Soolaarii, Televiizyinii qabaachuu, mana ofiisaa fi saawwanii gargar baasuun jireenya isa fooyyessaa deemuu qabna jechuun ibaniiru. Qonnaan bultoonni humna qaban haala diizaayinii baheen manasaanii jijjiiraa deemuu qabu jechuun dhaamaniiru. Haalli jireenya Qonnaan Bulaa hin jijjiiramu taanaan wanti oyiruurratti hojjetamaa jiru qofaan gatii akka hin qabne ibsaniiru. Qonnaan bulaan qotee dadhabee maallaqa argatee baankii ka’uun qofti jireenyasaa kan hin jijjiirre ta’uu eeruun, qusannaa qofa osoo hin taane jireenya isaa fi jireenya ijoollee isaa fooyyesuu qaba jedhaniiru. Kaayyoon mootummaa inni guddaan jiruu fi jireenya ummata fooyyessuu akka ta’es eeraniiru. Yeroo amma kun hojiiraa oolaa jiraachuu eeruun Qonnaan bulaan qabeenya argateen jireenyasaa fooyyessuu qaba jechuun hubachiisaniiru.
Kan mul'ate

Tattaaffiiwwan Itiyoophiyaan Ulaa Galaanaa akka hin arganne taasisan ulaagaa kamiinuu fudhatama hin qabu – Hayyoota
Oct 30, 2025 28
Onkoloolessa 20/2018(TOI)- Biyya akka Itiyoophiyaa seenaa qabeettii, guddoo fi ummanni hedduun keessa jiraatu deemsi Ulaa galaanaa akka hinqabaanne taassisan seeraanis ta’e siyaasaan fudhatama akka hin qabne hayyoonni ibsan. Gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaa qananii osoo hin ta’iin dhimma jiraachuu ta’uusaa Yuunvarsiitii Yuunitiitti barsiisaan ogummaa Gaggeessummaa fi Quunnamtii Addunyaa Dr. Geetiyyee Tirfee hubachiisaniiru. Itiyoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf tattaaffii taasisaa jirtu seenaan, ragaawwan seeraan, haala teessuma lafaan, ulaagaawwan Idil-Addunyaan amansiisaa fi fudhatama kan qabu ta’uu ibsaniiru. Adeemsa hanga ammaa jiruun madaalliiwwan hedduun fudhatama Idil-Addunyaa qabaachuusaa hubachuusaanii dubbataniiru. Yuunvarsiitii Wachaamootti barsiisaa Saayinsi siyaaasaa fi Quunnamtii Addunyaa Mulaalam Haayilamaariyaam gamasaaniin, Ulaa galaanaa fayidaa hedduu qabu argachuuf gaaffii Itiyoophiyaan kaaste deeggarsa ummataa qabaachuu eeruun sirrii ta’uusaa kaasaniiru. Of-eeggannoo Mootummaan ittiin deemaa jiru dinqisiifatanii Biyyi akka Itiyoophiyaa seenaa qabeettiin, guddoo fi ummata hedduu qabdu ulaa galaanaa akka hinqabaanne wantoonni taassisan seenaanis ta’e siyaasaan fudhatama akka hin qabne hubachiisaniiru. Itiyoophiyaan Adeemsa itti Ulaa Galaanaa dhabde Amansiisaa fi uumamaan osoo hinta’iin shira gareewwan tokkoo ta’uusaa kan kaasan immoo Yuunvarsiitii Diillaatti Barsiisaa Saayinsii Siyaasaa fi qorataa siyaasa Afriikaa Bahaa Daawwit Mazgab dha. Walitti hidhaminsa biiyyoolessa fi Riijinii cimsuurratti ulaa galaanaa argachuuf tattaaffiiwwan taassifaman fedhii mootummaa fi paartii tokkoo godhanii fudhachuu akka hin qabne hubachiisaniiru. Itiyoophiyaan Ulaa Galaanaa argachuu akka qabdu amanuun tattaaffii eegaluushee eeruun, walitti hidhaminsa ummataaf, biyyarra darbee tumsa riijinii fi waloon guddachuuf qoodni ulaa galaanaa guddaa ta’uu hubachiisaniiru. Tattaafficha milkeessuuf dippiloomaasii nagaa qabeessa gaggeessuun ni gorfama kan jedhan hayyoonni Itiyoophiyaan ulaa galaanaa argachuun faayidaan riijinichaaf qabu, guddinaa fi misooma waloof biyyoonni osoo tumsan bu’aa akka argatan TOI’f ibsaniiru. Itiyoophiyaan bu’uura seeraa qabdu, seenaa fi ragaa sanadaa sirnaan qindeeffattee Karaa Dippiloomaasii nagaa qabeesaanii fi tooftaan tattaaffiishee cimitee itti fufuun akka irraa eegamu hubachiisaniiru. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Mana maree bakka bu’oota ummataa 6ffaa bara hojii 5ffaa yaa’ii Idilee 2ffaa gaggeeffamrerratti akka dubbatanitti, dhimmi ulaa galaanaa seenaan, teessuma lafaa fi gaaffii Diinagdee ta’uusaa ni amanna, dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu waan ta’eef Itiyoophiyaan itti cufameee jiraachuu waan hin dandeenyeef tattaaffiinshee itti fufa.

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Nageenyi Godina Wallaga Lixaatti bu’e hirmaannaa fi fayyadamummaa Misoomaa guddisaa jira- Jiraattota Godinichaa
Oct 30, 2025 49
Onkoloolessa 20/2018(TOI) - Nageenyi Godhina wallaga Lixaatti bu’e hirmaanaa misoomaa fi fayyadamummaasaanii guddisaa jiraachuu jraattonni godinichaa TOI’n dubbise ibsan. Nageenyi Naannichatti bu’e sochii Hawaasummaa fi Dinagdee haala fooya’een akka raawwatamani taassisuusaa jiraattonni dubbataniiru. Jiraattota Godinichaa yaadasaanii kennan keessaa Obbo Ayyaanaa Mangashaa rakkoon nageenyaa ammaan dura naannichatti mudatee turee maqee nageenyi bu’uusaatiin hojii misoomaarratti akka ciman taassiseera. Kunis gannaa fi bona hojii misoomaarratti hirmaannaa taassisan akka dagaaguu fi fayyadamummaansaanii guddachaa akka dhufu gochuusaa dubbataniiru. Keessumaa hojiiwwan misoomaa hawaasicha fayyadan raawatamaa jiraachuu eeruun hojiiwwan misoomaa kun milkaa’inaaf akka gahanii fi nageenyi argame fulla’aa akka ta’uuf qoodasaanii akka bahan ibsaniiru. Hirmannaa mootummaa fi uummataan nageenya naannoosaaniitti bu’een soda tokko malee socho’uun hojiisaanii hawaasummaa fi Diinagdee raawwachaa jiraachuu isaanii kan dubbatan immoo adde Ayyaantuu Horaati. Fuulduratti hojiiwwan misooma akka itti fufaniif nageenya cimsuuf tattaaffii taassifamaniif qooda gamasaanii akka bahatan ibsaniiru. Jiraataan obbo Magarsaa Aagaa jedhaman gamasaaniin, nageenya Godinichatti bu’een sochiin kallattii hundaan taassisan guutuu ta’uu fi keessumaa qonnaan bulaan sodaa tokko malee hojiisaa guyyaa guyyaa raawwachaa jiraachuu ibsaniiru. Fuuldurattis nageenya fulla’aa gochuurratti jiraattota nannoosaanii waliin wal-tumsuun hirmaannan hojii misoomaarratti taassisan akka cimsan dubbataniiru. Itti gaafatamaan Waajjira Bulchiinsaa fi nageenyaa Godina wallaga lixaa Geetahuun Tarfeessaa akka ibsanitti, godinichatti ummanni qaamolee ngeenyaa waliin ta’ee hojjechuusaan nageenyi fulla’aan bu’eera. Ummanni sodaa tokko malee socho’ee hojiisaa akka hojjetuuf haalli mijataan uumamuusaan uummann garaa guutuun hojii misoomaarratti hirmaachaa jira jedhaniiru. Nagenya bu’een hojiiwwan misoomaa eegalaman itti fufuusaanii fi nageenya argame cimsanii tursiisuuf ummanni qoodasa cimsuu qaba jedhaniiru.
Itiyoophiyaan ulaa galaanaa isheef malu gaafachuunshee qananii miti – Hayyoota
Oct 29, 2025 147
Onkoloolessa 19/2018 (TOI)-Itiyoophiyaan ulaa galaanaa qaamolee guddinashee hin barbaannee fi ragaan bakka hin jirretti shiraan irraa fudhatame gaafachuunshee mirga malee qananii akka hin taane hayyoonni ibsan. Manni maree bakka bu’oota ummataa 6ffaa bara hojii 5ffaa bakka Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti kaleessa walgahii idilee lammaffaa gaggeesseera. Ministirri muummee Dr, Abiyyi Ahimad wayita kana galaana Diimaan walqabatee ibsa kennaniin, dhimmi galaana diimaa gaaffii seera qabeessa, seena qabeessa, haala teessuma lafaa fi dinagdee ta’uu Itiyoophiyaan ni amanti jedhaniiru. Itiyoophiyaan galaana diimaa akka dhabdu eenyu murteesse jennee yoo sakattaanu ragaan hin argamne, dhaabbileenis harka keessaa akka hin qabne kaasaniiru. Ulaan galaanaa dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu waan ta’eef Itiyoophiyaan itti cufamee jiraachuu waan hin dandeenyeef tattaaffiin gootu cimee akka itti fufu ibsaniiru. Hayyoonni TOI’n dhimmicharratti dubbise akka jedhanitti,Itiyoophiyaan qaamolee badhaadhinashee hin barbaanneen kan harkaa fudhatame qaamashee kan ta’e gaafachuun mirga malee qananii akka hin taane himaniiru. Barsiisaan dippilomaasii fi hariiroo idil addunyaa barsiisa Indaalee Nugusee, akkaataan Itiyoophiyaan ulaa galaanaa itti dhabde daba malee seera qabeessa akka hin taane kaasanii, Itiyoohiyaan ulaa galaanaa argachuu qabdi jedhee mootummaan amanee ajandaa gochuunsaa seeraanis ta’e safuudhaan sirrii ta’uu eeraniiru. Adeemsi dippilomaasii Itiyoophiyaan ulaa galaanaa shiraan dhabde argachuuf itti jirtu Akka cimsitu gorsaniiru. Yuunivarsiitii Boongaatti barsiisaa fi qorataan Saayinsii Siyaasaa fi hariiroo idil addunyaa Dr. Yaared Ayyaalew gamasaaniin Itiyoophiyaan ulaa galaanaa fayyadamuunshee faayidaansaa kan riijinichaas ta’uu akka ta’u dubbataniiru. Itti fayyadama waloof jecha riijinicha dabalatee hawaasni addunyaa Itiyoophiyaan kan gaafatte qaamashee waan ta’eef Itiyoophiyaan ulaa galaanaa akka argattu deeggaruu akka qaban dubbataniiru.
Filannoon biyyaalessaa Toorbaffaan yeroosaatti nigaggeeffama – ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Oct 28, 2025 150
Onkoloolessa 18/2018(TOI)- Filannoon biyyaalessaa Toorbaffaan yeroosaatti akka gaggeeffamu ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan. Walgahiin idilee lammaffaa bara hojii 5ffaa mana maree bakka bu’oota ummataa bakka ministrri muummee Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti har’a gaggeeffameera. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaaffilee miseensota mana maree bakka bu’oota ummataarraa gaafatamaniif kennaniin, filannoon biyyaalessaa toorbaffaan filannoo biyyaalessaa jahaffaa caalaa kan fooyya’e ni ta’a jedhaniiru. Filannoon biyyaalessaa toorbaffaan yeroosaatti akka gaggeeffami ibsanii, sagaleewwan filannoo caalaatti filmaata ta’an filannoo Kana keessa akka galan ni eegama jedhaniiru. Kanaaf ammoo akka mootummaa fi paartiitti xiyyeeffannoon akka hojjetamu mirkaneessanii, kana raawwachiisuuf humni gahaan akka jiru dubbataniiru. Mootummaan filannoo kana gaggeessuuf humnaa fi qophii gahaa qaba kan jedhan ministirri muummee, filannoon biyyaalessaa toorbaffaan filannoowwan amma har’aatti Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffaman caalaa fooyya’aa akka ta’u hin shakkamu jedhaniiru. Filannichi demokiraatawaa fi sagaleewwan garagaraa hedduu akka qabaatu itti gaafatamummaan ni hojjenna jedhaniiru. Nuyi akka paartiittis, akka mootummaattis qophoofneerra, paartileen morkattoottaas gamanumaa qophaa’uu qabu jedhaniiru. Kanaaf paartileen siyaasaa hundi filannichatti hirmaachuuf gamanumaa akka qophaa’an waamicha taasisaniiru.

Hawaasummaa
Hojiileen qulqullina barnootaa fooyyessanii fi dhaloota ijaaran hojjetamaa jiru – Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Oct 28, 2025 116
Onkoloolessa 18/2018(TOI)- Itiyoophiyaatti hojiileen qulqullina barnootaa fooyyessanii fi dhaloota ijaaran bal’inaan hojjetamaa akka jiran Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsann. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad har’a walgahii idilee lammaffaa bara hojii shanaffaa mana maree bakka bu’oota ummataa irratti argamuun gaaffilee fi yaada miseensota mana maree bakka bu’ootaarraa gaafatamaniif deebii fi ibsa kennaniiru. Ibsa kennaniin akka jedhanitti, qulqullina barnootaa eegsisuuf sadarkaa barumsaa gadiirraa eegaluun hojiileen dhaloota ijaaran hedduun hojjetamaa jiru. Kanneen keessaa gochoota naannawa manneen barnootaa jeeqan qulqulleessuu akkasumas pirojektii barnoonni dhalootaaf jedhuun hojiileen garagaraa hojjetamuu dubbataniiru. Qulqullina barusaa fiduuf leenjiiwwan dandeettii gabbisan garagaraa kennuun alatti barumsaa fi qorumsa kennuurratti jijjiiramni akka dhufu taasifamuu ibsaniiru. Manneen barumsaattis bakkeewwan ispoortii fi bashannanaa ijaaruun dhaloota fayyaalessa ijaaruun eegalamuusaa dubbataniiru. Bara barnootaa baranaas kitaaba barumsaa barnoota sadarkaa lammaffaa miiliyoona 43 caalu qoodamuusaa fi kunis qulqullina barumsaa fiduuf hojiilee hojjetaman keessaa ta’uu ibsaniiru. Soorata barattootaa ilaalchisuun hojiilee hawaasa fayyadan dinqisiisoo hojjechuun Itiyoophiyaa namni hundi hawwu akka taatu hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.
Diinagdee
Itiyoophiyaan Faayidaa dinagdeeshee fi eenyummaashee eegsisuuf bakka turte gara galaana diimaatti deebi’uu dirqama
Oct 30, 2025 7
Onkoloolessa 20/2018 (TOI)- Itiyoophiyaan Faayidaa dinagdeeshee fi eenyummaashee eegsisuuf bakka turte gara galaana diimaatti deebi’uu dirqama jechuun ibsan Piroofeesar Biruuk Hayiluu Bashaah Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad walgahii idilee lammaffaa bara hojii shanaffaa mana maree bakka bu’oota ummataa irratti gaaffiiwwan miseensota mana mareerraa dhihaataniif deebii fi ibsa kennaniin, dhimmi galaana diimaa gaaffii seera qabeessa, seena qabeessa, teessuma lafaa fi dinagdee ta’uu kaasaniiru. Yuunivarsiitiiwwan Itiyoophiyaa fi Ameerikaa garagaraatti barsiisaa kan ta’an Piroofeesar Biruuk Hayiluu Bashaah TOI’tti akka himanitti, akkaataan Itiyoophiyaan galaana diimaarraa gargar cite bu’ura seeraa akka hin qabne kaasanii, biyyoota ulaa galaanaa hin qabne 44 keessa baay’inaan akka caaltu ibsaniiru. Itiyoophiyaan riijinii galaana diimaaf haraa miti kan jedhan piroofeesar Biruuk, Pershiyaarraa amma Babel Mandabii fi Hinditti kan deeman dooniiwwan cimaa kan qabdu akka ture yaadataniiru. Galaannii diimaa kan ishee wayita turetti bulchiinsota Roomaa fi Giriik waliin walitti hidhata daldalaa cimaa qabaachaa akka turte ibsanii, faayidaa dinagdee fi eenyummaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa eegsisuuf gara galaana diimaatti deebi’uun dirqama jedhaniiru. Itiyoophiyaan imaammata hariiroo alaa tumsarratti hundaa’e akka qabdu eeranii, gara galaana diimaatti deebi’uun riijinichaaf faayidaa hedduu akka qabu ibsaniiru. Biyyoota addunyaarraa ulaa galaanaa hin qabne keessaa 16 Afriikaa keessatti akka argaman ibsanii, Itiyoophiyaan waggaa 34 dura ulaa galaanaa km. kuma lama ta’u qabdi ture jedhaniiru. Afriikaarraa Zimbaabuwee fi Maalaawiin ulaa galaanaa Moozaambiik akka fayyadaman yaadatanii, gaaffiin sera qabeessii fi karaa nagaa Itiyoophiyaan gaafatte biyyoota ollaatiin qajeeltummaan ilaalamuu akka qabu ibsaniiru. Itiyoophiyaan eenyummaashee eegsisuuf hammattoo seeraa amma mana murtii idil addunyaatti geessuuf ishee dandeessisu ifatti akka qabdu dubbataniiru. Itiyoophiyaan ulaa galaanaatti akka hin fayyadamne dhorkuuf mirga kan qabu hin jiru kan jedhan piroofeessar Biruuk, biyyi ulaa galaanaa qabu tumsuuf dirqama akka qabu ibsaniiru. Haala Kanaan biyyoota gurguddoo dabalatee adeemsa karaa nagaa Itiyoophiyaan hoedofte ulaa galaanaa akka ishee barbaachisu fudhataniiru jedhaniiru. Ulaan galaanaa Itiyoophiyaaf barbaachisaa akka ta’e Awurooppaarraa amma biyyoota galoo galaanaatti beekamtii kennuu eegaluusaanii bu’aa carraaqqii dippilomaasii ta’uu ibsaniiru.
Misoomni Kooriidaraa magaalaa Amboo bifa haaraa fi miidhagaa ishee gonfachiiseera
Oct 30, 2025 22
Onkoloolessa 20/2018(TOI)-Misoomni Kooriidaraa magaalaa Ambootti hojjetame magaalattii bifa haaraa fi miidhagaa akka ishee gonfachiise Jiraattonni magaalatti dubbatan. Naannoo Oromiyaatti magaalota misoomni Kooriidaraa bal’inaan keessatti hojjetaman keessaa tokko magaalaa Ambooti. Jiraattonni magaalaa Amboo misooma Kooriidaraa magaalattitti hojjetaman ilaalchisuun TOI’n dubbise misoomni kooriidaraa bifa magaalattiin duraan qabdu jijjiiraa akka jiru dubbataniiru. Jiraataan magaalaa Amboo obbo Mangistuu Raggaasaa akka jedhanitti, Kooriidarichi osoo hin eegaliin dura daandiin muummee magaalaa Amboo Qaxxaamuree darbu tiraafikaa fi sochii namootaatiin kan muddame ture. Hojiin misooma Kooriidaraa erga eegalee sitti garuu daandiin waan bal’ateef konkolaattotaa fi namaaf haala mijataa uumuun alatti miidhaginni magaalattii dabaleera jedhan. Dargaggoonnis bakka bashannanaa fi itti boqotan argachuusaanii argachuusaanii dubbataniiru. Jiraataan magaalaa Amboo kan biraan obbo Mangee Tafarii,misoomni kooriidaraa magaalaa Amboo osoo hin eegalamiin dura balfi qarqara daandiirratti kuufame deemuuf rakkisaa ture jedhaniiru. Bakkeewwan balfaan guutamanii turan bakka bashannanaatti jijjiiramuusaanii dubbatanii, milkaa’ina misooma kooriidaraa kanaaf bulchiinsa magaalaa cinaa dhaabachuun deeggarsa taasisan akka itti fufan ibsaniiru. Misooma kooriidarii hojjetameen bakkeewwan qilleensa qulqulluun waan guutameef magaalattii jireenyaaf mijattuu fi qulqulluu godheera jechuun dubbataniiru. Dargaggoo Baayyisaa Taammiruu gamasaatiin, guddina biyyaa saffisiisuuf qoonni dargaggootaa guddaa ta’uu eeree, misoomni magaalattiitti gaggeeffamaa jiru akka saffisu hirmaannaa akka cimsu ibseera. ​​​​​​​ Hojiin misooma kooriidaraa bifa magaalattii jijjiiruun turizimii fi invastimantiif mijattii akka taasisu ibsee, dargaggoota biroo waliin ta’uun amma hojiin misoomaa kun xumuramutti qoodasaa akka bahu mirkaneesseera.
Jiruu fi Jireenya Qonnaan Bulaa Ceessisuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba-ministira muummmee Dr. Abiyyi Ahimad
Oct 30, 2025 22
Onkoloolessa 20/2018(TOI)- Haala jiruu fi jireeenya qonaan bulaa jijjiiruun Qonnaan Bulaa Ceessisuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad ibsan. Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Bahaatti sagantaa walitti qabuu oomisha midhaan gannaa fi jalqabsiisa hojii misooma qamadii bonaa irratti argamanii hojiiwwan misooma Qonnaa adda addaa daawwataniiru. Qonnaan bulaan yeroo ammaa qabeenya argachaa jiraachuu eeruu, Qonnaan bultoonni keenya maallaqa qaban fayyadamuun jireenya fooy’aa jiraachuu akka qaban Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad hubachiisaniiru. Qonnaan bulaan maallaqa argachaa jiraatus haalli jireenya isa hin fooyyofne jechuun, jiruu fi jireenya qonnaan bulaa ceessisuuf karoora qabame Kanaan namni gaafa mana ijaaru boroosaa keessatti Baawoo Gaazii, Soolaarii, Televiizyinii qabaachuu, mana ofiisaa fi saawwanii gargar baasuun jireenya isa fooyyessaa deemuu qabna jechuun ibaniiru. Qonnaan bultoonni humna qaban haala diizaayinii baheen manasaanii jijjiiraa deemuu qabu jechuun dhaamaniiru. Haalli jireenya Qonnaan Bulaa hin jijjiiramu taanaan wanti oyiruurratti hojjetamaa jiru qofaan gatii akka hin qabne ibsaniiru. Qonnaan bulaan qotee dadhabee maallaqa argatee baankii ka’uun qofti jireenyasaa kan hin jijjiirre ta’uu eeruun, qusannaa qofa osoo hin taane jireenya isaa fi jireenya ijoollee isaa fooyyesuu qaba jedhaniiru. Kaayyoon mootummaa inni guddaan jiruu fi jireenya ummata fooyyessuu akka ta’es eeraniiru. Yeroo amma kun hojiiraa oolaa jiraachuu eeruun Qonnaan bulaan qabeenya argateen jireenyasaa fooyyessuu qaba jechuun hubachiisaniiru.
Qonni Guddina Biyyaa keessaatti gahee guddaa kan bahu waan ta’eef hordoffii barbaada– Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad
Oct 30, 2025 19
Onkoloolessa 20/2018(TOI)- Qonni Guddina Biyyaa keessaatti gahee guddaa kan bahu waan ta’eef hordoffii barbaada jechuun ibsan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Bahaatti sagantaa walitti qabuu misooma midhaan gannaa fi jalqabsiisa hojii misooma qamadii bonaa irratti argamanii haasaa taassisaniiru. Itiyoophiya keessatti Omishtummaa guddisuuf haala mijataa uumameen Bonaa fi ganna qotamaa jira kan jedhan ministirri muummeen, hojii hojjetamuun qamadii qofa osoo hin taane Ruuzii, Boqqolloo fi Xaafiin babal’achaa jira jedhaniiru. Omishtummaan keenya yeroo gara yerootti ammuma guddachaa dhufu ijoolleen keenya hojii argatu, namn nyaatee bula, gurguratees buufata jedhaniiru. Qonnaan bulaan keenya osoo lafa, bishaanii fi humna qabuu kadhachuu hin qabu jechuun dubbataniiru. Qonni Guddina Biyyaa keessaatti gahee guddaa kan bahu waan ta’eef hordoffii fi deeggarsa barbaada jechuun ibsaniiru. Qonni kilaastaraa babal’achaa jiraachuu eeruun, ammas hojii kana cimsuun Qonnaan bultoonni kilaastaraan qotuun tiraaktaraa fi kombaayinara fayyadamuu akka danda’u gochuuf hojjechuu qabna jedhaniiru. Waggaa lamaa fi sadii booda yeroo xa’oo omishuu eegallu qorannoorratti hundaa’uun haala lafa keenyaaf mijatuun xaa’oo fayyadamnee omishtummaa keenya dachaan daballa jedhaniiru. Yeroo akkasii meeshaa ammayyaa Tiraaktara fi kombaayinara hin fayyadamnu taanaan callaan argannu harca’uu waan danda’uuf of qopheessuu qabna jechuun hubachiisaniiru. Lafa fi bishaan keenya sirriitti beekne madaallee yoo fayyadamne Ityoophiyaan nyaatan of-danda’uu qofa osoo hin taane isaa olitti gurgurtee fayyadamuufis ta’e kaan gargaaruuf haala mijaataa qabdi jedhaniiru. Yeroo ammaa akka Itiyoophiyaattis ta’e akka Oromiyaatti waanti hojjetamaa jiru abdii kan namatti horu jiraachuu eeruun, caalaatti hojjechuun murteessa ta’uu hubachiisaniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Hojiin Dandeettii kalaqaa Guddattootaa fi Dargaggootaa dagaagsuuf eegalaman cimanii itti ni fufu
Oct 25, 2025 253
Onkoloolessa 15/2018(TOI)-Hojiiwwan damee hundaan lammii dorgomaa, gahoomee fi bu’aa qabeessa ta’e horachuuf dandeettii kalaqa dargaggootaa guddisuuf eegalaman cimanii akka itti fufan Ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kamiil ibsan. Bulchiinsi nageenya neetwoorkii odeeffannoo Yuunvarsiitii saaayinsii fi teekinooloojii Finfinnee waliin qindoomuun guddattootaa nageenya Saayibarii fi dameelee Kanaan wal qabataniin leenjise eebbisiiseera Saganticharratti Ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kamiil, Ministirri nageenyaa Mahaammad Idiriis, De’eetaa Ministira tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Tasfaahun Gaobazaay, Daarektarri Olaanaan Bulchiinsa Nageenya neetwoorkii Odeeffannoo Tigisti Hamiid, pirezidaantiin Yuunvarsiitii Saayinsii fi Teekiniooloji Finfinnee Dr.Darajjee Ingidaaw fi qondaaltonni olaanoo biroon argamaniiru. Ministirri hojii fi kalaqaa Mufarihaat Kamiil wayita kan akka jedhanitti, bara dijiitaalaatti dandeettii yeroon gaafatu fi beekumsa fi lammii leenji’e horachuun guddina biyyaaf murteessaa ta’uu cimsanii ibsaniiru. Birmadummaa guutuu Mirkaneessuf dargaggoota nageenya saayibarii fi beekumsa teekinooloojii yeroon gaafatu hidhatan itti fufinsaan leenjisuu fi hojiitti galchaa jiraachuu eeraniiru. Damee hundaan hojii bu’aa qabeessa hojjechuuf misooma qabeenya namaan keessumaa dandeettii dargaggoota kennaa addaa qaban dagaagsuuf hojiin eegalaman cimanii itti fufu jedhaniiru. Daarektarri Olaanaan Bulchiinsa Nageenya neetwoorkii Odeeffannoo Tigisti Hamiid gama saaniin, Itiyoophiyaan Cehumsa gara dijiitaalaatti taassisaa jirtuun humni namaa damee nageenya saayibariin gahoome murteessaadha jedhaniiru. Kaayyoo guddaan Taalentii saayibarii samar kaampii guddattootaa fi dargaggoota damichaan kennaa addaa qaban dandeettiisaanii guddisuunii fi damichaan biyyaaf qoodasaanii akka bahan taassisuu danda’uuf ta’uu ibsaniiru. Nageenya saayibarii biyyoolessaa eegsisuuf Bulchiinsichi xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu eeruun, humna namaa beekumsaa fi dandeettii yeroon gaafatu horachuuf leenjiin saayibar taalentii kan deeggaru ta’uu eeraniiru.
Hojmaattonni Innooveeshinii Utubaa Misooma Afriikaa gochuuf  dandeessisan hojiirra oolaa jiru– Gamtaa Afriikaa  
Oct 22, 2025 285
Onkoloolessa 12/2018(TOI)- Gamtaan Afriikaa Hojmaattota Innoveeshinii Afriikaaf motora hammataa fi misooma fulla’aa gochuuf dandeessisan hojiirra oolchaa akka jiru beeksise. Gamtaan Afriikaa festivaala Innooveeshinii teessoo Muummicha Gamtaa Afrikaa Magaalaa Finfinneetti har’aa eegalee ni gaggeeffama. Festivaalichi mataduree “Gamtaan Afriikaa dargaggoota dursitoota Innooveeshinii Ardii gochuu ”jedhuun gaggeeffamaa jira. Innooveeteroonni, Imaammata baastonni, hoggantoonni Dameelee dhuunfaa fi bakka bu’oonni dargaggootaa feestivaalicharratti ni hirmaatau. Taateen kun furmaata man-dhaalee Innooveeshiniif beekamtii kennuun hojicha caalaatti guddisuurratti xiyyeeffannoo godhateera. Sammuun Afrikaa Qaroome dhiheessii faayinaansiin, dandeettii yeroon gaafatuu fi carraawwan waliin walquunnamsiisuun hojii Innooveeshinii guddisuun faayidaansaa olaanaa ta’uun ibsameera. Gamtaan Afriikaa furmaanni innoveeshinii Ardichatti hojjetame deeggarsa gochuun fi hojiilee innoveeshinii dargaggootaan durfamuuf haala mijataa uumuuf hojjechaa akka jiru beeksiseera. Gamtichatti karaa sagantaa Dijiitaalaa fi Innooveeshinii dargaggoonni innoveetaroonni biyyoota Afriikaarraa dhufan 18 kutaalee hojii dhaabbatichaa garagaraa keessatti bobbaasuun furmaata qormaata oppireeshiniif qorataman akka kennan gochaa akka jiru ibseera. Saganticha kan deeggaran mana yaalii innooveetaroota Gamtaa Afriikaa hundeessuun humna innooveeshinii dhaabbataa hundeessuu fi tumsa cimsuuf fayyadamaa jiraachuu beeksiseera. Lammiileen karaa Fandii teekinooloojiin Innooveetaroota15 lammiileen Immaamta bocuu keessatti hirmaannaa qaban furmaata guddisan akka dhiheessan deeggarsa Faayinansii fi teeknikaa taassisaa jira. Dabalaanis Gamtaan Afriikaa innooveetaroota shamarranii Umriinsaanii waggaa 15 hanga 25 ta’e rakkoowwan Hawaasummaa fi Diinagdee Ardicha keessa jiru, filannoowwan Dijiitaalaa fi Teekinooloojiin akka furamaniif Innisheetivii deeggarsa teeknikaa fi maallaqaa hojiirra oolchaa jira. Kunis hirmaannaa Sirna saalaa bu’uura kan godhate kalqni teekinooloojii akka guddataniif kan dandeessisu ta’uu Odeeffanno TOI’n Gamticharraa argate mul’isa. Gamtichi galma Ajandaa Innooveeshinii 2063 milkeessuu fi hunda hirmaachisaa fi misooma fulla’aa mirkaneessuuf kallatti mul’ataa akka ta’uuf hojjechaa jiraachuu ibseera. Festivaalli Innooveeshinii hanga Onkoloolessa 24 bara 2018 ni tura.
Ispoortii
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Tattaaffiin Itiyophiyaan Balaa Lolaa Ittisuuf taasistu Balaa lolaa bu’uurarraa hir’isuuf murteessaadha
Oct 24, 2025 381
Onkoloolessa14/2018(TOI)-Tattaaffiin Itiyophiyaan Balaa qophii Lolaa Ittisuuf taassistu Balaa lolaa bu’uurarraa hir’isuuf qooda murteessaa qabaachuu Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dr. Injiinar Habtaamuu Ittafaa ibsan. Ministeerri Bishaanii fi Inarjii balaa lolaa Oomoo Gibee fi Sululawwan qinxaamaatti uumamu bu’uurarraa ittisuuf kan dandeessisu qorannoo suluulaa gaggeessuuf (Basin Level Study) dhaabbata Idil-Addunyaa(SWS) waliin sanada walii galtee mallateessaniiru. Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dr. Injiinar Habtaamuu Ittafaa fi hojii gaggeessaa fi gorsaan abbaa dhaabbata Idil-Addunyaa (SWS) Jaayan Kaarloo waliigalticha mallatteessaniiru. Ministirrichi Dr. Injiinar Habtaamuu Ittafaa wayita kana akka jedhanitti, Lolaan Qonnaa fi midhaan, Bu’uuraalee misoomaa Murteessoorratti, qabeenyawwan biroo fi jireenya namaarratti miidhaa geessisuuf furmaata waaraa fi saayinsaawaa barbaaduu qabna jedhaniiru. Balaa lolaa ittisuun kallattii xiiyyeeffannoo biyyoolessaa Mootumma ta’uu kaasuun, waggoottan sadan darban bakkeewwan biyyattii adda addaatti balaa lolaa uumaman itttisuuf hojiin bu’aa qabeessi hojjetameera jedhaniiru. Balaa lolaa ittisuuf Baankii Addunyaa waliin hojiin bal’aan hojjetamuu ibsuun, waliigalteen har’aa qophii Itiyoophiyaan balaa lolaa ittisuu gara Boqonnaa olaanaatti kan ceessisu ta’uu ibsaniiru. Oomoo Gibee fi sulula Qinxaamaatti Sadarkaa Qorannoo suluulaa taassifamu balaa lolaa bu’uurarraa hir’isuuf qooda murteessaa akka qabaatu dubbataniiru. Bal’inni Diizaayinii qorannichaa fi hojiiwwan ijaarsaaf galtee murteessaa kan ta’u yaadota furmaata gadi fagoo saayinsaawaa ta’e akka dhiheessus ibsaniiru. Hojii Gaggeessaa fi gorsaan abbaa dhaabbata Idil-Addunyaa (SWS) Jaayan Kaarloo gamasaaniin, furmaata balaa lollaa hir’isuuf dandeessisan barbaaduuf cimanii akka hojjetan dubbataniiru. Gorsaan abbaa dhaabbata Idil-Addunyaa (SWS) Qorannicha turtii yeroo waggaa tokko keessatti akka xumuru ibsaniiru.
Oomishtummaa guddisuuf biqiltuuwwan ashaaraa magariisaan dhaabaman kunuunsuu fi eegumsa biyyoo fi bishaanii cimsuu barbaachisa
Oct 18, 2025 462
Onkoloolessa 8/2018(TOI)- Oomishtummaa guddisuuf biqiltuuwwan ashaaraa magariisaan dhaabaman kunuunsuu fi eegumsa biyyoo fi bishaanii cimsuua akka barbaachisu ibsame. Torban Sosochii kunuunsa qabeenya uumamaa naannoo Oromiyaa godina Shawaa Bahaa aanaa Lumeetti har’a eegalameera. Hoogganaan biiroo qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu wayita kana akka jedhanitti, hojiiwwan kunuunsa biyyoo fi bishaanii waggoottan jijjiiramaa darban naanichatti hojjetaman oomishnii fi oomishtummaan akka dabalu, ongee fi balaa lolaa qolachuuf gargaaraniiru. Keessumaa hojiin kunuunsa biqiltoota ashaaraa magariisaan dhaabamaniif tasifamu dhiibbaa jijjiirama qilleensaa damdamachuu fi lafti qullaatti hafe akka bayyanatu, haroowwan, lageen gogan deebi’anii jallisii fi misooma garagaraaf akka oolan haala mijataa uumuu ibsaniiru. Misooma sululaa baatii bonaa ijaaraman biqiltuu ashaaraa magariisaan haguuguun fi kunuunsuun bu’aan argamuus kaasaniiru. Hojii kana fullaasuuf turban sosochii kunuunsa biqiltuu labsuun guyyaa har’aa hooggantoonnii fi hojjettoonni damee qonnaa naannichaa godina Shawaa bahaatti eegalchiisuusaanii eeraniiru. Kunuunsa biqiltuu Kanaan aramuu, qofforuu fi bishaan obaasuun biqiltuuwwan baatii bonaa akka damdamatan hojjechuu barbaachisa jedhaniiru. Sagantaa jalqabsiisa sosochii irratti kan hirmaatan Kadir Mahaammad yaada kennaniin, biqiltuuwwan waggoottan sadan dhaabaman kunuunsuun akka guddatan gochuusaanii ibsaniiru. Biqiltuu dhaabuun qofti galma waan hintaaneef yeroo yeroon kunuunsuun bu’aaf geessisuu qabna jedhaniiru. Zarfee Maammoo gamasheetiin, dhiibbaa jijjiirama qilleensaatiin adda durummaan kan miidhaman dubartoota waan ta’aniif furmaata kanaaf kan ta’u waggoottan toorba darban biqiltuu dhaabuu fi kunuunsuurratti hirmaachuusaanii dubbataniru.
Itiyoophiyaan misooma magariisaan carraa hojii uumuurratti hojii bu’a qabeessa raawwachaa jirti
Oct 16, 2025 460
Onkoloolessa 6/2018(TOI)-Itiyoophiyaanmisooma magariisaaf xiyyeeffannoo guddaa kennuun eegumsa naannoon alatti carraa hojii olaanaa uumuun Afriikaatti hojii adda duree hojjechaa akka jirtu ibsame. Kun kan ibsame waltajjii qo’annoon inistiitiyuutii qo’annoo imaammataa mata duree “carraalee hojii magariisaa fi dargaggoota”jedhuun qo’atame qooda fudhattoonni garagaraa argaman ifoomerrattidha. Pirezidaantiin waldaa oogeessota Ikonomiksii Itiyoophitaa fi dursaan qo’annichaa Piroofeesar Xaasoo Waldahaannaa akka ibsanitti, carraan hojii misooma magariisaan uumamu fulla’insa naannawaa mirkaneessuun gamatti dargaggootaaf carraa hojii olaanaa uumuu irratti qooda murteessaa qaba. Fuulduratti carraa hojii misooma magariisaan uumamu sektaroota hunda keessatti bal’isuun fayyadama carraa hojii dargaggootaa mirkaneessuu akkasumas misooma magariisaa caalaatti guddisuun akka barbaachisu ibsaniiru. Kanaaf keessumaa leenjiiwwan damee teekniikaa fi ogummaan carraa hojii uuman xiyyeeffannoo barbaachisu akka argatan akkasumas imaammattoota keessatti xiyyeeffannoon addaa akka kennamuuf gochuun jajjabaachuu akka qaban dubbataniiru. Itti aanaan daarektara muummee inistiitiyuutii qo’annoo imaammataa Allebal Dasee gamasaaniin, qo’annoon kun tarsiimoowwan guddina magariisaa Itiyoophiyaa karoora bobbii hojii dargaggootaa akka deeggaru eeraniiru. Argannoowwan gara imaammattootaa fi sagantaawwan qabatamaatti akka hiikaman waajjiraalee mootummaa dhimmi ilaaluu fi deeggartoota misoomaa waliin fuulduratti akka irratti hojjetamu dubbataniiru. Inistiitiyuutichi leenjii ogummaa hojiilee magariisaa eegumsa naannoo cimsu irratti xiyyeeffannaan hojjechaa akka jiru kan ibsan ammoo inistiitiyuutii leenjii teekiniikaa fi ogummaa federaalaatti daarektarri dhimmoota Akkaadaamiikii Dr. Gannanaa Abbabaati. Fuulduras hojii magariisaa caalaatti babal’isuuf keessumaa waajjiraalee qacartootaa fi dhaabbilee biroorratti hojii hubannoo cimsuun nibarbaachisa jedhaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 14948
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015