Tajaajilli Elektiriikii Itiyoophiyaa ijaarsa dinagdee magariisaa si’achiisuuf qoodasaa bahachaa jira - ENA Afaan Oromoo
Tajaajilli Elektiriikii Itiyoophiyaa ijaarsa dinagdee magariisaa si’achiisuuf qoodasaa bahachaa jira
Waxabajjii 10/2018 (ENA)- Tajaajilli Elektiriikii Itiyoophiyaa ijaarsa dinagdee magariisaa biyyattii si’achiisuuf qoodasaa bahachaa bahachaa akka jiru hojii raawwachiisaan dhaabbatichaa injiinar Geetuu Garramoo ibsan.
Tajaajilichi korporeeshinii misooma paarkiiwwan industirii waliin ta’uun kan ijaarsise buufata konkolaataan elektiriikii chaargii itti guuttatu isa guddicha hojii eegalchiiseera.
De’eetaan ministiraa geejjibaa fi lojistiksii Bari’oo Hasan, hojii raawwachiisaa olaanaan korporeeshinii paarkiiwwan industirii Dr. Fissahaa Yittaagasuu, dabalatee hooggantoonni mootummaa olaanoo fi keessummoonni waamaman saganticharratti argamaniiru.
Hojii raawwachiisaan olaanaa tajaajila elektiriikii Itiyoophiyaa Injiinar Geetuu Garramoo wayita kana, dhaabbatichi tarsiimoo dinagdee magariisaa dhaabbatichi akka biyyaatti qabame bu’ureeffachuun dhiheessii anniisaa amansiisaa dhiheessaa akka jiru eeraniiru.
Buufanni konkolaataa elektiriikii chaarjii godhu gud
dichi si’ataan har’a eebbifame pirojektii tajaajilichaa kan afraffaa ta’uu ibsaniiru.
Fuulduras kutaalee biyyattii garagaraatti bu’ura misoomaa kana babal’isuuf karoorfamuu dubbataniiru.
Keessumaa toora daldalaa isa guddicha kan ta’e kooriidara Itiyoo-Jibutiitti buufataalee konkolaataa elektiriikii chaarji godhan 16 ijaaruuf yeroo ammaa hojiin diizaayinii hojjetamaa akka jiru eeraniiru.