Tamsaasa Kallatti:

Buna  Jallisii boneen dabalataan misoomsuun fayyadamummaa dinagdee omishtootaa  guddisuuf xiyyeeffannoon kennameera

  Waxabajjii 9/2018 (ENA )- Naannoo Oromiyaatti oomisha bunaa yeroo idilee dabalataan bonaan jallisiin misoomsuun fayyadamtummaa dinagdee oomishtootaa guddisuuf xiyyeeffannoon kennamuu Biroon Qonnaa Naannichaa beeksise.

Biirichi  oomishaafi oomishtummaa buna naannichaa jallisiin babal'isuuf sagantaa leenjii hubannoo uumuu ogeessotaafi hoggantootaaf qopheesse Magaalaa Adaamaatti gaggeessaa jira.

Itti-aanaan Hoogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Mahaammad Saanii ENA’tti akka ibsanitti; naannichatti inishiyaatiivii paakeejii misooma buna, muduraafi mi'eessituu haaraa bocamee hojiirra oolaa jira.

Oomishtummaa bunaa guddisuuf misoomicha hirkattummaa roobaa jalaa baasuu, akkasumas dhibeefi  rakkoo haala  jijjiirama qilleensaan mudachaa jiru ittisuuf tarsiimoon dandeessisu bocamee hojjetamaa jiraachuun ibsameera.

Tarsiimoo qabame kanaan hubannoo uumuuf jecha ogeessotaafi hoggantootaaf leenjiin kun qophaa'uu isaa addeessaniiru.

Muuxannoo misooma buna jallisiisa bonaa naannichatti abbootii qabeenyaa muraasaan jalqabamee bu'aan irratti argame qindeessuun gara qonnaan bultootaatti babal'isuuf kallattiin qabamuu isaa ibsaniiru.

Kanaanis qonnaan bultoota sadarkaan jiraniif leenjii gahoominaa kennuun, akkasumas xaa'oo uumamaafi nam-tolchee madaalawaa ta'een fayyadamuun misooma jallisii bunaa babal'isuuf akka hojjetamu dubbataniiru.

Kanaanis amma naannichatti oomisha bunaa hektaara tokkorraa argamu kuntaalaa 9 gara kutaalaa 20tti guddisuuf kaaroorfamuusaa  isaa ibsaniiru.


 

Fuuldurattis hanga gandaatti leenjiiwwan kennuun, sanyiiwwan bunaa fooyya'an dhaabuun, akkasumas misooma bunaa kilaasteraan  akka qotamu kallattii kaa'ameen hojiirra akka oolu addeessaniiru.

 Daayirektara Olanaa Institiyuutii Qorannoo Qonnaa Oromiyaa Tashoomaa Boggaalaa gama isaaniitiin; buna jallisiin misoomsuun hektaara tokkorraa oomisha kuntaalaa 30 hanga 40 argachuun akka danda'amu ibsaniiru.


 

Kana qofa osoo hin taane, deggersi ogummaa gahaan yoo taasifame waggatti si'a lama oomisha akka kennu mirkanaa'eera jedhan.

Kanaafuu qonnaan bulaan sanyiiwwan bunaa dullooman sanyiiwwan fooyya'aniin bakka buusuun, xaa'oo uumamaafi nam-tolchee madaalawaa ta'een fayyadamee oomishtummaa isaa akka guddisu instituutiichi tekinoolojii  walbarsiisuun  hojjechaa jiraachuu beeksisaniiru.

Beekumsa, dandeettii, tekinoolojiifi badhaadhina uumamaa qindeessuun waggoottan muraasa keessatti oomishtummaa bunaa dachaa oliin guddisuun, dameen kun guddina sharafa alatiif gumaacha guddaa akka taasisu  mirkaneessaniiru.

Leenjii leenjistootaa guyyoota afuriif qophaa'e kanarratti bakkewwan  naannichaa hundarraa kan walitti babba'an ogeessota qonnaafi hoggantoota kuma  1fi 500 ol ta'an hirmaachaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015