Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Misoomni bakkeewwan hawata turizimii Baalee baay’inni turistootaa akka dabalu taasiseera
Nov 14, 2025 14
Sadaasa 04/2018(TOI)-Hojiinmisooma bakkeewwan hawata turizimii Baaleetti hojjetamanii fi iddoo sana beeksisuun baay’inni turistootaa akka dabalu taasiseera jedhe waajjirri turizimii Baalee. Hawaasni kenniinsa tajaajila turistootaa irratti hojjetanis fayyadamoo ta’aa jirachuun himameera.   Waajjirichatti itti gaafatamaan garee misoomaa fi babal’ina turizimii obbo Shibbiruu Abdoo Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti akka himanitti, bakkeewwan hawata turizimii misoomsuu fi beeksisuun diinagdee damichaa guddisuuf hojiin cimaan hojjetamaa jira. Hojiin akkanaa hojjetamuunsaas baay’inni turistoota biyya keessaa fi biyya alaa akka dabalu kan taasise yoo ta’u, bara baajataa kurmaana jalqabaatti turistoonni kuma 16 fi 217 bakkeewwan hawwata turizimii Baalee daawwataniiru jedhan.   Bakkeewwan hawwata turizimii daawwataman bara bajataa wal fakkaataa kan bara darbee waliin walbira qabamee gaafa ilaalamu dhibbantaa 15niin dabaleera jedhan. Misoomni bakkeewwan hawwata turizimii naannichaa galii argamsiisuun dabalatatti aadaa hawaasa naannoo sanaa beeksisuun shoora olaanaa bahataa jira jedhameera.   Kana malees hawaasa naannichaaf carraa hojii uumuun galii dabalataa akka argatan taasisuu ibsameera. Akka fakkeenyaatti bara bajataa jalqabaa kanatti turistoota naannicha daawwatan irraa galiin birrii miliyoona 25 ol walitti qabameera. Dabaluu baay’ina turistootaaf akka fakkeenyaatti kan eeraman kaka’umsa Ministera Muummee Itiyoophiyaa Dr. Abiy Ahmadiin naannichi miidhagfamuu fi akkasumas paarkiin biyyaalessaa Baalee jiraachuusaa dabalataanis paarkiin gaarreen Baalee hambaa dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti dhaabbilee barnootaa,saayinsiifi aadaa (UNESCO)tti galmaa’uunsaa bakkichi akka beekamu taasiseera jedhan. Dhaabbilee tajaajila turistiif kennan keessaa tokko kan ta’an mana uffata aadaa Tulluu Hambalat magaalaa Roobeetti kan argamu keessa kan hojjetan aadde Maariyeemaa Kadiir akka jedhanitti, turistoota biyya keessaafi biyya alaa magaalaa Roobeefi naannacha daawwatanitti uffata aadaa akka gurguran himaniiru. Aadde Maariyeemaan uffata aadaa dizaayinii babbareedaafi qulqullina qabuun dhiyeessuun isaaniimmoo milkaa’ina isaaniif shoora olaanaa bahachuu ibsaniiru.   Paarkii Biyyalessa Baalee keessatti tajaajila kenniinsa daawwannaafi qajeelfama agarsiisa daandii kan kennu hogganaan Waldaa Ikkoo Tuurizimii Waaliyaa Jaafar Mohaammad akka jedhanitti, paarkicha misoomsuuf hojii hojjetameen yaa’insi turistootaa dabalaa dhufuu himaniiru.   Galiin miseensota waldichaas dabaluu jkan jiru yoo ta’u, miseensonni waldichaas hojiilee garagaraa irratti bobba’uun hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Kaan fardeen kireessuun,gariin immoo turistoota daandii agarsiisuun galii argachaa jiruu jedhan obbo Jaafar Mohaammad. Bakkeewwan hawwata turizimii Baalee Paarkii Biyyoolessaa gaarreen Baalee kan Dhaabbata Barnootaa, Saayinsiifi Aadaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNESCO)n hambaa addunyaa ta’ee galmaa’e dabalatee hawwata turizimii miidhagoo namtolcheefi uumamaa biroo kan
Itiyoophiyaan jijjiirama haala qilleensaarratti bu’aa tarkaanfii waloo jajjabeessu fiduuf kutannoo qabdi-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Nov 14, 2025 21
Sadaasa 5/2018 (TOI)- Itiyoophiyaan waltajjii Koop 32 irratti jijjiirama haala qilleensaarratti bu’aa tarkaanfii waloo jajjabeessu fi qabatamaa fiduuf kutannoo akka qabdu ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad mirkaneessan. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti dabarsaniin, Itiyoophiyaan Koop 32 akka keessummeessitu hawaasni Addunyaa itti gaafatama guddaa waan nuuf kenneef kabajni nutti dhagahama jedhaniiru. Afriikaan bara 2025 konfaransii jijjiirama haala qilleensaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii (Koop 30) Biraazil irratti sagalee tokkoon dubbatteetti, Addunyaanis ishee dhaggeeffateera jedhaniiru.   Bakka bu’oota biyyoota Afriikaa gaaffii Itiyoophiyaan akka lakkoofsa faranjootaatti bara 2027 Finfinneetti Koop 32 keessummeesuuf gaafatte guutummaatti deeggaran galateeffataniiru. Rakkoowwan Jireenya namaa keessatti baay’ee barbaachisan keessaa tokko furuun akka danda’amu tattaaffii waloo gaggeessuuf carraa waan arganneef ni galateeffanna jedhaniiru. Hawaasni addunyaa itti gaafatama guddaa kana waan nuu kenneef kabajni nutti dhagahama jedhan Ministirri muummee. Beekamtii kana kutannoo cimaa Itiyoophiyaan haala qilleensaarratti qabdu, hooggansaa fi qophiilee idil addunyaa ijoo keessummeessuuf dandeettii dilbii qabdu agarsiisa jechuun cimsanii ibsaniiru. Kanaaf waltajjiin koop 32 Itiyoophiyaan keessummeessitu jijjiira haala qilleensaarratti tarkaanfii waloo kan jajjabeessu bu’aa cimaa fi qabatamaa fiduuf guutummaatti kutannoo akka qabdu mirkaneessaniiru.
Qabsoon siyaasaa karaa nagaa isa sirriidha
Nov 14, 2025 66
Sadaasa 5/2018(TOI)- Itiyoophiyaatti qabsoon siyaasaa karaa naagaa uummata biratti fudhatama kan argamsiisuu fi biyya fuulduraatti tarkaanfachiisu daandii filmaata biroo hin qabne ta’uu paartiileen siyaasaa morkattootaa ibsan. Humnaan angoo gonfachuuf qabsoon taassifamu hammattoo seeraa kamiinuu fudhatama kan hin qabnee fi yakkaan kan nama gaafachiisu ta’uu ibsa. Seenaa Itiyoophiyaa duriin ilaalchi Aangoos ta’e fedhii siyaasaa daandii dimokiraatawaan, mariin, furuurra filannoo humnaan raawwachiisuu dedeebi’anii raawwatamaa akka turan galmeewwan seeenaa argisiisu. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad kitaabasaanii mootummaa Ida’amuu fuula 330rratti fedhiin humaa yoo hin qajeelle hunduu dhuunfachuu akka barbaadu kaasu. Kunis gabaa siyaasaa irratti jeequmsa uuma, Yaa’insii fi madaalliin humnaas ni jeeqama. Burjaajjiin sirna ni jeeqa. Danbaliin humna kanaa eenyuunuu balleessuu akka danda’u ilaaluun hanga rakkisutti jeequmsa akka uumu kaasaniiru. Kitaaba Mootummaa Ida’amuu fuula 388 irratti Itiyoophiyaa har’aa keessatti gabaan yaadaa Aadaa akka ta’u hojjetamaa jira. Kanaafis mootummaan karaalee sadii hordofaa jira: marii biyyoolessaa, Marii paartiilee siyaasaa fi waltajjiiwwan uummataati. Paartiileen Morkattootaa TOI waliin turtii taassisanis gareen faayidaa ummataa fi guddina biyyaaf dhimmina ejjennoo jedhu qabu kamiyyuu kaayyoosaa daandii nagaan milkeessuun alatti filannoo hin qabu jedhaniiru. Mootummaan balbala qabsoo karaa nagaa banaa yeroo godhetti qabsoo daandii nagaan alatti filannoo biroon akka hin jirre kaasu. Hogganaa olaanaan Adda bilisummaa Oromoo (ABO) Qajeelaa Mardaasaa akka jedhanitti, mootummaan gareewwan fedhiisaanii humnaan galma gahuuf barbaadan gara nagaatti dhufanii waliin akka hojjetaniif deddeebi’uun waamicha taassisaa jira.   Humnoonni hedduun waamicha kana fudhatanii dhufanis ammayyuu filannoo nagaa dhiisuun duubatti kan jedhan jiraachuusaanii kaasaniiru. Itti Aanaan dura taa’aa Paartii Dimokiraatawaa Hibir Itiyoophiyaa Abarraa Baqqalaa , Itiyoophiyaatti humnaan fedhii guuttachuuf yaaluun yeroonsaa darbeera jedhaniiru.   Gareen yookiin paartiileen siyaasaa kamiyyuu kaayyoo siyaasaa barbaadu milkeessuuf nagaan ala filannoon biroon fudhatama hinqabu jedhaniiru. Paartii dimokiraatawaa Boorootti itti gaafatamaan sab-quunnamtii Idil-Addunyaa Dr. Mabiraatuu Alamuu gamasaaniin, nageenya biyyaa mirkaneessuuf qaama tokkoof kan dhiifamu akka hin taane kaasu.   Humnoonni hidhatan gaaffii qabna jedhan gara mariitti akka fidaniif waamichi deddeebi’ee taassifamaa turuu kaasuun, kanaafis filannoowwan marii biyyoolessaa dhihaachuu ibsaniiru. Akka ibsa yaada paartiilee morkattootaatti, kaayyoon Qabsoo karaa nagaa tokko Ajandaawwan ummataa fi biyyaaf fayyadan bocuu fi injifannoo yaadaan mootummaan akka fudhatu dirqisiisuudha. Naannoolee tokko tokkotti fedhii siyaasaa isaanii humnaan milkeessuuf paartiileen morkattootaa hidhatanis ta’e gareewwan biroon gara qabsoo nagaatti akka deebi’aniif waamicha dhiheessaniiru.
Hojimaatni kunuunsa biyyee fi bishaanii gabbina biyyee guddisuun oomishaa fi oomishtummaan akka dabalu taasiseera.
Nov 14, 2025 14
Sadaasa 05/2018(TOI)-Waggoottan darban hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii hawaasa hirmaachise hojjetameen oomishaa fi oomishtummaan akka dabalu taasiseera jedhe Ministeerri Qonnaa. Bona baranaafis hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii haala gaariin hojjetamuuf haaldureewwan xumuramuu ibseera. Jijjiiramni qabeenya qilleensaa, lolaan, roobni yeroosaa eegee roobuu dhabuun, hongeenii fi dhiqamni biyyee jireenya hawaasaarratti dhiibbaa fidaa jiraachuun eerameera. Biqiloota dhaabuun; kunuunsi biyyee fi bishaanii immoo jijjiirama qilleensaa sirreessuun dhalli namaa rakkoo hamaaf akka hin saaxilamne taasisa. Imaammata kunuunsa qabeenya uumamaa Itiyoophiyaan hordoftee ashaaraa magariisaan biqiloota duulaan dhaabuun, kunuunsa qabeenya biyyee fi bishaanii waktii bonaa hojiirra oolchitu kunuunsa naannoof xiyyeeffannoo kennitee hojjechaa jiraachuu isheef ibsituudha. Ministeera Qonnaatti dursaa hojii raawwachiisaan Misooma, Kunuunsaa fi itti fayyadama qabeenya uumamaa obbo Faanosee Mokonnoon turtii Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa waliin taasisaniin akka jedhanitti qabeenyi uumamaa jireenya dhala namaa waliin walitti hidhata guddaa qaba.   Haalli jijjiirama qilleensaa, lolaan, hongeenii fi dhiqamni biyyee deebii uumamni deebisee kennu balleessaa dhalli namaa hojjetuuti jedhan. Waggoottan darban hojiin kunuunsa biyyee fi bishaaniif hawaasa hirmaachise hojjetameen fooyya’insi gaariin argamuu fi oomishnii fi oomishtummaan dabaluus kaasaniiru. Biyyattii keessatti lageen gurguddoo 12 sab beezinii 135 qaban akka jiran eeruun, yeroo ammaa bishaan sab beezinii gurguddoon dabalataa 8,903 adda baafamanii misoomfamaa akka jiran ibsaniiru obbo Faanosee Mokonnoon.   Hojiileen kunuunsa biyyee fi bishaanii waggaa waggaan sadarkaa hawaasaatti adda baafamanii hojjetamaa jiran bishaan yaa’insa xixiqqaa kuma 197 fi 843 misoomsamaa jiraachuu eeraniiru. Haaluma kanaan lafa heektaara miiliyoona 33.6 irratti hirmaannaa mootummaa fi hawaasaatiin hojiin irra deebiin misoomsuu hojjetamaa akka jirus isaniiru.   Iddoon hojii kunuunsa biyyee fi bishaanii Bonaa fi hojichaaf meeshaaleen barbaachisan adda baafamanii hojiitti galamuuf qophiin xumuramuus himameera.  
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa

Riifoormiin kenniinsa tajaajila hojii mootummaa fi bulchiinsaa dhaabbileen of danda’anii fi abbummaan akka bulchan carraa uumeera
Nov 14, 2025 44
Sadaasa 05/2018 (TOI)- Riifoormiin kenniinsa tajaajila hojii mootummaa fi bulchiinsaa dhaabbileen of danda’anii fi abbummaan akka bulchan carraa uumeera jedhan Ministirri Hojii fi Ogummaa Mufaarihaat Kaamil. Ministeerri Hojii fi Ogummaa waltajjii muuxannoo waljijjiirraa pablik sarvisii fi riifoormii bulchiinsaa gaggeessaa jira. Ministirri Hojii fi Ogummaa Mufarihaat Kamiil akka jedhanitti, riifoormii pablik sarvisii fi bulchiinsaa hojiirra oolchuuf dhaabbilee filataman keessaa tokko Ministeera Hojii fi Ogummaa dha. Waltajjicharratti itti gaafatamtuun waajjira ministira muummee fi ministirri dhimmoota kaabinee Alamtsahaay Phaawuloosii fi hoggantoonni olaanoo mootummaa akkasumas qooda fudhattoonni argamaniiru. Waltajjichis tajaajilawwan fi bulchiinsa gaarii dhaabbileen galmeessan muuxannoowwan gaggaariin kan waljijjiiramu; akkasumas hojiileen xiyyeeffannoo barbaadanimmoo kallattiin kan itti kaahamu ta’uu ibsaniiru. Hawaasa keenya tajaajiluun akka carraa gaariitti ilaalamuu qaba kan jedhan miniteerri hojii fi ogummaa Mufirihaat Kaamiil, riifoormii bulchiinsaa fi tajaajilaa hojiirra oolchuuf filatamuun immoo carroomuudha jedhaniiru. Itiyoophiyaa fi dhaabbileeshee gaggeessuun carraa kenname seeraan itti fayyadamuun milkaa’ina hundagaleessaaf shoora keenya bahachuu qabnaa jedhaniiru. Riifoormiin kolleejota qonnaa fi inistiitiyuutiiwwan sadii dhaabbilee ministeera hojii fi ogummaa jala jiran irratti hojjetaman dhaabbilee kaanirrattis bu’aa milkaa’aa fidaa jiraachuu himaniiru. Riifoormiin tajaajilli kenniinsa hojii mootummaa fi bulchiinsaa rakkoolee hundeen furuuf kan gargaaru ta’uu fi akasumas misoomaa fi guddina Itiyoophiyaaf shoora olaanaa qabaachuu eeraniiru. Itiyoophiyaatti waggoota dheeraa kan lakkoofsise riifoormiin kenniinsa tajaajila hojii mootummaa fi bulchiinsaa muuxannoo gaarii waljijjiiruun qulqullina hojiifis milkaa’ina gaarii fiduu dandaheera jedhan. Riifoormiin kenniinsa tajaajila hojii mootummaa fi bulchiinsaa dhaabbileen of danda’anii fi abbummaan akka bulchan carraa uumeeras jedhan Ministirri hojii fi ogummaa Mufirihaat Kamiil. Riifoormiin kenniinsa tajaajilaa fi bulchiinsa mootummaa waan hin danda’amne jedhamu dhabamsiisuun akka dandahamu hojiin agarsiiseera jedhan. Warreen xiyyeeffannoon kennamanii fi hojjetamaa jiranis ogummaa, nageenya industirii, carraa hojii fi ijaarsa dhaabbilee ta’uu ibsaniiru. Riifoormichis hojiilee kalaqaa babal’isuu fi naannoo ofii misoomsuu waliin kan wal qabatu akka ta’es ibsaniiru.
Shororkeessaa Shanee Baha Itiyoophiyaatti gocha shororkeessummaa raawwachuuf ture irratti tarkaanfiin fudhatame
Nov 13, 2025 165
Sadaasa 4/2018 (TOI)-Shororkeessaa Shanee Baha Itiyoophiyaa bakkeewwan muraasatti gocha shororkeessummaa raawwachuuf ture irratti tarkaanfiin fudhatamuu raayyaa ittisaa bahaatti ajajni bahaa beeksise. Raayyaa ittisa biyyaatti hoogganaan qajeelcha maandisaa ajaja bahaa koloneel Tafarii Oliin shororkeessaan shanee Dirree dawaa fi naannawasheetti gocha shororkeessummaa raawwachuuf yaaluusaa yaadachuun TOI’f ibsaniiru. Kanaaf kaayyoo badii sochii shororkeessaa kanaa qorannoo fi hordoffii ragaarratti hundaa’e gochuun dursuun hubachuun tarkaanfiitti galamuu dubbataniiru. Raayyaan ittisaa qaamolee nageenyaa biroo waliin ta’uun tarkaanfii cimaa garee shororkeessaa kanarratti fudhachuusaa yaadatanii, yeroo ammaa naannawichatti nagaan amansiisaan jiraachuu mirkaneessaniiru. Tumsii fi hirmaannaan hawaasa naannawichaa cimaa ta’uu fi ammas caalaa cimee akka itti fufu gaafataniiru. Misoomnii fi nageenyi fulla’aan naannawoota baha Itiyoophiyaatti akka jiraatu raayyaan yoomiyyuu caalaa qophii olaanaan bahachaa akka jiru mirkaneessaniiru. Hoogganaan qajeelcha poolisii harargee bahaa gargaaraan komishinaraa Naasir Mahaammad, nagaa fi tasgabbii naannawichaa gama mirkaneessuutiin tattaaffiin qindaa’aan taasifame bu’aa barbaadamu buuseera jedhaniiru. Keessumaa shororkeessaa shanee godinichatti gocha badiif socho’e irratti tarkaanfii fudhatameen bu’aan barbaadamu argamuusaa dubbataniiru.
Gaaffiin mirga abbummaa ulaa Galaanaa Itiyoophiyaa dhimma dantaa biyyaalessaa qofa osoo hin taanee dhimma bu’uuraa nageenya riijiniiti
Nov 13, 2025 106
Sadaasa 04/2018(TOI)-Gaaffiin mirga abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaa dhimma dantaa biyyaalessaa qofa osoo hin taane dhimma bu’uuraa nageenya riijinii ta’uu hogganaa olaanaan Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) obbo Qajeelaa Mardaasaan ibsan. Akkaataan Itiyoophiyan ulaa galaanaa itti dhabde al seerummaa dalagamee fi daba biyyarratti raawwatame ta’uu ibsaniiru. Galaanni Diimaan waggoota kuma hedduuf kan Itiyoophiyaa ta’uusaa galmeen seenaa kan ibsu ta’uu eeruun, ulaa galaanaa Itiyoophiyaa ta’ee tajaajilaa turuu dubbatu obbo Qajeelaan. Ulaan galaanaa kuni Itiyoophiyaaf akka qaroominaatti ilaalamaa kan ture ta’uus ibsaniiru. Bara mootii Aksumii jalqabee Galaanni Diimaan seenaa Itiyoophiyaa keessatti guddummaa fi qaroomina Itiyoophiyaa ibsaa kan ture ta’uusaa seenaan ragaadha. Galaana Diimaa Itiyoophiyaan waggoota kuma hedduuf abbummaan itti fayyadamaa turte bara 1983 A.L.I as shira siyaasa garee tokkoon irraa mulqameera jedhan. Shirri galaana Diimaa Itiyoophiyaan akka dhabdu taasifame kunimmoo hawaasa biyyattiirratti rakkoo hamaa fideera. Ummata obbolaa tokko, Itiyoophiyaa fi Eertiraa qoqqooduun shira diinonni seenaa Itiyoophiyaa hojjetaniin biyya adda addaa taateetti jedhan hogganaa olaanaan Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) obbo Qajeelaa Mardaasaan. Ummanni obbolaa tokko ta’an Eertiraa fi Itiyoophiyaan karaan isaan adda bahanis alseerummaa qabaachuusaa galmeen seenaa kan ibsu ta’uu eeraniiru obbo Qajeelaan. Akkaataa Itiyoophiyaan Ulaa galaanaa akka dhabdu itti taasifames shira dalagamee fi seeraan fudhatama kan hin qabne ta’uu ibsaniiru obbo Qajeelaan. Buufanni doonii Asab qaama Itoophiyaa kan ture Asmaraa irraa kiiloo meetira 500 fagaatee kan argamu yoo ta’u, Itoophiyaatti dhihoo ta’uu ibsaniiru. Bu’uuraalee misoomaa Itiyoophiyaa keessatti hojjetamaa jiran waan guddaadha garuu naannoon Asaab hojii misoomaa tokko illee hin qaban, misoomni naannichaas akkanatti dhaabbatee arguunis dhimma yaaddessaa ta’uu ibsaniiru obbo Qajeelan. Gaaffiin mirga abbummaa karra Galaanaa Itoophiyaa dhimma dantaa biyyaa qofa osoo hin taanee dhimma bu’uuraa nageenya naannoo ta’uus dabaluun kaasaniiru obbo Qajeelaan. Gaaffiin mirga abbummaa karra galaanaa Itiyoophiyaa Qajeelfama kennuufi fudhachuu irratti kan hundaa’e ta’uu akka qabus hubachiisaniiru. Kunis guddina diinagdee hunda galeessa Ityoophiyaa kan saffisiisu ta’uu cimsanii dubbataniiru.
Nageenya naannoo keenyatti bu’een gaaffiin misoomaa keenya deebii argachaa jira - Jiraattota godina walllagga Lixaa Aanaa Beegii
Nov 13, 2025 78
Sadaasa 4/2018(TOI)-Nageenya Naannoo keenyatti bu’een gaaffiin misoomaa deebii argachaa jiraachuu jiraattonni Godina Wallaga Lixaa Aanaa Beegii ibsan. Gonichatti nageenya buusuu fi hojiiwwan misoomaa cimsuun cimanii akka itti fufan Bulchaan Godinichaa ibsaniiru. Jiraattota Godinichaa yaadasaanii TOI’f kennan keessaa jiraataan Aanaa laaloo Asabii obbo Jireenyaa Indaalaa akka dubbatanitti, nageenya naannoosaaniitti bu’een gaaffiin misoomaa deebii argachaa jira.   Abbaan nageenyaa hawaasa mataasaati kan jedhan obbo jireenyaan nageenya naannichatti bu’e cimsuuf tattaaffiin taassifamu qaamolee nageenyaa waliin qindoomuun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Nageenyi Aanichatti bu’e hojiiwwan misoomaa dinagdee fi hawaasummaa saffisan akka raawwataman haala mijaataa uumuusaa kan dubbatan immoo jiraataan Aanichaa Biroo Obbo Mitikkuu Shuumaati.   Rakkoon nageenya uumamee ture hojii misoomaa bakka jiranitti dhaabatanii akka turan kaasuun, nageenya amma bu’een, jiraattonni hojii misoomaarratti dammaqinaan hirmaacha jirachuu ibsaniiru. Jiraattuu Aanaa Beegii Aadde Aannanee yaaddessaa gamasaaniin nageenya naannoosaaniitti bu’een ijoolleensaanii sodaa malee barnootasanii akka hordofan danda’uu kaasaniiru.   Nageenya malee sochiin hawasummaa fi diinagdee hin jiru kan jedhan aadde Aannaneen nageenyi bu’uuf qoodasaanii akka bahan ibsaniiru. jiraataan Obbo Yenuus Oljirraa nageenya naannoosaaniitti bu’een sochii daldalaa fi hawasummaa saffisiisuuf haala mijataa uumuusaa dubbataniiru. Itti gaafatamaan waajjira bulchinsaa fi nageenyaa Aanaa Beegii Tasfuu Biraanuu gamasaniin, Aanichatti qindoomina qaamoleen nageenyaa fi hawaasni nagaan bu’uu eeraniiru.   Nageenya itti fufsiisuuf hojii misooma eegalame akka itti fufan hawaasni qaamolee nageenyaa waliin qindoomee sochii eegale cimsuu akka qabu hubachiisaniiru.   Bulchaan Aanaa Laaloo Assabii Mulatuu Dhinsaa gamasaaniin, nageenyi aanichatti bu’e gaaffii misooma hawaasaaf deebii kennuu dandeessisuu dubbataniiru. Nageenya argameen aanichatti misooma bunaa babal’isuu fi daldal buna seraan alaa to’achuun hawaasni misoomarraa fayyaddama akka ta’u hojjetamaa jirachuu ibsaniiru.

Hawaasummaa
Naannichatti barsiisota manneen barnootaa baadiyaatti barsiisaaniif manni jireenyaa kuma 30 hirmaannaa hawaasaan ni ijaarama
Nov 14, 2025 36
Sadaasa 05/2018(TOI)-Naannoo Oromiyaatti barsiisota manneen barnootaa baadiyaatti barsiisaaniif manni jireenyaa kuma 30 hirmaannaa hawaasaan ni ijaarama jedhe biiroon barnootaa naannichaa. Sadarkaa itti aanaa hogganaa biiroo barnootaa Oromiyaatti gorsaan biiroo barnoota Oromiyaa Obbo Efreem Tasammaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti akka himanitti biiroon barnootaa Oromiyaa hojiiwwan adda addaa qulqullina barnootaa mirkaneessuuf gargaaran hojjechaa jirachuu himaniiru. Qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojiileen hedduun hojjetamaa jiran keessaa manneen barnootaa idileen duraa babal’isuu, manneen barnootaa bultii addaa waliin gahuu fi meeshaalee barnootaaf barbaachisan guutuun xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Kanaan walqabatees hojiileen jireenya barsiisotaa fooyyessanii fi leenjiin gabbisa dandeettii brasiisotaa kennamaa jiraachuu dubbataniiru. Akkasumas jireenya barsiisotaa fooyyessuun qulqullina barnootaaf shoora olaanaa waan qabuuf kanarratti hojiin bal’aan hojjetamaa jiraachuu himaniiru obbo Efreem Tasammaan. Bara bajataa kanatti naannoo Oromiyaatti barsiisota manneen barnootaa baadiyaatti barsiisaaniif manneen jireenyaa kuma 30 hirmaannaa hawaasaan ijaarsisuuf tattaaffiin jalqabameera jedhan. Kunis haalli baruu fi barsiisuu akka fooyya’uu fi qulqullina barnootaaf shoora olaanaa bahata jedhaniiru. Bara darbe hirmaannaa hawaasaan barsiisota manneen barnootaa baadiyaatti barsiisaniif manni jireenyaa kuma 10 ijaaramuu hubachiisaniiru. Manneen jireenyaa barsiisotaaf ijaaruun dabalatatti ijaarsi daree dabalataa, manneen barnootaa idileen duraa, akasumas ijaarsi manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa cimee kan itti fufu ta’uu eeraniiru.    
Turistoonni miliyoona 8 ol bakkeewwan adda addaa hawata turizimii Oromiyaa daawwataniiru
Nov 13, 2025 65
Sadaasa 04/2018(TOI)-Naannoo Oromiyaatti dawwattoonni biyya keessaa fi alaa miliyoona 8 ol ta’an bakkeewwan hawata turizimii ta’an daawwataniiru jedhe komishiniin turizimii Oromiyaa. Hojiirra oolmaa diinagdee hundagaleessa mirkaneessuuf Itiyoophiyaan dameewwan diinagdee shanan qabatte keessaa sektarri turizimii tokko ta’uun ni beekama. Haaluma kanaan bakkeewwan hawata turizimii misoomsuu, bu’uuraalee misoomaa fi tajaajila kenniinsaa fooyyessuu fi bakka jireenyaa mijataa ta’e uumuuf hojjetamaa jira. Mootummaan naannoo Oromiyaa damee turizimii misoomsuu fi itti fayyadama damichaa mirkaneessuuf hojiin hedduun hojjetamaa jiraachuu Komishiniin Tuurizimii naannichaa beeksiseera. Itti aanaan Komishinara Komishinii Tuurizimii Oromiyaa obbo Naggaa Wadaajoo dhimma kanarratti Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa waliin turtii taasisaniin akka ibsanitti, qabeenya naannicha keessatti argamu misoomsuu fi beeksisuun Oromiyaa wiirtuu turizimii taasisuuf hojii cimaan hajjetamaa jira. Haaluma kanaan baatiiwwan afran darban kanatti turistoota biyya kessaafi alaa miliyoona 8 ol ta’an bakkeewwan hawwata turizimii naannichaa daawwachuu ibsaniiru. Itti dabaluunis qooda fudhattoota waliin ta’uun damicha haaromsuu fi guddisuuf, keessumaa adeemsa kana dijiitaalessuun hojjachaa jiraachuu ibsaniiru. Bakkeewwan hawata turizimii ta’anitti bu’uuraalee misoomaa babal’isuu; mijaahaa taasisuu fi kenniinsa tajaajilaas fooyyessuun immoo warreen xiyyeeffannoon kennamanii fi hojjatamaa jiran ta’uun himameera. Bara bajataa kanatti turistoota miliyoona 25 daawwachiisuuf Karoorfamuu eeruun, bara bajataa baatii afran kanatti turistoonni biyya keessaa miliyoona 8.1, turistoonni biyya alaa kuma 40 immoo bakkeewwan hawata turizimii naannichaa daawwataniiru jedhan. Kanaafis sababa guddaa kan ta’an ayyaanota hawaasni kabaju kan akka Irreechaa fi Masqalaa shoora olaanaa qabaachuu kaasaniiru itti aanaan Komishinara Komishinii Tuurizimii Oromiyaa obbo Naggaa Wadaajoo. Dabalataanis dabaluu baay’ina turistootaaf hundeffamuun Miis turizimii, Awaardiin Turizimii Oromiyaa, Hundeeffamni Ambaaassaaddaroota Turizimii, Dizaayiniin Faashinii, agarsiisnii fi baazaariin Teekinooloojii Dijitaalaa adeemsifamuun shoora alaanaa qabu jedhan. Baay’inni turistootaa dabaluun immoo hawaasa naannichaaf carraa hojii uumuu eeraniiru obbo Naggaan. Kanaafis akka fakkeenyaatti naannoo hara Wanciitti hawaasni gurmaa’uun hojiilee adda addaa irratti bobb’uun hojii uummataniiru jedhan. Kaan dooniin ykn bidiruun turistoota daawwachiisu, kaan immoo fardeen daawwattoota daawwachiisu, gariin immoo tajaajila kenniinsa turistootaarratti bobba’anii ofii fi maatii ofii bulchaa jiru jedhan. Bakkeewwan biroottis bakkeewwan hawata turizimii daawwachiisuun dabalatatti gurmaa’uun lammiileen fayyadamaa ta’aa jiru jedhan.
Qorannoon bahumsa qormaata Yunivarsiistii baatii sadii keessatti xumuramee ifooma
Nov 13, 2025 76
Sadaasa 04/2018(TOI)-Qormaanni bahumsa yunivarsiitiiwwanitti kennamaa jiru milkaa’ina isaa waliin walqabatee qorannoon adeemsifamaa jiru baatiiwwan sadan dhufanitti akka xumuramu Ministeerri Barnootaa ibse. Ministeera barnootaatti hojii gaggeessaa olaanaa dhimma barnootaa, Doktar Eebbaa Miijanaan Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa waliin haasaa taasisaniin mootummaan qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojiilee hedduu hojjechaa jiraachuu kaasuun, kana mirkaneessuufis barattoota Yunivarsiitiidhaa digirii jalqabaan eebbifamaniif qormaata bahumsa Yunivarsiistii kennuu kan jalqabe bara 2015 ta’uu eeraniiru. Haaluma kanaan barattoonni Yunivarsiitiidhaa digirii jalqabaan bahan kuma 250 ta’an waggaa waggaan qormaata bahumsa Yunivarsiitii fudhachuu isaanii kaasaniiru. Qormaatichis barattoonni ogummaa leenji’anirratti gahumsa akka qaban kan mirkaneessu ta’uu ibsaniiru Dr. Eebbaa Miijanaan. Hojii gaggeessaa olaanaa dhimma barnootaa kun muuxannoon akka kanaa kuni biyyoota hedduu kessatti hojiirra oolaa kan jiru ta’uu eeruun, bu’aa qabeessummaan isaas babal’achuu akka qabu dubbataniiru. Muuxannoon kunis waggoota sadan darbaniif biyya keeenya keessatti hojiirra oolaa kan jiru yoo ta’u, bu’aa milkaa’aa fidaa jiraachuu himaniiru. Qormaanni kennamuu eegaluun isaa jalqabumarraa kaasee barattoonni ogummaa barataniin gahumsa akka qabaatan isaan taasiseera; dabalataanis barsiisonni barattoota isaaniif deeggarsa addaa akka kennaniifii karra baneera jedhan. Qormaanni bahumsa Yunivarsiitii kunimmoo qorannoon deeggaramuun barbaachisaa ta’uu eeruun muuxannoo jiru cimsuun hanqinoota jiaran immoo guutuuf qarannoon qoratamaa jiraa dubbataniiru. Kaayyoon qorannoo kanaas qulqullina barnootaa mirkaneessuuf ta’uu eeraniiru. Qorannichis baatiiwwan sadan dhufanitti xumuramee hawaasaaf ifa akka ta’us ibsniiru. Kanumaan walqabatee qormaanni seensaa barattoota digrii lammaffaatiif waggaatti al lama kennamu bu’aa gaarii argamsiisuu eeraniiru. Kunis barattoonni dandeettii fi ogummaa qaban Yunivarsiitii akka seenan taasisuun qulqullina barnootaaf shoora olaanaa bahateera jedhan. Gara fuula duraattis qormaanni seensa barattoota digrii lammaffaatiif kennamu kuni qorannoon deeggaramuu waan qabuuf qophiin eegalameera jedhaniiru.
Diinagdee
Misoomni koriidaraa Magaalaa Gambeellaatti eegalame saffisaa jira
Nov 14, 2025 27
Sadaasa 5/2018(TOI)-Misooma koriidaraa Magaalaa Gambeellaatti eegalame saffisiisuun magaalitti jiraattotasheetiif mijattuu fi hawata Turiizimii gochuuf hojiin hojjetamu cimee Itti Fufuu Bulchiinsi Magaalichaa Beeksise. Magaalaan Gambeellaa bakka gahumsa Turistii kan ta’an qabeenya uumamaan kan marfamte yoo ta’u keessumaa lagni baaroo magaalittii lamatti qoodee keessa darbu miidhaginaa fi dammaqina addaa magaalittiif kan kennuu ta’uun hubatameera.   Kantibaan bulchiinsa magaalaa Tuut Jiik TOI’f akka ibsanitti, miidhaginaa fi kennaa Gambeellaa caalaatti mul’isuuf inisheetivii misooma koridaraa akka biyyaatti eegalame magaalittiittiis eegalamee hojjetamaa jira. Misooma Koriidaraa magaalaa Gambeellaatti eegalaman saffisiisuun magaalittii jiraattotaa fi daawwattootaf mijattuu taassisuuf hojiiwwan hojjetamaa jiran cimanii itti fufuu dubbataniiru.   Magaalaa Gaambeellaatti Misooma Koriidaraa Boqonnaa jalqabaan dheerina km. 14 ol kan qaban daandiiwwan gurguddoon 4 galma misoomaaf qabame milkeessuuf hojicha saffisiisaa jiraachuu ibsaniiru. Milkaa’ina hojii misooma koriidaraatiif jiraattotarraa qarshii walitti qabuurraa eegalee deeggarsaa fi hirmaannaan taassisaa jiru kan jajamu ta’uu kaasaniiru. Misooma koriidaraa cinaatti sadarkaa daandii keessa keessaa magaalittii fooyyessuun fayyadamummaa uummataa guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Misoomni koriidaraa eegalame magalittii qulqulluu, miidhagduu fi hawattuu gochuurra darbee lammiilee hedduuf carraa hojii uumaa jiraachuu kantiibaan kun beeksisaniiru. Misooma koriideraan carraan hojii namoota uumameefii keessaa dargaggoo Axinaafuu Asaffaa fi Misikkir Ashannaafii yaada kennaniin, carraa hojii misoomni koriideraa uumeefiin jireenya maatiisaanii jijjiiraa jiraachuu dubbataniiru.   Misoomni koriidaraa magaalittii miidhagduu fi hawwattuu taassisuurra darbee ogummaan haarawaa akka baran haala mijataa uumuu ibsaniiru.
Magaalota jireenyaaf mijataa taasisuuf qorannoo fi qo’annoon deeggaramaa jira
Nov 14, 2025 33
Sadaasa 05/2018(TOI)-Naannoo Oromiyaatti magaalota ammayyaa fi jireenyaaf mijataa taasisuuf hojiin qorannoo fi qo’annoon deeggaramee hojjetamaa jiraachuu inistitiyuutiin pilaanii magaalaa naannichaa ibseera. Inistitiyuutichi qorannoo fi qo’annoo rakkoolee pilaanii magaalotaa furan kan magaalota naannichaarratti gaggeessee simpooziyeemiin qooda fudhattootaaf dhiheesse magaalaa Cirootti gaggeeffameera. Daarekatarri olaanaa inistituutichaa obbo Margaa Oliiqaa waltajjicharratti haasaa tasisaniin pilaaniin magaalotaa haala jireenya hawaasaa fooyyessuu fi jireenya uummataa ammayyeessuun rakkoolee jiran furuuf qorannoof i qo’annoon deeggaramee hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Inistituyuutichi magaalota naannichaa hedduu keessatti pilaanii sadarkaa isaa eeggate hojjechuu isaa ibsuun, iddoowwan lolaaf saaxilamoo ta’an, misooma naannoo fi misooma magariisaa irratti kan xiyyeeffate qorannoo rakkoolee furan sadii magaalota 14 irratti hojjechuu isaa ibseera. Inistituyuutichi pilaanii magaalotaa qopheessuun dabalatatti gaggeessitootaa fi hojjettootaaaf leenjii fi deeggarsa kennaa jiraachuu eereera. Naannichi magaalota ammayyaa pilaaniin deeggarame ijaaruun kan jalqabame guutummaan guutuutti magaalonni pilaanii sadarkaa isaa eeggatee fi qulqullina qabu akka qabaatan hojjechuun cimee itti fufa jedhaniiru. Kana milkeessuufis ciminaan hojjechaa jiraachuu kaasaniiru. Simpooziyeemiin magaalaa Cirootti adeemsifame kunis hojiilee qo’annoo fi qorannoorratti hundaa’anii rakkoolee kana waliin walqabatan kan furanii fi muuxannoolee argaman qooda fudhattootaaf qoodamaniiru. Pilaaniin magaalota akka Mattuu, Galamsoo, Asallaa fi Baabbillee irratti hojjetaman hawaasa kan hin hirmaachifne waan turaniif akka rakkootti warreen eeraman keessaati. Kanaafuu Pilaaniin gaafa hojjetamu hawaasa kan hirmaachise ta’uu akka qabu himameera. Gama biraan immoo magaalonni akka Baddeessaa, Saaguree, Dheeraa, Bulee Horaa fi Bishooftuu misoomni magariisaa magaalotaa kunniin irratti qorannoon dhiyaate akka jalqabbii fakkeenya gaariitti kan fudhatamu ta’uu eerameera. Ogeessota qorannoo isaanii dhiyeessan keessaa Isteet Yunivarsiitii Oromiyaatti barsiisaa kan ta’an Doktar Nugusee Dabaleen akka jedhanitti, ijaarsi magaalota Oromiyaa keesatti ijaaraman kanaan dura pilaaniin waan hin deeggaramneef magaalonni kunniin mijatoo fi ammaayyaa akka hin taane godheera jedhan. Yeroo ammaa mootummaan maagalonni ammayyaa fi jireenyaaf mijatoo akka ta’aniif qorannoon deeggaramee hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Mootummaan ijaarsa pilaanii yeroo ammaa kana eegale jireenya hawaasaa ammayyeessuun akka mijatu taasisuun dabalataan badhaadhina hundagaleessaaf shoora olaanaa waan bahatuuf hawaasni deeggaruu qabaa dhaamaniru doktar Nugusee Dabaleen. Inistityuutichi qorannoo fi qo’annoo gaggeesseen magaalota ammayyaa fi jireenyaaf mijatoo ta’an uumuun rakkoolee gama kanaan jiran hedduu furuu kan eeran immoo Kantiibaa magaalaa Galamsoo obbo Mahaammad Abdallaati. Simpooziyeemichi ogeessota magaalota Oromiyaa adda addaarraa walitti dhufanii fi akkasumas jiraattota magaalaa Ciroo hirmaachisuun gaggeeffameera.
Qabeenya Itiyoophiyaa milkaa’ina Badhaadhina hunda galeessaaf fayyadamuun imala guddina Itiyoophiyaa mirkaneessuu Eegalleerra – Itti Aanaa Ministira Muumee Tamasgeen Xurunaa
Nov 13, 2025 65
Sadaasa 4/2018(TOI)-Qabeenyiota Itioyoophiyaa milkaa’ina badhaadhina hunda galeessaaf fayyadamuun guddina Itiyoophiyaa mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuu Itti Aanaan Ministira Muumee Tamasgeen Xurunaa ibsan. Itti Aanaan Ministira Muumee Tamasgeen Xurunaa eksipoo waggaa 4ffaa Albuuda fi Teekinoloojii (MINTEX Ethiopia 2025 ) Konveenshinii Idil-Addunyaatti ifatti bananiiru.   Itti Aanaan Ministira Muumee ergaa fuula Miidiya Hawaasummaasaaniin dabarsaniin Itiyoophiyaan laftishees, ijoolleenshees dureeyyiidha hanga jedhamnutti takkayyuu hin dhaabbannu jedhaniiru. Itiyoophiyaa laftishee qabeenya dacha sadii kan qabatte ta’uu ibsuun qabeenya lafa keessaa , qabeenya teessuma lafaa fi haala qabeenya qilleensa addaan kan badhaate ta’uu ibsaniiru.   Qabeenya kuufamaa kanan akka ture dagannaa jalaa bahuun milkaa’ina badhaadhina hunda galeessaaf fayyadamuun guddina Itiyoophiyaa mirkaneessuuf imala eegalleerra jedhaniru.   Xiyyeeffannoo addaa mootummaan kennee fi tarkaanfiiwwan fudhatameen dadammaqinsa damichaaf Abdii fiduun Invastimantii Albuudaa fi al-ergii daldalaaf milaaka’ina guddaa uumuusaanii dubbataniiru.   Ekispoon Idil-Addunyaa qaamolee qooda fudhattootaa, abbootii qabeenyaa, omishtoota teekinooloojii fi hayyoota walitti qabuun carraawwan gaarii qabnu kan itti argisiisnuu fi waltajjii gufuuwwan qindoominaan itti hiiknudha jedhaniiru Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa ergaasaaniin.  
Yaa’ichi Itiyoophiyaan midhaan dheedhii fi dibataan humna qabdu addunyaaf agarsiisuu fi walitti hidhamiinsa gabaa uumuuf ni gargaara
Nov 13, 2025 62
Sadaasa 4/2018(TOI)-Yaa’iin midhaan dheedhii fi dibataa idil addunyaa 14ffaan humna dilbii Itiyoophiyaan damee Kanaan qabdu addunyaaf agarsiisuu fi walitti hidhamiinsa gabaa uumuuf akka gargaaru ministeerri daldalaa fi walitti hidhamiinsa riijinii beeksise. Yaa’ii kana ilaalchisuun ministeerri daldalaa fi walitti hidhamiinsa riijinii fi waldaan al-ergii midhaan dheedhii fi dibataa waloomaan ibsa kennaniiru. De’eetaan ministiraa daldalaa fi walitti hidhamiinsa riijinii Dr. Abdulhakiim Muluu wayita kana yaa’ii Sadaasa 9 fi 10 bara 2018 Finfinneetti taa’amurratti hirmaattonni biyya keessaa fi biyya alaa 600 caalan ni argamu. Yaa’ichi Itiyoophiyaan qabeenya dilbii damee Kanaan qabdu beeksisuu fi gabaa bal’isuuf kan gargaaru ta’uu kaasaniiru. Ppmishtoota, Alergitootaa fi qooda fudhattoota jidduutti walitti hidhamiinsa gabaa uumuuf faayidaa akka qabaatus dubbataniiru. Akka ibsa de’eetaa ministirichaatti, Yaa’iin kun Itiyoophiyaan humna daldalaa fi invastimantiin qabdu addunyaaf beeksisuu fi invastimantii hawachuuf carraa gaarii kan uumudha. Pirezidaantiin waldaa alergitoota midhaan dheedhii fi dibataa Itiyoophiyaa Eda’oo Abdii gamasaaniin, biyyoonni garagaraa 16 caalan yaa’icharratti akka hirmaatan ibsaniiru. Omishtoonni biyya keessaa, alergitoonni, sadarkaa idil addunyaatti warri bitan,kanneen imaammata baasan, dhaabbileen faayinaansii,hooggantoonni mootummaa olaanoon fi dippilomaatota dabalatee keessummoonni waamaman ni hirmaatu jedhameetu eegama. #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Naannoo somaaleetti lammiileen kuma 340 ol waraqaa eenyummaa Dijiitaalaa faayidaa  fudhachuuf galmaa’aniiru
Nov 12, 2025 99
Sadaasa 3/2018(TOI)-Naannoo Somaaleetti galmee waraqaa eenyummaa Dijiitaalaa faayidaa dhaqqabamaa taassisuun lammiileen ijaarsa Dinagdee Dijiitaalaaf qooda mataasaanii akka bahan taassifamaa jiraachuu qindeessaan sagantaa waraqaa eenyummaa biyyoolessaa naannichaa beeksise. Qindeessaan Sagantaa waraqaa eenyummaa biyyoolessaan Riijinii Bahaa Naannoo Jigjigaa Geediyoon Geetachoo TOI’f akka ibsanitti, waraqaa eenyummaa dijiitaalaa faayidaa lammiileen tajaajila hedduu haala si’ateen akka aragatan isaan dandeessisa. Waraqaa eenyummaa Dijiitaalaa Faayidaan ijaarsa Dinagdee dijiitaalaa Itiyoophiyaan qabatteef qooda murteessaa gumaacha jedhabniiru. Kanaanis naannichatti fayyadamummaa waraqaa eenyummaa dijiitaalaa hawaasa naannichaa mirkaneessuun ijaarsa Dinagdee dijiitaalaan hirmaannaasaanii mirkaneessuuf gurmaa’insootaa fayyadamuun hojjetamaa jiraachuu beeksisaniiru. Godinaalee naannichatti argamananittii fi Aanaalee 66tti manneen Barnootaatti, Yunvarsiitotatti, Baankiiwwanitti, giddu galawwan daldalaatti akkasumas dhaabbilee mootummaa birootti galmeen gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru. Naanichatti sagantichi erga eegalee Caamsaa bara 2017 irraa eegalee hanga ammaatti namoonni kuma 340 galma’uusaanii eeruun, kana keessaa kuma 180 kan ta’an Aanaalee fi godinaalee magaalaa Jijjigaa ala ta’anitti ta’uu eeraniiru. Naannichatti hanga waxabajjii 2018tti lammiilee miiliyoona 1 tuqaa 8 ol galmeessuuf karoorsuu ibsuun, bara baajatichaa baatii jalqabaa qofa namoonni kuma 160 ol galmaa’uusaanii dubbataniiru. Hawaasichi galmee booda Itiyoo tele koomii fi dhabbilee beekamtii qaban irraa Waraqaa eenyummaa dijiitaala fudhachuun of-eeggannoon fayyadamuu akka qaban hubachiisaniiru.
Teekinooloojiin deeggaramuun Hoj-maata badaa hanbisuuf tattaaffiin taassifamu cimee itti fufa – Ejensicha
Nov 8, 2025 318
Onkoloolessa 29/2018(TOI)-teekinoolojiiwwan haarawaan deeggaramuun hoj-maata badaa hanbisuuf tattaaffiin taassifamu cimee akka ittifufu Magaalaa Finfinneetti Ejensiin Galmeessa ragaalee bu’uura hawaasummaa fi civililii beeksise. Ejensichatti Daarektarri naamusaa fi farra malaammaltummaa Asnaaqechi Muhiyyee TOI’f akka ibsanitti, dhaabbatichi dhimmoota riifoormii guutuu gaggeesse keessaa hoj-maata teekinooloojii babal’isuudha. Bu’uuruma Kanaan tajaajilli kan kennamu siistamaan ta’uu eeruun kunis giddu galeessarra taa’uun tajaajiloota aanaatti kennamaa jiran ilaaluu kan dandeessisudha. Yeroo ammaa teekinooloojiiwwan adda addaa tajaajila kennaa jiran foyya’aa jiraachuu eeruun, yeroo dhihootti gara hojiitti galchuuf qophiin taassifamaa jirachuu beeksisaniiru. Hoj-maata badaa hanbisuuf hojmaanni teekinooloojiin deeggarame bu’a argamsiisaa jira kan jedhan daarektarri kun, fuuldurattis caasaalee hanga Aanaa jiran hojiiwwan teekinoloojii haarawaan deeggaraman itti fufu jedhaniiru. Hoj-maata badaa waliin wal-qabatee bara baajataa 2018 kurmaana jalqabaan ogeeyyii 17 fi abbaa dhimmaa tokkorratti tarkaanfiin adda addaa fudhatamuu fi dhimmisaanii seeraan qabamuu ibsaniiru. Bara baajataa 2015 hanga 2017tti ragaa sobaan tajaajilamuu kan yaalan tajaajilamtoonni 188 fi dursaawwan gareenii fi ogeeyyii hoj-maata cabsan immoo tarkaanfiin seera qabeessi irratti fudhatamuu ibsaniiru. Adeemsa Hoj-maata badaa ittisuu fi to’achuuf keessatti shoorri teekinooloojii olaanaa ta’uu eeruun, gochichi waggaa waggaan hir’achaa dhufuu dubbataniiru. Tajaajilamtoonni ragaa sirrii dhiheessanii tajaajila argachuu akka danda’ani hubachiisuun, Alseerummaan yeroo isaan mudatu bilbila bilisaa 7533n eeruu akka kennan waamicha dhiheessaniiru.
Diree Dawaatti Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob tajaajila si’ataa akka argannu nu  taassiseera-  Tajaajilamtoota
Nov 7, 2025 289
Onkoloolessa 28/2018(TOI)-Tajaajilliwiirtuu tokkoo Masoob deddeebbii hanbisuun tajaajila si’ataa akka argannu nu dandeessiseera jechuun jiraattonni bulchiinsa Diree Dawaa TOI’n dubbise ibsan. Diree Dawaatti tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob Ministirri tajaajila Koomunikeeshinii Mootummaa Innaatalam Mallasaa fi Kantiibaan Bulchiinsa Magaalichaa Kadir Juhaar fi hoggantoonni biroon bakka argamanitti Fulbaana 15 bara 2018 ifatti hojii eegaluunsaa ni beekama. Tajaajilichaan boqonnaa jalqabaan dhaabbilee adda addaa kudhan teekinooloojiin deeggaramuun tajaajiloota 28 kan kenna nyoo ta’u, kanaanis maamiltoonni hedduun keessummeeffamaa jiru. Nammonni gidduu gala tajaajilichaatti argaman TOI’f akka ibsanitti, tajajilli wiirtuu tokkoo Masoob deeddeebbii hanbisuun tajaajila si’ataa akka argannu nu dandeessiseera jedhaniiru. Jiraattonni gidduugalichatti tajaajilaman akka ibsanitti, gidduugala hoj-maata dijitaalaan gurmaa’een tajaajila si’ataa fi haqa qabeessa argachuuf nu dandeessiseera jedhaniiru. Tajaajilamtoota keessaa obbo Abbabaa Asaffaa fi Aadde Biraanee waldasillaasee, tajajilichi maallaqaa fi yeroo, kan qusatu akkasumas, deddeebbii kan hanbisu waan ta’eef gammadneerra jedhaniiru. Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob hunda caalaa tajaajilamtootaaf hiika guddaa kan qabu waan ta’eef bakkeewwan hundatti otoo babal’ate gaariidha jechuun yaadasaanii kennaniiru. Obbo Adam Aliyyii fi Fandishee Taajuu yaada kennaniin dhaabbilee adda addaa bakkwwaan walirraa fagaatanitti tajaajilli kennamaa turan, wiirtuu tokkotti argachuu keenyaan hojimaata itti gammadnedha jedhaniiru. Hojmaatni akkasii jijjiiramni bu’uuraa kan itti argamu deddeebbii hanbisuun tajaajila si’ataa kennuuf kan dandeessisu waan ta’eef babal’achuu qaba jedhaniiru. Biiroon sivil sarviisii fi qabeenya nama Diree Dawaa gidduugalichatti dhaabbilee dabalataa biroo tajaajila eegalchiisuuf qophii taassisaa jiraachuu beeksiseera.
Ispoortii
Dursaan liigichaa humni Ibsaa Itiyoophiyaa tapha magaalaa Hawaasaa waliin taassisu  ni eegama
Nov 14, 2025 34
Sadaasa5/2018(TOI)-piriimer liigii dubartoota Itiyoophiyaatti sagantaa torban 6ffaan taphoonni lama Isataadiyeemii Abbabaa Biqilaatti gaggeeffamu. Guyyaa sa’aatii 7:00 Magaalaan Hawaasaa, Humna Ibsaa Itiyopophiyaa waliin taphatu. Magaalaan Hawaasaa liigichatti tapha shan gaggeesseen yeroo 4 yoo mo’u yeroo tokko mo’ameera. Taphichaan goolii 9 yoo lakkoofsisu goolii sadii keessummeesseera. Garichatti qabxii 12n sadarkaa 3ffaa irratti argama . Morkataansaa Humni Ibsaa Itiyoophiyaa gamasaan liigichatti taphoota gaggeesseen taphoota shan injifateera. Goolii 13 yoo lakkoofsisu golii tokko keessummeesseera. Garichatti qabxii 15 liigicha dursaa jira . Dorgammii bara Kanaan kilaboonni lama jalqabbii gaarii argisiisan taphichaan morkii walgitaa ni taassisu jedhamee eeggama . Sagantaa biroon Bunni Sidaamaa Magaalaa Finfinnee waliin guyyaa sa’aatii 9:00 taphasaanii gaggeessu. Liigichatti Bunni Sidaamaa taphoota 4 gaggeesseen yeroo tokko yoo injifatu yeroo sadii wal-qixaan adda baheera. Taphichaan bunni sidaamaa goolii shan yoo galchu, goolii sadii keessummeesseera. Garichatti qabxii 6n sadarkaa 6ffaa qabateera. Morkataansaa magaalaan Finfinnee liigichatti tapha shan gaggeesseen tokko yoo injifatu , yeroo 4 mo’ameera. Taphichaan goolii lama yoo lakkoofsisu goolii 11 keessummeesseera. Garichaan qabxii sadiin sadarkaa 13ffaa qabatee sadarkaa gad-bu’aarratti argama. Taphichaan gareewwan lameen gara daandii injifannootti deebi’uuf morkii taassisanidha.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Itiyoophiyaan jijjiirama haala qilleensaarratti bu’aa tarkaanfii waloo jajjabeessu fiduuf kutannoo qabdi-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Nov 14, 2025 21
Sadaasa 5/2018 (TOI)- Itiyoophiyaan waltajjii Koop 32 irratti jijjiirama haala qilleensaarratti bu’aa tarkaanfii waloo jajjabeessu fi qabatamaa fiduuf kutannoo akka qabdu ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad mirkaneessan. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti dabarsaniin, Itiyoophiyaan Koop 32 akka keessummeessitu hawaasni Addunyaa itti gaafatama guddaa waan nuuf kenneef kabajni nutti dhagahama jedhaniiru. Afriikaan bara 2025 konfaransii jijjiirama haala qilleensaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii (Koop 30) Biraazil irratti sagalee tokkoon dubbatteetti, Addunyaanis ishee dhaggeeffateera jedhaniiru.   Bakka bu’oota biyyoota Afriikaa gaaffii Itiyoophiyaan akka lakkoofsa faranjootaatti bara 2027 Finfinneetti Koop 32 keessummeesuuf gaafatte guutummaatti deeggaran galateeffataniiru. Rakkoowwan Jireenya namaa keessatti baay’ee barbaachisan keessaa tokko furuun akka danda’amu tattaaffii waloo gaggeessuuf carraa waan arganneef ni galateeffanna jedhaniiru. Hawaasni addunyaa itti gaafatama guddaa kana waan nuu kenneef kabajni nutti dhagahama jedhan Ministirri muummee. Beekamtii kana kutannoo cimaa Itiyoophiyaan haala qilleensaarratti qabdu, hooggansaa fi qophiilee idil addunyaa ijoo keessummeessuuf dandeettii dilbii qabdu agarsiisa jechuun cimsanii ibsaniiru. Kanaaf waltajjiin koop 32 Itiyoophiyaan keessummeessitu jijjiira haala qilleensaarratti tarkaanfii waloo kan jajjabeessu bu’aa cimaa fi qabatamaa fiduuf guutummaatti kutannoo akka qabdu mirkaneessaniiru.
Hojimaatni kunuunsa biyyee fi bishaanii gabbina biyyee guddisuun oomishaa fi oomishtummaan akka dabalu taasiseera.
Nov 14, 2025 14
Sadaasa 05/2018(TOI)-Waggoottan darban hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii hawaasa hirmaachise hojjetameen oomishaa fi oomishtummaan akka dabalu taasiseera jedhe Ministeerri Qonnaa. Bona baranaafis hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii haala gaariin hojjetamuuf haaldureewwan xumuramuu ibseera. Jijjiiramni qabeenya qilleensaa, lolaan, roobni yeroosaa eegee roobuu dhabuun, hongeenii fi dhiqamni biyyee jireenya hawaasaarratti dhiibbaa fidaa jiraachuun eerameera. Biqiloota dhaabuun; kunuunsi biyyee fi bishaanii immoo jijjiirama qilleensaa sirreessuun dhalli namaa rakkoo hamaaf akka hin saaxilamne taasisa. Imaammata kunuunsa qabeenya uumamaa Itiyoophiyaan hordoftee ashaaraa magariisaan biqiloota duulaan dhaabuun, kunuunsa qabeenya biyyee fi bishaanii waktii bonaa hojiirra oolchitu kunuunsa naannoof xiyyeeffannoo kennitee hojjechaa jiraachuu isheef ibsituudha. Ministeera Qonnaatti dursaa hojii raawwachiisaan Misooma, Kunuunsaa fi itti fayyadama qabeenya uumamaa obbo Faanosee Mokonnoon turtii Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa waliin taasisaniin akka jedhanitti qabeenyi uumamaa jireenya dhala namaa waliin walitti hidhata guddaa qaba.   Haalli jijjiirama qilleensaa, lolaan, hongeenii fi dhiqamni biyyee deebii uumamni deebisee kennu balleessaa dhalli namaa hojjetuuti jedhan. Waggoottan darban hojiin kunuunsa biyyee fi bishaaniif hawaasa hirmaachise hojjetameen fooyya’insi gaariin argamuu fi oomishnii fi oomishtummaan dabaluus kaasaniiru. Biyyattii keessatti lageen gurguddoo 12 sab beezinii 135 qaban akka jiran eeruun, yeroo ammaa bishaan sab beezinii gurguddoon dabalataa 8,903 adda baafamanii misoomfamaa akka jiran ibsaniiru obbo Faanosee Mokonnoon.   Hojiileen kunuunsa biyyee fi bishaanii waggaa waggaan sadarkaa hawaasaatti adda baafamanii hojjetamaa jiran bishaan yaa’insa xixiqqaa kuma 197 fi 843 misoomsamaa jiraachuu eeraniiru. Haaluma kanaan lafa heektaara miiliyoona 33.6 irratti hirmaannaa mootummaa fi hawaasaatiin hojiin irra deebiin misoomsuu hojjetamaa akka jirus isaniiru.   Iddoon hojii kunuunsa biyyee fi bishaanii Bonaa fi hojichaaf meeshaaleen barbaachisan adda baafamanii hojiitti galamuuf qophiin xumuramuus himameera.  
Gaaffiin Afriikaa Kadhaa miti kan nuyi barbaannu haqa haala qilleensaa fi dhiheessii Faayinaansii haqa qabeessa–Mahaamud Alii Yusuuf
Nov 8, 2025 315
Onkoloolessa 29/2018(TOI )-Afriikaan Kadhaa hin barbaaddu gaaffiin keenya haqa qabeessummaa haala qilleensaa fi dhiheessii faayinaansii haala qilleensaa jiraachuiuu qaba kan jedhudha jechuun Dura taa’aan Komishiniin Gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yusuuf iGaaffiin Afriikaa Kadhaa miti kan nuyi barbaannu haqa haala qilleensaa fi dhiheessii Faayinaansii haqa qabeessa–Mahaamud Alii Yusuuf bsan. Jijiirama haala Qilleensaaf Qooda xiqqaa kan qaban biyyoonni Afriikaa harqoota miidhaa guddaa baachuu hin qaban jedhaniiru. Yaa’iin jijiirama haala qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 30ffaan (kop-30) Sadaasa 1 hanga 12 bara 2018tti Biraazil Beelemitti gaggeeffama . Mata dureen yaa’ichaa ijoon “tarkanfii fi hojiirra oolmaan haala qilleensaa” kan jedhudha. Yaa’ii Guddaa kana dura yaa’iin hoggantoota haala qilleensaa Beelem gaggeeffameera. Dura taa’aan Gataa Afriikaa Mahaammud Alii Yusuuf yaa’icharratti haasaa taassisaniin Afriikaan gara yaa’ii kop30 tti ejjennoo cimaan dhufuushee ibsuun Ardiittiin bakka buutuu jijiiramaati jechuun dubbataniiru. Bakkeewwan madda Aannisaa aduu irraa hanga abbummaa iniveeshinii magariisaatti kan qabatte Afriikaan yeroon itti Aanu haqa qabeessa, hunda hammataa fi kaarboonii gad-lakkifamu xiqqaa akka ta’u qooda gaggeessummaashee bahaa jiraachuu ibsaniiru. Afriikaan Aannisaa haaromfamaa Addunyaa dhibbantaa 40 qabdu taatus faayinaansiin haala qilleensaa argattu dhibbantaa 12 gadi ta’uu hubachiisaniiru. Nuyi kan gaafanne tola ooltummaa miti kan jedhan dura ta’aan kun, nuyi kan gaafannu haqa qabeessummaa haala qilleensaa, faayinaansii haqa qabeessa, teekinooloojii fi dhaqqabamummaa carraawwanii ti jedhaniiru. Biyyoonni jijiirama haala qilleensaa keessatti qooda xiqqaa gumaachan harqoota guddaa baachuu hin qaban jedhaniiru. Waadaa walii galtee Addunyaa Kop-30 gara jijiiramaatti, saaxilamummaarraa gara ciminaatti cehuu akka qabu ibsuun hojiin jijiirama haala qilleensaa ittisuu yaadama michummaan, haqa qabeessummaanii fi badhaadhina waloon gaggeeffamuu akka qabu hubachiisaniiru. Yeroon Tarkaanfii Furmaata walakkaa qofa fidu fudhachuu dhumeera, amma kan barbaachisu ciminaan kan guutame fi deebii hojii waliiniiti jechuusaanii Oddeeffannoon TOI’n Gamtaa Afriikaarraa argate mul’isa.
Tattaaffiin Itiyophiyaan Balaa Lolaa Ittisuuf taasistu Balaa lolaa bu’uurarraa hir’isuuf murteessaadha
Oct 24, 2025 904
Onkoloolessa14/2018(TOI)-Tattaaffiin Itiyophiyaan Balaa qophii Lolaa Ittisuuf taassistu Balaa lolaa bu’uurarraa hir’isuuf qooda murteessaa qabaachuu Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dr. Injiinar Habtaamuu Ittafaa ibsan. Ministeerri Bishaanii fi Inarjii balaa lolaa Oomoo Gibee fi Sululawwan qinxaamaatti uumamu bu’uurarraa ittisuuf kan dandeessisu qorannoo suluulaa gaggeessuuf (Basin Level Study) dhaabbata Idil-Addunyaa(SWS) waliin sanada walii galtee mallateessaniiru. Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dr. Injiinar Habtaamuu Ittafaa fi hojii gaggeessaa fi gorsaan abbaa dhaabbata Idil-Addunyaa (SWS) Jaayan Kaarloo waliigalticha mallatteessaniiru. Ministirrichi Dr. Injiinar Habtaamuu Ittafaa wayita kana akka jedhanitti, Lolaan Qonnaa fi midhaan, Bu’uuraalee misoomaa Murteessoorratti, qabeenyawwan biroo fi jireenya namaarratti miidhaa geessisuuf furmaata waaraa fi saayinsaawaa barbaaduu qabna jedhaniiru. Balaa lolaa ittisuun kallattii xiiyyeeffannoo biyyoolessaa Mootumma ta’uu kaasuun, waggoottan sadan darban bakkeewwan biyyattii adda addaatti balaa lolaa uumaman itttisuuf hojiin bu’aa qabeessi hojjetameera jedhaniiru. Balaa lolaa ittisuuf Baankii Addunyaa waliin hojiin bal’aan hojjetamuu ibsuun, waliigalteen har’aa qophii Itiyoophiyaan balaa lolaa ittisuu gara Boqonnaa olaanaatti kan ceessisu ta’uu ibsaniiru. Oomoo Gibee fi sulula Qinxaamaatti Sadarkaa Qorannoo suluulaa taassifamu balaa lolaa bu’uurarraa hir’isuuf qooda murteessaa akka qabaatu dubbataniiru. Bal’inni Diizaayinii qorannichaa fi hojiiwwan ijaarsaaf galtee murteessaa kan ta’u yaadota furmaata gadi fagoo saayinsaawaa ta’e akka dhiheessus ibsaniiru. Hojii Gaggeessaa fi gorsaan abbaa dhaabbata Idil-Addunyaa (SWS) Jaayan Kaarloo gamasaaniin, furmaata balaa lollaa hir’isuuf dandeessisan barbaaduuf cimanii akka hojjetan dubbataniiru. Gorsaan abbaa dhaabbata Idil-Addunyaa (SWS) Qorannicha turtii yeroo waggaa tokko keessatti akka xumuru ibsaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 15334
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015