ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Itiyoophiyaan misooma industirii magariisaa fi ce'umsa anniisaa keessatti gahee adda duree taphachuu itti fufti - Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
May 12, 2026 10
Caamsaa 4/2018 (ENA): Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Itiyoophiyaan misooma industirii magariisaa fi ce’umsa anniisaa keessatti gahee adda duree taphachuu akka itti fuftu ibsaniiru. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti dabarsaniin, Yaa’ii Afriikaa Foorwaardi Keeniyaa Naayiroobii keessatti gaggeeffamaa jiru irratti muuxannoo Itiyoophiyaa kan Pireezidaanti Wiliyaam Ruutoo fi Pirezidaantii Amaanu’eel Maakroon waliin qopheessan irratti qoodaniiru. Keessattuu waltajjii marii misooma industirii magariisaa fi ce’umsa anniisaa irratti gaggeeffameen muuxannoo Itiyoophiyaa irraa yaadonni sadarkaa olaanaa akka fudhataman hubachiisaniiru. Itiyoophiyaan gama lamaan caqafaman keessatti hojii eegalte cimsuun gahee adda duree taphachuu akka itti fuftu Ministirri Muummee mirkaneessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Godina Gujiitti baatiiwwan saglan darbanitti omishni bunaa toonii kuma 18 ol gabaa gidduugaleessaaf dhihaateera
May 12, 2026 68
Caamsaa 4/2018(ENA): Naannoo Oromiyaa Godina Gujiitti bara kana baatiiwwan saglan darban bunni qulqullina isaa eeggate tooniin kumni 18 ol gabaa giddu-galeessaatti dhiyaachuusaa Waajjirri Daldalaa Godinichaa ibseera. Godinni Gujii naannolee Itiyoophiyaa keessaa buna dhandhama addaa qabu oomishuun gabaa Addunyaatiif dhiyeessan keessaa isa tokkodha. Oomishni bunaa Godinichaa baay'een isaa gaaddisa bosona uumamaa jalatti kan oomishamaa dhufe yoo ta'u, kunis bunni sun amala uumamaa (Organic) isaa utuu hin dhabiin akka guddatu gargaara. Ogeessi karooraa fi baajataa waajjira daldalaa Godinichaa obbo Darrasaa Danqoo ENA’f akka ibsanitti, bara baajataa kanatti buna toonii kuma 75 ol gara gabaa giddu-galeessaatti dhiyeessuuf karoorfamee hojjetamaa jira jedhani. Godinichatti keessatti dhiyeessitoonni bunaa 36 oomisha bunaa baay'inaa fi qulqullinaan qopheessuun gabaa giddu-galeessaatiif dhiyeessaa akka jiranis eeraniiru. Kanaanis, bara baajataa kana keessatti baatiiwwan saglan darban buna dhiqamee fi gogee qulqullina isaa eeggate tooniin kuma 18 fi 682 gara gabaa giddu-galeessaatti dhiyaachuusaa ibsaniiru. Oomishni barana gabaaf dhiyeessuuf karoorfame kun kan waggaa darbee waliin yeroo madaalamu caalmaa akka agarsiises dubbataniiru. Sadarkaa biyyaalessaatti oomisha bunaaf giddu-galeessi dhandhama bunaa Godinicha keessatti hundeeffamuu isaa ibsuun, giddu-galeessi kun qulqullinaa fi baay'ina oomisha bunaa dabaluudhaan oomishtoota biratti kaka'umsa uumuu danda'uusaa ibsaniiru. Ogeessi Misooma Bunaa fi Shaayii Waajjira Qonnaa Godinichaa obbo Birhaanuu Fayyisaa gama isaaniitiin, misooma bunaa babal'isuuf sanyiiwwan bunaa fooyya'an oomisha gaarii kennan qonnaan bultootaaf dhiyaachaa jira jedhaniiru. Bara kana keessatti oomisha kuntaala miliyoona tokkoo ol walitti qabuuf karoorfamuu isaa eeranii, misooma kanaan qonnaan bultoonni kumni 108 ol hirmaachuun fayyadamaa ta'uu isaanii addeessaniiru. Jiraataa Magaalaa Adoolaa fi oomishaa bunaa kan ta'an obbo Geetaachoo Goljaa yaada kennaniin, waggoota dhiyoo as misooma bunaa fi sirna gabaa fooyya'een fayyadamaa ta'uu isaanii ibsaniiru. Giddu-galeessi dhandhama bunaa naannoo isaaniitti hundeeffamuu isaa hordofee, oomisha bunaa baay'inaa fi qulqullinaan oomishuun gabaaf dhiyeessuudhaan fayyadamummaa diinagdee isaanii guddisuuf hojjetamaa akka jiran eeraniiru. Dhiyeessaan bunaa kan biraan obbo Eliyaas Sangaagoo, galii isaanii damee kanaan argatan guddisuuf qulqullina oomishaatiif xiyyeeffannoo kennuu isaanii dubbataniiru. Godina Gujiitti Lafti hektaarri kuma 377 ol biqiltuu bunaan dhaabbachuus ibsameera.
Naannichatti qophii filannoo walii galaa 7ffaaf haalli mijataan uumameera
May 12, 2026 118
Caamsaa 4/2018(ENA)- Naannoo Harariitti qophii filannoo walii galaa 7ffaaf haalli mijataan uumame hojii bu’a qabeessa hojjechuuf akka isaan gargaaree fi adeemsa filannichaarratti hirmaannaa cimaa taasisa akka jiran paartileen siyaasaa naannicha keessa socho’an ibsan. Paartileen siyaasaa kunneen keessumaa qophiin filannoo haqa qabeessaa fi karaa hammataa ta’een hojjetamaa jiraachuu eeranii, filannichi demokiraatawaa, haqa qabeessa, naga qabeessaa fi amanamaa akka ta’u hojjechaa akka jiran dubbataniiru. Walitti qabaa mana maree waloo paartilee siyaasaa naannoo Hararii fi qindeessituun paartii tokkummaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa Dirree Dawaa fi naannichaa adde Hasanat Muummee, haalli mijataa dorgommii filannoo uumamee fi paartileen mana maree waloo dammaqinaan akka hirmaatan haala mijataa uumeera jedhan. Paartileen kunneen keessumaa carraa miidiyaaleedhaan isaaniif kennametti gargaaramuun ijaarsa sirna demokiraasiif qoodasaanii bahaa akka jiranii fi sochii amma ammaatti taasisaniin rakkoon tokkollee akka isaan hin mudanne beeksisaniiru. Ummanni kaardii filannoo akka fudhatu gama gochuutiin akkaataa mana maree walootiin hojii bal’aa hojjechuusaanii kan ibsan ammoo paartii badhaadhinaatti daarektara ijaarsa aadaa demokiraasii waajjira dame naannoo Hararii Hasan Abdiiti. Akkaataa sagantaa boordiin filannoo baaseetiin paartileen hundi yaada filmaataa qaban karaa bilisaa fi nagaa ummata filatuuf beeksisaa akka jiran eeraniiru. Itti aanaa walitti qabaan mana maree paartilee siyaasaa naannoo Hararii fi itti aanaan walitti qabaa paartii bilisummaa fi tokkummaa naannichaa Abdulhafiiz Ahimad paartiinsaanii filannoo walii galaa 7ffaa irratti ciminaan hirmaachaa akka jiru dubbataniiru. Hojiilee filannoon duraa amma ammaatti hojjetaniin paartiinsaanii rakkoo tokko malee socho’aa akka jiru eeranii, fuulduras filannichi naga qabeessaa fi demokiraatawaa ta’ee akka xumuramu akka hojjetan ibsaniiru. Filannoo walii galaa 7faa irratti naannoo Harariitti mana maree naannoof dhuunfaaf kan dorgoman Jamaal Abbaagaroo Ahimad karaa addaddaa filannoof dadamaqsaa akka jiran dubbataniiru.
Ganna dhufu kana naannichatti lafti heektaara kuma 10 ol avokaadoodhaan dhaabama
May 12, 2026 97
Caamsaa 4/2018 (ENA): Sagantaa Ashaaraa Magariisaan Ganna dhufu kana naannichatti lafti heektaara kuma 10 ol avokaadoodhaan akka dhaabamu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksiseera. Biirichatti itti gaafatamaan damee kuduraa fi muduraa obbo Muhammadsaanii Amiin ENAtti akka himanitti, gosoota avokaadoo fooyya’aa ta’an qonnaan bultoota naannichaaf akka dhiyaatan gochuun Inishiyeetiivii Misooma Avokaadoo bu’a qabeessa taasisuuf hojjetamaa jira jedhani. Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Ganna dhufu kana gaggeeffamuuf biqiltuuwwan fuduraa gosa adda addaa kudhan qophaa’uu himaniiru. Itti dabaluunis biqiltuun avokaadoo, muuzii, zayituunaa, paappaayaa, giishxaa, burtukaana, appilii, loomii fi biqiltoonni fuduraa biroo bal’inaan qophaa’aniiru jedhani. Naannichatti oomishaa fi omishtummaa avokaadoo guddisuuf gosoota fooyya’oo fi omisha olaanaa kennan horsiisuun qophii biqiltuu irratti hojiin bal’aan hojjetamaa jira jedhan. Akkasumas naannichatti lafti heektaara kuma 80 ol ta’u hanga ammaatti biqiltuu avokaadoo idilee fi fooyya’aa ta’een uwwifamuu isaa ibsaniiru. Hojiiwwan misooma avokaadoo al-ergiif oolu guddisuun oomishaa fi oomishtummaa isaa guddisan xiyyeeffannoon addaa akka kenname eeruun, kunis kilaastaraan fi yeroo yeroon Godina, magaalotaa fi aanaalee naannichaa hunda keessatti hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Zagayyee Asfaawu Addunyaa kanarraa du’aan boqotan
May 12, 2026 103
Caamsaa 4/2018(ENA): Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa, Zagayyee Asfaawu, addunyaa kanarraa du’aan boqochuu isaanii Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa beeksiseera. Komishinichi du’a Komishinar Zagayyee Asfaawutti gadda jabaa itti dhaga’ame ibseera. Komishinichi maatii isaaniif, firoottan isaaniif, akkasumas guutummaa hawaasa komishinichaatiif jajjabina hawweera.
Siyaasa

Itiyoophiyaa fi Ameerikaan marii dhimma biyyoota lameenii irratti mari’atan
May 12, 2026 138
Caamsaa 4/2018 (ENA): Itiyoophiyaa fi Ameerikaan hariiroo biyyoota lamaanii daran cimsuuf Waashingitan DCtti marii gaggeessan. Jilli Ministira Dhimma Alaa Dr. Geediyoon Ximootiyoosiin durfamuu fi Gorsaa Dhimma Diinagdee Ministira Muummee Ambaasaaddar Girmaa Birruu fi Daarektarri Olaanaa Tajaajila Nageenyaa fi Odeeffannoo Biyyaalessaa Jenaraal Ambaasaaddar Reedwaan Huseen dabalatee gita isaanii Ameerikaa waliin mari’ataniiru. Mariin caasaa biyyoota lamaanii Itiyoophiyaa fi Ameerikaan gaggeeffame kun mata dureewwan sadii irratti kan xiyeeffatu yoo ta’u isaaniis: badhaadhina dinagdee, daldalaa fi invastimantii; ittisaa fi nageenya; akkasumas nagaa fi tasgabbii naannoodha. Mariin caasaa biyyoota lamaanii kun hariiroo biyyoota lamaanii haala itti fufiinsa qabuun kan cimsu ta’uu odeeffannoon Ministeera Dhimma Alaa ni ibsa. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Waggoota shanan darban walitti fufinsaan hojiiwwan hojjetamaniin dubartoota bu’uura badhaadhinaa biyyattii taasisuu dandeenyeerra-Aadde Adaanech Abeebee
May 10, 2026 762
Caamsaa 2/2018 (ENA): Waggoota shanan darban walitti fufinsaan hojiiwwan hojjetamaniin dubartoota bu’uura badhaadhinaa biyyattii taasisuu dandeenyeerra jedhani kantiibaan magaalaa Finfinee Aadde Adaanech Abeebee. Kantiibaan kun kana kan ibsan duula filannoo Paartii Badhaadhinaa dubartoonni qofti irratti hirmaatan irrattidha. Waltajjii adda ta’e kana irratti kaadhimtoonnii fi deeggartoonni paartichaa kutaa magaalota hundarraa hirmaataniiru. Kantiibaan magaalattii aadde Adaanech Abeebeen ergaa waltajjicharratti dabarsaniin, hirmaannaa guutuu fi fayyadamummaa dubartootaa malee badhaadhina biyyattii mirkaneessuun waan hin yaadamne ta’uu dubbataniiru. Waggoota shanan darban keessatti dubartoota irratti xiyyeeffachuun hojiin hojjetame milkaa’inoonni gurguddaa galmaa’uu danda’eera jedhan. Kantiibaan kun dubartoonni dhaabbilee ijoo magaalattii keessatti haala bu’a qabeessa ta’een hoogganaa akka jiran kan himan yoo ta’u, kunis dhimma hirmaannaa qofa osoo hin taane qabatamaan bu’a qabeessummaa isaanii kan mirkaneessedha jedhani. Dubartoonni gama carraa hojii uumuun haalaan fayyadamoo taasisuuf hojiin bu’a qabeessa ta’e hojjetameera jedhan. Imalli gara badhaadhinaatti taasifamu kan duubatti hin deebine ta’uu kan eeran kantiibaan kun, siyaasni dhaabichaa olola duwwaa osoo hin taane bu'aa qabatamaan hojii bu’a qabeessa kan hojjetu ta’uu dubbataniiru. Waggoota darban keessatti hojiiwwan gurguddoon magaalicha keessatti faayidaa dubartootaaf jecha hojjetamaa turan kabajaa fi iddoo guddaa dhaabichi dubartootaaf kenne kan mul’isu ta’uus himaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Duulli filannoo dubartoonni Paartii Badhaadhinaa irratti Hirmaatan gaggeeffame
May 10, 2026 401
Caamsaa 2/2018 (ENA): Duulli filannoo dubartoonni Paartii Badhaadhinaa qofti irratti hirmaatan gaggeeffameera. Sagantaan kun hojiiwwan gurguddoo waggoota shanan darban magaalattii keessatti fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuuf hojjetamaa turan ibsameera. Keessattuu hojiin fayyadamummaa hunda galeessa dubartootaa mirkaneesses ibsameera. Sagantaa addaa kana keessatti, Miseensa Hojii Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa fi Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee dabalatee kaadhimamtoonni Paartii Badhaadhinaa fi deeggartoonni paartii kutaa magaalota hundarraa walitti dhufan hirmaataniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI
Waggoota shanan darban keessatti hojiiwwan qindoomina qabu hojjechuun dandeettii dubartootaa guddisuun agarsiiftuu badhaadhina amansiisaa akka ta’an taasifneerra - obbo Mogas Baalchaa
May 10, 2026 379
Caamsaa 2/2018 (ENA): Waggoota shanan darban keessatti hojiiwwan qindoomina qabu hojjechuun dandeettii dubartootaa guddisuun agarsiiftuu badhaadhina amansiisaa akka ta’an taasifneerra jedhan Hogganaan Paartii Badhaadhinaa Damee Finfinnee obbo Mogas Baalchaa. Kana kan ibsan duula filannoo Paartii Badhaadhinaa dubartoota qofti irratti hirmaatan irratti dha. Sagantaa kana irratti Miseensa Hojii Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa fi Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee kan ta'an aadde Adaanech Abeebee fi deeggartoonni kutaa magaalaa hundarraa walitti dhufan argamaniiru. Itti Gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa Damee Finfinnee obbo Mogas Baalchaa haasaa waltajjii kanarratti taasisaniin, qajeelfama ijoo yaada ida’amuu dandeettii hunda qindeessuun ijaarsa biyyaaf itti fayyadamuu akka ta’e hubachiisaniiru. Haaluma kanaan waggoota shanan darban keessatti hojiiwwan adda addaa fayyadamummaa hunda galeessa dubartootaa mirkaneessan milkaa’inaan raawwatamuu ibsaniiru. Imala badhaadhinaa keessatti dubartoonni humna murteessaa fi kan bakka hin buufamne ta’uu dhaabichi cimsee kan amanu dha kan jedhan obbo Mogas, dubartoota dhaabbilee mootummaa ijoo keessatti ramaduu irratti jijjiiramni guddaan taasifameera jedhani. kanaan itti gaafatamummaa isaaniif kennameen bu’aa dinqisiisaa galmeessisaa akka jiranis himaniiru. Bu’aawwan kunneen bu’aa siyaasaa qofaaf osoo hin taane, qabatamaan badhaadhinni hirmaachisaa ta’uu agarsiisa jedhani. Kunis jireenya dubartootaa kan jijjiire ta’uu himaniiru. Waltajjicharratti hojiiwwan gurguddoo fi bu’aa ba’ii hojii dubartoota magaalichaa waggoota shanan darban keessatti fayyadamummaa dubartootaatiif hojjetamaa turan irratti bal’inaan mari’atameera. #Ena Afaan Oromoo #TOI
Jilli waloo Gamtaa Afriikaa fi COMESA Obbo Dammaqaa Mokonnoniin durfamu Zaambiyaatti haala filannoo duraa ilaale
May 9, 2026 654
Caamsaa 1/2018(ENA) -Jilli waloo Gamtaa Afriikaa fi COMESA Obbo Dammaqaa Mokonnoniin durfamu Zaambiyaatti haala filannoo duraa ilaaleera. Itti Aanaan Ministira Muummee fi Ministirri Dhimma Alaa Itiyoophiyaa duraanii Obbo Dammaqaa Mokonnon, Ebla 26 hanga 30 bara 2018tti Zaambiyaatti daawwannaa hojii taasisaniiru. Turtiisaaniin jila waloo gamtaa Afriikaa fi ‘COMESA’ filannoon duraa fi qorannoo fedhii Filannoo walii galaa Zaambiyaa Hagayya bara 2018 gaggeeffamuuf dursee hundeeffame dura taa’aa ta’uun gaggeessaniiru. Obbo Dammaqaa Mokonnonii fi jilli miseensota Gamtaa Afriikaa fi COMESA irraa walitti babba’an qooda fudhattoota filannoo fi bulchiinsa gaarii waliin marii taasisaniiru. Mariwwan kanaan Ministeera Dhimma Alaa fi Tumsa Idil-addunyaa Zaambiyaa, Komishinii Filannoo Zaambiyaa, ministeerota mootummaa dhimmi ilaallatu, bakka bu’oota paartilee mormituu, Barreessaa Ol-aanaa COMESA, mishinoota dippilomaasii, dhaabbilee sivilii fi qaamoleen biroo dhimmi ilaallatu hirmaataniiru. Mariin kun dhimma ijoo haala filannoon dura Zaambiyaa keessa jiru akkasumas qophaa'ummaa dhaabbilee raawwachiiftu filannoo sakatta'uu irratti xiyyeeffateera. Dabalataanis, filannoon Hagayya 2018 gaggeeffamu nagaa, amanamaa, ifa fi hirmaachisaa akka ta'uuf carraaqqiiwwan taasifamaa jiran irratti mariin bal'aan taasifameera.

Hawaasummaa
Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Zagayyee Asfaawu Addunyaa kanarraa du’aan boqotan
May 12, 2026 103
Caamsaa 4/2018(ENA): Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa, Zagayyee Asfaawu, addunyaa kanarraa du’aan boqochuu isaanii Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa beeksiseera. Komishinichi du’a Komishinar Zagayyee Asfaawutti gadda jabaa itti dhaga’ame ibseera. Komishinichi maatii isaaniif, firoottan isaaniif, akkasumas guutummaa hawaasa komishinichaatiif jajjabina hawweera.
Pirojektiin bishaan dhugaatii qulqulluu Godina Hararge Bahaa magaalaa Dadar keessatti ijaarame xumuramee tajaajilaaf dhiyaate
May 12, 2026 79
Caamsaa 4/2018 (ENA): Fedhii bishaan dhugaatii qulqulluu magaalaa Dadar fi hawaasa naannoo Godina Hararge Bahaa haala itti fufiinsaan guutuuf birrii biiliyoona tokkoo oliin kan ijaarame xumuramee tajaajilaaf dhiyaateera. Pirojektiin bishaan dhugaatii qulqulluu kun jiraattota kuma 100 ol fayyadamoo akka taasisus ibsameera. Eebba pirojektii bishaan dhugaatii qulqulluu kanarratti Hoggantuun Biiroo Lafa Naannoo Oromiyaa aadde Masarat Asaffaa fi Itti Aantuu Pireesidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Hararii aadde Roozaa Umarii fi hoggantoonni biroo argamaniiru. Hogganaan Waajjira Bishaanii fi Inarjii Godina Harargee Bahaa obbo Jamaal Hasan akka ibsanitti, damee bishaan dhugaatii Godinicha keessatti hojiin bu’a qabeessa ta’e hojjetamaa ture jedhani. Pirojektoonni bishaanii Godinicha keessatti ijaaramaa jiran yeroon xumuramuu fi tajaajilaaf qophaa’uu isaanii mirkaneessuuf hoggansi itti dhiyeenyaan hordofuu ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Itiyoophiyaan dhaloota boruuf qophaa’e ijaaruuf inisheetiivota ijoollummaan duraa seeraa fi imaammataan deeggaraman hojiirra oolchaa jirti
May 11, 2026 422
Caamsaa 3/2018(ENA) - Itiyoophiyaan dhaloota boruuf qophaa’e ijaaruuf inisheetiivota ijoollummaan duraa seeraa fi imaammataan deeggaraman hojiirra oolchaa akka jirtu Itti Aanaan Ministira Muummee Obbo Tamasgeen Xurunaa ibsan. Itti Aanaan Ministira Muummee yaa’ii Idil-Addunyaa ijoollummaan duraa (Early Childhood) Addis ifatti bananiiru. Itiyoophiyaan hojiiwwan misooma nama irratti xiyyeeffatan hojiirra oolchaa jirtu keessaa sagantaan ijoollummaan duraa isa tokko ta’uu ibsaniiru. Mootummaan guddina waligalaa fi eegumsa daa’immaniitiif hojiiwwan seeraa fi imaammataan deeggaraman raawwachaa akka jiru eeraniiru. Imaammata misoomaa fi barnoota ijoollummaan duraa biyyaalessaa bara 2015 fooyya’ee ragga’e, akkasumas, Labsii Barnootaa waliigalaa bara 2017 ragga’e bu’uura godhachuun, Manneen Barnootaa sadarkaa tokkoffaan duraa kuma 35 ol ta’an guutuu biyyattii keessatti hojiirra oolaa jiru jedhaniiru. Dhaabbilee mootummaa keessatti giddugalonni kunuunsa daa’immanii banamanii tajaajila kennaa jiru kan jedhan Itti aanaan Ministira Muummee, Itiyoophiyaan sagantaa biyyaalessaa guddaa nageenya daa’immanii fooyyessuuf dandeessisu eegaluu ishee kaasaniiru. Sagantaa Wadaa Saqoxaatiin karoorri waggaa 15 qophaa’ee, hanqina guddinaa daa’imman waggaa lamaa gadii irratti gahu bara 2022tti gara zeerootti fiduuf (dhabamsiisuuf) hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, sagantaa Maaddii guutuu fi oomishtummaan nyaata madaalawaa milkaa’ina kanaaf shoora guddaa qabu jedhaniiru. Keessattuu, miidhaa daa’immanii hir’isuu fi fayyummaa ijoollee dabaluu keessatti dandeessisaa akka jiran ibsaniiru. Itiyoophiyaan waadaawwan galma misooma itti fufiinsaa fi eegumsa mirga daa’immaniitiif seente gara hojiitti hiikaa akka jirtu eeruun; kunis cimee akka itti fufu akeekaniiru. Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti, kutannoo hoggansi qabuun, inisheetiivonni tarsiimoo guddina hunda galeessa daa’immanii irratti xiyyeeffatan qophaa’anii hojiirra oolaa akka jiran ibsaniiru. Hojiin ijaarsa dhalootaa murteessaan kun fakkeenyummaa Magaalaa Finfinneetiin eegalamee guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru eeraniiru. Mootummaan badhaadhina mirkaneessuuf misooma ijoollummaan duraa qindaa’aa guutuu biyyattii keessatti babal’isuuf kutannoo guutuu qabaachuus mirkaneessaniiru. Bajata barbaachisaa ramaduun sadarkaa Manneen Barnootaa fooyyessuu fi sagantaa soorata barattootaa babal’isuun bu’aan akka argame eeraniiru. Bakkeewwan ispoortii fi ijoolleen qaamaa fi sammuun itti dagaagan naannoo hundaatti ijaaruun, misooma koriidariitiin bakkeewwan ijoolleef mijatoo ta’an uumamaa akka jiranis ibsaniiru. Ijoollee irratti hojjechuun boru biyya, Ardii fi Addunyaa keenya irratti hojjechuudha waan ta’eef, xiyyeeffannaan itti fufuu qaba jedhaniiru.
Diinagdeen dijitaalaa Itiyoophiyaa sirna fayyaa ammayyeessuun gumaacha olaanaa taasisaa jira
May 11, 2026 273
Caamsaa 3/2018 (ENA): Diinagdeen dijitaalaa Itiyoophiyaa sirna fayyaa ammayyeessuun gumaacha olaanaa taasisaa jira jedhan Ministirri Fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa. Ministeerri Fayyaa Caamsaa 3 hanga 7/2018 kan turu torbee Odeeffannoo Fayyaa Biyyaalessaa fi kalaqa Fayyaa Dijitaalaa 5ffaa mata duree “Kalaqa Fayyaa dijitaalaa irratti invasti gochuun Kalaqa Fayyaa Dijitaalaa guddisuu” jedhuun marii gaggeessaa jira. Sirna kanarratti hoggantoonni Ministeera Fayyaa fi dhaabbilee dhimmi ilaallatu, hoggantoonni biiroolee fayyaa naannolee, bakka bu’oonni yuunivarsiitii, dhaabbileen ogummaa fi waldaalee siivikii argamaniiru. Ministirri Ministeera Fayyaa Doktar Maqdas Dhaabaa wayita sana akka himanitti, hojiirra oolmaan Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2025 sirna odeeffannoo damee fayyaa ammayyeessuun bu’uura kaa’eera jedhani. Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2030 sirna fayyaa dijitaalaa cimsuu irrattis kan xiyyeeffatu dha jedhani. Diinagdeen dijitaalaa Itiyoophiyaa damee fayyaa ammayyeessuuf gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu ibssaniiru. Sirni odeeffannoo utubaawwan damee fayyaa shanan keessaa tokko ta’uu eeraniiru. Raawwii damichaa fi fooyya’iinsa fayyaa hawaasaa keessatti odeeffannoon fayyaa cimaa fi fayyaan dijitaalaa ga’ee olaanaa qaba jedhan. Sirna fayyaa hunda galeessa diriirsuu fi galmoota misooma itti fufiinsa qabu galmaan ga’uuf fayyaan dijitaalaa murteessaa ta’uus ibsaniiru. Fayyaan dijitaalaa bu’aa jajjabeessaa galmeessisuu kan himan Ministirri kun, meeshaaleen fayyaa dijitaalaa 47 ol akka biyyaatti hojiirra ooluu isaanii hubachiisaniiru. Dhaabbileen fayyaa kuma 3 fi 500 ol ‘Health Net’ waliin walitti hidhamiinsa uumuu fi dhaabbileen 227 ol adeemsa odeeffannoo dhukkubsattootaa sirna elektirooniksii keessatti hammachuu hojiirra oolchuu isaanii kaasuun isaanii ni yaadatama. Yuunivarsiitiiwwan misooma humna namaa, qorannoo fi kalaqa keessatti gahee ijaarsaa taphachuu, odeeffannoo fayyaa dijitaalaa cimsuuf hojjechuu akka qabanis eeraniiru. Sagantaan Torbee Odeeffannoo Fayyaa Biyyaalessaa fi Fayyaa Dijitaalaa 5ffaan ga’ee jijjiirama dijitaalaa damee fayyaa keessatti itti fufiinsa qabuuf gumaacha olaanaa akka taasisus hubachiisaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Diinagdee
Godina Gujiitti baatiiwwan saglan darbanitti omishni bunaa toonii kuma 18 ol gabaa gidduugaleessaaf dhihaateera
May 12, 2026 68
Caamsaa 4/2018(ENA): Naannoo Oromiyaa Godina Gujiitti bara kana baatiiwwan saglan darban bunni qulqullina isaa eeggate tooniin kumni 18 ol gabaa giddu-galeessaatti dhiyaachuusaa Waajjirri Daldalaa Godinichaa ibseera. Godinni Gujii naannolee Itiyoophiyaa keessaa buna dhandhama addaa qabu oomishuun gabaa Addunyaatiif dhiyeessan keessaa isa tokkodha. Oomishni bunaa Godinichaa baay'een isaa gaaddisa bosona uumamaa jalatti kan oomishamaa dhufe yoo ta'u, kunis bunni sun amala uumamaa (Organic) isaa utuu hin dhabiin akka guddatu gargaara. Ogeessi karooraa fi baajataa waajjira daldalaa Godinichaa obbo Darrasaa Danqoo ENA’f akka ibsanitti, bara baajataa kanatti buna toonii kuma 75 ol gara gabaa giddu-galeessaatti dhiyeessuuf karoorfamee hojjetamaa jira jedhani. Godinichatti keessatti dhiyeessitoonni bunaa 36 oomisha bunaa baay'inaa fi qulqullinaan qopheessuun gabaa giddu-galeessaatiif dhiyeessaa akka jiranis eeraniiru. Kanaanis, bara baajataa kana keessatti baatiiwwan saglan darban buna dhiqamee fi gogee qulqullina isaa eeggate tooniin kuma 18 fi 682 gara gabaa giddu-galeessaatti dhiyaachuusaa ibsaniiru. Oomishni barana gabaaf dhiyeessuuf karoorfame kun kan waggaa darbee waliin yeroo madaalamu caalmaa akka agarsiises dubbataniiru. Sadarkaa biyyaalessaatti oomisha bunaaf giddu-galeessi dhandhama bunaa Godinicha keessatti hundeeffamuu isaa ibsuun, giddu-galeessi kun qulqullinaa fi baay'ina oomisha bunaa dabaluudhaan oomishtoota biratti kaka'umsa uumuu danda'uusaa ibsaniiru. Ogeessi Misooma Bunaa fi Shaayii Waajjira Qonnaa Godinichaa obbo Birhaanuu Fayyisaa gama isaaniitiin, misooma bunaa babal'isuuf sanyiiwwan bunaa fooyya'an oomisha gaarii kennan qonnaan bultootaaf dhiyaachaa jira jedhaniiru. Bara kana keessatti oomisha kuntaala miliyoona tokkoo ol walitti qabuuf karoorfamuu isaa eeranii, misooma kanaan qonnaan bultoonni kumni 108 ol hirmaachuun fayyadamaa ta'uu isaanii addeessaniiru. Jiraataa Magaalaa Adoolaa fi oomishaa bunaa kan ta'an obbo Geetaachoo Goljaa yaada kennaniin, waggoota dhiyoo as misooma bunaa fi sirna gabaa fooyya'een fayyadamaa ta'uu isaanii ibsaniiru. Giddu-galeessi dhandhama bunaa naannoo isaaniitti hundeeffamuu isaa hordofee, oomisha bunaa baay'inaa fi qulqullinaan oomishuun gabaaf dhiyeessuudhaan fayyadamummaa diinagdee isaanii guddisuuf hojjetamaa akka jiran eeraniiru. Dhiyeessaan bunaa kan biraan obbo Eliyaas Sangaagoo, galii isaanii damee kanaan argatan guddisuuf qulqullina oomishaatiif xiyyeeffannoo kennuu isaanii dubbataniiru. Godina Gujiitti Lafti hektaarri kuma 377 ol biqiltuu bunaan dhaabbachuus ibsameera.
Fooyyessi dinagdee gooroo qulqullinnii fi qaqqabamni tajaajila Saafaarii koom Itiyoophiyaa akka cimu gumaacha guddaa gumaachaa jira
May 11, 2026 329
Caamsaa 3/2018(ENA)- Fooyyessi dinagdee gooroo mandhalee qulqullinnii fi qaqqabamni tajaajila Saafaarii koom Itiyoophiyaa akka cimu gumaacha guddaa gumaachaa jiraachuu hojii raawwachiisaan olaanaa kaampaanichaa Wiim Vanheeleeputee ibsan. Saafaariikoom Itiyoophiyaan raawwii hojii Bitootessa 23 bara 2017 kaasee amma Bitootessa 22 bara 2018tti jiru ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kenneera. Hojii raawwachiisaan olaanaan Saafaariikoom Itiyoophiyaa Wiim Vanheeleeputee ibsa kennaniin, biyyoota addunyaarraa guddina si’ataa galmeessisaa jiran keessaa Itiyoophiyaan ishee tokkodha jedhaniiru. Kanaaf ammoo sagantaan fooyyessa dinagdee gooroo mandhalee guddina si’achiisuudhaan qooda olaanaa bahachaa jira jedhaniiru. Guddina dinagdee si’ataa fi sirrii Itiyoophiyaan galmeessisaa jirtu keessatti invastimantiitti hirmaachuun gammachiisaa ta’uu eeranii, bu’aaleen agarsiiftuu dinagdee gooroo invastimantii jajjabeessuun dirree misoomaa mijataa uumuusaa dubbataniiru. Jijjiiramoonni to’annoo onnachiisoon damee telekoomiin dhufuusaanii eeranii, kun ammoo baay’ina maamiltoota Saafaariikoom kan guyyaa 90 miiliyoona 13 tuqaa 6’n gahuun danda’amuusaa himaniiru. Kun kan bardheengaddaa yeroo wal fakkaataan yoo madaalamu guddina dhibbantaa 54 tuqaa 2 galmeessisuusaa ibsaniiru. Baay’inni fayyadamtoota Emmi Peessaa (M-PESA) miiliyoona 5 tuqaa 2 kan gahe yoo ta’u maallaqni appilikeeshinii isaatiin deddeebi’e birrii biiliyoona 32 tuqaa 5 gahuusaa ibsaniiru. Tajaajilli daataa moobaayilii galii waggaarratti qooda olaanaa qabachuudhaan guddina cimaa agarsiisuusaa dabaluun eeraniiru. Bara bajataa 2026 xumurametti galii birrii biiliyoona 15 tuqaa 9 kan argate ta’uu fi kun ammoo guddina dhibbantaa 130 tuqaa 9 akka qabu himaniiru.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad daarektara olaantuu dhaabbata maallaqaa addunyaa waliin mari’atan
May 11, 2026 317
Caamsaa 3/2018 (ENA)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad daarektara olaantuu dhaabbata maallaqaa addunyaa (IMF) Kiristaaliinaa Jorjiyevaa waliin mari’ataniiru. Marii Kanaan, guddina dinagdee, tumsaa fi dhimmoota waloo dursi kennamuuf irratti marii bal’aa gochuusaanii ministirri muummee fuula miidiyaa hawaasaa isaaniirratti beeksisaniiru. Yaada gaarii wal jijjiirree fi tumsa itti fufiinsa qabuuf galata guddaan qaba jedhaniiru.
Fedhii misoomaa ummataa guutuuf hojiileen adda addaa hojjetamaa jiru - Pireesidaanti Musxafee Mahaammad
May 10, 2026 502
Caamsaa 2/2018 (ENA): Bu’uuraalee misoomaa fi fedhii misoomaa ummataa haala itti fufiinsa qabuun guutuuf naannoo Somaalee keessatti pirojektoonni misoomaa adda addaa hojjetamaa akka jiran pireezidaantiin Bulchiinsa Naannichaa obbo Musxafee Mahaammad ibsani. Obbo Musxafee Mahaammad ijaarsa piroojektii bishaan dhugaatii qulqulluu magaalaa Qebridaharitti Birrii miiliyoona 407’n ijaaramu eegalchiisani. Haasaa pirojekticharratti taasisaniin obbo Musxafeen akka jedhanitti; Mootummaan naannichaa bu’uuraalee misoomaa fayyadamummaa ummataa mirkaneessan babal’isuuf xiyyeeffannoo guddaa kennaa jira. Jijjiirama mootummaa argameen booda naannichatti boolli bishaan gadi fagoo 370 ol qotamuu ibsuun, magaalonni 20 ummata baay’ee qaban bishaan dhugaatii qulqulluu argachuu isaanii eeraniiru. Kunis uwwisa bishaanii naannichaa dhibbeentaa 19 irraa gara dhibbeentaa 52tti ol guddachuu isaa ibsaniiru. Jijjiirama kanaan dura naannichatti hospitaalonni sagal qofa akka turan hubachiisuun, hospitaalota hunda keessatti hojiin babal’ina hojjetamuu fi hospitaalonni dabalataa 12 akka haaraatti ijaaramuu isaanii himaniiru. Xiyyeeffannoo daandii irratti kennameen, ijaarsa daandii magaalota qulqullina qabu Jigjigaa, Degehabur, Godee fi Qabridehaar keessatti hojjetamuun alatti, erga jijjiiramni dhufee as baadiyyaatti zoonii hunda keessatti daandiiwwan kuma lamaa ol ijaaramuu isaaniis ibsaniiru. Kunis hojii daldalaa ummataaf haala mijeessaa jira jedhan. Naannichatti qaqqabummaa barnootaa babal’isuuf manneen barnootaa 700 ol kan ijaaraman yoo ta’u, kana keessaa manneen barnootaa 100 sadarkaa lammaffaa ta’uu ibsaniiru. Xiyyeeffannoo misooma magaalaa fi damee qonnaaf kennameen mootummaan naannichaa jijjiirrama kanaan dura lafa qonnaa heektaara kuma 300 ture gara heektaara miiliyoona 1.5 ol guddiseera jedhani Pireesidaantiin naannichaa gama misoomaa biroo keessattis naannichi erga jijjiiramni dhufee hojiilee ummata fayyadamoo ta’an hedduu raawwachuu isaa ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Saayinsii fi teeknooloojii
Yuunivarsiitichi beekumsa Mandhaalee qorannoo saayinsawaa waliin walitti hidhuun fayyadamummaa qonnaan bultootaa guddisuuf hojjechaa jira
May 7, 2026 651
Ebla 29/2018(ENA): Yuunivarsiitiin Madda Walaabuu beekumsa mandhaalee qorannoo saayinsawaa waliin walitti hidhuun fayyadamummaa qonnaan bultootaa guddisuuf xiyyeeffannoo kennuu isaa beeksise. Yuunivarsiitichi beekumsa mandhaalee qonnaan bultootaa qorannoo saayinsawaa waliin walitti hidhuuf kan kaayyefatee fi gosa isaatiin adda kan ta'e konfiraansii qorannoo qonnaan bultootaa geggeesseera. Yuunivarsiitichi beekumsa mandhaalee qonnaan bultootaa qorannoo saayinsawaa waliin walitti hidhuu kan kaayyeffatee fi gosa isaatiin adda kan ta'e konfiraansii qorannoo qonnaan bultootaa geggeesseera. Sagantichiratti Pireezidaantiin Yuunivarsiitichaa Dr. Birhaanamasqal Xannaa akka jedhanitti, dhaabbatichi hojii baruu fi barasiisuu cinaatti tajaajila hawaasummaa irratti xiyyeeffannoo guddaadhaan hojjechaa jira. Yuunivarsiitichi qaamolee dhimmi ilaallatu biroo waliin ta’uun oomishtummaa qonnaan bultootaa fooyyessuuf galteewwan qonnaa fi hoj maata fooyya’an dhiyeessuun gahee isaa bahaa jiraachuu eeraniiru. Konfiraansiin kun keessattuu qonnaan bultoonni beekumsa uumamaa fi muuxannoodhan argatan gara waltajjiitti fiduun beekamtii kennuufi galtee hojii qorannoo gara fuulduraatiif akka ta'uuf yaadamee kan qophaa'e ta’uu ibsaniiru. Dabalataanis, waltajjiin kun qonnaan bultoota, qorattootaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu gidduutti riqicha qunnamtii cimaa uumuun muuxannoo wal-jijjiiruuf carraa kenna jedhaniiru. Ogummaawwan mandhaalee saayinsii qonnaa ammayyaa waliin qindeessuun qulqullinaa fi baay’ina oomishaa guddisuuf gahee qabaachuu isaas ibsaniiru. Itti Aanaan Walitti qabaa boordii Yuunivarsiitichaa Piroofeesar Balaay Sima’aanii ergaa gama intarneetiitiin dhaamsa dabarsaniin, hojii baruu fi barsiisuu cinaatti keessattuu qonnaan bultoota hojmaata qonnaa ammayyaa madaqsuun hojiin hojjetamaa jiru jajjabeessaa fi itti fufuu kan qabudha jedhaniiru. Keessattuu, qonnaan bultoonni beekumsa mandhaalee qaban gara waltajjiitti fiduun muuxannoo akka wal-jijjiiraniif konfiraansiin qorannoo qophaa'e kun adda ta'uu isaa eeraniiru. Waltajjiin kun keessattuu galma biyyaalessaa birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf qabame akka milkaa’uuf,beekumsa mandhaalee qorannoo ammayyaa waliin walitti hidhuuf hojii jalqabame ni cimsa jedhaniiru. Waltajjiin kun qonnaan bultoonni adda dureen gama qonnaa, Horsiisa Loonii fi dameelee birootiin muuxannoo isaanii dhiyeessuun qonnaan bultoota birootiif akka qoodan carraa kan uumudha. Dabalataanis, qorattoonni beekumsa mandhaalee qonnaan bultootaa irratti qorannoo gaggeessuuf galtee akka argatan ni taasisa jedhaniiru. Konfiraansii kana irratti qonnaan bultoonni, qorattoonni, bakka bu’oonni Biiroo Qonnaa Oromiyaa kan hirmaatan yoo ta’u, agarsiisni oomisha qonnaan bultootaas gaggeeffameera
Hirmaattonni Yaa’ii Dhiibbaa Uumtota Miidiyaa Hawaasaa Afriikaa jalqabaa Inistitiyuutii Hubannoo namtolechee Itiyoophiyaa daawwachaa jiru
May 7, 2026 377
Ebila29/2018(ENA):Hirmaattonni Yaa’ii dhiibbaa uumtoota miidiyaa hawaasummaa Afrikaa jalqabaa Inistiitiyuutii hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa daawwachaa jiru. Yaa’iin dhiibbaa uumtoota miidiyaa hawaasummaa Afrikaa kan jalqabaa (ASMIS 2026), dhugaa Afrikaa Addunyaatti beeksisuufi dhimma diijitaalaa abbummaan geggeessuuf kaayyeffate, Finfinnee Yaadannoo Injifannoo Adwaatti har'aafi boru ni geggeeffama. Yaa’icharratti hirmaachuuf dhiibbaa uumtonni 61 biyyoota Afrikaa 30 irra walitti babba'anii fi hordoftoota miidiyaa hawaasummaa miliyoona 321 ol qaban Finfinnee seenaniiru. Dabalataanis, qabiyyee uumtonni Itiyoophiyaa 120 hordoftoota miliyoona 150 qaban waliin qindoomuun,Finfinnee wiirtuu Dippiloomaasii Addunyaa taate keessatti seenaa dijitaalaa haaraa barreessuuf qophaa'aniiru. Kanaanis, qaama yaa’ichaa kan ta’e daawwannaan kun kan jalqabaa yoo ta’u, Finfinneenis hojiiwwan ishee teessoo Afrikaa ta'uushee waliin wal gitu ni daawwachiifti. Yaa’icha mataduree "Dhiibbaa uumtoota Afrikaa fooyya'eef" yaada jedhuun Palsi of Afrikaa (Pulse of Africa) fi Intarpiraayizii Teeknoolojii A.G.A waliin qindoomuun kan qophaa'edha. Yaa’iin Dhiibbaa Uumtoota Miidiyaa Hawaasummaa Afrikaa dhiibbaa uumtoota miidiyaa hawaasummaa itti gaafatamummaa qaban jajjabeessuuf, Dinagdee Dijitaalaa cimsuuf, walta'iinsa uumuufi Finfinnee wiirtuu aadaafi dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffatedha.
Tajaajilli dijitaalaa hoj maata ammayyummaa dhugoomsaa jira
May 7, 2026 371
Ebla 29/2018 (ENA): Biiroon Misooma Innooveeshinii fi Teeknooloojii Magaalaa Finfinnee sirna tajaajila dijitaalaa ammayyeessuun, malaammaltummaa ittisuu fi oomishtummaa guddisuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jiraachuu beeksise. Itiyoophiyaan sagantaa haaromsa diinagdee biyya keessaatiin teeknooloojii akka madda ijoo misooma itti fufiinsa qabuutti fayyadamuuf xiyyeeffannoo addaatiin hojjechaa jirti. Kanarraa kan ka’e pirojektoonni damee dijitaalaa dinagdee sochoosan milkaa’inaan hojiirra oolaa jiru. Keessattuu waltajjiiwwan akka tajaajila wiirtuu tokkoo ( Masoob), waraqaa eenyummaa dijitaalaa (Faayidaa) fi Itiyoo koodarsii hundeessuun akkasumas fayyadamni interneetii dabaluun jijjiirama biyyaalessaaf bu’aa guddaa qaba. Bu’aawwan teeknooloojii kunneen sirna kaffaltii moobaayilaa fi daldala elektirooniksii sirreessuu keessatti bu’aa olaanaa galmeessisuun fayyadamtoonni yeroo fi maallaqa qusachaa akka jiran ibsameera. Itti aanaan itti gaafatamaa Biiroo Innooveeshinii fi Misooma Teeknooloojii Magaalaa Finfinnee Dr. Tulluu Xilahuun akka jedhanitti; Teeknooloojiin adeemsa ammayyeessuun, malaammaltummaa ittisuu fi oomishtummaa guddisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Karoora tarsiimoo waggaa saddeet Finfinnee magaalaa ismaartii taasisuuf qophaa’een misooma koridaraa fi bashannana irratti hojiin bu’a qabeessa ta’e hojjetamuus eeraniiru. Galmi guddaan ijaarsa magaalaa ismaartii magaalattii jiraattotaa fi daawwattootaaf mijataa fi hawwataa taasisuu ta’uu ibsuun, kunis kan mirkanaa’u yeroo tajaajilli fi bu’uuraaleen misoomaa teeknooloojiin deeggaraman ta’uu ibsaniiru. Hojiiwwan teeknooloojii milkaa’oo magaalattii keessatti hojjetaman kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee dorgommii hoggansa magaalaa Ismaartii Addunyaa bara 2024 Kooriyaa Kibbaa Se’ul keessatti gaggeeffame irratti akka injifatan taasiseera jechuun ibsaniiru. Fooramii Magaalaa Ismaartii Afrikaa Keeniyaa Naayiroobii keessatti gaggeeffame irratti magaalattiin beekamtii malu akka argattutti hojiiwwan kunneen gahee olaanaa taphachuu isaanii ibsaniiru. Biiroon kun dhaabbilee federaalaa waliin ta’uun sirna teeknooloojii fooyyessuu, qindeessuu fi nageenyummaan isaa eegame taasisuudhaan dhaabbileen bulchiinsa magaalaa tajaajila isaanii dijiitaalaan akka kennan taasisaa jiraachuu ibsaniiru. Bu’uuraalee misoomaa ‘Waradaa Neet gara siitii Neetitti’ guddisuun aanaa fi magaalota xiqqaa magaalicha keessa jiran teeknooloojiin walqunnamsiisuun danda’ameera jedhan. Tajaajilli giddugala tokkoo lammiileen tajaajila mootummaa saffisaa, amanamaa, haqa qabeessaa fi dhaqqabamaa ta’ee fi teeknooloojiin deeggaramee akka argatan taasiseera jedhan. Tajaajilli kun ifaajii fayyadamtootaa hir’isuu fi iftoomina uumuu, akkasumas amala filannoo dijitaalaa fayyadamuu hawaasa keessatti horachuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jira. Tajaajila sirna dijitaalaa keessatti hin hammatamne haaromsuu fi tajaajila giddugala tokkoo waliin wal simsiisuuf xiyyeeffannoon akka kennamus beeksisaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA See less
Magaalaa Hararitti Hojiin Dhaabbii buufata saatalaayitii odeeffannoo fudhatuu jalqabame
May 6, 2026 456
Ebla 28/2018(ENA)- Magaalaa Hararitti hojiin dhaabbii buufata Saatalaayitii odeeffannoo fudhatuu jalqabameera. Buufata Saatalaayitii odeeffannoo fudhatu kana Pirezidaantiin Naannoo Hararii Ordiin Badrii fi Ministirri Innoveshinii fi Teeknooloojii Doktar Balaxaa Mollaa eegalchiisaniiru. Pirezidaantiin Naannoo Hararii Ordiin Badrii wayita sana akka jedhanitti, buufanni odeeffannoo Saatalaayitii kun hojiiwwan misoomaa naannicha keessatti raawwatamaniif deeggarsa guddaa kenna jedhaniiru. Keessattuu, galtee odeeffannoo sirrii ta’e kennuu irratti faayidaansaa olaanaa akka ta’e eeraniiru. Hojiin dhaabbii kun yeroo gabaabaa keessatti akka xumuramuuf mootummaan naannichaa deeggarsa barbaachisu hunda akka taasisu dubbataniiru. Itti-Aanaan Daayirektara Olaanaa Inistiitiyuutii saayinsii hawaa fi Jii’oo-Ispaashiyaalii Balaachoo Tsahaay akka jedhanitti, teeknooloojiin kun odeeffannoo saffisa olaanaa fi qulqullina qabuun dhaqqabsiisuu irratti faayidaa guddaa qaba. Akkasumas, Raadiyaasii Kiiloomeetira 35 waliin gahuun lakkoofsa sirrii kan gabaasu fi sa’aatii 24 kan hojjetu ta’uu ibsaniiru. Odeeffannoon buufata Saatalaayitii Diizaayinii daandii irratti, Hojiiwwan konistrākshinii waliigalaaf, Itti fayyadama lafaa sirnaan to’achuuf, Mirkaneessa qabiyyee lafaa fi tajaajiloota biroof odeeffannoo kennuu dandeessisa jedhaniiru. Hojiin dhaabbii buufata odeeffannoo saatalaayitii kun ji’oota lama keessatti akka xumuramu beeksifameera.
Ispoortii
Jilli Itiyoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaa 24ffaaf gara Akiraatti qajeele
May 10, 2026 459
Caamsaa 2/2018 (ENA): Jilli Itiyoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaa Gaanaa Akiraatti gaggeeffamu irratti hirmaatu har’a ganama gara iddoo sanaatti deemeera. Jilli kun dubartoota 31 fi dhiirota 32, walumaa galatti atileetota 63, akkasumas leenjistoota 12 of keessaa qaba. Kana malees jilli kun ogeeyyii fayyaa 3, ogeeyyii miidiyaa sadii, dursaa garee teeknikaa fi ofiishaalonni jaha imala kana irratti argamaniiru. Shaampiyoonaan Atileetiksii Afrikaa 23ffaa Kaameeruun magaalaa Dowaalaatti gaggeeffameen Itiyoophiyaan warqee 5,meetii 4 fi naasa 1 walumaa galatti meedaaliyaa 10 argachuun Afrikaarraa sadarkaa 4ffaa qabattee kan xumurte yoo ta’u,bara kanas bu’aa fooyya’aa galmeessisuuf qophoofteetti. Federeeshiniin Atileetiksii Itiyoophiyaa shaampiyoonaa kun Caamsaa 4 hanga Caamsaa 9, 2018tti akka gaggeeffamu beeksiseera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Liigicha dursaa kan jiru Arsenaal Weestihaam Yunaayitid waliin wal morkatu
May 10, 2026 324
Caamsaa 2/2018 (ENA): Tapha Piriimiyerliigii Ingiliiz torbee 36ffaa irratti Arsenaal Weestihaam Yunaayitid waliin taphatan har’a ni eegama. Taphichi galgala sa'aatii 12:30 irratti Istaadiyeemii Landanitti kan gaggeeffamu ta'a. Weestihaam Yunaayitid qabxii 36’n sadarkaa 18ffaa irratti kan argamu yoo ta'u, naannoo gadi aanaa keessa jira. Arsenaal qabxii 76’n liigicha dursaa jira. Weestihaam torbee 35ffaa irratti Bireenfoordiin 3 fi 0’n mo'amee gara naannoo gadi bu'iinsaatti kan seene Weestihaam, taphni har'aa liigicha keessa turuuf falmii taasisaa jiru keessatti baay'ee murteessaadha. Carraa ofumaa waancaa kaasuu kan qabu Arsenaal yoo injifate gara ulfina isaatti ni dhihaata. Garaagarummaan qabxii Maanchistar Siitii waliin qaban gara shaniitti akka guddisu isaan dandeessisa. Tapha biraatiin ammoo Barniley sa'aatii 10:00 irratti istaadiyeemii Tarfi Muur irratti Aston Viilaa waliin taphata. Liigichaan kan gadi bu'e Barnileey qabxii 20’n sadarkaa 19ffaa irratti argama. Morkataan isaa Aston Viilaan qabxii 58’n sadarkaa 5ffaa irra jira. Aston Viilaan yoo injifate gara Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaatti akka dhihaatu taasisa. Sadarkaa 4ffaa Liivarpuul irraa fudhata. Notingiham Foresti sa'aatii 10:00 irratti istaadiyeemii Siitii Giraawundi irratti Niwukaastil Yunaayitid waliin taphata. Foresti qabxii 42’n liigichaan sadarkaa 16ffaa irratti argama. Niwukaastil Yunaayitid qabxii 45’n liigii kanaan sadarkaa 13ffaa irra jira. Foresti meedaa isaarratti yoo injifate carraa liigicha keessa turuu isaa daran guddisa. Torbee 35ffaa irratti Biraayitan 3 fi 1’n injifate Niwukaastil injifannoo walitti aansuun itti fufuuf taphata. Kiristaal Paalaas sa'aatii 10:00 irratti istaadiyeemii Selhuristi Parki irratti Everton waliin ni taphata. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
‘PSG’n waggaa walitti aanuuf xumura Shaampiyonsi Liigii Awurooppaatti darbe
May 7, 2026 514
Ebila 29/2018(ENA) - Tapha deebii walakkaa xumuraa (Semi-final) Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa irratti Baayer Muuniik fi PSG’n goolii tokkoo fi tokkoon qixaan addaan ba’aniiru. Tapha kaleessa galgala Istaadiyeemii Aliiyaanzi Areenaatti taphatameen, Usmaan Dembeeleen daqiiqaa 3ffaa irratti galchii lakkoofsiseen PSG dursaa taasiseera. Haarii Keen immoo daqiiqaa 94ffaa irratti Baayer Muuniikiif galchii lakkoofsisuun walqixxeesseera. Innis dorgommii kanaan goolii isaa 14ffaa galcheera. Shaampiyoonsi liigichatti Injifataan Baalaandoorii yeroo ammaa Dembeeleen, lakkoofsa gooliiwwan Shaampiyonsi Liigii keessatti galche gara torbaatti ol guddiseera. Taphichi bashannansiisaa fi goolii galchuurratti kan xiyyeeffate yoo ta’u hanga tokko wal-qocholloon keessatti mul’ateera. PSG’n kubbaa harkatti galfachuu fi carraawwan goolii uumuu irratti fooyya’aa ture. Bu’aa kanaan hordofee, PSG walitti qabaan 6 fi 5 injifachuun waggaa walitti aanuuf xumuraaf darbeera. Abbaan waancaa yeroo ammaa PSG, xumuraaf darbuunsaa kun yeroo sadaffaadhaafi. Kilabiin Paaris Kilabii Awurooppaa eegsisuuf Arsenaal waliin Hangaarii, Budaappestitti walmorkatu. Injifataan Shaampiyonsi Liigii yeroo 6ffaa Baayer Muuniiki, waggaa ja’a booda xumuraaf darbuuf abjuun qabu hin milkoofneef. Taphni xumuraa Arsenaal fi PSG gidduutti caamsaa 22 bara 2018 akka lakkoofsa Itiyoophiyaatti ni taasifama.
Finfinneen dorgommii biskileetii idil addunyaa keessummeessuufi
Apr 28, 2026 1628
Ebla 20/2018 (ENA): Dorgommiin biskileetii idil-addunyaa siitii maawunteen baayik iliminaator UCI (City Mountain Bike Eliminator) jedhamu,kan biskileetii biyyoota addunyaa mara irraa dhufan hirmaachisu , Ebla 24 fi 25, 2018 Finfinneetti gaggeeffama. Gamtaa Biskileetii Idil Addunyaa (UCI)’n beekamtii kan argatee fi addunyaa irratti jaalala guddaa kan horate "City Mountain Bike Eliminator Pro League" seenaa isaa keessatti yeroo jalqabaaf Afrikaa, Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffama. Dorgommiin kun naannoo Yaadannoo Injifannoo Adwaatti kan gaggeeffamu yoo ta'u, dorgommii kana irratti namoonni biskileetii addunyaa mara irraa dhufan hedduun akka hirmaatan Waajjirri Kantiibaa beeksiseera. Dorgommiin kun kallattiin chaanaalii televijiinii adda addaa addunyaa irratti kan tamsa’u yoo ta'u, daawwattoonni miiliyoona 20 ol ni daawwatu jedhamee eegama. Finfinneetti bu’uuraaleen ispoortii babal’achuun magaalattiin dorgommii ispoortii idil-addunyaa keessummeessuuf magaalaa filatamaa akka taatu ishee taasiseera jedhe waajjirichi. Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee waggoota darban keessa bu’uuraalee ispoortii hedduu ijaaruun dameen ispoortii dhalootaa fi dinagdee ijaaruu keessatti gahee isaa akka ba’u taasisuu isaa odeeffannoon waajjirichaa ni mul’isa. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Ganna dhufu kana naannichatti lafti heektaara kuma 10 ol avokaadoodhaan dhaabama
May 12, 2026 97
Caamsaa 4/2018 (ENA): Sagantaa Ashaaraa Magariisaan Ganna dhufu kana naannichatti lafti heektaara kuma 10 ol avokaadoodhaan akka dhaabamu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksiseera. Biirichatti itti gaafatamaan damee kuduraa fi muduraa obbo Muhammadsaanii Amiin ENAtti akka himanitti, gosoota avokaadoo fooyya’aa ta’an qonnaan bultoota naannichaaf akka dhiyaatan gochuun Inishiyeetiivii Misooma Avokaadoo bu’a qabeessa taasisuuf hojjetamaa jira jedhani. Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Ganna dhufu kana gaggeeffamuuf biqiltuuwwan fuduraa gosa adda addaa kudhan qophaa’uu himaniiru. Itti dabaluunis biqiltuun avokaadoo, muuzii, zayituunaa, paappaayaa, giishxaa, burtukaana, appilii, loomii fi biqiltoonni fuduraa biroo bal’inaan qophaa’aniiru jedhani. Naannichatti oomishaa fi omishtummaa avokaadoo guddisuuf gosoota fooyya’oo fi omisha olaanaa kennan horsiisuun qophii biqiltuu irratti hojiin bal’aan hojjetamaa jira jedhan. Akkasumas naannichatti lafti heektaara kuma 80 ol ta’u hanga ammaatti biqiltuu avokaadoo idilee fi fooyya’aa ta’een uwwifamuu isaa ibsaniiru. Hojiiwwan misooma avokaadoo al-ergiif oolu guddisuun oomishaa fi oomishtummaa isaa guddisan xiyyeeffannoon addaa akka kenname eeruun, kunis kilaastaraan fi yeroo yeroon Godina, magaalotaa fi aanaalee naannichaa hunda keessatti hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Waltajjiin Raaga Haala Qilleensaa Gaanfa Afrikaa Finfinneetti gaggeeffama
May 11, 2026 349
Caamsaa 3/2018 (ENA): Waltajjiin guddichi Raaga Haala Qilleensaa Gaanfa Afrikaa (GHACOF 73) 73ffaan Caamsaa 10 fi 11, 2018 magaalaa Finfinneetti ni gaggeeffama. Waltajjiin kun mata duree “Tajaajila Haala Qilleensaa, Misooma Itti Fufiinsa Qabuuf” jedhuun kan gaggeeffamu ta’a. Waltajjicha Giddugala Raagaa fi Fayyadama Haala Qilleensaa (ICPAC), Dhaabbata Wal-ta'iinsa Misooma Biyyoota Baha Afrikaa (IGAD)fi michoota misoomaa waliin ta’uun kan qophaa’edha. Walgahiin kun raaga hojiitti jijjiiruun jijjiirama qilleensaa ittisuuf tarkaanfiiwwan akeekkachiisa ariifataa fi tarkaanfii fudhachuu, qophii cimsuu irratti kan kaayyeffatedha. Ibsa IGAD ENA’f ergeen, ragaawwan haala qilleensaa qonnaan bultootaa, ogeessota fayyaa fi hoggansa sodaa balaa kallattiin akka deeggaran irratti mariin ni gaggeeffama jedheera. Tumsa dhaabbilee meetirooloojii biyyaalessaa gidduu jiru cimsuun ajandaa marii biraati. Waltajjicharratti raaga roobaa ji’a Waxabajjii-Fulbaanaa 2026 A.L.A kan qonnaa fi qabeenya bishaanii Gaanfa Afrikaatiif murteessaa ta’e ni dhiyaata. Ministiroonni, dhaabbileen qorannoo, dhaabbileen gargaarsa namoomaa, dhaabbileen hawaasa siivikii fi abbootiin qabeenyaa dhuunfaa ni hirmaatu. Jijjiiramni qabeenya qilleensaa sodaa fagoo osoo hin taane, balaa qabatamaa balbala keenya irra jiru akka ta’e kan ibse Fooramiin IGAD, hawaasni gaanfa Afrikaa guddicha keessa jiran odeeffannoo gaarii akka qabaataniifi dursanii akka qophaa’an gochuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu eereera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Milkaa’inni Sagantaa Misooma sululaa fi eegumsa naannoo qabeenyi bosonaa guddaan akka uumamu taasisa jira
May 9, 2026 390
Caamsaa 1/2018(ENA) - Milkaa’inni Sagantaalee Misooma suluulaa fi eegumsa Naannoo Qabeenyi Bosonaa guddaan akka uumamu taasisaa jiraachuu Ministeerri Qonnaa beeksise. Bara bajataa qabametti sagantaa qindaa’aa misooma sululaan lafti hektaarri Miiliyoona 3 tuqaa 9 misoomuusaa beeksiseera. Ministeera Qonnaatti Hojii Raawwachiisaa olaanaan Misooma, Eegumsa fi Fayyadama Qabeenya Uumamaa Faanosee Mokkonnon akka jedhanitti, balaawwan nam-tolchee fi uumamaa manca’iinsa bosonaa fidan kanaan dura naannoo irratti miidhaa guddaa geessisanii turaniiru jedhan. Haa ta’u malee jijjiirama biyyaalessaan booda, sagantaa Ashaaraa Magariisaa fi misooma eegumsa naannootiin hojiin milkaa’aan nageenya sirna-Ikkooloojii naannoo deebisee bayyanachisuun hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Keessumattuu, sagantaan Ashaaraa Magariisaa bara 2011 eegale, aadaa misooma magariisaa hawaasaa dagaagsuun Nageenya sirna ikooloojii naannoo eegsisaa jiraachuu dubbataniiru. Bara baajataa 2018tti sulula kuma 22 fi 59 lafa hektaara miiliyoona 4 tuqaa 6 misoomsuuf karoorfame keessaa, hanga ammaatti lafti hektaara miiliyoona 3 tuqaa 9 misooma suluulaa bonaatiin misoomeera. Yeroo ammaa naannoolee adda addaatti haala Ikooloojii giddu galeeffachuun hojiin misooma suluulaa fi eegumsa naannoo hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru. Hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii bal’aan waggoota darban keessatti hirmaannaa hawaasaatiin hojjetameen lafti manca’e deebi’ee akka misoomu taasisuun bu’aan qabatamaa fiduusaa hubachiisaniiru. Hirmaannaan hawaasaa Qindaa’aan Hojii Misooma Suluulaa guddachaa dhufuusaatiin omishtummaan qonnaa dabaluu bira darbee qooda olaanaa gumaachaa jiraachuu ibsaniiru. Fakkeenyaaf lammiileen hedduun kanniisa horsiisuun, furdisa looniin, misooma muduraa fi kuduraatiin fayyadamoo ta’a akka jiran ibsaniiru. Kunis abbuumaa hawaasaa eegumsa naannoo mirkaneessuun Itiyoophiyaa qabeenya bosonaatiin kan badhaatee fi laliste gochaa jiraachuun ibsameera.
Itiyoophiyaan jijjiirama qilleensaa dandamachuufi damee meetirooloojii ammayyeessuuf hojiin hojjette fakkeenyummaa kan ta’anidha
May 6, 2026 538
Ebla 28/2018 (ENA): Itiyoophiyaan jijjiirama qilleensaa dandamachuufi damee meetirooloojii ammayyeessuuf hojiin hojjette fakkeenyummaa kan ta’an, dandeettii Afrikaa guddisaa kan jiru dha jedhan ogeeyyiin damichaa biyyoota Afrikaa adda addaa. Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa Waldaa (soosaayitii) Meetirooloojii Afrikaa waliin ta’uun konfiraansii saayinsii isaa jalqabaa Finfinneetti qopheessee jira. Ogeeyyiin konfiraansii kanarratti hirmaatan biyyoonni Afrikaa jijjiirama qilleensaa damdamachuu ilaalcha meetirooloojii fi haayidirooloojii irratti waliin hojjechuun murteessaa ta’uu ibsaniiru. Kunis sirna akeekkachiisa balaa uumamaa osoo hin uumamin dura dursanii akeekkachiisuuf kan dandeessisu qopheessuuf akka gargaaru ibsaniiru. Invastimantii teeknooloojii fi bu’uuraalee misoomaa Itiyoophiyaan damee kanarratti taasifte dinqisiifannaa qaban ibsuun, Invastimantiiwwan kunneen Itiyoophiyaan alatti walitti hidhamiinsa diinagdee fi dandamannaa ijaaruu keessatti gahee olaanaa qabu jedhan. Keessattuu Itiyoophiyaan hojii ashaaraa magariisa hojjechuun, anniisaa haaromfamuu danda’u babal’isuu fi jalqabbii haala qilleensaa dandamachuu danda’u biroo irratti galmeessiste mootummaan tarkaanfii fudhachuuf kutannoo qabaachuu isaa kan agarsiisudha jedhani. Firiidoo Mukaangaa Zimbaabuwee irraa kan dhufan haasaa isaanii kanaan akka jedhanitti, Itiyoophiyaatti damee meetirooloojii ammayyeessuun jijjiirama qilleensaa furuuf hojiin hojjetamaa jiru dinqisiisaa fi biyyoota Afrikaa biroof kaka’umsa ta’uu ibsaniiru. Bakka bu’aan Taanzaaniyaa Doktar Fireediiberit Odungaa akka jedhanitti biyyoonni waliin hojjechuu, qabeenya waliif qooduu fi tarsiimoo qindoomina qabu qopheessuun Afrikaan jijjiirama qilleensaa dandamachuu ishee guddisuu akka qaban ibsaniiru. Itiyoophiyaan bulchiinsa bishaanii fi ijaarsa hidhaalee elektirikaa bishaanii irratti tattaaffii taasifte jijjiirama qilleensaa ittisuuf Ardiin kun tattaaffii taasiftu keessatti gumaacha olaanaa ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan damee bu’uuraalee misoomaa irratti tattaaffiin bal’aan goote Ardii guutuun dandamachuu ijaaruuf carraa guddaa akka uumte eeraniiru. Biyyoonni Afrikaa rakkoolee roga hedduu jijjiirama qilleensaatiin uumaman saffisaa fi bu’a qabeessa ta’een furuuf waliin hojjechuu akka qaban lammii Keeniyaa Maariyaa Lookii Chaarem dubbataniiru. Muuxannoon Itiyoophiyaa biyyoota birootiif faayidaa guddaa akka qabu hubachiisuun, Muuxannoo Itiyoophiyaa irraa ka’uun biyyoonni Afrikaa milkaa’ina Ardii kanaaf hojjechuu akka qabanis ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Gabaasa addaa
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 673
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 3586
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.