ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Qabeenya uumamaa dilbii godinichaa turizimiif oolan adda baasuun misoomsuun eegalameera
Dec 9, 2025 6
Sadaasa 30/2018(TOI)- Qabeenya uumamaa dilbii naannoo Oromiyaa godina Shawaa Bahaa turizimiif oolan adda baasuun misoomsuun eegalamuu bulchiinsi godinichaa beeksise. Bakkeewwan turizimii dilbii bakka garagaraatti argaman misoomsuun hojiirra oolchuun dameen turizimii dadammaqaa dhufuun ni beekama. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad mata duree “guddina dameelee ija mootummaa ida’amuutiin” jedhuun hoggantoota olaanoo paartii badhaadhinaaf leenjii wayita kennan”turizimii hambaarraa gara cireetti haa jijjiirru, hambaan waan jiruuf qofa turistiin dhufe hin ilaalu, baasii baasuuf baasii baasuuf tajaajila madaalu barbaada, caalaa misoomsuutu eegama” jedhanii ture. Ministirri muummee waltajjii Kanarratti bakki turizimii sadarkaa godinaatti tokko jiraachuu akka qabu kallattii kan kaa’an yoo ta’u hundi dandeettii turizimii dilbii naannawasaa jiru adda baasee misoomsuu akka qabu cimsanii dubbataniiru. Bulchaan godina Shawaa Bahaa Abbaabbuu Waaqoo dhimma kanarratti TOI waliin turtii taasisaniin, hawattoota turizimii godinichatti turizimiif oolan adda baasuun misoomsuun eegalameera jedhaniiru. Godinichi haroo Basaqaa, qooqaa fi Baatuu dabalatee haroowwan biroo kan qabu ta’uu dubbatanii, haroowwanitti marsee akkasumas naannawa haroowwaniitti hojiin misoomaa eegalamaniiru jedhan. Keessumaa haroo Qooqaarratti bu’ura misoomaa diriirsuu fi ijaarsi dhaabbilee tajaajila kennanii raawwatamaa kan jiran yoo ta’u kanaanis namoota hedduuf carraa hojii uumuusaa himaniiru. Harookana bakka turizimii mijataa gochuuf hojiileen ijoo xumuramanii tajaajila kennuu eegaluu eeranii haroowwan biroorrattis itti fufa jedhaniiru.
Godina Jimmaarraa bunni toonii kuma 10 gabaa jiddugaleessaaf dhihaateera
Dec 9, 2025 17
Sadaasa 30/2018(TOI)- Godina Jimmaarraa amma ammaatti bunni qulqullinasaa eeggate qophaa’e toonii kuma 10 gabaa jiddugaleessaaf dhihaachuusaa waajjirri qonnaa godinichaa ibse. Hogganaan waajjira qonnaa godina Jimmaa obbo Tiijaanii Tamaam akka ibsanitti, bara kana buna walitti qabamu keessaa toonii kuma 126 kan dhiqamee fi hin dhiqamne gabaa jiddu galeessaaf dhiheessuuf dhiheessuuf karoorfamee hojjetamaa jira. Buna gabaaf dhihaatu keessaa tooniin kuma 52 kan dhiqamee fi kan hafe kan hin dhiqamne ta’uu eeranii, yeroo ammaa oomisha walitti qabuun cinaatti buna qulqulluu qopheessuu fi gabaaf dhiheessuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Amma ammaatti bunni qulqullinasaa eeggatee qophaa’e tooniin kuma 10 gabaa jiddugaleessaaf dhihaachuu beeksisaniiru. Godinichatti Industiriiwwan xqqaan 523 buna diimaa fi gogaa muluqsanii fi soranii qulqulleessan tajaajila kennaa akka jiran dubbataniiru. Godinichi qonnaan bultoota buna oomishan, daldaltootaa fi buna kan qiqindeessaniif qulqullina bunaarratti leenjii kennaa turuusaa beeksisaniiru. Qonnaan bultoonni godinichaa buna oomishan gamasaaniin, Buna qulqullinaan akka walitti qaban dubbataniiru. Godinichatti qonnaan bulaan jiraataa aanaa Geeraa Sulxaan Abbaa Walii, bunni madda galiisaanii isa ijoo ta’uu ibsanii, yeroon kun yeroo bunni itti walitti qabamudha jedhaniiru. Lafa heektaara walakkaarraa buna diimate walitti qabaa akka jiran dubbataniiru. Qonnaan bulaan Keeruu Qaasima, lafa heektaara 2 irraa buna diimaa walitti qabaa akka jiran beeksisaniiru.
Shaampiyoonsi liigichaan taphoonni Baayer Muniik Ispoortiing Liisban, Intar miilaan Liivar Puul waliin taassisan ni eeggamu
Dec 9, 2025 30
Sadaasa 30/03/2018(TOI)- Shaampiyoonsi Awurooppaatiin taphoonni Baayer Muniik Ispoortiing Liisban, Intar miilaan Liivar Puul waliin taassisan ni eeggamu. Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaatti sagantaa tapha 6ffaan har’a eegala . Galgala sa’aatii 2:45 irratti Baayer muniik Ispoortiingi waliin istaadiyeemii Liizban Aliyaanzi Areenaatti ni taphatu. Bara kana waltajjii Awurooppaaf Imala gaarii taassisaa kan jiru Baayer Muniik qabxii 12n sadarkaa 3ffaa qabateera. Morkataansaa Ispoortiingi Liizban qabxii 10n sadarkaa 8ffaa qabateera. Baayer Muniik yoo injifate sadarkaasaa gara 2ffaatti ol guddisa. Intarmiilaan Liivarpuul waliin galgala sa’aatii 5:00tti Istaadiyeemii Juseeppee Mi’eezaatti taphni gaaggeessan ni eeggama. Gareen Xaaliyaanii qabxii 12n sadarkaa 4ffaa qabateera. Liivarpuul qabxii 9n sadarkaa 13ffaa qabateera. Injifataan dorgommichaa yeroo sadii Intarmiilaan fi abbaan Waancaa yeroo ja’aa Liivarpuul taphni gaggeessan wal morkiin madaalawaan ni gaggeeffama jedhameetu eeggama. Sagantaawwan biroon Atilaantaan Chelsii waliin, Baarseloonaan, Intiraakti Firaankifarti waliin, Tootinihaam Hootisparsi Islaaviyaa piraag waliin, PSV EIindhoven Atileetikoo Maadriid waliin, Moonaakoon Galatasaray waliin ,Yuuniyeen Seent Gilooso waliin sa’aatii wal fakkaatutti galgala sa’aatii 5:00 maarseel waliin tapahata. Taphoota birootiin ammoo Atalantaan Cheelsii waliin, Baarseloonaan Intraakt Firaankifart waliin, Tootinaam Hootspar Islaaviyaa Praag waliin, PSV ayindihoven Atleetikoo Maadriid waliin, Moonaakoon Galatasaray waliin, Yuuniyeen Seent Giiloos sa'aatii wal fakkaatutti galgala sa'aatii 5:00tti irratti Maarseel waliin ni taphatu. Kaayiraat Almaat Olompiyaaksi waliin galgala sa’aatii 12:30tti ni taphatu.
Hojiin Misooma koriidaraa fi Eegumsa HambaaMagaalaa Harariitti hojjetaman turtii Tuuristootaa dheeressaa jiru
Dec 9, 2025 24
Sadaasa 30/03/2018(TOI)-Hojiin Misooma koriidaraa fi Eegumsa Hambaa Magaalaa Harariitti hojjetaman turtii Tuuristootaa dheeressuurratti qooda qabaachuusaanii Biiroon Aadaa, hambaa fi tuurizimii naannichaa ibse. Bakkeewwan gahumsa Tuuristootaa biyyittii jiran keessaa Harar kan eeramtu yoo taatu bakkeewwan hawwata Turistii kana daawwattoonni biyya keessaa fi Alaa Daawwachaa jiru. Keessumaa jijiiramaa booda Harariin Miidhagduu fi hawwattuu kan taassisan misoomni koriidaraa, Eegumsa fi kunuunsi Hambaa akkasumas kanneen biroon turtii daawwattootaa dheeressan hojjetamaniiru. Kanaanis bakeewwan seenaa qabeessi, bakkeewwan hawwata Amantaa fi Misoomni Koriidaraa Magaalichatti Hojjetaman baay’ina daawwattoota biyya keessaa fi biyya Alaa dabalaa jira. Biiroon Aadaa fi eegumsa Hambaa Naannichaatti Daaraktarri Tuurizimii Obbo Saamii Abdul Waasii TOI’f akka ibsanitti mootummaa jijjiiramaan naannichatti bakkeewwan hawata Tuuristii babal’isuun, hambaa eeguunii fi kanneen biroon hojiiwwan hedduun hojjetamaniiru. Kanaanis hojiwwan hojjetamaniin mmaan dura hambaalee rakkoo keessa turan oolchuun danda’amuu dubbataniiru. Ammaan dura yeroon turtii Tuuristootaa muraasa kan ture ta’uu kan eeran Obbo Saamiin, Misooma Koriidaraa fi Hambaa Idil-Addunyaa Jagol keessatti haaromsa gaggeeffameen yeroon turtii daawwattootaa dheerachaa jiraachuu ibsaniiru. Dhaabbilee Tuuristiif tajaajila kennan Ammayyeessuuf deeggarsii fi hordoffiin taassifamaa jiraachuu ibsaniiru. Hoteela dabalatee bakka keessummoonni itti boqotan Mana Aadaa shan (gasti hawosoota)Tuuristootaaf tajaajila guddaa kennaa jiraachuusaanii fi mana Aadaa Hararii dabalataa hojjechuuf karoorfamuu ibsaniiru. Kanaanis lakkoofsa Tuuristootaa Harariin daawwatan kan bara darbee yeroo kanaa waliin yoo madaalamu guddina dhibbantaa 20 argisiisuu fi keessumaa naannichaa fi bakkeewwan gahumsa daaawwattootaa haala addaan beeksisuun cimee itti fufuu dubbataniiru.

Dec 9, 2025 20

Siyaasa
Yeroon Filannoon waliigalaa 7ffaa baranaa itti gaggeeffamu ifoome
Dec 9, 2025 58
Sadaasa 30/2018(TOI)- Boordiin filannoo biyyaalessaa yeroo filannoon waliigalaa 7ffaa baranaa itti gaggeeffamu ifoomseera. Haala Kanaan filannoo walii galaa 7ffaaf guyyaan sagaleen itti kennamu Caamsaa 24 bara 2018 ta’uu beeksiseera.
Itiyoophiyaa Misoomte, Kabajamtee fi Sodaatamte ni cimsina–Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee
Dec 8, 2025 256
Sadaasa 29/2018(TOI)-Tokkummaa sab-daneessummaa keenya bu’uura haqaa, wal-qixxummaan irratti ijaaruun Itiyoophiyaa Laliste, Kabajamtee fi sodaatamte Cimsuu qabna jedhuun ibsan Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee ibsan. Guyyaan sabootaa, sablammootaa fi ummattootaa Itiyoophiyasa 20ffaan mata duree “walii galteen Dimokiraatawaa tokkummaa sab-daneessummaaf“ jedhuun bakka Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti naannoo gidduu galeessa Itiyoophiyaa Magaalaa Hosaa’inaatti har’a kabajameera. Pirezidaant Taayyee Atsqsillaasee fuula Miidiyaa X (tiwuuterii)isaanniin ibsaniin, baga guyyaa sabootaa, sablammootaa fi uummattootaa Itiyoophiyaa yeroo 20ffaanf mata duree “walii galteen Dimokiraatawaa tokkummaa sab-daneessummaaf ” jedhuun kabajamuun isin gahe jedhaniiru. Tokkummaa sab-daneessummaa keenya bu’uura Haqaa fi wal-qixxummaarratti hundeessuun Itiyoophiyaa Laliste, Kabajamtee fi sodaatamte cimsina jechuun waamicha dhiheessaniiru.
Guyyaan sabootaa, sab-lammootaa fi ummattootaa 20ffaan misiyoonota Itiyoophiyaa Ala jiraniin kabajame
Dec 8, 2025 138
Sadaasa 29/03/2018(TOI)- Guyyaan sabootaa, sab-lammootaa fi uummattootaa Itiyoophiyaa 20ffaan Imbaasiiwwanii fi qonsilaawwan Itiyoophiyaa Ala jiraniin kabajameera. Ayyaanichi Mata duree “waliigaltee demokiraatawaan tokkummaa sab-daneessummaaf” jedhuun kabajamaa jira. Sirna kabajaa kanarratti, hoggantoonni misiyoonotaa, Dippiloomaatotaa fi hojjettoonni, Abbootiin Amantaa , bakka bu’oonni hawaasaa fi keessummoonni biroon argamaniiru. Guyyaan sabootaa, sab-lammootaa fi ummattootaa Itiyoophiyaan Fakkeenya heddumminaa fi tokkummaa sab-daneessummaa haala mul’iseen kabajameera. Nyaataa fi Uffannaan aadaa Itiyoophiyaa agarsiisaaf kan dhihaate yoo ta’u, sirboonnii sabotaa, sablammootaa fi shubbisawwan aadaa taatteewwan itti agarsiifaman dhihaataniiru. Ayyaanichi biyyootaa Chaayinaa, Ameerikaa, Jarman Emereetota Araboota Gamtoomanitti, Sawudi Arabiyaa Kuwaaterii fi Sudaan Kibbaa, Beljiyeem, Paakistaan , Kootdivaarii fi Siwiidin, Ripaabilika Kooriyaa , Afriikaa Kibbaa, Awustiraaliyaa, Yugaandaa, Ruwaandaa, Jibuutii, Keeniyaa fi Somaaliyaatti biyyoota guyyichi itti kabajamee oole keessaa ta’uu ibsaniiru. Guyyaan sabootaa, sablammootaa fi ummattootaa Itiyoophiyaa 20ffaan mata duree “walii galtee Dimokiraatawaa tokkummaa sab- daneessummaaf “ jedhuun bakka Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti Naannoo Gidduu galeessa itiyoophiyaa Magaalaa Hosaa’inaatti har’a kabajameera.
Ayyaanichi Waggoottan jijjiiramaa darban tokkummaa sab-daneessummaa Uummattootaa fi duudhaa waloon jiraachuu cimsuun qooda olaanaa gumaacheera- Afa yaa’ii Aganyoo Tashaagar
Dec 8, 2025 110
Sadaasa 29/03/2018(TOI)- Ayyaanichi waggoottan jijiiramaa darban tokkummaa sabdaneessummaa Uummattootaa fi duudhaa waloon jiraachuu cimsuun misooma fulla’aa fi badhaadhina hunda galeessa saffisiisuuf qooda olaanaa gumaachuusaa Af-yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Aaganyoo Tashagar ibsan. Guyyaan Sabootaa, Sab-lammootaa fi Uummattoota Itiyoophiyaa 20ffaanMata duree “waliigaltee demokiraatawaan tokkummaa sab-daneessummaaf” jedhuun Bakka Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti Naannoo gidduugala Itiyoophiyaa Magaalaa Hosaa’inaatti kabajamaa jira. Ayyaanicharratti ergaa kan dabarsan Af-yaa’iin mana maree Federeeshiinii Aganyoo Tashaagar, Manni marichi guyyaa sabootaa,sab-lammootaa fi ummattootaa akka kabajamu yeroo murteessu sabaa fi sab-lammoonni akka wal beekan, duudhaa Aadaa fi muuxannoo gaarii isaanii akka wal-jijjiiranii fi tokkummaa Dimokiraatawaa sab-daneessummaa akka cimsaniif ta’uu ibsaniiru. Nageenya fulla’aa, ijaarsa mootummaa biyyaa fi misoomaaf waloon akka dhaabbataniif gochuuf ta’uu dubbataniisu. Waggoottan 19n darban qindeessummaa mana maree Federeeshiitiin Naannoolee fi bulchiinsota magaalotaa adda addaatti kabajamaa turuu yaadachuun Afa-Yaa’iin kunis tokkummaa sab-daneessumma biyyoolessaarrati bu’aan akka galmaa’an dandeessisuu dubbataniiru. Keessumaa waggoottan jijiiramaa daraban tokkummaa biyyoolessaa ummataa fi duudhaa waloon jiraachuu cimsuun ijaarasa Mootummaa,misooma fulla’aa fi badhaadhina hunda galeessa saffisiisuuf qooda olaanaa gumaachuu ibsaniiru. Guyyaan sabootaa, sab-lammootaa fi ummattootaa bara kanaa, bu’aa seenessa waloo kan ta’e Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa yeroo xumurametti kan kabajamu ta’uu fi pirojektoonni gurguddoon imala bayyanachuu Itiyoophiyaa dhugoomsuu dandeessisan yeroo eegalamanitti kan kabajamu ta’uun adda isa taassisa jedhaniiru. Guyyaan Sabootaa, Sab-Lammootaa fi uummattootaa 20ffaan tokkummaa sab- daneessummaan dammaqee, hedduummina Addunyaattti kan argisiisnudha kan jedhan Af-yaa’iin kun, eenyummaan hundi qixa kan itti keessummeeffamu, adeemsa sirna federaalizimii dhugaa ijaaruun keessa ta’uu keenya kan itti argisiisnudha jedhaniiru. Bara quucaruu irraa gara bayyanachuutti, yaaddooraa gara dadammaqinaatti, dukkanaa gara Abdii ifaati, ta’uu kan argisiisnu dha jedhaniiru ergaasaanin. Guyyichi kabajamuun , wal-deeggaruun, wal-qixxummaanii fi tokkummaan jiraachuun, waadaa waloon misoomuu keenya guuyyaa itti haaromsinu ta’uu qaba jedhaniiru. Eenyummaa Itiyoophiyuummaa keenya waloo kana cimsuu fi waloooma hawaasaa baroota dheeraa akka eegametti itti fufsiisuuf seenessa hammataa sab-daneessummaa biyyoolessaa ijaaruun akka barbaachisu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan madaallii hundaanuu dukkanarraa bariitti cehaa jirti- ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Dec 8, 2025 125
Sadaasa 29/2018(TOI)-Itiyoophiyaan madaallii kamiinuu dukkanarraa bariitti cehaa akka jirtu ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan. Guyyaan sabootaa, Sab-lammootaa fi ummattootaa Itiyoophiyaa 20ffaan mata duree “Waliigalteen demokiraatawaan tokkummaa sabdaneessummaaf” jedhuun ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad bakka argamanitti magaalaa Hosaa’inaatti kabajamaa jira. Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad dabalatee hoggantoonni mootummaa federaalaa olaanoon, bulchitoonni naannolee, kantiibonni bulchiinsa magaalotaa kabaja ayyaanaa kanarratti argamaniiru. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad wayita kana ergaa dabarsaniin, bilisummaa dhiiga abbootii keenyaan dhaalle badhaadhinaan cimsuun hojii dhalootarraa eegamu ta’uu ibsaniiru. Yeroo ammaa magaalonni guddatanii mandaroota baadiyyaarra cehuuf kan itti hojjechaa jiran ta’uu ibsanii, hambaaleen seena qabeessis dhukkeesaanii dhdhdhatanii Itiyoophiya qofa osoo hintaane kan Afrikaan itti boonu ta’uusaanii dubbataniiru. Itiyoophiyaa keessatti gannaa fi bona qotuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Itiyoophiyaan madaallee hundaanuu dukkanarraa gara bariitti cehaa akka jirtu ibsanii, kan dhaalle bilisummaa qofa osoo hin taane imaanaa dhalootaa nurra jiru yaaduu qabna jedhaniiru. Badhaadhina milkeessuun adeemsa nama qoru ta’uu ibsanii, Itiyoophiyaan rakkooshee qofa osoo hintaane humnashee ilaaluun akka barbaachisu dubbataniiru. Dhaloonni rakkoo Itiyoophiyaa qofa osoo hintaane human qabdu gadi fageenyaan ilaaluu fi baasuun dandeettii akka qabu hojii jalqabameen mul’achuusaa dubbataniiru. Miira tumsaan tattaaffii fi dadhabbii guddaan seenaa haaraan banuun akka qabnu hubachiisaniiru. Badhaanni guutuun Itiyoophiyaa kan mirkanaa’u Itiyoophiyaanonni gamtaan tattaafachuu fi hojjechuu yoo danda’an ta’uu ibsaniiru. Wal tumsuu, walkabajuu, fi waloon dhaabbachuu akkasumas faayidaa biyyoolessaa qabeenyaa fi galaa waloo keenyaa gochuu qabnajedhaniiru. Fedhiin biyyaa fi hammeenyi diinaa adda baafamuu akka qabu ibsuun, Itiyoophiyaanonni meeshaa hammeenya diinaa ta’uu akka hin qabne dubbataniiru. Faayidaa biyyaa fi kabaja ummataa dursiisuu akka qabnu ibsun, ammayyummaa fi jijjiiramaaf banaa ta’uu aka qabnu dubbataniiru. Itiyoophiyaan biyya abdii hedduu qabdu ta’uu ibsuun, bu’aan ajaa’ibsiisaa galmeessuuf bayyanachaa jirti jedhaniiru. Jalqabbii gaarii kan gufachiisuuf tattaaffiiwwan jiraachuu ibsuun, qormaata kamiyyuu, aggaammii fi yaadni hammeenyaa badhaadhina Itiyoophiyaa hin dhaabu jedhaniiru.
Ummanni naannichaa faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa eegsisuuf kutannoo qaba-Bulchaa Dr. Indaashaawu Xaasoo
Dec 8, 2025 128
Sadaasa 29/2018 (TOI)-Ummanni naannoo keenyaa faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa eegsisuuf hojii itti jiru cimsee itti fufa jedhan bulchaan naannoo jiddugaleessa Itiyoophiyaa Dr. Indaashaawu Xaasoo. Guyyaan sabootaa, sab-lammootaa fi Ummattootaa Itiyoophiyaa 20ffaan mata duree “wliigalteen demokiraatawaa tokkummaa sab-daneessummaaf” jedhuun ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad bakka argamanitti naannoo jiddu galeessa Itiyoophiyaa magaalaa Hosaa’inaatti kabajamaa jira. Bulchaan naannichaa Dr. Indaashaawu Xaasoo Wayita kana dubbii dubbataniin, ayyaanni kun walii galtee biyyaalessaa cimsuun ijaarsa mootummaa biyyaalessaa si’achiisuuf faayidaa olaanaa qaba jedhaniiru. Dabalataanis saboonni, sab-lammoonnii fi ummattoonni waltajjii tokkorratti walitti dhufanii akka miidhaganii fi akka mari’atan haala mijataa uumeera jedhan. Lammiileen Itiyoophiyaa duudhaa fi muuxannoo aadaasaanii akka walii qoodan carraa kan uumu ta’uu dabalanii dubbataniiru. Ayyaanichi Duudhaaleen Obbolummaa akka Daraaruuf akkasumas tokkummaan sab-daneessummaa fi federaalizimiin akka dagaagu ijaarsa seenessa waloof qooda mataasaa gumaachuu itti fufeera jedhaniiru. Guyyichi yaada caaluun gaggeessuun faayidaa biyyoolessaaf dursa kennuun aadaa marii’achuu guddisuun dimokiraasii dagaagee fi aadaa fi duudhaa hirmaachisaa idileessuuf akka carraa gaarii tokkootti fudhatama jechuun ibsaniiru. Wabii nyaataa tattaaffii waloon dhugaoomsuun kabajni biyyi keenya qabdu guutuu akka ta’u imallishee badhaadhinaa akka milkaa’u tattaaffiin eegalaman akka naannoonni cimanii akka itti fufan mirkaneessaniiru. Faayidaa biyyoolessaa biyya keenyaa kabachiisuu fi fedhii ummattoota guddachaa jiranii guutuuf gaaffiilee bu’uuraa kan ta’e kan akka Ulaa Galaanaa deebii akka argataniif sochii taassifamuuf ummanni naannoo keenyaa qoodasaanii bahuuf kutannoo qabu jedhaniiru. Guyichi naannoo keenyatti kabajamuun faayidaa fi hiikkoo guddaa kan qabu ta’uu hubachiisaniiru.
Naannoon Oromiyaa guyyaa sabootaa, sab-lammootaa fi ummattootaa Itiyoophiyaa 21ffaa ni keessummeessa
Dec 8, 2025 138
Sadaasa 29/2018 (TOI)- Naannoon Oromiyaa guyyaa sabootaa, sab-lammootaa fi ummattootaa Itiyoophiyaa 21ffaa akka keessummeessu filatameera. Haala Kanaan guyyaan sabootaa, sab-lammootaa 21ffaan magaalaa Jimmaatti akka kabajamu ibsameera. Pirezidaantiin naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa alaabaa qophichaa bulchaa naannoo jiddugaleessa Itiyoophiyaa Dr. Indaashaawu Xaasoo harkaa fudhataniiru.
Guyyaan sabootaa, sab-lammootaa fi ummattootaa bakka Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti magaalaa Hosaa’inaatti kabajamaa jira
Dec 8, 2025 135
Sadaasa 29/2018(TOI)- Guyyaan sabootaa, sab-lammootaa fi ummattootaa 20ffaan bakka Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti magaalaa Hosaa’inaatti kabajamaa jira. Kabajni ayyaanaa kun mata duree “waliigalteen demokiraatawaan tokkummaa sab-daneessummaaf” jedhuun kabajamaa jira. Ministira muummee Dr Abiyyi Ahimad dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoon federaalaa fi naannolee, bulchitoonni naannolee, kantiibonni bulchiinsa magaalotaa fi kanneenn biroon kabaja ayyaanaa kanarratti argamaniiru.

Hawaasummaa
Qabeenya uumamaa dilbii godinichaa turizimiif oolan adda baasuun misoomsuun eegalameera
Dec 9, 2025 6
Sadaasa 30/2018(TOI)- Qabeenya uumamaa dilbii naannoo Oromiyaa godina Shawaa Bahaa turizimiif oolan adda baasuun misoomsuun eegalamuu bulchiinsi godinichaa beeksise. Bakkeewwan turizimii dilbii bakka garagaraatti argaman misoomsuun hojiirra oolchuun dameen turizimii dadammaqaa dhufuun ni beekama. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad mata duree “guddina dameelee ija mootummaa ida’amuutiin” jedhuun hoggantoota olaanoo paartii badhaadhinaaf leenjii wayita kennan”turizimii hambaarraa gara cireetti haa jijjiirru, hambaan waan jiruuf qofa turistiin dhufe hin ilaalu, baasii baasuuf baasii baasuuf tajaajila madaalu barbaada, caalaa misoomsuutu eegama” jedhanii ture. Ministirri muummee waltajjii Kanarratti bakki turizimii sadarkaa godinaatti tokko jiraachuu akka qabu kallattii kan kaa’an yoo ta’u hundi dandeettii turizimii dilbii naannawasaa jiru adda baasee misoomsuu akka qabu cimsanii dubbataniiru. Bulchaan godina Shawaa Bahaa Abbaabbuu Waaqoo dhimma kanarratti TOI waliin turtii taasisaniin, hawattoota turizimii godinichatti turizimiif oolan adda baasuun misoomsuun eegalameera jedhaniiru. Godinichi haroo Basaqaa, qooqaa fi Baatuu dabalatee haroowwan biroo kan qabu ta’uu dubbatanii, haroowwanitti marsee akkasumas naannawa haroowwaniitti hojiin misoomaa eegalamaniiru jedhan. Keessumaa haroo Qooqaarratti bu’ura misoomaa diriirsuu fi ijaarsi dhaabbilee tajaajila kennanii raawwatamaa kan jiran yoo ta’u kanaanis namoota hedduuf carraa hojii uumuusaa himaniiru. Harookana bakka turizimii mijataa gochuuf hojiileen ijoo xumuramanii tajaajila kennuu eegaluu eeranii haroowwan biroorrattis itti fufa jedhaniiru.
Akkaataa Vaayirasii Maarbargi ittiin ofirraa ittisuun danda’amu
Dec 9, 2025 34
Ergaawwan ofeeggannoo qama dhimmi ilallatuun darban sirnaan hojiirra ooluun Vaayirasii Maarbargirraa ofeeguun akka barbaachisu gorsaan olaanaa ministira fayyaa Dr. Aschaaloo Warquu TOT’f ibsaniiru. Ofeeggannoowwan armaan gaditti tarreeffaman sirnaan hojiirra oolchuun tamsaasa Vaayirasichaa akkasumas Vaayirasichaan qabamuu dhabuu jalaa bahuun akka danda’amu hubachiisaniiru. Vaayirasiin Maarbargii attamiin nama mudata? • Dhukkubni Vaayirasii Marbargi sababa Vaayirasiitiin mudata. Attamiin namatti darba? • Irra caalaa dhangala’aa qama nama vaayirasichaan dhukkubsate keessaa bahuun akkasumas tuttuqaa qaamaatiin nama dhibeen kun jirurraa nama fayyaatti ni darba. Vaayirasii Marbargi attamiin ofirraa ittisuun danda’ama? • Qaamaan wal tuquu dhiisuun, • Qulqullina harkaa eeguu(bishaanii fi saamunaan dhiqachuu ykn Saaniitaayizariitti fayyadamuu), • Qulqullina harka ofii osoo hin eeggatiin kutaalee qaamaa garagaraa tuttuquurraa of qusachuu, • Namni dhukkubni itti dhaga’ame namoota biro fi maatiirraa adda baafamuun hatattamaan dhaabbata fayyaa dhihootti argamu dhaquu • Tuttuqaarraa of qusachuun dhukkubni akka daddarbu wantoota taasisanirraa fagaachuu, • Bakka namni itti baay’atu kanneen akka geejjibaa, bakkeewwan amantaa fi hojii qaamaan osoo wal hintuqiin tajaajila kennuu fi argachuu.
Duulli Talaallii Ittisa Pooliyoo biyyoolessaa gaggeeffamuufi- Inistitiyuuticha
Dec 8, 2025 153
Sadaasa 29/2018(TOI)-Duula Talaallii Ittisa pooliyoo biyyoolessaa muddee 3 hanga 6 bara 2018tti kan gaggeefamu ta’uu Inistitiyuutiin fayyaa hawaasaa Itiyoophiyaa beeksise. Duula Talaallichaa milkeessuuf kan kaayyeffatte Waltajjiin sosochii qooda fudhattootaa har’a magaalaa Adaamaatti gaggeeffameera. Inistitiyuutii fayyaa hawaasaa Itiyoophiyaatti Daaraktarri sakatta’insaa fi of- eeggannoo duraa dhukkubootaa Obbo Indaalaa Zammanaa akka jedhanitti, Pooliyoo dhabamsiisuuf duulli qindaa’aan talaallii biyyoolessaa guutuu biyyattiitti ni aggeeffama. Duulicha milkeessuuf qooda fudhattoonni hundi hubannaa uumuurraa eegalee qoodasaanii akka bahan hubachiisaniiru. Dulli talaallichaa daa’imman miiliyoona 25 ta’an dhaqqabamaa kan taassisu ta’uu ibsaniiru. Kanaafis naannoolee hundatti dhiheessii meeshaalee Talaallii fi galteewwan biroon dhaabbilee fayyaa aanaalee gahanii gara gandootaatti raabsamaa jiraachuu kaasuun, qophii humna namaa dabalatee sosochiin hawaasaa gaggeeffamuu ibsaniiru. Duulichaan talaallii pooliyoo manaatii manatti kennuun cinatti daa’imman mallattoo dhibichaa argisiisan adda baasuuf akka hojjetamu hubachiisaniiru. Ministeera fayaatti Gorsituun komunikeeshinii sagantaa talaallii adde Tsaggaanash Gadiluu akka ibsanitti, duulichaan daa’imman talaallii pooliyoo idilee hin fudhanne haammatudha jedhaniiru. Buufataalee talaallii yeroo fi gara dhaabbilee fayyaa deemanii talaallicha akka fudhatan ni taassifama jedhaniiru. Talaallichi magaalota naannoolee hundatti argamanitti, Aanaalee fi gandootatti yeroo walfakkaatutti akka kennamu eeruun, milkaa’inasaaf qooda fudhattoonni sadarkaa sadarkaan jiran tumsa akka taassisan ergaa dabarsaniiru.
Buusaa Gonofaan Oromiyaa Waarshaa Qindeessa Omisha Qonnaa ijaaruufi
Dec 8, 2025 154
Sadaasa 29/03/2018(TOI)-Buusaa Gonofaan Oromiyaa humna ergamasaa raawwachuu caalaatti cimsuuf dandeessisu waarshaa qindeessa Omisha qonnaa ijaaruuf ta’uu ibse. Qabeenya dilbii bakkeewwan Itiyoophiyaa hunda jiru misoomsuun omishtumaa guddisuu fi karoora gargaaramuu keessaa bahuu qabatamee hojjetamaa jira. Naannooleen deeggarsa namoomaa irratti qophii yeroo balaa fi of-dandaa’uu isaanii mirkaneesuuf dandeettii qindoomina qabu ijaaraa jiru,. Naannoon Oromiyaa dhaabbata Buusaa Gonofaan jedhu hundeessuun rakkoowwan uumamaa fi nam tolchee dandamachuu fi deebii hatattamaa kennuuf humna dandeessisu ijaaraa jira. Itti aanaa Buusaa Gonofaa Naannichaa Tafarii Bayyanaa, dhaabbatichi buusii galii miseensotarraa argatuu fi hojii qonnaa raawwachuun humnasaa cimsachuuf Naannichatti Godinaalee adda addaatti misooma midhaaniirratti hojjechaa jira. Omisha qonnaa kana qindeessuun kaayyoo barbaadamuuf oolchuuf akka danda’amu waarshaa qindeessa Omisha qonnaa ijaaruuf ta’uu ibsaniiru. Bu’uuruma Kanaan waajjira Pirojaktii dhimmicha hordofu hundeeffamee qorannoo isa baasuu fi haal dureen hojii raawwatamaa jira jedhaniiru. Haaluma Kanaan Bulbula fi Naqamtetti Paarkiiwwan Idustirii Omisha Qindeessu keessatti waarshaawwan ijaaraman lama hijii dhaabbatichaa kan saffisiisan ta’uu ibsaniiru. Paarkii Industirii Bulbulaa keessatti Waarshaan ijaaramu guyyaatti Qamadii toonii kuma lama daakuu kan danda’uu fi mokoroonii fi paastaa kan qindeessu ta’uu hubachiisaniiru. Paarkii Industirii Naqamtee keessaatti immo kanneen hanqina nyaataan miidhamaniif kan oolu nyaannii yeroo ariifachiisaaf oolu nyaanni deeggaraan kan keessatti qindaa’u dubbataniiru. Waarshaawwan kunneen buusaa gonofaan humna mataasaan deeggarsa yeroo ariifachiisaa dhiheessuu akka danda’uuf caalaatti humna kan umuuf ta’uu ibsaniiru. Buusaa Gonofaan omisha qofaa omishuu osoo hin ta’iin mankuusaa gahaa qabaaachuu akka qabu amanamee magaalota Adaamaa Shaashamanneetti man-kuusaa mataasaa qophheesuusaa himaniiiru. Gara fuulduraatti Godina Baalee Bahaa magaalaa Gindhiiritti akkasumsa Godina Wallagga bahaa Magaalaa Naqamteetti man kuusaa sadarkaasaa eeggate ijaaramu jedhaniiru. Kana Cinaatti Godinaalee fi Aanaawwan hundatti Man-kuusaan akka qophaa’u kallattiin kaa’amee gara hojiitti galamuu ibsaniiru.
Diinagdee
Godina Jimmaarraa bunni toonii kuma 10 gabaa jiddugaleessaaf dhihaateera
Dec 9, 2025 17
Sadaasa 30/2018(TOI)- Godina Jimmaarraa amma ammaatti bunni qulqullinasaa eeggate qophaa’e toonii kuma 10 gabaa jiddugaleessaaf dhihaachuusaa waajjirri qonnaa godinichaa ibse. Hogganaan waajjira qonnaa godina Jimmaa obbo Tiijaanii Tamaam akka ibsanitti, bara kana buna walitti qabamu keessaa toonii kuma 126 kan dhiqamee fi hin dhiqamne gabaa jiddu galeessaaf dhiheessuuf dhiheessuuf karoorfamee hojjetamaa jira. Buna gabaaf dhihaatu keessaa tooniin kuma 52 kan dhiqamee fi kan hafe kan hin dhiqamne ta’uu eeranii, yeroo ammaa oomisha walitti qabuun cinaatti buna qulqulluu qopheessuu fi gabaaf dhiheessuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Amma ammaatti bunni qulqullinasaa eeggatee qophaa’e tooniin kuma 10 gabaa jiddugaleessaaf dhihaachuu beeksisaniiru. Godinichatti Industiriiwwan xqqaan 523 buna diimaa fi gogaa muluqsanii fi soranii qulqulleessan tajaajila kennaa akka jiran dubbataniiru. Godinichi qonnaan bultoota buna oomishan, daldaltootaa fi buna kan qiqindeessaniif qulqullina bunaarratti leenjii kennaa turuusaa beeksisaniiru. Qonnaan bultoonni godinichaa buna oomishan gamasaaniin, Buna qulqullinaan akka walitti qaban dubbataniiru. Godinichatti qonnaan bulaan jiraataa aanaa Geeraa Sulxaan Abbaa Walii, bunni madda galiisaanii isa ijoo ta’uu ibsanii, yeroon kun yeroo bunni itti walitti qabamudha jedhaniiru. Lafa heektaara walakkaarraa buna diimate walitti qabaa akka jiran dubbataniiru. Qonnaan bulaan Keeruu Qaasima, lafa heektaara 2 irraa buna diimaa walitti qabaa akka jiran beeksisaniiru.
Hojiin Misooma koriidaraa fi Eegumsa HambaaMagaalaa Harariitti hojjetaman turtii Tuuristootaa dheeressaa jiru
Dec 9, 2025 24
Sadaasa 30/03/2018(TOI)-Hojiin Misooma koriidaraa fi Eegumsa Hambaa Magaalaa Harariitti hojjetaman turtii Tuuristootaa dheeressuurratti qooda qabaachuusaanii Biiroon Aadaa, hambaa fi tuurizimii naannichaa ibse. Bakkeewwan gahumsa Tuuristootaa biyyittii jiran keessaa Harar kan eeramtu yoo taatu bakkeewwan hawwata Turistii kana daawwattoonni biyya keessaa fi Alaa Daawwachaa jiru. Keessumaa jijiiramaa booda Harariin Miidhagduu fi hawwattuu kan taassisan misoomni koriidaraa, Eegumsa fi kunuunsi Hambaa akkasumas kanneen biroon turtii daawwattootaa dheeressan hojjetamaniiru. Kanaanis bakeewwan seenaa qabeessi, bakkeewwan hawwata Amantaa fi Misoomni Koriidaraa Magaalichatti Hojjetaman baay’ina daawwattoota biyya keessaa fi biyya Alaa dabalaa jira. Biiroon Aadaa fi eegumsa Hambaa Naannichaatti Daaraktarri Tuurizimii Obbo Saamii Abdul Waasii TOI’f akka ibsanitti mootummaa jijjiiramaan naannichatti bakkeewwan hawata Tuuristii babal’isuun, hambaa eeguunii fi kanneen biroon hojiiwwan hedduun hojjetamaniiru. Kanaanis hojiwwan hojjetamaniin mmaan dura hambaalee rakkoo keessa turan oolchuun danda’amuu dubbataniiru. Ammaan dura yeroon turtii Tuuristootaa muraasa kan ture ta’uu kan eeran Obbo Saamiin, Misooma Koriidaraa fi Hambaa Idil-Addunyaa Jagol keessatti haaromsa gaggeeffameen yeroon turtii daawwattootaa dheerachaa jiraachuu ibsaniiru. Dhaabbilee Tuuristiif tajaajila kennan Ammayyeessuuf deeggarsii fi hordoffiin taassifamaa jiraachuu ibsaniiru. Hoteela dabalatee bakka keessummoonni itti boqotan Mana Aadaa shan (gasti hawosoota)Tuuristootaaf tajaajila guddaa kennaa jiraachuusaanii fi mana Aadaa Hararii dabalataa hojjechuuf karoorfamuu ibsaniiru. Kanaanis lakkoofsa Tuuristootaa Harariin daawwatan kan bara darbee yeroo kanaa waliin yoo madaalamu guddina dhibbantaa 20 argisiisuu fi keessumaa naannichaa fi bakkeewwan gahumsa daaawwattootaa haala addaan beeksisuun cimee itti fufuu dubbataniiru.
Godina Jimmaarraa bunni toonii kuma 10 gabaa jiddugaleessaaf dhihaateera
Dec 9, 2025 20
Sadaasa 30/2018(TOI)- Godina Jimmaarraa amma ammaatti bunni qulqullinasaa eeggate qophaa’e toonii kuma 10 gabaa jiddugaleessaaf dhihaachuusaa waajjirri qonnaa godinichaa ibse. Hogganaan waajjira qonnaa godina Jimmaa obbo Tiijaanii Tamaam akka ibsanitti, bara kana buna walitti qabamu keessaa toonii kuma 126 kan dhiqamee fi hin dhiqamne gabaa jiddu galeessaaf dhiheessuuf dhiheessuuf karoorfamee hojjetamaa jira. Buna gabaaf dhihaatu keessaa tooniin kuma 52 kan dhiqamee fi kan hafe kan hin dhiqamne ta’uu eeranii, yeroo ammaa oomisha walitti qabuun cinaatti buna qulqulluu qopheessuu fi gabaaf dhiheessuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Amma ammaatti bunni qulqullinasaa eeggatee qophaa’e tooniin kuma 10 gabaa jiddugaleessaaf dhihaachuu beeksisaniiru. Godinichatti Industiriiwwan xqqaan 523 buna diimaa fi gogaa muluqsanii fi soranii qulqulleessan tajaajila kennaa akka jiran dubbataniiru. Godinichi qonnaan bultoota buna oomishan, daldaltootaa fi buna kan qiqindeessaniif qulqullina bunaarratti leenjii kennaa turuusaa beeksisaniiru. Qonnaan bultoonni godinichaa buna oomishan gamasaaniin, Buna qulqullinaan akka walitti qaban dubbataniiru. Godinichatti qonnaan bulaan jiraataa aanaa Geeraa Sulxaan Abbaa Walii, bunni madda galiisaanii isa ijoo ta’uu ibsanii, yeroon kun yeroo bunni itti walitti qabamudha jedhaniiru. Lafa heektaara walakkaarraa buna diimate walitti qabaa akka jiran dubbataniiru. Qonnaan bulaan Keeruu Qaasima, lafa heektaara 2 irraa buna diimaa walitti qabaa akka jiran beeksisaniiru.
Ijaarsa daandii aspaaltii Amboo-Walisoo Xumuruuf saffisaan hojjetamaa jira
Dec 8, 2025 148
Sadaasa 29/2018(TOI)- Ijaarsa daandii aspaaltii konkiriitii Amboo-Walisoo baatii sadan dhufan Xumuruuf saffisaan hojjetamaa jiraachuu bulchiinsi daandiiwwan Itiyoophiyaa beeksise. Bulchiinsichatti hojii gaggeessaan waajjira pirojekti maanajimantii naannawa Amboo Daanyee Laggasaa ROI’tti akka himanitti, ijaarsi daandii waggaa jaha dura eegalame yeroo ammaa saffisaa jira. Daandiin birria biiliyoona 7’n ijaaramaa jiru kun km. 63 tuqaa 78 kan dheeratu ta’uu dubbataniiru. Daandiin kun Intarpiraayizii konistiraakshinii ittisaatiin ijaaramaa kan jiru yoo ta’u, korporeeshiniin Injiinariingii Itiyoophiyaa ammo hojii gorsaa fi to’annoo raawwachaa jira jedhaniiru. Ijaarsi daandii kanaa baatii sadii keessatti xumuruuf ciminaan hojjetamaa akka jiru himaniiru. Intarpiraayizii Konistiraakshinii ittisaatti hojii gaggeessaan pirojektii daandii Amboo-Walisoo Shiibashii Caakkaa, ijaarsa daandii saffisaan xumuruun fayyadama jiraattotaa guddisuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Ijaarsa daandi Amboo-Walisoo yeroo gabaabaatti xumuruuf Shawaa kibba lixaa fi Shawaa lixaa wal quunnamsiisuurra darbee imala gara loojiiwwan Ikoo turizimii Wancii fi dandiitti taasifamuuf haala mijataa ni uuma jedhaniiru. Jiraattonni naannichaa Yaadasaanii TOI’f kennan gamasaaniin daandichi xumuramuunsaa faayida hedduu akka qabu dubbataniiru,
Saayinsii fi teeknooloojii
Gidduu galichi Midhaan Omishtummaansaanii qorannoon mirkanaa’e beeksisaa jira
Dec 9, 2025 26
Sadaasa 30/03/2018(TOI)-Gidduugalli qorannoo Qonnaa Asoosaa omishtummaansaanii qorannoon kan mirkanaa’e sanyii Bisingaa fi Atooboonsituu beeksisaa jira. Gidduugalichattii fi ooyruu qonnaan bulaarratti sanyii Bisingaa fi Atooboonsituu kilaastaraan omishuun hojiin beeksisuu hojjetamaa jiraachuu Daaraktarri Gidduugalichaa Dastaa Baqqalaa TOI’f ibsaniiru. Bu’uuruma Kanaan gidduugala qorannichaatti lafa hektaara 81 irratti bisingaan kilaastaraan misoomaa jiraachuu eeraniiru. Sanyiiwwan bisingaa qorannoon fooya’ana “Asoosaa tokko” fi “Asoosaa lama” kan jedhaman ooyruu qonnaan bulaarratti hektaararraa omisha hanga kuntaala 35 akka kennan eeraniiru. Gama biroon Godina Asoosaa Aanaawwan adda addaatti lafa hektaara 32 ol irratti midhaan Atoo boonsituun kilaasteraan misoome qonnaan bulaan barsiifamaa jira. Hanga ammaatti faayidaarra oolaa kan jiru sanyiin Atoo boonsituun Gishaamaa sanyiin bakka bu’an “Andinat” fi “Xaanaa balas “ kan jedhaman barakana misoomsuun qonnaan bulaa beeksisuun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Sanyiiwwan Atoo boonsituu kun yeroo gidduu galeessaatti kan gahan , omishtummaan saanii kan mirkanaa’e, olka’insa galaanarraa meetira 700 hanga kuma 1 fi 860 olitti kan madaqanii fi dhukkuba dandamachuuf humna guddaa kan qaban ta’uu ibsaniiru. Qonnaan bultootni 88 Bisingaan akkasumas, Qonnaan bultootni 76 Atoo boonsituu misoomsuu fi beeksisuurratti himaachuusaanii daarektarichi dubbataniiru. Walii gala gidduugalichi midhaanii fi beelladoota adda addaarratti hojii teekinooloojii beeksisuu aanaawwan adda addaatti hojjechaa jiraachuu beeksiseera.
Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob naannoo Oromiyaa magaalota 5 keessatti eegalame babal’isuuf hojjetamaa jira
Dec 7, 2025 216
Sadaasa 28/2018(TOI)-Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob naannoo Oromiyaa magaalota 5 keessatti eegalame babal’isuuf hojjetamaa jiraachuu biiroon Paabiliik sarvisii fi misooma humna namaa naannichaa beeksise. Itti aanaan itti gaafatamaa biirichaa Daamxoo Gammachuu TOI’f akka ibsanitti, mootummaan naannichaa riifoormii Siviil Sarvisii humna guutuun hojiirra oolchuuf kallattii kaa’eera. Haala Kanaan riifoormicha hojiirra oolchuuf haala mijataa naannichi qabutti gargaaramuun sanadoota barbaachisan guutuun boqonnaan qophii xumuramee hojiitti galuusaa ibsaniiru. Keessumaa riifoormichi biiroo paabiliik sarvisii fi misooma humna namaan, Biiroo fayyaan, biiroo barnootaan, biiroo maallaqaa fi walumaa gala waajjiraalee mootummaa shan keessatti hojiirra akka oolu kaasaniiru. Kanneen keessaa tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob tokko yoo ta’u ummata naannichaa bu’aa bayii fi baasii hin mallerraa oolchuun tajaajila si’ataa, ariifataa fi iftoomina qabu kennuuf qooda fudhattoota waliin bal’inaan hojjetamaa jira jedhaniiru. Riifoormicha guutummaan hojiirra oolchuuf humna namaa leenjiin ga’oomsuu, bu’uraalee misoomaa guutuu, teekinooloojiiwwan hojjechuu fi ijaarsota bal’isuu fi tajaajilamaaf hubannoo uumuun hojiilee ijoo hojjetaman ta’uu obbo Daamxoon ibsaniiru. Haala Kanaan bara 2018 marsaa jalqabaatiin magaalaawwan Shaggar, Bishooftuu, Adaamaa, Shaashamannee fi Jimmatti tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob eegalamuusaa beeksisaniiru. Tajaajilichi erga eegalamee asitti baatii sadan darban namoonni kuma 180 tajaajila argachuun itti quufinsi dhibbantaa 95 ol ta’uu qorannoon taasifameen adda baafamuu kaasaniiru. Bara bajataa kana tajaajilicha itti fufsiisuun magaalaa Shaggariin alatti magaalaawwan gurguddoo 13 keessatti hojichi xumuramee tajaajilli akka kennamu ibsaniiru. Magaalota Shaakkisoo, Moyyaalee, Shanoo, Najjoo fi Dodolaa akkasumas godinaalee Arsii lamaan, Jimma, Harargee Bahaa fi Shawaa Bahaatti tajaajilli kun hojiirra akka oolu mirkaneessaniiru. Bara kana naannoo Oromiyaatti walumaa gala magaalaawwan sadarkaa kantiibaan bulan 52 keessatti tajaajilicha guutummaan bal’isuuf hojjetamaa akka jiru kaasanii, fuuldura amma gandaatti kan itti fufu ta’uu dubbataniiru. #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI
Sirni dijitaalaa galmee siviilii fi tajaajila jiraattotaa, jiraattonni tajaajila ammayyaa fi si’ataa akka argatan gargaara
Dec 5, 2025 175
Sadaasa 26/2018(TOI)- Sirni dijitaalaa galmee siviilii fi tajaajilaa qindaa’aa jiraattotaa, jiraattonni tajaajila ammayyaa fi si’ataa akka argatan gargaara jedhan kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee. Kantiibaa Adaanech Abeebee sirna dijitaalaa galmee siviilii fi tajaajila jiraattotaa qindaa’aa inistiitiyuutii hubannoo nam tolchee Itiyoophiyaan hojjetame har’a hojii eegalchiisaniiru. Kantiibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka jedhanitti, sirni dijitaalaa kun kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuun tajaajilamtoonni tajaajila si’ataa fi ariifataa akka argatan gargaara. Kenniinsa tajaajila galmee siviilii fi tajaajila jiraattotaa Kanaan dura ture guutummaatti kan jijjiiru ta’uu ibsaniiru. Sirni dijitaalaa kun dandeettii dorgommii idil addunyaa magaalaa Finfinnee kan guddisu ta’uu kaasuun, Sadaasa 29 bara 2018 irraa eegalee aanaalee 50 keesatti hojiirra ooluu eegala jedhaniiru. Daarektarri olaanaa inistiitiyuutii hubannoo nam tolchee Dr Warquu Gaachanaa, guddina biyyaa mirkaneessuuf teeknooloojii faayidaarra oolchuun akka barbaachisu ibsaniiru. Itiyoophiyaan guddina hunda galeessaa fi si’ataa galmeessisaa akka jirtu ibsanii, gama hubannoo nam tolcheetiin jijjiirama guddaa galmeessisaa jirti jedhaniiru.
Konkolaattonni elektirikaa fedhii geejjibaa ummataa guutuuf gumaacha olaanaa taasisaa jiru
Dec 4, 2025 246
Sadaasa 25/2018(TOI)-Konkolaattoonni elektirikaa fedhii geejjibaa ummataa guutuuf gumaacha olaanaa bahachaa jiraachuu Deetaan Ministira Ministiraa Geejjibaa fi walitti hidhaminsa riijinii obbo Bari’oo Hasan himan. Mootummaan konkolaattoota elektirikaa babal’isuuf xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa jira. Deetaan Ministiraa kuniTOI waliin turtii taasisaniin akka jedhanitti, yeroo ammaa dandeettii teessumaa daangeffameen fedhii geejjibaa guutuun rakkisaa dha. Haa ta’u malee, mootummaan dhiyeessii konkolaattotaa babal’isuun tajaajila geejjibaa hawaasni akka argatu hojjechaa jira jedhaniiru. Konkolaattoonni elektirikaa faayidaalee olaanaa qabaachuu ibsuun, mootummaan biyya keessa bal’inaan galchuun tajaajila akka kennan gochuun xiyyeeffannoon hojjechaa jira jedhan. Mootummaanis hanqina geejibaa ummtaa furuuf konkolaattota elektirikaa babal’isaa jiraachuu eeraniiru. Konkolaattonni geejjibaa ummataa 110, dhiheenya kana bulchiinsi magaalaa Finfinnee hojiirra oolche ‘Veloosiitiin”, daandiiwwan hanqinni jiru 11 irratti bobbaasuun, kunis jijjiirama guddaa fideera jedhan. Akkasumas, minibaasoonni elektirikaa 22 tajaajilaaf dhiyaachuun isaanii, konkolaattota ummataa gurguddaa,’veeloosiitii’ wajjin walsimsiisuun, fedhii geejjibaa guutuu keessatti gahee olaanaa akka qabu eeraniiru. Dhaabbileen konkolaattota elektirikaa fayyadamuun tajaajila taaksii kennan hundeeffamuu isaaniis eeruun; damee dhuunfaa waliin ta’uun tajaajilli geejjibaa dhaqqabamaa taasisuuf adeemsi akka jirus ibsaniiru. Itiyoophiyaan erga konkolaattota elektirikaa hojiirra oolchuu eegaltee as sadarkaan amma irra geesse dorgomtummaa idil-addunyaa ishee guddisa jedhaniiru. Konkolaattota dhuunfaa dabalatee konkolaattota ummataa gara konkolaattoota elektirikaatti jijjiiruun bu’aa gaarii fidaa jiraachuu deetaan ministiraa kun himaniiru. Kunis faayidaa hawaas diinagdee olaanaa qabaachuu himaniiru.
Ispoortii
Shaampiyoonsi liigichaan taphoonni Baayer Muniik Ispoortiing Liisban, Intar miilaan Liivar Puul waliin taassisan ni eeggamu
Dec 9, 2025 30
Sadaasa 30/03/2018(TOI)- Shaampiyoonsi Awurooppaatiin taphoonni Baayer Muniik Ispoortiing Liisban, Intar miilaan Liivar Puul waliin taassisan ni eeggamu. Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaatti sagantaa tapha 6ffaan har’a eegala . Galgala sa’aatii 2:45 irratti Baayer muniik Ispoortiingi waliin istaadiyeemii Liizban Aliyaanzi Areenaatti ni taphatu. Bara kana waltajjii Awurooppaaf Imala gaarii taassisaa kan jiru Baayer Muniik qabxii 12n sadarkaa 3ffaa qabateera. Morkataansaa Ispoortiingi Liizban qabxii 10n sadarkaa 8ffaa qabateera. Baayer Muniik yoo injifate sadarkaasaa gara 2ffaatti ol guddisa. Intarmiilaan Liivarpuul waliin galgala sa’aatii 5:00tti Istaadiyeemii Juseeppee Mi’eezaatti taphni gaaggeessan ni eeggama. Gareen Xaaliyaanii qabxii 12n sadarkaa 4ffaa qabateera. Liivarpuul qabxii 9n sadarkaa 13ffaa qabateera. Injifataan dorgommichaa yeroo sadii Intarmiilaan fi abbaan Waancaa yeroo ja’aa Liivarpuul taphni gaggeessan wal morkiin madaalawaan ni gaggeeffama jedhameetu eeggama. Sagantaawwan biroon Atilaantaan Chelsii waliin, Baarseloonaan, Intiraakti Firaankifarti waliin, Tootinihaam Hootisparsi Islaaviyaa piraag waliin, PSV EIindhoven Atileetikoo Maadriid waliin, Moonaakoon Galatasaray waliin ,Yuuniyeen Seent Gilooso waliin sa’aatii wal fakkaatutti galgala sa’aatii 5:00 maarseel waliin tapahata. Taphoota birootiin ammoo Atalantaan Cheelsii waliin, Baarseloonaan Intraakt Firaankifart waliin, Tootinaam Hootspar Islaaviyaa Praag waliin, PSV ayindihoven Atleetikoo Maadriid waliin, Moonaakoon Galatasaray waliin, Yuuniyeen Seent Giiloos sa'aatii wal fakkaatutti galgala sa'aatii 5:00tti irratti Maarseel waliin ni taphatu. Kaayiraat Almaat Olompiyaaksi waliin galgala sa’aatii 12:30tti ni taphatu.
Dursaan liigichaa Itiyoo Elektirikiin Kutaa Magaalaa Boolee Waliin taphata
Dec 9, 2025 27
Sadaasa 30/03/2018(TOI)-Piriimar Liigii Dubartoota Itiyoophiyaa sagantaa torbee 11ffaan har’a ni eegama. Guyyaa sa’aatii 7:00 Itiyoo Elektirikiin Kutaa magaalaa Boolee waliin Itaadiyeemii yaadannoo Abbabaa Biqilaatti ni taphatu. Itiyoo Elektirikiin liigichatti taphoota 10 gaggeesseen injifateera. Taphichaan galchii 28 yoo lakkoofsisu galchii 5 keessummeesseera. Garichi qabxii 30n liigicha dursaa jira. Morkataansa kutaan Magaalaa Boolee Liigichaan taphoota 10 gaggeesseen 4 yoo injifatu yeroo lama mo’ameera. Taphoota hafan Afur immoo qixa baheera. Galchii 11 yoo lakkoofsisu galchii 10 keessummeesseera. Kutaan Magaalaa Boolee qabxii 16n sadarkaa 6ffaa qabateera. Itiyoo Elektiriik yoo injifate liigichaan dursummaasaa cimsa. Kutaan Magaalaa Boolee yoo injifate injifannoo itti fufaa galmeessa. Sagantaa Biroon Baankiin Daldala Itiyoophiyaa Magaalaa Diree Dawaa waliin Istaadiyeemii Yaadannoo Abbabaa Biqilaatti ni taphatu. Injifataan liigichaa Baankiin Daldala Itiyoophiyaa liigichaan taphoota 8 gaggeesseen yeroo 7 yoo injifatu yeroo tokko qixaa baheera. Baankiin Daladala Itiyoophiyaa Taphoota 8 gaggeesseen yeroo 7 injifachuun Al-tokko qixa bahuunsaa ni yaadatama. Taphoota 8 taphateen galchii 26 lakkoofsisuun, galchii tokko keessummeesseera. Baankiin Daldala Itiyoophiyaa taphni 1 osoo isa hafuu qabxii 22n sadarkaa 4ffaa qabateera. Magaalaan Direedawaa Liigichaan taphoota 10n gaggeesseen 4 yoo injifatu yeroo 6 mo’ameera. Galchii 10 yoo lakkoofsisu galchii 15n keessummeesseera. Garichi qabxii 12n sadarkaa 9ffaa qabateera. Baankiin daldala Itiyoophiyaa yoo injifate sadarkaa 2ffaa magaalaa Hawaasaarraa fudhata. Morkataansaa Magaalaan Direedawaa torbee 10ffaan kutaa magaalaa Booleetiin erga mo’amee booda gara infifannotti deebi’uuf ni taphata.
Manchistar Siitiin Sandarlaandi mo’achuun sadarkaasaa lammaffaatti guddifate
Dec 6, 2025 293
Sadaasa 27/2018(TOI)- Piriimar Liigii Ingiliz turban 15ffaan Manchistar Siitiin Sandarlaandiin 3 fi 0’n mo’achuun sadarkaasaa lammaffaatti guddifate Tapha galgala kana Istaadiyeemii Itihaaditti gaggeeffameen Ruban Diyaaz, Joshkoo Givaardiyool fi Fiil Foon galchii galchaniiru. Taphataan garee Sandarlaandi Luuk Oniyeen daqiiqaa 95ffaarratti kaardii diimaan dirreerraa baheera. Manchistar Siitiin Liigichaan yeroo 10 mo’achuun qabxiisaa 31 gahachuun sadarkaa lammaffaa Sandarlaandirraa fudhateera. Siitiin garaagarummaa qabxuu dursaa garichaa Arsanaal waliin qabu gara lamaatti gadi buuseera. Gama biraan bara dorgommichaa yeroo afur kan mo’ame Sandarlaandi qabxii 23’n sadarkaa torbaffaa qabateera. Sagantaalee biroon Bornimaawuz fi Cheelsiin galchii malee wal qixa bahaniiru. Evertan Notingihaam Forastiin 3 fi 0’n yoo mo’atu Totanihaam Hotisparsi Biriijiin 2 fi 0’ fi Niwukaastil Yunaayitid Barnileeyiin 2 fi 1’n mo’ataniiru. Galgala sa’aatii 2:30tti Liidsi Yunaayitid Liivarpuul waliin ni taphatu.
Astonviilaan Liigicha dursaa kan jiru Arsanaal Mo’achuun sadarkaasaa lammaffaatti guddifateera
Dec 6, 2025 200
Sadaasa 27/2018(TOI)- Piriimar Liigii turban 15ffaan Astonviilaan Liigicha dursaa kan jiru Arsanaal 2 fi 1 Mo’ateera. Tapha Istaadiyeemii Viillaa Paarkitti gaggeeffameen galchii Matikaash daqiiqaa 36ffaarratti galche Astinviilaan akka dursu taasiseera. Liyaandiroo Tiroosaardi daqiiqaa 52rratti galchuun Arsanaal wal qixa akka ta’u godheera. Emiiliiyaanoo Bundiiyaa daqiiqaa 52ffaarratti galchuun Astonviilaan akka mo’atu taasiseera. Arsanaal qabxii 33, Astonviilaan qabxii 30 irratti argamu.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Ministirri dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos bakka bu’aa pirezidaantii Koop32 ta’uun ramadaman
Nov 26, 2025 534
Sadaasa 17/2018(TOI) Mootummaan Ministira dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos bakka bu’aa pirezidaantii Koop32 gochuun ramadeera. Waajjirri ministira muummee akka beeksisetti akkaataa konveenshinii hammattoo jijjiirama haala qilleensaa mootummoota gamtoomaniitiin Itiyoophiyaan Koop32 waan qopheessituuf ministira dhimma alaa mootummaan Itiyoophiyaa kan ta’an Dr. Geediyoon Ximootiwoos bakka bu’aa pirezidaantii koop32 gochuun wayita ibsu gammachuutu itti dhagahama. Doktar Geediyoon hooggantoota biyya keessaa, qaamolee mootummoota gamtoomanii fitumsitoota idil addunyaa waliin tumsuun qophii Koop32 agga hoogganan beeksiseera. Biyyoonni miseensa konveenshinii hammatto jijjiirama haala qilleensaa mootummoota gamtoomanii itti gaafatama qophheessummaa Itiyoophiyaaf kennuusaaniif mootummaan Itiyoophiyaa galateeffachaa qindeessummaa Dr. Geediyoon Ximootiwoosiin hawaasa eegumsa haala qilleensaa addunyaa waliin walitti dhiheenyaan hojjechuuf qophii ta’uu ni ibsa jedheera.
Misoomni qarqara lageenii magaalichaa nageenyi lageenii akka eegamu gahee olaanaa bahachaa jira
Nov 20, 2025 582
Sadaasa 11 /2018(TOI)-Misoomni qarqara lageenii magaalaa Finfinnee bakka aara galfii fi iddoo bashannnanaan dabalatatti, nageenyi lageenii akka eegamu gochuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jiraachuu jiraattonni magaalichaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti himaniiru. Magaalattii keessatti balfi dhangala’oowwaniin faalame lageenitti gadhiifamuun lageen faalaa turaniiru. Kunis lageen magaalattii jiraattotaaf, lubbu qabeeyyiif akkasumas biqilootaaf faayidaa kennuun ala, akka sodaatti ilaamaa turani. Miidhaawwan kunneen hambisuuf, magaalittiin misooma koriidaraa jalqabdeen, lageen kanaan dura akka sodaatti ilaalaman yeroo ammaa nageenyi isaanii eegamee bakka bashannaa ta’aniiru. Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa hawaasa naannoo qarqara lageenii bashannanan dubbiseen, misoomni qarqara legeenii kanaan dura sodaa hawaasaa ture yeroo ammaa bakka aara galfii fi bakka bashannanaa ta’uun dabalatatti miidhagina magaalittiif shoora olaanaa bahachaa jiraachuu himaniiru. Obbo Marsaa Baqqalaa fi obbo Girmaayee Fissahaa turtii TOI waliin taasisanin akka jedhanitti, misoomni qarqara lageenii kanaan dura lageen bakka itti balfi gatamu ta’uu fi karaa sana darbuunuu rakkisaa ture wayita ammaa garuu misoomee arguun hedduu kan isaan gammachiise ta’uu dubbataniiru. Misoomni koriidaraa qarqara lageenii kunniin magaalaa Finfinnee miidhagduu akkuma maqaashee taasisaa jiraachuu eeraniiru. Hojiin misooma koriidaraa, kun lageenii fi naannoo isaanii miidhagsuu fi qulqulluu taasisuu qofa osoo hin taanee, muuxannoo fi dandeettii Itiyoophiyaanonni kunuunsaa fi eegumsa naannoo irratti qaban kan mul’ise ta’uu kan ibsan immoo Gaaddisaa Waaqjiraadha. Misooma koriidaraa qarqara lageeniin, bakkeewwan bashannanaa mijatoo hedduun daa’immanii fi dargaggootaaf oolan ijaaramaniiru kan jedhan immoo dargaggoo Solomoon Daawitii fi Abdii Malkaamuudha. Bakki bashannanaa kun yeroo keenya bakka hin taanetti akka hin dabarsineef nu gargaaruun, qilleensa qulqulluu afuura baafachaa, gammachuu guddaa argachuuf carraa nuuf baneera jedhan.
Biqiloota Sagantaa Ashaaraa Magariisaan Ganna darbe dhaabne kunuunsaa jirra-Qonnaan bultoota
Nov 18, 2025 537
Sadaasa 9/2018(TOI)-Biqiloota Sagantaa Ashaaraa Magariisaan Ganna darbe dhaaban kunuunsaa jiraachuu qonnaan bultoonni Godina Shawaa Lixaa himan. Qonnaan bultoonni kunniin biqiloota sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaaban irraa faayidaa hedduu argachaa jiraachuu himuun, kunuunsa isaa irrattis xiyyeeffannoon hojjecha jiraachuu dubbataniiru. Qonnan bultoonni aanaa Calliyaa obbo Asfawuu Dinquu fi obbo Fayisaa Qananii, waggoottan darban Sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiloota dhaabuun isaanii lafa qullaa hafee ture damdamachiisuun dabalatatti, oomishaa fi oomishtummaa isaanii kan dabale ta’uu Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti himaniiru. Kanaan dura lafti qonnaa isaanii biyyeen lolaan dhiqamee manca’aa ture, wayita ammaa garuu furmaata argachuu dubbataniiru. Yeroo ammaa kanattis midhaan dheedhii adda addaa oomishaa jiraachuu eeruun qonnaan bultoonni kunnin, biqiloonni sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaabaman gabbina biyyee dabaluun, miidhagina naannoofis shoora olaanaa bahachuu dubbataniiru. Kanaan dura osoo sagantaan Ashaaraa Magariisaa hin eegalamiin dura, roobni waktiisaa eegee hin roobu ture; amma garuu roobni waqtiisaa eegee akka roobuu fi roobni waktii malee roobees balaa akka hin geessifne nu gargaaruun oomishaa fi oomishtummaa keenya dabaleera jedhan qonnaan bultoonni kunniin. Qonnaan bultoonni kunniin hawaasa naannoo isaanii hirmaachisuun, hojii kunuunsa biyyee, daagaa hidhuu hojjetaniinii fi kunuunsa biqiloota dhaabamaniif taasisaniin jijjiirama fidaa jiraachuu himaniiru. Itti aanaa bulchaa aanaa Calliyaa fi hogganaan Waajjira Qonnaa fi Bulchiinsa Lafaa aanichaa, obbo Hinnahuu Tashoomaa akka jedhanitti, hojii misooma magariisaa godinicha keessatti hojjetamaa jiru keessatti hirmaannaan hawaasaa guddachaa kan dhufe ta’uu ibsaniiru. Aanichatti sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiloonni dhaabaman, kunuunfamaa jiraachuu dubbataniiru. Aanichatti erga sagantaan dhaabbii biqilootaa Ashaaraa Magariisaan eegalamee as qabeenyi uumamaa naannoo sanaa miidhagee, haalli qillensaa toluun dabalatatti qonnaan bultoonnis oomishaa fi oomishtummaan isaanii dabaluu himaniiru. Sagantaa misooma Ashaaraa Magariisaa aanicha keessatti adeemsifameen, biqiltuuwwan biyya keessaa dhaabuun, dabalatatti biqiloota soorataaf oolan kanneen akka maangoo, muuzii, avokaadoo fi buna dhaabuun qonnaan bultoonni faayidaa olaanaa irraa argachaa jiraachuu eeraniiru obbo Hinnahuun.
Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa Dhaabbata Mootummoota gamtoomanii (Cop-32) akka keessummeessitu filatamuunshee Itiyoophiyaa fi Afriikaaf seenaa qabeessadha- Dura taa’aa Komishinii Gamtaa Afriikaa
Nov 15, 2025 531
Sadaasa 6/2018(TOI)- Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (Cop-32) akka keessummeessitu filatamuunshee Itiyoophiyaa fi Afriikaaf seenaa qabeessa jechuun Durataa’aan Komishinii Gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yusuuf ibsan. Durataa’aan kun Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa Dhaabbata Mootummoota gamtoomanii (Cop-32) akka keessummeessitu filatamuusheen ergaa baga Gammaddanii dabarsaniiru. Murtichi Ityoophiyaa fi Afriikaaf seenaa qabeessa ta’uu dura taa’aan kun ibsuun, kunis kutannoo hin jijiiramne tarkaanfii Afriikaan jijjiirama haala qilleensaaf qabdu argisiisa jedhaniiru. Itiyoophiyaan karaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin qooda hoggansa haala jijiirama qilleensaa qabdu ajaa’ibsiifataniiru. Itiyoophiyaan bosona hedduu deebisanii misoomsuu fi Ashaaraa Magariisaa dabalatee tarkaanfiiwwan eegumsa naannoo cimaa fudhachaa jiraachuu ibsaniiru. Itiyoophiyaan Taateewwan Idil-Addunyaa milkaa’inaan keessummeessuun humna dilbii qabaachuushee kaasuun yaa’iiwwan Ardii fi Idil-Addunyaa gurguddoo keessummeessuuf dhaabbatummaa cimaa fi muuxannoo qabdi jedhaniiru. Teessoo Gamtaa Afriiklaa fi Gidduugala Dippiloomaatii Addunyaa kan taate magaalaan Finfinnee yaa’icha akka keessummeessitu filatamuunshee qooda tumsa Gidduugala Idil-Addunyaatti Qabdu Caalaatti akka Guddisuus Ibsaniiru. Komishinichi Itiyoophiyaa, hammattoo jijjiirama haala qilleensaa dhaabbata mootummoota Gamtoomanii (UNFCCC) fi deeggartoota waliin ta’uun (Cop-32) hunda hirmaachisaa fi bu’aa qabeeessa gochuun xiyyeeffannoo duraa haala jijiirama qilleensa Afriikaa caalaatti tarkaanfachiisuu fi Tumsa Idil- Addunyaa cimsuuf dhiheenyatti akka hojjetu ibsuusaanii Gamtichi odeeffannoo TOI’f ergeen ibseera. Yaa’iin haala Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 32ffaan (cop-3o) Biraazil Belemittigaggeeffamaa jiruun Itiyoophiyaan A.L.A bara 2027 gaggeeffamu (cop-32) akka keessumeessitu filatamteetti. Biyyoonni Afriikaa (COP-32) Itiyoophiyaatiif feedhii keessummeessuuf deeggarsasaanii guutuu kennuunsaanii ni yaadatama.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 667
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 9389
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.