ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Waarfeerii elektirooniiksii fayyadamuun qananii osoo hin taane jaarraa 21ffaa keessatti bu’ura birmadummaan biyyaa ittiin kabachiifamudha-Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa
Jan 3, 2026 9
Mudde 25/2017(ENA)- Waarfeerii elektirooniiksii fayyadamuun qananii osoo hin taane jaarraa 21ffaa keessatti bu’ura birmadummaan biyyaa ittiin kabachiifamu ta’uu utaamaajoor shuumiin humnoota waraanaa walii galaa FDRI Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa ibsan. Woorkishooppiin elektirooniik Warfeerii kan jalqabaa sadarkaa biyyaalessaatti mata duree “olaantummaan elektiroo maagineetiik Spektiremini birmadummaa biyyaaf” jedhuun waajjira olaanaa bulchiinsa nageenya neetwoorkii odeeffannootti har’a gaggeeffameera. Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa wayita kana akka jedhanitti, elektirooniik waarfeer qananiif osoo hin taane bu’ura birmadummaa biyyootaa jaarraa 21ffaati. Biyyoonni birmadummaasaanii kabachiisuuf falmii lafarraatti, galaana, qilleensaa fi Hawaa keessatti taasifamuun qofa fayyadamaa tiruu ibsaniiru. Yeroo ammaa waraanni ammayyaan kan gaggeeffamu dirree elektoroo maagineetiik spektiramii ijaan hin mul’annee fi maayikiroo kan ta’e carraa waraanaa kan murteessu keessatti ta’uu ibsaniiru. Haala Kanaan Itiyoophiyaan elektiroo maagineetiik speektiramii fayyadamuunshee nageenya qofaaf osoo hin taane dhimma jireenyaa ta’uus ibsaniiru. Bal’inni biyya keenyaa fi haalli ji’oo siyaasaa riijinichaa jijjiiramaa ta’e dandeettii qabatamaan ittisuuf qabnu waliin wal simuu qaba jedhaniiru. Daarektarri olaantuu bulchiinsa nageenya neetwoorkii odeeffannoo Tigist Hamiid gamasaaniin, dorgommiin ji’oo siyaasaa yeroo ammaa bifa jijjiirrachaa dhufuusaa ibsaniiru. Birmadummaasaan biyyaa kan kabajamu falmii lafarraatti, galaana, qilleensaa, Hawaa yookaan saayibariirratti gaggeeffamuun qofa akka hin taane himanii, elektoroo maagineetiik spektiramii ijaan hin mul’annee fi maayikiroon akka ta’e eeraniiru. Woorkishooppiin har’aa kun dame dorgommii kana ga’umsaan hubachuu fi speektiramicharratti olaantummaa amansiisaa hubachuuf kan dabdeessisu dandeettii biyyaalessaa guddisuuf akka ta’e ibsaniiru. Daarektar jeneraaliin tajaajila odeeffannoo fi nageenya biyyaalessaa ambaasaaddar Reedwaan Huseen dubbii dubbataniin akka ibsanitti, nageenyi biyyootaa kan mirkanaa’u, teeknooloojii odeeffannoo dursanii argachuun, speektiramicha to’achuunii fi diinni akka itti hin fayyadamne gochuuf dandeessisuun caalanii argamuudha. Barreeffamni ka’umsaa Seenaa dug-duubvee elektirooniks waarfeerii, muuxanoo biyyootaa yeroo ammaa, akkasumas haala Itiyoophiyaa har’aa fi boruu ilaallate itti aanaa daarektara olaanaa bulchiinsa nageenya neetwoorkii odeeffannoo obbo Daani’eel Guutaan dhihaatee mariin gaggeeffameera.
Birmadummaa gargaarsa namootaa mirkaneessuuf hojjechaa jirra-Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa
Jan 3, 2026 25
Mudde 25/2018 (ENA)- Birmadummaa gargaarsa namootaa mirkaneessuuf hojjechaa jirra jedhan Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa. Manni Maree hoggansa hojii soda balaa Itiyoophiyaa har’a akka haaraatti caaseffame walgahii jalqabaa gaggeesseera. Dhaabbileen marii har’aarratti hirmaatan yaadama jijjiiramaa keessa kan galanii fi kutaalee hawaasaa garagaraa kan bakka bu’an kan keessa galfaman waan ta’eef, hojiilee waloomaan raawwannuun alatti dhaabbileesaanii keessatti gargaarsa namoomaa ofiin guuttachuuf hojii hojjennu keessatti qooda olaanaa qabu jedhaniiru. Manni maree haaraan kun imaammata haaraa, labsii fi fandii deebii soda balaa bu’uureffachuun, ummata hirmaachisuun hawaasa cimaa ijaaruu fi miidhaa balaawwan uumamaa fi nam-tolchee hir’isuun cimee ni hojjeta. Gargaarsa namoomaa ofiin guuttachuuf dandeettii sirnaawaa fi dhaabbatummaa cimsuun akka barbaachisu walgahii keenyaan walii galteerra geenyeerra. Akkaataa Rood maappiiwwan bara 2016 baatii gannaa bocaman irraa eegaluun kadhaa fi gargaaramuu oomishtummaan bakka buusuuf tumsi laanaan taasifamaa, bu’aanis argamaa jira,. Fandii soda balaaf deebii ta’u egereef ijaaruun, sadarkaa federaalaa fi naannoleetti kuufama ofeeggannoo gurmeessuu fi lammiileen keenya buqqa’an fulla’insaan damdamatanii gara oomishtummaatti akka deebi’an gochuun galma mootummaa keenyaati. Keessumaa muuxannoo gaarii hawaasni keenya wal deeggarsaaf qabuu fi duudhaa waliif birmachuusaa gabbisuun tumsi gargaaramuurraa gara oomishtummaatti naannawa jirrutti taasifnuuf xiyyeeffamaa guddaatu kennaaaf. Gufuuwwan imala birmadummaa gargaarsa namoomaa keenya mudatan beekumsaa fi ogummaan cehuu gaafata. Kanammoo laalcha ida’amuu fi hoggansa cimaan milkessuuf walii galleerra. Itiyoophiyaa birmadummaashee gargaarsa namoomaa mirkaneeffatte dhugoomsuuf akka biyyaatti hawaasa guutuu sochoosuun akka barbaachisu manni marichaa kallattii kaa’eera.
Hojiin qulqullina barnootaa fooyyessuuf dandeessisu hojjetamaa jira
Jan 3, 2026 22
Mudde 25, 2018 (ENAI)-Hojiin qulqullina barnootaa fooyyessuuf dandeessisu hojjetamaa jira jedhan Ministirri Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaan. Yunivarsiitii Madda Walaabuutti waltajjiin marii roodmaappii fi imala jijjiiramaa Yunivarsiitichaa irratti xiyyeeffate gaggeeffameera. Piroofeesar Birhaanuu Naggaan wayita kana rakkoo qulqullina barnootaa mudate furuuf hojiileen hojjetaman bu’aa akka argamsisaniif qoodni ogeeyyii fi qaamolee qooda fudhattootaa olaanaadha jedhan. Damicha kufaatii keessaa baasuuf itti gaafatamummaa dhaloota har’aa waan ta’eef tattaaffiiwwan eegalaman akka milkaa’aniif hirmaannaan qaamolee qooda fudhattootaa cimuu akka qabus hubachiisaniiru. Keessumaa dhaabbileen barnootaa olaanoon damicha ceesisuun jijjiirama biyyaalessaa akka deeggaruuf riifoormiiwwan garagaraa hojiirra oolaa jiraachuu ibsaniiru. Hojiin ququllina barnootaa fooyyessuuf dandeessisu hojjetamaa jiraachuu kaasanii, bu’aan barbaadamu akka argamuuf hawaasni barnootaa imaanaa biyyaalessaa bahachuu akka qabu hubachiisaniiru. Ministirri Innoveeshinii fi Teeknooloojii fi Walitti qabaan Boordii Yunivarsiitichaa Doktar Ballaxaa Mollaan gama isaaniin, Yunivarsiitichi qabeenya uumamaa fi iddoowwan gahumsa tuurizimii qorannoon deeggaruun faayidaa hawaasaaf akka oolaniif xiyyeeffannoon hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Pirezidaantiin Yunivarsiitichaa Doktar Birhaanamasqal Xannaa ammoo Yunivarsiitichi ergama isaa bahachuuf qaamolee qooda fudhattootaa waliin hojjechaa jiraachuu ibsan. Yunivarsiitichi keessattuu jijjiirama hooggansaa ji'oottan dabran as taasifameen rakkoolee waggoottan darban keessa mudachaa turan adda baasuun akka furamaniif karoora waggaa 10 nii qopheeffatuu eeran. Karoorri tarsiima'aan (road map) waggoottan kurnan dhufaniif hojirra oolu kanaan hojiilee milkaa'ina qabaniif Yunivarsiiticha ceesisan qooda fudhattoota hirmaachisuun kan hojjataman ta'uus eeran. Hirmaattonni waltajjichaas, qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojiileen jalqabaman caalaatti bu’a qabeessa akka ta’an gochuuf gahee irraa eegamu bahuuf qophaa’oo ta’uu isaanii ibsaniiru. Pirezidaantiin Yunivarsitichaa karoora tarsiima'aa waggoottan kurnan dhufan hojirra oolchuuf baafate Ministeera barnootaa fi Miseensota boordii Yunivarsiitichaatiif kennee jira.
Qulqullinaa fi waliin gahinsa tajaajila fayyaa mirkaneessuuf tumsi qooda fudhattootaa cimuu qaba-Doktar Maqdas Dhaabaa
Jan 3, 2026 34
Mudde 25/2018(ENA)- Qulqullinaa fi waliin gahinsa tajaajila fayyaa mirkaneessuuf tumsi qooda fudhattootaa cimuu akka qabu ministirri fayyaa Doktar Maqdas Dhaabaaibsan. Sirni eebbaa Habaarii meedikaal pilaazaa tajaajiloota Ispeeshaaliitii fi sab-ispeeshaaliitii 15 kennu gaggeeffameera. Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee, ministirri fayyaa doktar Maqdas Dhaabaa, pirezidaantiin FDRI duraanii doktar Mulaatuu Tashoomaahooggantoonni mootummaa federaalaa fi bulchiinsa magaalaa Finfinnee saganticharratti argamaniiru. Qulqullinaa fi waliin gahiinsa tajaajila fayyaa lammiileef kennamu bal’isuudhaan imaammanni dhukkuba ittisuu fi waldhaananii fayyisuu jedhu hojiirra ooluusaa doktar Maqdas Dhaabaa wayita kana ibsaniiru. Fuulduras tarsiimoo dijitaala Itiyoophiyaa 2030 ka’umsa godhachuun dijitaalaayizeeshinii sirna fayyaa cimsuuf xiyyeeffatamee akka hojjetamu dubbataniiru. Dandeettii ogeeyyota fayyaa guddisuun, dhiheessii qorichaa ammayyeessuu fi oomishtoota biyya keessaa humneessuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Fuulduras tattaaffii qulqullinaa fi waliin gahiinsa tajaajila fayyaa mirkaneesuuf taasifamu keessatti tumsi qooda fudhattootaa cimee itti fufuu akka qabu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaa olaanaan Habaarii Meedikaal Kolleejii doktar Akkezee Xaa’imee gamasaanii dhaabbani fayyaa kun Ispeeshaaliitii fi sab-ispeeshaaliitii 15niin waldhaanamtoota deddeebi’anii waldhaanamaniif tajaajila akka kennu dubbataniiru. Finfinnee akkuma maqaashee miidhagduu fi mijattuu ta’aa dhufuusheerraa kan ka’e dhaabbatichi tajaajila magaalattii fi ummata madaalu kennuuf kan akeekkate ta’uu ibsaniiru.
Rakkoolee jiran karaa marii biyyaalessaa fulla’insaan furuuf tattaaffii godhamu keessatti qooda keenya nibaana
Jan 3, 2026 37
Mudde 25/2018 (ENA)- Rakkoolee jiran karaa marii biyyaalessaa fulla’insaan furuuf tattaaffii godhamu keessatti qooda keenya bahuuf qophiidha jedhan dubartoonni naannoo Tigraayi magaalota garagaraa keessa jiraatan. Dubartoonni naannicha magaalaawwan garagaraa keessa jiraatan rakkoolee mariin furuun agarsiiftuu bilchinaa fi qaroominaa ta’uu ibsaniiru. Mariin biyyaalessaa hundeeffamee mariin hunda galeessi, hammataa fi hirmaachisaan Itiyoophiyaa keessatti akka taasifamu gochaa jiraachuu kaasanii, ummanni naannoo Tigraayis akkuma ummata naannolee biroo marichaaf carraa isa barbaachisa jedhaniiru. Jiraattuun magaalaa Maqalee siistar Kidaan Haaftuu, dubartoonnii fi daa’imman rakkoolee mudatan keessatti adda durummaan kan miidhaman ta’uu kaasanii, ijaarsa nageenyaa keessatti adda durummaan hiriiruun dirqama ta’a jedhaniiru. Rakkoolee Itiyoophiyaa keessa turan mariidhaan furuun nageenyaa fi tasgabbii fulla’aa fiduuf tattaafiin itti jiramu abdii guddaa fidee dhufuusaa ibsanii, carraan kun nu jala darbuu hin qabu jedhaniiru. Naannichatti jiraattuun godina kibba bahaa aanaa Wajaraat Israa Addii adde Taaddaluu Gabrahet gamasaaniin adeemsi marii hunda keenyaaf abdii ifaa qabatee kan dhufe waan ta’eef hojiirra oolmaasaaf qooda keenya bahuuf qophiidha jedhaniiru. Shamarreen Yordaanoos Gabrahawaariyaa, mariin ala rakkoolee jiraniif furmaanni akka hin jirre kaaftee, carraa kanatti dammaqinaan hirmaachuuf qophoofneerra jetteetti.
Siyaasa
Mootummaan Ida’amuu imala badhaadhina biyyaalessaa keessatti dhaabbileen barnoota olaanoo gahee bakka hin buufamne akka qaban cimsee amana - Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad
Jan 2, 2026 231
Mudde 24/2018 (ENA)- Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Mootummaan Ida’amuu imala badhaadhina biyyoolessaa keessatti dhaabbileen barnoota olaanoo gaheebakka hin buufamne akka qaban cimsee akka amanuu fi hojiirra oolmaa isaaf hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti dabarsaniin, yaadni humna jijjiiramaa ta’uu eeruun, hayyoonni immoo bakka buutota jijjiiramaati jedhan. Hayyoonni jijjiirama hawaasa keessatti uuman biyyattii gara badhaadhinaatti kan geessu ta’uu eeruun, gama kanaanis hayyoonni yaada kabajuu fi jaalachuu, gadi fageenyaan xiinxaluu, dubbisuu, kan rakkoo furanii fi furmaata barbaadan ta’uun irraa eegama jedhani. Guyyaa har’aa waltajjii marii waggaa 75ffaa hundeeffama Yunivarsiitii Finfinnee kabajuuf Yunivarsiitichi qopheesse irratti hirmaachuu isaanii hubachiisaniiru. Mootummaan Ida’amuu imala badhaadhina biyyaalessaa keessatti dhaabbileen barnoota olaanoo gahee bakka hin buufamne akka qaban cimsee akka amanu, hojiirra oolmaa isaafis hojjechaa akka jiru dubbataniiru. Dhaabbileen hojii baruu barsiisuu fi qorannoo gara kalaqaa fi gochaatti jijjiiruun teeknooloojii waliin simsiisuun kan isaan irraa eegamu ta’uus cimsanii kan ibsan yoo ta’u, kunis badhaadhina Itiyoophiyaa saffisiisuu keessatti gahee guddaa qaba jedhan.
Itiyoophiyaan Rakkoolee Barootaaf turan bu’urarraa furuun Mootummaa cimaa ijaaruuf mariin biyyoolessaa carraa seenaa qabeessadha
Jan 2, 2026 139
Mudde 24/2018(ENA)–Itiyoophiyaatti rakkoolee baroota dheeraaf turan bu’urarraa furuun mootummaa cimaa ijaaruuf mariin biyyoolessaa carraa seenaa qabeessa ta’uu paartiin morkataa sosochii dimokiraatawaa Uummata Gumuz ibse. Mariin biyyoolessa Itiyoophiyaa erga labsiin hundaa’ee hojii eegalee asitti boqonnaa qophiitii hanga mariitti hanga ammaatti hojiiwwan hedduu hojjeteera. Dhimma kanarratti itti gaafatamaan sabquunnamtii fi miseensi gidduugalaa paartiin Sosochii Dimokiraatawaa Ummata Gumuz Lammeessaa Neenoo ENA’f yaada kennaniin akka ibsanitti, Mariin biyyoolessaa carraa rakkoolee furu qabatee kan dhufe ta’uu himaniiru. Mariin biyyoolessaa rakkoolee yeroo dheeraaf turan bu’uurarraa furuuf mootummaa cimaa hundeessuuf carraa seenaa qabessadha jedhaniiru. Haata’u malee carraa seenaa qabeessa kana milkaa’inaan goolabuuf hundi keenya rakkoolee mariin furuuf kutannoo qabaachuu qabna jedhaniiru. Lammiileen biyya keessaa fi biyya alaa jiraatan dhimma biyyasaaniirratti marii’achuun furmaatasaaf hojjechuun rakkoowwan bu’uurarraa furuuf abbaa ta’uu qabu jedhaniiru. Adeemsa kana keessatti paartiinsaanii hirmaannaa ho’aa taasisuusaa ibsaniiru. Gara fuulduraattis marichi hanga milkaa’inaan xumuramutti gaheesaanii bahuuf qophii ta’uusaanii mirkaneessaniiru. Paartiin sosochi idimokiraatawaa Ummata Gumuz komishinii Marii Biyyoolessaaf ajandaawwan adda addaa kennuusaa yaadachuun dhimmoota kanarratti marii’achuun qaama furmaataa ta’uuf qophaa’uusaa ibsaniiru.
Hojiiwwan Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad baatiiwwan Sadaasaa fi Muddee keessa hojjetan
Jan 2, 2026 129
Mudde 24/ 2018 (ENA) – Ministirri Muummee FDRI doktar Abiyyi Ahimad baatiiwwan Sadaasaa fi Muddee bara 2018 keessa hojiilee ijoo biyyaalessaa, ardiifi idil-addunyaa hojjetaniiru. Hojiileen hundi barbaachisummaa fi dhiibbaa uumuu danda’uu Itiyoophiyaa bu’uura cimaarra kan kaa’anidha. Ministirri Muummee Rippaabiliika Hindi daawwannaaf gara Itiyoophiyaa dhufuu hordofee mariin gamlamee Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad taasisanii fi waliigalteewwan hundagaleessi biyyoottan lameen gidduutti mallattaa’aniif hiikkaa guddaan kennameera. Mariin hoggantoota lameenii irra jireessaan tumsa biyyoonni lameen dameewwan daldalaa fi invastimantiin, dijitaalaayizeeshinii fi tuurizimiin qaban gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf kan kaayyeffatedha. Dabalataanis biyyoota lameen gidduutti deeggarsa bulchiinsa waloo Gumruukaa, Ministeera Dhimma Alaa FDRItti waliigaltee hundeeffama Giddugala Daataa akkasumas waliigalteen kabachiisa nageenyaa idil-addunyaa keessatti kutannoo qaban mul’isuu fi cimsu mallattaa’eera. Kana malees Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimadii fi Ministirri Muummee Naareendiraa Moodiin Paarlaamaatti argamuun Ministirri Muummee Hindi Walga’ii waloo Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa fi Federeeshinii irratti haasawaa taasisaniiru. Dhimmoota Ardii ilaalchisee: Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad deeggartoota Afrikaa fi naannawaa waliin mari’ataniiru. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Mootummoota Gamtoomaniitti Barreessaa Olaanaa Komishinii Diinagdee Afrikaa Kilaavar Gaateetee waliin Afrikaa haalaan kan bakka bu’u Yaa’ii Jijjiirama Qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii COP32 Itiyoophiyaan qopheessitu irratti haala Itiyoophiyaa waliin hojjechuu danda’an irratti mari’ataniiru. Bifuma walfakkaatuun Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Itiyoophiyaa fi Gamtaan Afrikaa yaa’ii Ardicha bakka bu’u qopheessuuf walitti dhiyeenyaan hojjechuuf haalota dandeessisan uumuuf, Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa fi garee isaanii waliin mari’ataniiru. Marichaanis koop 32 (COP32) milkeessuuf karaalee walta’iinsa ijoo Itiyoophiyaa fi furmaata Afrikaa cimsuun danda’amu irrattis kaafameera. Dabalaanis Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad, Pireezidaantiin Rippabiliika Federaalaa Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad fi pireezdaantii Keeniyaa Wiliyaam Ruutoo daawwannaa hojii Itiyoophiyaatti taasisan simatanii mari’ataniiru. Mariin hoggantoota lamaan gidduutti taasifame adda durummaan hariiroo dippiloomaasii cimsuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsameera. Akkasumas dureewwan biyyoota lamaanii haala nageenya waaraa Gaanfa Afrikaatti buusuun danda’amu irratti kan mari’atan yoo ta’u, kunis nageenyaa, tasgabbii fi furmaata Afrikaa Afrikaanotaaf kan jedhu irratti kan xiyyeeffate ture. Dhimmoota biyya keessaan immoo doktar Abiyyi Ahimad Dijitaala Itiyoophiyaa 2025 sadarkaa guutummaan guutuutti jechuun danda’amuun galma qabameefiin goolabamuu eeruun,Dijitaala Iyiyoophiyaa 2030 ifatti eegalchiisaniiru. Sagantaa Tarsiimoo kana dhaqqabamummaa isaa bal’isuuf lammiilef carraa walqixaa uumuu akkasumas lammiilee fi dhaabbilee giduutti wal amantaa guddisuun kaayyoo ijoo ta’ee gara hojiitti galameera. Dijiitaalaa Itiyoophiyaa 2030n bu’uuraalee dijitaalaa ummataa babal’isuu irratti kan xiyyeeffatamu yoo ta’u, kunis teeknooloojiin dijitaalaa namoota giddu galeessa godhatee jiruu fi jireenya lammiilee fooyyessuuf carraa guddaa kan uumu ta’a. Yeroo sanatti Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad akka ibsanitti, Dijitaala Itiyoophiyaa 2030tiin galmoonni kaa’aman akka milkaa’an dhimmoonni bu’uuraa lama akka jiran eeraniiru. Tokkoffaan dhaqqabamummaa Humna Ibsaa yoo ta’u, waliin gahinsa humna ibsaa soorata teekinooloojii dijitaala jennee fudhachuu dandeenya jedhaniiru. Inni lammaffaan immoo walitti hidhaminsa intarnetii dha kan jedhan Ministirri Muummee, magaalonni hedduun fayyadamoo intarneetii ta’uu akka danda’an ibsaniiru. Haata’u malee waggoottan shaman dhufan kanatti waliin gahinsa kana guutummaan guutuutti naannoolee biroottis babal’achuu akka qabu cimsanii himaniiru. Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 jalatti lakkoofsi maamiloota moobaayilaa miiliyoona 128 akka gahu, uwwisni neetworkii 5G magaalota 100 akka gahu eegama. Walumaagalatti hojiin Dijitaalaa Itiyoophiyaa keessatti hojjetamaa jiru kaayyoo mootummaan Ida’amuu tarsiimoolee gurguddoo birookraasii salphaa ta’een dhugoomsuu waliin kan walqabatu ta’uu Ministirri Muummee doktar Abiyyi ibsaniiru. Gama biraatiin guyyaan ayyaana Saboota, Sablammootaa fi Uummatoota Itiyoophiyaa 20ffaan Naannoo Giddu-galeessa Itiyoophiyaa magaalaa miidhagduu Hosaa’inaa keessatti bakka Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimadii fi qondaaltonni olaanoo mootummaa argamanitti kabajameera. Guyyaan Saboota, Sablamootaa fi Uummatoota Itiyoophiyaa 21ffaan Magaalaa Jimmaatti akka kabajamu ibsameera. Waliigalaan Ministirri Muummee FDRI doktar Abiyyi Ahimad baatiwwan Sadaasaa fi Muddee keessa biyya keessatti ammayyummaa guddisuu, sadarkaa Ardii fi Idil Addunyaatti ammoo dippiloomaasii tarsiimowaa ta’e caalmaatti cimsuuf kutannoo qaban kan itti mirkaneessaniidha. Kanaanis hammattummaa Diijitaalaa guddisuu, tumsa naannawaa fi Idil Addunyaa cimsuu fi hojiileen ol ka’iinsa Itiyoophiyaa mirkaneessan hojjetamaniiru.
“Hayyuun eenyu dha?”
Jan 2, 2026 122
Hayuun nama miiraan oofamu miti. Ibsituuwwan Hayyuu:- • Yaada kan kabajuu fi jaallatu • Gad-fageenyaan kan xiinxaluu fi baay’ee kan gaafatu • Kan dubbisuu fi kan ibsu • Rakkoo kan hiikuu fi furmaata kan kennu Sirna kabajaa Yunvarsiitii Finfinnee wagga 75ffaa irratti cuunfaan yaada kiyyaa kanarratti xiyyeeffata. Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad
Mariin biyyaalessaa carraa garaagarummaa keenya karaa qaroomee fi nagaan furuuf arganne kan bakka bu’ummaa hin qabnedha-Tajaajila komunikeeshinii mootummaa
Jan 2, 2026 104
Mudde 24/2018(ENA)-Mariin biyyaalessaa hunda hammataan Itiyoophiyaatti eegalame garaagarummaa keenya karaa qaroomee fi nagaan furuuf arganne kan bakka bu’ummaa hin qabnedha jechuun beeksise tajaajilli komunikeeshinii mootummaa. Mariin mo’annaa waloof, mariin nageenya fulla’aa fi ijaarsa mootummaa cimaaf! Jechuun ibsa baaseen wal dhabdeen bara dheeraa Itiyoophiyaa keessa jiruu fi ataakaroon akkasumas madda walitti bu’iinsaa kan ture bu’aa aadaa siyaasaa boodatti hafaan nurratti fe’edha jedheera tajaajilichi. Rakkoo kana maddasaarraa furuu fi dhimmoota buyyaa fi garaagarummaawwanii fi dhaadhessummaa ajandaawwan biyyaalessaarratti mul’atan fageessuuf mariin biyyaalessaa dhimma murteessaadha jedheera. Ibsi tajaajila komunikeeshinii mootummaa akka armaan gadiitti dhihaateera- Aadaan nageenyaa akka jiraatuu fi aadaan siyaasaa qaroome ijaaramee Itiyoophiyaanonni rakkoosaanii rakkoosaanii mariidhaan yaadaan qofa furuu qabu amantaa jedhu qaba mootummaan. Hojiirra oolmaa isaaf ammo mootummaan hojjechaa jira. Mariin biyyaalessaa hunda hammataan Itiyoophiyaatti eegalame garaagarummaa keenya karaa qaroomee fi karaa nagaa furuuf carraa arganne kan bakka bu’ummaa hin qabnedha. Carraan kun qaamlee hundaaf kan baname eenyuuniyyuu kan hin qoonne carraa marii hammataadha. Carraa kanatti fayyadamuuf Hundi keenya qophaa’uu qabna. Carraan kun aadaa siyaasaa keenya badaa duudhaa obbolummaa qabnu nu jalaa dadhabsiise yaaluun fayyisuurra darbee nageenya waaraa mirkaneessuuf dhimma ijoodha. Carraan kun dhimmoota keenya bu’uraarratti waliigaltee biyyaalessaa uumuuf, sirna demokiraasii gabbachaa deemu ijaaruuf akkasumas wal amantaa jidduu keenyatti uumuun walta’insaa fi tokkummaa ummattootaa mirkaneessuuf shoora bakka hinbu’amne ni qabaata. Waraannii fi warraaqsi furmaata guutuu akka hin finne seenaa Itiyoophiyaa keessatti qabatamaan kan mirkanaa’edha. Mo’annaa karaa lamaanuu argame kan yeroo fi deebisee haaloo fi jibba kanfidu ta’uunsaa irraa baranneerra. Itiyoophiyaanonni bara dheeraaf aadaa dinqisiisaa rakkoo fi waldabdee jidduusaanii jiru marii fi marabbaan furuu dandeessisu qabu ture. Garuummoo duudhaan kun sababa aadaa siyaasaa boodatti hafaa gabbachaa dhufeen oolee bulee dimimmisee seenessaan baaqqee addaan qoqqoodu kan ittiin beekamnu ta’uurra gaheera. Biyyoonni addunyaa hedduun afuura garaagarummaa dhaadhessummaa fi walitti bu’iinsa keessaa bahuuf marii biyyaalessaa akka furmaataatti fayyadamaniiru. Nutis kana gochuuf waanti nu rakkisu akka hin jirre duudhaaleen aadaa keenyaa bakkeewwan garagaraa jiran agarsiiftuudha jedhaniiru. Kanaaf furmaata fulla’aa fiduuf fedhii siyaasaa haqa qabeessaaf garalaafummaan marii kennanii argachuunii fi furmaata waloof hundi gumaacha taasisuuf ka’uu qaba. Maraammartoon walitti bu’iinsaa fi waraanaa dabarsine gahuu qaba kan itti jennu ammadha. Walitti bu’iinsaan moataa kan hin qabne maraammartoo badii waan ta’eef marii biyyaalessaa milkaa’aa gochuu, rakkoolee karaa nagaa furuu, olaantummaa seeraa mirkaneessuun biyya Itiyoophiyaanota hundaaf mijattu ijaaruu fi hunda keenya mo’ataa gochuuf nu gargaara. Kanaaf qaamni hundi marii kanarratti dammaqinaan akka hirmaatu carra Kanaan waamicha dabarsina. Mariin mo’annaa waloof, mariin nageenya fulla’aa fi ijaarsa mootummaa cimaaf! Tajaajila komunikeeshinii mootummaa Mudde bara 24/2018
Imalli Badhaadhina keenyaa hundarraa hundaatiin, hundaaf akka ta’u ni hojjenna - Obbo Adam Faaraah
Jan 1, 2026 168
Mudde 23/2018 (ENA) - Imalli kallattii badhaadhina diinagdee keenyaa hundarraa hundaatiin, hundaaf akka ta’u ni hojjenna jedhan Sadarkaa itti aanaa Ministira Muummeetti itti aanaatti Hogganaan Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Dimookiraasii fi Pirezidaantii itti aanaan Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah. Akka obbo Adam Faaraah jedhanitti, Mootummaan Ida’amuu yaadama Ida’amuutiin qajeelfamu gaheewwan dinagdee afur irratti xiyyeeffata. Haaluma kanaan inni jalqabaa kallattii diinagdee damee hedduu hojiirra oolchuu ta’uu eeranii, ce’umsa caaseffamaa fiduuf diinagdee magariisaa haalota jijijjiiramoo dandamatu ijaaruun badhaadhina Itiyoophiyaa kan saffisiisu dha jedhan. Inni lammaffaa kallattii qooda fudhattoota hedduu ta’uu eeruun, qaamoleen diinagdee keessatti qooda qaban itti gaafatamummaa qeenxee fi waloo haalaan akka bahatan kan taasifamu ta’uu himaniiru. Adeemsa kana keessatti Mootummaan gahee adda duree kan bahatu ta’uu eeranii, dameewwan dameen dhuunfaa keessatti hin hirmaanne keessatti Mootummaan dammaqinaan invast kan taasisu ta’uu eeraniiru. Kan sadaffaan kallattii fayyadamummaa dameewwan hedduu ta’uu fi diinagdee hundi haqummaan fayyadamuu fi keessatti hirmaatu uumuudha jedhan. Haaluma Kanaan hundaaf carraa qixa ta’e uumuun hirmaannaa fi sosochii diinagdee saffisiisuun bu’aa isaarraa hundi haqummaan akka fayyadamuuf haala mijeessuu ta’uu eeranii, hojiin imalli badhaadhina keenyaa hundarraa hundaan, hundaaf akka ta’u gochuu ni hojjetama jechuun ibsaniiru. Kallattii arfaffaan tumsa Riijinii fi Idil-addunyaa cimsuu ta’uu ibsanii, badhaadhina gama maraa mirkaneessuun kan danda’amu warreen kaan waliin waltumsuun ta’uu himaniiru. Walitti hidhamiinsa dinagdeetiin, faayidaa waloorratti waloon hojjechuun, sirni haqa qabeessi akka jiraatu gochuunii fi oomishaaleen biyya keessaa gabaa addunyaa irratti carraa fooyya’aa akka argataniif tumsaan hojjechuuf xiyyeeffannoon kennamuu ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #ENA#TOI
Walii gateewwan hoggantoota gidduutti taassifaman hojiirra oolchuuf hojjetamaa jira
Dec 31, 2025 313
Mudde 22/2018(ENA)-Walii galteewwan Hogantoota Itiyoophiyaa fi Hindi gidduutti taassifaman hojiirra oolchuu fi michummaa tarsiimo’aa biyyoota lamaanii cimsuuf hojjetamaa jiraachuu Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Hindi Aniil Kumaar Raay ibsan. Hariiroon biyyoota lamaanii gara michummaa tarsiimo’aatti guddachuun daldalaa fi dinagdeerra darbee bal’ina tumsa isaanii ni babal’isa jedhaniiru. Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Hindi Aniil kumar Raay ENA waliin turtii taasisaniin akka ibsanitti, Itiyoophiyaa fi Hindi biyyoota hariiroo yeroo dheeraa waliin qabanidha. Itiyoophiyaan hinditti Gidduugala Aadaa biyyoota Afriikaa keessaa biyya qabdu ta’uu eeruun, Aadaa Itiyoophiyaa Hinditti caalaatti beeksisuuf akka hojjetamu dubbataniiru. Daandiin qilleensa Itiyoophiyaa torbanitti balallii 40 ol Hinditti akka taasisu kan beeksisan Ambaasaaddarichi, Ambaasaaddara Aadaa Itiyoophiyaa jechuun dhaabbaticha jajataniiru. Daawwannaa Ministira Muummee Nariindiraa Moodii hordofee hariiroon Itiyoophiyaa fi Hindii gara michummaa tarsiimo’aatti guddachuu dubbataniiru. Hariiroon biyyoota lamaanii gara michummaa tarsiimo’aatti guddachuu daldalaa fi Dinagdeerra darbee baay’ina tumsaa isaanii kan babal’isuu ta’uu eeraniiru. Daawwanicha hordofee Biyyoonni lamaan Gumurukiin, Hojii nageenya kabachiisuun, gidduugala daataa Ministeera dhimma alaa Itiyoophiyaa ijaaruu dabalatee walii galteewwaan adda addaa mallatta’uu yaadataniiru. Hariiroon biyyootaa gara michummaa Tarsiimo’aatti guddachuun tumsa kibba kibbaa kan cimsuu fi biyyoonni tumsa idil- Addunyaa qaban kan dagaagsu ta’uu hubachiisaniiru. Lakkoofsa Itiyoophiyaanota carraa barnootaa Hinditti argatanii dachaan guddisuuf waliigalteerra ga’amuu kaasaniiru. Biyyoonni waloon hojjechuuf hojiiwwan walii galan raawwachuu fi michummaa tarsiimo’aasaanii cimsuuf rood maappiin qophaa’aa jiraachuu ibsaniiru.

Hawaasummaa
Birmadummaa gargaarsa namootaa mirkaneessuuf hojjechaa jirra-Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa
Jan 3, 2026 25
Mudde 25/2018 (ENA)- Birmadummaa gargaarsa namootaa mirkaneessuuf hojjechaa jirra jedhan Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa. Manni Maree hoggansa hojii soda balaa Itiyoophiyaa har’a akka haaraatti caaseffame walgahii jalqabaa gaggeesseera. Dhaabbileen marii har’aarratti hirmaatan yaadama jijjiiramaa keessa kan galanii fi kutaalee hawaasaa garagaraa kan bakka bu’an kan keessa galfaman waan ta’eef, hojiilee waloomaan raawwannuun alatti dhaabbileesaanii keessatti gargaarsa namoomaa ofiin guuttachuuf hojii hojjennu keessatti qooda olaanaa qabu jedhaniiru. Manni maree haaraan kun imaammata haaraa, labsii fi fandii deebii soda balaa bu’uureffachuun, ummata hirmaachisuun hawaasa cimaa ijaaruu fi miidhaa balaawwan uumamaa fi nam-tolchee hir’isuun cimee ni hojjeta. Gargaarsa namoomaa ofiin guuttachuuf dandeettii sirnaawaa fi dhaabbatummaa cimsuun akka barbaachisu walgahii keenyaan walii galteerra geenyeerra. Akkaataa Rood maappiiwwan bara 2016 baatii gannaa bocaman irraa eegaluun kadhaa fi gargaaramuu oomishtummaan bakka buusuuf tumsi laanaan taasifamaa, bu’aanis argamaa jira,. Fandii soda balaaf deebii ta’u egereef ijaaruun, sadarkaa federaalaa fi naannoleetti kuufama ofeeggannoo gurmeessuu fi lammiileen keenya buqqa’an fulla’insaan damdamatanii gara oomishtummaatti akka deebi’an gochuun galma mootummaa keenyaati. Keessumaa muuxannoo gaarii hawaasni keenya wal deeggarsaaf qabuu fi duudhaa waliif birmachuusaa gabbisuun tumsi gargaaramuurraa gara oomishtummaatti naannawa jirrutti taasifnuuf xiyyeeffamaa guddaatu kennaaaf. Gufuuwwan imala birmadummaa gargaarsa namoomaa keenya mudatan beekumsaa fi ogummaan cehuu gaafata. Kanammoo laalcha ida’amuu fi hoggansa cimaan milkessuuf walii galleerra. Itiyoophiyaa birmadummaashee gargaarsa namoomaa mirkaneeffatte dhugoomsuuf akka biyyaatti hawaasa guutuu sochoosuun akka barbaachisu manni marichaa kallattii kaa’eera.
Hojiin qulqullina barnootaa fooyyessuuf dandeessisu hojjetamaa jira
Jan 3, 2026 22
Mudde 25, 2018 (ENAI)-Hojiin qulqullina barnootaa fooyyessuuf dandeessisu hojjetamaa jira jedhan Ministirri Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaan. Yunivarsiitii Madda Walaabuutti waltajjiin marii roodmaappii fi imala jijjiiramaa Yunivarsiitichaa irratti xiyyeeffate gaggeeffameera. Piroofeesar Birhaanuu Naggaan wayita kana rakkoo qulqullina barnootaa mudate furuuf hojiileen hojjetaman bu’aa akka argamsisaniif qoodni ogeeyyii fi qaamolee qooda fudhattootaa olaanaadha jedhan. Damicha kufaatii keessaa baasuuf itti gaafatamummaa dhaloota har’aa waan ta’eef tattaaffiiwwan eegalaman akka milkaa’aniif hirmaannaan qaamolee qooda fudhattootaa cimuu akka qabus hubachiisaniiru. Keessumaa dhaabbileen barnootaa olaanoon damicha ceesisuun jijjiirama biyyaalessaa akka deeggaruuf riifoormiiwwan garagaraa hojiirra oolaa jiraachuu ibsaniiru. Hojiin ququllina barnootaa fooyyessuuf dandeessisu hojjetamaa jiraachuu kaasanii, bu’aan barbaadamu akka argamuuf hawaasni barnootaa imaanaa biyyaalessaa bahachuu akka qabu hubachiisaniiru. Ministirri Innoveeshinii fi Teeknooloojii fi Walitti qabaan Boordii Yunivarsiitichaa Doktar Ballaxaa Mollaan gama isaaniin, Yunivarsiitichi qabeenya uumamaa fi iddoowwan gahumsa tuurizimii qorannoon deeggaruun faayidaa hawaasaaf akka oolaniif xiyyeeffannoon hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Pirezidaantiin Yunivarsiitichaa Doktar Birhaanamasqal Xannaa ammoo Yunivarsiitichi ergama isaa bahachuuf qaamolee qooda fudhattootaa waliin hojjechaa jiraachuu ibsan. Yunivarsiitichi keessattuu jijjiirama hooggansaa ji'oottan dabran as taasifameen rakkoolee waggoottan darban keessa mudachaa turan adda baasuun akka furamaniif karoora waggaa 10 nii qopheeffatuu eeran. Karoorri tarsiima'aan (road map) waggoottan kurnan dhufaniif hojirra oolu kanaan hojiilee milkaa'ina qabaniif Yunivarsiiticha ceesisan qooda fudhattoota hirmaachisuun kan hojjataman ta'uus eeran. Hirmaattonni waltajjichaas, qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojiileen jalqabaman caalaatti bu’a qabeessa akka ta’an gochuuf gahee irraa eegamu bahuuf qophaa’oo ta’uu isaanii ibsaniiru. Pirezidaantiin Yunivarsitichaa karoora tarsiima'aa waggoottan kurnan dhufan hojirra oolchuuf baafate Ministeera barnootaa fi Miseensota boordii Yunivarsiitichaatiif kennee jira.
Qulqullinaa fi waliin gahinsa tajaajila fayyaa mirkaneessuuf tumsi qooda fudhattootaa cimuu qaba-Doktar Maqdas Dhaabaa
Jan 3, 2026 34
Mudde 25/2018(ENA)- Qulqullinaa fi waliin gahinsa tajaajila fayyaa mirkaneessuuf tumsi qooda fudhattootaa cimuu akka qabu ministirri fayyaa Doktar Maqdas Dhaabaaibsan. Sirni eebbaa Habaarii meedikaal pilaazaa tajaajiloota Ispeeshaaliitii fi sab-ispeeshaaliitii 15 kennu gaggeeffameera. Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee, ministirri fayyaa doktar Maqdas Dhaabaa, pirezidaantiin FDRI duraanii doktar Mulaatuu Tashoomaahooggantoonni mootummaa federaalaa fi bulchiinsa magaalaa Finfinnee saganticharratti argamaniiru. Qulqullinaa fi waliin gahiinsa tajaajila fayyaa lammiileef kennamu bal’isuudhaan imaammanni dhukkuba ittisuu fi waldhaananii fayyisuu jedhu hojiirra ooluusaa doktar Maqdas Dhaabaa wayita kana ibsaniiru. Fuulduras tarsiimoo dijitaala Itiyoophiyaa 2030 ka’umsa godhachuun dijitaalaayizeeshinii sirna fayyaa cimsuuf xiyyeeffatamee akka hojjetamu dubbataniiru. Dandeettii ogeeyyota fayyaa guddisuun, dhiheessii qorichaa ammayyeessuu fi oomishtoota biyya keessaa humneessuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Fuulduras tattaaffii qulqullinaa fi waliin gahiinsa tajaajila fayyaa mirkaneesuuf taasifamu keessatti tumsi qooda fudhattootaa cimee itti fufuu akka qabu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaa olaanaan Habaarii Meedikaal Kolleejii doktar Akkezee Xaa’imee gamasaanii dhaabbani fayyaa kun Ispeeshaaliitii fi sab-ispeeshaaliitii 15niin waldhaanamtoota deddeebi’anii waldhaanamaniif tajaajila akka kennu dubbataniiru. Finfinnee akkuma maqaashee miidhagduu fi mijattuu ta’aa dhufuusheerraa kan ka’e dhaabbatichi tajaajila magaalattii fi ummata madaalu kennuuf kan akeekkate ta’uu ibsaniiru.
Rakkoolee jiran karaa marii biyyaalessaa fulla’insaan furuuf tattaaffii godhamu keessatti qooda keenya nibaana
Jan 3, 2026 37
Mudde 25/2018 (ENA)- Rakkoolee jiran karaa marii biyyaalessaa fulla’insaan furuuf tattaaffii godhamu keessatti qooda keenya bahuuf qophiidha jedhan dubartoonni naannoo Tigraayi magaalota garagaraa keessa jiraatan. Dubartoonni naannicha magaalaawwan garagaraa keessa jiraatan rakkoolee mariin furuun agarsiiftuu bilchinaa fi qaroominaa ta’uu ibsaniiru. Mariin biyyaalessaa hundeeffamee mariin hunda galeessi, hammataa fi hirmaachisaan Itiyoophiyaa keessatti akka taasifamu gochaa jiraachuu kaasanii, ummanni naannoo Tigraayis akkuma ummata naannolee biroo marichaaf carraa isa barbaachisa jedhaniiru. Jiraattuun magaalaa Maqalee siistar Kidaan Haaftuu, dubartoonnii fi daa’imman rakkoolee mudatan keessatti adda durummaan kan miidhaman ta’uu kaasanii, ijaarsa nageenyaa keessatti adda durummaan hiriiruun dirqama ta’a jedhaniiru. Rakkoolee Itiyoophiyaa keessa turan mariidhaan furuun nageenyaa fi tasgabbii fulla’aa fiduuf tattaafiin itti jiramu abdii guddaa fidee dhufuusaa ibsanii, carraan kun nu jala darbuu hin qabu jedhaniiru. Naannichatti jiraattuun godina kibba bahaa aanaa Wajaraat Israa Addii adde Taaddaluu Gabrahet gamasaaniin adeemsi marii hunda keenyaaf abdii ifaa qabatee kan dhufe waan ta’eef hojiirra oolmaasaaf qooda keenya bahuuf qophiidha jedhaniiru. Shamarreen Yordaanoos Gabrahawaariyaa, mariin ala rakkoolee jiraniif furmaanni akka hin jirre kaaftee, carraa kanatti dammaqinaan hirmaachuuf qophoofneerra jetteetti.
Diinagdee
Wiirtuuwwan gabaa magaalaa Finfinnee oomishaalee barbaadaman gatii madaalawaan dhiheessaa jiru
Jan 3, 2026 43
Mudde 25/2018(ENA)- Wiirtuuwwan gabaa magaalaa Finfinnee oomishaalee qonnaa fi industirii barbaadaman gatii madaalawaan dhiheessaa jiraachuu ministirri daldalaa fi walitti hidhamiinsa riijinii Kaasahun Goofee ibsan. Gareen jilaa ministirichaan durfamu sochii gabaa magaalaa Finfinnee irra deemuun ilaaaleera. Ministirri daldalaa fi walitti hidhamiinsa riijinii doktar Kaasahun Goofee wayita kana akka jedhanitti, yeroo ayyaanaa hanqinni shaqaxoonta bu’uraa akka hin uumamne qophiin taasifamaa tureera. Sadarkaa biyyaalessaatti wiirtuuwwan gabaa Sanbataa fi Dilbataa kuma 1 fi 600 caalan ayyaana qilleef oomisha dhiheessaa jiru jedhaniiru. Wiirtuuwwan gabaa Finfinneetti argamanis oomishaalee barbaadaman ga’aa fi gatii madaalawaan shamattootaaf dhiheessaa akka jiran irra deemnee mirkaneessineerra jedhaniiru. Oomishaaleen Industirii ayyaana qilleef dhihaachuus ibsaniiru. Shukkaaraa fi Zayita nyaataarratti deeggarsi taasifamuun gabaan tasgabbaa’aa jiraachuu akka akkeenyaatti kaasaniiru.
Faayidaa biyyaalessaa fi fedhii Itiyoophiyaa eegsisuuf tattaaffii taasifamu keessatti dammaqinaan ni hirmaanna-dargaggoota
Jan 3, 2026 28
Mudde 25/2018(ENA)- Faayidaa biyyaalessaa fi fedhii Itiyoophiyaa eegsisuuf tattaaffii taasifamu keessatti dammaqinaan akka hirmaatan dargaggoonni ENA’f yaada kennan ibsan. Ministirri dhimma alaa doktar Geediyoon Ximootiwoos mana maree bakka bu’oota 6ffaa bara hojii 5ffaa walgahii idilee 6ffaarratti raawwii dippilomaasii ilaalchisuun ibsa kennuunsaanii ni beekama. Ibsa kennaniin, karoora tarsiimawaa waggoota dheeraa gaaffii ulaa galaanaa Itiyoophiyaa, karaa faayidaa biyyaalessaa biyyaa fi dhalootaa hubannaa keessa galcheen deebii akka argatu hojiin dippilomaasii hojjetamaa jira. Haala Kanaan hojiileen dippilomaasii milkaa’oon ajandaa Itiyoophiyaan ulaa galaanaa itti argattu hawaasa idil addunyaaf hubachiisuu danda’an hojjetamuu ibsaniiru. Gaaffiin kun gara boqonnaa fudhatama idil addunyaa qabu attamiin haa raawwatamu jedhutti cehuusaa himaniiru. Dargaggoonni ENA’f yaada kennan akka ibsanitti, abbummaa ulaa galaanaa dabalatee tattaaffii faayidaa biyyaalessaa fi fedhii Itiyoophiyaa eegsisuuf taasifamu keessatti dammaqinaan ni hirmaatu. Kanneen keessaa dargaggoo Nugusee Warquu kka dubbatetti, dhimmi abbummaa galaanaa itiyoophiyaan ittii jirtu dhimma jiraachuu fi bu’ura abdii ifaa egereeti. Itiyoophiyaan seenaa guddaa fi uummata baay’ee qabaattulle, ulaa galaanaa dhabuunshee dinagdee fi birmadummaasheerratti gufuu uumuusaa dubbateera. Gaaffii seena qabeessaa fi dinagdee kana deebisuuf dargaggoonni adda durummaan hirmaachuun irraa eegama jedheera. Gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaan itti jirtu lafumaa ka’anii hawwuu yookaan qananii osoo hin taane, jireenyi biyyaalessaa biyyattii kan itti murtaa’u dhimma bu’uraati kan jedhe ammo dargaggoo Abduu Dinquudha. Kanaaf waltajjiiwwan idil addunyaa fi karaa marsariitii haqa qabeessummaa gaaffii ulaa galaanaa addunyaaf beeksisuuf akka hojjetu ibseera. Gaaffiin haqa qabeessi kun faayidaa biyyoota olla karaa hin miineen karaa misooma waloo fi dippilomaasiitiin nagaadhaan milkaa’uu akka qabu kaaseera. Dargaggoo Yooseef Abarraa abbummaan ulaa galaanaa Itiyoophiyaan gaafattu carraa keenya egeree kan murteessu boqonnaa guddaa ta’uusaa dubbateera. Gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaan itti jirtu karaa nagaa, marii fi qajeelfama fayyadama walootiin galmaan ga’uuf qoodasaa akka bahu ibseera.
Hojiiwwan Tajaajila Gumurukaa si’eessuu kan dandeessisan fooyyessi seeraa hojiirra oolaa jira.
Jan 2, 2026 164
Mudde 24/2018 (ENA): Tajaajila Gumurukaa fi sirna daldalaaf haala mijataa uumuu fi dorgomtummaa damichaa guddisuuf riifoormiin seeraa hojjetamaa jira jedhan Komishinarri Komishinii Gumurukaa Dabalee Qaabataan. Komishiniin Gumurukaa fooyyessa qajeelfama tilmaama gatii Gumuruukaa ilaalchisee daldaltoota biyya alaatii fi al-ergii akkasumas daddabarsitoota Gumurukaa waliin waltajjii marii gaggeessaa jira. Maricharratti komishinar Dabalee Qaabataa akka jedhanitti damee oomishaa jajjabeessuuf mootummaan hojiilee garaagaraa hojjeteera. Dhaabbata Gumuruukaa ammayyaa Itiyoophiyaaf mijatu ijaaruuf hojiiwwan haaromsaa hedduun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Sirna daldalaa sirreessuu haala dandeessu uumuun utubaawwan ijoo haaromsaa ta’uu ibsuun, haaromsi seeraa fi hojii haala amma jiru tilmaama keessa galchuun hojiirra oolaa jiraachuu ibsaniiru. Tajaajila Gumurukaa iftoomina, amanamaa fi haqa qabeessa ta’e hundeessuun badhaadhina biyyattii mirkaneessuuf tattaaffiin taasifamaa akka jirus ibsaniiru. Fooyya’iinsi Qajeelfama Timamaa Gatii Gumuruukaa hojmaata Itiyoophiyaa qajeeltoowwan Waliigaltee Gatii Dhaabbata Daldala Addunyaa waliin walsimsiisuu fi iftoomina uumuuf barbaachisaa ta’uu komishinarichi ibsaniiru. Qajeelfamni haaraan kun hojmaata ifa ta’ee fi qajeeltoowwanii fi tumaaleen Labsii Gumurukaa keessatti tumaman hojiitti hiikuuf kan dandeessisu ta’uu ibsameera. Walumaagalatti dhaabbaticha teeknooloojii fi bu’uura seeraatiin ammayyeessuun hawaasa daldalaaf tajaajila gahumsa qabu kennuuf kutannoo qaban mirkaneessaniiru.
Hararitti Ayyaana Qillee dhufuuf horii Ganfaa fi omishni biroon haala ga’aa ta’een dhihaateera
Jan 2, 2026 113
Mudde 24/2018(ENA)– Hararitti Ayyaana Qillee dhufuuf horii Ganfaa fi omishni biroon haala ga’aa ta’een dhihaachuu gurguraa fi shamataan ibsan. Magaalichatti bakka gurgurtaa gabaa horii gaanfaa fi kuduraawwaniitti namoonni Yaadasaanii ENA’f kennan akka ibsanitti, omishawwan Qonnaa fi industirii Ayyaanichaaf barbaachisan haala ga’aa ta’een dhihaateera. Kanneen Ayyaanaaf dhihaatan keessaa Sangaa qalmaa, Re’ee, Qullubbii fi timaatimii, midhaan, daakuu fi kanneen biroon dhiheessii fooyya’aan jiraachuu beeksisaniiru. Magaalichatti bakka gabaa horii gaanfaa jalabaa jedhamutti namoota Qotiyyoo bitatan keessaa obbo Asnaaqee Waldee akka jedhanitti, ayyaanichaaf horiin gaanfaa bakkeewwan adda addaarraa dhihaateera haalli gatiisaaniis gaariidha jedhaniiru. Dhiheessiin gabaa kuduraas fooya’aa ta’uu daldaltoota bakka gabaa kadir jedhamutti yaada kennan keessaa Saartuu Guutamaa ibsaniiru. Gatiis kuduraalee hir’ifama agarsiiseera shammataan gammadee bitachaa jira jedhaniiru. Dabalataanis, Kuduraawwan bakeewwan adda addarraa galchuun dhiheessii gahaa ayyaanichaaf dhiheessuu fi gatii madaalawaan gurguraa jiraachuu daldalaa kadir Alii ibsaniiru. Naannoo Harariiitti Daarektarri Ejensiin gurma’insa hojii Daldala , babal’inaa fi gurgurtaa Obbo Mahaammad Yusuuf akka jedhanitti, ayyaana Qilleef dhihessiin kuduraalee, horii gaanfaa, lukkuu, killee fi omishoonni biroon haala ga’aa ta’een dhihaateera. Dhiheessii fi gatiin kan bara darbee fi ayyaanaota darbanirraa kan fooya’e ta’uu kan eeran obbo Mahaammad, keessumaa ayyaanicha sababeeffachuun omisha kan dhoksanii fi daballii gatii kan taasisan irratti hojin hordoffii fi to’annoo hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Waarfeerii elektirooniiksii fayyadamuun qananii osoo hin taane jaarraa 21ffaa keessatti bu’ura birmadummaan biyyaa ittiin kabachiifamudha-Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa
Jan 3, 2026 9
Mudde 25/2017(ENA)- Waarfeerii elektirooniiksii fayyadamuun qananii osoo hin taane jaarraa 21ffaa keessatti bu’ura birmadummaan biyyaa ittiin kabachiifamu ta’uu utaamaajoor shuumiin humnoota waraanaa walii galaa FDRI Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa ibsan. Woorkishooppiin elektirooniik Warfeerii kan jalqabaa sadarkaa biyyaalessaatti mata duree “olaantummaan elektiroo maagineetiik Spektiremini birmadummaa biyyaaf” jedhuun waajjira olaanaa bulchiinsa nageenya neetwoorkii odeeffannootti har’a gaggeeffameera. Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa wayita kana akka jedhanitti, elektirooniik waarfeer qananiif osoo hin taane bu’ura birmadummaa biyyootaa jaarraa 21ffaati. Biyyoonni birmadummaasaanii kabachiisuuf falmii lafarraatti, galaana, qilleensaa fi Hawaa keessatti taasifamuun qofa fayyadamaa tiruu ibsaniiru. Yeroo ammaa waraanni ammayyaan kan gaggeeffamu dirree elektoroo maagineetiik spektiramii ijaan hin mul’annee fi maayikiroo kan ta’e carraa waraanaa kan murteessu keessatti ta’uu ibsaniiru. Haala Kanaan Itiyoophiyaan elektiroo maagineetiik speektiramii fayyadamuunshee nageenya qofaaf osoo hin taane dhimma jireenyaa ta’uus ibsaniiru. Bal’inni biyya keenyaa fi haalli ji’oo siyaasaa riijinichaa jijjiiramaa ta’e dandeettii qabatamaan ittisuuf qabnu waliin wal simuu qaba jedhaniiru. Daarektarri olaantuu bulchiinsa nageenya neetwoorkii odeeffannoo Tigist Hamiid gamasaaniin, dorgommiin ji’oo siyaasaa yeroo ammaa bifa jijjiirrachaa dhufuusaa ibsaniiru. Birmadummaasaan biyyaa kan kabajamu falmii lafarraatti, galaana, qilleensaa, Hawaa yookaan saayibariirratti gaggeeffamuun qofa akka hin taane himanii, elektoroo maagineetiik spektiramii ijaan hin mul’annee fi maayikiroon akka ta’e eeraniiru. Woorkishooppiin har’aa kun dame dorgommii kana ga’umsaan hubachuu fi speektiramicharratti olaantummaa amansiisaa hubachuuf kan dabdeessisu dandeettii biyyaalessaa guddisuuf akka ta’e ibsaniiru. Daarektar jeneraaliin tajaajila odeeffannoo fi nageenya biyyaalessaa ambaasaaddar Reedwaan Huseen dubbii dubbataniin akka ibsanitti, nageenyi biyyootaa kan mirkanaa’u, teeknooloojii odeeffannoo dursanii argachuun, speektiramicha to’achuunii fi diinni akka itti hin fayyadamne gochuuf dandeessisuun caalanii argamuudha. Barreeffamni ka’umsaa Seenaa dug-duubvee elektirooniks waarfeerii, muuxanoo biyyootaa yeroo ammaa, akkasumas haala Itiyoophiyaa har’aa fi boruu ilaallate itti aanaa daarektara olaanaa bulchiinsa nageenya neetwoorkii odeeffannoo obbo Daani’eel Guutaan dhihaatee mariin gaggeeffameera.
Milkaa’ina Tarsiimoo Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030’f Sagantaawwan leenjii yeroon gaafatu banamaa jiru
Jan 2, 2026 88
Mudde 24/2018(ENA)–Milkaa’ina Tarsiimoo Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030’f Sagantaawwan leenjii yeroon gaafatu banamaa jiraachuun ibsame. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad yeroo dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 eegalchiisan, tarsiimichi dhaqqabamaa, haqa qabeessaa fi dirree dijiitaalaa Amansiisaa uumuurratti xiyyeeffachuu ibsaniiru. Daarektarri Olaanaan Inistitiyuutii Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa Doktar Buruk Kadir ENA’f akka ibsanitti, tarsiimoon Dijiitaala Itiyoophiyaa 2025 damee teeknikaa fi ogummaan jijiiramni abdachiisoon akka galmaa’an dandeessiseera. Fakkeenyaaf, Tarsiimichi Inistitiyuutichi Adeemsa leenjiisaa ammayyeessuun hubannoo namoonni Dijitaalayizeeshiniirratti qaban akka guddatu taasisaa jiraachuu ibsaniiru. Inistitiyuutichi kaayyoowwan tarsiimoon Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 milkeessuuf qabate waliin wal simsiisuun hojiirra oolchuuf sanada qopheessaa jiraachuu eeraniiru. Galmoota Tarsiimawaa Dijiitaalli Itiyoophiyaa 2030 milkeessuuf leenjifamtoota dandeettii dijiitaalaa fooya’aa qaban horachuun dhimma xiyyeeffannoon hojjetamu ta’uu hubachiisaniiru. Akaakuuwwan leenjii hubannoo namtolchee, nageenya saayibarii fi leenjiiwwan biroo milkaa’ina tarsiimichaaf qooda olaanaa akka qaban akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Dabalataanis ogeessa dandeettii dijiitaalaan gahoome horachuu fi teekinooloojiiwwan Dijiitaalaa haala fooya’een hojjechuuf dhaabbatichi galtee fi gurmaa’insaan of cimsaa jiraachuu beeksisaniiru.
Teekinooloojii humna cimaa qabu uumuuf hojiilee qorannoo cimsuun barbaachisaadha - Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa
Jan 1, 2026 85
Mudde 23/2018(ENA) - Hogganaan Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildii Maarshaal Birhaanuu Juulaa dandeettii teeknooloojii cimaa uumuuf qorannoo bu’uuraa gaggeessuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru. Imaammanni Qorannoo fi Misooma Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa eebbiifi ijaarsi giddugalaa gaggeeffameera. Fiildii Maarshaal Birhaanuun wayita sanatti akka jedhanitti, qorannoo fi misoomni dandeettii dinagdee, hawaasummaa fi waraanaa biyya tokkoo ijaaruu fi dandeettii ishee sadarkaa olaanaatti ceesisuuf gahee olaanaa qaba. Dhaabbata irra darbee, qorannoo fi qo’annoo adda addaa guddina waliigalaa biyya keenyaa fi ardii keenyaaf gumaachan gaggeessuu fi qopheessuun argannoowwan haaraa babal’isuun akka barbaachisus himaniiru. Biyya fi dhaabbata guddaa ijaaramuun kan danda’amu yaada haaraa yeroo hunda maddisiisuu, guddisuu, hordofuu fi qorachuu qofaan akka ta’e ibsaniiru. Haaluma kanaan teeknooloojii cimaa rakkoo furuu fi dantaa biyyoolessaa biyya keenyaa itti fufiinsaan eegsisu uumuuf hojii misoomaa fi qorannoo ammayyaa irratti xiyyeeffachuun barbaachisaa ta'uu ibsaniiru. Ajajaa Kolleejjii Raayyaa Ittisaa Waar Meejar Jeneraal Bultii Taaddasaan gama isaaniitiin, giddugalli kun milkaa’ina imala jijjiiramaa Raayyaa Ittisa Biyyaa keessatti gahee bakka hin buufamne qaba jedhamee amana jedhan. Dabalataanis, ijaarsa Raayyaa Ittisaa Ammayyaa keessatti gahee olaanaa qaba jechuun odeeffannoon Miidiyaan Oonlaayinii Raayyaa Ittisa Biyyaa ENAf erge ni ibsa. Raayyaan Ittisaa Itiyoophiyaa damee nageenyaa fi teeknooloojii irratti wiirtuu yaadaa fi kalaqaa adda duree ta’uun dhaabbata sadarkaa addunyaatti dorgomaa ta’uuf haala dandeessisu akka uumus ibsaniiru.
Dijitaalli Itiyoophiyaa 2030 akka biyyaatti kan eegalame teessoo dijitaalaa magaalota hundaaf babal’isuu ni dandeessisa.
Jan 1, 2026 99
Mudde 23/2018(ENA) -Inistiitiyuutiin Saayinsii Hawaa fi Ji’ospeeshiyaal Itiyoophiyaa Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 sirna teessoo dijitaalaa biyyoolessaa kan akka biyyaatti eegalame, magaalota hundatti akka babal’atu kan dandeessisu ta’uu beeksise. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 Mudde 11/2018, Giddugala konveenshinii idil addunyaa Addisitti akka ifoomsan ni beekama. Ergaa yeroo sana dabarsan keessatti Dijitaalli Itiyoophiyaa 2030 kaayyoowwan ijoo dhaqqabamummaa babal’isuu, carraa walqixxummaa lammiilee uumuu, wal amantaa lammiilee fi dhaabbilee guddisuu akka danda’u cimsanii dubbataniiru. Bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa kan uummanni itti fayyadamu babal’isuun sirna dijitaalaa nama giddu galeessa godhateen jireenya guyyaa guyyaa lammiilee fooyyessuu akka barbaachisu himaniiru. Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Saayinsii Hawaa fi Ji’oospashiyaal Itiyoophiyaa Abdisaa Yilmaa ENAtti akka himanitti, sirni teessoo dijitaalaa ijaarsa bu’uuraalee misoomaa magaalotaa mijeessuuf bu’uura ta’uu ibsaniiru. Bu’uuraaleen misoomaa teessoo dijitaalaa qabeenya magaalaa haala bu’a qabeessa ta’een dijiitaalaan galmeessuun magaalota bifa ammayyaa ta’een hoogganaman ijaaruuf gumaacha olaanaa akka taasisan ibsaniiru. Ka’umsa Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030tiin Teessoo Dijitaala biyyoolessaa bu’uuraalee misoomaa babal’isuun xiyyeeffannoo ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Sirni teessoo dijitaalaa magaalota hedduu keessatti sadarkaa adda addaatiin hojiirra oolaa akka jirus daarektarri olaanaan kun hubachiisaniiru. Hojiirra oolmaan dijitaala Itiyoophiyaa 2025 haala gaariin kan goolabame ta’uufi jireenya hawaasaa karaa heddun kan mijeesse ta’uu eeraniiru. Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 bu’uuraalee qunnamtii(komunikeeshinii) ofumaan misoomsuun tajaajila dijitaalaa haqa qabeessa ta’e babal’isuuf kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.
Ispoortii
Liigucha dursaa kan jiru Arsanaal Bornimaawuz waliin nitaphata
Jan 3, 2026 40
Mudde 25/2018 (ENA)-Sagantaan piriimar Liigii Ingiliiz torban 20ffaan har’a eegala. Guyyaa har’aa taphoonni afur ni gaggeeffamu. Bornimaawuz Arsanaal waliin galgala sa’aatii 2 fi 30tti Istaadiyeemii Vayitaalitiitti nitaphatu. Bornimaawuz qabxii 23’n sadarkaa 15ffaa qabateera. Arsanaal qabxii 45niin Liigicha dursaa jira. Har’a dirreesaarratti kan taphatu Bornimaawuz taphoota liigichaa 10 darban taphateen tokkollee hin mo’anne. Morkataansaa Arsanaal taphoota liigichaa afur darban mo’ateera. Arsanaal yoo mo’ate garaagarummaa qabxii sadarkaa lammaffaarra kan jiru Manchastar siitii waliin qabu toorbatti guddifata. Sagantaalee birootiin sadarkaa sadaffaarra kan Astonviilaan Notiingihaam foresti waliin ni taphata. Biraayitan Barnileeyi akkasumas Wolvis Westihaam Yunaayitid waliin yeroo wal fakkaataatti galgala sa’aatii 12tti ni taphatu. #Ena Afaan Oromoo#ENA#TOI
Bara Haaraa Faranjootaatti Maanchistar Siitiin Sendarlaandi waliin taphni gaggeessan hawwiin eegama.
Jan 1, 2026 139
Mudde 23/2018(ENA)– Piriimar Liigii Ingilizitti oolmaa guyyaa dhumaa torban 19ffaan taphoonni afur ni gaggeeffamu. Galgala sa’aatii 5:00 Senderlaandi Maanchister Siitii waliin Istaadiyeemii Ooflaayititti taphni gaggeessan ni eegama. Senderlaandi qabxii 28n sadarkaa 7ffaa qabateera. Maanchistar Siitiin qabxii 40n sadarkaa 2ffaarra jira. Bara Dorgommii kanatti gara Liigiitti kan guddate Senderlaandi yeroo gaarii dabarsaa jira. Haala gaariirratti kan argamu Maanchistar Siitiin gahumsa cimaa Liigichatti agarsiisaa jira. Manchistar Siitiin yoo injifate dursaa Liigichaa Arsenaal waliin garaagarummaa qabxii qaban gara 2tti gad buusa. Abbaan Istaadiyeemichaa Senderlaandi yoo injifate, bu’aa taphoota wal qixaa lamaa booda gara injifannootti deebi’uu isa dandeessisa. Sagantaawwan biroon Liivarpuul Liids Yuunaayitid waliin fi Kiristaal Paalaas Fuulhaam waliin sa’aatii wal fakkaataa galgala sa’aatii 2:30tti ni taphatu. Biriintifoordi Tootinihaam Hootisparsi waliin galgala sa’aatii 5:00 irratti ni taphatu.
Nageellee Arsiin injifannoo ittifufaasaa galmeesse
Dec 30, 2025 196
Mudde 21/2018(ENA) - Sagantaa Tapha Piriimar Liigiii Itiyoophiyaa torban 12ffaan, Nageellee Arsiin Magaalaa Diree Dawaa 3 fi 0n injifateera. Tapha Istaadiyeemii Magaalaa Finfinneetti gaggeeffameen Habiib Kamaal, Naatinaa’el Salamoonii fi Allenyitaa Maarqos galchii injifannoo lakkoofsisaniiru. Liigichatti injifannoo ittifufaa kan galmeesse Nageellee Arsiin qabxii 19n sadarkaasaa 8ffaarraa gara 5ffaatti ol guddiseera. Bara dorgommichaatti baay’ina taphoota injifate shaniin gaheera. Faallaasaan liigichatti yeroo 4ffaa kan mo’ame Magaalaan Dirree Dawaa qabxii 16n sadarkaa 9ffaa qabateera
Taphni Faasil kanamaan Itiyoo-Elektirikii waliin gaggeessan hawwiin eegama
Dec 29, 2025 214
Mudde 20/2018(ENA)- Piriimar ligii Itiyoophiyaa torban12ffaan har’a eeggala. Guyyaa sa’aatii 7:00 Faasil kanamaan fi Itiyoo-Elektirikii waliin Istaadiyeemii Finfinneetti taphatu. Liigichaan Faasil kanamaan taphoota 11 gaggeesseen yeroo shan yoo injifatu yeroo 6 qixa baheera. Taphicharratti galchii 9 yoo lakkoofsisu galchii sadii keessummeesseera. Garichi qabxii 21n sadarkaa 2ffaa qabateera. Liigichatti hanga ammaatti kan hin mo’amne kilabiin qofeessi Faasil kanamaadha. Itiyoo elektiriik bara dorgommichaatti taphoota 11 gaggeessee shan yoo injifatu yeroo tokko mo’ameera. Taphoota hafan 5n qixaan adda baheera. Galchii 8 yoo lakkoofsisu galchii 4 keessummeesseera. Garichi qabxii 20n sadarkaa 5ffaa qabateera. Faasil kanamaan yoo injifate dursummaa liigichaa Buna Sidaamaarraa yeroof ni fudhata. Sagantaa biroon maqalee 70 Indartaan Qiddusgoorgis waliin galgala sa’aatii 12:00tti Istaadiyeemii Yunvarsiitii Saayinsii fi Teekinooloojii Adaamaatti ni taphatu. Maqalee 70 Indartaan liigichatti taphoota 11 gaggeesse keessaa kan injifate yeroo 1 qofa. Yeroo shan yoo injifatamu haaluma wal fakkaatuun yeroo 5 qixa baheera. Galchiiwwan12 yoo lakkoofsisu galchii 6 keessummeesseera. Garichi qabxii 7n sadarkaa 19ffaa qabatee sadarkaa gad bu’aa keessatti argama. Liigichaan Inijifataan yeroo 16 Qiddusgoorgis gamasaan taphoota 11 gaggeessee shan yoo injifatu yeroo 4 mo’ameera. Taphoota biroo hafan 2 qabxii qooddateera. Taphoota 11n galchii 9 yoo lakkoofsisu galchii 7 keessummeesseera. Qiddus Goorgis qabxii 17n sadarkaa 6ffaa qabateera. Taphichaan Maqalee70 Indartaan injifannoo itti fufaa galmeessisuuf, Qiddus goorgis gara injifannootti deebi’uuf ni taphatu. Walwaloo Addai Giraat Yunvarsiitiin Magaalaa Baahir Daar waliin Guyyaa sa’aatii 10: 00tti Istaadiyeemii Finfinneetti ni taphatu. Walwaloo Addigiraat Yunvarsiitiin qabxii 8n sadarkaa 18ffaa qabatee sadargaa gad- bu’aa keessatti argama. Walaayittaa Diichaan Magaalaa Arbaa Minci waliin guyyaa sa’aatii 9:00tti Istaadiyeemii Yunvarsiitii Saayinsii fi Teekinoolojii Adaamaatti ni taphatu. Walaayittaa Diichaan qabxii 10n sadarkaa 17ffaan adarkaa gad bu’aa keessatti argama. Magaalaan Aarbaa Minci qabxii 5n sadarkaa dhumaa 20ffaa qabateera. Magaalaan Aarbaa Minici Liigichaan tapha tokkoyyuu kan hin injifanne garee qofeessadha. Bunni Sidaamaa Liigicha qabxii 22n dursaa jira. Piriimar Liigii Itiyoophiyaa torban 12ffaan hanga mudde 22 bara 2018tti ni tura.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Godina Iluu Abbaa Booritti sululoota 257 irratti eegumsi biyyoo fi bishaanii niraawwatamu
Jan 3, 2026 37
Mudde 25/2018 (ENA)- Godina Iluu Abbaa Booritti misooma sululaa bonaatiin sululoota 257 irratti eegumsi biyyoo fi bishaanii akka raawwatamu waajjirri qonnaa godinichaa beeksise. Itti aanaa hogganaan waajjira qonnaa godina Iluu Abbaa Boor obbo Awwal Mahaammad ENA’f akka ibsanitti, hojiilee eegumsa biyyoo fi bishaanii waggoottan darban hojjetamaniin bakkeewwan miidhaman akka bayyanatan, bishaan lafa keessaa fi lafarraa akka gabbatu gochuusaaniitiin oomishtummaan akka dabalu godheera. Hojii misoomaa hojjetameen bosonnillee dabaluusaa dabalanii ibsaniiru. Baranas misoomni sululaa qindaa’aan sululoota 257 irratti ni gaggeeffama jedhaniiru. Kutaalee hawaasaa kuma 300 caalan misooma kanarratto hirmaachisuun lafa hektaara kuma 131 misoomsuuf qophiin xumuramuu eeraniiru. Qonnaan bultoonni godinichaa muuxannoowwan waggoottan darban itti fufsiisuun baranas cimanii hirmaachuuf qophaa’uusaanii dubbataniiru. Isaan keessaa jiraataan aanaa Bachoo ganda Bakkojjii qonnaan bulaan Abduu Suphaa, hojiileen eegumsa biyyoo fi bishaanii waggoottan darban hojjetamaniin laftisaanii Kanaan dura lolaadhaan dhiqamaa ture deebi’ee waan bayyanateef oomishnisaanii guddachuusaa kaasaniiru. Kana malees madden gogan deebi’anii waan bayyanataniif bona jallisiidhaan misoomsuun oomishnisaanii guddisuuf akka isaan gargaare dubbataniiru. Faayidaa eegumsa biyyoo fi bishaanii qindaa’aa qabatamaan waan arganiif hojii misoomaa barana raawwatamu irratti dammaqinaan akka hirmaatan dabalanii dubbataniiru. Jiraataa aanichaa kan ta’an obbo Taarikuu Ayyalaa eegumsa biyyoo fi bishaanii Kanaan dura hojjetamaniin naannawisaanii deebi’ee waan lalisee fi filmaanni bishaanii waan babal’ateef oomishnisaanii dabaluusaa dubbataniiru. Misoomni Sululaa iddoowwan miidhaman deebi’anii akka bayyanatan waan godheef hawaasa dadammaqsuun hojii kanarratti bal’inaan hirmaachisuuf akka hojjetan dubbataniiru.
Guyyoota kurnan itti aananitti haalli qilleensaa Gogaa, Aduu qabu kutaa biyyattii hedduutti itti ni fufa
Jan 2, 2026 113
Mudde 24/2018(ENA)– Guyyoota kurnan itti Aananitti haalli qilleensa Bonaa gogaa, Aduu fi qilleensa qabu kutaa biyyattii heduutti itti fufinsa akka qabaatu Inistitiyuutiin Meetiriyooloojii Itiyoophiyaa beeksise. Inistitiyuutichi ibsa ENA’f ergeen akka beeksisetti Kaabaa bahaa, Baha, gidduugaleessaa fi kutaa biyyattii kibbaatti qorri galgalaa fi ganamaa digirii seeliishiyeesii shanii gadi akka ta’u odeeffannoon raaga haala qilleensaa mul’isa. Dhiibbaa qilleensaa saayibeeriyaarraa ka’uun qilleensi gogaa fi qorraan gara biyya keenyaatti qilleensa’u akka ittifufu raagni haala qilleensaa ni mul’isa jedheera. Bakka tokko tokkootti qorri ganamaa fi galgalaa cimee akka ittifufu ibseera. Gama biroon taateewwan meetiriyoloojii rooba kennan irraa ka’uun kibba lixaa, lixa, Kaaba bahaa, fi kutaa biyyaattii gidduu galeessaatti darbee darbee bakka xiqqaatti roobni xiqqaan akka jiraatu beeksiseera. Mudannoowwan haala qilleensaa roobaa kutaa biyyattii kibbaa fi kibba bahaa bonni yeroo roobaa 2ffaa argatan haala foyya’aa akka qaban ibsameera. Naannoowwan rooba gannaan misooman haala qilleensaa gogaan kan eegamu yoo ta’u, bakkeewwan murtaa’etti roobni xiqqaan yeroo malee roobuu akka danda’u odeeffannon raaga haala qilleensaa akka mul’isu beeksiseera. Haalli qilleensaa goginsaa kun omishawwan gannaa omishamanii walitti qabamaniif haala mijataa akka uumu ni eegama. Sululawwan kibbaa fi kibba bahaatti argaman guyyoota kurnan itti aananitti bishaan lafarraa akka argatan ni abdatama. Bakkeewwan biroon haala qilleensaa gogaa bonaa keessa akka turan ni eeggama jechuun inistitiyuutichi beeksiseera,.
Hojiileen eegumsa naannoof taasifaman oomishaa fi oomishtummaa guddisaniiru- Biiricha
Dec 31, 2025 144
Mudde 22/2018(ENA) - Waggoottan darban keessa hojiileen kunuunsaa fi eegumsa qabeenya uumamaaf taasifameen oomishaa fi oomishtummaan akka dabalu taasiseera jedhe Biiroon Qonnaa Beenishaangul Gumuuz. Itti aanaan itti gaafatamaa biirichaa fi itti gaafatamaan damee qabeenya uumamaa obbo Abdulkariim Muusaa akka jedhanitti, hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii bara kanaa baatii Amajjii keessa ni eegala. Hojiin kun aanaalee hunda keessatti akka hojjetamu eeruun, kutaaleen hawaasaa hedduun akka hirmaatan beeksisaniiru. Haaluma kanaan lafa heektaara kuma 57 ol ta’u irratti hojii kunuunsa biyyee fi bishaanii raawwachuuf karoorfamuu ibsaniiru. Bara darbe lafa heektaara kuma 52 irratti hojiin kunuunsa qabeenya uumamaa hojjetamuu yaadachiisaniiru. Hojiin kunuunsa qabeenya uumamaa waggoota darban keessatti hojjetaman bu’aa hedduu argamsiiseera jechuun ENAtti himaniiru. Faayidaalee kanneen keessaa oomishaa fi oomishtummaa dabaluu, dhiqama biyyee hir’isuu, burqaawwan bishaanii guddisuu fi itti fayyadama jallisii dabaluu eeraniiru. Faayidaa kunuunsi qabeenya uumamaa qabu hedduu ta’uu hubachuun, hawaasni hojii kunuunsa biyyee fi bishaanii baatii Amajjii keessa eegalamu iraatti hirmaannaa cimsuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.
Dirree Dawaatti qabeenya biyyee fi bishaanii misoomsuun wabii nyaataa mirkaneessuuf gargaaraa jira
Dec 30, 2025 151
Mudde 21/2018(ENA) - Dirree Dhawaatti qabeenya biyyee fi bishaanii misoomsuun wabii nyaataa mirkaneessuuf gargaaraa jiraachuu ibse Biiroon Qonnaa, Bishaan, Albuudaa fi Inarjii bulchiinsichaa. Bulchiinsichatti waktii Bonaa kana keessa lafa bishaan manca’e heektaara kuma 5 fi 550 irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii akka raawwatamu himameera. Biiroo Qonnaa, Bishaan, Albuudaa fi Inarjii Bulchiinsichaattii Daarektarri Misooma Qabeenya Uumamaa fi Bulchiinsa Lafa Baadiyyaa Alii Ahimad ENAtti akka himanitti, waggoota darban keessatti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaan sululoota gogan keessatti taasifamaa ture imala wabii nyaataa mirkaneessuuf taasifamu milkeessaa jira. Hojiilee kunuunsa biyyee fi bishaanii taasifameen burqaawwan deebi’uun damdamachuu jalqabuu, akkasumas misooma jallisii xixiqqaan gandoota baadiyyaa keessatti babal’achuu ibsaniiru. Kana malees kunuunsi qabeenya bishaanii fi biyyee oomishnii fi oomishtummaan akka dabalu taasisuun nyaanni beeladootaas akka argamu gargaareedha jedhan. Kunis wabii nyaataa qonnaan bultootaa mirkaneessuu danda’eera jedhan. Keessattuu dargaggoonnii fi dubartoonni waldaaleen misooma bishaan kuufamaa irratti gurmaa’uunii fi lafa qonnaa haaraa misooma bishaan kuufamaatiin uumame gara misoomaatti jijjiiruun irraa fayyadamoo ta’aniiru jedhani. Dhuma baatii kanaatti kan eegalamu misoomni bishaan kuufamaa, jiraattonni bulchiinsichaa kuma 37 fi 550 ol kan irratti hirmaatan ta’u jedhameera. Qonnaan bultoota yaada isaanii ENAf kennan obbo Adar Hasaniifi Adar Abdullaahii Yusuuf akka jedhanitti kunuunsi misoomni qabeenya bishaaniifi biyyeef taasisan kuni lafa gabbataan lolaan akka hin haqamne gochuun oomishaa fi oomishtumma isaanii dabaluu himan. Keessattuu, misoomni burqaa bishaanii fi misoomni jallisii wabii nyaataa isaanii mirkaneessuuf akka isaan dandeessise, misooma bishaan bona bara kanaa irratti hirmaachuuf eeggachaa akka jiran hubachiisaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 1422
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 9811
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.