ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Giddugalichi kabaja, aadaa fi hambaa saboota gurraachaa eeguuf tattaaffii taasisuu jalqabe cimsee itti fufuu qaba
Feb 28, 2026 4
Guraandhala 21/2018 (ENA): Giddu-galli saboota Gurraacha Idil-addunyaa kabaja, aadaa fi hambaa saboota gurraachaa eeguuf tattaaffii taasisuu jalqabe cimsee itti fufuu akka qabu Pirezidaanti Taayyee Asqasillaaseen hubachiisani. Giddugalli Gurraacha Idil Addunyaa walgahii mana maree waggaa isaa gaggeessaa jira. Walgahii kana irratti Ambaasaaddaroonni biyyoota adda addaa, hoggantoonni mootummaa, hayyoonnii fi keessummoonni affeeraman argamaniiru. Pireezdaanti Taayyee Asqasillaaseen walgahii kana irratti argamuun akka himanitti, Itiyoophiyaan sochii Paan Afriikaanizimii dabalatee qabsoo ummata gurraacha keessatti gahee olaanaa taphachaa turte jedhani. Injifannoon Adwaa qabsoo bilisummaa ummata gurraachaaf ka’umsa ta’e kanaaf akka fakkeenyaatti ka’a jedhaniiru. Akkasumas, Giddu-galli Gurraacha Idil-addunyaa Itiyoophiyaa keessatti kan hundaa’e ta’uun isaa qabsoo mirga ummata gurraachaaf Itiyoophiyaan kutannoo qabaachuu isheef ragaa ta’uu ibsaniiru. Giddugalichi kabaja, hambaa fi aadaa saboota gurraacha eeguuf tattaaffii taasisuu jalqabe akka itti fufu hubachiisaniiru. Giddugalichi wiirtuu qorannoo fi maxxansaa hojii, sanyii Afrikaanotaa kan qabanii fi namoota dhiibbaa uumuu danda’an kanneen hidda gurraachota addunyaa guutuu irra jiran hojii isaanii barreessuu fi maxxansuun iddootti kunuunfamuu kan qabatu qabaachuu akka qabus eeraniiru. Giddugalichi aadaa fi duudhaalee beekumsa adda addaa dhaloota ammaa fi gara fuula duraatti dabarsuuf ciminaan hojjechuu akka qabus hubachiisaniiru. Mootummaan Itiyoophiyaa wiirtuu kanaaf kaayyoo hundeeffame galmaan ga’uuf deeggarsa barbaachisu akka taasisus mirkaneessaniiru.
Filannoon waliigalaa bara kanaa nagaa fi haqa qabeessa ta’ee akka xumuramuuf dubartoonni dammaqinaan hirmachuun irraa eegama
Feb 28, 2026 11
Guraandhala 21/2018 (ENA): Filannoon waliigalaa 7ffaa nagaa fi haqa qabeessa akka ta’uuf dubartoonni dammaqinaan hirmaachuun akka irraa eegamu Federeeshiniin Dubartoota Itiyoophiyaa beeksise. Federeeshinichi filannoo waliigalaa 7ffaa irratti taajjabdoota bobbaasuuf naannoo Affaaritti sadarkaa kilaastaraatti leenjii leenjiftootaa kennaa jira. Akka Daarektarri Olaanaa Federeeshinii Dubartoota Itiyoophiyaa leenjicha wayita eegalchiisan aadde Gannat Siyyum ibsanitti, Filannoon waliigalaa bara kanaa nagaa fi haqa qabeessa ta’ee akka xumuramuuf dubartoonni dammaqinaan hirmachuun irraa eegama jedhani. Leenjiin leenjistootaa dubartoonni filachuufis ta’e filatamuuf akkasumas ilaalchaan hirmaannaa isaanii akka guddisan taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhan. Federeeshinichi waggoota darbaniif filannoo irratti hirmaachuu fi hubannoo uumuun hirmaannaa fi fayyadamummaa hunda galeessa dubartootaa guddisuuf bal’inaan hojjechaa akka ture ibsaniiru. Hubannoo filattotaa guddisuuf filannoo waliigalaa bara kanaa irratti filannoowwan adda addaa fayyadamuun kutaalee hawaasaa adda addaa dhaqqabuuf karoorfamuu ibsaniiru. Daarektarri Federeeshinii Dubartoota Naannoo Affaar aadde Faaxumaa Hanferee gama isaaniin, leenjiin leenjistootaa kennamaa jiru filannoon itti aanu nagaa, dimokiraatawaa fi haqa qabeessa akka ta’uuf kan gargaaru ta’uu dubbatani.
Milkaa’inni Injifannoo Adwaa fi Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa, injifannoo boonsaa bara olka’insa Afrikaanotaati- Hayyoota seenaa
Feb 28, 2026 17
Guraandhala 21/2018 (ENA): Milkaa’inni Injifannoo Adwaa fi Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa, injifannoo boonsaa bara olka’insa Afrikaanotaa ta’uu hayyoonni seenaa ibsani. Injifannoon Adwaa barreessitoonni seenaa barreessanii kan hin fixne,akaakilee fi abaabileen lafee isaanii fi dhiiga isaaniin birmadummaa Itiyoophiyaaf aarsaa kan kaffalan injifannoo boonsaa saba gurraacha addunyaa fi Afrikaaf bara olka’insaati. Gootonni Adwaa humna faashistii weerartuu Xaaliyaanii irratti tokkummaa fi kabaja Itiyoophiyaaf qabsaa’an dhaloota ammaa kanaaf mallattoo bilisummaa fi jaalala biyyaa ta’eera. Dhaloonni ammaa kun hamilee fi cimina abbootii isaa dhaalee, badhaadhina waliigalaa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf tattaaffii misoomaa taasisaa jiru keessatti gama hundaan bu’aa dinqisiisaa galmeessisuun isaa ni yaadatama. Milkaa’inni Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa Adwaa yeroo ammaa kan lammataa ta’ee fudhatamee, birmadummaa diinagdeetiif bu’uura kan kaa’ee fi mirga Afrikaanonni qabeenya uumamaa of danda’anii akka itti fayyadaman kan mirkaneessedha. Milkaa’inni lammiileen Itiyoophiyaa Hidha Haaromsaa keessatti galmeessisan mul’ata jaalala biyyaa misoomaa kan gootota Adwaa yaadachiisu yoo ta’u, biyyittiin naannoo hiyyummaadhaan miidhame irraa gara naannoo badhaadhinaatti ce’uu ishee kan agarsiisu ta’uu ibsameera. Itti Aantuun Hojii Gaggeessaa Olaanaa Waajjira Qindeessaa Piroojektii Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa Fiqirtee Taamir akka ibsanitti, Injifannoon Adwaa ummata Itiyoophiyaaf ibsaa bilisummaati jedhani. Bara sanatti akaakileenii fi abaabileen keenya gaarreen Adwaa irratti akka seenaa galmeessan, dhaloonni ammaa immoo Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa gaarreen Gubaa dhugoomsuun seenaa hojjataniiru jedhan. Hidhi Haaromsa Guddichi Itiyoophiyaa fakkeenya tokkummaa fi mallattoo waloo lammiileen biyya keessaa fi biyya alaa jiraatan galmaan gahanidha jedhani. Akka hayyuun seenaa fi qorataan beekamaan Piroofeesar Ahmad Zakkaariyaa jedhanitti injifannoon Adwaa seenaa bilisummaa Itiyoophiyaa keessatti bakka guddaa qaba. Tokkummaan yoo hojjetan waan hin danda’amu jedhamu milkeessuun kan itti mirkaa’e dha jedhani. Akkasumas Hidhi Haaromsa Guddichi Itiyoophiyaa piroojektii misooma ardii kan ta’ee fi kaayyoo Afriikaan Ajandaa 2063 keessatti kaa’e galmaan ga’uuf birmadummaa diinagdee mirkaneessuuf gumaacha kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Hayyuun seenaa fi qorataan Itiyoo-Arab Piroofeesar Adam Kamil gama isaaniin, Hidhi Haaromsaa milkaa’ina misoomaa, Injifannoo Adwaa lammaffaa dhaloota kanaaf abdii fide ta’uu ibsaniiru. Hidhi Haaromsa Guddichi Itiyoophiyaa fi Adwaan injifannoo ardiilee misoomaa fi gootummaa walitti fidu ta’uu eeruun, akkasumas Hidhi Haaromsaa injifannoo misoomaa birmadummaa dinagdee gonfachiisuu dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Fuula Miidiyaalee Dijitaalaa ENA https://linktr.ee/ENADigital
Finfinneetti hojiileen hawaasa fayyadamoo taasisan cimanii itti fufu- Kantiibaa Adaanech Abeebee
Feb 28, 2026 22
Guraandhala 21/2018(ENA)- Finfinneetti hojiileen hawaasa fayyadamoo taasisan cimanii itti fufu jedhani Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee. Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee,Leenjitoota Giddu Gala Leenjiifi Gabbisa Ogummaa Dubartootaa ‘Lenagewaa’ ogummaa garaagaraan leenji'an marsaa 4ffaaf eebbisaniiru. Dubartootni har'a marsaa 4ffaaf eebbifaman kunneen, leenjii gosa garaagaraa jechuunis, Huccuu Hodhuu, Nyaata Qopheessuu, Kunuunsa Daa'immanii akkasumas Elektirika Diriirsuu, Kunuunsaa fi Horsiisa Lukkuu dabalatee gosoota 17'n leenji'aa turaniiru. Sagantaa kanarratti miseensonni bulchiinsa magaalichaa fi keessummoonni affeeramanii argamaniiru. Kantiibaan magaalichaa aadde Adaanech Abeebee akka ibsanitti, Finfinneen jiraattota isheef mijataa, hawaasummaan haqa qabeessa, daawwattootaaf hawwataa akka taatuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa turaniiru jedhani. Bu’uurri hojii hundaa hojii misoomaa namoota irratti xiyyeeffate ta’uu eeranii, magaalattii jijjiiruun fedhii jiraattotaa guutuu fi fayyadamummaa itti fufiinsa qabu mirkaneessuu kan danda’u yommuu ta’u hiika kan qabu ta’uu ibsaniiru. Giddugalichi dubartoota rakkoo hawaasummaaf saaxilamanii fi sababoota adda addaatiin carraa dhaban gargaaruu isaa eeruun, wiirtuun kun dubartootaaf ifa abdii haaraa ta’uuf kan akeeke ta’uu ibsaniiru. Dubartoonni leenjii fudhatan abdii dhabanii mul’ata jijjiiramaa horachuun of bira darbanii namoota biroof carraa hojii uumuu danda’aniiru jedhan. Leenjifamtoonni har’a eebbifaman hundi carraa hojii argachuu isaanii fi haadholiin marsaa itti aanu irraa kaasee ijoollee isaanii waliin gara giddugalichaa akka dhufaniif haalli fooyya’uu ibsaniiru. Giddugalichi baajata bulchiinsa magaalichaa irratti hirkataa osoo hin taane of danda’ee hojii galii argamsiisu gaggeessaa jiraachuu ibsaniiru. Gama isaaniitiin Daarektarri Olaanaa Giddugala Haaromsaa fi Misooma Dandeettii Dubartoota Lenegewaa kan ta’an Dr. Hirphasaa Caalaa akka himanitti, Giddugalichi hojii ummata irratti xiyyeeffate bulchiinsi magaalichaan hojjatamaa jiru agarsiisa jedhani. Giddugalichi dubartoonni deeggarsa hawaasummaa, diinagdee fi xiinsammuu barbaadan leenjisuudhaan hojiitti akka galan taasiseera; dubartoonni marsaa 4ffaa leenjii fudhatan 909 eebbaafamaniiru jedhani. Akkasumas leenjifamtoonni leenjii ti’oorii fi ogummaa xumuruun madaallii gahumsa ogummaa fudhachuun qabxii dhibbeentaa 97.5 ol argachuun darbuu isaanii ibsaniiru. Giddugalichi hanga ammaatti marsaa sadan dabalatee dubartoota kuma 2 fi 401 leenjisuusaa fi leenjifamtoonni leenjii haaromsaa fi ogummaa akka fudhatan ibsaniiru. Giddugalichi leenjii dubartoota deeggarsa hawaasummaa, dinagdee fi xiinsammuu barbaadaniif kennamu babal’isuuf michoota waliin hojjechaa akka jiru eeruun, akkasumas hojiiwwan galii keessoo isaa guddisan hojiirra oolchaa akka jiru hubachiisaniiru.
Magaalaa Finfinneetti xiyyeeffannoon omishtummaa industirii omishaa irratti taasifame bu’aa dinqisiisaa argamsiiseera
Feb 28, 2026 33
Guraandhala 21/2018 (ENA): Itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee fi Hogganaan Biiroo Misooma Industirii obbo Jaanxiraar Abbay akka ibsanitti, xiyyeeffannaan oomishtummaa industirii omishaa Magaalaa Finfinneetti kenname bu’aa dinqisiisaa argamsiiseera jedhani. Biiroon Misooma Industirii Magaalaa Finfinnee Giddugala Walgahii Idil Addunyaa Addis konveenshinii torbee Itiyoophiyaan haa oomishtuu Eksipoo gaggeeffamaa ture xumura isaa irratti sagantaa beekamtii fi galateeffannaa gaggeesseera. Sagantaa mata duree “Itiyoophiyaan haa oomishtu; Finfinneen haa badhaatu’’jedhuun kan gaggeeffame yoo ta’u, dhaabbilee fi indaastiriiwwan omishaa sagantichaaf gumaachan hirmaataniiru. Kanuma waliin, Sochiin Oomishtummaa Itiyoophiyaa bu’a qabeessummaa indaastiriiwwan omishaa magaalattii keessatti gahee olaanaa taphachaa jira jedhan obbo Jaanxiraar Abbay. Sochiin kun dameen industirii rakkoolee mudataniif furmaata hatattamaa kennuudhaan guddina omishaa itti fufiinsa qabu akka argatu taasisaa jiraachuu ibsaniiru. Keessattuu hanqina dhiyeessii galtee furuu, walitti hidhamiinsa gabaa cimsuu, mala damichaaf haala mijataa uumuun bu’aa abdachiisaa ta’e galmaan ga’uu ibsaniiru. Magaalaan Finfinnee haala kanaan industiriiwwan omishaa oomishtummaa isaanii guddisuun oomishtummaa sadarkaa olaanaa akka argatan dandeessisaa jiraachuu ibsaniiru. Oomishtummaa industirii daran guddisuuf hojiilee deeggarsaafi hordoffii cimsuuf tattaaffiin dabalataa akka hojjetamus eeraniiru. Dameen maanufaakchariingii dhimmoota omishtoonni kaasan furuuf haaromsa imaammataa taasisuu fi qophii ta’uu eeruu, galmaan ga’uuf kan hojjetu ta’uu ibsaniiru. Xumura irratti sagantichi oomishtootaa fi michoota ga’umsa gaarii agarsiisaniif beekamtii fi badhaasa kenneera; hoggantoonni olaanoo Magaalaa Finfinnee saganticha irratti argamaniiru. Finfinnee keessatti indusstiriiwwan xixiqqaa fi gurguddoon kuma 3 fi 900 akka jiran kan ibsame yoo ta’u, industiriiwwan omishaa oomishaalee bakka bu’ummaa oomishanii fi baasii sharafa alaa qusachuudhaan guddina biyyattii saffisiisaa akka jiran ibsameera. Fuula Miidiyaalee Dijitaalaa ENA https://linktr.ee/ENADigital
Siyaasa

Filannoon Waliigalaa 7ffaan Ijaarsa Sirna Dimokiraasiif boqonnaa haaraa kan banudha
Feb 27, 2026 170
Guraandhala 20/2018(ENA):Filannoon Waliigalaa 7ffaan Sirna Dimokiraasii fi ijaarsa mootummaa cimaaf boqonnaa murteessaa kan banu ta’uu Paartiileen Siyaasaa adda addaa ENA waliin turtii taasisan ibsan. Hoggantoonni paartiilee Paartii Lammiileen Itiyoophiyaa Walqixxummaa Siyaasatiif (EZEMA), Paartii Dimokiraasii Hibir Itiyoophiyaa fi Paartiin Sochii Biyyaalessaa Amaaraa(ABN) filannichi nagaa fi dimokiraatawaa akka ta’uuf hirmaanaa qaama hundaa akka gaafatu dubbataniiru. Itti Aanaa Hogganaa Paartii Lammiilee Itiyoophiyaa haqa hawaasummaaf Arkiteektara Yohaannis Mokonnon akka jedhanitti, sirna ijaarsa dimokiraasiif, adeemsi milkaa’ina filannoo murteessaadha. Adeemsa filannoo keessatti gaheen uummata filatuu, paartii biyya bulchuu, paartiilee morkattootaa, dhaabbilee Siivikii , Boordii filannoo fi qaamoleen qooda fudhattootaa biroo qooda dhuunfaa fi gareen irraa eegamu guddaa ta’uu ibsaniiru. Kaayyoon keenyi inni guddaan ijaarsa sirna dimokiaasi ta’uu qaba kan jedhan Arkiteekiti Yohaannis tokkoon tokkoo qaamolee qooda fudhattootaa fi lammiileen seera kabajuun qooda biyyoolessaasaa akka bahu waamicha dhiheessaniiru. Itti Aanaan Paartii Dimokiraasii Hibir Itiyoophiyaa Abarraa Zallaqaa gamasaanin filannoon bara kanaa Siyaasa Itiyoophiyaa tasgabbaa’ee fi imala dimokiraasii bu’uura cimaarra kan keenyudha jedhaniiru. Filannicharratti yaada mo’ataa qabannee dhihaanna kan jedhan obbo Abarraan. Filannichi Itiyoophiyaanonni gara boqonnaa dimokiraasii fooyya’aatti kan ceesisu carraa seenaa murteessaa ta'uu ibsaniiru. Miseensi hojii raawwachiiftuu Sosochii biyyolessaa Amaaraa (ABN) Yusuuf Ibiraahim,ce’umsi siyaasa Itiyoophiyaa filannoo dimokiraatawaa fi olaantummaa yaadaa qofaan tahuu akka qabu paartiinsaanii amantaa cimaa qabaachuu ibsaniiru. Filannoo nagaa qaabeessaa fi dimokiraatawaan qophii bal’aa kan gaafatu ta’uu eeranii, kunis qophii manufeestoo irraa kaasee hanga gandaatti yaadawwan filannoo beeksisuun hojii kan gaafatu ta’uu ibsaniiru. Filannoon qaama ijaarsa aadaa dimokirasii waan ta’eef paartiin saanii, filannoo walii galaa 7ffaarratti dammaqinaan hirmaachuuf qophii taasisuusaa beeksisaniiru.
Adeemsa Marii Biyyoolessaa milkaa’inaan itti fufsiisuuf hirmaannaan qaamolee hundaa cimuu qaba
Feb 26, 2026 210
Guraandhala19/2018(ENA):Adeemsa Marii Biyyoolessaa milkaa’inaan itti fufsiisuuf hirmaannaanii fi qoodni qaamolee hundaa cimuu akka qabu barsiisonni Yuunivarsiitii Odaa Bultum hubachiisan. Komishinii Marii Biyyoolessaa waggoottan darban naannoolee adda addaatti ajandaa walitti qabuun marii taasisaa turuunsaa ni beekama. Barsiisonni Yuunivarsiitii Odaa Bultum ENA waliin turtii taasisan akka ibsanitti, hojii komishinichi hojjechaa jiru walii galtee biyyoolessaa uumuu fi aadaa Siyaasaa qaroome akka dagaaguuf abdiin kan irra kaa’ame waan ta’eef milka’inasaaf hunduu qoodasaa bahuu qaba jedhaniiru. Yuunivarsiitii Odaa Bultumitti Qindeessaa Kolleejjii Saayinsii Hawaasaa fi Barsiisaa kan ta’an Fiqaaduu Warquu,waldhabdeewwan biyyattii duubatti harkisan dhabamsiisuuf mariin furmaata waaraa ta’a jedhaniiru. Itiyoophiyaa keessatti gara garummaa yaadaa fi waldhabdeewwan mariin qofa furuuf aadaa marii dagaagsuun dhalootaa dhalootatti dabarsuuf mariin biyyoolessaa furmaata waaraa fida jedhaniiru. Gama kanaan hayyoonni yaada qorannoo fi qo’annoon deeggaramee sababa qabeessa ta’e qooduun, ilaalchota ka’umsa waldhabdee ta’an gara gidduugaleessaatti fiduun ajandaa marii taasisuu keessatti gahee guddaa akka qaban eeraniiru. Namni hundi gahee isarraa eegamu bahuu akka qabus dabalanii ibsaniiru. Mariin biyyoolessaa garaagarummaa jiru mariin hiikuun biyya fakkeenyummaan waamamtu uumuuf akka gargaaru Yuunivarsiitichatti barsiisaa Falaasamaa Barsiisaa Darrib Garramuu ibsaniiru. Komishiniin Marii Biyyoolessa hojiiwwan hojjechaa jiru hawaasni hundi akka deeggarus dubbataniiru. Kaayyoon Komishiniin Marii Biyyoolessaa qabatee ka’e tooftaa waldhabdee fi garaagarummaa jiru karaa nagaan itti hiikan waan ta’eef, dorgommii mo’amuu fi mo’achuurraa bilisa taatee biyya waliinii ijaaruuf kan gargaaru ta’uu eeraniiru.
Kolombiyaan Itiyoophiyaa waliin tumsa qabdu babal’isuuf barbaaddi - Ambaasaaddar Yooson Arkaadiyoo Meenes Koopeetee
Feb 26, 2026 182
Guraandhala 19/2018 (ENA): Kolombiyaan walitti dhufeenya seenaa fi aadaa Itiyoophiyaa waliin qabdu gama biraatiin babal’isuuf fedhii akka qabdu Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Kolombiyaa Yooson Arkaadiyoo Meenes Koopeetee himan. Ambaasaaddar Yooson turtii ENA waliin taasisaniin biyyoonni lamaan hariiroo yeroo dheeraa akka qaban ibsaniiru. Injifannoon Adwaa ummata Afroo-Kaaribiyaa Kolombiyaa keessa jiraataniif madda boonsaa fi kaka’umsaa akka ta’e akeekaniiru. Itiyoophiyaan injifannoo Adwaatiin haadha bilisummaa, mallattoo qabsoo fi mallattoo hin jilbeeffatamuu taateetti jedhan. Akkasumas, Itiyoophiyaan sochii Paan Afriikaa fi sochii farra koloneeffataa addunyaa guutuu keessatti ga’ee olaanaa akka qabdu ibsaniiru. Ambaasaaddarichi walitti dhufeenyi lammiilee Kolombiyaa hidda dhaloota Afrikaa fi Itiyoophiyaa gidduu jiru hariiroo aadaa biyyoota lamaanii cimsuu isaa ibsaniiru. Ambaasaaddar Yooson hariiroon dippilomaasii Kolombiyaa fi Itiyoophiyaa guddachaa jiru kan ibsan yoo ta’u, biyyoonni lamaan yeroo hunda waljijjiirraa teeknikaa fi marii waloo keessumaa damee bunaa irratti gaggeessaa akka jiran hubachiisaniiru. Itti dabaluunis biyyoonni lamaan dhiibbaa jijjiiramni qilleensaa oomisha bunaa irratti geessisu ittisuuf waliin hojjechaa akka jiran ibsaniiru. Bunni damee biyyoota lamaaniif barbaachisummaa tarsiimoo qabu ta’uu ibsuun, jireenyaa fi guddina galii lammiilee fooyyessuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu hubachiisaniiru. Gama biraatiin ambaasaaddarichi jijjiirama ariifataa magaalaa Finfinnee kan ajaa’ibsiifatan yoo ta’u, tumsa magaalaa guddoo Kolombiyaa Boogotaa waliin taasisan ibsaniiru. Boogotaan waggoota kurnan lamaan darban keessatti haaromsa magaalaa akka raawwatte kan ibsan yoo ta’u, magaalonni lamaan misooma magaalaa hunda hammatee fi itti fufiinsa qabu guddisuuf muuxannoo waljijjiiraa akka jiran hubachiisaniiru. Kolombiyaan hariiroo biyyoota lamaanii Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsuuf kutannoo akka qabdus beeksisaniiru. Itiyoophiyaa fi Kolombiyaan akka lakkoofsa faranjootaatti bara 1947 hariiroo dippilomaasii kan hundeessan ta’uu ragaaleen ni ibsu. Kolombiyaan Hagayya 2017 Itiyoophiyaatti Imbaasii ishee lammataa banuun ishee kan yaadatamu yoo ta’u, kunis biyyoonni lamaan tumsa isaanii cimsuuf kutannoo qaban kan agarsiisudha. Fuula Miidiyaalee Dijitaalaa ENA https://linktr.ee/ENADigital
Pireezdaanti Taayyee Asqasillaaseen pireezdaantii Israa’el Ayzaak Herzoog waliin mari’atan
Feb 25, 2026 281
Guraandhala 18/2018 (ENA): Pireezdaanti Taayyee Asqasillaaseen har’a pireezdaantii Israa’el Ayzaak Herzoog waliin mari’ataniiru. Ergaa fuula exsii isaanii irratti dabarsaniin, Pirezidaantichi hariiroo biyyoota lamaanii Pirezidaantii Israa’el waliin, keessumaa hariiroo seenaa fi aadaa biyyoota lamaan gidduu jiru irratti mari’achuu isaanii ibsaniiru. Hawaasni Beete- Israa’el riqicha biyyoota lamaan walqunnamsiisu ta’ee itti fufuu isaas hubachiisaniiru.
Qaama miidhamtootni umuriinsaanii filachuu fi filatamuuf ga’e filannoo walii galaarratti hirmaannaa ni taasisu
Feb 25, 2026 248
Guraandhala 18/2018(ENA)- Qaama miidhamtootni umuriinsaanii filachuu fi filatamuuf ga’e filannoo walii galaa 7ffaarratti hirmaannaa akka taasisaniif hojjetamaa jiraachuu jiraachuu Federeeshiniin Waldaa Qaama Miidhamtootaa Naannoo Kibba Itiyoophiyaa ibse. Pirezidaantiin Federeshinichaa Dannaqaa Daacoo ENA’f akka ibsanitti, Federeeshinichi filannoo walii galaaf qaama miidhamtoonni umuriinsaanii filachuu fi filatamuuf ga’e hirmaannaa ho’aa akka taasisan hojjetamaa jira. Qaama miidhamtoonni kaardii filannoo fudhatanii sagaleesaanii akka kennanii fi taajjabaa ta’uun akka hirmaatan, akkasumas filatamuuf kaadhimamtoota akka ta’an hubannaa uumuurraa eegalee Boordii filannoo fi qaamolee qooda fudhattootaa biroo waliin hojjetamaa jira jedhaniiru. Boordiin filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa filannicha ilaachisuun qaama miidhamtootaaf hubannoo uumuuf qophiin taasifamuu eeraniiru. Godinichatti hirmaannaa siyaasaa qaama miidhamtootaa guddisuuf hojjetamaa jiraachuu Pirezidaantiin Federeeshinii waldaa qaama Miidhamtootaa Godina Oomoo Kibbaa Hibisti Mankir ibsaniiru. Kanaafis Boordii Filannoo waliin dhiheenyatti hojjechaa jiraachuu ibsuun bu’uura labsiiwwanii fi danbiiwwan filannoon hojiin taajjabdoota filachuu hojjetamuu ibsaniiru. Filannichi hirmaachisaa Nagaa qabeessa, Dimokiraatawaa, fi Haqa qabeessa ta’ee akka gaggeeffamu qoodasaanii akka bahan eeraniiru. Piredidaantiin Federeeshinii Waldaa Qaama Miidahamtootaa Godina Geede’oo Barsiisaa Tasammaa Woreeraa gamasaaniin, filannoon waliigalaa bara kanaa taajjabdoota 7 adda baasuun beeksisuusaanii dubbataniiru.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad pireezdaantii Israa'el Ayizaak Heerzoog waliin mari'atan
Feb 25, 2026 340
Guraandhala 18/2018 (ENA): Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad pireezdaantii Israa'el Ayzaak Heerzoog waliin mari'ataniiru. Ministirri Muummee Dr. Abiyiy Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanirratti dabarsaniin, Pirezedaantii Israa’eel Ayizaak Herzoog daawwannaa hojiif Itiyoophiyaa kan dhufan har’a simachuun marii bu’aa qabeessa ta’e mari’anneerra jedhani. Hariiroo Itiyoophiyaa fi Israa’el gidduu jiru irratti xiyyeeffachuun fedhii waloo keenya irratti hundaa’uun tumsa keenya karaa itti guddifnu ilaaleerra jedhaniiru.
Nageenya naannichaa haala itti fufinsa qabuun furuuf humnoonni nageenyaa hawaasa waliin qindoominaan hojjechaa jiru
Feb 24, 2026 338
Guraandhala 17/2018 (ENA): Nageenya naannoo Hararii haala itti fufinsa qabuun furuuf humnoonni nageenyaa hawaasa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu himame. Manni Maree Nageenyaa naannichaa dhimmoota nageenya naannichaa yeroo ammaa irratti mari'ateera. Hojii naannichatti yakka ittisuuf hojjetamaa tureen namoota dhuunfaa gocha yakkaa adda addaa keessatti hirmaatan to'annoo jala oolchuun mana murtiitti murtiin akka itti murtaa'u taasisuu ibsameera. Manni marichaa sochii tiraafikaa waliin walqabatee tarkaanfiiwwan fudhatamaniin gama seera kabachiisuutiin jijjiiramni jajjabeessaan galmaa’uu isaa madaaleera. Daldala namaa seeraan alaa ittisuu, qoricha balaafamaa to’achuu, daddabarsaa fi daldala seeraan alaa ittisuu(kontiroobaandii), daldala meeshaa waraanaa seeraan alaa to’achuu irratti hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an hojjetamuu isaaniis ibsameera. Kana malees daldaltoota seeraan alaa naannichatti jeequmsa diinagdee uumaa jiranii fi kanneen rakkoo bulchiinsa gaarii naannichaa ta’anii fi hawaasa mufachiisan irratti tarkaanfiin seeraa cimee itti fufaa jiraachuu himameera. Ol’aantummaa seeraa mirkaneessuu, nageenya amansiisaa mirkaneessuu fi nageenya hawaasaa mirkaneessuun hojii dursaa waan ta’eef, Manni Maree Nageenyaa, nageenyi naannichaa itti fufiinsa akka qabaatu cimsee hojjechaa jiraachuu eerameera. Filannoon waliigalaa 7ffaa nagaa fi dimokiraatawaa akka ta’uuf seerri fi sirni filannoo akka kabajamuuf kutannoon akka hojjetanis ibsameera. Nageenyaa fi tasgabbii naannichaa mirkaneessuun hojii olaantummaa seeraa kabachiisuuf hojjetamaa jiru cimsuun akka itti fufus beeksifameera. Ummanni naannichaa akkuma kaleessaa humnoota nageenyaa waliin qindoomuun naannoo ofii dammaqinaan eeggachuun har’as nageenyaaf waardiyyaa akka dhaabbatu Manni Marichaa waamicha dhiyeesseera.

Hawaasummaa
Giddugalichi kabaja, aadaa fi hambaa saboota gurraachaa eeguuf tattaaffii taasisuu jalqabe cimsee itti fufuu qaba
Feb 28, 2026 4
Guraandhala 21/2018 (ENA): Giddu-galli saboota Gurraacha Idil-addunyaa kabaja, aadaa fi hambaa saboota gurraachaa eeguuf tattaaffii taasisuu jalqabe cimsee itti fufuu akka qabu Pirezidaanti Taayyee Asqasillaaseen hubachiisani. Giddugalli Gurraacha Idil Addunyaa walgahii mana maree waggaa isaa gaggeessaa jira. Walgahii kana irratti Ambaasaaddaroonni biyyoota adda addaa, hoggantoonni mootummaa, hayyoonnii fi keessummoonni affeeraman argamaniiru. Pireezdaanti Taayyee Asqasillaaseen walgahii kana irratti argamuun akka himanitti, Itiyoophiyaan sochii Paan Afriikaanizimii dabalatee qabsoo ummata gurraacha keessatti gahee olaanaa taphachaa turte jedhani. Injifannoon Adwaa qabsoo bilisummaa ummata gurraachaaf ka’umsa ta’e kanaaf akka fakkeenyaatti ka’a jedhaniiru. Akkasumas, Giddu-galli Gurraacha Idil-addunyaa Itiyoophiyaa keessatti kan hundaa’e ta’uun isaa qabsoo mirga ummata gurraachaaf Itiyoophiyaan kutannoo qabaachuu isheef ragaa ta’uu ibsaniiru. Giddugalichi kabaja, hambaa fi aadaa saboota gurraacha eeguuf tattaaffii taasisuu jalqabe akka itti fufu hubachiisaniiru. Giddugalichi wiirtuu qorannoo fi maxxansaa hojii, sanyii Afrikaanotaa kan qabanii fi namoota dhiibbaa uumuu danda’an kanneen hidda gurraachota addunyaa guutuu irra jiran hojii isaanii barreessuu fi maxxansuun iddootti kunuunfamuu kan qabatu qabaachuu akka qabus eeraniiru. Giddugalichi aadaa fi duudhaalee beekumsa adda addaa dhaloota ammaa fi gara fuula duraatti dabarsuuf ciminaan hojjechuu akka qabus hubachiisaniiru. Mootummaan Itiyoophiyaa wiirtuu kanaaf kaayyoo hundeeffame galmaan ga’uuf deeggarsa barbaachisu akka taasisus mirkaneessaniiru.
Injifannoon Adwaa imala Itiyoophiyaan gara badhaadhinaatti taasiftuuf jalqabdeef bu’uura kaa’a - Bulchaa Ashaadilii Hasan
Feb 28, 2026 33
Guraandhala 21/2018 (ENA): Injifannoon Adwaa imala Itiyoophiyaan gara badhaadhinaatti taasisuu talqabdeef bu’uura kaa’a jedhan bulchaan mootummaa naannoo Beenishaangul Gumuuz obbo Ashaadilii Hasan. Ayyaanni injifannoo Adwaa waggaa 130ffaan magaalaa Asoosaatti marii paanaalii fi qophiilee aartii adda addaatiin kabajameera. Wayita sana obbo Ashaadilii Hasan akka himanitti, injifannoon Adwaa barbaachsummaa humna waloo mirkaneessuu qofa osoo hin taane, yeroo uummanni Itiyoophiyaa koloneeffattoota hidhannoo tokkummaan itti injifatani dha jedhani. Injifannoon kun yaadama ida’amuun badhaadhina hunda galeessa Itiyoophiyaan eegalteef bu’uura kan kaa’uu fi tokkummaa biyyoolessaa Itiyoophiyaaf fakkeennya gaarii kan ta’u dha jedhani. Pirojektoonni biyyoolessaa Itiyoophiyaanonni walta’iinsaan galmaan ga’an agarsiisa Adwaa lammaffaa ta’uu eeruun, olka’insa Itiyoophiyaan sadarkaa addunyaatti qabdu agarsiisuuf hundi keenya waliin hojjechuu qabna jedhan. Injifannoon Adwaa Itiyoophiyaanota qofaaf osoo hin taane ummata gurraacha hundaafis injifannoo akka ta’e, sochii bilisummaa biyyoota biroo cunqursaa jala turaniif gumaacha guddaa akka ta’es yaadachiisaniiru. Waltajjicharratti hoggantoonni olaanoo naannichaa, dhaabbileen nageenyaafi kutaaleen hawaasaa adda addaa argamaniiru.
Injifannoon Adwaa Kabajaa fi Birmadummaa biyyaa eegsisuurra darbee Afrikaanota kolonii jala turan bilisummaaf akka qabsaa’an kaka’umsa uumeera
Feb 27, 2026 88
Guraandhala 20/2018(ENA): Injifannoon Adwaa Kabajaa fi Birmadummaa biyyaa eegsisuurra darbee Afrikaanota kolonii jala turan bilisummaaf akka qabsaa’aniif kaka’umsa uumuusaa Yuunivarsiitii Asoosaatti Barsiisaan Seenaa Doktar Abbabaa Aannoo dubbataniiru. Injifannoon Adwaa Itiyoophiyaarra darbee,uummatoota gurraacha hundaa biratti Ifni bilisummaa akka calaqqisu kan taasisee fi mallattoo injifannoo ta’uun tokkummaa uummatoota gurraachaa kan agarsiisedha. Yuunivarsiitii Asoosaatti Barsiisaan Seenaa Doktar Abbabaa Aannoo akka dubbatanitti, Injifannoon Adwaa Itiyoophiyanonni jaalala biyyaaf qaban qabatamaan kan mirkaneessanii fi injifannoo seenaa boonsaan itti raawwate jedhani dha. Ijnifannichi Itiyoophiyaarra darbee biyyoota Afrikaaf fakkeenya ta’uun yaadamni Paan-Afrikaanizimii akka idilaa’uu fi tokkummaan dhaabbata Afrikaa akka hunda’uuf taasisuun qooda guddaa akka qabu dubbataniiru. Injifannoon Adwaa kabaja fi birmadummaa biyyaa eegsisuurra darbee Afrikaanota hacuuccaa jala turan bilisummaaf akka qabsaa’aniif kaka’umsa uumuu fi fudhatamummaa Itiyoophiyaan sadarkaa Idil-Addunyaatti qabdu kan guddisedha jedhaniiru. Injifannoon Adwaa dirree waraanaa bira darbee dhaloota ammaaf seenaa barsiisaa hedduu kan qabate dha kan jedhan doktar Abbabaan , dhaloonni ammaa barnoota injifannoo Adwaarraa argatanitti fayyadamuun tokkummaa biyyya keenyaaf waloon dhaabbachuu akka qabnu kan agarsiise dha jedhaniiru.
Magaalaa Shaggaritti rakkoo kenniinsa tajaajila fayyaa furuuf hojii hojjetameen bu’aan qabatamaa argameera – Wajjira Fayyaa Magaalichaa
Feb 27, 2026 92
Guraandhala 20/2018 (ENA): Magaalaan Shaggar rakkoolee gama kenniinsa tajaajila fayyaan jiran qoratee adda baasuun itti quufinsa hawaasaa mirkaneessuun hojii hojjetameen bu'aan qabatamaan argamuu Waajjirri Fayyaa Magaalichaa beeksiseera. Hogganaa Waajjira Fayyaa Magaalaa Shaggar obbo Abarraa Botoree ENA Afaan Oromootti akka himanitti, Magaalli Shaggar duraan gama kenniinsa tajaajila fayyaan rakkoolee hedduu kan qabdu akka ta’e eeruun wayita ammaatti haalli jiru fooyya’insa gaarii ta’uu dubbataniiru. Rakkooleen gama Tajaajila Fayyaan turan uwwisni tajaajila fayyaa xiqqaachuu, hir’ina qulqullina tajaajila fayyaa, facaatii dhaabbilee fayyaa, sirna faayinaansii tajaajila fayyaa fi teekinooloojiin deeggaramuu dhabuu, kenna tajaajila fayyaa rakkoolee gurguddaa shanan gama kanaan qorannoon adda ba’an ta’uu himaniiru. Wayita Magaalichi hundaa’u baay’inni Buufata Fayyaa 24 qofa kan turan ta’uu ibsanii, yeroo ammaa Buufata Fayyaa 35tti ol guddisuun danda’ameera jedhan. Dhibeewwan daddarboo fi daddarboo hin taane ittisaa fi to’annoo cimsuuf Keellaawwan Fayyaa baay’inaan 46 qofa kan turan, yeroo amma gara 85tti ol guddisuun kan danda’ame ta’uu himaniiru. Naannoo Industiriin baay’atutti waggootaaf warshaalee 10 qofti Kilinika Fayyaa kan qaban ta’uu kan dubbatan hoganaan kun, yeroo ammaa warshaaleen 62 Kilinika mataa isaanii hundeessuun tajaajilaa kennaa kan jiraan ta’uu himaniiru. Kenniinsa tajaajila fayyaa fooyyessuuf xiyyeeffannoon ogeeyyii fayyaaf, dhiyeessii qorichaa fi dijitaalazeeshiniifis kennamuu dubbataniiru. Hojii gaggeessaa olaanaa Buufata Fayyaa Tulluu Diimtuu kan ta’an obbo Baqqalaa Xoxxoowu akka himanitti,meeshalee waldhaansaa guutuudhan, keessattuu haadholiin duraan hospitalaa biraatti deddeebi’aa turaan yeroo ammaa yaalii gahaa dhiyootti argachuudhan qisaasama baasii hin mallee irraa bilisa ta’aniiru jedhani. Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Koyyee Faccee Bufaata Fayyaa Tulluu Diimtuutti waldhaansa argachaa kan jiran obbo Fiqaaduu Waaqgaarii akka himanitti, yaala to’annoo dhibee sukkaaraa haala gaariin hordoffii argaachaa jiraachuu himaaniiru. Aadde Itiyoophiyaa Gogolaan gama isaaniin akka himanitti,duuran tajaajilaa gahaa dhabanii rakkoo keessa kan turan ta’uu eeruun,yeroo amma tajaajilaa gahaa aragataniin gammachuu qabaachuu dubbataniiru.
Diinagdee
Milkaa’inni Injifannoo Adwaa fi Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa, injifannoo boonsaa bara olka’insa Afrikaanotaati- Hayyoota seenaa
Feb 28, 2026 17
Guraandhala 21/2018 (ENA): Milkaa’inni Injifannoo Adwaa fi Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa, injifannoo boonsaa bara olka’insa Afrikaanotaa ta’uu hayyoonni seenaa ibsani. Injifannoon Adwaa barreessitoonni seenaa barreessanii kan hin fixne,akaakilee fi abaabileen lafee isaanii fi dhiiga isaaniin birmadummaa Itiyoophiyaaf aarsaa kan kaffalan injifannoo boonsaa saba gurraacha addunyaa fi Afrikaaf bara olka’insaati. Gootonni Adwaa humna faashistii weerartuu Xaaliyaanii irratti tokkummaa fi kabaja Itiyoophiyaaf qabsaa’an dhaloota ammaa kanaaf mallattoo bilisummaa fi jaalala biyyaa ta’eera. Dhaloonni ammaa kun hamilee fi cimina abbootii isaa dhaalee, badhaadhina waliigalaa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf tattaaffii misoomaa taasisaa jiru keessatti gama hundaan bu’aa dinqisiisaa galmeessisuun isaa ni yaadatama. Milkaa’inni Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa Adwaa yeroo ammaa kan lammataa ta’ee fudhatamee, birmadummaa diinagdeetiif bu’uura kan kaa’ee fi mirga Afrikaanonni qabeenya uumamaa of danda’anii akka itti fayyadaman kan mirkaneessedha. Milkaa’inni lammiileen Itiyoophiyaa Hidha Haaromsaa keessatti galmeessisan mul’ata jaalala biyyaa misoomaa kan gootota Adwaa yaadachiisu yoo ta’u, biyyittiin naannoo hiyyummaadhaan miidhame irraa gara naannoo badhaadhinaatti ce’uu ishee kan agarsiisu ta’uu ibsameera. Itti Aantuun Hojii Gaggeessaa Olaanaa Waajjira Qindeessaa Piroojektii Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa Fiqirtee Taamir akka ibsanitti, Injifannoon Adwaa ummata Itiyoophiyaaf ibsaa bilisummaati jedhani. Bara sanatti akaakileenii fi abaabileen keenya gaarreen Adwaa irratti akka seenaa galmeessan, dhaloonni ammaa immoo Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa gaarreen Gubaa dhugoomsuun seenaa hojjataniiru jedhan. Hidhi Haaromsa Guddichi Itiyoophiyaa fakkeenya tokkummaa fi mallattoo waloo lammiileen biyya keessaa fi biyya alaa jiraatan galmaan gahanidha jedhani. Akka hayyuun seenaa fi qorataan beekamaan Piroofeesar Ahmad Zakkaariyaa jedhanitti injifannoon Adwaa seenaa bilisummaa Itiyoophiyaa keessatti bakka guddaa qaba. Tokkummaan yoo hojjetan waan hin danda’amu jedhamu milkeessuun kan itti mirkaa’e dha jedhani. Akkasumas Hidhi Haaromsa Guddichi Itiyoophiyaa piroojektii misooma ardii kan ta’ee fi kaayyoo Afriikaan Ajandaa 2063 keessatti kaa’e galmaan ga’uuf birmadummaa diinagdee mirkaneessuuf gumaacha kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Hayyuun seenaa fi qorataan Itiyoo-Arab Piroofeesar Adam Kamil gama isaaniin, Hidhi Haaromsaa milkaa’ina misoomaa, Injifannoo Adwaa lammaffaa dhaloota kanaaf abdii fide ta’uu ibsaniiru. Hidhi Haaromsa Guddichi Itiyoophiyaa fi Adwaan injifannoo ardiilee misoomaa fi gootummaa walitti fidu ta’uu eeruun, akkasumas Hidhi Haaromsaa injifannoo misoomaa birmadummaa dinagdee gonfachiisuu dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Fuula Miidiyaalee Dijitaalaa ENA https://linktr.ee/ENADigital
Finfinneetti hojiileen hawaasa fayyadamoo taasisan cimanii itti fufu- Kantiibaa Adaanech Abeebee
Feb 28, 2026 22
Guraandhala 21/2018(ENA)- Finfinneetti hojiileen hawaasa fayyadamoo taasisan cimanii itti fufu jedhani Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee. Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee,Leenjitoota Giddu Gala Leenjiifi Gabbisa Ogummaa Dubartootaa ‘Lenagewaa’ ogummaa garaagaraan leenji'an marsaa 4ffaaf eebbisaniiru. Dubartootni har'a marsaa 4ffaaf eebbifaman kunneen, leenjii gosa garaagaraa jechuunis, Huccuu Hodhuu, Nyaata Qopheessuu, Kunuunsa Daa'immanii akkasumas Elektirika Diriirsuu, Kunuunsaa fi Horsiisa Lukkuu dabalatee gosoota 17'n leenji'aa turaniiru. Sagantaa kanarratti miseensonni bulchiinsa magaalichaa fi keessummoonni affeeramanii argamaniiru. Kantiibaan magaalichaa aadde Adaanech Abeebee akka ibsanitti, Finfinneen jiraattota isheef mijataa, hawaasummaan haqa qabeessa, daawwattootaaf hawwataa akka taatuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa turaniiru jedhani. Bu’uurri hojii hundaa hojii misoomaa namoota irratti xiyyeeffate ta’uu eeranii, magaalattii jijjiiruun fedhii jiraattotaa guutuu fi fayyadamummaa itti fufiinsa qabu mirkaneessuu kan danda’u yommuu ta’u hiika kan qabu ta’uu ibsaniiru. Giddugalichi dubartoota rakkoo hawaasummaaf saaxilamanii fi sababoota adda addaatiin carraa dhaban gargaaruu isaa eeruun, wiirtuun kun dubartootaaf ifa abdii haaraa ta’uuf kan akeeke ta’uu ibsaniiru. Dubartoonni leenjii fudhatan abdii dhabanii mul’ata jijjiiramaa horachuun of bira darbanii namoota biroof carraa hojii uumuu danda’aniiru jedhan. Leenjifamtoonni har’a eebbifaman hundi carraa hojii argachuu isaanii fi haadholiin marsaa itti aanu irraa kaasee ijoollee isaanii waliin gara giddugalichaa akka dhufaniif haalli fooyya’uu ibsaniiru. Giddugalichi baajata bulchiinsa magaalichaa irratti hirkataa osoo hin taane of danda’ee hojii galii argamsiisu gaggeessaa jiraachuu ibsaniiru. Gama isaaniitiin Daarektarri Olaanaa Giddugala Haaromsaa fi Misooma Dandeettii Dubartoota Lenegewaa kan ta’an Dr. Hirphasaa Caalaa akka himanitti, Giddugalichi hojii ummata irratti xiyyeeffate bulchiinsi magaalichaan hojjatamaa jiru agarsiisa jedhani. Giddugalichi dubartoonni deeggarsa hawaasummaa, diinagdee fi xiinsammuu barbaadan leenjisuudhaan hojiitti akka galan taasiseera; dubartoonni marsaa 4ffaa leenjii fudhatan 909 eebbaafamaniiru jedhani. Akkasumas leenjifamtoonni leenjii ti’oorii fi ogummaa xumuruun madaallii gahumsa ogummaa fudhachuun qabxii dhibbeentaa 97.5 ol argachuun darbuu isaanii ibsaniiru. Giddugalichi hanga ammaatti marsaa sadan dabalatee dubartoota kuma 2 fi 401 leenjisuusaa fi leenjifamtoonni leenjii haaromsaa fi ogummaa akka fudhatan ibsaniiru. Giddugalichi leenjii dubartoota deeggarsa hawaasummaa, dinagdee fi xiinsammuu barbaadaniif kennamu babal’isuuf michoota waliin hojjechaa akka jiru eeruun, akkasumas hojiiwwan galii keessoo isaa guddisan hojiirra oolchaa akka jiru hubachiisaniiru.
Magaalaa Finfinneetti xiyyeeffannoon omishtummaa industirii omishaa irratti taasifame bu’aa dinqisiisaa argamsiiseera
Feb 28, 2026 33
Guraandhala 21/2018 (ENA): Itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee fi Hogganaan Biiroo Misooma Industirii obbo Jaanxiraar Abbay akka ibsanitti, xiyyeeffannaan oomishtummaa industirii omishaa Magaalaa Finfinneetti kenname bu’aa dinqisiisaa argamsiiseera jedhani. Biiroon Misooma Industirii Magaalaa Finfinnee Giddugala Walgahii Idil Addunyaa Addis konveenshinii torbee Itiyoophiyaan haa oomishtuu Eksipoo gaggeeffamaa ture xumura isaa irratti sagantaa beekamtii fi galateeffannaa gaggeesseera. Sagantaa mata duree “Itiyoophiyaan haa oomishtu; Finfinneen haa badhaatu’’jedhuun kan gaggeeffame yoo ta’u, dhaabbilee fi indaastiriiwwan omishaa sagantichaaf gumaachan hirmaataniiru. Kanuma waliin, Sochiin Oomishtummaa Itiyoophiyaa bu’a qabeessummaa indaastiriiwwan omishaa magaalattii keessatti gahee olaanaa taphachaa jira jedhan obbo Jaanxiraar Abbay. Sochiin kun dameen industirii rakkoolee mudataniif furmaata hatattamaa kennuudhaan guddina omishaa itti fufiinsa qabu akka argatu taasisaa jiraachuu ibsaniiru. Keessattuu hanqina dhiyeessii galtee furuu, walitti hidhamiinsa gabaa cimsuu, mala damichaaf haala mijataa uumuun bu’aa abdachiisaa ta’e galmaan ga’uu ibsaniiru. Magaalaan Finfinnee haala kanaan industiriiwwan omishaa oomishtummaa isaanii guddisuun oomishtummaa sadarkaa olaanaa akka argatan dandeessisaa jiraachuu ibsaniiru. Oomishtummaa industirii daran guddisuuf hojiilee deeggarsaafi hordoffii cimsuuf tattaaffiin dabalataa akka hojjetamus eeraniiru. Dameen maanufaakchariingii dhimmoota omishtoonni kaasan furuuf haaromsa imaammataa taasisuu fi qophii ta’uu eeruu, galmaan ga’uuf kan hojjetu ta’uu ibsaniiru. Xumura irratti sagantichi oomishtootaa fi michoota ga’umsa gaarii agarsiisaniif beekamtii fi badhaasa kenneera; hoggantoonni olaanoo Magaalaa Finfinnee saganticha irratti argamaniiru. Finfinnee keessatti indusstiriiwwan xixiqqaa fi gurguddoon kuma 3 fi 900 akka jiran kan ibsame yoo ta’u, industiriiwwan omishaa oomishaalee bakka bu’ummaa oomishanii fi baasii sharafa alaa qusachuudhaan guddina biyyattii saffisiisaa akka jiran ibsameera. Fuula Miidiyaalee Dijitaalaa ENA https://linktr.ee/ENADigital
Gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaa birmadummaa diinagdee kabachiisuuf ajandaa waloo hin jijjiiramnedha - Hayyoota diinagdee
Feb 27, 2026 141
Guraandhala 20/2018 (ENA): Gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaa birmadummaa diinagdee kabachiisuuf ajandaa waloo hin jijjiiramne ta’uu hayyoonni diinagdee himani. Itiyoophiyaan ulaa galaanaa kan mataashee ture gaafachuun gaaffii seera qabeessa ta’e; kan seerri idil addunyaa deeggaru dha jedhani hayyoonni kunniin. Ulaa galaanaa kana argachuun biyya birmadummaan ishee eegamee fi nageenyummaan ishee mirkanaa’e taasisuuf shoora olaanaa qaba jedhan hayyoonni kunniin. Gaaffiin ulaa galaanaa kuni fayyadamummaa waloo irratti kan hundaa’e ta’uus hubachiisaniiru. Biyyi keenya dorgomtummaa idil addunyaa akka qabaattuuf shoora olaanaa qaba jedhani. Hayyoonni turtii ENA waliin taasisaniin akka himanitti, Itiyoophiyaan ulaa galaanaa mataashee kan qabdu turte shira irratti dalagameen dhabuunshee dinagdee biyyaarratti dhiibbaa olaanaa fideera jedhani. Hayyuu diinagdee kan ta’an Darajjee Dajanee akka ibsanitti, guddinni diinagdee saffisaa Itiyoophiyaan galmeessaa jirtu dorgomtummaa daldala addunyaa ishee guddisaa jira jedhani. Itiyoophiyaan biyyoota addunyaa saffisaan guddachaa jiran keessaa tokko taatus, buufata galaanaa nageenyummaan isaa amansiisaa ta’e dhabuun dinagdee ol’aanaa isheen maddisiistu jalaa baasii hin malleef ishee saaxilaa jiraachuu hubachiisani. Sababa kanaafis buufata galaanaa nageenyummaan isaa amansiisaa ta'ee fi tajaajila buufata doonii filannoo guddina dinagdee Itiyoophiyaa saffisaa fi sochii daldalaa gurguddaadhaaf mijatu argachuun qananii osoo hin taane dirqama ta’uu ibsaniiru. Hayyuu diinagdee kan biraa doktar Jamaal Mahaammad akka ibsanitti, Itiyoophiyaan biyya guddina dinagdee dinqisiisaa irratti argamtudha jedhani. Haa ta'u malee, buufanni galaanaa nageenya qabu dhabamuu isaatiin dorgommii idil-addunyaa yaa’insa daldalaa guddaa biyyattii fi nageenya lammiilee ishee irratti kallattiin dhiibbaa geessisaa jira jedhani. Akka ogeeyyiin diinagdee kunneen jedhanitti, abbummaan buufata galaanaa Itiyoophiyaa guddina ariifataa biyyattiin qabduu fi sochii daldalaa gurguddaa ilaalcha keessa galchuun dhimma lubbuun jiraachuudha. Abbummaan buufata galaanaa Itiyoophiyaa ajandaa waloo walitti dhufeenya diinagdee naannolee cimsuun guddina waloo mijeessuu kan danda’u ta’uus ibsaniiru. Hayyoonni kunneen akka jedhanitti, Itiyoophiyaan ummata miliyoona 130tti dhiyaatu qabdu buufata galaanaa nageenya qabu qabaachuu qabdi; akkasumas lammiileen faayidaa biyyoolessaa biyya isaanii eeguuf waliin hojjechuu qabu. Abbummaan buufata galaanaa Itiyoophiyaa ajandaa waloo kan hin raafamnee fi dhimma lubbuun jiraachuu birmadummaa diinagdee tiksuuf ta'uu ibsaniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Waraqaan eenyummaa Faayidaa tajaajiloota adda addaa waliin wal-qabsiisuun erga eegalamee asitti namootni galmaa’an dabalaa jira
Feb 26, 2026 74
Guraandhala 19/2018(ENA) - Waraqaan eenyummaa dijitaalaa Faayidaa tajaajiloota adda addaa waliin wal-qabsiisuun erga eegalamee asitti, lakkoofsi namoota galmaa’anii dabalaa dhufuu Waajjira Ministira Muummeetti, Qindeessaan Sagantaa Galmee Waraqaa Eenyummaa Dajanee Gabree beeksisan. Sagantaan waraqaa eenyummaa biyyaalessaa bara 2014 waajjira Ministira Muummeetti kan eegale yoo ta’u, yeroo dhihoo asitti tajaajiloota adda addaa waliin wal-qabsiisuun bu’uuraalee misoomaa Dijitaalaa saffisiisuuf hojjetamaa jira. Qindeessaan Sagantaa galmee waraqaa eenyummaa biyyaalessaa Dajanee Gabree ENA’f akka ibsanitti, galmeen Waraqaa eenyummaa Dijitaalaa Faayidaa hirmaachisaa akka ta’uuf dhaabbilee tajaajila kennan adda addaa waliin qindoominaan akka hojjetu ta’eera. Kanaan walqabatee baay’inni namoota waraqaa eenyummaa Dijiitaalaa Faayidaa fudhatanii dabalaa jiraachuu ibsanii, sagantaan galmee erga jalqabee as lammiileen miiliyoona 36 galmaa’uun Abbaa waraqaa eenyumma ta’uusaanii ibsaniiru. Waraqaan Eenyummaa dijiitaalaa faayidaa kenninsa tajaajilaa kan saffisiisuu fi ijaarsa dinagdee biyyaaf gahee guddaa gumaachaa jiraachuu eeranii keesumaa tarsiimoo Dijiitala Itiyoophiyaa 2030 galmaan gahuu keessatti, faayidaa guddaa akka qabu ibsaniiru. Fakkeenyaaf, ‘Faayidaa’ qabiyyee abbummaa lafa qonnaan bulaa waliin wal-qabsiisuun lammiileen hedduun akka galmaa’an gochuurra darbee, qonnaan bulaan qabiyyeesaa wabii godhachuun tajaajila faayinaansii akka argatuuf Ooyruusaa sirnaan bulchuuf akka gargaaru dubbataniiru. Naannoo Benishaangul Gumuzitti hanga ammaatti lammiileen kuma 250 ol kan galmaa’an yoo ta’u, haala raawwiisaa fooyyessuuf hubannaa hawaasaa guddisuun akka barbaachisu qindeessaan kun beeksisaniiru. Naannichati harka dhibba galmaan ga’uuf, dhaabbilee tajaajila kennan adda addaa waliin wal qabsiisuun karooricha milkeessuu akka qaban hubachiisaniiru. Biiroon Lafaa fi Gurmii Waldaa Hojii Gamtaa naannoo Benishaangul gumuz Ministeera qonnaa waliin ta’uun mata duree “ waraqaa eenyummaa biyyaalessaa abbaa qabiyyee lafa baadiyaaf’’ jedhuun waltajjiin marii gaggeeffamuun ni yaadatama.
Barnoota Hubannoo Namtolchee Manneen barnootaa Sadarkaa 1ffaa irraa eegalee kennuuf qophiin taasifamaa jira
Feb 26, 2026 56
Guraandhala 19/2018 (ENA): Barnoota Hubannoo Namtolchee(AI) Manneen barnootaa Sadarkaa 1ffaa irraa eegalee kennuuf qophiin taasifamaa jira Ministeerri Barnootaa beeksiseera. Ministeera Barnootaatti Qindeessaa ii larniingi( E-Learning) fi Inishiyeetiivii Koodaroota Itiyoophiyaa Miiliyoona 5 kan ta’an Mulunaa Axinaafuu ENAtti akka himanitti, tattaaffii haaromsaa biyyattii keessatti hojiirra oolaa jiruu fi bu’a qabeessummaa hojiirra oolmaa Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 haala mijeessuuf misoomni humna namaa murteessaa ta’uu ibsaniiru. Kanaafis dandeettii fi beekumsi dijitaalaa guddachuu akka qabu ibsuun, ministeerichi ajandaa haaromsa biyyaalessaa fi ergama isaa irratti hundaa’uun imala eegaluu isaa ibsaniiru. Sagantaa guddina beekumsaa fi dandeettii dijitaalaa barsiisotaa fi barattoota akkasumas hawaasaaf hojiirra oolchuuf tattaaffiin taasifamaa akka jirus ibsaniiru. Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2030 keessatti dhimmoota xiyyeeffannoon kennaman keessaa tokko bulchiinsa humna namaa ta’uu ibsuun, barbaachisummaan damichaa dinagdee biyyattiif qabu mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Hubannoo namtolchee fi barnoota hubannoo dijitaalaa guddisu kan danda’u kutaa tokkoo hanga kudha lamaatti kaarikulamii barnootaa keessatti hammachiisuun barnoota kennuuf hojjetamaa akka jiru eeraniiru. Dhaabbilee barnoota olaanoo keessatti dandeettii fi beekumsa dijitaalaa barsiisotaa fi barattootaa guddisuuf kan dandeessisan hojiin hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru. Itti dabaluunis lammiileen Itiyoophiyaa miiliyoona 5 ta’an kanaaf leenjii koodarsii akka fudhatan deeggarsi taasifamaa jira jedhan. Ministeerri Barnootaa dargaggoota addunyaa dijitaalaa keessatti gahumsaa fi dorgomaa ta’an oomishuuf bu’uura beekumsaa fi dandeettii dijitaalaa irratti xiyyeeffachuu isaa ibsaniiru.
Golambaan Saayinsii guddina qorannoo saayinsii fi teeknooloojii Itiyoophiyaa keessatti gahee olaanaa taphachaa jira
Feb 23, 2026 120
Guraandhala 16/2018 (ENA): Golambaa Saayinsii guddina qorannoo saayinsii fi teeknooloojii Itiyoophiyaa keessatti gahee olaanaa taphachaa jira jedhan hojigaggeessaan olaanaa waliigalaa waldaa Saayinsii Hawaa Itiyoophiyaa Kiruubel Manbaruu. Miseensonni Waldaa Saayinsii Hawaa Itiyoophiyaa fi kutaaleen hawaasaa adda addaa Golambaa Saayinsii fi golambaa saayinsii keessatti kan argamu giddugala qorannoo hawaa (Pilaaneetariyeemii)daawwataniiru. Giddugala Qorannoo Hawaa keessatti urjiilee daawwachuu, dhiheessi saayinsii hawaa fi fiilmii dokumantarii hawaa dawataniiru. Golamboonni saayinsii guddina waliigalaa hawaasa tokkoo irratti guddina murteessaa fidu jedhan obbo Kiruubel Manbaruun. Golambaan saayinsii kun hawaasni hubannoo fi beekumsa saayinsii irratti qabu akka dabaluu fi walitti dhufeenya damee kanaaf qabu akka cimsu kan gargaaru ta’uu ibsaniiru. Golambaan Saayinsii Finfinneetti ijaarame agarsiisa saayinsii salphaatti hubatamu taasisuun guddina dirree kanaaf gumaacha guddaa taasisaa jira. Keessattuu golambichi daa’immanii fi dargaggoota saayinsiitti dhiheessuu qofa osoo hin taane, beekumsa barnootaan horatan qabatamaan akka arganii fi hubachuuf carraa guddaa kan uumu ta’uu ibsaniiru. Akkasumas waldichi hojiiwwan adda addaa ijaarsa dandeettii, misooma bu’uuraalee misoomaa, akkasumas daa’immanii fi dargaggoonni beekumsa damee kanarratti qaban akka guddifatan gargaaruuf hojjechaa akka jirus ibsaniiru. Waldichi nama hundaaf banaa ta’uu ibsuun, daa’immanii fi dargaggoonni fedhii qaban miseensa ta’uun akka itti makaman waamicha dhiyeessaniiru. Waldaa Saayinsii Hawaa Itiyoophiyaatti Qindeessaan Dhimma Alaa Kibrat Atsibihaa akka ibsanitti, kaayyoon daawwannaa kanaa hojiiwwan saayinsii hawaa keessatti hojjetamaa jiran irratti hubannoo uumuuf akka ta’e dha jedhani. Golambaan Saayinsii daa’immanii fi dargaggoonni dirree kana keessatti akka makaman karaa saaquu qofa osoo hin taane, qorattoonni hojii isaanii ummataaf dhaqqabamaa taasisuuf faayidaa guddaa qaba jedhaniiru. Barattoonni Fitii Girmaa fi Tsiyoon Biraanuu daawwannaan kun waa’ee hawaa beekumsaa fi hubannoo akka kenneefii dubbataniiru. Golambaan Saayinsii kan duraa irraa adda ta’uu fi xiyyeeffannoo addaa amma dirree kanaaf kenname kan agarsiisu ta’uus ibsaniiru.
Guddattoonni hubannoo namtolchee kalaqaa fi dandeettiif akka itti fayyadamaniif haala mijataa uumuu qabna
Feb 21, 2026 157
Guraandhala 14/ 2018(ENA)- Guddattonni Teekinooloojii dijiitaalaa fi hubannoo nam-tolchee(AI)kalaqaa fi ijaarsa dandeettiif akka fayyadamaniif haala mijataa uumuun akka barbaachisu ibsameera. Waltajjiin marii Guddattootaaf haala itti fayyadama intarneetii fi hubannoo nam-tolchee dhaqqabamaa taasisuurratti Kaayyeffate Magaalaa Adaamaatti gaggeeffameera. Guddattoonni Itiyoophiyaa yeroo waliin akka deemanii fi bu’aawwan kalaqaa haarawaa akka gumaachaniif deeggarsa barbaachisaa akka taasisan Waltajjicharratti ibsameera. Haasaa baninsa waltajjicharratti kan taasisan Hoggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Aadde Mabiraat Baacaa, dhaloota booda biyya fudhatan kalaqaa fi dandeettii sirnaan qabsiisuun barbaachisa jedhaniiru. Kanaaf guddattoonni bilbilaa fi kompiitara yeroo fayyadaman taphaaf qofa osoo hin ta’iin, Hubannaa nam tolcheef (AI) fi kalaqawwan dijiitaalaaf akka oolchaniif gochuuf itti gaafatamummaa qabna jedhaniiru. Kanaafis haala mijataa uumuun hundarraa akka eegamu xiyyeeffannoo kennaniiru. Kanaafis Maatiin, Manneen Barnootaa fi giddu galawwan dargaggootaa itti gaafatamummaa guddaa kan qaban ta’uu eeruun, egeree ifa Itiyoophiyaaf daa’immanii fi guddattootarratti har’a hojjenna jechuun dubbataniiru. Guddattoonnii fi daa’imman itti fayyadama teekinooloojii dabalatee Sagantaa guddina daa’immummaa irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jirachuu kaasuun, kunis cimee akka itti fufu beeksisaniiru. Jijjiirama biyyaalessaa hordofuun hojiirra oolmaa Dijiitaalaa, barnoota hubannaa nam- tolchee fi giddu gala kalaqaa babal’isuun damichaan dhaloota baratee fi beekumsa gahaa qabu horachuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuun ibsameera.
Ispoortii
Piriimar Liigii Ingiliz torban 28ffaan har’a eegala
Feb 27, 2026 74
Guraandhala 20/2018(ENA):-Piriimar liigii Ingiliz torban 28ffaan sagantaa tapha jalqabaan har’a Wolvisii fi Astonviilaa gidduutti ni gaggeeffama. Taphichi galgala sa’aatii 5:00tti Istaadiyeemii Moolniwuutti gaggeeffama. Wolvisii qabxii 10n sadarkaa dhumaa 20ffaa qabatera. Astonviilaan qabxii 51n sadarkaa 3ffaarra taa’eera
Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaatti calallii taphoota mo’atanii darbuu
Feb 24, 2026 154
Guraandhala 17/2018(ENA): Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaatti calalliin tapha mo’atanii darbuu har’a taphoonni deebii Afur gaggeeffamu. Maanchistar Yuunaayitid Evartaniin mo’achuun sadarkaasaa gara 4tti ol guddiseera. Galgala sa’aatii 5:00tti Intarmiilaan Boodoo Giliimit waliin Istaadiyeemii Saansirootti taphatu. Kilaboonni lamaan tapha marsaa jalqabaa gaggeessaniin Boodoo Giliimitiin 3 fi 1n injifachuunsaa ni yaadatama. Intarmiilaan gara mo’atanii darbuutti ce’uuf garaagarummaa galchii lamaa oliin injifachuun irraa eegama. Morkataansaa Boodoo Giliimiti injifachuu, qixaan adda bahuu fi garaagarummaa galchii 1’n mo’amuun gara 16tti makamuuf isa dandeessisa. Sagantaa biroon Niwuukaastil Yuunaayitid Kaarabag waliin galgala sa’aatii 5:00tti Istaadiyeemii Seenti Jeemsi Paarkitti ni taphatu. Tapha jalqabaan Niwukastil Yuunaatitid 6 fi 1’n kan mo’ate carraan darbuusaa bal’aadha. Faallaasaan morkataansaa Kaarabag tilmaama jiruun carraan gara mo’atanii darbuutti ce’uu dhiphaadha. Baayer Leeverkusen, Oloompiyaas waliin galgala sa’aatii 5:00tti Istaadiyeemii Bayii Areenaatti taphatu. Baayer Leeverkusen Jarman tapha marsaa jalqabaatiin dirreessaan alatti 2 fi 0’n mo’achuunsaa ni yaadatama. Bu’aa kana hordofuun carraan tapha itti aanuuf qabu bal’ateera. Oloompiyaakos Giriik gara mo’atanii darbuutti ce’uuf garaagarummaa galchii 2 oliin mo’uu qaba. Galgala sa’aatii 2:45’n Atileetikoo Maadiriid Kilab Biruuzyi waliin Istaadiyeemii Wandaa Meetiropoliitanootti taphatu. Kilaboonni lamaan tapha jalqabaa torban darbe gaggeessaniin sadii qixaan adda bahaniiru. Gareen tapha har’aa mo’atu mo’atanii darbuutti ce’a.
Maanchistar Yuunaayitid Everten waliin taphatasaa gaggeessa
Feb 23, 2026 177
Guraandhala 16/ 2018(ENA):- piriimer Liigii ingiliz sagantaa torban 27ffaa dhumaan Evertenii fi Maanchistar Yuunaayitid gidduutti har’a ni gaggeeffama. Taphichi galgala sa’aatii 5:00tti Istaadiyeemii Hiil Diikiinsenitti gaggeeffama. Everten qabxii 37n sadarkaa 9ffaa qabateera. Maanchistar yuunaayitid immoo qabxii 45n sadarkaa 5ffaa qabateera. Kilaboonni lameen piriimar liigichatti kan walitti dhufan kan ammaa yeroo 31ffaa dha. Taphoota 30 ammaan dura gaggeessaniin Maanchistar Yuunaayitid yeroo19 injifachuun olaantummaa qabatera. Everten yeroo 6 yoo injifatu taphoota hafan 6n qixaan adda baheera.
Maanchistar Siitiin Niwuukaastil Yuunaayitid waliin ni taphata
Feb 21, 2026 232
Guraandhala 14/ 2018(ENA):- Piriimar Liigii Ingiliz torban 27ffaan har’a eegala. Sagantichaan taphoonni shan ni gaggeeffamu. Taphni Galgala sa’aatii shan irratti Maanchistar Siitiin Niwuukastil waliin Istaadiyeemii Itihaaditti taphatan hawwiin eegama. Maanchistar Siitiin qabxii 53n Sadarkaa 2ffaa qabateera. Niwuukaastil Yuunaayitid qabxii 36n sadarakaa 10ffaarra jira. Maanchistar Siitiin injifannoo ittifufa 3ffaa galmeessuuf ni taphatu. Torban 26ffaa Tootenihaam Hotispersiin 2 fi 1n dirreesaan alatti erga mo’atee booda Niwuukastil Yuunaayitid injifannoo walitti fufaa galmeessuuf wal morkatu. Maanchistar Siitiin yoo injifate dursaa liigichaa Arsenaal waliin garaagarummaa qabxii qabu yeroof gara 2tti gad buusa. Astonviilaan qabxii 50n sadarkaa 3ffaa qabateera. Liids yuunaayitid qabxii 30n sadarkaa 15ffaarra taa’eera. Taphichaan Astonviilaan morkii waancaaf turuuf , Liidis Yuunaayitid sadarkaa gad bu’aa keessaa siquuf qabxii sadii argachuuf kan wal- morkatanidha. Chelsiin Bernileyii waliin fi Bireentifoordi Biraayiten waliin galagala sa’aatii 12:00tti ni taphatu. Westihaam Yuunaayitid Bornimaawuz waliin galgala sa’aatii 2:30tti Istaadiyeemii Landanitti taphatu.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Labsiin Bulchiinsaa fi Gatinsa Balfa Jajjaboo haaraan 1383/2017 “gosoota pilaastikaa hunda” guutummaatti dhorkaa?
Feb 28, 2026 30
Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo Itiyoophiyaa Labsii Bulchiinsa fi Gatinsa Balfa Jajjaboo haaraa 1383/2017 kan faalama pilaastikaa hir’isuu fi nageenya naannoo mirkaneessuuf kaayyeffate hojiirra oolchuun isaa ni beekama. Haa ta'u maleeerga labsiin kun bahee hordofuun filannoowwan miidiyaa hawaasaa irratti odeeffannoon dogoggoraa bal'inaan tamsa'aa jira. Kanaaf odeeffannoon dogoggorsiisaan ijoon miidiyaa hawaasaa irratti bal’inaan tamsa’aa jiru adda baafamee jira; akkasumas odeeffannoon labsii, ibsa hoggantootaa fi ibsa qaama dhimmi ilaallatu wajjin wal bira qabuun mirkanaa’eera. Odeeffannoo dogoggoraa: "Pilaastikiin kamiyyuu yeroo tokko qofaaf tajaajila kennan, akka hin oomishamne; akka biyya hin seenne akkasumasa akka hin gurguramne guutummaan guutuutti dhokameera.’’ Dhugaansaa: Labsichi pilaastika yeroo tokkotti fayyadan hunda hin dhorkine. Akka labsichaatti "boorsaa pilaastikii haphii (feestaala)" yeroo tokkotti fayyadamuu qofatu guutummaatti dhorkaadha. Akkuma Labsii Bulchiinsa fi Gatinsa Balfa Jajjaboo Lakk.1383/2017 ifatti ibsutti; "Qajeelfama oomisha, galtee ykn itti fayyadama pilaastikaa yeroo tokkotti fayyadamu baasuu danda'a." Kana jechuun pilaastikoonni akka barbaachisummaa isaatti hayyamaman jiru jechuudha. Dhimma kana ilaalchisee Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo fuula miidiyaa hawaasaa ofiisaa irratti ibsa kenneen, meeshaaleen akka hin faalamne ykn wantoota biroo waliin akka hin makamneef qadaada pilaastikaa akka fayyadamu; akkasumas pilaastika nyaataaf, baaltinnaaf, tajaajila uffata miiccaa(laawundariif) fi oomishaalee biroo saamsuuf kan oolu labsii kanaan akka hayyamamu mirkaneesseera. Haalli qabinsaa fi gatinsa pilaastikoota kanaa qajeelfama gara fuula duraatiin kan bulfamu ta’a. Kana malees, Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitichaa Dr. Leellisee Namee ibsa ENA’f kennaniin, Labsichi oomishaalee pilaastikaa guutummaatti akka hin dhorkine ifatti ibsaaniiru. Odeeffannoo dogoggoraa: "Labsii kana raawwachuu fi raawwachiisuuf itti gaafatamummaa kan qabu Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo qofa." Dhugaa: Labsii kana raawwachiisuuf itti gaafatamummaa dhumaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo fi waajjiraalee eegumsa naannoo naannichaaf kennamee dhugaa ta’ee osoo jiruu, hojiin raawwachiisummaa garuu abbaa taayiticha qofaan kan hojjetamu miti. Seerri kun lafarratti yeroo hojiirra oolu poolisii fi qaamoleen seera kabachiisan kanneen seeraan ala boorsaa pilaastikaa oomishanii, galchanii fi itti fayyadaman irratti hordofanii tarkaanfii raawwachiisummaa kan fudhatan ta’uu Daarektarri Olaantuun kuni ibsaniiru. Kanaaf ummannii fi hawaasni daldalaa hojii raawwachiisummaas qaamolee nageenyaa fi seera kabachiisaniin kan raawwatamu ta’uu hubachuu qabu. Ummanni odeeffannoo hin mirkanoofnee fi dogoggorsiisaa miidiyaa hawaasaa irratti tamsa’u fudhachuu irraa akka of qusatuu fi qajeelfama itti fayyadama pilaastikaa kallattiin fuula abbaa taayitichaa irraa fi maddoota amanamoo irraa qofa akka argatu gorsaniiru.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa omishaa fi Omishtummaa bunaa guddiseera
Feb 23, 2026 116
Guraandhala16/2018(ENA): Sagantaan Ashaaraa Magariisaa omishaa fi Omishtummaa bunaa guddisuurratti gahee olaanaa bahachaa jiraachuu qooda fudhattoonni damichaa ibsan. Itiyoophiyaan bara baajataa 2017 buna toonii kuma 469 Gabaa Addunyaaf erguun galii doolaara biiliyoona 2.65 argachuun ishee kan yaadatamu yoo ta’u, bara baajataa 2018 buna toonii kuma 600 gara alaatti erguun galii doolara biiliyoona 3 ol argachuuf karoorsitee hojjechaa jirti. Qaamoleen damicharratti bobba’an ENA’f akka ibsanitti,damee qonnaan omishtummaa bunaarratti bu’aa gaarii galmeessisuuf hojiin eegumsa qabeenya uumamaa murteessaa ta’uu mirkaneessaniiru. Naannoo Oromiyaatti Al-ergii fi Oomisha Bunaa irratti kan hirmaatan obbo Faxxanaa Yewaalaasheet hojiin qabeenya uumamaa keessumaa Ashaaraan Magariisaa qooda guddaa gumaachuu dubbataniiru. Waggoottan darban Sagantaan Ashaaraa Magariisaa itti fufinsaan hojjetamuunsaa buna omishuuf sirna ekkooloojii fi haala qilleensaa mijataa ta’e uumuu dandeessisuu dubbataniiru. Naannoo Kibba Dhiha Itiyoophiyaatti hojii damee bunaarratti kan bobba’an Andu’aalam Fantaa gamasaaniin Sagantaan Ashaaraa Magariisaa omishtummaa bunaa guddisuurratti jijjiirama guddaa fidaa jira jedhaniiru. Kun ta’uusaan Magantaa Ashaaraa Magariisaarratti miseensonni waldichaa bal’inaan hirmaachuun misoomicha deeggaraa jirra jechuun ibsaniiru. Bakkeewwan biyyattii adda addaatti omishtummaa bunaa guddisuuf qabeenya uumamaa eeguun murteessaa ta’uu kan ibsan naannoo Sidaamaatti hojii buna dhiheessuurratti kan bobba’an Abaataa Kiishooti. Yaada kennitoonni Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf biqiltuuwwan bunaa Sanyii fooyya’oo dhaabbiif qopheessaa jiraachuu dubbataniiru. Itti Aanaan pirezidaantii Waldaa Buna Itiyoophiyaa Zarihuun Qaamiisoo gamasaaniin Sagantaan Ashaaraa Magariisaa guddina diinagdee biyya keenyaa ariifachiisuu keessatti qooda guddaa qabaachuu beeksisaniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa akka biyyaatti erga hojiirra ooluu jalqabee biqiltuuwwan bunaa biiliyoona 8 ol dhaabbachuusaanii himaniiru.
Naannoowwan qonna Arfaasaa dafanii jalqaban guyyoota saddeet itti aanan keessatti haala qilleensaa jiidha qabutti fayyadamuu qabu
Feb 23, 2026 100
Guraandhala 16/2018 (ENA): Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa naannoleen hojii qonna Arfaasaa dafanii jalqaban guyyoota saddeet dhufan keessatti haala qilleensaa jiidha qabutti akka fayyadaman beeksiseera. Raaga haala qilleensaa Guraandhala 14 hanga 21, 2018 ilaalchisee ibsa ENAf ergeen, guyyoota itti aanan keessatti naannoo qonna Arfaasaa keessatti qilleensi jiidha qabu akka jiraatu ibseera. Haalli jiidhinsa qilleensaa kun keessumaa bakkeewwan laga gadi aanaa ta’ani irratti kanneen akka naannoolee Kibba Lixaa, Kibbaa fi Giddu galeessaa keessatti qonnaaf mjataa waan ta’eef qophii sanyii, akkasumas midhaan facaasuuf haala mijataa ni uuma jedheera. Haalli qilleensa jiidhinni kun guddina marga dheedichaa fi biqilootaaf, akkasumas dhiyeessii bishaan dhugaatii namaa fi beeyladootaa fooyyessuuf barbaachisummaa guddaa qabaachuu ibseera. Akkasumas naannooleen akka Awaash Gubbaa fi Awaash Giddugaleessaa, Baaroo Akobabii gubbaa fi giddu galeessaa, Oomoo Gibee, Suluwwan, kuusaa Gannaalee Dawaa irratti rooba giddugaleessaa fi xiqqaa ta’e ni argatu. Kanarraa kan ka’e, bishaan kuufamaa caqafame keessatti yaa’insi bishaan dirra lafaa giddu galeessaan ni jiraata. Gama biraatiin naannoon Kibbaa fi Kibba Bahaa rooba Arfaasaa irraa fayyadamoo ta’an haala qilleensaa goggogaan akka isaan mudatu ibsichi hubachiiseera.
Badhaadhina fi tasgabbii Afrikaaf damee bishaanii irratti invastimantii gochuun barbaachisaa dha
Feb 15, 2026 206
Guraandhala 8/2018 (ENA)- Badhaadhinaa fi tasgabbii Afrikaatiif invastimantiin cimaa damee bishaanii irratti taasifamuun barbaachisaa ta’uu Gamtaa Afrikaatti Komishinarri Qonnaa, Misooma Baadiyyaa, Diinagdee Biluu fi Naannoo Itti Fufiinsa qabu Moosees Viilaakaatii ibsani. Yaa’iin hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaan magaalaa guddoo Afrikaa Finfinneetti mata duree “Dhiyeessii Bishaanii fi Qulqullina Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu;Galmoota Ajandaa 2063 Galmaan Gahuu” jedhuun gaggeeffamaa jira. Komishinar Moosees Vilaakaatii saganticha irratti akka ibsanitti, Bishaanii fi qulqullina naannoo guddinaa fi jijjiirama diinagdee Afrikaaf bu’uuraa dha jedhani. Afriikaan damee kanarratti waggaa waggaan hanqinni maallaqaa doolaara biliyoonaan lakkaa’amu kan ishee mudatuu ibsuun, kunis Galmoota Misooma Itti Fufiinsa Qabu galmaan ga’uufi jijjiirama qilleensaa ittisuuf gufuu ta’uu eeraniiru. Mata dureen Yaa’ii hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaa “Dhiyeessii Bishaanii fi Qulqullina Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu;Galmoota Ajandaa 2063 Galmaan Gahuu” jedhu kanaafidha jedhan. Walgahii kana irratti pirojektoota invastimantiif qophaa’an kan dhiyaatan ta’uu eeruun, kana keessaas waggaatti invastimantii doolaara biliyoonaan lakkaa’amuu kan danda’u wadaan argamuu himaniiru. Qajeelfamni biyyoonni sagantaa bishaanii haala qilleensaa dandamatu akka qopheessanii fi adeemsa invastimantii hordofuuf kan gargaaru galmeen irratti barreessa ifa taasifamuu himaniiru. Badhaadhinaa fi tasgabbii Afrikaaf damee bishaanii irratti kutannoodhaan invastimantii gochuun barbaachisaa akka ta’e dubbataniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 2194
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 10412
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.