Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Mootummaan Ida’amuu hambaa keenya madda biyya boonsu taasisuuf hojii eegale cimsee itti fufa- Itti aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa
Apr 26, 2026 385
Ebla 18/2018 (ENA): Ministirri Muummee Itti Aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa giddu-gala Kuusaa fi Daawwachiisa Haambaalee Abdii Nagaash(Abdii Antiikin) daawwataniiru. Dawannaa isaanii kana irrattis ergaa dabarsaniin, Mootummaan Ida’amuu iddoowwan seena qabeessa irra deebiin misoomsuun hambaalee keenya madda biyyaalessa boonsu taasisuuf hojii eegale itti fufa jedhan itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanirratti dabarsaniin akka himanitti, Itiyoophiyaan abbaa qaroomina bara dheeraa fi hambaa durii ta’uu ishee eegdota hambaa abbootii akka Abdii yeroo arginu ragaa bahuu dandeenya jedhani. Akkasumas walitti qabama hambaalee mana kuusaa fi daawwannaa hambaalee Abdii Nagaash keessatti daawwanne, hojii ajaa'ibaa seenaa fi aadaa biyya keenyaaf kabaja guddaa kennudha jedhani.   Itti dabaluunis qabeenyi kunneen amma gurmaa’anii bakka seenaa isaaniif mijatutti agarsiifamuun isaanii damichaaf bu’aa guddaa ta’uu ibsaniiru. Gorsaan dhimmoota Hawaasummaa Ministira Muummee Daaqon Daani'eel Kibirat fi hoggantoonni olaanoon mootummaa kanneen biroos daawwannicha irratti argamaniiru. Giddugalichi qabeenya aadaa fi seenaa Itiyoophiyaa kaleessaa mul'isan kan of keessatti qabate ta'uun kan ibsame yoo ta'u, hambaalee seenaa Itiyoophiyaa mul'isan walitti qabuu fi daawwachiisuun beekama. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Mil'annaawwan Dilbataa
Apr 26, 2026 363
Milkaa'inni olaanaan uumama of-mul'suu qaba. Hoggansa Ministira Muumme Doktar Abiyyi Ahimadiin bu'aan Itiyoophiyaan galmassiste xiyyeeffannaa addunyaa hawwateera. Gamtaan Afrikaa dhiyeenya kana Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimadiin Shaampiyoonaa Hubannoo Namtolchee fi fayyaa dijitaalawaa gochuun muuduun , badhaasni dhaabbata Nyaataafi Qonnaa dursanii fudhatan, meedaaliyaan Agrii-kollaa, badhaasni hoggansa olaanaa Afrikaa fi beekamtiin Shaampiyoonummaa Tuurizimii ‘IGAD’ kanaaf mirkaneessituuwwanidha. ‎Beekamtiiwwan kabajaa fi raawwiiwwan kunniin milkaa'ina dhuunfaa qofa osoo hin taane, ga'eee oggansaa dameewwan murteessoon Itiyoophiyaan galmeessisaa jirtu kan mirkaneessaniidha. ‎Muudamni Gamtaa Afirikaa tiraansifoormeeshinii biyyaalessaa bal'aa kalaqa dijiitaalaan deggerame kan mul'isu dha. Bu'uura mul'ata ‎Itiyoophiyaa, ''Idaa barfatanii ga'uurraa gara eebba dursanii ga'uutti'' ceesisuuf kaa'ameen, Afrikaatti kan jalqabaa, akka addunyaatti immoo lammaffaa kan ta'e Yuuniivarsiitii Hubannoo Namtolchee ijaaraa jirti. Haaluma walfakkaatuun invastimantiiwwan bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa, mootummaa elektirooniksii fi sirna ikoo kalaqaa irratti taasifamu bu’aa qabatamaa argamsiisaa jira. Yeroo ammaa kana dhaabbileen 132 ol Sirna Eenyummaa Biyyaalessaa Faayidaa waliin walitti hidhamaniiru. Dhaabbilee 476 irraa tajaajilli kuma 2 fi 396 karaa wiirtuuwwan tajaajila iddoo tokkoo 31 ummataaf dhaqqabamaa ta’uu ibsameera. Kunis danqaawwan birokraasii haalaan hir’isee jira. Fayyadamtoonni waraqaa eenyummaa faayidaa miiliyoona 41 ol fi maamiltoonni maallaqa moobaayilaa miiliyoona 58 jiraachuun isaanii rakkoo maallaqaa fi daldala qaamaan raawwatamu dhabamsiisaa jira. Itiyoophiyaan of jijjiiruu qofa osoo hin taane, galmoota dijitaalaa bara 2030 galmaan ga’uuf invastimantii hawwachuun egeree damee dijitaalaa Afrikaa bocaa jirti. Hoggansi kun dhugaadhaan argamuuf kutannoon isaa teeknooloojii bira darbee, gama eegumsa naannootiin bu’aa ifa ta’e agarsiiseera. Erga bara 2011 duulli ashaaraa magariisaa eegalamee as Itiyoophiyaan lammiilee miliyoonaan lakkaa’aman sochoosuun bosona ciruu fi manca’iinsa biyyee dhaabsitee jirti. Waggoota jaha keessatti uwwisa bosona ishee gara %23tti guddiseera. Sochiin imaammataan deeggaramu kun aadaa biyyaalessaa ta’ee dargaggootaa fi dubartootaaf carraa hojii uumuu, sirna ikoo naannoo deebisuun, eegumsa naannoo misooma biyyaalessaa wajjin walqabsiisee jira. Kanaaf beekamtii kennuudhaan Dhaabbanni Nyaataa fi Qonnaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (FAO) Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad badhaasa ga’umsa bosona itti fufiinsa qabuu bara 2025 badhaaseera. Bara 2011 irraa eegalee biqiltuun biiliyoona 48 ol dhaabamuun Itiyoophiyaan amma hojii naannoo bal’aa ardii kanaatiif fakkeenya taatee jirti. Milkaa’inni kun ga’ee Itiyoophiyaan leelliftuu haala qilleensaa addunyaa ta’uun qabdu hirmaattummaa irraa gara abbummaatti jijjiireera. Biyyi keenya amma marii naannoo idil-addunyaa keessummeessuu fi hoogganaa kan jirtu yoo ta’u, kunuunsi qabeenya uumamaa humna dinagdee, wabii nyaataa fi tokkummaa biyyaa wajjin akkamitti akka walsimsiisu agarsiisaa jirti. Gama faayidaa lammiitiin, fakkeenyonni hedduun akkamitti gama bishaan kuufamaa deebisanii dhaabuu, tasgabbii sirna nyaataa fi babal’ina hojii magariisaatiin faayidaa qabatamaa argamsiisuu itti fufaniiru. Jijjiiramni Itiyoophiyaa turizimii fi haaromsa magaalotaas ni dabalata. Bara 2017 Shaampiyoonaa Tuurizimii IGAD ta’uun kan muudaman Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad guddina turizimii uumamaan bu’uura godhate, miidhagina magaalaa fi bu’uuraalee misoomaa saffisiisaniiru. Turizimiin motora guddinaa fi walitti hidhamiinsa naannoo ta’ee carraa hojii uumuu, magaalota haaromsuu, Itiyoophiyaa fi Gaanfa Afrikaa bakka turistii addunyaa taasiseera. Bu’aawwan damee qonnaatiin argamees gahee olaanaa taphateera. Bara 2016 Minitirri Muummee damee qonnaa jijjiiruu isaaniif Dhaabbata Nyaataa fi Qonnaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii irraa kabaja olaanaa kan ta’e Meedaaliyaa ‘Agricola’ argataniiru. Sagantaa wabii nyaataa mirkaneessuun lafti qonnaa babal’atee, oomishni qamadii waggaa bara 2010 kuntaala miliyoona 27 ture bara 2017tti kuntaala miliyoona 280tti ol guddateera.Jijjiiramni kun shara galii alaa hir’isuu qofa osoo hin taane galii qonnaan bultootaa dabaluudhaan Itiyoophiyaan qamadiidhaan akka of dandeessu taasiseera. Beekkamtiin kunniin bu’a qabeessummaa haaromsa dinagdee biyya keessaa Itiyoophiyaa kan mirkaneessan yoo ta’u, biyyattiin jijjiirama qonnaa ardiilee fi wabii nyaataaf fakkeenya ta’a. Kalaqa dijitaalaa, eegumsa naannoo, turizimii fi qonnaa keessatti dhugaan ifa ta’e mul’ateera; mul’anni raawwii cimaan deeggaramee jira. Hoggansi Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad kan agarsiisu hawwiin guddaan gochaan yeroo walitti makamu beekamtii fi badhaasni akka hordofudha. Beekkamtiin mataan isaa galma osoo hin taane, jijjiirama dhugaa fi safaramuu danda’u galmaan ga’eef ragaadha. ‎Bu’aawwan kun badhaasa caalaa, bu’uura waaraa saba tokko ol kaasuun kallattii egeree guddina biyya tokkoo bocuudha! #PMOEthiopia ‎
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Madaalliin raawwii hojii bulchiinsa magaalichaa bara baajataa ji'oota sagal eegalameera
Apr 26, 2026 562
Ebla 18/2018 (ENA): Madaalliin raawwii hojii bulchiinsa magaalichaa ji'oota sagal bara baajataa 2018 eegaluu kantiibaan magaalattii aadde Adaanech Abeebee beeksisan.   Ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti dabarsaniin kantiibaan magaalattii aadde Adaanech Abeebee; Hojii bara baajataa kanaaf karoorfanne keessaa dhibbeentaa 96 xumuruu dandeenyeerra jedhani. Waltajjiin madaallii har’a eegale guyyoota lamaaf kan turu ta’uus akeekaniiru. Waltajjicharrattis, Hojiilee bara baajataa kana keessatti hojiirra oolchuuf karoorfannee fi dhimmoota ji’oota hafan keessatti xiyyeeffannaan itti dhiyeenyaan ni hordofna jedhaniiru. Haaluma kanaan, Madaalliin kun dhimmoota hin xumuramne bulchiinsa gaarii keessatti adda baafaman xumuruu, rakkoolee qaala’insa jireenyaa hammeessan hir’isuun qaala’iinsa jireenyaa ittisuu; gabaatasgabbeessuu, hojii bu’a qabeessa ta’e ji’oota hafan keessatti tajaajila mootummaa dijiitaalaa bakka tokkotti jalqabne kenniinsa tajaajilaatiin xumuruu irratti kan xiyyeeffatu ta’a jedhaniiru. Tajaajila hafe dijiitaala gochuun tajaajila mootummaa bakka tokkotti dijiitaalaa keessa galchuun, pirojektoota bara kana xumuramuu qaban saffisaa fi gahumsaan xumuruun wiirtuu madaallii raawwii hojii keenyaa ta’a jedhaniiru. Waggoota shanan darban keessatti raawwiin karoora keenyaa dhibbeentaa 90 ol dabalee bara 2018tti dhibbeentaa 96 akka ga’e, muuxannoo raawwii guddachaa jiru kanas madaaluun itti fufna jedhaniiru. Filannoon waliigalaa 7ffaa haala haqa qabeessa, bilisaa, amanamaa fi walaba ta’een akka gaggeeffamuuf haala mijataa uumuuf hoggantoonni keenya hundi itti gaafatamummaa guddaa akka ba’ataniif kallattii madaallii kaa’annee jirra jedhan. Ji’oota hafan keessatti cimina jiru eeguu, qaawwa jiru guutuu, raawwii fooyya’aa galmeessisuun xiyyeeffannoo madaallii keenyaa ta’a jedhaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Itiyoophiyaan imala badhaadhina ishee cichoomaan itti fufsiisaa jirti – Itti Aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa
Apr 24, 2026 4926
Ebla 16/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan Riifoormii Mandhaalee fayyadamuun, imala badhaadhinaa jalqabde cichoomaan itti fufteetti jechuun Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa ibsan. Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa gamaggama raawwii hojii guyyoota 100 sadaffaa bara baajataa 2018 jalqabsiisaniiru. Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa, Itiyoophiyaan biyya guddoodha, kan isheef malus bakka guddaa ta'uu ibsuun, nuyis seenaa kana hojjechuuf carraan harka keenya jira jedhaniiru   Har'a raawwii gabaasa hojii guyyoota 100 sadaffaa bara baajata 2018 hoggantoota dhaabbilee Federaalaa Wajjin gamaggamuun eegalamuusaa Itti Aanaan ministira muummee beeksisaniiru. Waltajjiin kun adeemsa seenaa haaraa Itiyoophiyaa galmeessuu kan itti gamaaggamu, kaleessa har'a wajjin, har'a immoo boru wajjin kan wal-qabsiisu daawwitii guddaa ta'uu itti dabaluun ibsaniiru. Itiyoophiyaan kaleessa sirna ijaarsa biyyaa hin xumuramneen, hanqina demokraasii, walitti bu'iinsa naannoomaa fi biyyaalessummaan qoramti turte; har'a jijjiiramichaan mariin biyyaalessaa kan itti jalqabame, hirmaannaan paartiilee siyaasaa kan itti guddate, seeronni dhiibbaa uuman fooyya'anii imaammanni haqaa ce'umsaa kan itti ragga'ee fi tokkummaan sab-lammootaa kan itti cime boqonnaa siyaasaa haaraa banuushee dubbataniiru. Iitti Aanaan ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa Itiyoophiyaan Riifoormii Mandhaaleetiin kufaatii keessaaturte rraa ka'uun, imala badhaadhinaa jalqabde cichoomaan itti fuftetti jedhaniiru ergaa dabarsaniin Jijjiiramicha dura pirojeektonni mallattoo qisaasamaa fi harkifannaa turan, akkasumas abaarsa "akka pirojeektii mootummaa dhaabbadhuu hafi " jedhamuun ture; har'a qulqullina hojii fi hordoffiidhaan cabsuun akka danda'ame ibsaniiru. Yeroo amma pirojeektii jalqabuu, qulqullinaa fi ariitiidhaan xumuruun mallattoo mootummaa ta'uus mirkaneessaniiru. Sochiin bu’uuraalee Misooma koridarii, pirojeektiiwwan maaddii dhalootaa fi damee dijitaalaa Itiyoophiyaan gageeffame maqaa gaarii biyya keenyaa fi magaalota keenyaa akkasumas tajaajila isaa jijjiireera jedhaniiru. Itti dabaluunis, misooma qamadii fi sagantaa maaddii guutuun gabrummaa gargaarsa gaafachuu cabsuun gara wabii nyaataa mirkaneeffachuutti imalaa jirra jedhaniiru. Itiyoophiyaan Damee dippilomaasiinis gargaarsa gaafachuurraa gara Michummaa daldalaa fi invastimantii ce'uun, sadarkaa Idil-Addunyaatti beekamtii ishee sadarkaa ol-aanaatti ol guddisuushee gamaaggama gabaasaa irratti ibsaniiru.
Mootummaan hojii haaromsaa damee hundaan hojiirra oolche bu'aa gaarii galmeessisaa jira - Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa
Apr 24, 2026 2546
Ebla 16/2018 (ENA): Itti aanaan ministira muummee obbo Tamasgeen Xurunaa mootummaan hojii haaromsaa fi jalqabbii inisheetivootaa hojjechaa jiruun damee hundaan bu’aa gaarii galmeessisaa jira jedhan. Gamaaggamni raawwii hojii guyyoota 100 bara baajataa 2018 bakka itti aanaa ministira muummee obbo Tamsgeen Xurunaa fi hoggantoonni olaanoo dhaabbilee federaalaa argamanitti gaggeeffamaa jira. Itti aanaan ministira muummee haasaa baniinsaa taasisaniin jijjiirama biyyaalessaa dura Itiyoophiyaan mootummaa guutuu hin taane, waliigaltee biyyaalessaa hin qabne, qoodinsa qabeenya haqa qabeessa hin taanee fi bulchiinsa dinagdeetiin rakkachaa akka turte ibsaniiru. Keessattuu, tasgabbii dhabuun siyaasaa fi oomishtummaan diinagdee gadi aanaa ta’uun biyyattii ba’aa liqaa ol’aanaa fi rakkoof saaxilee akka ture ibsaniiru. Erga jijjiiramni dhufee as mootummaan mul’ata ifa ta’een aangoo qabateera; damee siyaasaa keessatti marii biyyaalessaa, imaammata haqaa ce’umsaa fi fooyya’iinsi seerota mana sirreessaa gaggeeffameera jedhani. Haaromsi biyya keessaa dinagdee keessatti firii agarsiisaa akka jiru hubachiisuun; waggoota saddeet darban keessatti guddinni giddu galeessaa dhibbeentaa 7.5 kan galmaa’e yoo ta’u, bara kana guddinni dhibbeentaa 10.2 ni eegama jedhani. Sagantaan mootummaan qopheesse kanneen akka ashaaraa magariisaa , misooma magariisaa,misooma qamadii fi maaddiin dhalootaa birmadummaa nyaataa mirkaneessuu keessatti gahee murteessaa taphachaa akka jiran himaniiru. Akkasumas pirojektoonni daandii fi misoomni koridaraa bifa biyyattii ijaaruu, jijjiiruu, turizimii guddisuu fi magaalota jireenyaaf akka mijatan taasisuu keessatti gumaacha guddaa akka taasisan hubachiisaniiru. Kana malees, Sagantaan Dijitaalaa Itiyoophiyaa fi Koodaroota Miiliyoona 5 ce'umsa teeknooloojii biyyattii saffisiisaa akka jirus ibsaniiru. Akkasumas kenniinsi Tajaajila Giddugala iddoo tokkoo(masoob) tajaajila mootummaa ammayyeessuufis jijjiirama fiduu isaa hubachiisaniiru. Dabalataan dameen qonnaa gargaarsa makaanaayizeeshinii ammayyaatiin bifa haaraa qabachaa jiraachuu fi sirni kaffaltii dijitaalaa aadaa ta’aa jira jedhan. Gama dippilomaasiitiin Itiyoophiyaan faayidaa biyyaalessaa ishee eegsisuun gargaarsa irraa gara walta’iinsa daldalaa fi invastimantiitti ce’uun Afrikaa keessatti bakka invastimantii alaa adda duree ta’uu ishee eeraniiru. Hoggansa pirojektii ilaalchisee pirojektoonni kanaan dura mallattoo malaammaltummaa fi harkifannaa akka ta’an eeruun, amma ammoo, piroojektiin kamiyyuu osoo hin gamaaggamiinii fi hin xumuramiin gara pirojektii haaraatti kan hin galamne sirni cimaan akka diriire mirkaneessaniiru. Itti aanaan ministira muummee obbo Tamasgeen Xurunaa, ammallee qormaanni akka qaala’iinsa jireenyaa fi walitti bu’iinsa idil-addunyaa akka jiran hubachiisuun, kanneen irra aanuuf sirni “Karoora Tokko - Gabaasa Tokko” cimuu akka qabu dubbataniiru.  
Filannoo waliigalaa kana irratti hirmaannaa dubartootaa guddisuuf hojiin hubannoo uumuu hojjetamaa jira
Apr 24, 2026 1976
Ebla 16/2018 (ENA): Filannoo waliigalaa torbaffaa irratti hirmaannaa dubartootaa fi kutaalee hawaasaa biroo guddisuuf hojii hubannoo uumuu gaggeessaa akka jiru Dhaabbileen Waldaalee Siivilii Itiyoophiyaa beeksise. Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa filannoo waliigalaa bara kanaa galmee filattootaa kan Guraandhala 28/2018 eegalee galmeessisaa ture, guyyoota dabalataa 14’f dheeressee Ebla 14/2018 galgala xumurameera. Boordichi ibsa kaleessa Ebla 15/2018 baaseen filannoo waliigalaa torbaffaaf dijiitaalaafi qaamaan buufata filannootti filattootni miiliyoona 50 fi kuma 514 ol galmaa’uu beeksiseera. Akka sagantaa boordii kanaatti sagalee kennuun Caamsaa 24/2018 ni kennama; Paartileen morkattootaa 47 kaadhimamtoota 10,934 galmeessisuun filannoo imaammataa isaanii ummataaf dhiheessaa jiru. Qindeessaan Sagantaa Filannoo Gamtaa Dhaabbilee Waldaalee Siivilii Itiyoophiyaa Iyyuu’el Zalaalam ENAtti akka himanitti, Filannoon meeshaa mootummaa biyya tokko keessatti ummata biratti fudhatama qabu hundeessuuf gargaarudha jedhani. Filannoo waliigalaa 7ffaa Itiyoophiyaa haqummaa, dimokiraatawaa fi hunda hammate cimsuuf gamtaan filannoo hirmaannaa ummataa guddisuuf deeggarsa taasisaa akka jirus ibsaniiru. Adeemsi filannoo diimokiraatawaa,fi hirmaachisaa ta’e mirkaneessuuf, hojiin hirmaannaa dubartootaafi kutaalee hawaasaa garaagaraa kakaasuun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Keessattuu, dubartoonni taajjabdummaan, filachuu fi filatamuurratti akka hirmaatan, hojiin hubannoo uumuu leenjiinii fi miidiyaalee kennaa jiraachuu isaanii kaasaniiru. Filannoo waliigalaa 7ffaa irratti hirmaannaa dubartootaa fi kutaalee hawaasaa biroo mirkaneessuuf,mata duree "Ani nan filadha" jedhuun duulli barnoota filattootaa eegalamuu isaas ibsaniiru. Paartiileen dorgomtoota filannoo waliigalaa 7ffaa, dhimmoota dubartootaan kaasan imaammatasaanii keessatti hammatan sirnaan beeksisuu akka qaban hubachiisaniiru. Kunis dubartoonni paartii siyaasaa isaan fayyada jedhaniif sagalee kennuuf hubannoo isaanii guddisuuf gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru. Qaamolee qooda fudhattootaa waliin ta’uun milkaa’ina filannichaa irratti hojjechaa jiraachuu eeranii, fuuldurattis dubartoonni adeemsa filannoo keessatti hirmaannaa cimaa gochuun gahee isaan irraa eegamu akka bahatan waamicha dhiyeessaniiru.

Hawaasummaa
Adeemsi ajandaa marii biyyoolessaa walitti qabuu xumuramee, yaa’ii muummee gaggeessuuf qophiin dhumaa taasifamaa jira
Apr 25, 2026 1474
Ebla 17/2018 (ENA)- Adeemsi ajandaa marii biyyaalessaa walitti qabuun xumuramee, marii biyyaalessaa muummee gaggeessuuf qophiin dhumaa taasifamaa jiraachuu Komishinarri Olaanaan Komishinii Marii Biyyaaleessaa Itiyoophiyaa Pirofeesar Masfin Araayaa ibsan. Itiyoophiyaa keessatti waggoota dheeraaf garaagarummaa yaada ture mariin furuu fi dhaloota injifannoo yaadaatti amanu uumuuf, Komishiniin Marii Biyyaaleessaa Itiyoophiyaa boqonnaa haaraa eegaleera. Komishinichi Naannolee hundaa fi Bulchiinsa Magaalota lamaanitti qaamolee hawaasaa hirmaachisuun hojii ajandaa walitti qabuu kan raawwate yoo ta'u, bakka buutota marii biyyaalessaa guddichaaf hirmaatan adda baasuus milkaa'inaan xumureera. Adeemsi hirmaattota adda baasuu fi Ajandaa walitti qabuu, Aanaarraa kaasee hanga Naannolee fi giddugaleessaatti iftoominan kan gaggeeffame yoo ta'u, kunis komishinichi gara boqonnaa marii biyyoolessaa guddichaatti ce'uuf bu'uura cimaa kaa'eera. Hojiileen komishinichi hanga ammaatti raawwate, Itiyoophiyaanonni dhimmoota keessoosaaniirratti bilisummaadhaan mari'atanii nageenyaa fi walii galtee biyyaalessaa waaraa uumuuf carraa seenaa qabeessa uumeera. Komishinarri Olaanaan Komishinii Marii Biyyaaleessaa Itiyoophiyaa Pirofeesar Masfin Araayaa ENA’f akka ibsanitti; mariin biyyaalessaa nageenya waaraa fi ijaarsa mootummaa biyyaalessaa cimaaf bu'uura kan kaa'uudha. Marichi lammiileen dhimmoota ijoo biyyaalessaarratti walii galtee irra ga'uun, dameewwan Hawaasummaa, Siyaasaa fi Dinagdee keessatti misoomaa fi guddina waaraa galmeessisuuf carraa kan uumu ta'uu ibsaniiru. Garaagarummaa yaadaa karaa nagaa fi qaroomeen mariidhaan furuun murteessaa ta'uu eeruun, lammiileen carraa marii biyyoolessaan uumame fayyadamuun nageenyaa fi misooma biyya isaaniitiif gahee ijaarsa qaban akka bahatan dhaamaniiru. Itiyoophiyaanonni adeemsa marii keessatti rakkoolee naannoo isaanii fi biyyattiitti jiran adda baasuun komishinichaaf dhiyyeessuu isaanii yaadachiisaniiru. Torban dhufan keessa gorsitoota filataman 170 ta'aniif leenjiin kan kennamu ta'uu ibsaniiru. Lammiilee marii biyyaalessaa kanarratti hirmaatan hunda kan hirmaachisuu ta’uusaa ibsuun, yaa’ii guddaa gaggeessuuf qophiin dhumaa taasifamaa jiraachuu beeksisaniiru. Komishiniin Marii Biyyooleessaa Itiyoophiyaa labsii lakkoofsa 1265/2014 erga hundaa'ee kaasee, dhimmoota bu'uuraa irratti walii galtee biyyaalessaa uumuu irratti hojiiwwan hedduu raawwachaa turuunsaa ni yaadatama.
Lammiilee Ispoortiin dagaaganii fi Dorgomaa ta'an Horachuuf , hojiin iddoowwan shaakala ispoortii babal'isuu cimee itti fufeera - Kantiibaa Adaanech Abeebee
Apr 25, 2026 806
Ebla 17/2018 (ENA)- Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee akka ibsanitti, hojiin iddoowwan shaakala ispoortii babal'isuun dandeettii ispoortii, fayyaa fi dorgommii ijoollee fi dargaggootaa mirkaneessan cimsuun itti fufuusaa ibsaniiru. Kantiibaa Adaanech Abeebee, Gidduugala Barnootaa fi Leenjii Ispoortii, Ras Haayiluu, sadarkaa dorgommii Idil-Addunyaa gaggeessuu danda'uun haaromsamee fi bu'uuraaleen misoomaa barbaachisoo ta'an guutamanii har'a irra deebi'ee tajaajila kennuu eegaluu isaa ibsaniiru. Gidduugalichi kanaan dura eebbifamee tajaajila kennaa kan ture ta'us, rakkoo teeknikaa mudateen tajaajilli isaa yeroo muraasaaf dhaabbatee akka ture yaadachiisaniiru.   Ta'us, rakkoon kun akka furamuuf xiyyeeffannoo olaanaa kennamee hojjetamuun, fi galteewwan dabalataa Sadarkaa Idil-Addunyaa eeggatanii guutamuun tajaajilaaf qophii ta'uu eeraniiru. Gidduugalli ammayyaa kun, bakka daakaa bishaanii (swimming pools) sadarkaa Olompikiin eeggatanii, Jiminaaziyemii, kubbaa kachoo (basketball), kubbaa harka (handball), fi kanneen biroo of keessatti qabatee akka ammayyaa’ee ibsaniiru. Dabalatas, Gidduugala Miidiyaa, dirree Teenesii fi Kubbaa Miilaa, kaafeteeriyaa, suuqota akkasumas iddoo dhaabbii konkolaataa fi bakka bashannanaa kan hammate ta'uu ibsaniiru. Ijaarsi kun dhaloota qaamaanis ta'e sammuudhaan gabbate ijaaruuf galma qabame keessaa tokko ta'uu kan ibsan Kantiibaa Adaanech, Magaalaatti iddoowwan shaakala ispoortii akkanaa babal'isuun, ijoollee fi dargaggoonni leenjii akka argataniif hojjetamaa jira jedhaniiru.   Kantiibaa Adaanech Abeebee Gidduu galichi har'arraa eegalee dorgommii Idil-Addunyaaf, shaakalaa fi leenjiif banaa ta'uu ibsanii; ummanni gidduugalichatti akka fayyadamu, akkasumas akka eeguu fi kunuunsu hubachiisaniiru.
Ijaarsi Manneen Barnootaa bu’uura boruu Hirmaannaa Hawaasaatiin taasifamu cimee itti fufeera
Apr 24, 2026 708
Ebla 16/2018 (ENA): Ijaarsi manneen barnootaa bu’uura boruu Naannoo Oromiyaa godina Shawaa Bahaatti tajaajila tola ooltummaatiin ijaarame itti fufuusaa Waajjirri Barnootaa godinichaa beeksise.   Itti gaafatamaan waajjirichaa Girmaa Lammaa ENAtti akka himanitti, Bara bajataa kana keessatti waajjirichi aanaalee manneen barnootaa bu’uura boruu bakka manni barnootaa isaan hin qaqqabne 11 keessatti tajaajila tola ooltummaa hawaasa hirmaachisuun hojjechaa tureera. Bara baajataa ji'oota sagal jalqabaa keessatti manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa duraa "Bu’uura Boruu" 148 hirmaannaa hawaasaatiin ijaaramuu himaniiru. Manneen barnootaa kunneen haala barnoota sirna barnoota sadarkaa tokkoffaa duraa daa’imman godinicha keessa jiraniif kan barbaachisu guutuu danda’uun gurmaa’uu isaaniis mirkaneessaniiru. Keessattuu daa’imman gandoota baadiyyaa jiraniif carraa sadarkaa sadarkaa tokkoffaa duraa irraa fayyadamoo akka ta’aniif qulqullinni barnootaa mirkaneessuuf qophiin mijataa ta’e uumamuu hubachiisaniiru. Kana malees, qulqullina manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa fooyyessuuf daree barnootaa dabalataa 620 ijaaramanii meeshaalee keessootiin kan guutaman ta’uu eeraniiru.   Manneen jireenyaa barsiisotaa baadiyyaa kuma 1 fi 500 tajaajila tola ooltummaatiin ijaaramanii tajaajilaaf qophaa’uu isaaniis beeksisaniiru. Bara baajataa ji’oota sagal jalqabaa keessatti hojiin tajaajila tola ooltummaa birrii miiliyoona 307tti tilmaamamu damee barnootaa godincha keessatti hojjetamuu ibsaniiru. Hojiileen hirmaannaa hawaasaatiin gaggeeffaman dhaaqqabummaa barnootaa mirkaneessuu qofa osoo hin taane, qulqullina barnootaas ni fooyyessa jechuun ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Dorgommiin bareedina ‘Mis Worlid Itiyoophiyaa ’ 24ffaa gaggeeffame
Apr 23, 2026 1474
Ebla 15/2018 (ENA): Dorgommiin bareedina Mis Worlid Itiyoophiyaa 24ffaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffame. De’eetaan Ministira Aadaa fi Ispoortii gargaaraan piroofeesaraa Nabiyyuu Baayyee , gama namoomaa fi teessuma lafaatiin, bareedinni qabeenya Itiyoophiyaa ta’uu ibsaniiru. Sagantaan kun duudhaa, aadaa fi duudhaalee biyyaa Itiyoophiyaa ijoollee ishee biratti akka mul’ataniifi addunyaatti akka mul’ataniif carraa kan kennu ta’uus himaniiru. Dorgommiin miidhaginaa waggoota 24 darbaniif Miis Woorlid Itiyoophiyaan qophaa’e kun fakkii Itiyoophiyaa addunyaa maraa akka beeksise ibsaniiru. Gumaacha modeelli Hasset Darajjee bara darbe Itiyoophiyaa beeksifte yaadachiisuun,Dorgomtoonni Itiyoophiyaa beeksisuuf itti gaafatamummaa akka qabanis hubachiisaniiru. Dorgommii bareedina Mis Worlid Itiyoophiyaa 24ffaa irratti shamarran 50 kutaalee biyyattii adda addaa irraa kan hirmaatan yoo ta’u, dorgomtoonni ga’umsa gaarii agarsiisan 25 filatamaniiru. Shamarree Ruut Yirgaalem Itiyoophiyaa bakka bu’uun filatamuun gonfoo Mis Worlid Itiyoophiyaa 2026 gaggeeffamu akka dorgaomtuuf filatamteetti. Dorgommii bareedina Mis Worlid itti aanu irratti bakka bu’uun akka hirmaattu odeeffannoon ministeericharraa argame ni mul’isa. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA                       Facebook   Facebook   Facebook   Facebook   Facebook   Facebook   Facebook   Facebook   Facebook   Facebook   Facebook     Facebook   Facebook   Facebook   Facebook   Facebook   Facebook   Facebook   Facebook   Facebook   Facebook   Facebook   Facebook   Facebook   Facebook   Facebook   Facebook   Facebook   Facebook   Facebook   Facebook   Facebook   Facebook   Facebook   Facebook   Facebook   Facebook   Facebook   Facebook   Facebook   Facebook   Facebook   Facebook   Facebook   Etv Afaan Oromoo · Follow tndopSoesr8h6ha7t6lg6a9i520f667a091tgh182iu7901u1775035t3gh1 ·
Diinagdee
Mootummaan Ida’amuu hambaa keenya madda biyya boonsu taasisuuf hojii eegale cimsee itti fufa- Itti aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa
Apr 26, 2026 385
Ebla 18/2018 (ENA): Ministirri Muummee Itti Aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa giddu-gala Kuusaa fi Daawwachiisa Haambaalee Abdii Nagaash(Abdii Antiikin) daawwataniiru. Dawannaa isaanii kana irrattis ergaa dabarsaniin, Mootummaan Ida’amuu iddoowwan seena qabeessa irra deebiin misoomsuun hambaalee keenya madda biyyaalessa boonsu taasisuuf hojii eegale itti fufa jedhan itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanirratti dabarsaniin akka himanitti, Itiyoophiyaan abbaa qaroomina bara dheeraa fi hambaa durii ta’uu ishee eegdota hambaa abbootii akka Abdii yeroo arginu ragaa bahuu dandeenya jedhani. Akkasumas walitti qabama hambaalee mana kuusaa fi daawwannaa hambaalee Abdii Nagaash keessatti daawwanne, hojii ajaa'ibaa seenaa fi aadaa biyya keenyaaf kabaja guddaa kennudha jedhani.   Itti dabaluunis qabeenyi kunneen amma gurmaa’anii bakka seenaa isaaniif mijatutti agarsiifamuun isaanii damichaaf bu’aa guddaa ta’uu ibsaniiru. Gorsaan dhimmoota Hawaasummaa Ministira Muummee Daaqon Daani'eel Kibirat fi hoggantoonni olaanoon mootummaa kanneen biroos daawwannicha irratti argamaniiru. Giddugalichi qabeenya aadaa fi seenaa Itiyoophiyaa kaleessaa mul'isan kan of keessatti qabate ta'uun kan ibsame yoo ta'u, hambaalee seenaa Itiyoophiyaa mul'isan walitti qabuu fi daawwachiisuun beekama. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Mil'annaawwan Dilbataa
Apr 26, 2026 363
Milkaa'inni olaanaan uumama of-mul'suu qaba. Hoggansa Ministira Muumme Doktar Abiyyi Ahimadiin bu'aan Itiyoophiyaan galmassiste xiyyeeffannaa addunyaa hawwateera. Gamtaan Afrikaa dhiyeenya kana Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimadiin Shaampiyoonaa Hubannoo Namtolchee fi fayyaa dijitaalawaa gochuun muuduun , badhaasni dhaabbata Nyaataafi Qonnaa dursanii fudhatan, meedaaliyaan Agrii-kollaa, badhaasni hoggansa olaanaa Afrikaa fi beekamtiin Shaampiyoonummaa Tuurizimii ‘IGAD’ kanaaf mirkaneessituuwwanidha. ‎Beekamtiiwwan kabajaa fi raawwiiwwan kunniin milkaa'ina dhuunfaa qofa osoo hin taane, ga'eee oggansaa dameewwan murteessoon Itiyoophiyaan galmeessisaa jirtu kan mirkaneessaniidha. ‎Muudamni Gamtaa Afirikaa tiraansifoormeeshinii biyyaalessaa bal'aa kalaqa dijiitaalaan deggerame kan mul'isu dha. Bu'uura mul'ata ‎Itiyoophiyaa, ''Idaa barfatanii ga'uurraa gara eebba dursanii ga'uutti'' ceesisuuf kaa'ameen, Afrikaatti kan jalqabaa, akka addunyaatti immoo lammaffaa kan ta'e Yuuniivarsiitii Hubannoo Namtolchee ijaaraa jirti. Haaluma walfakkaatuun invastimantiiwwan bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa, mootummaa elektirooniksii fi sirna ikoo kalaqaa irratti taasifamu bu’aa qabatamaa argamsiisaa jira. Yeroo ammaa kana dhaabbileen 132 ol Sirna Eenyummaa Biyyaalessaa Faayidaa waliin walitti hidhamaniiru. Dhaabbilee 476 irraa tajaajilli kuma 2 fi 396 karaa wiirtuuwwan tajaajila iddoo tokkoo 31 ummataaf dhaqqabamaa ta’uu ibsameera. Kunis danqaawwan birokraasii haalaan hir’isee jira. Fayyadamtoonni waraqaa eenyummaa faayidaa miiliyoona 41 ol fi maamiltoonni maallaqa moobaayilaa miiliyoona 58 jiraachuun isaanii rakkoo maallaqaa fi daldala qaamaan raawwatamu dhabamsiisaa jira. Itiyoophiyaan of jijjiiruu qofa osoo hin taane, galmoota dijitaalaa bara 2030 galmaan ga’uuf invastimantii hawwachuun egeree damee dijitaalaa Afrikaa bocaa jirti. Hoggansi kun dhugaadhaan argamuuf kutannoon isaa teeknooloojii bira darbee, gama eegumsa naannootiin bu’aa ifa ta’e agarsiiseera. Erga bara 2011 duulli ashaaraa magariisaa eegalamee as Itiyoophiyaan lammiilee miliyoonaan lakkaa’aman sochoosuun bosona ciruu fi manca’iinsa biyyee dhaabsitee jirti. Waggoota jaha keessatti uwwisa bosona ishee gara %23tti guddiseera. Sochiin imaammataan deeggaramu kun aadaa biyyaalessaa ta’ee dargaggootaa fi dubartootaaf carraa hojii uumuu, sirna ikoo naannoo deebisuun, eegumsa naannoo misooma biyyaalessaa wajjin walqabsiisee jira. Kanaaf beekamtii kennuudhaan Dhaabbanni Nyaataa fi Qonnaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (FAO) Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad badhaasa ga’umsa bosona itti fufiinsa qabuu bara 2025 badhaaseera. Bara 2011 irraa eegalee biqiltuun biiliyoona 48 ol dhaabamuun Itiyoophiyaan amma hojii naannoo bal’aa ardii kanaatiif fakkeenya taatee jirti. Milkaa’inni kun ga’ee Itiyoophiyaan leelliftuu haala qilleensaa addunyaa ta’uun qabdu hirmaattummaa irraa gara abbummaatti jijjiireera. Biyyi keenya amma marii naannoo idil-addunyaa keessummeessuu fi hoogganaa kan jirtu yoo ta’u, kunuunsi qabeenya uumamaa humna dinagdee, wabii nyaataa fi tokkummaa biyyaa wajjin akkamitti akka walsimsiisu agarsiisaa jirti. Gama faayidaa lammiitiin, fakkeenyonni hedduun akkamitti gama bishaan kuufamaa deebisanii dhaabuu, tasgabbii sirna nyaataa fi babal’ina hojii magariisaatiin faayidaa qabatamaa argamsiisuu itti fufaniiru. Jijjiiramni Itiyoophiyaa turizimii fi haaromsa magaalotaas ni dabalata. Bara 2017 Shaampiyoonaa Tuurizimii IGAD ta’uun kan muudaman Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad guddina turizimii uumamaan bu’uura godhate, miidhagina magaalaa fi bu’uuraalee misoomaa saffisiisaniiru. Turizimiin motora guddinaa fi walitti hidhamiinsa naannoo ta’ee carraa hojii uumuu, magaalota haaromsuu, Itiyoophiyaa fi Gaanfa Afrikaa bakka turistii addunyaa taasiseera. Bu’aawwan damee qonnaatiin argamees gahee olaanaa taphateera. Bara 2016 Minitirri Muummee damee qonnaa jijjiiruu isaaniif Dhaabbata Nyaataa fi Qonnaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii irraa kabaja olaanaa kan ta’e Meedaaliyaa ‘Agricola’ argataniiru. Sagantaa wabii nyaataa mirkaneessuun lafti qonnaa babal’atee, oomishni qamadii waggaa bara 2010 kuntaala miliyoona 27 ture bara 2017tti kuntaala miliyoona 280tti ol guddateera.Jijjiiramni kun shara galii alaa hir’isuu qofa osoo hin taane galii qonnaan bultootaa dabaluudhaan Itiyoophiyaan qamadiidhaan akka of dandeessu taasiseera. Beekkamtiin kunniin bu’a qabeessummaa haaromsa dinagdee biyya keessaa Itiyoophiyaa kan mirkaneessan yoo ta’u, biyyattiin jijjiirama qonnaa ardiilee fi wabii nyaataaf fakkeenya ta’a. Kalaqa dijitaalaa, eegumsa naannoo, turizimii fi qonnaa keessatti dhugaan ifa ta’e mul’ateera; mul’anni raawwii cimaan deeggaramee jira. Hoggansi Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad kan agarsiisu hawwiin guddaan gochaan yeroo walitti makamu beekamtii fi badhaasni akka hordofudha. Beekkamtiin mataan isaa galma osoo hin taane, jijjiirama dhugaa fi safaramuu danda’u galmaan ga’eef ragaadha. ‎Bu’aawwan kun badhaasa caalaa, bu’uura waaraa saba tokko ol kaasuun kallattii egeree guddina biyya tokkoo bocuudha! #PMOEthiopia ‎
Dandeettiin dhiyeessii humna ibsaa Itiyoophiyaa, walitti hidhamiinsa naannaawaa cimsuun guddina dinagdee tumsa irratti hundaa’e saffisiisaa jira – Dr. Injiinar Habtaamuu Ittafaa
Apr 26, 2026 131
Ebla 18/2018 (ENA):Dandeettiin dhiyeessii humna elektiriikaa Itiyoophiyaa walitti hidhamiinsa naannawaa cimsuun guddina dinagdee tumsa irratti hundaa’e saffisiisaa jira jedhan Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dr. Injiinar. Habtaamuu Ittafaa. Missiraachoon laga Abbayyaa irratti gaggeeffame boqonnaa haaraa banee, yaada dogoggoraa seenessa abbummaa buufata galaanaa Itiyoophiyaa cabseera jedhani. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad wayita eebba anniisaa Humna Qilleensaa Asallaa eebbisan ibsanitti, Riifoormiin Damee Annisaa Jijjiirama Biyyaalessaa ce’umsa anniisaa Itiyoophiyaa gara marsaa haaraatti ceesiseera jedhani. Jijjiirama kanaan dura dandeettiin dhiyeessii humna elektiriikaa Itiyoophiyaa meeggaa waattii 4,000 ture, amma hojiirra oolmaa piroojektoota gurguddoon gara meeggaa waattii kuma 10tti guddachuu beeksisaniiru. Riifoormiin bu’a qabeessa damee anniisaa irratti gaggeeffamaa jiru dandeettii dhiyeessii fi raabsa humnaa biyyaalessaa guddisuun hawaasa madda dhiyeessii humnaa sadarkaa tokkoffaa fi filannoo irraa fayyadamoo taasisuudha. Dameen anniisaa Itiyoophiyaas ollaa isheef humna ibsaa kennuu dinagdee waloon fayyadamuu dha jedhani. Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dr. Injinar Habtaamuu Ittafaa ENAtti akka himanitti, Bu’aan gama riifoormii damee anniisaa Itiyoophiyaan aragme ijaarsa dandeettii dhiyeessii humnaa guddisaa jira jedhani. Fakkeenyaaf, Hidhi Haaromsa Guddichi Itiyoophiyaa adeemsa ijaarsa walxaxaa jala ture, dandeettii dhiyeessii humna ibsaa Itiyoophiyaa dachaa ol akka dabalu ibsaniiru. Hidha Haaromsa Itiyoophiyaa xumuramuun isaa ce’umsa anniisaa Itiyoophiyaa saffisiisuun hambaa guddina diinagdee biyyoota ollaaf bu’uura uumuudha jedhan. Filannoon anniisaa Itiyoophiyaan ollaa isheef gatii gadi aanaadhaan dhiheessitu biyyoota naannichaa waliin tumsaan guddachuuf kutannoo qabdu kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan badhaadhina waloo saffisiisuuf fedhii cimaa qabdi kan jedhan ministirri kun, haa ta’u malee shirri diinota seenaa qabeenya uumamaa qabdutti akka hin fayyadamne taasisuu eerani. Qabeenya bishaanii Itiyoophiyaa sirnaan misoomsuun birmadummaa diinagdee hunda galeessa mirkaneessuuf kutannoon akka hojjetan mirkaneessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Godina Shawaa Lixaatti Qonnaan Bultoonni misooma Appiliirratti bobba’an bu’aa qabeessa ta’aa jiru
Apr 25, 2026 935
Ebla 17/2018 (ENA):-Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Lixaatti Qonnaan bultoonni Misooma Appiliirratti bobba’an oomishicha gabaaf dhiheessuudhaan galii argataniin fayyadamaa ta'uusaanii ibsan. Waajjirri Qonnaa godinichaa gama isaatiin, misooma muduraaf xiyyeeffannoo addaa kennamuun bu'aan argamuu isaa beeksiseera. Kanaan dura godinichatti misoomni muduraa kan hin baratamne ta’us, waggoota muraasa daraban keessa carraaqqii qindaa’aa taasifameen qonnaan bulaan omisha midhaanii cinaatti, Misooma muduraatti bobba’uun galiisaanii guddifachaa jiru. Qonnaan bultoonni Aanaa Jibaatii fi Midaaqanyii, Ogeeyyiin Qonnaarraa deeggarsa ogummaa fi biqiltuu argatanitti fayyadamuun hojii keessa galanii bu'a qabeessa ta'uu isaanii ibsaniiru. Qonnaan bulaan Aanaa Jibaatii, Obbo Haayiluu Itichaa Misooma appiliirratti hirmaachuudhaan oomishasaa gabaaf dhiheessuudhaan galii fooyya'aa argachaa jira jedhaniiru. Misooma kana dursanii waan jalqabaniif, muuxannoo Omisha Appilii Qonnaan bultoota naannichaaf qoodaa akka jiranis dubbataniiru. Qonnaan bulaan biroon, Obbo Darajjee Abiishee, hubannoo fi hordoffii ogeeyyotaan kennamuufitti fayyadamuun Biqiltuu Appilii kunuunsuudhaan fayyadamaa ta'uu jalqabuu isaanii dubbataniiru. Galii dabalataa misooma appiliirraa argataniin ijoollee isaanii haala gaariin barsiisaa akka jiran ibsaniiru.   Waajjira Qonnaa Godinichaatti Ogeessi Misooma Kuduraa fi Muduraa, Obbo Mangaduu Gurmuu akka ibsanitti, ammaan tana godinichatti Aanaalee akka Jibaatii, Midaaqanyii, Ilfataa, Amboo fi Walmaraa Aanaalee appiliin bal'inaan itti oomishamuudha; Aanaalee biroottis akka haala qilleensa isaaniitti misooma kana babal'isuun hojjetamaa jira jedhaniiru. Yeroo ammaa Godinichatti lafa hektaara kuma3 fi 110 irratti muduraaleen garaagaraa oomishamaa kan jiran yoo ta'u, kanaan keessaa hektaarri 265 appiliidhaan uwwifameera jedhaniiru. Lafa Appiliin itti oomishamaa jiru irraa Oomisha Kuntaala Kuma 25 fi 846 walitti qabuuf karoorfamee, adeemsa hanga ammaatti jiruun kuntaala kuma 11 fi 720 sassaabuun danda'ameera jedhaniiru. .
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad hubannoo namtolchee gamtaa Afriikaa fi damee fayyaa dijitaalaatti gaggeessaa ta’uun muudamuunsaanii Itiyoophiyaan tarkaanfii damee Kanaan agarsiifteef debii qabatamaadha
Apr 24, 2026 183
Ebla 16/2018 (ENA)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad hubannoo namtolchee gamtaa Afriikaa (AI) fi damee fayyaa dijitaalaatti gaggeessaa (Champion) ta’uun muudamuunsaanii Itiyoophiyaan tarkaanfii damee Kanaan agarsiifteef debii qabatamaadha jedhan mana maree bakka bu’oota ummataatti dura teessuun koree dhaabbataa dhimmoota seeraa fi haqaa adde Itsagannat Mangistuu.   Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad gamtaa Afriikaatti gaggeessaa hubannoo namtolchee (AI) fi damee fayyaa dijitaalaa ta’uun muudamaniiru. Muudamni kun ministirri muummee hoggansa damee Kanaan agarsiisanii fi Itiyoophiyaan Ardichatti hubannoo namtolchee fi hojiilee kalaqaa babal’isuuf qooda olaanaa bahachaa jirtuuf beekamtii kenname ta’uun ibsameera. Muudamni kun Itiyoophiyaan qajeelfamoota naamusaa teekinooloojii hubannoo namtolchee karaa hordofeen misoomsuun, qo’achuun akkasumas hojiirra oolchuun Afriikaarraa adda duree akka taatu hojiilee hojjetamaniif beekamtii kan kennedha jechuun ibseera inistiitiyuutiin hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa. Kun ammoo tumsi ardii kan itti uumamu akkasumas damee kanaaf humna dabalataa akka ta’u inistiitiyuutichi beeksiseera. Mana maree bakka bu’oota ummataatti dura teessuun koree dhaabbataa dhimmoota seeraa fi haqaa Itsagannat Mangistuu ENA’f akka ibsanitti, muudamni ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad guddaa kan nama gammachiisuu fi hojii caalaaf kan nama kakaasudha jedhaniiru. Itiyoophiyaan kan kaleessaa qorattee, haala qabatamaa har’aa hubattee kan boruu ammoo hubannoo namtolcheen (AI) dhaan beekumsarratti hundooftee raaguuf hojiin eegalte beekamtii agarsiisuurratti akka argamu beeksisaniiru. Muudamni Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiif kenname bu’aa kaka’umsa mootummaan kalaqaa fi kutannoo teeknooloojiif qabu ta’uu ibsaniiru.   Inistitiyuutiin hubannoo nam-tolchee Itiyoophiyaa kan hundeeffame yeroo gabaaba ta’us bu’aan inni galmeesse bu’aa dhamaatii yeroo har’aa badhaasaaf isa ga’e ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan yeroo ammaa damee hubannoo nam-tolcheen biyya Afrikaa keessaa sadarkaa duraa irratti kan argamtu kan ishee taasisu, hojiilee qabatamaa hedduu raawwachaa akka jirtu dubbataniiru. Bu’aaleen teeknooloojii dhaabbatichi maddisiisu hedduun, dhaabbileen akka amala isaaniitti fudhatanii hojii irra oolchuu qabu jedhaniiru. Yeroo ammaa dhaabbiileen hubannoo nam-tolcheen deeggaramanii hojjechuun bu’aa argamsiisaa akka jiran dubbataniiru. Manneen murtii keessatti adeemsa dhimmootaa saffisiisuufi bu’a-qabeessummaa fiduu keessatti hubannoon nam-tolcheen gahee olaanaa taphachaa jiru akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Teekinooloojichi nageenyaafi tas-gabbii biyyaa mirkaneessuuf qooda olaanaa gumaachaa akka jirus itti dabaluun beeksisaniiru. Dura teessuun koree dhaabbataa akka ibsanitti, beekamtii Itiyoophiyaan argatte hojii caaluuf kaka’umsa kan uumu ta’uusaa ibsanii, fuuldurattis hojiilee kalaqaa haaraa dabalaluudhaan imalichi cimee akka itti fufu mirkaneessaniiru. #Ena Afaan Oromoo#ENA  
Tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob deddeebbii hanbiseera
Apr 21, 2026 1276
Ebla13/2018(ENA)፦ Tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob" rakkoo malee tajaajila akka argannu nu dandeessiseera jechuun Jiraattonni Magaalaa Miizan Amaan dubbatan. Obbo Mahaammad Huseen eeyyama daldalaasaanii haareffachuuf Gidduugalichatti kan argaman tajaajiloota garaa garaa bakka tokkotti rakkoo malee argachuusaanii ibsaniiru. Tajaajilichi tuttuqqaa waraqaarraa bilisa ta'uusaa qofa osoo hin taane, saffisaa fi kabaja maamilaa kan eeggate ta'uunsaatti gammaduusaanii dubbataniiru. Kunis kutannoo Mootummaan rakkoo Bulchiinsa gaarii furuu fi deddeebbii uummataa hir’isuuf qabu hojiin mirkaneessuusaa ibsaniiru. Tajaajilamtuun Aadde Ergoyyee Shifarraawu gamasaaniin, giddu-galichatti rakkoo malee yeroo gabaabaa keessatti tajaajila saffisaa argachuusaanii ibsaniiru. Tajaajila Wiirtuu tokkoo Masoob keessatti bakka tokkotti yeroo fi maallaqa qusachuun tajaajila saffisaa argachuu danda'uun isaaniin deddeebbiirraa bilisa ta'uusaanii ibsaniiru. Dargaggoo Eliyaas Azannee waraqaa eenyummaa dijitaalaa "Faayidaa" baafachuuf, dhimmoota ji'oota hedduu fudhatan daqiiqaa muraasa keessatti xumurachuu waanda'ameef, teekinoolojicha haala fooyya'een misoomsuun tajaajilicha amanamaa taasisuun akka barbaachisu ibseera. Naannoo Ummattoota Kibba-Lixaa Itiyoophiyaatti Qindeessaan damee teeknoolojii tajaajila giddu-gala tokkoo Masoob Obbo Ahimad Huseen, giddu-galichatti ji'oota shan keessatti qofa lammiilee kuma 22 ol ta'aniif tajaajila kennuun danda'ameera jedhaniiru. Ragaan qorannoo sirnichaa tajaajilamtoota irraa fudhatame akka mul’isutti, itti quufiinsa maamiltootaa dhibbeentaa 97 tuqaa 8 geessisuun danda'ameera jedhaniiru. Naannichatti lammiileef tajaajila saffisaa fi amanamaa kennuuf sirna dijitaalaayizeeshinii cimaa ijaaruun cimee akka itti fufuu beeksisaniiru. Dhaabbanni tajaajila giddu-gala tokkoo "Masoob" Magaalaa Miizaan Amaan, Dhaabbileen Naannoo fi Federaalaa 9 tajaajiloota isaanii 38 akka kennan ta'ee kan gurmaa'eedha.
Hoj-maata Dijitaalaa Babal’isuun ragaa mirkaneessuu fi gurmeessuuf hojiin hojjetamu cimee itti fufa
Apr 20, 2026 1332
Ebla 12/2018(ENA)-Daayireektarri Olaanaa Tajaajila Istaatistikii Itiyoophiyaa Doktar Bakar Shaalee, hojiin dijitaalaan odeeffannoo mirkaneessuu fi gurmeessuu akka cimu ibsan. Tajaajilli Istaatistikii Itiyoophiyaa, Komishinii Siivil Sarviisii waliin ta'uudhaan, hojii odeeffannoo hojjettoota siivil sarviisii mirkaneessuu irratti mariin hubannoo cimsuu Magaalaa Samaraatti adeemsifamaa jira. Daayirektarri Olaanaa Tajaajila Istaatistikii Itiyoophiyaa Doktar Bakar Shaalee wayita sana akka jedhanitti, hojiin dijitaala odeeffannoo siivil sarvaantootaa mirkaneessuu fi gurmeessuu cimee hojjetamaa jira. Siivil Sarviisii Dijitaalaawaa dhugoomsuun faayidaa hedduu qabaachuu ibsuudhaan, odeeffannoo gurmaa'een sirna qabannaa odeeffannoo amansiisaa diriirsuuf saffisaan hojjechuun akka barbaachisu hubachiisaniiru. Naannichi xiyyeeffannoo kennee odeeffannoo hojjettootaa waraqaa eenyummaa Dijitaala (digital ID) waliin hojiin wal-qabsiisuu hojii odeeffannoo dijitaala gochuu (digitize) biyyoolessatti jalqabame ni saffisiisa jedhaniiru. Kanaanis, Odeeffannoo guddisuun Siivil Sarvaantii tajaajila kennu cimsuuf xiyyeeffannoo kennamuusaa ibsaniiru. Marii kanarratti kan argaman Hogganaan Biiroo Siivil Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Naannoo Afaar obbo Mahaammad Ahimad gama isaaniitiin, siivil sarviisii dijitaalaawaa dhugoomsuuf hojiin hojjetamaa jiru jajjabeeffamuu qabu jedhaniiru. Sirna qabannaa odeeffannoo fooyyessuun tajaajila saffisaa kennuuf gumaacha olaanaa godhachaa akka jiru dabalanii dubbataniiru. Marii kanarratti Daayireektaroonni Qabeenya Namaa Naannoo Afaar, kan Zoonii fi Aanaa hirmaachaa jiru.
Ispoortii
Maraatoonii Landan irratti atileetotni Itiyoophiyaa ni eegamu
Apr 26, 2026 126
Ebla 18/2018 (ENA): Maraatooniin Landan 46ffaan har’a ni gaggeeffama. Atileetonni Itiyoophiyaa koorrniyaa lamaaniinuu injifannoodhaaf atileetota addunyaa ciccimoo ta’an waliin wal dorgomu. Maraatoonii Landan bara darbee kan injifatte Tagisti Asaffaa dorgommii dubartootaa kana ni injifatti jedhamee eegama. Atileet Tagisti Maraatoonii Landan bara 2025 irratti sa'aatii 2, daqiiqaa 15 fi sekondii 50’n dubartoota qofaa(women – only) riikardii addunyaa cabsite. Atileetiin kun dorgommii kanaaf qophii barbaachisu kan taasifte ta’uu eeruun, riikardii mataa ishee cabsuuf akka fiigdu dubbatteetti. Tagist kabaja ishee eegsisuuf cimtee dorgomti. Atileetonni Keeniyaa Helen Obirii fi Joyisiliin Jepikoskey dorgommii kana irratti ni eegamu. Dorgommii Maaraatoonii Landan irratti ni hirmaatu jedhamee eegamaa kan ture lammii Nezerlaand Siifan Hasanii fi lammii Keeniyaa Peres Jepchirchir sababa miidhaan irra gaheen hin hirmaatani. Dubartoota Itiyoophiyaa dorgommii kana irratti hirmaatan keessaa Balamlay Shumat, Magartuu Alamuu fi Daggituu Azmaraaw kanneen eeramanidha. Atileetii dhiirotaan atileet Taammiraat Tolaa yeroo jalqabaaf dorgommii kana irratti ni dorgoma.   Atileet Taammiraat dorgommii Olompikii 33ffaa Paarisitti gaggeeffameen dorgommii maaraatooniin meedaaliyaa warqee injifateera. Sa'aatii maaraatoonii saffisaan addunyaa irratti sadarkaa 9ffaa kan qabu Deresaa Galataa tam dorgommii kanarrattis ni hirmaata jedhamee eegama. Yoomiif Qajeelchaa fi Haagos Gabrahiwot atileetota dorgommii kana irratti hirmaatan keessaa tokkodha. Atileetiin Keeniyaa Sabaastiyaan Sawee, bara darbe Maraatoonii Landan injifate, atileetota Itiyoophiyaaf dorgomaa cimaa ta'a jedhamee eegama. Lammiileen Yugaandaa Joshuwa Cheptegay fi Jakob Kiplimo dorgomtoota biroo eegamanidha. Maraatooniin Landan kan maaraatoonii gurguddoo addunyaa keessaa tokko yoo ta’u, bara kana hirmaattonni kuma 59 ol ni hirmaachisa jedhamee eegama. Atileetonni koorniyaa lamaaniinuu yoo injifatan badhaasa maallaqaa doolaara kuma 55 ni argatu. Kana malees atileetonni dhiirotaaf sa'aatii 2 daqiiqaa 2, dubartootaaf sa'aatii 2 daqiiqaa 15 gadi xumuran bonasii doolaara kuma 150 ni argatu. Walumaagalatti doolaara miiliyoona 1.2 ol atileetota kanaaf ni kennama. Maraatoonii Landan bara 1981 kan eegale fiigicha Waldaa Atileetiksii Addunyaatiin sadarkaa pilaatiinimii argate yoo ta'u, dorgommii daandii irratti addunyaa irratti isa guddaa taasiseera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Godina Wallaggaa Bahaatti Ganna dhufuuf biqiloota diinagdeef barbaachisoo ta’an dhaabuuf qophiin taasifamaa jiru itti fufeera
Apr 23, 2026 225
Ebla 15/2018 (ENA): Godina Wallaggaa Bahaatti Ganna dhufuuf biqiloota diinagdeef barbaachisoo ta’an dhaabuuf qophiin taasifamaa jiru itti fufeera jedha waajjirri qonnaa Godinichaa. Akka dursaan garee qabeenya uumamaa waajjirichaa, obbo Dassaalenyi Ballaxaa himanitti, Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaan biqiltuuwwan dinagdeen barbaachisoo ta’an bal’inaan qophaa’aa jiru jedhani. Sagantaa bara kanaa keessatti gosoota biqiltuu hundaaf xiyyeeffannaan kan kennamu ta’us, gosoota dinagdeen barbaachisoo ta’aniif xiyyeeffannoon guddaan kennameera jedhan.   Biqiltoota dhaabbiif qopheeffamaa jiran keessaa kuduraalee fi muduraalee, biqiloota bosonaa fi leemmanaa fi nyaata beeyladaaf kan oolan ta’uu himaniiru. Gosti biqiltuu kun haala qilleensa naannoo sanaaf kan mijatu ta’uu fi yeroo gabaabaa keessatti bu’aa kan kennu ta’uu ibsaniiru. Muuxannoo waggoota darbanii irratti hundaa’uun bu’aa fooyya’aa galmeessisuuf qophiin boolla biqiltuu qopheessuu eegalamee, qorannoo haala qilleensaa, kunuunsa biyyee fi bishaanii, akkasumas hirmaannaa hawaasaa guddisuuf hojiin qophaa’inaa hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Lafti heektaara kuma 107 dhaabbii bara kanaatiif qophaa’uusaa, hojiin kunuunsa biqiltuu kunuunsuu ciminaan itti fufuusaa godina kana keessatti buufanni biqiltuu mootummaa fi dhuunfaa kuma 2, 194 irratti ciminaan itti fufuusaa ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Misoomni Ashaaraa Magariisaa Diinagdee Haala Qilleensaaf hin saaxilamne Ijaaruuf tattaaffii taasifamuuf fakkeenyadha
Apr 22, 2026 152
Ebla 14/2018 (ENA): Misoomni Ashaaraa Magariisa Itiyoophiyaa Afrikaa keessatti diinagdee haala qilleensaa dandamachuu danda’u ijaaruuf hojjetamaa jiruuf fakkeenya kan ta’u akka ta’e Dura taa’aan Boordii Gamtaa Warraaqsa Magariisaa Afrikaa (AGRA) Hayilamaariyaam Dassaalany ibsaniiru. Turtii ENA waliin taasisaniin, Dura taa’aan kun tarsiimoon misooma Ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa tumsaa fi qindoomina misooma daangaa qaxxaamuraa fi ardiilee gidduutti bu’uura godhachuun milkaa’inaan hordofamuu isaa hubachiisaniiru. Tarsiimoon misooma ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa qabeenya uumamaa eeguu fi jijjiirama qilleensaa ittisuu qofa osoo hin taane, wabii nyaataa mirkaneessuu akka ta’es ibsaniiru. Keessattuu hojiiwwan misoomaa waggoota dhiyoo asitti hojjetaman dinqisiisaa ta’uu hubachiisuun, akka biyyaatti milkaa’ina guddaa argamsiiseera jedhan.   Waggoota darban keessatti biqiltuuwwan biliyoonaan lakkaa’aman dhaabuun qabeenya uumamaa eeguu fi jijjiirama qilleensaa qolachuu qofaan osoo hin taane wabii nyaataaf bu’uura ta’uun agarsiifameera jedhan. Kanaaf, Afrikaa keessatti dinagdee haala qilleensaa dandamatu ijaaruuf tattaaffii taasifamaa jiru keessatti misoomni ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa fakkeenya ta’uu hubachiisaniiru. Biqiltuuwwan faayidaa dachaa qaban irrattis xiyyeeffannaan misooma qonnaa fi oomishtummaaf bu’uura ta’aa jira jedhan. Guddinni damichaa itti fufiinsa kan barbaadu ta’uus eeraniiru. Kanaaf biqiltuu dhaabuun barbaachisaa ta’ee osoo jiruu, shaakala kanneen dhaabaman eeguu fi kunuunsuu dagaaguu akka qabu eeraniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 17306
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 2690
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015