ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa qabxiilee ajandaa fi yaada furmaataa marii biyyaalessaa irraa argaman Mana maree Bakka Bu'oota Uummataatiif akkasumas Mootummaa Federaalaa fi Naannootiif har'a dhiyeesse
Oct 3, 2026 58
Fulbaana 23/2019 (ENA) Sagantaa kenninsa qabxiilee ajandaa fi yaada furmaataa marii biyyaalessaa irraa argaman Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad dabalatee hoggantoonni olaanoo federaalaa fi naannolee bakka argamanitti gaggeeffameen, Komishiniin Marii Biyyaalessaa qabxiilee ajandaa fi yaada furmaataa marii biyyaalessaa irraa argaman Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatiif akkasumas mootummaa federaalaa fi naannootiif har'a kennameera jira. Walharkaa fuudhinsi sanadaa kun ,Itoophiyaanonni Marii fi karaa nagaatiin rakkoolee seenaa Itoophiyaa furuun barbaachisaa ta'uusaa hubachuudhaan, hammattoo seeraa fi yaadama mootummaa Ida'amuutiin uumameen adeemsa marii biyyaalessaa keessatti boqonnaa guddaa kan agarsiisu ta'uu Waajjirri Ministeraa muummee beeksiseera. Adeemsichi marii, waliigaltee fi tumsa uumuuf waltajjii hunda-hirmaachise ta'e diriirsuusaa hubachiiseera. Wagggootan Afran darbanis adeemsichi Itoophiyanota biyya keessaa fi Ala jiran hirmaachisuu danda'ee jira. Marii bal’aa Hirmaattonni taasisanii fi yaa’ii marii biyyaalessaa xumurameen yaada isaanii calaqqisiisuuf, ilaalchota adda addaa dhaggeeffachuuf fi dhimmoota waliigalteen irra gahame adda baasuuf carraa argatanii jiru. Bu'aawwan kunniin seeraan dhiyaachuun isaanii ilaalchotaa fi yaada furmaataa marii sana irraa walitti qabaman gara boqonnaa itti aanuutti ceesisuuf tarkaanfii guddaa qopha'e ta'uu waajjirichi ibseera. #PMOEthiopia
Ayyaana Irreecha Hora Finfinnee haala tokkummaa fi walooma cimsuun kabajneerra – Hirmaattota ayyaanichaa
Oct 3, 2026 111
Fuulbana 23/2019 (ENA): Hirmaattonni ayyaanichaa akka ibsanitti, ayyaana Irreecha Hora Finfinnee gamtaan, tokkummaa fi obbolummaa haala cimsuun bifa miidhagaa fi oo'aan kabajuu isaanii hirmaattonni ayyaanichaa ibsaniiru. Itoophiyaan biyya guddoo, uummata guddaa fi mul'ata guddaa qabdudha. Qabeenya Guddummaa ishee kana mirkaneessan keessaa qabeenyi Amantaa, Aadaa, seenaa fi hambaa nam-tolchee, aadaa fi hawata tuuriizimii ishee isaan ijoodha. Qabeenya aadaa kana keessaa immoo ayyaani Irreechaa sirna Gadaa keessaa maddu isa tokkodha. Irreechi waggaa waggaadhaan sagantaa gara garaatiin dirreerratti kan kabajamu yoo ta'u, ayyaanni Irreecha Hora Finfinnee har'a magaalaa Finfinneetti bifa miidhagaa ta'een kabajameera. Hirmaattonni ayyaanicha irratti hirmaachuuf kutaa Oromiyaa garaa garaa irraa dhufan akka ENA’f ibsanitti; ayyaanni Irreechaa jaalalaa fi tokkummaa kan walitti qabu mallattoo nagaati. Manguddoo biyyaa Amboo irraa dhufan obbo Baay'isaa Joobir; ayyaanni Irreecha Hora Finfinnee kan bara kanaa haala miidhagaa ta'een kabajamuu isaa dubbataniiru. Irreechi haaloo fi jibbinsa dhiisuun kan kabajamu ayyaana nagaa, araaraa fi tokkummaa ta'uu isaa eeranii; duudhaa nagaa Irreechaa uummata addunyaatiif bal'inaan beeksisuun akka barbaachisu dubbataniiru. Manguddoon Shaashamannee irraa dhufan obbo Alii Hamdaa gamasaaniin saboonni garaagaraa ayyaana Irreecha Hora Finfinnee irratti hirmaachuun obbolummaa fi jaalalaan haala miidhagaadhaan kabajuu isaanii dubbataniiru. Irreechi uummanni Oromoo tokkummaan walitti qabamee Uumaa isaa kan galateeffatu, akkasumas nagaa fi misooma kan itti cimsatan ta'uu ibsaniiru. Duudhaan Siinqee Kabaja, Araara fi mallattoo nagaa kan ta'e duudhaa aadaa Oromoo ta'uu kan ibsan immoo Arsii Asallaa irraa kan dhufan Haadha Siinqee Almaaz Bulaatuu dha. Irreechi uummata Oromoo qofa osoo hin ta'iin, sabootaa fi sab-lammoota biroos jaalalaa fi wal- amantaan kan irratti hirmaatanidha jechuun, jaalala, araaraa fi walooma Irreechaa cimsuun akka qaban dubbataniiru. Ayyaanni Irreechaa waggaa waggaadhaan gammachuudhaan kabajama, yeroo irraa gara yerootti bal'achaa fi jaalalaan kan kabajamuudha. Hirmaattonni Ayyaanichaa uummata Oromoo qofa osoo hin ta'in saboonnii fi sab-lammiyonni biroos uffata adda addaa uffatanii mul'atu; kun uffata aadaa Oromoo qofa osoo hin ta'in, kan sabootaa fi sab-lammoota hundaati. Hirmaattonni ayyaanichaa duudhaan nagaa fi tokkummaa Irreechaa cimee fuuldurattis akka itti fufuu qabu ibsaniiru.
Irreecha Hora Harsadee kabajuuf qophiin barbaachisaan xumurameera - Waajjira Aadaa fi Ispoortii Magaalaa Bishooftuu
Oct 3, 2026 88
Fuulbana 23/2019 (ENA) - Kabaja Ayyaana Irreecha Hora Harsadee bara 2019 Bishooftuutti kabajamuuf qophiin barbaachisu xumuramuu Waajjirri Aadaa fi Ispoortii magaalattii beeksise. Hoggantuun waajjirichaa Aadde Gannat Mokonnin akka jedhanitti, kabaja ayyaanichaa fi simannaa keessummootaa milkeessuuf qophiin barbaachisu xumurameera. Akkasumas abbootii qabeenyaa, abbootii amantaa, Abbootii Gadaa, Haadholii Siinqee fi qooda fudhattoota biroo waliin mariin gaggeefamuu ibsaniiru. Yeroo ammaa keessummoonni ayyaanicha irratti hirmaachuuf dhufan gara magaalattiitti seenaa akka jiran eeranii; dhaabbileen tajaajila kennanii fi uummatnis keessummoota simachuuf qophii isaanii xumuruu isaanii ibsaniiru.
“Irreechi Hora Finfinnee Ulfoo Oromoo Olkaasee kabaja biyyaa mul’iseera'' -Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa
Oct 3, 2026 129
Horri Finfinnee wiirtuu injifannoo Oromoo duudhaan hammannaa danoomni irratti calaqqise ulfoo guddaadha. Qe’ee keenyatti miliyoonotaan irreeffannee ulfoo keenyattis ulfina dacha horreerra. Uumaa keenya gurraacha garaa garbaa lemmoo garaa taliilaa uumama jiidhaa qabannee galataaf fuula isaatti dhiyaanne nagaan nu tiksee galata keenyas nuuf simateera. Uummatni keenyas Kaabaa Kibbaafi Bahaa Lixaa roga hundaan timmisee jaalalaa fi kabaja ulfoo isaaf qabu gochaan mul’iseef Mootummaan Naannoo Oromiyaa galata guddaa qaba. Sirni kabaja Ayyaana Irreecha malkaa Hora Finfinnee bara kana waloomaan gaggeessine kan waggoota darbaniirra olkaa’ee tokkummaan Oromoo akka itituuf boqonnaa haaraa saaqeera. Kunis uummatni keenya garaagarummaa ilaalcha siyaasaafi daangaa amantaa bira darbitanii tokkummaan Oromoo bu’uura jabaa irratti akka ijaaramaa deemu taasisuu keessaniin injifannoon addaa galmaa’uu danda’eera. Kanaanis uummatni keenya galma isaa kan hubateefi haaromsa aadaa eegale sadarkaa olaanaatti ceesisuuf qophaa’uummaa olaanaarra jiraachuu isaa kan agarsiisedha. Sabootni, sablammootniifi uummattootni Itoophiyaa duudhaa obbolummaa, jaalalaa ho’aafi kabajaan masakamtanii Irreecha irratti argamuun kabaja Oromoof qabdan gochaan waan mul’iftaniif galatni keenya guddaadha. Karri Finfinnee Shananuu karaa duudhaafi safuu isaa eeggateen saaqamee obboloota keenyaa biyya keessaafi alaa simachuun duudhaan hammannaa Oromoo hanga yaadameefi eegameen olitti guddaa ta’uus mul’ateera. Ilaalchi qeenxummaa diigamaa Itoophiyummaa dhugaa hundi keessatti of argu ijaaramaafi olka’aa jira. Jiraattootniifi bulchiinsi magaalaa Finfinnee dhangaa qopheessitanii; ardaa jilaa misoomsuufi qulqulleessuun midhaksitanii Irreecha Finfinnee ulfoo Oromoo waan tiksitaniif galatni keenya guddaadha. Simannaafi gaarummaa Irreeffattootaaf agarsiisuu keessaniin waloomaan caalmaatti akka injifannu argineera. Qaamoliin nageenyaas sadarkaa hundatti halkaniifi guyyaa dhaabbachuun Irreechii Hora Finfinnee milkii olaanaan akka xumuramuuf tumsa taasiftan hundaaf galatoomaa jenna. Ogeessotniifi dhaabbileen miidiyaa duudhaafi safuun Irreechaa mallattoo namooma dhugaa ta’e kun ba’ee uummata Addunyaaf akka mul’atu gochuun tajaajila uummata keenyaaf gootan hundaaf galata dhiyeessina. Kabajamaa uummata keenyaa; daandiin aarsaa qaaliin waliin eegalle milkaa’aafi injifannoon gonfannes waaqaafi nama duratti adda argateera. Milkoofneerra; uumaan keenyas nu gargaareera. Waloomni sabootni, sablammootniifi uummattootni Itoophiyaa Irreecha Hora Finfinnee irratti mul’isaniis kan yeroo kamii caalaa kan dinqisiifatamudha. Daneessummaan guyyaa har’aa olka’ee mul’ate kunis Irreechi waliigaltee biyyaalessaa uumuuf utubaa guddaa ta’uu isaaf agarsiiftuu guddaadha. Akkuma Malkaa Finfinneetti ulfoo keenyaaf kabaja laannee danooma keenyas olkaafnetti guyyaa boruu Hora Harsadeetti timmifna. Irreecha Hora Finfinneetti waaqni nu gargaaree; uummatni keenyas eenyummaa, aadaafi duudhaa isaaf kabaja malu kennee milkoofneerra; mareewoofi gabbisaayyoon uumaa keenya galateeffachaafi jajachaa guyyaa Boruu Hora Harsadee Bishooftuutti Irreeffachuuf qajeella. Harsadeenis Wayyuudha; wayyoomnis milkooma! Oromiyaa ni ijaarra, Itoophiyaa ni utubna, Gaanfa Afriikaa ni tasgabbeessina; Waaqayyos nu gargaara! Shimallis Abdiisaa, PMNO Fulbaana 2019 Finfinnee
Ayyaani Irreecha Hora Finfinnee bifa Miidhagaa fi Duudhaa isaa Eeggateen Kabajame – Qindoomina Qaamolee nageenyaa
Oct 3, 2026 112
Fulbaana 20/2019 (ENA) Ayyaani Irreechaa Hora Finfinnee Magaalaa Finfinneetti kabajame hoggantoota mootummaa, sabootaa fi sablammoota garagaraa, Lammiilee biyya alaa fi turiistoota akkasumas hirmaattota hedduun bakka argamanitti mata duree "Irreecha waliigaltee Biyyaalessaatiif" jedhuun bifa ho’aa fi duudhaa isaa eeggateen kabajamuu isa Humni waloo qindoomina qaamolee nageenyaa Finfinnee beeksiseera. Ayyaanichi qabiyyee aadaa isaa eeggatee bifa miidhagaa fi karaa nagaa ta’een akka kabajamuuf qaamolee hirmaanaa taasisaniif Abbootii Gadaa, Haadholii Siinqee, Foollee, jiraattota magaalittii akkasumas qamaawwan bulchiinsaa sadarkaan jiraniif; itti gaafatamummaa isaanii bifa gaariin kan ba’an hoggantoota fi miseensota dhaabbilee nagaa fi tasgabbiif humni qindoomina waloo nageenyaa fi tasgabbii galateeffateera. Guyyaa boruu Magaalaa Bishooftuutti ayyaani Irreecha Hora Harsadee qabiyyee aadaa isaa eeggatee akka kabajamuuf dhaabbileen nageenyaa qophii isaanii xumuruun gara hojiitti kan galan waan ta'eef, ummannis deeggarsa isaa cimsee akka ittifuusu odeeffannoon Poolisii Finfinneerraa argamae mul’isa.
Siyaasa

Hidhi Gibtsii Aswaan dhaala badiiti – Ministira Bishaanii fi Inarjii Dr. Habtaamuu Ittafaa
Oct 3, 2026 156
Hidhi Gibtsii Aswaan pirojektoota meeggaa Afrikaa keessatti falmii kaasan keessaa isa tokkodha. Ijaarsi hidha kanaa ummata Nuubiyaa kuma 100 ol ta'an qe'eesaanii, jireenyaa fi lafa isaanirraa kan buqqise yoo ta'u, rakkoo hamaafis isaan saaxileera. Adeemsi ijaarsa hidha Aswaan tarkaanfii qaama tokkoo fi Ashaaraan badii kan keessatti mul'attedha. Itoophiyaan yeroo sanaatti akka irratti marii’atamu daddeebitee waamicha dhiyeessitus, hidhichi garuu eeyyamaa fi waliigaltee Itoophiyaa malee ijaarameera. Qo'annoon yeroo sanaa Ameerikaa fi Biriteeniin gaggeeffaman, adeemsa ijaarsa hidha Aswaan ilaalchisee biyyoota yaa'a Laga Abbayyaa waliin marii bal'aan taasifamuu dhabuu isaatiin sodaa ture bifa qabatamaan kan agarsiisan turan. Galmeewwan 15 bara 1952 hanga 1960tti dokumentii ta’an sodaa kana ibsaniiru. Haata’u malee, Hidhi haaromsaa guddichi Itoophiyaa bu’uura waliigaltee ibsameen hammattoo Seeraa ammayyaa bara 2015 mallatteeffame irratti hundaa'e hordofa. Gibtsi, Itoophiyaa qeequu isheetiin dura, Hidha Aswaan maaliif waliigaltee Itoophiyaa malee akka ijaartee fi ummata Nuubiyaa kuma 100 ol ta'an maaliif akka buqqiste haala ifa ta'een ibsuu qabdi. Gibtsi hidha Aswaan biyya yaa'a lagaa kamiyyuu waliin marii malee ijaaruun ishee; akkasumas qo'annoo miidhaa isaa osoo hin taasisin ummata Nuubiyaa qe’ee fi jireenyaa isaaniirraa buqqisuun rakkoo hamaaf saaxiluun ishee dhaala badii hidhichaati. Gaaffiin irra daddeebii Itoophiyaan yeroo sana mariif dhiyeessitus gama Gibtsiin deebii hin arganne. Faallaa kanaan, dhimmi hidha Haaromsaa guddicha Itoophiyaa , bu’uura qajeeltoo walii galtee Sudaanii fi gibtsii bara 2015 mallatteessan irratti hundaa'uun mariif banaa taasifameera. Kaanarraa kan ka'e, Gibtsi Hidha Haaromsaa Guddichaa Itoophiyaa ilaalchisee Itoophiyaa qeequuf haamlee fi sababa tokkollee hin qabdu.
Doktar Tasfaayee Baljigee Pirezidaantii Naannoo Kibba Itoophiyaa ta’uun muudaman
Oct 2, 2026 333
Fulbaana 22/2019 (ENA)፦ Manni Maree Naannoo Kibba Itoophiyaa Doktar Tasfaayee Baaljigee Pirezidaantii Naannichaa ta’anii akka tajaajilan muudee jira. Manni marichaa Yaa’ii Idilee 1ffaa, bara hojii 1ffaa, Marsaa 7ffaa Magaalaa Arbaaminciitti gaggeesseera. Haaluma kanaan, Manni Marichaa Doktar Tasfaayee Baaljigee Pirezidaantii Naannoo Itoophiyaa Kibbaa ta’anii akka tajaajilan muudee jira. Biyya Guddoo, Uummata Guddaa, Mul’ata Guddaa
Manni Maree Naannoo Ummatoota kibba Lixa Itoophiyaa yaa'ii hundeeffamaa isaa gaggeessuu jalqabe
Oct 2, 2026 302
Fulbaana 22/2019 (ENA) Manni maree Naannoo Ummatoota kibba Lixa Itoophiyaa yaa'ii hundeeffamaa isaa magaalaa Taarcaatti gaggeessuu jalqabee jira. Biyya guddoo; Ummata guddaa; Mul'ata guddaa Manni Marichi oolmaa isaa har'aatiin Afa-yaa’ii naannichaa, Pirezidaantii naannichaa dabalatee muudama miseensota kaabinee garaa garaa ni raggaasisa jedhamee eegama.
Manni Maree Naannoo Hararii hundeeffamaa gaggeessuu jalqabe
Oct 2, 2026 245
Fulbaana 22/2019 (ENA) Manni maree naannoo Hararii bara hojii 7ffaa yaa’ii hundeeffamaa gaggeessuu eegaleera. Biyya guddoo; Ummata guddaa; Mul'ata guddaa Naannoon Hararii hundeeffamaa bara hojii 7ffaa, waggaa 1ffaa, yaa'ii 1ffaa isaa gaggeessuu jalqabee jira. Manni mariachi Afa-yaa’ii , itti aanaa Afa-yaa’ii fi pirezidaantii naannichaa ni raggaasisa jedhamee eeggama. Manni marichi dhiheessummaa pirezidaantiin muudama hoggantoota sadarkaa olaanaan fi kanneen biroo ni raggaasisa jedhamee eegama.
Caaseffamni godinaalee haaraan mootummaa naannoo Oromiyaatiin ifoome fayyadama lammiilees ta’e biyyaa hunda galeessaa ta’e mirkaneessuuf dandeettii cimaa kan uumudha-jiraattota
Oct 2, 2026 286
Fulbaana 21/2019 (ENA) - Caaseffamni godinaalee haaraan mootummaa naannoo Oromiyaatiin ifoome hojiilee misoomaa gama hundaan hojjetamaniin sirna hordoffii fi deeggarsaa cimaa fiduun fayyadama lammiilees ta’e biyyaa hunda galeessaa ta’e mirkaneessuuf dandeettii cimaa kan uumu ta’uu jiraattonni magaalaa Mattuu ibsan. Caaseffamni godinaalee kun gurmaa’insa mootummaa caalaa gara hawaasaatti gadi buusuun qaqqabinsa misoomaa fi bulchiinsa gaarii dabaluuf humna kan uumudha jechuun ibsaniiru. Fayyadamummaa fi guddina lammiilee mirkaneessuuf dandeettii raawwachiisummaa aangoo mootummaa naannichaa sadarkaa godinaa, aanaa fi gandatti kan dabalu ta’uu jiraattonni magaalichaa ENA’n dubbise ibsaniiru. Godinaalee naannichaa 21 turan 6tti hir’isuun sadarkaa itti aanaa pirezidaantii naannootti akka gaggeeffaman taasifamuunsaanii murtoo sadarkaa godinaatti kennamu kan guddisu waan ta’ef faayidaa guddaa akka qabaatu kan kaasan jiraataa magaalaa Mattuu obbo Shariif Shifaa ti. Caaseffamni kun namoonni tajaajilaa fi gaaffii misoomaa dhiheenyatti akka argatan kan taasisu akka ta’e ibsaniiru. Jiraataan magaalichaa obbo Sisaay Taaddasaa caaseffamni godinaa haaraan aangoon gara hawaasaatti akka bu’u gochuun fayyadama misoomaa caalaatti mirkaneessuu kan dandeessisu akka ta’u amantaa qaban ibsaniiru. Caaseffamichi sirna aangoo jiddu galeessa hin taane waan mirkaneessuuf dhiheenyatti tajaajila kennuuf kan dandeessisu ta’uu kaasaniiru. Sirna hordoffii fi deeggarsaa cimaa hojiirra oolchuudhaan fayyadama misoomaa lammiilees ta’e biyyaa mirkaneessuuf humna guddaa kan uumu ta’uusaa kan kaasan ammo obbo Addisuu Taammiruuti. Kaayyoon hojmaata caaseffama godinaa haaraa mootummaa naannichaan yaadame fayyadama lammiilee fi ummataa walii galaa akka dhugoomu hirmaannaa fi kutannoo hundaa murteessaa waan ta’eef waan irraa barbaadamu bahachuuf qophii ta’uusaanii jiraattonni kaasaniiru.
Doktor Masaay Hayiluu Pirezidaantii Haaraa Naannoo Sidamaa ta'uun muudaman
Oct 1, 2026 626
Fulbaana 21/2019 (ENA) Manni maree Naannoo Sidamaa Doktor Masaay Hayiluu Pirezidaantii haaraa naannicha gochuun muudeera. Yaa’iin hundeeffamaa mana maree Naannichaa Magaalaa Hawaasaatti gaggeeffamaa jira. Kanaanis, Doktor Masaay Hayiluu Pireezidaantii Naannichaa ta'uun muudamaniiru. Doktor Masaay kanaan dura Dhaabbata Fayyaa hawaasaa Itoophiyaatti daarektera olaanaa ta'uun tajaajilaa turaniiru. Manni mariachi waga’ii hundeeffamaa kana irratti Itti Aanaa Pireezidaantii Naannichaa fi muudamoota biroos ni raggaasisa jedhamee eegama

Hawaasummaa
Ayyaana Irreecha Hora Finfinnee haala tokkummaa fi walooma cimsuun kabajneerra – Hirmaattota ayyaanichaa
Oct 3, 2026 111
Fuulbana 23/2019 (ENA): Hirmaattonni ayyaanichaa akka ibsanitti, ayyaana Irreecha Hora Finfinnee gamtaan, tokkummaa fi obbolummaa haala cimsuun bifa miidhagaa fi oo'aan kabajuu isaanii hirmaattonni ayyaanichaa ibsaniiru. Itoophiyaan biyya guddoo, uummata guddaa fi mul'ata guddaa qabdudha. Qabeenya Guddummaa ishee kana mirkaneessan keessaa qabeenyi Amantaa, Aadaa, seenaa fi hambaa nam-tolchee, aadaa fi hawata tuuriizimii ishee isaan ijoodha. Qabeenya aadaa kana keessaa immoo ayyaani Irreechaa sirna Gadaa keessaa maddu isa tokkodha. Irreechi waggaa waggaadhaan sagantaa gara garaatiin dirreerratti kan kabajamu yoo ta'u, ayyaanni Irreecha Hora Finfinnee har'a magaalaa Finfinneetti bifa miidhagaa ta'een kabajameera. Hirmaattonni ayyaanicha irratti hirmaachuuf kutaa Oromiyaa garaa garaa irraa dhufan akka ENA’f ibsanitti; ayyaanni Irreechaa jaalalaa fi tokkummaa kan walitti qabu mallattoo nagaati. Manguddoo biyyaa Amboo irraa dhufan obbo Baay'isaa Joobir; ayyaanni Irreecha Hora Finfinnee kan bara kanaa haala miidhagaa ta'een kabajamuu isaa dubbataniiru. Irreechi haaloo fi jibbinsa dhiisuun kan kabajamu ayyaana nagaa, araaraa fi tokkummaa ta'uu isaa eeranii; duudhaa nagaa Irreechaa uummata addunyaatiif bal'inaan beeksisuun akka barbaachisu dubbataniiru. Manguddoon Shaashamannee irraa dhufan obbo Alii Hamdaa gamasaaniin saboonni garaagaraa ayyaana Irreecha Hora Finfinnee irratti hirmaachuun obbolummaa fi jaalalaan haala miidhagaadhaan kabajuu isaanii dubbataniiru. Irreechi uummanni Oromoo tokkummaan walitti qabamee Uumaa isaa kan galateeffatu, akkasumas nagaa fi misooma kan itti cimsatan ta'uu ibsaniiru. Duudhaan Siinqee Kabaja, Araara fi mallattoo nagaa kan ta'e duudhaa aadaa Oromoo ta'uu kan ibsan immoo Arsii Asallaa irraa kan dhufan Haadha Siinqee Almaaz Bulaatuu dha. Irreechi uummata Oromoo qofa osoo hin ta'iin, sabootaa fi sab-lammoota biroos jaalalaa fi wal- amantaan kan irratti hirmaatanidha jechuun, jaalala, araaraa fi walooma Irreechaa cimsuun akka qaban dubbataniiru. Ayyaanni Irreechaa waggaa waggaadhaan gammachuudhaan kabajama, yeroo irraa gara yerootti bal'achaa fi jaalalaan kan kabajamuudha. Hirmaattonni Ayyaanichaa uummata Oromoo qofa osoo hin ta'in saboonnii fi sab-lammiyonni biroos uffata adda addaa uffatanii mul'atu; kun uffata aadaa Oromoo qofa osoo hin ta'in, kan sabootaa fi sab-lammoota hundaati. Hirmaattonni ayyaanichaa duudhaan nagaa fi tokkummaa Irreechaa cimee fuuldurattis akka itti fufuu qabu ibsaniiru.
Irreecha Hora Harsadee kabajuuf qophiin barbaachisaan xumurameera - Waajjira Aadaa fi Ispoortii Magaalaa Bishooftuu
Oct 3, 2026 88
Fuulbana 23/2019 (ENA) - Kabaja Ayyaana Irreecha Hora Harsadee bara 2019 Bishooftuutti kabajamuuf qophiin barbaachisu xumuramuu Waajjirri Aadaa fi Ispoortii magaalattii beeksise. Hoggantuun waajjirichaa Aadde Gannat Mokonnin akka jedhanitti, kabaja ayyaanichaa fi simannaa keessummootaa milkeessuuf qophiin barbaachisu xumurameera. Akkasumas abbootii qabeenyaa, abbootii amantaa, Abbootii Gadaa, Haadholii Siinqee fi qooda fudhattoota biroo waliin mariin gaggeefamuu ibsaniiru. Yeroo ammaa keessummoonni ayyaanicha irratti hirmaachuuf dhufan gara magaalattiitti seenaa akka jiran eeranii; dhaabbileen tajaajila kennanii fi uummatnis keessummoota simachuuf qophii isaanii xumuruu isaanii ibsaniiru.
“Irreechi Hora Finfinnee Ulfoo Oromoo Olkaasee kabaja biyyaa mul’iseera'' -Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa
Oct 3, 2026 129
Horri Finfinnee wiirtuu injifannoo Oromoo duudhaan hammannaa danoomni irratti calaqqise ulfoo guddaadha. Qe’ee keenyatti miliyoonotaan irreeffannee ulfoo keenyattis ulfina dacha horreerra. Uumaa keenya gurraacha garaa garbaa lemmoo garaa taliilaa uumama jiidhaa qabannee galataaf fuula isaatti dhiyaanne nagaan nu tiksee galata keenyas nuuf simateera. Uummatni keenyas Kaabaa Kibbaafi Bahaa Lixaa roga hundaan timmisee jaalalaa fi kabaja ulfoo isaaf qabu gochaan mul’iseef Mootummaan Naannoo Oromiyaa galata guddaa qaba. Sirni kabaja Ayyaana Irreecha malkaa Hora Finfinnee bara kana waloomaan gaggeessine kan waggoota darbaniirra olkaa’ee tokkummaan Oromoo akka itituuf boqonnaa haaraa saaqeera. Kunis uummatni keenya garaagarummaa ilaalcha siyaasaafi daangaa amantaa bira darbitanii tokkummaan Oromoo bu’uura jabaa irratti akka ijaaramaa deemu taasisuu keessaniin injifannoon addaa galmaa’uu danda’eera. Kanaanis uummatni keenya galma isaa kan hubateefi haaromsa aadaa eegale sadarkaa olaanaatti ceesisuuf qophaa’uummaa olaanaarra jiraachuu isaa kan agarsiisedha. Sabootni, sablammootniifi uummattootni Itoophiyaa duudhaa obbolummaa, jaalalaa ho’aafi kabajaan masakamtanii Irreecha irratti argamuun kabaja Oromoof qabdan gochaan waan mul’iftaniif galatni keenya guddaadha. Karri Finfinnee Shananuu karaa duudhaafi safuu isaa eeggateen saaqamee obboloota keenyaa biyya keessaafi alaa simachuun duudhaan hammannaa Oromoo hanga yaadameefi eegameen olitti guddaa ta’uus mul’ateera. Ilaalchi qeenxummaa diigamaa Itoophiyummaa dhugaa hundi keessatti of argu ijaaramaafi olka’aa jira. Jiraattootniifi bulchiinsi magaalaa Finfinnee dhangaa qopheessitanii; ardaa jilaa misoomsuufi qulqulleessuun midhaksitanii Irreecha Finfinnee ulfoo Oromoo waan tiksitaniif galatni keenya guddaadha. Simannaafi gaarummaa Irreeffattootaaf agarsiisuu keessaniin waloomaan caalmaatti akka injifannu argineera. Qaamoliin nageenyaas sadarkaa hundatti halkaniifi guyyaa dhaabbachuun Irreechii Hora Finfinnee milkii olaanaan akka xumuramuuf tumsa taasiftan hundaaf galatoomaa jenna. Ogeessotniifi dhaabbileen miidiyaa duudhaafi safuun Irreechaa mallattoo namooma dhugaa ta’e kun ba’ee uummata Addunyaaf akka mul’atu gochuun tajaajila uummata keenyaaf gootan hundaaf galata dhiyeessina. Kabajamaa uummata keenyaa; daandiin aarsaa qaaliin waliin eegalle milkaa’aafi injifannoon gonfannes waaqaafi nama duratti adda argateera. Milkoofneerra; uumaan keenyas nu gargaareera. Waloomni sabootni, sablammootniifi uummattootni Itoophiyaa Irreecha Hora Finfinnee irratti mul’isaniis kan yeroo kamii caalaa kan dinqisiifatamudha. Daneessummaan guyyaa har’aa olka’ee mul’ate kunis Irreechi waliigaltee biyyaalessaa uumuuf utubaa guddaa ta’uu isaaf agarsiiftuu guddaadha. Akkuma Malkaa Finfinneetti ulfoo keenyaaf kabaja laannee danooma keenyas olkaafnetti guyyaa boruu Hora Harsadeetti timmifna. Irreecha Hora Finfinneetti waaqni nu gargaaree; uummatni keenyas eenyummaa, aadaafi duudhaa isaaf kabaja malu kennee milkoofneerra; mareewoofi gabbisaayyoon uumaa keenya galateeffachaafi jajachaa guyyaa Boruu Hora Harsadee Bishooftuutti Irreeffachuuf qajeella. Harsadeenis Wayyuudha; wayyoomnis milkooma! Oromiyaa ni ijaarra, Itoophiyaa ni utubna, Gaanfa Afriikaa ni tasgabbeessina; Waaqayyos nu gargaara! Shimallis Abdiisaa, PMNO Fulbaana 2019 Finfinnee
Ayyaani Irreecha Hora Finfinnee bifa Miidhagaa fi Duudhaa isaa Eeggateen Kabajame – Qindoomina Qaamolee nageenyaa
Oct 3, 2026 112
Fulbaana 20/2019 (ENA) Ayyaani Irreechaa Hora Finfinnee Magaalaa Finfinneetti kabajame hoggantoota mootummaa, sabootaa fi sablammoota garagaraa, Lammiilee biyya alaa fi turiistoota akkasumas hirmaattota hedduun bakka argamanitti mata duree "Irreecha waliigaltee Biyyaalessaatiif" jedhuun bifa ho’aa fi duudhaa isaa eeggateen kabajamuu isa Humni waloo qindoomina qaamolee nageenyaa Finfinnee beeksiseera. Ayyaanichi qabiyyee aadaa isaa eeggatee bifa miidhagaa fi karaa nagaa ta’een akka kabajamuuf qaamolee hirmaanaa taasisaniif Abbootii Gadaa, Haadholii Siinqee, Foollee, jiraattota magaalittii akkasumas qamaawwan bulchiinsaa sadarkaan jiraniif; itti gaafatamummaa isaanii bifa gaariin kan ba’an hoggantoota fi miseensota dhaabbilee nagaa fi tasgabbiif humni qindoomina waloo nageenyaa fi tasgabbii galateeffateera. Guyyaa boruu Magaalaa Bishooftuutti ayyaani Irreecha Hora Harsadee qabiyyee aadaa isaa eeggatee akka kabajamuuf dhaabbileen nageenyaa qophii isaanii xumuruun gara hojiitti kan galan waan ta'eef, ummannis deeggarsa isaa cimsee akka ittifuusu odeeffannoon Poolisii Finfinneerraa argamae mul’isa.
Diinagdee
Itiyoophiyaan pirojektoota Gibtsiin gufachiifaman kan gamaaggamu koree beenyaa hundeessite
Oct 1, 2026 445
Fulbaana 21/2019 (ENA) - Itiyoophiyaan pirojektoota bishaanii Gibtsiin gufachiifamanii kasaaraawwanii fi carraalee misoomaa jala darban kan gamaaggamu koree biyyaalessaa hundeessuushee ministirri bishaanii fi inarjii Injiinar Habtaamuu Ittafaa beeksisan. Ministirri bishaanii fi inarjii Injiinar Habtaamuu Ittafaa ENA wliin turtii taasinaniin akka ibsanitti, hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddicha dabalatee pirojektoonni misoomaa Gibtsiin gufachiifaman 22 ol koree Kanaan adda baafamanii hojiitti galameera. Yaaddoowwan Itiyoophiyaa bara dheeraa misooma yaa’a Abbayyaarratti wal hin gitne ilaalchisee deeggarsi hayyootaa guddachaa dhufe jiraachuu himanii, kun ammoo kasaaraa dinagdee seenaa keessatti irra gahee fi carraalee misoomaa jala darbeef beenyaa akka argattu gaaffiishee ni cimsa jedhaniiru. Koreen haaraa hundeeffame kun pirojektootarratti ragaalee qindeessaa fi gaaffiiwwan beenyaa Itiyoophiyaan gaafattu bu’urasaanii qorachaa akka jiru ministirri Injiinar Habtaamuun dubbataniiru. Korichi ogeeyyota, ministiroota duraanii, gorsitootaa fi ogeeyyota seeraa kasaaraa qaqqabee fi kana furuuf kan gargaaran akkaataa itti dhiheeffamu qorachaa jiran akka of keessaa qabu eeraniiru. Yeroo ammaa hidha haaromsaa dabalatee pirojektoota Gibtsiin gufachiifaman ilaalchisee ragaawwan walitti qabamuusaanii dubbatanii, hawaasa addunyaa fuulduratti wantoota yakka ta’aniin Itiyoophiyaa doorsisuuf yaalaa turuusaanii kaasaniiru. Gamaaggamni Koreen kun gaggeessu akka hin hojjetamne kan taasifaman pirojektoota qofaa osoo hin taane tattaaffii eegumsa naannoo Itiyoophiyaan itti jirtuu fi bu’uraaleen bulchiinsa bishaanii faayidaa yaa’a gajjallaaf kennan akka xiinxalu ibsaniiru. Sagantaa biqiltuu ashaaraa magariisaatiin mukkeen biiliyoona 50 caalan dhaabamuusaanii yaadachiisanii, Baaroo, Abbayya fi Takazee dabalatee laggeen gurguddoorratti hojiin misooma sululaa gaggeeffamuu eeraniiru. Hojiiwwan eegumsa naannoo kunneen qabeenya bishaanii Itiyoophiyaa eeguu fi yaa’a Abbayyaa keessatti dhiibbaawwan haala qilleensaa qolachuuf gumaacha taasifte akka xiinxalu injiinar Habtaamuun ibsaniiru. Akkasumas hidhi haaromsaa guddichi yaa’a laga Abbaayyaa to’achuudhaan qooda guddaa inni qabu kan ibsan ministirichi, akkaataan hidhi kun itti hojjetame biyyoota yaa’a gadii balaa lolaarraa baraaruu fi yeroo roobni xiqqaatutti bishaan akka addaan hin cinne akka gargaaru ibsaniiru. Haalawwan roobaa elniinoon walqabatanii amma jiran bulchiinsa bishaanii qindaa’aa akka barbaachisu kan eeran ministirichi, yaa’a bishaanii to’achuun Sudaanii fi Gibtsi dabalatee biyyoota yaa’a gadiif faayidaa kennuu akka danda’u eeraniiru. Adeemsi Itiyoophiyaa boqonnaawwan ifa ta’an akka qabaatan akka ta’u, mari’achuunii fi walii galtee waloorra gahuun filmaata yoo ta’u, kanneen biroo ammoo Itiyoophiyaan tarkaanfiiwwan dabalataa kan taasisan beenyaa argachuuf filmaattota hordofamuu qaban akka ta’an ministirri injiinar Habtaamuun ibsaniiru.
Itoophiyaa fi Jaappaan Misooma Ruuzii Ammayyeessuuf Waliigaltee Deeggarsaa Mallatteessan
Oct 1, 2026 246
Fulbaana 20/2019 (ENA): – Itoophiyaa fi Jaappaan misooma ruuzii ammayyeessuu fi oomishtummaa isaa guddisuuf waliigaltee deeggarsa Birrii miliyoona 300 fi miliyoona 75 mallatteessaniiru. Waliigalticha Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiidee fi Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Jaappaan Shiibaataa Hiiroonooriin mallatteessaniiru. Sirna waliigalticha mallatteessuu irratti, oomishtummaa ruuzii guddisuu, jireenya lammiilee fooyyeessuu fi cehumsa teeknooloojii qonnaa saffisiisuun hojiiwwan xiyyeeffannoo olaanaa argatan ta’uu ibsameera. Dameen qonnaa cehumsa diinagdee, wabii midhaan nyaataa fi badhaadhina baadiyyaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen ibsaniiru. Waliigalteen biyyoota lamaan gidduutti mallatteeffames hariiroo fi tumsa Itoophiyaa fi Jaappaan gidduu jiru caalaatti cimsuuf kutannoo waloo qaban kan agarsiisu ta’uu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.
Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa kaampaanii Booyingi waliin walii galtee bittaa xiyyaarotaa mallatteesse
Sep 30, 2026 397
Fulbaana 20/2019 (ENA) - Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa dandeettii kaargoo haala olaanaan kan guddisuuf xiyyaarotaa fe’isaa booyingi 777 jedhamu 10 bituuf kaampaanii Booyiingi waliin walii galtee mallatteesse. Milkaa’ina biyya guddoo, ummata guddaa fi mul’ata guddaaf gumaacha olaanaa taasisaa kan jiru daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa walii galtee bittaa xiyyaaraa gara boqonnaa milkaa’inaa haaraatti isa ceesisu har’a mallatteesseera. Hojii raawwachiisaan olaanaa garee daandii qilleensaa Itiyoophiyaa obbo Masfin Xaasoo fi itti aanaan pirezidaantii olaanaa gurgurtaa daldalaa fi maarkeetiingii kaampaanii Booyingi Biraad Makmulan walii galtee kana mallatteessaniiru. Walii galtichi qooda geejjiba fe’isa qilleensaa naannoo fi idil addunyaa Itiyoophiyaan qabdu cimsuuf akkasumas daandiin qilleensichaa fedhii maamilootaa dabalaa dhufe guutuuf humnasaa cimsuuf kan akeekamedha. Kana malees daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa qaqqabummaa fe’isaa bal’isuuf tarsiimoo yeroo dheeraaf karoorfate kan deeggaru ta’uun ibsameera. Hojii raawwachiisaan olaanaa garee daandii qilleensaa Itiyoophiyaa obbo Masfin Xaasoo sirna mallattoorratti akka ibsanitti, walii galteen har’a taasifame saddettansaa xiyyaarota ammayyaa B777-8F fi xiyyaarota fe’isaa B777 lama bituuf kan dandeessisudha. Walii galteen bittaa xiyyaaraa kun tarsiimoo guddinaa daandiin qilleensichaa bara 2040 qabate keessatti baayina xiyyaarotaa dabaluu fi teeknooloojiin ammayyeessuun utubaawwan ijoo keessaa tokko ta’uu dubbataniiru. Tokkoon tokkoon xiyyaarotaa fe’isa toonii 117 ta’u baachuu kan danda’anii fi boba’aa kan qusatan ta’uun hojii raawwachiisaa olaanaan kun eeraniiru. Daandiin qilleensichaa xiyyaarota teeknooloojiin deeggaraman harkatti galfachuun Afriikaarraa tajaajila adda duree kennaa jiru cimsee akka itti fufsiisu ta’uu ibsaniiru. itti aanaan pirezidaantii olaanaa gurgurtaa daldalaa fi maarkeetiingii kaampaanii Booyingi Biraad Makmulan gamasaaniin, tumsi daandii qilleensaa Itiyoophiyaa fi kaampaanii Booyingi jidduu jiru waggaa 80 guutuusaa ibsaniiru. Waggaa lama dura xiyyaara booyingi 777-9 ajajuusaa yaadachiisanii, daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa xiyyaara kana ajajuudhaan Afriikaarraa kan jalqabaa akka ture eeraniiru. Daandiin qilleensichaa guyyaa har’aas xiyyaara fe’isaa 777-8f ajajuudhaan daandii qilleensaa Afriikaa kan jalqabaa ta’uu ibsaniiru. Walii galteen kun dandeettii dorgommii daandii qilleensichaa kan guddisuu fi fedhii kaargoo dabalaa dhufe guutuuf kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru.
Kallattiiwwan misoomaa Itoophiyaa guddina biyyaa ijaaruu keessatti milkaa'ina bu'uuraa galmeessisaa jiru- Itti Aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa
Sep 29, 2026 390
Fulbaana 19/2019 (ENA) Kallattiiwwan misoomaa Itoophiyaa guddina biyyaa ijaaruu keessatti milkaa'ina bu’uuraa galmeessaa jiraachuu Itti Aanaan ministira Muummee obbo Tamesgeen Xurunaa ibsan. Fooramiin Faayinaansii Itoophiyaa 2026 lammaaffaan Yaadannoo Injifannoo Adwaatti gaggeeffamaa jira. Itti Aanaan Minisira muummee Tamasgeen Xurunaa wayita sana akka jedhanitti, seenaan Itoophiyaa yeroo hunda rakkoolee obsaanii fi injifannoon darbuun ijaaruu ta'uu isaa yaadachiisaniiru. Yeroo ammataas Itoophiyaan damee dinagdeetiin boqonnaa guddaa irra akka jirtu ibsaniiru. Riifoormiiwwan waggoottan darbanitti taasifaman sirna gabaa jijjiirraa sharafa alaa fooyyessuu fi dhiheessii dabaluu, qaala’insi hir'achaa dhufuu, gurgurtaan alaa fi galii mootummaa dabaluu, gufuuwwan invesitmantii dhuunfaa furamuu, ammayyummaa imaammata maallaqaa, fooyya'insa faayinaansii fi seera damee faayinaansii cimsuun bu'aawwan qabatamaa galmeessisuu addeessaniiru. Milkaa'innooni fooyya'insa dinagdee kunniin biyyattii gara ce’umsa dinagdee guddaatti gaggeessaa akka jiranis dubbataniiru. Safartuun sirrii jijjiirama dinagdee gabaasa waraqaa irra kaa'amu qofa osoo hin ta’iin, bu'aawwan qabatamaa lafa irraatti mul'atan ta'uu Itti Aanaan ministira Muummee hubachiisaniiru. Qonnaan bultoonni Omisha fi omishtummaa dabaluuf, faayinaansii argachuu kan danda'an, dargaggoonni dhaabbata hundessuuf tattaafatan,dubartoonni liqaa argatanii daldala isaani dhaweesummaan invesitmantii yeroo dheeraa kan taasisan abbootii qabeenyaa jiraachuun isaanii safartuu dhugaa jijjiiramaati jedhaniiru. Kallattiin dinagdee Itoophiyaa taateewwan yeroo tokkoo qofaan kan ijaarame osoo hin ta'in; dhaabbileen, seerota, gabaan, bu'uuraalee misoomaa, dandeettii namootaanii fi adeemsa jijjiirama cimaa siyaasa guyyaa guyyaa irra caalu irratti kan hundaa'e ta'uu addeessaniiru. Kanafis mootummaan guddina, ariitii jijjiiramaa fi naamusa diinagdee gooroon eeguu, balaawwan dursuun tilmaamuun haala sirnaan bulchuu irratti kutannoo qabaachuu mirkaneessaniiru. Hammatamuummaan tarsiimoo dinagdee guddaa ta'ee; dubartoonni, dargaggoonni, qonnaan bultoonnii fi dhaabbileen daldalaa xixiqqaan fayyadamtoota guddina kanaa ta'uu akka qaban ibsaniiru. Kunis mootummaan seerota yeroo qopheessu, to'attoonni kalaqa osoo hin daangessin tasgabbii dinagdee yeroo mirkaneessan, baankonni faayinaansii yeroo dhiheessanii fi abbootiin qabeenyaa obsa argarsiisuun kutannoo yeroo dheeraa yeroo agarsiisan jijjiirama dhugaatuu milkaa'a jedhaniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Barumsi inistiitiyuutii teeknooloojii Shaggaritti kennamaa jiru biyyi keenya teeknooloojiin akka dorgomtu kan taasisudha
Oct 2, 2026 221
Fulbaana 22/2019 (ENA) - Barumsi inistiitiyuutii teeknooloojii Shaggaritti kennamaa jiru biyyi keenya teeknooloojiin akka dorgomtu kan taasisuu fi dhalootaaf abdii kan kennu ta’uusaa miseensonni hawaasa diyaasporaa Oromiyaa ibsan. Ayyaana Irreechaa kabajuuf biyya kan dhufan miseensonni diyaasporaa Oromiyaa magaalaa Shaggaritti kan argamu inistiitiyuutii teeknooloojii Shaggar dabalatee hojiiwwan misoomaa garagaraa daawwataniiru. Miseensonni diyaasporaa hojiilee misooma dijitaalaa hojjetaman dinqisiifataniiru. Ameerikaarraa kan dhufan Doktar Tamasgeen Shaashoo ENA’f akka ibsanitti, hojiin inistiitiyuutii teeknooloojii Shaggaritti argan biyyi keenya teeknooloojiin dorgomtuu akka taatu kan dandeessisuu fi dhaloota boruuf abdii guddaa kan kennudha. Yeroon kun addunyaan hubannoo nam tolcheen(AI) deeggaramaa yeroo jirtu waan ta’eef biyyi keenya teeknooloojiiwwan dameewwan garagaraa alaa galan biyya keessatti bakka buusuuf hojiin hojjechaa jirtu guddaa kan jajjabeeffamuu qabudha jedhaniiru. Keessumaa barattoonni qabxii olaanaa galmeessisan hubannoo nam-tolchee(AI) akka deeggaramanii fi akka ga’ooman gochuuf hojiin hojjetame kan dinqisiifatan Doktar Tamasgeen, hojiiwwan amma hojjetaman kan abdii namaa kennan ta’uu dubbataniiru. Afriikaa kibbaarraa kan dhufan Umar Usmaan gamasaaniin, hojii inistiitiyutichatti arganitti guddaa gammaduusaanii ibsaniiru. Hojiin gama teeknooloojiitiin naannoo Oromiyaatti hojjetamaa jiru biyyi keenya teeknooloojiidhaan kallattii sirriirra akka jirtu agarsiisa jechuun ibsaniiru. Noorweeyirraa kan dhufan adde Leensaa Lammeessaa, barumsi inistiitiyuutichatti kennamaa jiru sadarkaasaa kan eege waan ta’eef dargaggoonni barumsa qulqulluu biyyasaanii keessatti argatanii sadarkaa idil addunyaatti dorgomuuf akka isaan dandeessisu taasisa jedhaniiru. Dura taa’aan boordii diyaasporaa Oromiyaa obbo Tasfaayee Diimaa akka jedhanitti, daawwannaan kun qama aadaa daawwannaa pirojektoota gurguddoo torban irreechaatti wagga waggaan taasifamuuti. Daarektarri dhimma diyaasporaa Oromiyaa obbo Amiin Jundii gamasaaniin, inistiitiyuutichi erga hundeeffamee wagga tokko ta’uusaa ibsanii, amma ammaatti barattoota qabxii olaanaa Fidan 200 ol simatee barumsa hubannoo nam-tolchee(AI)‘n deeggarame barsiisaa jira jedhaniiru. Kaayyoon ijoo daawwannaa kanaa jijjiirama hunda galeessa biyya keenyatti dhufaa jiru qabatamaan agarsiisuun miseensonni diyaasporaa Oromoo beekumsaanis ta’e invastimantiidhaan biyyasaanii deeggaruuf akka qophaa’an gochuu akka ta’e dubbataniiru
Dhaabbatichi kalaqoota teeknooloojii fi intarpiraayizoota of danda’an horachuun qoodasaa bahachaa jira
Sep 25, 2026 891
Fulbaana 15/2019 (ENA)- Inistiitiyuutiin leenjii teekniikaa fi ogummaa FDRI kalaqoota teeknooloojii fi intarpiraayizoota of danda’an horachuun qoodasaa bahachaa jiraachuu ibse. Dhaabbatichi hojiisaa hawaasaaf beeksisuuf kan isa gargaaruu fi guyyoota 15’f kan turu ‘torban odeeffannoo’ ilaalchisee ibsa kenneera Itti aanaan daarektara olaanaa inistiitiyuutichaa Dr. Habtaamuu Mulugeetaa wayita kana, dhaabbatichi woorkishooppiiwwan gurmaa’an, laaboraatooriiwwanii fi bakka itti shaakalamu qabaachuunsaa dargaggootaaf dandeettii fi carraa guddaa akka uumu ibsaniiru. Dhaabbatichi dargaggoonni carraa hojii uumuu isaan dandeessisu akka isaaniif argamsiise eeraniiru. Haala Kanaan dhaabbatichi kalaqoota teeknooloojii biyyattii guddisuu danda’anii fi በintarpiraayizoota of danda’an horachuudhaan qoodasaa bahachaa akka jiru ibsaniiru. Barattoota bara 2019 simatuuf barnoota bu’a qabeessa kennuuf qophii ga’aa taasisuusaa dubbataniiru. Waggoottan lamaan darban qofa fedhii yeroon barbaadu kan guute sagantaawwan haaraa 11 ta’aneegaluusaanii beeksisaniiru. Kanneen keessaa sagantaan leenjii hubannoo nam-tolchee(AI) isa tokko yoo ta’u, sagantaa Kanaan bara 2018 irraa eegalee barattoota simatee leenjisaa akka jiru ibsaniiru. Itti aantuun daarektara olaanaa inistiitiyuutichaa Tsadaalee Takluu gamasaaniin, inistiitiyuutichi xiyyeeffannoon qulqullina barnootaaf kenne bu’aa qabatamaa fidaa jiraachuu ibsaniiru. Dhaabbatichi kaampaasiisaa muummeetti beekamtii ISO 9001:2015 mirkaneessuusaa dubbataniiru.
Tajaajilli qorannoo fi hawaasaa Yunivarsiitichi gaggeessu hawaasa naannawichaa gargaaraa jira
Sep 21, 2026 1190
Fulbaana 11/2019 (ENA)- Tajaajilli qorannoo fi hawaasaa Yunivarsiitiin Madda Walaabuu gaggeessu hawaasa naannawichaa gargaaraa jiraachuu pirezidaantiin Yunivarsiitichaa Dr. Biraanamasqal Xannaa ibsan. Yunivarsiitichi yaad-rimeewwan qorannoo fi misooma hawaasaa mata-duree ijoo irratti xiyyeeffatan kan qoratu workshopii ijaarsa dandeettii gaggeessaa jira. Pirezidaantiin Yunivarsiitichaa Dr. Biraanamasqal Xannaa akka jedhanitti, Yunivarsiitichi hojii baruu fi barsiisuu cinaatti qorannoowwan rakkoo hawaasaaf furmaata ta’u jedhu gaggeessaa jira. Xiyyeeffannoon qorannoo yunivarsiitichi gaggeessuu wiirtuu ga’oomaa kan ta’an qonna, fayyaa, turizimii, sirna ikoo fi eegumsa uumamaarratti ta’uu dabalanii ibsaniiru. Hayyoonni Yunivarsiitichaa tajaajiloota qorannoo fi hawaasaa waggoottan darban gaggeessaniin fayyadama hunda galeessa lammiilee hedduu kan mirkaneessan bu’aaleen guddaan argamuusaanii ibsaniiru. Keessumaa gama qonnaatiin hojmaata kilaastaraa, waldhaansa kaansarii fi hawaasa hubannoo qabsiisuun hojii hojjrtameen jijjiiramni qabatamaa galmaa’uu wabeeffataniiru. Tajaajiloonni qorannoo fi hawaasaa rakkoo ummataa furuu akka danda’an qorattootaa fi gamaaggamtootaaf leenjiin gabbisa dandeettii itti fufiinsaan kennamaa jiru cimee akka itti fufu pirezidaantichi dubbataniiru. Itti aanaan pirezidaantii akkaadaamikii, qorannoo fi cehumsa teeknooloojii Yunivarsiitichaa Dr. Bazzaabih Wandimmuu workishooppiin gabbisa dandeettii kun rakkoolee gama qorannootiin jiran adda baasuudhaan qorannoo dhiibbaa bu’aa fooyya’aa Fidan gaggeessuuf akka gargaaru ibsaniiru. Hojiiwwan misooma hawaasaa irratti xiyyeeffatan keessatti qophii yaad-rimeewwanii fi haala qabatamaa addunyaa irratti hubannoo gahaa akka argatan ibsaniiru. Hayyoonni Yunivarsiitichaa bara bajataa 2018 dameewwan xiyyeeffannoo garagaraa irratti xiyyeeffatan qorannoowwan 24 ol gaggeessuusaanii eeraniiru. Bara bajataa kana ammoo yaad-rimeewwan qorannoo 96 gamaaggamaaf dhihaachuusaanii dubbataniiru.
Wiirtuun hubannoo nam-tolchee Yunivarsiitii Jimmaa barattoonni hojii kalaqaarratti akka hirmaatan deeggaraa jira
Sep 18, 2026 1114
Fulbaana 8/2019 (ENA)- Wiirtuun hubannoo nam-tolchee Yunivarsiitii Jimmaa barattoonni beekumsaa fi hubannoo damee kanarratti qaban guddisuun hojiilee qorannoo fi kalaqaarratti akka hirmaatan deeggaraa jiraachuu ibse. Hubannoon nam-tolchee (AI) yeroo ammaa sadarkaa idil addunyaarratti dameelee teeknooloojii, dinagdee, fayyaa qonnaa fi barnootaarratti jijjiirama si’ataa fidaa kan jiru meeshaa kalaqaa isa ijoo ti. Itiyoophiyaatti karoora tiraanisfoormeeshinii dijitaalaa biyyaalessaa milkeessuu fi hirmaannaa industirii warraaqsaa guddisuuf dargaggoota beekumsa teeknooloojii olaanaa ta’e qaban horachuun dhimma murteessaa ta’a. Yunivarsiitiin Jimmaa cehumsa teeknooloojii idil addunyaa fi fedhii biyyaalessaa yaada keessa galchuun, dandeettii kalaqaa fi qorannoo barattootaa guddisuuf wiirtuu hubannoo nam-tolchee hundeessee hojjechaa jira. Yunivarsiitichatti daarektarri wiirtuu kanaa Injiinar Jaarmiyaa Baay’isaa akka jedhanitti, Hubannoon nam-tolchee Yunvarsiitichaa erga hundeeffamee kaasee beekumsaa fi hubannoo barattoonni dame Kanaan agarsiisan guddisuuf deeggarsa itti fufaa gochaa tureera. Barattoonni hojiilee kalaqaa fi moosaajii hubannoo nam-tolcheerratti hundaa’an akka hojjetan wiirtuun kun deeggarsa barbaachisu gochaa jiraachuu dubbataniiru. Barattoonni beekumsaa fi hubannoo garagaraa qaban bakka hojii tokkotti walitti dhufanii muuxannoo akka wal jijjiiran haala mijeessuusaa eeraniiru. Kana malees barattoonni wiirtuu kana keessatti shaakallii hojiirraa akka taasisan haala mijeessuudhaan, pirojektoota garagaraa hubannoo nam-tolcheen deeggaraman hojjechuun muuxannoo fi beekumsa qabatamaa akka argatan gochaa akka jiru daarektarichi dubbataniiru. Waggaatti al lama hubannoo nam-tolchee ilaalchisee dorgommii hakatoon qopheessuun, barattoonni kalaqaan akka dorgomanii fi badhaasa garagaraa akka argatan haala mijeessaa akka jiru ibsaniiru. Barattoonni mooraa Yunivarsiitichaan alattis hojiilee qorannoo fi kalaqaa hubannoo nam-tolcheen deeggaraman kan rakkoo hawaasaa furan irratti hirmaachaa akka jiran ibsaniiru. Kanneen keessaa dhibee Bunarratti mudatan dursanii adda baasuuf, furmaata kennuu fi sadarkaa Bunaa murteessuuf kan tajaajilu kalaqa “appii Daboo Bunaa” fakkeenya kaasaniiru. Pirojektii taphoota aadaa Roobootiksii fi hubannoo nam-tolcheen walitti qindeessuun dhiheessu, qabiyyee biyyoo adda baasuun akaakuu oomishaa mijataa kan agarsiisu “omishtuu Jooyi aappii” fi kalaqoonni fayyaa fi dhukkuba beelladaa hordofuuf hojjetaman akka keessatti argaman dubbataniiru. Hojiiwwan kunneen biyya keessaa fi sadarkaa idil addunyaatti badhaasa hedduu akka argamsiisan eeraniiru. Yunivarsiitii Jimmaarraa damee Kanaan kan eebbifamtee fi hojiiwwan kalaqaa garagaraa irratti hirmaachaa kan turte shamarree Ikraam Alqaadir, wiirtuu kana keessa turuunshee beekumsaa fi muuxannoo guddaa akka argattu akka ishee gargaare ibsiteetti. Yeroo ammaa dhaabbata dhuunfaa keessatti damee Kanaan hojii bu’a qabeessa hojjechuurratti argamti. Dargaggoo Adam Sa’id beekumsaa fi muuxannoo wiirtuu kanarraa argatetti fayyadamuun dhaabbata ‘kireetiiv hab’ keessa hojjechaa jira. Yeroo ammaa hojiilee moosaajii hojjechuurratti bobba’ee akka argamu ibsuun, wiirtuun hubannoo nam-tolchee Yunivarsiitii Jimmaa milkaa’ina argateef beekumsa bu’uraa guddaa akka gumaacheef eereera.
Ispoortii
Fiigichi guddichi Irreechaa duudhaalee ayyaana Irreechaa addunyaatti beeksisuuf gahee olaanaa qaba
Oct 1, 2026 375
Fulbaana 21/2019 (ENA) — Fiigichi Guddichi Irreechaa, fageenya kiilomeetira 10n magaalaa Bishooftuutti gaggeeffame, faayidaa ispoortii, hawaasummaa fi biyyaalessaa cimsuu bira darbee, Ayyaana Irreechaa sadarkaa addunyaatti beeksisuuf gahee olaanaa qabaachuun ibsame. Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Ispoortii Oromiyaa, Aadde Rozaa Biyyaa, sagantaa jalqabbii fiigichaa guddicha Irreechaa irratti ergaa dabarsaniin, ispoortiin nagaa, jaalala, tokkummaa fi obbolummaa ummatootaa cimsuuf gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru. Aadde Rozaan, fiigichi guddaan kun duudhaalee, aadaa fi seenaa Ayyaana Irreechaa hawaasa addunyaatti bal’inaan beeksisuuf waltajjii guddaa ta’uu himaniiru. Kanaaf fiigicha kana osoo walirra hin kutiin waggaa waggaan akka gaggeeffamu kan hojjetamu ta'uu himaniiru. Kantiibaan Magaalaa Bishooftuu, Obbo Alamayyoo Asaffaa, gamasaaniin, fiigichi kun Bishooftuu giddugala turiizimii caalaatti taasisuuf hojiiwwan hojjetamaa jiran saffisiisuufi cimsuuf gumaacha olaanaa qabaachuu ibsaniiru. Fiigichi kun waggoota torba booda yeroo lammaffaaf, mata-duree “Irreechaa Waliigaltee Biyyaalessaaf” jedhuun gaggeeffame. Fuuldurattis addaan osoo hin cinne, waggaa waggaadhaan akka gaggeeffamu himaniiru. Dorgommicharratti hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaa fi naannoo, Abbootiin Gadaa, maatii atileetota beekamoo addunyaa kanneen akka Xuruneesh Dibaabaa, atileetonni profeeshinaalaa 1,400 ol, akkasumas jiraattonni Magaalaa Bishooftuu fi deeggartoonni 50,000 ol hirmaataniiru.
Fiigichi irreechaa 2ffaan mata duree “irreechi walii galtee biyyaalessaaf” jedhuun Biishooftuutti gaggeeffamaa jira
Oct 1, 2026 205
Fulbaana 21/2019 (ENA)- Jala bultii ayyaana irreechaa 2019 ilaalchisuun fiigichi irreechaa 2ffaan mata duree “irreechi walii galtee biyyaalessaaf” jedhuun Biishooftuutti gaggeeffamaa jira. Irreechi ayyaana galateeffannaa, araaraa, jaalalaa fi tokkummaa ta’uun olitti, sabaa fi sab lammoota garagaraa bakka tokkotti kan fidu akkasumas waliigaltee,nageenyaa fi obbolummaa kan cimsu waltajjii waloo ta’aa dhufeera. Ayyaanni irreechaa aadaa fi duudhaa Oromoo dhalootarraa dhalootatti dabarsuurra darbee, garaagarummaa keessatti walkabajaa fi jaalala guddisuun Itiyoophiyaaf qabeenya waloo ta’uudhaan biyya keenya sadarkaa idil addunyaatti beeksisaa jira. Kaayyoon fiigichi daandiirraa kun irreechi waltajjii obbolummaa, tokkummaa fi dhiifamaa ta’uusaa addunyaaf beeksisuudhaan hawattummaasaa guddisuu akka ta’e ibsameera. Atileetonni biyya keessaa fi biyya alaa akkasumas namoonni kuma 50 caalan fiigicha irreechaa daandiirraa km. 10 fagaatu kanarratti hirmaachaa jiru.
Atileettonni Itoophiyaa maratoonii Barliin koorniyaa Lamaaniinuu Injifatan
Sep 27, 2026 645
Fulbaana 17/2019 (ENA): Maratooniin Barliin 52ffaan har'a ganama gaggeeffameera. Dubartootaan atleetiin Tigist Asaffaa sa'aatii 2, daqiiqaa 11 fi sekondii 04n injifatteetti. Atileetiin kun Maratoonii Barliin yoo injifattu kan ammaa yeroo sadaffaadhaaf. Dhiiraan atileetiin Guyyee Adoolaa sa'aatii 2, daqiiqaa 2 fi sekondii 51n injifataa ta'eera. Kanaan dura waggaa shan dura dorgommicha injifateera. Atleetiin kun dorgommii waggaa darbeerratti sadarkaa 4ffaan xumuruun isaa kan yaadatamudha.
Maratoonii Barliin Atleetonni Itoophiyaa hawwiin kan Eegaman
Sep 27, 2026 399
Fulbaana 17 / 2019 (ENA) Maratoonii Barliin 52ffaan har'a waaree dura ni gaggeeffama. Dorgommiin koornyaawwan lamaaniinuu taasifamu kun xiyyeeffannoo jaallattoota atileetiksii addunyaa harkiseera. Dorgommii dubartootaan Tigist Asaffaa, Deeraa Diidhaa, Badhaatuu Hirphaa, Zaynabaa Yimar, Bosonaa Mulaatee, Misgaanaa Alamaayyoo, Baqqalech Guddataa, Gaaddisee Muluu, Eebbisee Addunyaa, Aminaat Ahimad fi Alam addis Iyyaayyuu atIleetota Itoophiyaa dorgommicharratti hirmaatanidha. Atileet Tigist Asaffaa A.L.A bara 2022 fi 2023tti dorgommii Maratoonii Barliin mo’achuun ishee ni yaadatama. Dorgommii bara 2023 irratti sa'aatii 2:11:53n xumuruun, rikkoordii addunyaa Atileet Keeniyaa Birjid Kosgeyi sa'aatii 2:14:04n qabamee ture daqiiqaa 2 fi sakondii 11n fooyyessuun rikkoordii addunyaa haaraa galmeessuun ishee ni yaadatama. Haa ta’u malee rikkoordiin kun yeroo ammaa sababa qoricha humna dabaluun kan dhorkamte lammii Keeniyaa Ruut Cheppingetichiin A.L.A bara 2024 dorgommii Maratoonii Chikagoo irratti cabeera. Yeroo sanatti sa'aatiin ishee galmeessite sa'aatii 2:09:56 ture. Atileet Tigist Asaffaa yeroo sadaffaaf dorgommicha ni moo'atti jedhamee tilmaamni kennameera. Dorgommii Maratoonii Barliin bara darbee irratti dorgommii xumuruun sadarkaa 2ffaa kan baate Deeraa Diidhaa atleetii biraa kan eeggamtudha. Injifattuu dorgommii Maratoonii Barliin kan yeroo ammaa kan taate atleet Keeniyaa Rozimarii Wanjiruu dorgoommii cimaa ni taasisti jedhamee eeggama. Dhiiraan dorgommii kanaan Geetaaneh Mollaa, Shuraa Qixxaataa, Milkeessaa Mangashaa, Guyyee Adoolaa, Salomoon Bareegaa fi Cimdeessaa Dabalee ni hirmaatu. Maratoonii Barliin 51ffaa irratti Cimdeessaa Dabalee sadarkaa 3ffaa, Guyyee Adoolaa immoo sadarkaa 4ffaa ba'uun isaanii ni yaadatama. Mootichi dorgommii fageenya dheeraa atleet Qananiisaa Baqqalaa jalqaba irratti dorgommicha irratti ni hirmaata jedhamee kan ture yoota’u , odeeffannoowwan ba'aniin garuu dorgommii har'aa irratti akka hin hirmaanne ibsameera. Maratoonii Barliin 51ffaa irratti kan mo'atte atileetii Keeniyaa Saabaasiistiyaan Saawees dorgommicha irratti ni hirmaata jedhamee yoo eeggamuus, yeroo shaakalaatti miila isaa irratti miidhaa qaqqabeen dorgommichaa ala ta'uuf dirqameera. Eerik Saangii fi Riichaard Yaatoor atleetota Keeniyaa irraa eeggamanidha. Koorniyaawwan lamaaniinuu atleetotni Itoophiyaa ni eeggamu. Atleetota dorgommicha irratti hirmaataniif badhaasni Yuuroo kumaa 230 ol qophaa'eera. Itti dabalees, atleetii rikkoordii bakki dorgommiichaa qabu fooyyesseef yuuro doolaara kuma 30, Atileetii rikkoordeii Idil- addunyaa cabseef immoo badhaasa dabalataa yuuroo kuma 50 ni argata Maratooniin Barliin A.L.A bara 1974 jalqabame, dorgommiiwwan maratoonii gurguddoo addunyaa ja'an keessaa isa tokko ta'uun kan beekamudha.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Harka Lammiilee isheen Dachee Laliste -Itoophiyaa
Sep 22, 2026 1409
Waggoota kurnan darban keessa uwwisni bosonaa ishee baay’ee haphatee ture. Haalli kunis biyyattii jijjiirama haala qilleensaa fi eegumsa naannoof qormaata itti ta’aa tureera. Kaka’umsa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin ifatti bara 2011 kan jalqabame sagantaan ashaaraa magariisaa bu’aa olaanaa fidaa jira. Sagantaa ashaaraa magariisaa kanas ummanni Itoophiyaa qajeelfama hoggansa isaa fudhachuun duulaan biqiloota dhaabuun adda duree akka ta’e Zegaardiyaan gabaasa isaa keessatti bal’inaan ibseera. Haliimaa Kadir yeroo jalqabaaf gaafa biqiltuu dhaabuu jalqabdu namoonni akka ishee shakkanii fi itti qoosan akka turte illee Zegaardiyaan gabaasa isaa keessatti eereera. Biqiloonni dhaabaman kunniin muuzii,zayituunaafi Giraaviiliyaa, akkasumas gosoota kuduraa fi muduraa adda addaan oyiruu uwwifame bira teessoo mukaarra teessee gaafa biqiltuu dbaabuuf jettu sana gara duubatti yaadatti. Olloonni koo abdii na kutachiisanii ture jetti. Garuu waan ajaa’ibaa hojjette. Namoota Tokkoo tokkoo isaaniif ifaajii homaa hin baafne itti fakkaatee ture;garuu booda biqiloonni dhaabaman kunniin jijjiirama qilleensaa fi wabii nyaataa mirkaneessuuf furmaata ta’ee gaafa argamu dhugaa jiru hubachaa dhufuu isaanii ibsiti. Naannoo Oromiyaa aanaa Barbareetti kan kan argamtu Haliimaa Kadir umuriin waggaa 35 kan taate,biqiloota kumaatamaan lakkaa’aman dhaabuun eegumsa naannoof modeela taateetti. Biyya akka Itoophiyaa mancaatiin bosonaa mudatuti hojiin Haalimaa salphaa hin turre; ija jabina naamusaa fi cimina guddaa gaafata ture. Amma garuu wanti hundi jijjiirameera jetti Haalimaan. Biqiltoonni isheen dhaabde guddachuu fi naannoon ishee magariisa ta'aa dhufuun, warri jalqaba abdii kutachiisuuf yaalan illee hojii cimaa fi kutannoo ishee akka dinqisiifatan ibsiteetti. Haalimaaf biqiltuun isheen dhaabdu muka ofii isaatii irra darbee hiika qaba; isaanis hiriyyoota ishee dhiyootiin akkasumas qormaata hawaasa ishee addunyaa irratti jijjiirama qilleensaaf saaxilamoo ta’an keessaa tokko ta’eef furmaata ta’anii ilaalamu. Akkuma ‘The Guardian’ gabaasetti; Itiyoophiyaan babal’ina qonnaa, biqiltuu qoraaniif oolan fi itti fayyadama cileef irraa kan ka’e uwwisa bosona ishee bal’aa dhabdeetti. Kunis heddummina lubbu qabeeyyii, gabbina biyyee fi qabeenya bishaanii irratti miidhaa guddaa kan geessise yoo ta’u, balaawwan haala qilleensaatiin walqabatan hammeesseera. Inishiyeetiiwwan hedduu mootummaan Itiyoophiyaan eegalte keessaa tokko kan ta’e Ashaaraa Magariisaan, jijjiirama qilleensaa fi mancaatii bosonaa hir’isuu keessatti gahee olaanaa taphateera. Gabaasni kun akka mul’isutti waggoota torban darban keessatti biqiltuun biiliyoona 48 ta’u sagantaa kanaan dhaabameera, kan amma jiru osoo hin dabalatiin jechuudha. Ollaan Haalimaa Faxee Abdullaahi milkaa’ina Haalimaa erga argitee booda eegumsa naannoo irratti hirmaattetti. Isheenis nuti akka hin dogoggorre nutti agarsiifte jechuun Haalimaa jajuun, rakkoon furmaata biyya keessaatiin rakkoo addunyaa furuun furuun akka danda’amu agarsiisuudhaan fakkeenya taatee jirti jette. Hawaasni Oromoo daa’ima nama biraa irraa dhalate abbaa fi haadha uumamaa ykn walitti dhufeenya dhalootaa tokko malee fudhachuun akka dhala ofiitti guddifachuun, akka ilmoo ofiitti guddisee, faayidaa dinagdee fi hawaasummaa isaa eeguun aadaa qaba. Ummanni Oromoo biqiltuu akka ilmoo isaatti ilaala. Haalimaan duudhaa kana irraa ka’uun biqiloota dhaabuun kunuunsuun akka ishee gargaare ibsiteetti. Akkasumas walitti dhufeenya ijoollee ishee waliin qabdu miira haadhummaa waliin walqabsiistee jirti. ''Akkuma aadaa keenya keessatti ijoollee guddifnu, biqiltuus akka ijoollee kootti nan ilaala,'' jetteetti. Naannoo hanqinni bishaanii hamaan jiru keessa kan jiraattu Haalimaan gara sa'aatii tokkoo deemtee biqiltuu ishee bishaan obaasti. Ilmi Haalimaa ganna 13, Anwaar Hasan, haadha isaatti akka boonu ibsuun, kaayyoo ishee hordofuu akka barbaadu dubbata. Jijjiirama qilleensaa ittisuuf umurii guutuu waadaa galuu akka barbaadus himeera. Maatiin fi dubartoonni kumaatamaan lakkaa’aman ganda naannoo sana jiranis sagantaa biqiltuu dhaabuu kana irratti hirmaataniiru. Akka qorattoonni naannoo fi ogeeyyiin jedhanitti, gosoonni mukaa dhalootaan maatii fi dhaabbilee adda addaatti raabsaman hedduun isaanii guddataniiru. Naannolee gammoojjii fi haala qilleensaaf miira qaban keessatti tattaaffiin kun hawaasni jijjiirama qilleensaa caalaatti akka dandamatu gargaaruu danda’a. Qindeessaan Sagantaa Biyyaalessaa ‘REDD+’ Misooma Bosonaa Itiyoophiyaa Doktar Xibabuu Mogas sagantaa dhaabbii biqiltuu hanga ammaatti milkaa’inni guddaan argame badda dareetti ta’uu dubbatu. Itiyoophiyaan jijjiirama qilleensaa ittisuuf kutannoon hin raafamne akka biyyaattis ta’e idil-addunyaatti guddachaa fi babal’achaa dhufeera. Miidiyaa Dijitaalaa ENA hordofaa- https://www.ena.et/web/links
Raaga haala Qilleensaa bal'inaan dhaqqabamaa taasisuun qophii gahaan akka jiraatuuf dhiheenyaan hojjetamaa jira
Sep 18, 2026 1241
Fulbaana 8/2019 (ENA) Odeeffannoo raaga haala qilleensaa bal'inaan dhiyeessuun qophii fi offeeggannoo duraa akka jiraatuuf dhiyeenyaan hojjetamaa jiraachuusaa Inistitiyuutiin Meetiroloojii Itoophiyaa beeksise. Inistitiyuutichi gamaggama haala qilleensa gannaa fi raaga haala qilleensa bonaa fuulduraa hirmaannaa qooda fudhattootaatiin Adaamaatti gaggeessaa jira. Daarektarri Olaanaan Inistitiyuutichaa Dr.Faxxanaa Tashoomaa akka jedhanitti, Inistitiyuutichi misoomawwan hawaasummaafi dinagdee biyyaattif faayidaa kan qaban raaga haala qilleensaa yeroo gabaabaa fi dheeraa yeroosaa eeggatee dhiyeessuun gaheesaa ba'achaa jira. Odeeffannoon kunneen keessattuu dameelee Qonnaafi misooma jallisiif, Bulchiinsa qabeenya bishaaniif, hir’ina sodaa balaatiif,Aviyeeshinii fi geejibaatiif ,Barnootaafi fayyaaf gaggeesuuf murteessaa ta’uusaanii ibsaniiru. Akkasumas,odeeffannoo haala qilleensaa yeroosaa eeggatee fi amansiisaa ta'e uummataafi qooda fudhattootaaf dhiyeessuun misoomaa fi guddina biyyaatiif murteessaa ta'uu isaafi hojiin kun cimee kan ittifufu ta'uu ibsaniiru. odeeffannoo raaga haala qilleensaa yeroodhaan dhiyeessuun qophii fi deebii sirrii kennuuf kan gargaaruudhas jedhan. Qooda fudhattoonnis odeeffannoo kanatti fayyadamanii tarkaanfii qophiitiif akka itti fayyadaman waamicha dhiyeessaniiru. Gara biraatiin, raaga haala qilleensa Bonaa kan dhiyeessan Itti Aanaa Daarektara Inistitiyuutichaa Dr.Asaamminnoo Tashoomaa akka ibsanitti,Bona dhufu kanatti naannowwan horsiise bulaatti haalli qilleensaa misooma qonnaatiif mijaawaa ta'ee fi roobni gaariin akka jiraatu ibsaniiru. Naannoowwan kunniin rooba kana jalqaba baatii Onkololeessaatii jalqabanii kan argatan ta'uun ibsameera. See less
Naannoo Harariitti Biqiltuuwwan Ashaaraa Magariisaan dhaabaman kunuunsuun cimee itti fufa
Sep 16, 2026 1235
Fulbaana 6/2019 (ENA) — Naannoo Harariitti biqiltuuwwan Sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaabaman kunuunsuun cimee akka itti fufu Pirezidaantiin Naannichaa Obbo Ordiin Badirii ibsan. Pirezidaantiin Naannoo Hararii Ordiin Badirii fi hoggantoonni naannichaa biqiltuuwwan ji’oota gannaa keessa dhaabaman kunuunsaniiru. Hoggantoonni kunneen biqiltuuwwan dhaabaman haala gaariin akka guddatan taasisuuf hojii kunuunsaa barbaachisaa ta’e irratti xiyyeeffachuun hojiiwwan adda addaa raawwataniiru. Naannichatti sagantaalee dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaan biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban dhaabamuu isaanii ni yaadatama. Hojii dhaabbii biqiltuuwwanii irratti hoggantoonni olaanoo naannichaa, qaamoleen ittisaa fi nageenyaa, hojjettoonni mootummaa, dargaggoonni fi dubartoonni, qonnaan bultoonni akkasumas kutaaleen hawaasaa gara garaa hirmaataniiru. Har’as Pirezidaantiin Naannichaa Obbo Ordiin Badirii fi hoggantoonni olaanoo naannichaa Gaara “Haakim” irratti biqiltuuwwan yeroo gannaa dhaabaman bishaan obaasuu fi kunuunsuu isaanii ibsameera. Naannicha keessatti biqiltuuwwan yeroo ji’oota gannaa dhaabaman hanga muka guddaa ta’anitti kunuunsi barbaachisaa ta’ee xiyyeeffannaan kennamee hojjetamaa jira. Pirezidaantiin Naannichaa Obbo Ordiin Badirii yeroo kanatti akka jedhanitti, biqiltuuwwan yeroo gannaa naannichatti dhaabaman sirnaan akka latanii fi guddatan gochuuf kunuunsa barbaachisaa ta’e taasisuun murteessaadha. Yeroo ammaa kanas, keessumaa biqiltuuwwan dhaabaman kaayyoo barbaadameef akka oolan qaamoleen adda addaa hojii kunuunsaa hojjechaa jiran jajjabeeffamuu akka qaban hubachiisaniiru. Itti aansuunis biqiltuuwwan bishaan obaasuu fi marga irraa qulqulleessuun sirnaan akka latanii fi guddatan gochuun barbaachisaa ta’uu Pirezidaantiin Naannichaa hubachiisaniiru. Kana malees, Pirezidaantiin Naannichaa Obbo Ordiin Badirii hojii pirojektii Inisheetivii gaara Haakim daawwachuu isaanii ibsameera. Hojiin pirojektichaa karoora yeroo qabame keessatti saffisaa fi qulqullinaan raawwatamaa jiraachuu isaa eeraniiru.
Itoophiyaan sirna geejjibaa magariisaa jijjiirama haala qilleensaa dandamatuu fi itti fufinsa qabu ijaaruuf xiyyeeffannoon hojjechaa jirti
Sep 16, 2026 1157
Fulbaana 05 /2019 (ENA) Itoophiyaan sirna geejjibaa magariisaa jijjiirama haala qilleensaa dandamatuu fi itti fufinsa qabu ijaaruuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Ministirri Geejjibaa fi Loojistiksii Dr. Alamuu Simee ibsan. Sagantaan jalqabsiisa workshooppii Nordiik Afrikaa Elektiriik Mobiliitii magaalaa Finfinneetti gaggeeffamera. Sagantaa kanarratti doktara Alamuu Simee haasaa taasisaniin; Itoophiyaan hoggansa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin tarsiimoo misoomaa magariisaa fi jijjiirama haala qilleensaa dandamatu karoora misooma biyyaalessaa isheen bu’uura godhattee hojjechaa jirti jedhaniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa, humna haaromfamaa babal’isuu fi dinagdee kaarboonii gadi aanaa qabu ijaaruuf tattaaffiin taasifamu, xiyyeeffannoo kanaaf agarsiistota ta’uu ibsaniiru. Damee geejjibaa kaarboonii irraa bilisa taasisuun dinagdee itti fufinsa qabu ijaaruuf hojiiwwan ijoo hojjetaman keessaa tokko ta’uu eeruun, biyyattiin murtee kana gara hojiiitti hiikuuf geejjiba uummataa Elektirikii, Koridariiwwan Magaalaa fi sirna geejjibaa qilleensa qulqulluu humna haaromfamuu danda’u waliin walitti hidhuun ijaaramaa jiraachuu ibsaniiru. Gara geejjiba elektirikiitti ce’uun kun eegumsa naannoo qofaaf osoo hin taane, jijjiirama dinagdee, wabii humnaa, kalaqa teeknooloojii fi qulqullina jireenyaa lammiilee fooyyeessuuf gumaacha olaanaa qabaachuu eeraniiru. Konkolaattota qofa gara biyyaatti galchuun sirna geejjiba elektirikii guutuu uumuu akka hin dandeenye kan ibsan Ministirichi, bu’aa guutuu galmeessuuf bu’uuraalee misoomaa fi sirnoota hojii barbaachisan guutuu akka qaban hubachiisaniiru. Haaluma kanaan, bu’uuraalee misoomaa chaajii bakka itti taasisan babal’isuu fi sirna hojii dijitaalaa diriirsuu, Istaandardoota waliigalaa qopheessuu, humna namaa leenji’e horachuu, akkasumas sirna baatiriiwwan irra deebi’anii itti fayyadamu diriirsuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Kanaaf, sirna qindoomionaa ijaaruu, fayyadamaa teekinooloojii ta’uu irraa gara dandeettii biyya keessaa ijaaruutti ce’uu, akkasumas tumsa Riijinii fi Ardichaa cimsuun barbaachisaa ta’uu waamicha dhiyeessaniiru. Itoophiyaa fi Afrikaan biyyoota Noordik irraa muuxannoowwan gaarii fudhachuu akka danda’an kan eeran Ministirichi, furmaatoonni Afrikaa garuu dhugaa jiruufi fedhii geejjibaa ardichaa kan bu’uureffataan ta’uu akka qaban ibsaniiru. Ce’umsa Afrikaan gara sochii elektriikiitti taasiftu guddina industiriitiif human ta'uu malee, dhiheessii meeshaalee alaa qofa ta'uu akka hin qabne hubachiisaniiru. Afrikaanonni walitti hidhaminsa kana keessatti akka hirmaataniif, dhaabbilee suphaa fi walitti qabiinsa meeshaalee (assemblers) dhiyootti argamanii fi oomishtoota cimsuu, qorannoo fi misooma keessatti invesiti gochuu, akkasumas sirna geejibaa daangaa ce'uu walitti hidhuun akka barbaachisu ibsaniiru. Ce’umsa kanaaf qabeenyi mootummaa qofti gahaa akka hin taane kan eeran yoo ta'u; mootummaan, dhiheessitoota misoomaa, baankota daldalaa fi abbootii qabeenya dhuunfaa dhugaatiin tumsa cimaa uumuun akka barbaachisu dubbataniiru. Yaa’ichi mariin olitti gara tarkaanfii qabatamaatti kan ce'amu, galmootni ifa ta'an kan kaa'aman, akkasumas tumsi michoota misoomaa fi teekinoolojii kan itti cimu akka ta'u abdiin qaban ibsaniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 20935
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 18499
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.