Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Biyya guddoo Itiyoophiyaanota hundaaf qixxee taate ijaaruu keessatti gaheen saboota, sablammootaa fi ummatoota biyya kanaa murteessaa ta'uu hayyoonni Yunivarsiitii himan
Dec 4, 2025 57
Sadaasa 25/2018(TOI)-Biyya guddoo Itiyoophiyaanota hundaaf qixxee taate ijaaruu keessatti gaheen saboota, sablammootaa fi ummatoota biyya kanaa murteessaa ta'uu hayyoonni Yunivarsiitii Madda walaabuu himan. Yunivarsiitii Madda Walaabuutti guyyaan saboota, sablammootaa fi ummatoota Itiyoophiyaa 20ffaan mata duree "Waliigaltee dimokiraatawaa tokkummaa sabdaneessummaaf" jedhuun kabajamaa ooleera.   Sirna kabaja ayyaanichaarratti maanajmantii Yunivarsiitichaa dabalatee hawaasni Yunivarsiitii Madda Walaabuu fi barattoonni Yunivarsiitichas argamuun; guyyaa sabootaa, sablammootaa fi ummatoota Itiyoophiyaa 20ffaa sirnoota garagaraatiin kabajaa oolaniiru.   Pirezadaantiin Yunivarsiitii Madda Walaabuu Doktar Birhaanemasqal Xannaa Yunivarsiitichi ergama akka biyyaatti itti kenname tajaajila baruuf barsiisuu, qo'annoof qorannoo tajaajila hawaasaaf ce'umsa teknolojii milkeessuun cinaatti ayyaanota gurguddoo hawaasa naannichaa waliin kabajuu keessattis gaheesaa adda durummaan bahachaa akka jiru dubbatan.   Hawaasni Yunivarsiitichaas yeroo ayyaana sabootaa, sablammootaa fi ummatoota biyya keenyaa kabaju; jaalala, tokkummaa fi aadaa waliin jireenya obbolummaa ummatoota biyya keenyaa calaqqisiisu cimsuun mul'ata biyyi keenya qabattee adeemaa jirtu Itoophiyaa guddoo lammiilee isheetiif qixxee taate itti fufsiisuu akka qaban dhaamaniiru.   Dhaloonni har'aa abdii hegeree biyya keenyaa ta'uuf deemtan jaalala, tokkummaa fi muxannoo hariiroo waliin jireenya obbolummaa mooraa Yunivarsiitichaa keessatti gonfattan kana itti fufsiisuun; sabaaf sablammoota biyya kanaa qixa tajaajiluu fi Itoophiyaa guddoo ijaaruu keessatti gahee keessan bahuuf of qopheessuu qabdan jechuun dhaamaniiru.   Tokkummaan sabdaneessummaa guddummaa fi Olka'iinsa Itiyoophiyaatiif murteessaa ta'uu kan himan Hayyoonni Yunivarsiitii Madda Walaabuu; Saboota, sablammootaa fi ummatoonni Itiyoophiyaa akkuma kaleessa irree gamtoomeen hidha haaromsaa guddicha biyya keenyaa xumuursisuun injifannoo Adwa 2ffaa galmeessanitti, dhimma ulaa galaanaa irrattis tokkummaan hirmaachuun guddummaa biyya keenyaa itti fufsiisuu akka qaban ibsaniiru.   Barattoonni Yunivarsiitichaa sagantaa kanarratti dubbisnes yaada kennaniin, Yunivarsiitiin Itiyoophiyaa xiqqo ta'uu himuun, muxannoo waliin jireenya obbolummaa mooraa Yunivarsiitichaa keessatti gonfattan kana iddoo hojittis itti fufsiisuun sabootaa, sablammoota biyya kanaa qixa tajaajiluuf qophii ta'uu himaniiru.
Waldaaleen Ogummaa Itiyoophiyaa milkaa’ina hojiilee komishinichaa hafaniif gahee isaanii bahachuu qabu- Piroofeesar Masfin Ara’aayaa
Dec 4, 2025 47
Sadaasa 25/2018(TOI)- Waldaaleen Ogummaa Itiyoophiyaa milkaa’ina hojiilee marii komishinii biyyoolessaa hafaniif gahee isaanii cimsanii bahachuu qabu jedhan Komishinarri Komishinii Marii Biyyoolessaa Piroofeesar Masfin Ara’aayaan. Komishinichi mata duree “Hirmaannaa Waldaalee Ogummaa Itiyoophiyaa Milkaa’ina Marii Biyyoolessaaf” jedhuun magaalaa Finfinneetti waltajjii marii gaggeessaa jira.   Piroofeesar Masfin Ara’aayaan akka jedhanitti, marichi hirmaachisaa fi hammataa akka ta’uuf komishinichi hirmaattota adda baasuu irratti xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa turuu ibsaniiru. Dhaabbileen amantaalee fi waldaalee siiviilii, namoonni bebbeekamoon, paartileen siyaasaa, mootummaa fi kutaaleen hawaasaa garaagaraa karaa bakka bu’oota isaanii hirmaachuu himaniiru.   Komishinichi yaa’ii marii biyyoolessaa gaggeessuuf hojii irra caalaa xumuree kan jiru ta’uu eeruun, amma sadarkaa xumuraa irra gahee akka jirus dubbataniiru. Rakkoolee Itiyoophiyaa keessa jiraniif furmaanni marii biyyoolessaa akka ta’e himuun, qaamoleen hundi ajandaa isaanii gara marii biyyaalessaatti fiduun hirmaachuu akka qaban dhaamaniiru. Komishinichi hundeeffama isaarraa eegalee waldaalee garaagaraa waliin ta’uun hojiilee hedduu hojjechaa jiraachuu fi Waldaaleen Ogeeyyii Itiyoophiyaas milkaa’ina hojiilee komishinichaa hafaniif gahee isaanii akka bahatan waamicha dhiyeessaniiru. Akkasumas qaamolee milkaa’ina adeemsa marii biyyoolessaaf qooda isaanii bahachaa jiran galateeffataniiru.
Konkolaattonni elektirikaa fedhii geejjibaa ummataa guutuuf gumaacha olaanaa taasisaa jiru
Dec 4, 2025 41
Sadaasa 25/2018(TOI)-Konkolaattoonni elektirikaa fedhii geejjibaa ummataa guutuuf gumaacha olaanaa bahachaa jiraachuu Deetaan Ministira Ministiraa Geejjibaa fi walitti hidhaminsa riijinii obbo Bari’oo Hasan himan. Mootummaan konkolaattoota elektirikaa babal’isuuf xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa jira. Deetaan Ministiraa kuniTOI waliin turtii taasisaniin akka jedhanitti, yeroo ammaa dandeettii teessumaa daangeffameen fedhii geejjibaa guutuun rakkisaa dha. Haa ta’u malee, mootummaan dhiyeessii konkolaattotaa babal’isuun tajaajila geejjibaa hawaasni akka argatu hojjechaa jira jedhaniiru.   Konkolaattoonni elektirikaa faayidaalee olaanaa qabaachuu ibsuun, mootummaan biyya keessa bal’inaan galchuun tajaajila akka kennan gochuun xiyyeeffannoon hojjechaa jira jedhan. Mootummaanis hanqina geejibaa ummtaa furuuf konkolaattota elektirikaa babal’isaa jiraachuu eeraniiru. Konkolaattonni geejjibaa ummataa 110, dhiheenya kana bulchiinsi magaalaa Finfinnee hojiirra oolche ‘Veloosiitiin”, daandiiwwan hanqinni jiru 11 irratti bobbaasuun, kunis jijjiirama guddaa fideera jedhan.   Akkasumas, minibaasoonni elektirikaa 22 tajaajilaaf dhiyaachuun isaanii, konkolaattota ummataa gurguddaa,’veeloosiitii’ wajjin walsimsiisuun, fedhii geejjibaa guutuu keessatti gahee olaanaa akka qabu eeraniiru. Dhaabbileen konkolaattota elektirikaa fayyadamuun tajaajila taaksii kennan hundeeffamuu isaaniis eeruun; damee dhuunfaa waliin ta’uun tajaajilli geejjibaa dhaqqabamaa taasisuuf adeemsi akka jirus ibsaniiru. Itiyoophiyaan erga konkolaattota elektirikaa hojiirra oolchuu eegaltee as sadarkaan amma irra geesse dorgomtummaa idil-addunyaa ishee guddisa jedhaniiru. Konkolaattota dhuunfaa dabalatee konkolaattota ummataa gara konkolaattoota elektirikaatti jijjiiruun bu’aa gaarii fidaa jiraachuu deetaan ministiraa kun himaniiru. Kunis faayidaa hawaas diinagdee olaanaa qabaachuu himaniiru.
Kan mul'ate

Naannoon Somaaleetti Balaa uumamaa fi Nam-tolcheef deebii ariifataa kennuuf humna horatamaa jira
Dec 4, 2025 41
Sadaasa 25/2018(TOI)-Naannoo somaaleetti Balaa uumamaa fi Nam-tolcheef deebii ariifataa kennuuf dandeettiin uumamaa jiraachuu Biiroon hoggansa hojii sodaa balaa Naannichaa ibse. Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad leenjii hoggantoota Mootummaa olaanoof qajeelcha hojii kennaniin Omishtummaa guddisuun gargaaramuu hanbisuu jedhu milkeessuuf qindoominaan hojjechuun murteessaa ta’uu xiyyeeffannoo kennuunsaanii ni yaadatama. Bu’uuruma Kanaan naannooleen hundi balaaf deebii ariifataa kennuuf humna dandeessisu gabbifachuu fi hojii qophaa’ummaa raawwachuurratti argamu. Haaluma Kanaan qophaa’ummaa naannoo Somaalee jiru ilaalchisuun TOI’n Biiroo Hoggansa sodaa Balaa Naannichaa dubbiseera. Biirichatti Daarektarri Akeekkachiisa duraa fi Deebii Mahaammuud Abdinuur ibsa kennaniin, nannichatti hirkattummaarra gara omishtummaatti ce’uun rakkooleef dandeettii ofiin deebii kennuuf dandeettii gabbifachaa jiraachuu ibsaniiru. Naannichatti Qonnaa fi hojii Misooma kanneen biroon qabeenyi dilbiin hin tuqamne jiraachuu kaasuun, omishtummaa guddisuun gargaaramummaarra bahuuf tattaaffiin taassifamaa jira jedhaniiru. Kanaafis hojii misooma Bonee dabalatee misooma magaalotaa, Tuurizimii fi dameelee biroon hojiin hedduun raawwatamuu dubbataniiru. Naannichatti omishtummaa guddisuunii fi humna qindaa’e uumuun balaa uumamaa fi namtolcheef deebii si’ataa kennuuf qophiin jiraachuu hubachiisaniiru. Hojii kanaaf humna waloo Bulchaa Naannichaan gaggeeffamu hoggansa sodaa balaa fi deebii kennu hundaa’ee gara hojiitti galuu ibsaniiru. Sadarkaa hundatti humna waloo Bulchiinsa balaa fi deebii kennuu hundeessuun furmaata bal’aa qorannoorratti hundaa’e ni argamsiisa jedhaniiru. Bu’aa qabeessummaa Sodaa balaa fi deebiisaa sakatta’uuf balaawwan yeroo bonaas ta’e gannaa uumaman biirichi qorannoorratti hundaa’ee akka hojjetu eeraniiru. Qoranichi haala jireenya hawaasaa, wabii nyaataa mirkaneessuu, misooma beelladaa fi fayyummaasaanii, omishtummaa qonnaa fi dhaqqabamummaa bu’uuraalee misoomaa irratti xiyyeeffachuu dubbataniiru. Hanqina bokkaa gannaan rakkoo mudateen omisha hir’ate bakka buusuuf filannoowan bishaanii fayyadamuun misoomni jallisii cimee akka itti fufu ibsaniiru. Horsiisee bulaan wabii nyaataa Misooma Beelladaa waliin kallattiin kan wal qabatu ta’uu dhiheessii bishaan dhugaatii beelladaa fi nyaata beelladaa kuusuuf xiyyeeffannoon kennamaa jira. Akkasumas Horsiisee bulaan sababa hanqina bishaanii fi marga beelladasaaf barbaacha bakkaa bakkatti yeroo socho’u hawaasni aadaa waldeggarsaa akka cimsu xiyyeeffannoon kennamuu kaasaniiru. Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad leenjii hoggantoota Mootummaa olaanoof kennaniin hojii misooma qonnaa babal’isuunii fi omisha fi omishtummaa guddisuun galma gargaaramuu keessaa bahuun, akkasumas, kallattii xiyyeeffannoo keessaa sadarkaa Aanaatti Man-kuusaa tokko Koriidara Aanaa baadiyaa tokko, Gidduugala eegumsa beelladaa tokko sadarkaa Godinaa fi Agiroo piroosasingii tokko sadarkaa naannootti akka hojjetamu keessatti argamu.

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Sochiin Marii dhiibuun ilaalcha koloneeffataa tarkaanfachiisuuf Gibxi itti jirtu haala yeroorraa kan fagaatedha-Ministeera dhimma alaa
Dec 3, 2025 149
Sadaasa 24/2018(TOI)- Sochiin anga’oota mootummaa Gibxi Marii hidha haaromsaa ilaalchisuun taasifaman dhiibuun ilaalcha koloneeffataa tarkaanfachiisuuf irra deddeebi’uun itti jirtu haqa jaarraa 21ffaa waliin kan hin deemnedha jechuun ministeerri dhimma alaa beeksise. Ministeerri dhimma alaa ibsa baaseen yaaliin mootummaan Gibxi laga Abbairratti olaantummaa bara koloneeffataa eegsisuuf irra deddeebi’ee taasisu yeroo kan hin madaalledha jechuun balaaleffateera. Itiyoophiyaan biyyoota yaa’a lagichaa waliin misoomuuf yoomiyyuu kutannoo akka qabdu ministeerichi ibsee, Ashaaraa fi seenaa Paan Afriikaa bara dheeraa kan qabdu itiyoophiyaan yaadamoota koloneeffataa durii gonkumaa hin fudhattu jedheera. Itti fayyadama bishaanii haqa qabeessa, sababa qabeessaa fi walqixxummaarratti bu’uureffate hundaa’e yaad rime seera idil addunyaa ta’uu himee, Itiyoophiyaanis qabeenyashee fayyadamuuf qama kamirraayyuu eyyama gaafachuun irraa hin eegamu jechuun ibseera. Gibxi marii gamlamee cinaatti dhiisuun karaa kallattiis ta’e alkallattii maqaa balleessiin Itiyoophiyaarratti tamsaastu fudhatama hin qabu jedheera. Hawaasni idil addunyaa tuttuqaa Gibxi akka balaaleffatu ministeerichi gaafateera. Hidha Haaromsaa Itiyoophiyaa guddicha dabalatee pirojektoonni misoomaa Itiyoophiyaa ofdanda’uu Afriikaa kan agarsiisan akka ta’e beeksiseera. Itiyoophiyaan yaadota furmaataa tumsaa fi hunda fayyadaniif kutannoon akka hojjettu ibsa Kanaan eerameera. Itiyoophiyaan mirga laga Abbaayi dhaloota amma jiruu fi dhaloota boruuf fayyadamuuf qabdutti fayyadamuu cimsitee akka itti fuftu ministeerichi hubachiiseera. #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa#TOI
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad hojiilee baatii Onkoloolessaa fi Sadaasaa bara 2018 raawwatan
Dec 2, 2025 293
Sadaasa 23/2018 (TOI)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad baatii Onkoloolessaa fi Sadaasaa bara 2018 hojiilee ijoo biyyaalessaa fi idil addunyaa raawwataniiru. Yaa’ii hooggantoota garee 20 jalqabaaf ardii Afriikaa keessatt qopheessummaa Afriikaa Kibbaatiin gaggeeffamerratti hirmaachuun milkaa’ina dippilomaasii olaanaa argamsiisaniiru. Pirojektii misooma jallisii fi misooma tuurizimii ilaalchisee Ministirri muummee Dr Abiyyi Ahimad naannoo Amaaraa magaalaa Gondar wayita daawwatan pirojektii misooma jallisii Magac gamaaggamaniiru. Pirojektichi lafa heektaara 870 irratti kan argamu yoo ta’u, jallisiidhaan lafa heektaara 17000 nimisoomsa jehameetu eegama. Daawwannaa magaalaa Gondariin itti fufuun giifti duree Zinnaash Taayyaachoo fi hoggantoota mootummaa waliin ta’uun Mooraa Faasiil haaromfame eebbisaniiru. Kanneen daawwattootaaf mijatan baay’ee fooyya’aniiru. Wiirtuun tuuristii haaraanis banameera. Maneen qulqullinaa ammayyaa, sirnoonni ibsaa fi nageenyaa fooyya’aan qophaa’aniiru. Masaraan mootii Faasiil, mootii Yohaannis,mootii Iyyaasuu akkasumas riqichoonni, bakkeen dhiqannaa, ulaawwan seena qabeessikkf ofeeggannoon haaromfamaniiru. Dabalataanis naannawichatti Iskuweer Meetirii 40,000ol miidhagfameera.Hojiin haaromsaa kun wagga tokkoo gaditti kan xumuramedha. Kana malees ministirri muummee Dr Abiyyi Ahimad Doonii Xaanaanesh 2 kan al tokkotti namoota 180 imalchiisuu danda’u Gorgoraatti hojii eegalchiisaniiru. Daawwannaa magaalaa Bahaar Daaritti taasisaniin Istaadiyeemii idil addunyaa Bahaar Daarii fi magaalatti dame turizimii mijataa gochuu hojii hojjetamaa jiran ilaalaniiru. Istaadiyeemoon nama kuma 52 qabatu kun akkaataa ulaagaa Kaaf kaa’een fooyya’aa akka jiru fi teessoo maxxansuu fi marga uwwisuun xumuramuu ilaalaniiru. Dabalataanis Ikoo riizoortii Gorgoraa bu’uureffachuun Bahaar Daar qarqara haroo Xaanaatti ijaaramaa kan jiru Riizoortii Falaga Giyoon daawwataniiru. Gama biraatiin kabajamoo ministirri muummee mootummaa naannoo Amaaraatti teesssoo bulchiinsa godina sablammii Oromoo kan taate magaalaa Kamisee daawwataniiru. Hojiin misooma Kooriidarii jalqabbiirra jiraatus daandiin bishkileetii km. 1.3 fi daandiin lafoo gaarii ta’uu ulaalaniiru. Dabalataanis warshaa misooma qonnaa qindaa’aa agiroo industirii Elfooraa hojii maaddii guutuuf magaalattiitti gumaacha guddaa taasisa jiru daawwataniiru. Tarkaanfii Itiyoophiyaa gama hubannoo Namtolcheen(AI) Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad waajjira muummee hubannoo namtolchee bakka dyra turerraa jijjiirame daawwataniiru. Dhaabbatichi wagga shan keessatti gama fayyaa, qonnaa, damee tajaajilaan hojii adda durummaa bahachaa kan jiru yoo ta’u, Kilaawud kompiiyutingi, kuusaa odeeffannoo gurguddoo,odeeffannoo sakatta’uu, Roobootiiksii fi Immarsiiv teeknooloojiin dandeettiisaa gabbifachaa jira jedhaniiru. Wiirtuun Istaarti aappii hubannoo nam tolchee lammiileen yaada qofa qabatanii dhufuun Pirootoo taayippii uumuuf, baay’isuuf akkasumas invastaroota dame dhuunfaa waliin akka walitti dhufan carraa ni’uuma kan jedhan ministirri muummee, amma ammaatti kanneen yaada maddisiisan 200 carraa kanatti fayyadamuusaanii eeraniiru. Manni maree ministirootaa Baatiidhuma kana keessa walgahii idilee 50ffaa gaggeesseen tarsiimoo dijitaal Itiyoophiyaa 2030 irratti bal’inaan mari’atee guyyaa mana marichaan raggaafamee eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera. Yaa’ii hooggantoota miseensota miseensota garee 20 irratti Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Yaa’ii hoggantoota biyyoota garee 20 qopheessummaa Afriikaa Kibbaan gaggeeffamerratti hojiiwwan dippilomaasii gamlamee fi gama hedduu faayidaa tarsiimawaa Itiyoophiyaa cimsan milkeessaniiru. Ministirri muummee jala bulti yaa’iitti pirezidaantii Afriikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaa waliin mari’ataniiru. Akkasumas daarektara olaanaa IMF Kiriistaaliinaa Ji’oorjiyeevaa, Pirezidaandii baankii misooma Afriikaa haaraa Dr. Siidii Uldi waliin mari’ataniiru. Dabalataanis hoggantoota biyyoota garagaraa waliin dhimmoota gamlamee fi tumsa tarsiimawaarratti mari’ataniiru. Mootii Abuudaabii Pirezidaantii Turkiyyee, Pirezidaantii Fiinlaandi, Pirezidaantii Faransaayii fi Chaansilariin Jarman kan eeramanidha. Ministira muummee Noorweeyi akkasumas hoggantoota Hindi Veetinaam, Kooriyaa Kibbaa fi Awustiraliyaa waliin mari’ataniiru. Ministira muummee Yunayitid Kingidam,, pirezidaantii Biraazil, ministira muummee Nezerland, ministira muummee Xaaliyaanii fi itti aanaa pirezidaantii Indooneezhiyaa waliin mari’ataniiru. Yaa’ichaan cinaatti ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad barreessaa olaanaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii Antooniyoo Gutareez mari’ataniiru. Itiyoophiyaan COP32 kan qopheessitu ta’uusaatiin deeggarsa godhamuu qaburratti mari’ataniiru. Pirezidaantii mana maree gamtaa Awurooppaa Antooniyoo Koostaa waliin marii gaggeessaniiru. Akkasumas pirezidaantii kaaf Dr. Oaatriis Motsiipii fi pirezidaantii baankii addunyaa Ajeeyi Baangaa waliin mari’ataniiru. Marii dippilomaasii hoggantoota Maaleezhiyaa fi Siingaapoor waliin taasifame Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad baatii Sadaasaa keessa ministira muummee federeeshinii Maaleezyiyaa Daatoo Serii Anwaar Biin Ibraahim fi ministira muummee Siingaapoor Lawurensi Wongi Masaraa biyyaalessaatti simataniiru. Itiyoophiyaan GOP32 akka qopheessitu filatamuushee COP32 ministira dhimma alaa Itiyoophiyaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos pirezidaantii gochuun ramaduu hordofee bakka ministirri muummee Dr. Abiyyi ahimad argamanitti walgahiin koree biyyaalessaa hojiilee qophii ijoo ta’an qindeessuu dandeessisan taasifameera. Walumaa gala Ministirri muummee Abiyyi Baatii Onkoloolessaa fi Sadaasaa bara 2018 pirojektoota misooma jallisii, hojiilee misooma Turizimii fi hojiilee hubannoo namtolchee si’achiisuuf akkasumas biyyattii gama dippilomaasiin olkaasuuf hooggansi kennan bu’aadhaan kan dabaalame ture. Xumura baatii Sadaasaa ajajaa IzziiAfriikaa Yuunaayitid Isteetis Jeneraal Dagviin Arri emmi(R.M) Andarsan waliin wal arguun dhimmoota nageenya Riijiniiratti mari’ataniiru. Top of Form
Ayyaanichi tokkummaa sab-daneessummaa cimsuun ijaarsa biyyaaf qooda olaanaa gumaacheera - Af-yaa’ii Aganyoo Tashaagar
Dec 1, 2025 322
Sadaasa 22/2018(TOI)-Ayyaanni sabaa, Sab-lammootaa fi uummattootaa kabajamuun tokkummaa sab-danessummaa cimsuun ijaarsa biyyaaf qooda olaanaa gumaacheera jechuun Af-yaa’iin Mana maree Federeeshinii Aganyoo Tashaagar dubbatan.   Guyyaan Ayyaana sabaa, sab-lammootaa fi uummattootaa Itiyoophiyaa 20ffaan sadarkaa Naannoo Oromiyaatti Godina Gujii Lixaa Magaalaa Bulee Horaatti dammaqinaan kabajameera. Sirna kabaja ayyaanichaarratti kan argaman Af-yaa’iin Mana maree Federeeshinii Aganyoo Tashaagar akka dubbatanitti ayyaanichi Itiyoophiyaanonni waloon jiraachuuf kan waliif galanii fi waggaa waggaan duudhaa Aadaasaanii adda baabaayiitti kan ibsanidha. Kunis Sirni Federaalaa cimaan akka jiraatu gochuun tokkummaa sab-daneessummaa cimsaa ijaarsa biyyaaf qoda olaanaa gumaachuu dubbataniiru. Ayyaanichi waltti hidhaminsa waloo haala cimsuun sadarkaa sadarkaan kabajamee Sadaasa 29 bara 2018 sadarkaa biyyoolessaatti naannoo giddugala Itiyoophiyaa Magaalaa Hosaa’inaatti akka kabajamu kaasaniiru.   Af-yaa’iin Caffee Oromiyaa Sa’aadaa Abdurahimaan gamasaaniin, Ayyaanichi naannichatti tokkummaa sab-daneessummaa fi walitti hidhaminsa haala cimsuun kabajamaa turee har’a xumurmuu ibsaniiru. Ayyaanichi saboonni, sab-lammoonnii fi ummattoonni Aadaa fi duudhaasaanii beeksisuurra darbee tokkummaa sab-daneessummaa caalaatti cimsuuf waadaasanii kan itti haaromsan ta’uu dubbataniiru.   Keessumaa Ayyaanichi Hidhi Haaromsaa Guddichi Itiyoophiyaa xumuramee pirojektoonni gurguddoo hedduun yeroo eegalamanitti kabajamuun misooma biyyaaf waloon dhaabbachuun irra deebuun gamtooma keenya kan itti cimsinudha jedhaniiru.   Bulchaa Godina Gujii Obbo Abdullaahii Hirbaayyee, Godinichatti Jijjiiramaa boodaa eegalee qabeenya jiran gara misoomaatti jijjiiruun fayyadamummaa hawaasaa guddisaa jira jedhaniiru. Keessumaa buna dabalatee midhaan zayitaa biroo akkasumas misooma horii gaafaan, hojiiwwan bu’aa qabeessa ta’an Godinichatti raawwatamuusaanii kaasaniiru.   Ayyaanichi sadarkaa Naannootti Godinichatti kabajamuun qabeenya Naannichaa beeksisuurra darbee misooma eegalaman cimsuuf qooda olaanaa qaba jedhaniiru.

Hawaasummaa
Biyya guddoo Itiyoophiyaanota hundaaf qixxee taate ijaaruu keessatti gaheen saboota, sablammootaa fi ummatoota biyya kanaa murteessaa ta'uu hayyoonni Yunivarsiitii himan
Dec 4, 2025 57
Sadaasa 25/2018(TOI)-Biyya guddoo Itiyoophiyaanota hundaaf qixxee taate ijaaruu keessatti gaheen saboota, sablammootaa fi ummatoota biyya kanaa murteessaa ta'uu hayyoonni Yunivarsiitii Madda walaabuu himan. Yunivarsiitii Madda Walaabuutti guyyaan saboota, sablammootaa fi ummatoota Itiyoophiyaa 20ffaan mata duree "Waliigaltee dimokiraatawaa tokkummaa sabdaneessummaaf" jedhuun kabajamaa ooleera.   Sirna kabaja ayyaanichaarratti maanajmantii Yunivarsiitichaa dabalatee hawaasni Yunivarsiitii Madda Walaabuu fi barattoonni Yunivarsiitichas argamuun; guyyaa sabootaa, sablammootaa fi ummatoota Itiyoophiyaa 20ffaa sirnoota garagaraatiin kabajaa oolaniiru.   Pirezadaantiin Yunivarsiitii Madda Walaabuu Doktar Birhaanemasqal Xannaa Yunivarsiitichi ergama akka biyyaatti itti kenname tajaajila baruuf barsiisuu, qo'annoof qorannoo tajaajila hawaasaaf ce'umsa teknolojii milkeessuun cinaatti ayyaanota gurguddoo hawaasa naannichaa waliin kabajuu keessattis gaheesaa adda durummaan bahachaa akka jiru dubbatan.   Hawaasni Yunivarsiitichaas yeroo ayyaana sabootaa, sablammootaa fi ummatoota biyya keenyaa kabaju; jaalala, tokkummaa fi aadaa waliin jireenya obbolummaa ummatoota biyya keenyaa calaqqisiisu cimsuun mul'ata biyyi keenya qabattee adeemaa jirtu Itoophiyaa guddoo lammiilee isheetiif qixxee taate itti fufsiisuu akka qaban dhaamaniiru.   Dhaloonni har'aa abdii hegeree biyya keenyaa ta'uuf deemtan jaalala, tokkummaa fi muxannoo hariiroo waliin jireenya obbolummaa mooraa Yunivarsiitichaa keessatti gonfattan kana itti fufsiisuun; sabaaf sablammoota biyya kanaa qixa tajaajiluu fi Itoophiyaa guddoo ijaaruu keessatti gahee keessan bahuuf of qopheessuu qabdan jechuun dhaamaniiru.   Tokkummaan sabdaneessummaa guddummaa fi Olka'iinsa Itiyoophiyaatiif murteessaa ta'uu kan himan Hayyoonni Yunivarsiitii Madda Walaabuu; Saboota, sablammootaa fi ummatoonni Itiyoophiyaa akkuma kaleessa irree gamtoomeen hidha haaromsaa guddicha biyya keenyaa xumuursisuun injifannoo Adwa 2ffaa galmeessanitti, dhimma ulaa galaanaa irrattis tokkummaan hirmaachuun guddummaa biyya keenyaa itti fufsiisuu akka qaban ibsaniiru.   Barattoonni Yunivarsiitichaa sagantaa kanarratti dubbisnes yaada kennaniin, Yunivarsiitiin Itiyoophiyaa xiqqo ta'uu himuun, muxannoo waliin jireenya obbolummaa mooraa Yunivarsiitichaa keessatti gonfattan kana iddoo hojittis itti fufsiisuun sabootaa, sablammoota biyya kanaa qixa tajaajiluuf qophii ta'uu himaniiru.
Waldaaleen Ogummaa Itiyoophiyaa milkaa’ina hojiilee komishinichaa hafaniif gahee isaanii bahachuu qabu- Piroofeesar Masfin Ara’aayaa
Dec 4, 2025 47
Sadaasa 25/2018(TOI)- Waldaaleen Ogummaa Itiyoophiyaa milkaa’ina hojiilee marii komishinii biyyoolessaa hafaniif gahee isaanii cimsanii bahachuu qabu jedhan Komishinarri Komishinii Marii Biyyoolessaa Piroofeesar Masfin Ara’aayaan. Komishinichi mata duree “Hirmaannaa Waldaalee Ogummaa Itiyoophiyaa Milkaa’ina Marii Biyyoolessaaf” jedhuun magaalaa Finfinneetti waltajjii marii gaggeessaa jira.   Piroofeesar Masfin Ara’aayaan akka jedhanitti, marichi hirmaachisaa fi hammataa akka ta’uuf komishinichi hirmaattota adda baasuu irratti xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa turuu ibsaniiru. Dhaabbileen amantaalee fi waldaalee siiviilii, namoonni bebbeekamoon, paartileen siyaasaa, mootummaa fi kutaaleen hawaasaa garaagaraa karaa bakka bu’oota isaanii hirmaachuu himaniiru.   Komishinichi yaa’ii marii biyyoolessaa gaggeessuuf hojii irra caalaa xumuree kan jiru ta’uu eeruun, amma sadarkaa xumuraa irra gahee akka jirus dubbataniiru. Rakkoolee Itiyoophiyaa keessa jiraniif furmaanni marii biyyoolessaa akka ta’e himuun, qaamoleen hundi ajandaa isaanii gara marii biyyaalessaatti fiduun hirmaachuu akka qaban dhaamaniiru. Komishinichi hundeeffama isaarraa eegalee waldaalee garaagaraa waliin ta’uun hojiilee hedduu hojjechaa jiraachuu fi Waldaaleen Ogeeyyii Itiyoophiyaas milkaa’ina hojiilee komishinichaa hafaniif gahee isaanii akka bahatan waamicha dhiyeessaniiru. Akkasumas qaamolee milkaa’ina adeemsa marii biyyoolessaaf qooda isaanii bahachaa jiran galateeffataniiru.
Naannoon Somaaleetti Balaa uumamaa fi Nam-tolcheef deebii ariifataa kennuuf humna horatamaa jira
Dec 4, 2025 41
Sadaasa 25/2018(TOI)-Naannoo somaaleetti Balaa uumamaa fi Nam-tolcheef deebii ariifataa kennuuf dandeettiin uumamaa jiraachuu Biiroon hoggansa hojii sodaa balaa Naannichaa ibse. Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad leenjii hoggantoota Mootummaa olaanoof qajeelcha hojii kennaniin Omishtummaa guddisuun gargaaramuu hanbisuu jedhu milkeessuuf qindoominaan hojjechuun murteessaa ta’uu xiyyeeffannoo kennuunsaanii ni yaadatama. Bu’uuruma Kanaan naannooleen hundi balaaf deebii ariifataa kennuuf humna dandeessisu gabbifachuu fi hojii qophaa’ummaa raawwachuurratti argamu. Haaluma Kanaan qophaa’ummaa naannoo Somaalee jiru ilaalchisuun TOI’n Biiroo Hoggansa sodaa Balaa Naannichaa dubbiseera. Biirichatti Daarektarri Akeekkachiisa duraa fi Deebii Mahaammuud Abdinuur ibsa kennaniin, nannichatti hirkattummaarra gara omishtummaatti ce’uun rakkooleef dandeettii ofiin deebii kennuuf dandeettii gabbifachaa jiraachuu ibsaniiru. Naannichatti Qonnaa fi hojii Misooma kanneen biroon qabeenyi dilbiin hin tuqamne jiraachuu kaasuun, omishtummaa guddisuun gargaaramummaarra bahuuf tattaaffiin taassifamaa jira jedhaniiru. Kanaafis hojii misooma Bonee dabalatee misooma magaalotaa, Tuurizimii fi dameelee biroon hojiin hedduun raawwatamuu dubbataniiru. Naannichatti omishtummaa guddisuunii fi humna qindaa’e uumuun balaa uumamaa fi namtolcheef deebii si’ataa kennuuf qophiin jiraachuu hubachiisaniiru. Hojii kanaaf humna waloo Bulchaa Naannichaan gaggeeffamu hoggansa sodaa balaa fi deebii kennu hundaa’ee gara hojiitti galuu ibsaniiru. Sadarkaa hundatti humna waloo Bulchiinsa balaa fi deebii kennuu hundeessuun furmaata bal’aa qorannoorratti hundaa’e ni argamsiisa jedhaniiru. Bu’aa qabeessummaa Sodaa balaa fi deebiisaa sakatta’uuf balaawwan yeroo bonaas ta’e gannaa uumaman biirichi qorannoorratti hundaa’ee akka hojjetu eeraniiru. Qoranichi haala jireenya hawaasaa, wabii nyaataa mirkaneessuu, misooma beelladaa fi fayyummaasaanii, omishtummaa qonnaa fi dhaqqabamummaa bu’uuraalee misoomaa irratti xiyyeeffachuu dubbataniiru. Hanqina bokkaa gannaan rakkoo mudateen omisha hir’ate bakka buusuuf filannoowan bishaanii fayyadamuun misoomni jallisii cimee akka itti fufu ibsaniiru. Horsiisee bulaan wabii nyaataa Misooma Beelladaa waliin kallattiin kan wal qabatu ta’uu dhiheessii bishaan dhugaatii beelladaa fi nyaata beelladaa kuusuuf xiyyeeffannoon kennamaa jira. Akkasumas Horsiisee bulaan sababa hanqina bishaanii fi marga beelladasaaf barbaacha bakkaa bakkatti yeroo socho’u hawaasni aadaa waldeggarsaa akka cimsu xiyyeeffannoon kennamuu kaasaniiru. Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad leenjii hoggantoota Mootummaa olaanoof kennaniin hojii misooma qonnaa babal’isuunii fi omisha fi omishtummaa guddisuun galma gargaaramuu keessaa bahuun, akkasumas, kallattii xiyyeeffannoo keessaa sadarkaa Aanaatti Man-kuusaa tokko Koriidara Aanaa baadiyaa tokko, Gidduugala eegumsa beelladaa tokko sadarkaa Godinaa fi Agiroo piroosasingii tokko sadarkaa naannootti akka hojjetamu keessatti argamu.
Miidiyaalee Afrikaa keessatti hirmaannaa fi nageenya dubartootaa mirkaneessuuf tattaaffiin taasifamaa jira - Gamtaa Afrikaa
Dec 4, 2025 36
Sadaasa 25/2018 (TOI)- Miidiyaalee Afrikaa keessatti hirmaannaa fi nageenya dubartootaa mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuu Gamtaan Afrikaa ibseera. Konfiraansiin dubartoota damee miidiyaa Afrikaa keessatti hojjetan ilaachisee har'a magaalaa Finfinneetti eegalameera. “Waadaa gara hojiitti jijjiiruu; imaammata nageenya miidiyaa fi walqixxummaa koorniyaa mirkaneessu bocuu fi hojiirra oolchuu” kan jedhu mata duree konfiraansichaati. Konfiraansii kana irratti kan hirmaatan, gaazexeessitoota biyyoota Afrikaa hunda irraa walitti dhufan, imaammata baastotaa fi to’attoota miidiyaa, dhaabbilee hawaasa siivilii, ogeeyyii teeknooloojii fi hayyoota dha. Imaammataa fi bu’uuraalee seeraa haala miidiyaa nageenya qabuu fi hunda hammate uumuuf dandeessisan cimsuun ajandaa ijoo walgahii kanaati. Odeeffannoon Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa Gamtaa Afrikaa irraa argate akka agarsiisutti, keessumaa dhaabbilee miidiyaa dubartoonni keessa hojjetan keessatti bakka bu’ummaa haqa qabeessa mirkaneessuuf haalonni dandeessisan akkamitti hojiirra oolchuu akka qaban irratti mariin akka gaggeeffamudha. Xiyyeeffannoon kan biroo gahee teeknooloojiin, hubannoon namtolchee fi filmaanniwwan dijitaalaa seenessa waloo walqixxummaa bocuun danda’amurratti kan jedhu dha. Akkasumas Ibsi Imaammata Miidiyaa Dubartoota Afrikaa haaraan akka bahuu fi gareen dhimmoota ejjennoo waloo irratti argaman hojiirra oolmaa isaanii hordofan akka hundeeffamu ibsameera. Konfiraansiin kun yaada imaammataa bu’uuraaf galtee kan ta’u, itti gaafatamummaa kan babal’isu, akkasumas qooda fudhattoota gidduutti tumsa hariiroo cimaa kan uumu ta’uu eerameera. Sagantaan kun hirmaannaa fi dhiibbaa uumuun dubartootaa fi dargaggootaa miidiyaalee Afrikaa keessatti qaban guddisuuf taasifamu ta’uu kan beeksise yoo ta’u, konfiraansichi hanga guyyaa boruutti kan itti fufu ta’uu Gamtichi ibseera.
Diinagdee
Godina Gujiitti Pirojektoonni misoomaa hawaasa fayyadamoo taasisan ariitiin hojjetamaa jiru
Dec 4, 2025 34
Sadaasa 25/2018(TOI)-Naannoo Oromiyaa Godina Gujiitti Pirojektoonni misoomaa hawaasa fayyadamoo taasisan ariitiin hojjetamaa jirachuu waajjirri Maallaqaa godinichaa beeksise. Akka itti gaafatamaan Waajjira Maallaqaa godina Gujii obbo Daadhii Kuraa jedhanitti, misoomni koriidaraa, jallisii, bishaan dhugaatii, dhaabbilee fayyaa fi ijaarsi daandii birrii biiliyoona 3 tuqaa 9 oliin godinicha keessatti hojjetamaa jira.   Godinicha aanaalee 13 keessatti pirojektoonni 392 hirmaannaa hawaasaa fi bajata mootummaan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Haalli raawwii pirojektootaa godinicha keessatti hojjetamaa jiran dhibbentaa 32 ol xumuramaa jiraachuu eeruun, kanneen hafanis ariitiin xumuruuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru. Pirojektoonni kunneen yeroo xumuraman ummata kuma 400 ol fayyadamoo taasisuu danda’a jedhaniiru.   Godinichatti jiraataa aanaa Adoolaa Reeddee ganda Gunaacoo kan ta’an obbo Efireem Bayyanaa pirojektoonni misoomaa naannichatti hojjetamaa jiran gaaffii hawaasaa kan deebisan ta’uu eeruun, hojiin isaanii ariitiin akka xumuramuuf gama isaaniin tumsa barbaachisu akka taasisan himaniiru. Misooma naannoo isaaniitti hojjetamaa jiran mootummaa cinaa dhaabbachuun, ijaarsa manneen barnootaa fi ijaarsa dhaabbilee misoomaa biroo irratti hirmaachaa akka jiran ibsaniiru. Ijaarsa pirojektoota misoomaa naannoo isaaniitti hojjetamaa jiran ariitiin akka xumuramaniif hundi isaanii gahee isaan irraa eegamu bahachuu akka qaban dhaamaniiru. Jiraataama ganda kanaa kan ta’an obbo Abbabaa Rattaa gama isaaniitiin, mootummaan rakkoolee hawaasummaa furuuf waadaa gale galmaan ga’uuf hojiileen ijaarsa misoomaa amma eegaalaman kunniin qabatamaan agarsiiftuudha jedhaniiru. Sadarkaa manneen barnootaa fooyyessuun, daree barnootaa ijaaruun dhaqqabamummaa barnootaa babal’isuun, qulqullina barnootaa mirkaneessuu keessatti shoora olaanaa akka qabu eeraniiru. Pirojektoonni mootummaan hojjechiisa jiru bishaan dhugaatii, buufataalee fayyaa, bu’uuraalee misooma daandii fi jallisiin pirojektoota rakkoo hawaasaa furan ta’uus eeraniiru.  
Invastimantii qulqullina qabu hawachuuf hojii hojjetameen milkaa’inoonni hedduun galmaa’aniiru
Dec 4, 2025 34
Sadaasa 25/2018(TOI)-Bara Baajataa kana ji’oottan darban keessatti haala invastimantii iftoomina qabu umuun invastimantii qulqullina qabu hawwachuuf hojii hojjetame keessatti milkaa’inni hedduun galmaa’uun ibsameera. Komishinarri komishinii Invastimantii Itiyoophiyaa Dr.Zallaqaa Tamasgeen TOI’f akka ibsanitti, Bu’aa Fooyya’insi Diinagdee argamsiisee fi dhaabbanni keenya haala invastimantii mijataa uumeen invastimantii qulqullina qabu hawachuuf hojiiwwan hojjetamaniin milkaa’inoonni hedduun galmaa’aniiru jedhaniiru. Kanaanis bara baajataa 2018 kurmaana jalqabaan Invastimantii Alaa kallattiin doolaara Miiliyoona 961 ol hawwachuu danda’uu mirkaneessaniiru. Galiin Al-ergii doolaara miiliyoona 49 ol Invastimantoota Zoonii Diinagdee addaa keessatti argamuun akka argame eeraniiru. Komishinichi kurmana waggaatti eeyyama invastimantii 123 kennuusaa ibsuun, dureeyyii Alaa eeyyamni kennameef keessaa 34 daladala AL-ergii fi alaa galu yeroo dhihoo baname irratti kan bobba’an ta’uu dubbataniiru. Invataroota damee Qonnaa, Manufaakcharingii, Albuuda, Turiizimii fi TQO irratti onnachiiftuu Invastimantii kennamaa jiraachuu eeraniiru. Dabalataanis dureeyyiin Itiyoophiyaa keessatti Daldala Al-ergii fi Alaagalu dabalatee damee faayinaansii fi sektaroota adda addaan invasti akka godhan hojjetamaa jiraachuu komishinarichi hubachiisaniiru. Waliigala Invastimantii alaa kallattiin hawachuu, Oomisha Al-ergii, Carraa hojii uumuu , pirojektoota haayyama qaban gara omishaatti jijiiruu, kenninsa tajaajilaa gahumsa qabuun hojiiwwan hedduu hojiirra oolchuurratti milkaa’ina argachuu ibsaniiru. Komishinichi milkaa’inoota argaman itti fufsiisuu fi hanqinoota mudataniif furmaata kennuun guddinaa fi badhaadhina Itiyoophiyaatiif gumaacha isaarraa eegamu cimsee akka itti fufu mirkaneesseera.
Bulchiinsi Magaalichaa rakkoo mana jireenyaa furuuf teeknooloojiiwwan ijaarsaa ammayyaa fayyadamuun hojjechaa jira - Kantiibaa Adaanach Abeebee
Dec 4, 2025 29
Sadaasa 25/2018(TOI)- Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee rakkoo mana jireenyaa furuuf teeknooloojiiwwan ijaarsaa ammayyaa fayyadamuun hojjechaa jiraachuu himani kantiibaan magaalichaa aadde Adaanach Abeebeen. Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanch Abeebee ijaarsa manneen waliin jireenyaa kuma 26 marsaa jalqabaa Laaftoo Saayitiitti walta’insa mootummaa fi dhaabbilee dhuunfaan ijaaramuuf jedhu eegalchiisaniiru. Qondaaltonni olaanoo bulchiinsa magaalattiis saganticha irratti argamaniiru. Sagantaa jalqabsiisa manneen waliin jirreenyaa kana irratti haasaa taasisanin, aadde Adaanach Abeebeen bulchiinsi magaalichaa rakkoo mana jreenyaa hawaasa mudatu furuuf kutannoon hojjechaa jira. Rakkoo mana jireenyaa, jiraattotaaf dhimma ijoo ta’e furuuf sagantaalee misooma mana jireenyaa adda addaa hojiirra oolchaa akka jiran himaniiru. Ijaarsi manneen waliin jireenyaa har’a ifatti eegalame kun akka biyyaattis ta’e, akka magaalaattis teeknooloojii haaraa fi isa jalqabaa kan fayyadamu ta’uu ibsaniiru. Ijaarsi kun yeroo gabaabaa keessatti sibiila gaalvaanaayizdii fayyadamuun, walitti qabsiisuun manneen waliin jireenyaa hanga abbaa darbii 12 kan gahu akka hojjetamu beeksisaniiru. Warshaan kun humna guutuun yeroo hojiitti galu, waggaatti manneen kuma 26 hojjechuu akka danda’u ibsaniiru. Manneen kunneen mana jireenyaa kanaan dura ijaaraman caalaa umurii baay’ee fooyya’aa akka qabaatan kan ibsan yoo ta’u, kunis fedhii mana jireenyaa jiraattota magaalattii guutuuf gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru. Dabalataan, warshaan kun mana jireenyaa hawaasaaf akka humna isaaniitti mana qulqullina olaanaadhaanii fi saffisaan ijaaruun lammiileef kan dhiyeesssu ta’uu eeruun,yeroo ijaarsi isaa eegalamus carraa hojii lammiilee hedduuf kan banu ta’uu himaniiru.
Damee qonnaa Afriikaa fulla’insaan jijjiiruu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf tiraanisfoormeeshinii qonnaa dijitaalaarratti ni hojjetama
Dec 3, 2025 122
Sadaasa 24/2018(TOI)- Damee qonnaa Afriikaa fulla’insaan jijjiiruu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf tiraanisfoormeeshinii qonnaa dijitaalaarratti xiyyeeffatamee akka hojjetamu komishiniin gamtaa Afriikaa beeksise. Yaa’iin qonna dijitaalaa gamtaan Afriikaa yeroo jalqabaaf qopheesse xumurameera. Yaa’ichi mata duree Inniveeshinii fi furmaattota dijitaalaa dame qonnaaf fayyadamuun egeree Afriikaa ifa gochuu” jedhuun guyyoota sadan darbaniif gaggeeffamaa tureera. Gamtaa Afriikaatti komishinariin qonnaa, misooma baadiyyaa, dinagdee Buluu fi naannawa fulla’aa Mosas Vilaakaatii wayita kana, dame qonnaa Afriikaa gara guddina, wabii nyaataa fi dandeettii damdamachuu barbaadamutti guddisuuf qonni dijitaalaa qooda murteessaa akka qabu yaa’ii Kanaan mirkaneessuusaa eeraniiru. Haala Kanaan dame qonnaa fulla’insaan jijjiiruu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf tiraanisfoormeeshinii qonna dijitaalaarratti xiyyeeffatamee ni hojjetama jedhaniiru. በጉባኤው Qonna keessatti shoorri dargaggootaa fi dubartootaa murteessaa ta’uusaa yaa’ii Kanaan mirkaneessuun akka danda’ame ibsaniiru. De’eetaan ministiraa Innoveeshinii fi Teeknooloojii Dr. Baay’isaa Badhaadhaa milkaa’ina qonna dijitaalaaf birmadummaa cimsuun sirrii ta’uu eeraniiru. Odeeffannoo qonnaa akka qabeenya tarsiimawaatti kunuunsuu, sirnoota Afriikaa keessaa dandeettii komunikeeshinii mirkaneessuu fi dargaggootaa fi dubartoota ga’oomsuudhaan qonna Afriikaa guddisuun ni danda’ama jedhaniiru. Haala Kanaan Itiyoophiyaan hojii jajjabeessaa raawwachaa akka jirtu dubbatan de’aataan ministiraa kun.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Konkolaattonni elektirikaa fedhii geejjibaa ummataa guutuuf gumaacha olaanaa taasisaa jiru
Dec 4, 2025 41
Sadaasa 25/2018(TOI)-Konkolaattoonni elektirikaa fedhii geejjibaa ummataa guutuuf gumaacha olaanaa bahachaa jiraachuu Deetaan Ministira Ministiraa Geejjibaa fi walitti hidhaminsa riijinii obbo Bari’oo Hasan himan. Mootummaan konkolaattoota elektirikaa babal’isuuf xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa jira. Deetaan Ministiraa kuniTOI waliin turtii taasisaniin akka jedhanitti, yeroo ammaa dandeettii teessumaa daangeffameen fedhii geejjibaa guutuun rakkisaa dha. Haa ta’u malee, mootummaan dhiyeessii konkolaattotaa babal’isuun tajaajila geejjibaa hawaasni akka argatu hojjechaa jira jedhaniiru.   Konkolaattoonni elektirikaa faayidaalee olaanaa qabaachuu ibsuun, mootummaan biyya keessa bal’inaan galchuun tajaajila akka kennan gochuun xiyyeeffannoon hojjechaa jira jedhan. Mootummaanis hanqina geejibaa ummtaa furuuf konkolaattota elektirikaa babal’isaa jiraachuu eeraniiru. Konkolaattonni geejjibaa ummataa 110, dhiheenya kana bulchiinsi magaalaa Finfinnee hojiirra oolche ‘Veloosiitiin”, daandiiwwan hanqinni jiru 11 irratti bobbaasuun, kunis jijjiirama guddaa fideera jedhan.   Akkasumas, minibaasoonni elektirikaa 22 tajaajilaaf dhiyaachuun isaanii, konkolaattota ummataa gurguddaa,’veeloosiitii’ wajjin walsimsiisuun, fedhii geejjibaa guutuu keessatti gahee olaanaa akka qabu eeraniiru. Dhaabbileen konkolaattota elektirikaa fayyadamuun tajaajila taaksii kennan hundeeffamuu isaaniis eeruun; damee dhuunfaa waliin ta’uun tajaajilli geejjibaa dhaqqabamaa taasisuuf adeemsi akka jirus ibsaniiru. Itiyoophiyaan erga konkolaattota elektirikaa hojiirra oolchuu eegaltee as sadarkaan amma irra geesse dorgomtummaa idil-addunyaa ishee guddisa jedhaniiru. Konkolaattota dhuunfaa dabalatee konkolaattota ummataa gara konkolaattoota elektirikaatti jijjiiruun bu’aa gaarii fidaa jiraachuu deetaan ministiraa kun himaniiru. Kunis faayidaa hawaas diinagdee olaanaa qabaachuu himaniiru.
Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 guddina diinagdee hundagaleessa mirkaneessuu keessatti shoora olaanaa qaba
Dec 3, 2025 91
Sadaasa 24/2018(TOI)- Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 guddina diinagdee hundagaleessa mirkaneessuu keessatti shoora olaanaa qabaachuu Ministirri Ministeera Innooveshinii fi Teekinooloojii doktar Ballaxaa Mollaa ibsan. Simpooziyeemiin Kilabii Daayimandii bara 2025 Yunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinneetiin qophaa'e mata duree " Egeree hammataa uumuuf hoggansa Dijitaalaa Addunyaa Cimsuu " jedhuun gaggeeffamaa jira. Haasaa baniinsaa simpooziyeemii kanarratti taasisaniin Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii doktar Ballaxaa Mollaa rakkoolee addunyaa ulfaataa fi walxaxaa ta’an hiikuuf teeknooloojiin carraa fidee dhufuu ibsaniiru. Gama biraatiin teeknooloojii sirnaan fayyadamuu dhabuun qormaata haaraa uumuuf carraa akka qabu hubachiisaniiru. Qormaata kana furuuf biyyoonni tumsa isaanii daran cimsuu qabus jedhan. Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2030 dhiheenya kana ragga’e guddina diinagdee hunda hammate mirkaneessuu fi nageenya lammiilee guddisuu keessatti gahee olaanaa akka qabus cimsanii dubbataniiru. Guddinni dijitaalaa Itiyoophiyaa jajjabeessaa ta’uu eeruun; lammiileen miliyoonaan lakkaa’aman sirna adda baasuu dijitaalaa keessatti hammatamaa akka jiran himaniiru. Babal’inni bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa fi guddinni kenniinsa tajaajila mootummaa elektirooniksiin taasifamu dabalaa jiraachuu himaniiru. Qormaatni iccitii odeeffannoo qabachuu, nageenyi saayibarii, fi hubannoo namtolchee mudatu biyya tokko qofaan furmaata argachuu akka hin dandeenye ibsaniiru. Simpooziyeemiin har'aa kun yeroo marii qofa osoo hin taane gara hojiitti tarkaanfachiisu ta'uu qaba jedhaniiru.
Dhaabbilee fi seektaroonni, hubannoo namtolchee safartuu madaala isaanii gochuu qabu- Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad
Dec 2, 2025 112
Sadaasa 23/2018(T0I)- Ministirri Muummee doktar Abiyyii Ahimad dhaabbilee fi dameen kamuu akka safartuu raawwii hojii fi galmaatti hubannoo namtolchee fayyadamuu akka qaban cimsanii dubbataniiru. "ija mootummaa Ida’amuutiin, guddina dameelee" yaadota Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad leenjii hoggantoota olaanoo Paartii Badhaadhinaa irratti kaasan keessaa tokko damee dijitaalaa kan ilaallatudha. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad dameen dijitaalaa hojiilee hedduu walitti kan fidu ta’uu himuun, mootummaan waraqaa eenyummaa dijitaalaa(Faayidaa), baankii moobaayilaa, fi mala kaffaltii ammayyaa babal’isuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru. Akkasumas, hubannoon namtolchee fi saayinsiin kuwaantum haala jireenya dhala namaa, hojii fi yaada dhala namaa jijjiiraa akka jiran ibsaniiru. Teekinooloojii fudhachuu qabna kan jedhan Muummeen Ministiraa dooktar Abiyyi Ahimad, hubannoon namtolchee humna, oomishaa fi hirmaannaa seera uumamaa irra deebi’ee barreessaa akka jiru ibsaniiru. Dandeettiin biyya keessaa waraqaa eenymmaa biyyaoolessaa (Faayidaa), Paaspoortii, Mesob, Baankii Moobaayilaa, Mala Kaffaltii Ammayyaa, Tajaajila Dijitaalaa Gumurukaa fi Galii, fi Sirna Odeeffannoo Bulchiinsa Faayinaansii Walitti Hidhame (IFMIS) misoomuu fi babal’achuu akka qabus cimsanii dubbataniiru. Dameeleen adda addaa hagam hubannoo namtolcheetti fayyadamaniiru? Jennee madaaluu yoo hin jalqabne, yoo turrellee yoomiyyuu galmaan hin geenyu jedhan. Hojiima kamiifiyyuu teekinooloojii fayyadamuun akka barbaachisu eeruun, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuuf teekinooloojiiwwan adda addaa waliin walitti hidhuun dirqama akka ta’e ibsaniiru. Ministirri Muummee yaada galma tokkoo kan jedhuun ibsa kennaniin ,tokkoon tokkoon magaalaa tajaajila wiirtuu tokkoo(MESOB) banuu akka qabus eeraniiru. Imaammata waraqaa eenyummaa biyyoolessaa 100% guutummaan guutuutti galmaan ga’uuf qabame hojiirra oolchuun akka danda’amu ibsuun, kanaafis caasaan bulchiinsaa hundi cimanii hojjechuu akka qaban cimsanii dubbataniiru. Inishiyeetiiviin Koodaroota Miiliyoona Shan hojii baay’ee murteessaa ta’uu eeruun, jalqabbiin kun 100% milkaa’uu qaba jedhan. Dhaabbileeniifi dameeleen tokkoon tokkoon isaanii hubannoo namtolchee hangam fayyadameera? Kan jedhu galma kaa’uu akka qabanis ibsaniiru. Itti fayyadamni hubannoo namtolchee (artificial intelligence) yoo hin guddanne jijjiiramnii fi walitti hidhamiinsi yaadame dhufuu akka hin danda’amnes hubachiisaniiru. Kalaqaa fi saffisaan, qulqullinaa fi hedduummina galmaan ga’uuf carraaquun hojii ijoo mootummaa ida’amuu ta’uu ibsaniiru doktar Abiyyi Ahimad.
Inistiitiyuutiin saayinsii hawaa fi Ji’oospaashaalii buufataalee itti fufiinsaan odeeffannoo Saatalaayitiirraa fudhatan hojii eegalchiise
Dec 1, 2025 127
Sadaasa 22/2018(TOI)-Inistiitiyuutiin saayinsii hawaa fi Ji’oospaashaalii buufataalee itti fufiinsaan odeeffannoo Saatalaayitiirraa fudhatan kan Finfinnee fi naannoleerratti dhaabaman ifatti hojii eegalchiiseera. Ministeera Misooma Magaalaa fi Bu’uuraalee misoomaatti deetaa mistiraa kan ta’an Fantaa Dajan buufataaleen har’a hojii eegalan jijjiirama magaalota keessatti galmaa’aa jiru cimsuuf gumaacha olaanaa taasisuu isaaniis hubachiisaniiru. Keessattuu magaalota pilaaniin bulchuu fi lafa magaalota keessatti lakkaa’ee galmeessuu, haqaan bulchuu fi qorannoo sirrii ta’uu mirkaneessuu keessatti faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kenniinsa murtee ragaa irratti hundaa’e hojjechuunii fi fayyadamtoonni haala salphaa ta’een tajaajila akka argatan kan taasisu dha jedhaniiru. Gara fuula duraatti Ministeerri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Buufataalee osoo adda hin kutiin odeeffannoo saatalayitii irraa kan fudhatan, ykn ‘’Continious Operating Reference Station (CORS)’’ 14 ijaaruuf hojjechaa jiraachuu ibseera. Deetaan Ministira Innooveeshinii fi Teekinooloojii Muluqan Qaree gama isaaniin akka jedhanitti, tarsiimoon dijitaal Itiyoophiyaa 2025 milkaa’ina misooma dijitaalaaf shoora olaanaa bahateera jedhan. Ijaarsa bu’uuraalee teekinooloojii irratti hojiin bal’aan hojjetamaa jiraachuu hubachiisuudhaan, ministeerichi baay’ina buufataalee saatalaayitii irraa ragaa fudhatan babal’isuuf tumsaan hojjechuu akka itti fufan akeekaniiru. Buufataaleen odeeffannoo fudhatan har’a hojii kan eegalan kunniin teekinooloojii ammayyaatiin kan guutaman ta’uu daarektarri olaanaa Inistityuutii Saayinsii Hawaa fi Ji’oospashaalii doktar Abdiisaa Yilmaa ibsaniiru. Dabalataan buufataaleen kunniin, ogeessota pilaaniif, qorattootaaf, xiinxaltoota sodaa balaaf, ogeeyyii teessuma lafaaf fi tajaajila addaaf ogeessota kaartaa qopheessaniif odeeffannoo yeroo qabatamaa akka argatan kan dandeessisan ta’uu ibsaniiru. Dameewwan qonnaa, industirii, albuudaa fi dameewwan diinagdee biroo ammayyeessuun odeeffannoo gahaa kennuunis bu’aa guddaa akka qabaatan eeraniiru.
Ispoortii
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Misoomni qarqara lageenii magaalichaa nageenyi lageenii akka eegamu gahee olaanaa bahachaa jira
Nov 20, 2025 469
Sadaasa 11 /2018(TOI)-Misoomni qarqara lageenii magaalaa Finfinnee bakka aara galfii fi iddoo bashannnanaan dabalatatti, nageenyi lageenii akka eegamu gochuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jiraachuu jiraattonni magaalichaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti himaniiru. Magaalattii keessatti balfi dhangala’oowwaniin faalame lageenitti gadhiifamuun lageen faalaa turaniiru. Kunis lageen magaalattii jiraattotaaf, lubbu qabeeyyiif akkasumas biqilootaaf faayidaa kennuun ala, akka sodaatti ilaamaa turani. Miidhaawwan kunneen hambisuuf, magaalittiin misooma koriidaraa jalqabdeen, lageen kanaan dura akka sodaatti ilaalaman yeroo ammaa nageenyi isaanii eegamee bakka bashannaa ta’aniiru. Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa hawaasa naannoo qarqara lageenii bashannanan dubbiseen, misoomni qarqara legeenii kanaan dura sodaa hawaasaa ture yeroo ammaa bakka aara galfii fi bakka bashannanaa ta’uun dabalatatti miidhagina magaalittiif shoora olaanaa bahachaa jiraachuu himaniiru. Obbo Marsaa Baqqalaa fi obbo Girmaayee Fissahaa turtii TOI waliin taasisanin akka jedhanitti, misoomni qarqara lageenii kanaan dura lageen bakka itti balfi gatamu ta’uu fi karaa sana darbuunuu rakkisaa ture wayita ammaa garuu misoomee arguun hedduu kan isaan gammachiise ta’uu dubbataniiru. Misoomni koriidaraa qarqara lageenii kunniin magaalaa Finfinnee miidhagduu akkuma maqaashee taasisaa jiraachuu eeraniiru. Hojiin misooma koriidaraa, kun lageenii fi naannoo isaanii miidhagsuu fi qulqulluu taasisuu qofa osoo hin taanee, muuxannoo fi dandeettii Itiyoophiyaanonni kunuunsaa fi eegumsa naannoo irratti qaban kan mul’ise ta’uu kan ibsan immoo Gaaddisaa Waaqjiraadha. Misooma koriidaraa qarqara lageeniin, bakkeewwan bashannanaa mijatoo hedduun daa’immanii fi dargaggootaaf oolan ijaaramaniiru kan jedhan immoo dargaggoo Solomoon Daawitii fi Abdii Malkaamuudha. Bakki bashannanaa kun yeroo keenya bakka hin taanetti akka hin dabarsineef nu gargaaruun, qilleensa qulqulluu afuura baafachaa, gammachuu guddaa argachuuf carraa nuuf baneera jedhan.  
Biqiloota Sagantaa Ashaaraa Magariisaan Ganna darbe dhaabne kunuunsaa jirra-Qonnaan bultoota
Nov 18, 2025 419
Sadaasa 9/2018(TOI)-Biqiloota Sagantaa Ashaaraa Magariisaan Ganna darbe dhaaban kunuunsaa jiraachuu qonnaan bultoonni Godina Shawaa Lixaa himan. Qonnaan bultoonni kunniin biqiloota sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaaban irraa faayidaa hedduu argachaa jiraachuu himuun, kunuunsa isaa irrattis xiyyeeffannoon hojjecha jiraachuu dubbataniiru. Qonnan bultoonni aanaa Calliyaa obbo Asfawuu Dinquu fi obbo Fayisaa Qananii, waggoottan darban Sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiloota dhaabuun isaanii lafa qullaa hafee ture damdamachiisuun dabalatatti, oomishaa fi oomishtummaa isaanii kan dabale ta’uu Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti himaniiru. Kanaan dura lafti qonnaa isaanii biyyeen lolaan dhiqamee manca’aa ture, wayita ammaa garuu furmaata argachuu dubbataniiru. Yeroo ammaa kanattis midhaan dheedhii adda addaa oomishaa jiraachuu eeruun qonnaan bultoonni kunnin, biqiloonni sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaabaman gabbina biyyee dabaluun, miidhagina naannoofis shoora olaanaa bahachuu dubbataniiru. Kanaan dura osoo sagantaan Ashaaraa Magariisaa hin eegalamiin dura, roobni waktiisaa eegee hin roobu ture; amma garuu roobni waqtiisaa eegee akka roobuu fi roobni waktii malee roobees balaa akka hin geessifne nu gargaaruun oomishaa fi oomishtummaa keenya dabaleera jedhan qonnaan bultoonni kunniin. Qonnaan bultoonni kunniin hawaasa naannoo isaanii hirmaachisuun, hojii kunuunsa biyyee, daagaa hidhuu hojjetaniinii fi kunuunsa biqiloota dhaabamaniif taasisaniin jijjiirama fidaa jiraachuu himaniiru. Itti aanaa bulchaa aanaa Calliyaa fi hogganaan Waajjira Qonnaa fi Bulchiinsa Lafaa aanichaa, obbo Hinnahuu Tashoomaa akka jedhanitti, hojii misooma magariisaa godinicha keessatti hojjetamaa jiru keessatti hirmaannaan hawaasaa guddachaa kan dhufe ta’uu ibsaniiru. Aanichatti sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiloonni dhaabaman, kunuunfamaa jiraachuu dubbataniiru. Aanichatti erga sagantaan dhaabbii biqilootaa Ashaaraa Magariisaan eegalamee as qabeenyi uumamaa naannoo sanaa miidhagee, haalli qillensaa toluun dabalatatti qonnaan bultoonnis oomishaa fi oomishtummaan isaanii dabaluu himaniiru. Sagantaa misooma Ashaaraa Magariisaa aanicha keessatti adeemsifameen, biqiltuuwwan biyya keessaa dhaabuun, dabalatatti biqiloota soorataaf oolan kanneen akka maangoo, muuzii, avokaadoo fi buna dhaabuun qonnaan bultoonni faayidaa olaanaa irraa argachaa jiraachuu eeraniiru obbo Hinnahuun.
Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa Dhaabbata Mootummoota gamtoomanii (Cop-32) akka keessummeessitu filatamuunshee Itiyoophiyaa fi Afriikaaf seenaa qabeessadha- Dura taa’aa Komishinii Gamtaa Afriikaa
Nov 15, 2025 411
Sadaasa 6/2018(TOI)- Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (Cop-32) akka keessummeessitu filatamuunshee Itiyoophiyaa fi Afriikaaf seenaa qabeessa jechuun Durataa’aan Komishinii Gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yusuuf ibsan. Durataa’aan kun Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa Dhaabbata Mootummoota gamtoomanii (Cop-32) akka keessummeessitu filatamuusheen ergaa baga Gammaddanii dabarsaniiru.   Murtichi Ityoophiyaa fi Afriikaaf seenaa qabeessa ta’uu dura taa’aan kun ibsuun, kunis kutannoo hin jijiiramne tarkaanfii Afriikaan jijjiirama haala qilleensaaf qabdu argisiisa jedhaniiru. Itiyoophiyaan karaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin qooda hoggansa haala jijiirama qilleensaa qabdu ajaa’ibsiifataniiru. Itiyoophiyaan bosona hedduu deebisanii misoomsuu fi Ashaaraa Magariisaa dabalatee tarkaanfiiwwan eegumsa naannoo cimaa fudhachaa jiraachuu ibsaniiru. Itiyoophiyaan Taateewwan Idil-Addunyaa milkaa’inaan keessummeessuun humna dilbii qabaachuushee kaasuun yaa’iiwwan Ardii fi Idil-Addunyaa gurguddoo keessummeessuuf dhaabbatummaa cimaa fi muuxannoo qabdi jedhaniiru. Teessoo Gamtaa Afriiklaa fi Gidduugala Dippiloomaatii Addunyaa kan taate magaalaan Finfinnee yaa’icha akka keessummeessitu filatamuunshee qooda tumsa Gidduugala Idil-Addunyaatti Qabdu Caalaatti akka Guddisuus Ibsaniiru. Komishinichi Itiyoophiyaa, hammattoo jijjiirama haala qilleensaa dhaabbata mootummoota Gamtoomanii (UNFCCC) fi deeggartoota waliin ta’uun (Cop-32) hunda hirmaachisaa fi bu’aa qabeeessa gochuun xiyyeeffannoo duraa haala jijiirama qilleensa Afriikaa caalaatti tarkaanfachiisuu fi Tumsa Idil- Addunyaa cimsuuf dhiheenyatti akka hojjetu ibsuusaanii Gamtichi odeeffannoo TOI’f ergeen ibseera. Yaa’iin haala Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 32ffaan (cop-3o) Biraazil Belemittigaggeeffamaa jiruun Itiyoophiyaan A.L.A bara 2027 gaggeeffamu (cop-32) akka keessumeessitu filatamteetti. Biyyoonni Afriikaa (COP-32) Itiyoophiyaatiif feedhii keessummeessuuf deeggarsasaanii guutuu kennuunsaanii ni yaadatama.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 15744
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 466
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015