ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Yaa’iin idilee Caffee Oromiyaa boru Adaamaatti taa’ama
Jul 18, 2025 114
Adoolessa 11/2017 (TOI)- Yaa’iin idilee 9ffaa waggaa 4ffaa bara hojii 6ffaa Caffee Oromiyaa boru magaalaa Adaamaatti akka taa’amu ibsame. Af-yaa’iin Caffee Oromiyaa Adde Sa’aadaa Abduraahimaan ibsa har’a kennaniin akka jedhanitti, yaa’iin kun ajandaawwan garagaraa irratti mari’achuun murteewwan nidarbu. Gabaasni raawwii hojii mootummaa naannichaa bara bajataa xumurame, karroorri bara bajataa 2018 fi gabaasni hojii waajjira Caffee dhihaatee mariin taasifamee akka mirkanaa’u af-yaa’iin kun ibsaniiru. Nagaa fi tasgabbiin, raawwiin hojii misoomaa, bulchiinsa gaarii fi kenniinsi tajaajilaa dhimmoota ijoo yaa’ii Kanaan xiyyeeffannoon kennameef ta’uu af-yaa’iin kun ibsaniiru. Akkasumas argannoon Odiitii, karoorrii fi raawwiin waggaa mana murtii waliigalaa mana mareef dhihaatee mariin akka taasifamu beeksisaniiru. Gabaasni deeggarsaa fi hordoffii koree dhaabbataa Caffee mana mareef dhihaatee mariin nitaasifama jedhaniiru. Dabalataanis yaa’iin kun oolmaa guyyaa lamaatiin bajata naannichaa bara 2018 fi ajandaawwan biroorratti mari’atee nimirkaneessa jedhaamee akka eegamu af-yaa’iin Sa’aadaa Abdurahimaan dubbataniiru.
Guddina Ariifataa Hunda Galeessa Mirkaneessuuf dhaloota sammuu fi qaamaan dagaage ijaaruu qabna- Kantiibaa Adaanech Abeebee
Jul 18, 2025 61
Adoolessa 11/2017(TOI)-Guddina saffisaa damee hundaan mirkaneessuuf dhaloota Sammuu fi Qaamaan dagaage Ijaaruun murteessaa ta’uu Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee ibsan. Kantiibaa Adaanech guyyaa har’aa Pirojektoota Barnoota 150 Magaalaa Finfinnee bakka adda addaatti ijaaraman eebbisaniiru. Kantiibaa Adaanech Abeebee wayita kana ergaa dabarsaniin, guddina saffisaa damee hundaan mirkaneessuuf dhaloota sammuu fi qaamaan guddate ijaaruu qabna jedhaniiru. Dhaloota Sammuuu fi Qaamaan guddate ijaaruuf Barnoonni Qulqullina qabu murteessaa ta’uu Ibsaniiru. Bulchiinsi Magaalichaa Bara Baajataa xumurametti birrii biiliyoona 5 tuqaa 2 baasii gochuun Pirojektoota Barnootaa150 ijaaruun eebbaaf geessisuu dubbataniiru. Bu’uuraalee Misooma Barnootaa eebbifaman keessaa14 haaraa yoo ta’an kan hafan babal’isuu ta’uu dubbataniiru. Pirojeektonni kunnneen qulqullinaa fi dhaqqabamummaa Barnootaa Mirkaneessuuf gahee olaanaa akka bahan hubachiisaniiru. Hogganaan Biiroo Barnoota Bulchiinsa Magaalichaa Dr. Zalaalem Mulaatuu gama isaaniin, tarkaanfiiwwan fooyya’insaa gama Barnootaan fudhataman bu’aa buusuu isaanii dubbataniiru. Qondaaltonni Olaanoon Bulchiinsa Magaalichaa fi keessummooni waamichi taassifameef sirna eebbaa kana irratti argamaniiru.
Tarsiimoon Dijiitaalaa Itiyoophiyaa 2030 beekumsa Dijiitaalaa babal’isuun, humna raawwachiisummaa dhaabbiilee guddisuu irratti kan kaayyeffatedha-Ministira Ballaxaa Mollaa
Jul 18, 2025 34
Adoolessa 11 /2017(TOI)-Tarsiimoon Dijiitaalaa Itiyoophiyaa 2030 beekumsa Dijiitaalaa babal’isuun, humna raawwachiisummaa dhaabbiilee fi namoota dhuunfaa guddisuu kaayyoo furtuu godhachuusaa Ministirri Innooveeshinii fi Teekinooloojii Dr, Ballaxaa Mollaa ibsan. Ministeerri Innooveeshinii fi Teekinooloojii sanada Imaammata ‘’Dijiitala Itiyophiyaa 2030” irratti qooda fudhattoota waliin marii gaggeessaa jira. Ministirichi wayita kana akka ibsanitti, Imaammata Dijiitaalaa Itiyoophiyaa 2030 Milkaa’inoota Imaammata Dijiitaalaa Itiyoophiyaa 2025 argaman irratti bu’uurefame gudiina Dijiitaalaa haaraa adda addaa irratti xiyyeefannoo kan godhatedha. Imaammanni kun yaad-rimeewwan hubannoo nam-tolchee fi bu’uuraalee misooma dijiitaala ummataa irraa kaasee hanga Magaalota Ismaartii, Daldalaelektirooniksii Daangaa Qaxxaamuraa fi birmadummaa dijiitaalaa hammatee kan qophaa’e ta’uu ibsaniiru. Imaammatichi Teekinooloojii Fayyadamuun carraa hojii uumaman, misooma haqa qabeessaa fi hirmachisaa, akkasumas badhaadhina hunda galeessa kaayyoo godhatee kan diriirfame ta’uu dubbataniiru. Kaayyoon ijoo tarsiimoo kanaa keessaa Beekumsa Dijiitaalaa babal’isuun humna raawwachiisummaa dhaabbilee fi nama dhuunfaa ijaaruun tokko akka ta’e ibsaniiru. kaayyoowwan tarsiimoo kanaa keessaa tokko, Guddina Dinagdee Dijiitaalaa Hirmaachisaa ta’e saffisiisuu,dhaqabummaa Dijiitaalaa waliigalaa guddisuun, Itiyoophiyaan Invastimantii Dijiitaalaa Alaaf kallattiin filatamtuu akka taatu ta’uu ibsaniiru. Itti dabaluunis, ragaa biyyaa fi haala Teekinooloojii Idil-Addunyaa akkasumas fedhii Misoomaa Biyyoolessaa, odeeffannoo bu’uura godhate walitti qabuu fi xiinxaluun utubaa misooma dijiitaalaa fi kallattiiwwan xiyyeeffannoo adda kan baase ta’uu ibsaniiru.
Barri bajataa haaraan bara tarkaanfiiwwan haaraa imala bayyanannaa keenya cimsan galmeessisuuf waloomaan itti hojjennudha-itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa
Jul 18, 2025 58
Adoolessa 11/2017(TOI)-Barri bajataa 2018 bara tarkaanfiiwwan haaraa imala bayyanannaa keenya cimsan galmeessisuuf waloomaan itti hojjennudha jedhan itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan ministira muummee ergaa fuula marsariitiirratti dabarsaniin karoora bara 2018 raawwii bara bajataa 2017 ka’umsa godhachuun qophaa’e irratti hooggantoota dhabbilee federaalaa waliin mari’atamaa akka jiru ibsaniiru. Barri bajataa 2017 gama hedduun dacha seenaa badhaadhinaati kan jedhan itti aanaan ministira muummee, barri kun dhugumayyuu ka’umsa bara bayyanannaa Itiyoophiyaa ture jedhaniiru. Karoorri bara 2018 raawwii gaarii kanneen ka’umsa kan godhatu ta’uu ibsaniiru. Bara bajatichaatti riifoormii dinagdee Goroo guutuu gochuun cabiinsa turan suphineerra jechuun dubbatan. Hidha haromsaa xumurreerra kan jedhan itti aanaan ministira muummee Pirejektii keenya gaaziis xumurraa jirra jedhan. Misoomni kooriidarii magaalota keenyatti jalqabne bu’aa fiduu jalqabaniiru kaan jedhan iti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa,kooriidarii baadiyyaas eegalleerra jechuun ibsaniiru. Galmoonni keenya bara bajataa 2018 raawwii gaarii kanneen ka’umsa kan godhatan, kan dabre caalaa hojjechuu gaafata jechuun hubachiisan iiru. Qofaa fiiguu qofa osoo hinta’iin qindoomina cimaa barbaadu jedhaniiru. Har’a Itiyoophiyaan nuharka jirti kan jedhan itti aanaan ministira muummee bara bajataa haaraa injifannoowwan caalan galmeessisuun qaama dhaloota bayyanachuu Itiyoophiyaa labsuu akka taane amannee milkaa’ina caaluuf cimnee hojjehuu qabna jedhaniiru.
Mootummaan Humna Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa cimsuuf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jira- Dr.Laggasaa Tulluu
Jul 17, 2025 224
Adoolessa 10 /2017(TOI)- Mootummaan Humna Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa cimsuuf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jiraachuu Ministirri Tajaajila Koominikeeshinii mootummaa Dr.Laggasaa Tulluu ibsan. Ministirri Tajaajila Koominikeeshinii mootummaa Dr.Laggasaa Tulluu, Hoggantootaa fi Hojjettoota Tajaajila Oduu Itiyoophiyaaf haala yeroo biyyaa irratti ibsaa fi kallattii hojii fuulduraa kennaniiru. Ministirichi Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa guutuu Itiyoophiyaa Keessatti Odeeffannoo Waytaawaa, Barbaachisaa, fi amanamaa ta’e akka dhaqqabamu taassisa jiraachuu ibsaniiru. Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa Jabaachuun Miidiyaan Itiyophiyaa jabaachuudha kan jedhan Ministirichi, kunis Miidiyaaleen Odeeffannoo barbaachisaa, sadarakaa isaa eeggatee fi guutuu ta’e akka argatan kan taassisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan Tajaajila Oduu Cimaa qabaachuu qaba jedhee akka amanuu fi kanaanis Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa cimsuuf hojjechaa jiraachuu dubbataniiru. Tajaajilli oduu cimaan jiraachuun guddina damee Miidiyaa Biyya keessaaf qooda murteessaa qaba jedhaniiru. Kanaaf Tajaajilli oduu Itiyophiyaa humna isaa cimsuuf hojii eegale cimsee akka itti fufu hubachiisaniiru.
Siyaasa

Mootummaan Nageenya Fulla’aa fi Tokkummaa Biyyoolessaaf Xiyyeeffannoon Hojjechaa jira-Ministira Dr. Laggasaa Tulluu
Jul 17, 2025 146
Adoolessa 10 /2017(TOI)-Mootummaan Nageenya Fulla’aa fi Tokkummaa Biyyoolessaaf Xiyyeeffannoon Hojjechaa jiraachuu fi kanaafis bu’uurri amansiisaan kaa’amuu Ministirri Tajaajila Koominikeeshinii Mootummaa Dr.Laggasaa Tulluu ibsan. Ministirri Tajaajila Koominikeeshinii Mootummaa Dr.Laggasaa Tulluu Hoggantootaa fi hojjettoota Tajaajila Oduu Itiyoophiyaaf Dhimmoota yeroorratti ibsaa fi kallattii hojii fuuldura kennaniiru. Ministirichi ibsa isaaniin, sirna siyaasaa tas-gabbaa’aa ta’eef bu’uura kaa’uu, dhaabbiilee walaba ta’an ijaaruu, Sirna Siyaasaa Maammaltummaaf hin mijoofne uumuu irratti hojiin bu’aa qabeessa hojjetamuu ibsaniiru. Dabaluunis Ministirichi Mootummaan Nageenya fulla’aa qabuu fi Tokkummaa Biyyoolessaaf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsuun, kanaafis bu’uuurri Amansiisaan kaa’amuu dubbataniiru. Mootummaan seenessi baaqqee biyyaaf kan hinfayyadne ta’uu hubachuun yaadama seenessa waloo hordofuun hojjechaa jiraachuu dubbataniiru. Cabinsa Dinagdee Gooroo suphuuf Riifoormii Dinagdee mandhaalee hojiirra oolchuun milkaa’inni galmaa’uu danda’uu dubbataniiru. Riifoormiin Diinagdee Gooroo waggoota darban taassifame Dinagdeen Itiyoophiyaa akka bayyanatu gochuu beeksisaniiru. Fuuldurattis Omishtummaa guddisuu, Riiformii Dinagdee gooroo guutuu caalaatti guddisuu, Galii Guddisuu, Jireenya Lammiilee fooyyessuu fi hojiilee misoomaa eegalaman xumuruun Kallattiiwwan Xiyyeeffannoo Mootummaati jedhaniiru.
Hojiileen akka biyyaatti fakkeenya ta’an naannichatti hojjetamaa jiru-Obbo Adam Faaraah
Jul 17, 2025 122
Adoolessa 10/2017(TOI)- Hojiileen akka biyyaatti fakkeenya ta’an naannoo Harariitti hojjetamaa jiru jedhan itti aanaan pirezidaantii paartrii badhaadhinaa fi sadarkaa itti aanaa ministira muummeetti hoogganaan jiddu gala qindeessaa ijaarsa sirna demokiraasii Obbo Adam Faaraah. Obbo Adam Faaraah waajjiraalee paartii naannoo Hararii aanaalee salganuu keessatti ijaaraman eebbisanii bananiiru. Naannoo Harariitti Jijjiiramaan asitti guddinni olaanaan galmaa’uu arguusaanii dubbatan obbo Adam Faaraah. Yeroo ammaa naannichatti hojiileen akka biyyaatti fakkeenya ta’uu danda’an hojjetamaa jiraachuu eeranii, kanaaf ammoo tokkummaan hooggansaa fi ummataa qooda guddaa bahaa akka jiru himaniiru. Gamoowwan aanaa salganuu keessatti karaa baasii qusatuun ijaaraman sirna hooggansa pirojektii paartichaa qabatamaatti kan mul’ise ta’uu eeraniiru. Bulchaan naannoo Hararii Ordiin Badrii gamasaaniin, injifannoowwan gurguddoon akka biyyaatti argaman imaammattoonni paartii badhaadhinaa sirrii ta’uusaanii fi fudhatamni ummata biratti qaban agarsiiftuu ta’uu kaasaniiru. Hambaan idil addunyaa Jagol balaarra ture kan yaadama ida’amuu fi tokkummaa fi xiiqii hooggansaan hojjetame eeraniiru. Gaaffii misoomaa ummanni gaafatu deebisuun oomishtummaa guddisuun hojiileen bu’a qabeessi hojjetamuusaanii fi misoomni kooriidariis jajjabeessoo ta’uu kaasaniiru. Itti aantuun bulchaa naannichaa Roozaa Umar dabalatee hooggantoonni federaalaa fi naannoo biroon sagantaa eebbaa kanarratti argamaniiru.
Labsiin filannoo, galmee paartilee siyaasaa fi Naamusa filannoo Itiyoophiyaa fooyyessi taasifameef mirkanaa’e
Jul 17, 2025 124
Adoolessa 10/2017 (TOI)-Manni maree bakka bu’oota ummataa walgahii ariifachiisaa lammaffaa har’a taa’een labsii filannoo, galmee paartilee siyaasaa fi Naamusa filannoo Itiyoophiyaa fooyyessi taasifameef mirkaneesseera. Labsiin kun keewwata 26 akka qabu kan ibsame yoo ta’u, hirmaannaa siyaasaa dubartootaa fi qaama miidhamtootaa guddisuu akka dandeessisu ibsameera. Mana maree bakka bu’oota ummataatti walitti qabaan koree dhaabbataa dhimmoota demokiraasii Iwunatee Allenee, gabaasaa fi yaada murtee fooyyessa labsii dhiheessaniiru. Labsichi filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa karaa hirmaachisaa, demokiraatawaa fi ifaa ta’een gaggeessuuf akka gargaarutti fooyya’uusaa kaasaniiru. Keewwata fooyyeffaman keessaa hirmaannaa filannoo dubartootaa fi qaama miidhamtootaa, akkaataa komiin itti dhihaatuu fi fayyadamni teeknooloojii keessatti argamu jdhaniiru. Labsiin fooyya’e dirree siyaasaa bal’isuun dhimma filannoo hoogganuuf haala mijataa ni’uuma jedhn walitti qabaan koree dhaabbataa. Adeemsa filannoo walxaxaa ta’e teeknooloojiin deeggaruun filannoo ifaa fi kan baasii qusatu adeemsisuu akka dandeessisu kaasaniiru. Miseensonni mana marees yaada garagaraa labsii fooyya’erratti xiyyeeffatamuu qaba jedhan kaasuun morii lama, qoqqobbii afur sagalee caalmaan mirkanaa’eera.
Naannoo Harariitti Gamoowwan WaajjirraDamee Paartii Badhaadhinaa Aanaalee hunda keessatti Ijaaraman Eebbifamaa jiru
Jul 17, 2025 117
Adoolessa10/2017(TOI)-Naannoo Harariitti Gamoowwan Waajjirra Damee Paartii Badhaadhinaa Aanaalee hunda keessatti Ijaaraman Eebbifamaa jiru. Eebbi Gamoowwan Waajjira Damee Paartii Badhaadhinaa Naannichaa Aanaalee Saglan keessaatti Ijaaraman Itti Aanaa Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa fi Sadarkaa Itti Aanaa Ministira Muummeetti Hogganaa Gidduugala Qindeessaa Ijaarsa sirna Demokiraasii Obbo Adam Faaraah bakka argamanitti raawwateera. Gamoowwan kuneen Aanaalee Baadiyaa sadii fi kan Magaalaa jaha keessatti Qulqullinaa fi Hirmaannaa Hawaasaan yeroo gabaabaa kessatti kan ijaaraman ta’uun ibsameera. Waajjiraaleen Hirmaannaa ummataa fi Miseensaan Ijaaramanii xumuraman ergamaa fi sagantaawwan paartichaa gara ummataatti buusuuf ni gargaara jedhaniiru. Sagantaa eebbaa kanaratti pirezidaantii naanichaa Ordiin Badiriin dabalatee waajjira muumichaa paartii badhaadhinaa fi qondaaltonni waajjira dameelee, akkasumas hoggantoonni olaanoon naannichaa argamaniiru. Obbo Adam Faarah fi Qondaaltonni Olaanoon Mootummaa fi Paartii hojiilee Misoonaa Naannichatti raawwataman ni daawwatu jedhameetu eegama.
Miidiyaaleen seenessoota biyya ijaaran kan baratti darbanirratti xiyyeeffatanii hojjechuu qabu
Jul 16, 2025 200
Adoolessa 09/2017(TOI)- Miidiyaaleen seenessoota biyya ijaaran kan baratti darbanirratti xiyyeeffatanii hojjechuu akka qaban pirezidaantiin akkaadaamii ga’oomaa hooggansa Afriikaa obbo Zaadiig Abrihaa ibsan. pirezidaantiin akkaadaamii ga’oomaa hooggansa Afriikaa obbo Zaadiig Abrihaa Hoogantootaa fi galaalchota tajaajila Oduu Itiyoophiyaaf leenjii kennaa jiru. Miidiyaaleen odeeffannoo dhiheessuun gamatti hojiilee jijjiirama bu’uraa fidan hojjechuu akka qaban ibsan obbo Zaadiig. Miidiyaaleen hojiiwwan galaalchummaa biyya ijaaruu fi galma biyyaalessaa waloof lammiileen tokkummaan akka dhaabatan godhanirratti xiyyeeffachuu qabu jedhaniiru. Miidiyaaleen ijaarsa biyyaaf qooda ijoo akka qaban eeranii, hojii kana gama si’oomsuutiin qooda ijaaraa bahuu akka qaban kaasaniiru. Galaalchonnis oduu guyya guyyaarra darbee hojii dhiibbaa uumuu danda’u hojjedheeraa? Jechuun dhimmoota fulla’insa qabanirratti xiyyeeffachuun akka ofga’oomsan himaniiru. Miidiyaaleen rakkoolee agarsiisuu qofa osoo hinta’iin furmaata fiduu qabu kan jedhan pirezidaantichi, hojiin ijaaraa galaalchummaa gumaacha akka qabu dubbataniiru. Gabaasni miidiyaalee abdii kan namatti horanii fi ifa kan agarsiisan ta’uu ta’uu akka qaban dubbataniiru. Akkuma riqichi walitti nama fidu seenessi sammuu namootaa walitti fida kan jedhan pirezidaantichi, miidiyaaleen seenessa waloorratti xiyyeeffachuun biyyii fi mootummaan walitti dhiheenyaan akka hojjetan haala mijataa uumuu akka qaban kaasaniiru. Galaalchonni seenessoota baratti darban bocuun, sagalee ummataa ta’uun akkasumas dhaabbilee gama cimsuutiin qooda murteessaa qabu jedhaniiru. Keessummaa odeeffannoo sirrii fi haqaa lammiilee qabsiisuun akkasumas hubannoosaanii guddisuun faayidaa fi fedhii biyyasaaniif akka dhaabatan gochuuf ittigaafatama guddaa qabu jedhaniiru. Galaalchaan qormaataa fi rakkoof osoo hinjilbeeffatiin onneerraa hojjechuun hojiilee biyya ijaaranii fi dhaloota qaran hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru.
Manni maree ministirootaa karoora misooma biyyaalessaa fi sektarootaa bara 2018 bakka ministirri muummee Dr.Abiyyi Ahimad argamanitti qorachuu eegale
Jul 14, 2025 394
Adoolessa 07/2017 (TOI)- Manni maree ministirootaa karoora misooma biyyaalessaa fi sektarootaa bara 2018 bakka ministirri muummee Dr.Abiyyi Ahimad argamanitti qorachuu eegaleera. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Bara 2017 guddinni mul’atuu fi imalli guddinaa bara 2018 dhufuuf ittifufuuf bu’ura cimaa ta’u galmaa’uusaa ergaa fuula marsariitiisaaniirratti barreessaniin ibsaniiru. Kana ka’umsa godhachuun Manni maree ministirootaa karoora guutuu sektaroota hundaa bara 2018 fi karoora misoomaa biyyaalessaa qorachuu eegaluusaa dubbataniiru.Ministirri muummee fi miseensonni mana maree ministirootaa qorannoo fi mariin cinaatti asharaa magariisaa kaa’uusaanii eeraniiru.

Hawaasummaa
Guddina Ariifataa Hunda Galeessa Mirkaneessuuf dhaloota sammuu fi qaamaan dagaage ijaaruu qabna- Kantiibaa Adaanech Abeebee
Jul 18, 2025 61
Adoolessa 11/2017(TOI)-Guddina saffisaa damee hundaan mirkaneessuuf dhaloota Sammuu fi Qaamaan dagaage Ijaaruun murteessaa ta’uu Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee ibsan. Kantiibaa Adaanech guyyaa har’aa Pirojektoota Barnoota 150 Magaalaa Finfinnee bakka adda addaatti ijaaraman eebbisaniiru. Kantiibaa Adaanech Abeebee wayita kana ergaa dabarsaniin, guddina saffisaa damee hundaan mirkaneessuuf dhaloota sammuu fi qaamaan guddate ijaaruu qabna jedhaniiru. Dhaloota Sammuuu fi Qaamaan guddate ijaaruuf Barnoonni Qulqullina qabu murteessaa ta’uu Ibsaniiru. Bulchiinsi Magaalichaa Bara Baajataa xumurametti birrii biiliyoona 5 tuqaa 2 baasii gochuun Pirojektoota Barnootaa150 ijaaruun eebbaaf geessisuu dubbataniiru. Bu’uuraalee Misooma Barnootaa eebbifaman keessaa14 haaraa yoo ta’an kan hafan babal’isuu ta’uu dubbataniiru. Pirojeektonni kunnneen qulqullinaa fi dhaqqabamummaa Barnootaa Mirkaneessuuf gahee olaanaa akka bahan hubachiisaniiru. Hogganaan Biiroo Barnoota Bulchiinsa Magaalichaa Dr. Zalaalem Mulaatuu gama isaaniin, tarkaanfiiwwan fooyya’insaa gama Barnootaan fudhataman bu’aa buusuu isaanii dubbataniiru. Qondaaltonni Olaanoon Bulchiinsa Magaalichaa fi keessummooni waamichi taassifameef sirna eebbaa kana irratti argamaniiru.
Raayyaa ittisaa daangaa biyyaa tiksuuf dhiiga arjoomuun tumsa agarsiisuu keenyatti niboonna-hooggantoota mootummaa olaanoo
Jul 17, 2025 153
Adoolessa 10/2017(TOI)- Raayyaa ittisaa daangaa Itiyoophiyaa tiksuuf dhiiga arjoomuun tumsa agarsiisuu keenyatti niboonna jedhan hooggantoonni mootummaa olaanoon. Hooggantoonnii fi hojjettoonni ministeera ittisaa, haqaa, nageenyaa fi dhaabbileen ittiwaamamtootaamooraa muummee qajeelcha waliigalaa ministeera ittisaa qaama tajaajila tola ooltummaa kan ta’e sagantaa dhiiga arjoomuu gaggeessaniiru. Hoggantoonni kunneen dhiiga arjoomuun gamatti biqiltuu dhaabaniiru. Ministirri ittisaa Injiinar Ayishaa Mahaammad, sagantaan tajaajila tola ooltummaa kun kan qophaa’e tumsa raayyaa ittisaaf qabnu ibsuufi jedhaniiru. Ministirri haqaa Haannaa Ar’ayasillaasee gamasaaniin, sagantaan dhiiga arjoomuu kun raayyaa ittisa biyyaa daangaa biyyaa kabachiisuuf tumsa agarsiisuuf kan gaggeeffamedha jedhaniiru. Hawaasni hundi dhooga arjoomuun gocha gaarii kanarratti hirmaachuu akka qabu dubbataniiru. De’eetaan ministira Haqaa Balaayihun Yirgaa,raayyaa ittisaa aarsaa lubbuu kaffaluuf dhiiga arjoomuun koo nanboonseera jedhan. De’eetaan ministira ittisaa Maartaa Luwiij akka ibsanitti, raayyaa daangaa, tasgabbii fi nageenya biyyaaf aarsaa kaffalaa jiruuf dhiiga arjoomuun sirriidha jedhan. De’eetaan ministira haqaa Dr. Ermiyaas Yemaanebiraan gamasaaniin, dhiiga kanin arjoome tumsan raayyaa ittisaaf qabu agarsiisuufi jedhan. Raayyaa ittisa biyyaa birmadummaa Itiyoophiyaa kabachiisuuf dhiiga arjoomuun koo naboonseera kan jedhan daarektara olaanaa abbaa taayitaa dhabbilee hawaasa siviilii Saamsoon Birraatuudha. Hooggantoonni dhiiga arjoomuutti aansuun mooraa muummee qajeelcha waliigalaa ninisteera ittisaa keessa ashaaraa magariisaa kaa’aniiru.
Sirni Buusaa Gonofaa humna ofiin deeggarsa namoomaa taasisuuf haala mijataa uumaa jira-obbo Awwaluu Abdii
Jul 17, 2025 121
Adoolessa 10/2017(TOI)- Sirni Buusaa Gonofaa naannoo Oromiyaatti hojeeffamaa jiru humna ofiin deeggarsa namoomaa taasisuuf haala mijataa uumaa jiraachuu itti aanaan pirezidaantii naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii ibsan. Sirni Buusaa Gonofaa sirna Gadaarraa kan madde mala dur ummanni Oromoo ittiin walgargaaru yoo ta’u, mootummaan nannoo Oromiyaa bu’ura seeraa kenneefii hojiirra oolchaa jira. Sirni kun miseensota hedduu horachaa kan jiru yoota’u yaa’iin waliigalaa marsaa 2ffaa miseensotaa har’a Adaamaatti gaggeeffameera. Obbo Awwaluu Abdii yaa’icharratti akka jedhanitti, buusaa Gonofaan yeroo balaawwan uumamaa fi namtolcheen mudate duudhaalee aadaa waldeeggarsaa fi dafanii qaqqabuu guddisuuf yaadamee mootummaa naannichaan kan hundeeffamedha. Dhaabbatichi dhaabbatee yeroo gabaabaa keessatti miseensota miiliyoona 27 horachuun hojiilee hedduu hojjechaa jira. Kanneen keessaa lammiilee balaa uumamaa fi namtolcheen rakkoorra bu’an deeggarsa balaa tasaa ittisuu kennuusaa eeraniiru. Mala balaa hir’isu baasuun hojiileen misooma nyaata loonii heektaar miiliyoona sadii, bishaan dhugaatii namaa fi loonii, jallisii xiqqaa, eegumsa biyyoo fi bishaanii fi rakkoolee walfakkaatan furuu danda’an raawwatamuu isaanii dubbataniiru. Barattoota naannichaa miiliyoonaan lakkaa’aman sagantaa soorata barattootaa akka fayyadaman taasisuusaa ibsaniiru. Buusaa Gonofaan miseensotarraa deeggarsa walitti qabuun cinaatti madda galii fulla’aa uumuuf misooma qonnaa ammayyaarratti akka hirmaatu mootumman naannichaa lafa heektaara kuma 43 kennuusaa ibsaniiru. Haala Kanaan Buusaa Gonofaan Gufuuwwan uumamaa fi namtolcheef humna ofiin gargaarsa namoomaa gochuuf haala mijataa uumaa akka jiru dubbataniiru. Karoorri Buusaa Gonofaa fi walabummaa nyaataa mirkaneessuuf qabame akka milkaa’u hooggantoonni sadarkaan jiran kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru. Walitti qabaan yaa’ii walii gala miseensota Buusaa Gonofaa ambaasaaddar Alamaayyoo Taganuu gamasaniin, Buusaa Gonofaa Oromiyaan dhaabbata mootummaa, duudhaa aadaa Oromoo bu’uureffatee lakkoofsa labsii 244/2014 ‘n hundeeffame ta’uusaa eeranii, sadarkaa naannoo, godinaa, aanaa, magaalaa fi gandaatti caaseffama mataasaa akka qabu godhameera jedhaniiru. Hundeeffamee yroo gabaabaatti barattoota sooruun, namoota sababa balaa uummamaa fi namtolchee buqqa’an qe’eetti deebisuu fi hojiilee misoomaa fi tola ooltummaa biroo hojjechuusaa eeranii, hojiilee amma ammaatti hojjetaman yaa’ii waliigalaatiin qorachuun kallattiin fuulduraa kaa’amuu himaniiru. Hoogganaan Buusaa Gonofaa obbo Mahaammad Jundii gamasaaniin, Buusaa Gonofaan miseensotasaarraa qabeenya walitti qabuun naannichatti hojiilee misoomaa garagaraa, gargaarsa namoomaa fi deebisanii dhaabuuf akkasumas soorata barattootaa fi gargaarsa biroof gumaacha taasiseera jedhaniiru. Keessumaa barattoota naannichaa oolmaa daa’immaniirraa amma kutaa saddetiitti sooraa akka jiru eeranii, waggoota sadan darban qabeenyi birri biiliyoona 13 hojii kanaaf ooluu ibsaniiru. Kanaanis barattoota miiliyoota sagal guyya guyyaan sooruun akka danda’ame eeranii, lammiilee hedduu magaalaa fi baadiyyaatti seeftiineetiin hammataman deeggarsa taasisuusaa dubbataniiru.
Naannoo Affaar bakkeewwan garagaraa afuritti Voolkaanoon dhoheera
Jul 16, 2025 167
Adoolessa 09/2017(TOI)-Naannoo Affaar bakkeewwan garagaraa afuritti dhohiinsi Voolkaanoo mudachuusaa biiroon turizimii naannichaa beeksise. Dhohiinsi Volkaanoo kun xiyyeeffannoo tuuristoota biyya alaa daawwannaarra turan hawachuu biirichi beeksiseera. Biiroo Tuurizimii naannichaatti daarektarri qabeenya tuurizimii beeksisuu fi misooma gabaa obbo Abduu ahimad, kaleessaa eegalee Ertaallee irraa km 15 fagaatee bakkeewwan garagaraa afuritti dhohiinsi Voolkaanoo haaraan mudateera jedhan. Mudannoon kun Tuuristootaa fi jiraattotarratti miidhaa akka hingeessifne eeranii, mudannoon kun tuuristoota biyya alaa daawwannaarra turan guddaa hawateera jedhaniiru. Tuuristoonni naannawichatti argaman dhiheenyarratti argamuun dinqisiifannaan xiyyeeffatanii hordofaa akka jiran ibsaniiru. Dhohiinsi Voolkaanoo dhiibbaan Maagmaa lafa jalatti argamu yoo dabalu ykn baqaqaa uumuun karaa ittiin bahu wayita argatu kan uumamu ta’uu qorattoonni damee kanaa nidubbatu.
Diinagdee
Barri bajataa haaraan bara tarkaanfiiwwan haaraa imala bayyanannaa keenya cimsan galmeessisuuf waloomaan itti hojjennudha-itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa
Jul 18, 2025 58
Adoolessa 11/2017(TOI)-Barri bajataa 2018 bara tarkaanfiiwwan haaraa imala bayyanannaa keenya cimsan galmeessisuuf waloomaan itti hojjennudha jedhan itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan ministira muummee ergaa fuula marsariitiirratti dabarsaniin karoora bara 2018 raawwii bara bajataa 2017 ka’umsa godhachuun qophaa’e irratti hooggantoota dhabbilee federaalaa waliin mari’atamaa akka jiru ibsaniiru. Barri bajataa 2017 gama hedduun dacha seenaa badhaadhinaati kan jedhan itti aanaan ministira muummee, barri kun dhugumayyuu ka’umsa bara bayyanannaa Itiyoophiyaa ture jedhaniiru. Karoorri bara 2018 raawwii gaarii kanneen ka’umsa kan godhatu ta’uu ibsaniiru. Bara bajatichaatti riifoormii dinagdee Goroo guutuu gochuun cabiinsa turan suphineerra jechuun dubbatan. Hidha haromsaa xumurreerra kan jedhan itti aanaan ministira muummee Pirejektii keenya gaaziis xumurraa jirra jedhan. Misoomni kooriidarii magaalota keenyatti jalqabne bu’aa fiduu jalqabaniiru kaan jedhan iti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa,kooriidarii baadiyyaas eegalleerra jechuun ibsaniiru. Galmoonni keenya bara bajataa 2018 raawwii gaarii kanneen ka’umsa kan godhatan, kan dabre caalaa hojjechuu gaafata jechuun hubachiisan iiru. Qofaa fiiguu qofa osoo hinta’iin qindoomina cimaa barbaadu jedhaniiru. Har’a Itiyoophiyaan nuharka jirti kan jedhan itti aanaan ministira muummee bara bajataa haaraa injifannoowwan caalan galmeessisuun qaama dhaloota bayyanachuu Itiyoophiyaa labsuu akka taane amannee milkaa’ina caaluuf cimnee hojjehuu qabna jedhaniiru.
Bara baajataa xumurametti hojiileen guddinaa fi badhaadhina walii galaa Mirkaneessuu dandeessisan hedduun raawwatamaniiru.
Jul 16, 2025 142
Adoolessa 09/2017(TOI)-Bara baajataa xumurametti hojiileen qabeenya ofiin Birmadummaa Nyaataa Mirkaneessuu, Guddina fi badhaadhina walii galaa mirkaneessuu dandeessisan bal’aan hojjetamuu Ministirrii Hojii fi Ogummaa Mufariyaat Kamiil ibsan. Waltajjiin hojiiwwan gurguddoo walta’insa Mootummaa fi paartiin Bara baajataa xumurame hojjetaman gamaggamu Diree Dawaatti gaggeeffamaa jira. Waltajjicha Irratti Itti Aanaan Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa fi sadarkaa itti Aanaa Ministira Muummeetti hogganaan jiddugala Qindeessaa ijaarsa sirna demokiraasii Adam Faaraah dabalatee, hoggantoonni waajjira muummee paartii badhaadhinaa fi hogantoonni waajjira Dameelee , Minitiroonni, fi Hoggantoonni Olaannoon Naannoolee argamaniiru. Tattaaffii gargaaramuu keessaa bahuu, carraa hojii uumuu, tasagabbii gabaa fi qaala’insi gatii hir’achuun fi dhimmoota biroo ilaaluun hojiiwwan gurguddoo raawwattaman fi bu’aawwan galmaa’an ilaachisuun mariin bal’aan gaggeeffameera. Dhimmoota kana irratti ibsa kan kennan Ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kamiil, lammiileef carraa hojii biyya keessaa fi biyya alaatti mijeessuu fi uumuun milkaa’inni gaariin galmaa’eera. Itiyoophiyaatti carraan hojii ogummaan gaggeeffamu akka jiraatuuf gochuuf lammiileen beekumsaa fi dandaandeettii argataniin guddinaa fi badahaadhina biyyaa mirkaneessuuf qoodasaanii akka bahan ta’aa jiraachuu dubbataniiru. Carraa hojii uumuu irra darbe dameelee biroon bu’aan qabatamaan galmaa’uusaanii kaasuun fuulduratti jabaatee kan itti fufu ta’uu mirkaneessaniiru. Hogganaan Damee Siyaasaa fi Ijaarsa Dandeettii Paartii Badhaadhinaa Dr.Sammaa Xurunaa bara baajataa xumurame walta’insa Paartii fi Mootummaan hojiiwwan bal’aa raawwataman ibsaniiru. Bara baajataa qabametti, Bu’aawwan argaman itti fufsiisuun raawwiin caalu akka jiraatu tattaaffiin qindaa’aan nitaassifama jedhaniiru. De’eetaan Ministira Daldalaa fi walitti hidahaminisa Riijinii Dr.Abdulhakiim Muluu gama isaaniin, riifoormii Dinagdee Gooroo tassisuun guddinaa fi Misooma Damdaneessa itti saffisiisuu danda’uu kaasaniiru. Qaala’insa jireenyaa tasgabbeesuuf tattaaffiin bal’aan taassifamuu ibsaniiru.
Bu’aan misooma bunaan naannoo Oromiyaarraa argame ittifufsiisuun fayyadama qonnaan bulaa caalaatti guddisuuf nihojjetama
Jul 16, 2025 124
Adoolessa 09/2017 (TOI)- Bu’aan misooma bunaan naannoo Oromiyaarraa argame bal’isuun fayyadama qonnaan bulaa caalaatti guddisuuf akka hojjetamu pirezidaantiin naannichaa Shimallis Abdiisaa beeksisan. Waltajjiin qorannoo raawwii fi milkaa’inoota omishaa fi omishtummaa Bunaa guddisuuf hojiilee bara bajataa 2017 hojjetamaniin argamanii fi karoora bara bajataa 2018 qoratu har’a magaalaa Adaamaatti gaggeeffameera. Waltajjicharratti Pirezidaantiin naannichaa obbo Shimallis Abdiisaa, imalli badhaadhinaa biyyattii akka milkaa’u Bunni gumaacha olaanaa taasisaa akka jiru dubbataniiru. Ommishaa fi omishtummaa Bunaa dabaluun fi qulqullinasaa fooyyessuun addunyaarratti dorgomaa akka ta’u cehumsa caasaa dinagdee dhugoomsuuf xiyyeeffannoo addaan hojjechuu ibsaniiru. Mootummaan, qonnaan bulaa fi alergitoonni Bunaa qindoomina uumaniin oomishtummaa fi galiin bu’aan fooyya’aan argameera jedhan. Haala Kanaan alergitoonni qonnaan bulaan fayyadamaa akka ta’u deeggarsa cimsuun alatti buna misoomsuurratti akka hirmaatan gaafatanii, mootummaan naannichaas deeggarsa malu akka taasisu himaniiru. Daarektarri olaanaa abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayee Itiyoophiyaa Dr. Addunyaa Dabalaa gamasaaniin akka biyyaatti waggoota muraasaan asitti misooma Bunaan bu’aan olaanaan argamaa jira. Misooma Bunaa babal’isuun gamatti argannoo alergiinis bu’aan olaanaan galmaa’aa jiraachuu eeranii, bu’aan kun naannolee fi qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjetamuusaatiin akka ta’e himaniiru. Alergiin Bunaa barootaaf to’annoo alergitoota muraasa harka kan ture jijjiiruun qonnaan bulaa dabalatee alergitoonni haaraas akka keessa galan hojmaanni kaa’ameera jedhan. Bara bajataa xumurame buna toonii kuma 469 irraa doolaariin biiliyoona 2 tuqaa 65 argamuu yaadachiisanii, bara bajataa 2018 buna toonii kuma 600 gabaa addunyaaf dhiheessuun galii doolaara biiliyoona 3 argachuuf karoorfamuu ibsaniiru. Hoogganaan biiroo qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu,oomishtummaa fi qulqullina bunaa naannichaa guddisuuf inisheetiivonni garagaraa bocamanii tumsa taasifameen bu’aan quubsaan argameera jedhaniiru. Naannihatti buna babal’isuuf waggoottan shanan darban hojii hojjetameen baayina bunni waggaa waggaan dhaabamu harka 23 guddisuun akka danda’ame beeksisaniiru. Oomisha bunaa waggaatti naannichatti oomishamu kuntaala miiliyoona 4 irraa gara kuntaala miiliyoona 15 tuqaa 15tti guddisuun akka danda’ame himaniiru. Kana malees naannichatti lafti heektaara miiliyoona 3 tuqaa 3 irra Bunni misoomaa akka jiru eeranii, omishtummaa misooma Bunaa naannichaa heektaararraa kuntaala 6 tuqaa 5 irraa gara kuntaala 9tti guddisuun akka danda’ame himaniiru.
Oomishtummaa damee qonnaa naannichaa guddisuun gargaaramuu jalaa bahuuf hojiin hojjetamu onnachiisaadha-Koree dhaabbataa
Jul 15, 2025 190
Adoolessa 08/2017(TOI)- Oomishtummaa damee qonnaa naannichaa guddisuun gargaaramuu jalaa bahuuf hojiin hojjetamu onnachiisaa ta’uu mana maree bakka bu’oota ummataatti Koree dhaabbataa dhimmoota qonnaa ibse. Miseensonni koree dhaabbatichaa sochii hojii qonnaa wayitaawaa naannoo Gaambeellaa dawwataniiru. Dursituun garee miseensota koree dhaabbataa adde Lubaabaa Sayid daawwannaan booda yaada TOI’f kennaniin, mootummaan dqmee qonnaaf xiyyeeffannoo olaanaa kennee oomishtummaa guddisuuf hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Naannoon Gaambeellaa damee Kanaan qabeenya dilbii waan qabuuf misooma cimsuun akka biyyaatti karoora gargaaramuu jalaa bahuuf qabameef humna guddaa ta’a jechuun ibsaniiru. Naannoon Gaambellaa oomishtummaa damee qonnaa guddisuun gargaaramuu jalaa bahuuf tattaaffiin taasifamu abdiqabeessa ta’uu ibsaniiru. Miseensi koree dhaabbataa adde Itaagany Isheetuu, naannichatti walabummaa nyaataa mirkaneessuu fi gargaaramuu jalaa bahuuf hojiin hojjetamaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qabeenya dilbii naannichaa sirnaan misoomsuun yoo danda’ame qabeenyi biyyaaf gahu akka jiru miraneessineerra jedhaniiru. Itti aanaan hoogganaa biiroo qonnaa fi misooma qabeenya uumamaa naannichaa Daagim Milashiin, ganna kana lafti heektaarri kuma 172 sanyiin facaafamuu kaasanii, oomisha fooyya’aa argachuuf hojiin qindoominaa ciminaan itti fufu jedhaniiru. Bara oomishaa kana lafa sanyiin facaafamerraa midhaan kuntaala miiliyoona 5 galchuuf karoorfamuu dubbataniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Tarsiimoon Dijiitaalaa Itiyoophiyaa 2030 beekumsa Dijiitaalaa babal’isuun, humna raawwachiisummaa dhaabbiilee guddisuu irratti kan kaayyeffatedha-Ministira Ballaxaa Mollaa
Jul 18, 2025 34
Adoolessa 11 /2017(TOI)-Tarsiimoon Dijiitaalaa Itiyoophiyaa 2030 beekumsa Dijiitaalaa babal’isuun, humna raawwachiisummaa dhaabbiilee fi namoota dhuunfaa guddisuu kaayyoo furtuu godhachuusaa Ministirri Innooveeshinii fi Teekinooloojii Dr, Ballaxaa Mollaa ibsan. Ministeerri Innooveeshinii fi Teekinooloojii sanada Imaammata ‘’Dijiitala Itiyophiyaa 2030” irratti qooda fudhattoota waliin marii gaggeessaa jira. Ministirichi wayita kana akka ibsanitti, Imaammata Dijiitaalaa Itiyoophiyaa 2030 Milkaa’inoota Imaammata Dijiitaalaa Itiyoophiyaa 2025 argaman irratti bu’uurefame gudiina Dijiitaalaa haaraa adda addaa irratti xiyyeefannoo kan godhatedha. Imaammanni kun yaad-rimeewwan hubannoo nam-tolchee fi bu’uuraalee misooma dijiitaala ummataa irraa kaasee hanga Magaalota Ismaartii, Daldalaelektirooniksii Daangaa Qaxxaamuraa fi birmadummaa dijiitaalaa hammatee kan qophaa’e ta’uu ibsaniiru. Imaammatichi Teekinooloojii Fayyadamuun carraa hojii uumaman, misooma haqa qabeessaa fi hirmachisaa, akkasumas badhaadhina hunda galeessa kaayyoo godhatee kan diriirfame ta’uu dubbataniiru. Kaayyoon ijoo tarsiimoo kanaa keessaa Beekumsa Dijiitaalaa babal’isuun humna raawwachiisummaa dhaabbilee fi nama dhuunfaa ijaaruun tokko akka ta’e ibsaniiru. kaayyoowwan tarsiimoo kanaa keessaa tokko, Guddina Dinagdee Dijiitaalaa Hirmaachisaa ta’e saffisiisuu,dhaqabummaa Dijiitaalaa waliigalaa guddisuun, Itiyoophiyaan Invastimantii Dijiitaalaa Alaaf kallattiin filatamtuu akka taatu ta’uu ibsaniiru. Itti dabaluunis, ragaa biyyaa fi haala Teekinooloojii Idil-Addunyaa akkasumas fedhii Misoomaa Biyyoolessaa, odeeffannoo bu’uura godhate walitti qabuu fi xiinxaluun utubaa misooma dijiitaalaa fi kallattiiwwan xiyyeeffannoo adda kan baase ta’uu ibsaniiru.
Jiraattonni miiliyoona 19 tuqaa 1 waraqaa eenyummaa dijitaalaa faayidaaf galmaa’aniiru
Jul 13, 2025 260
Adoolessa 06/2017(TOI)- Jiraattonni miiliyoona 19 tuqaa 1 waraqaa eenyummaa dijitaalaa faayidaaf galmaa’uusaanii hooggantuun dame seeraa fi imaammataa sagantaa waraqaa eenyummaa biyyaalessaa Gabreelaa Abrihaam ibsan. Itiyoophiyaatti mirga waraqaa raga jiraattotaa mirkaneessuuf, tajaajilamtootaa fi tajaajila kennitoota jidduutti wal amantaan akka jiraatu, iftoominni, ittigaafatamnii fi hojmaata mijataa sadarkaa biyyaalessaatti diriirsuuf waraqaan eenyummaa dijitaalaa hojiirra ooleera.. Sagantaa waraqaa eenyummaa biyyaalessaatti hooggantuun dame seeraa fi imaammataa Gabreelaa Abrihaam turtii TOI waliin taasisaniin akka ibsanitti, Finfinnee fi naannoleetti galmee waraqaa eenyummaa dijitaalaa fi raawwachuu fi dhaabbilee waliin walitti hidhata uumuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa jira. Haala Kanaan amma ammaatti jiraattonni miiliyoona 19 tuqaa 1 waraqaa eenyummaa dijitaalaa faayidaaf galmaa’uusaanii fi dhaabbilee 55 waliin walitti hidhanni uumamuusaa dubbataniiru. Bara bajataa 2018 galmee waraqaa eenyummaa dijitaalaa caalaatti guddisuuf karoorfamuu fi walitti hidhata dhaabbilee waliin jiru cimsuuf xiyyeeffatamee akka hojjetamu eeraniiru. Galmee kana keessumaa naannoleetti babal’isuuf walitti hidhata dhaabbilee waliin taasifamu caalaatti cimsuuf xiyyeeffatamuu dubbataniiru. Bara bajataa xumurame naannoleetti galmee waraqaa eenyummaa dijitaaalaa ilaalchisee hojiin hubannoo cimaan hojjetamuusaa fi bu’aanis argamuu beeksisaniiru. Hooggansa olaanaa irraa eegalee xiyyeeffannoon waan hojjetameef hawaasni waraqaa eenyummaaf akka galmaa’u gochuurratti hojiin guddaan hojjetameera jedhaniiru.
Itiyoophiyaan teeknooloojiin adda duree gochuuf guddattoota beekumsa hubannoo namtolcheen qaroomsuu barbaachisa-Dr. Injiinar Warquu Gaachanaa
Jul 12, 2025 216
Adoolessa 05/2017(TOI)- Itiyoophiyaan sadarkaa idil addunyaatti teeknooloojiin adda duree gochuuf guddattoota beekumsa hubannoo namtolcheen qaruunakka barbaachisudaarektarri olaanaa inistiitiyuutii hubannoo nam tolchee Itiyoophiyaa Dr. Injiinar Warquu Gaachanaa ibsan. Inistiitiyuutiin hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa dameelee Saayinsii fi Teeknoloojii garagaraatiin leenjii guddattootaa 4ffaa golambaa saayinsiitti eegalchiiseera. Daarektarri olaanaa Inistiitiyuutichaa Dr. Injiinar Warquu Gaachanaa guddattootaa fi dargaggoota ga’oomsuuf leenjii gannaa akkasumas dhaabbilee barnootaa waliin ta’uun beekumsaa fi ogummaa akka gabbifatan hojjetamaa jira jedhaniiru. Hubannoon namtolchee yeroo dhihoo asitti meeshaa ijoo biyyoonni rakkoosaanii ittiin furatan ta’aa dhufuusaa kaasaniiru. Itiyoophiyaattis hubannoo namtolcheetti gargaaramuun gama hundaan adda duree ta’uuf guddattootarratti hojjechuun nibarbaachisa jedhaniiru. Damee Kanaan beekumsa bu’uraa horatanii addunyaarratti dorgomuu akka danda’an leenjiincimee akka ittifufu mirkaneessaniiru. Hojiiwwan inistiitiyuutichi xiyyeeffannoo kennuuf keessaa damee Kanaan humna namaa cimsuu fi hubannoo uumuun isa tokko ta’uu ibsanii, leenjiin gannaa hubannoon namtolchee kennu waggaa 4ffaa qabate kan eeramu ta’uu kaasaniiru. Waggaa sadii dura sagantaan leenjii kun barattoota 15niin akka jalqabame ibsanii, yeroo ammaa bu’aalee abdii namatti horan galmaa’aa akka jiran dubbataniiru. Guddattoota marsaa 4ffaan leenjichaaf galmaa’an kuma 3 keessaa 300 ulaagaa guutanii leenjii galuusaanii ibsaniiru. Leenjiin baatii lamaaf turu Kanaan guddattoonni bu’uraalee hubannoo namtolchee, Roobootiksii, Pirogiraamiingii fi barnoota biroo akka baratan dubbataniiru. Leenjii teekniikaan alatti leenjii furtuu rakkinaa, hojii garee, kalaqaa fi komunikeeshinii fi ogummaawwan jireenyaa ogummaa gabbifachuu dandeessisan biroon akka kennamuuf eeraniiru.
Dargaggoonnii fi hojii uumtonni Afriikaa walitti dhiheenyasaanii akka cimsan foramichi haala mijataa uumeera-Ministira Mufarihaat Kaamil
Jul 9, 2025 284
Adoolessa 02/2017(TOI)-Dargaggoonnii fi hojii uumtonni Afriikaa walitti dhiheenyasaanii akka cimsan foramiin hojii uumuu Afriikaa haala mijataa uumuusaa Ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kaamil ibsan. Sagantaan xumuraa foramii hojii uumuu Afriikaa ministeerri hojii fi ogummaa qaamolee deeggartootaa waliin ta’uun qopheessee fi yaadannoo injifannoo Adwaatti taa’amaa ture gaggeeffamaa jira. Sadarkaa itti aanaa ministira muummeetti ittigaafatamaan jiddugala qindeessaa ijaarsa sirna demokiraasii fi ittiaanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaa Adam Faaraah dabalatee hooggantoonni mootummaa olaanoon saganticharratti argamaniiru. Ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kaamil waltajjicharratti akka ibsanitti, Itiyoophiyaan fayyadama dargaggootaa mirkaneessuuf hojjehaa jirti. Dargaggoonni biyyattii kan hojii uumanii fi fayyadamoo carraa hojii akka ta’an hojii hojjetameen bu’aan gaariin galmaa’uu eeraniiru. Keessumaa carraalee hojii filmaataa bal’isuu, teeknooloojiiwwan fooyya’an damee garagaraan hubachiisuu fi hirmaannaa sochii dinagdee dargaggoo guddisuuf isaan ijoo ta’uu eeraniiru. Haala Kanaan foramiin carraa hojii uumuu guyyoota sadan darban taa’amaa ture dargaggoonnii fi hojii uumtonni Afriikaa walitti dhufeenyasaanii akka cimsan haala mijataa uumuusaa beeksisaniiru. Waltajjichi muuxannoo waliiqooduun gufuulee damee knaan mudataniif furmaata waloo barbaaduuf haalli dandeessisu akka uumaman gochuusa ibsaniiru. Foramichi kallattii fuulduraas akka kaa’e dabalanii dubbataniiru. Afriikaan misooma fulla’aa akka mirkaneessitu dinagdee, misoomaa fi bu’ura misoomaan walitti fiduun tumsa waloo fi carraaqqii akka gaafatu ibsaniiru. Haala Kanaan Itiyoophiyaan tumsa carraa hojii fi dameewwan garagaraan biyyoota Ardii Afriikaa waliin qabdu cimsitee akka ittifuftu mirkaneessaniiru.
Ispoortii
Itiyoophiyaan guyyaa baniinsa Shaampiyoonaa Atileetiksii dargaggoota guddattoota Afriikaa Meedaaliyaa afur harkatti galfatte
Jul 17, 2025 94
Adoolessa 10/2017 (TOI)-Shaampiyoonaan Atileetiksii Afriikaa waggaa 20 fi 18 gadii sadaffaa eda Naayijeeriyaa Abukataatti jalqabameera. Atileetonni Itiyoophiyaa baniinsarratti dorgommiiwwan xumuraa shan irratti hirmaatteetti. Dorgommii xumuraa dubartootaa waggaa 18 gadiin meetira 1500niin Elsaabeex Amaaree meedaaliyaa Meetii, Dastaa Taaddasaa meedaaliyaa Naasaa harkatti galfataniiru. Atileet Tirhaas Gabrahiywoot dorgommii xumuraa dubartootaa waggaa 20 gadii meetira 3000’n meedaaliyaa Meetii harkatti galfatteetti. Akasumas dorgommii dhiiraa waggaa 18 gadii meetira 1500’n Saamu’eel Gabrahawaariyaa meedaaliyaa Naasaa harkatti galfachuu federeeshiniin Atileetiksii Itiyoophiyaa beeksiseera. Dorgommii xumuraa utaalchoo kuruphisaa dubartootaa waggaa 20 gdiin Nyachook Chool, Atileet Nibrat Kindee dorgommii xumuraa dhiiraa meetira 10000 waggaa 20 gadiin sadarkaa keessa hingalle. Itiyoophiyaan baniinsa shaampiyoonichaan Meetii lamaa fi Naasa lama walumaa gala Meedaaliyaa afur harkatti galfatteetti. Itiyoophiyaan dorgommii Kanaan dhiira 30 fi dubartoota 27 walumaa gala Atileetonni 57 nihirmaachifti. Shaampiyoonaan Atileetiksii Afriikaa waggaa 20 fi 18gadii sadaffaan amma Adoolessa 13 bara 2017tti nigaggeeffama.
Magaalichatti dirreen ispoortii fi bakki Daa’imman itti tapahatan Baasii Birii Biiliyona 5 oliin ijaarame eebbifamuun tajaajilaaf banameera
Jul 8, 2025 458
Adoolessa 01/ 2017 (TOI)- Magaalaa Finfinneetti dirreen ispoortii fi bakki Daa’imman itti tapahatan Baasii Birii Biiliyona 5 oliin ijaarame eebbifamuun tajaajilaaf banamuusaa kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan. Dirreen ispoortii 122 fi bakkeewwan daa’imman itti tapahatan kuma 1 fi 155 kutaa Magaalotaa 11tti baasii birrii biiliyoona 5 oliin ijaaraan guyyaa hara’aa tajaajilaaf banamaniiru. Kantiibaa Adaanech Abeebee har’a ganama bu’uuraalee Misoomaa dirreewwanIspoortii fi bakkeewwan daa’imman itti taphatan Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa Naannoo Kondeemineemii Marii Loqqee fi Kolfee Qaraaniyootti Ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf banaa goodhaniiru. Saganticha irratti Kantiibaa Adaanech akka jedhanitti, Bulchiinsi Magaalichaa bara Baajataa 2017tti Pirojektoota kuma 15 fi 960 ijaaruun Xumureera. Bu’uuraalee Misoomaa Ijaaruuf Baasii Birrii Biiliyoona 5 bahe Keessaa Dhibbentaa 50 kan ta’u Jiraattonni Magaalichaa akka buusan Dubbataniiru. Bulchiinsi Magaalichaa waggoota lamaan darban bakka Daa’imman kuma 3 fi dhibba 800 ol itti taphatan ijaaruusaa ibsaniiru. Yeroo, Beekumsaa fi Hirmaannaa Hawaasaa Qindeessuun Daa’immanii fi dargaggootaaf dursa kennuun hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Hojiiwwan kun daa’immanii fi dargaggoonni qaamaa fi sammuun gahoomanii akka guddataniif kan isaan dandeessisu ta’uu eeruun, gara fuulduraatti damee Ispoortiin waltajjii Ardii fi Addunyaa irrattii bu’aa fooyya’aa fiduuf qooda akka qabu eeraniiru. Hogannaan biiroo Dargaaggoo fi Ispoortii Bulchiinsa Magaalichaa Balaayi Dajan gama isaaniin, bakkeewwan Shaakala Ispoortii Magaalichatti Ijaaraman dhaloota Qaamaa fi sammuun gahoomee biyya fudhatu ijaaruuf faayidaansaa olaanaadha jedhaniru
Waancaa Afriikaa dubartootaan Maaliin Taanzaaniyaa Mo’atte
Jul 8, 2025 276
Adoolessa 01/2017(TOI)- Tapha ramaddii sadii Waancaa Afriikaa dubartootaa 13ffaan Maaliin Taanzaaniyaa 1 fi 0’n mo’atteetti. Tapha Istaadiyoomii Berkanne Munisipaalitti taphatameen taphattuun sarara duraa Saraatuu Turaa’oree sa’aatii dabalataa tapha walakkaa jalqabaatiin goolii lakkoofsifteettii. Maaliin taphaan caalamtus goolii lakkoofte eegsisuun xumurteetti. Akkaataa qabxii kanaatiin Maaliin ramaddii sadiin qabxii sadiin sadarkaa lammaffaa qabattetti. Tapha jalqabaa ramaddii Kanaan gaggeeffameen waancaa Afriikaa ammatti kan ofharkaa qabdu Afriikaan Kibbaa Gaanaa 2 fi 0’n mo’atteetti. Garichas dursaa jirti. Itti fufuun ramaddichaan Gaanaan Maalii Waliin, Taanzaaniyaan Afriikaa Kibbaa waliin nitaphatu.
Hoggansii fi gurmaa’insi waraanaa gahumsa hundagaleessa olaanaan,Ogummaa waraanaa fi Teeknooloojii ammayyaan kan deeggaramedha-Leetenaal Jeneral Zawuduu Balaay
Jun 27, 2025 676
Waxabajjii 20 /2017(TOI)-Hoggansii fi gurmaa’insi waraanaa gahumsa hundagaleessa olaanaan,Ogummaa waraanaa fi Teeknooloojii Ammayyaan kan deeggarame ta’uu Ajajaa Olaanan izii giddugalaa Daalol Leetenaal Jeneraal Zawuduu Balaay ibsan. Festivaaliin Ispoortii Kooriwwan adda addaa Raayyaa Ittisa Biyyaatti izzii jiddugalaa Daalol jalatti argaman hirmaachise Magaala Jimmaatti eegalameera. Baniinsa Feestivaalichaarratti kan argaman Raayyaa Ittisa biyyaatti ajajaa Olaanaan izzii giddugala Daalol Leetenaal Jeneraal Zawuduu Balaayi Izichi daangaa biyyaa kabachiisuurra darbee hojiiwwwan waloomaa fi Tajaajila Hawaasummaa cimsan raawwachaa jiraachuu ibsaniiru. Izziin Daalol tajaajila tola ooltummaan dhiiga arjoomuun,mana namoota harka qal’eeyyii haaromsuu fi biqiltuu dhaabuu dabalatee hojiii misooma adda addaa irratti hirmaachuun beekama jedhaniiru. Raayyaan Ittisa Biyyaa Tokkummaa Sab-Daneessummaa gootummaan kabajaa fi birmadummaa biyyaatiif halkanii fi guyyaa hojjechaa kan jiru raayyaa cimaa fi gahoome ta’uu dubbataniiru. Raayyichi gahumsa hunda galeessa olaanaa, ogummaa waraanaa fi teekinooloojii ammayyaan haala gurmaa’een gaggeeffamaa jiraachuu kaasuun, gaachana birmadummaa biyyaa ta’uurra darbee, misoomaa fi tajaajila Hawaasummaa biroo itti gaafatamummaa isaa bahaa jiraachuu ibsaniiru. Kanaaf Kaayyoon guddaan festivaala Ispoortii Iizzichi walitti dhufeenya raayyaa ittisa biyyaa fi hawaasa naannoo gidduu jiru daran cimsuuf ta’uu kaasaniiru. Hogganaan Waajjira izzii Gidduugala Daalol Koloneel Bazaabbihi Yimar akka jedhanitti, kooriiwwan izzii kana jala jiran 5 dorgmmii Ispoortiii kana irrratiti kan hirmaatanii fi guyyaa10’f gosa ispootii adda addaan akka dorgoman himaniiru. Sagantaa Baninsaa irrratti Qondaaltonni Olaanoon Raayyichaa, miseensonnii fi keessummooni wamichi taasifamee fi biroon argamaniiru.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Itiyoophiyaan sagantaa ashaaraa magariisaatiin hojii biyyoota biroof fakkeenya ta’u hojjechaa jirti-Attaasheewwan loltuu biyyoota garagaraa
Jul 16, 2025 119
Adoolessa 09/2017(TOI)- Itiyoophiyaan sagantaa ashaaraa magariisaatiin hojii biyyoota biroof fakkeenya ta’u hojjechaa jiraachuu Attaasheewwan loltuu biyyoota garagaraa ibsan. Raayyaan ittisaa sagantaa jalqabsiisa ashaaraa magariisaa mooraa muummee qajeelcha waliigalaa ministeera ittisaatti gaggeesseera. Etaamaajoor shuumiin waliigalaa humnoota waraanaa Biraanuu Juulaa, de’eetaawwan ministeera ittisaa, qondaaltonni jeneralonnii fi ataasheewwan loltuu biyyoota garagaraa sagantaa jalqabsiisaarratti argamaniiru. Ataasheewwan loltuu Yaada TOI’f kennan keessaa Itiyoophiyaatti attaasheen loltuu Maalaawii Birgaadar Jeneraal Kiriispiin Roobart Piitii akka ibsanitti, Itiyoophiyaan ashaaraa magariisaatiin hojii muuxannoon irraa fudhatamu hojjechaa jirti. Hojiin kun Afriikaa qofa osoo hintaane addunyaan hundi fakkeenya godhachuu akka qabdu dubbataniiru. Itiyoophiyaatti Attaasheen loltuu Xaaliyaanii Koloneel Maarkoo Poodiidii akka ibsanitti, ashaaraan magariisaa addunyaa faalamarraa walaboomte dhalootaaf dabarsuuf murteessaadha jedhan. Gama Kanaan Itiyoophiyaan hojii addunyaaf fakkeenya ta’u hojjechaa akka jirtu arguusaanii dubbataniiru. Itiyoophiyaan ashaaraa magariisattiin hojii biyyootaa f fakkeenya ta’u hojjechaa jirti kan jedhan attaashee loltummaa gamtaa Afriikaa fi Itiyoophiyaatti attaashee loltummaa Moozaambiik Koloneel Farnaandoo Makanzii Jiimoodha. Fuulduras biyyoonni hedduun Itiyoophiyaa fakkeenya godhachuun sagantaa kanarratti akka hirmaatan Koloneelichi dubbataniiru. Bara kana Mata duree “dhaabuun bayyanachuu” jedhuun biqiltuu biiliyoona 7 tuqaa 5 dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa jira.
Raayyaan Ittisaa Ashaaraa Magariisaa Aadaa Hojii godhachuun cimsee itti fufa – Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa
Jul 16, 2025 92
Adoolessa 09 /2017(TOI)-Raayyan Ittisaa Bakka Kaampii Jireenyaa fi bakka dirqama irra Jirutti Ashaaraa Magariisaa Aadaa hojii godhachuun cimsee akka itti fufu Etaamaajoor Shuumiin Walii galaa humnoota Waraanaa Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa ibsan. Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaa Mataduree ‘’Dhaabuun Bayyanachuu’’ jedhuun Waxabajjii 20/2017faatti eegalchiisuun isaanii ni yaadatama. Raayyaan Ittisa Biyyaa Sagantaa Jalqabbii Ashaaraa Magariisaa Bara Kanaa qajeelcha Mooraa muummee Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaatti Gaggeeffameera. Etaamajor Shuumiin humnoota waraanaa Waliigala Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa, Dee’eetaan Ministira Raayyaa Ittisa, Qondaaltonni Olaanoo fi Attaashonni Waraanaa Biyyoota adda addaa irraa dhufan sagantaa jalqabbii Kana Irratti argamaniiru. Etaamaajoor Shuumiin humnoota waraanaa Walii Gala Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa wayita kana akka jedhanitti, Raayyichi Waggoottan darban Sagantaawwan Ashaaraa Magariisaa Raawwatamaniin Hirmaannaa Olaanaa Taassiseera. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa akka biyyaatti yeroo eegalamee eegalanii Uwwisa Bosonaa Guddisuun, Wabii nyaataa Mirkaneessuu fi Jijjiirama Qilleensaa Ittisuun Bu’aa fidaa jira jedhaniiru. Raayyan Ittisa Biyyaas Qooda Mataasaa Bahuun Ashaaraasaa kaa’aa akka jiru dubbataniiru. Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaa raayyichi guyyaa hara’aa eegalee qaxanaa dirqama irra jirutti fi kaampii jireenyaa dabalatee biqiltuu dhaabuuun Hojii Ashaaraa Magariisaa Aadaa Godhachuu cimsee akka ittin fufu mirkaneessaniiru. De’eetaan Ministira Raayaa Ittisa Baiyyaa Toomaas Tuut gama isaaniin, raayyaan Ittisa Biyyaa Dirqama itti kenname cinaatti eegumsa nannoo irratti dammaqinaan hirmaachaa jira jedhaniiru.
Godinichatti biqiltuuwwan ikooloojii naannawaa eegsisanii fi faayidaa dinagdee qaban sagantaa ashaaraa magariisaan dhaabamaa jiru
Jul 15, 2025 132
Adoolessa8 /2017 (TOI)- Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa bahaatti biqiltuuwwan ikooloojii naannawaa eegsisanii fi faayidaa dinagdee qaban sagantaa ashaaraa magariisaan dhaabamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise. Itti Aanaan Itti Gaafatamaa Waajjirichaa Abinnt Zagayyee akka ibsanitti, Biqiltuuwwan Dhaabbatan keessaa dhibbantaa 35 biqiltuuwwan nyaataaf oolan kanneen akka Avokaadoo, Muuzii,Paappayaa, Burtukaanaa fi kanneen biroo ta’uu ibsaniiru. Sagantaa dhaabbii biqiltuu bara kana gaggeeffamuun Aanaale Godinichatti argaman 11 keessatti lafti hektaarri kuma 59 ol qophaa’eera jedhaniiru. Qonnaan Bulaan, Dargaggoonni fi kutaan hawaasa adda addaa sagantaa dhaabbii biqiltuu irratti akka hirmaatan ibsaniiru. Biqiltoonni sagantichaan Dhaabaman Sirna Ikkooloojii Naannawaa eeguu fi omishtummaa dabaluuf qofa osoo hin taane faayidaa Dinagdee olaanaa akka qaban ibsaniiru. Godinichi biqiltuu dhaabuu qofa osoo hin ta’iin bakkeewwan bosonaa dura turan daangessuun eeguu fi kunuunsuun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara Kanaa irratti kan hirmaatan Jiraattonni Godinichaa Aanaa Boosat, waggoottan darban biqiltuuuwwan dhaabuurra darbee kunuunsuu fi eeguun Itti Gaafatamummaa isaanii bahachaa turuu isaanii ibsaniiru. Akkasumas, Uwwisa Bosonaa Godina isaanii guddisuuf bakkeewwan biqiltuun dhaabbatan daangessuu dabalatee biqiltuuwwan dhaabbatan akka qabataniif eeguumsa taassisaa jiraachuu beeksisaniiru. Bara kana Ashaaraa isaanii kaa’uuf sagantaa dhaabbii biqiltu irratti dammaqinaan hirmaachaa jiraachuu dubbataniiru
Hawaasni Biqiltuuwwan Ashaaraa Magariisaan Dhaabamn akka qabatan Xiyyeeffannoo Barbaachisu Kennuu Qaba
Jul 15, 2025 112
Adoolessa 08/2017 (TOI)-Hawaasni Ashaaraa Magariisaf hirmaanaa taassisuu cimsuun biqiltuuwwan dhaabaman akka qabatan kunuunsa barbaachisaa akka taassisan sadarkaa Itti Aanaa Kantiibaatti, Hojii Gaggeessaa Olaanaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Injiinar Wandimmuu Seettaa ibsaniiru. Waajjirri Hojii Gaggeessaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee fi dhaabbileen biroon mata duree ‘’dhaabuun bayyanachuu‘’ jedhuun sagantaa Ashaaraa Magariisaa Paarkii Inxooxxootti gaggeessaniiru. Hoggantoonni Hojii Olaanoon Magaalichaa fi kutaan hawaasa adda addaa saganticha irratti hirmaataniiru. Sadarkaa Itti Aanaa Kantiibaatti hojii gaggeessa olaanaa bulchiinsa Magaalaa Finfinnee injiinar Wandimmuu Seettaa, qabeenya uumamaa sirnaan eeguu dadhabuu keenyaan balaa umamaa adda addaaf saaxilamoo taanee turreerra jedhaniiru. Dhiibbaa Jijiiramni Qilleensaa fidu dandamachuuf mootummaan waggoottan torban darban sagantaa Ashaaraa Magariisaa haala itti fufinsa qabuun hojiirra oolchaa jiraachuu dubbataniiru. Sagantichi lammmiilee kaayyoo tokkoof dammaqinaan hirmaachisuu dubbatanii, kanaanis milkaa’inoonni hedduun galmaa’uu kaasaniiru. Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti Komishinariin qindeessaa hirmaannaa hawaasaa fi tola ooltummaa Yimar Kabbadaa gamasaaniin, ashaaraan magariisaa kaka’umsa guddaa dhaloota dhufuuf biyya fooyyofte ittiin ijaarrudha jedhaniiru. Dhaabbii fi kunuunsa biqiltuuf hundi keenya hirmaannaa taassisnu cimsinee itti fufuu qabna jedhaniiru. Daarektarri olaanaan Ejensiin galmeessa sivilii fi ragaa bu’uura hawaasummaa Yooseef Nugusee, biqiltuuwwan sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaabbtan kunuunsuun firiif akka gahaniif hojjenna jedhaniiru. Hojii gaggeessaan komishinii Ibiddaa fi soda balaa damee ekkaa Niqoodimoos Buchee gama isaaniin, sababa balaa uumamaan miidhaa qaqqaban ittisuuf Ashaaraa Magariisaa Aadaa godhachuu akka qabnu ibsaniiru.
Gabaasa addaa
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 4340
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.
Hoggantoonni hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee balaa Ibiddaa Markaatoo naannaawwa Shammaa taraa jedhamutti mudateen miidhaa qaqqabe daawwata.
Oct 22, 2024 3948
Onkoloolessa 12/2017(TOI) - Hoggantoonni hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee balaa Ibiddaa Markaatoo naannaawwa Shammaa taraa jedhamutti mudateen miidhaa qabeenyarra gahee bakkatti argamuun ilaalaniiru. Paartii Badhaadhinaatti hogganaan damee wajjira Finfinnee obbo Mogas Baalchaa wayita kana akka himanitti; gamoo balaan ibiddaa irratti mudatee qaama isaa gar tokko balaa kanarraa baraaruun danda'ameera. Kutaaleen hawaasaa fi qaamoleen nageenyaa karaa qindaa'een balaa kana to'achuu fi balaan kun gara biraatti akka hin babal'anneef hojii hojjetaniif galateeffataniiru. Bulchiinsi magaalichaa balaa ibiddaa mudate kanaan kanneen miidhaman deebisee dhaabuuf xiyyeeffannoon akka hojjetu obbo Mogos Baalchaa ibsuu isaanii Odeeffannoon Waajjira Kantiibaarra argame ni mul'isa.