Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan bakka ga’umsa Turizimii wal’aansaa sadarkaa Idil-addunyaa eeggate ijaaraa jirti

Waxabajjii 9/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan tajaajila wal'aansa fayyaa sadarkaa addunyaa eeggate kennuudhaan, bu'uura giddu-gala turiizimii wal'aansaa ishee taasisu ijaaraa akka jirtu Pirezidantiin Fedeereeshinii Eegumsa Fayyaa Itiyoophiyaa fi gaanfa Afriikaa Dr. Maarqoos Fallaqaa ibsan.

Pirezidantiin Fedeereeshinii Eegumsa Fayyaa Itiyoophiyaa fi gaanfa Afriikaa Dr. Maarqos ENA’f akka himanitti, Itiyoophiyaan giddu-gala turiizimii wal'aansaa ta'uuf dandeettii qabaattus, sirnaan faayidaarra oolaa hin turre.

Haa ta'u malee, yeroo dhihoo mootummaan lammiilee biyya keessaa fi alaatiif tajaajila fayyaa sadarkaa addunyaa eeggate guutuudhaan, Itiyoophiyaa giddu-gala turiizimii wal'aansaa gochuuf hojjechaa akka jiru dubbataniiru.

Mootummaan sirna fayyaa dijiitaalaa diriirsuudhaan, dhaabbata fayyaa ogeessota wal'aansaa ga'umsa qabaniin guuttaman ijaaraa akka jirus ibsaniiru.

Itiyoophiyaa galma Turiizimii wal’aansaa taasisuuf kaayyoo qabame galmaan ga'uuf, dandeettii meeshaalee wal'aansaa fi kutaalee tajaajila wal'aansaa biyya keessatti oomishuu guddisuun ni barbaachisa jedhaniiru.

Daarektarri Olaanaan Hospitaala Ispeeshaalaayizdii Waliigalaa Waraabee Dr. Kaaliid Sharafaa akka jedhanitti; Itiyoophiyaa galma turiizimii wal'aansaa gochuun lammiilee wal'aansaaf gara alaatti imalan baasii sharafa alaa hanbisuu bira darbee, lammiilee wal'aansaaf gara Itiyoophiyaa dhufanirraa galii dabalataa argamsiisuu akka dandeessisu ibsaniiru.

Mootummaan turiizimii wal'aansaa guddisuuf bu'uuraalee misooma wal'aansaa babal'isaa akka jiru ibsuun; qulqullina, nageenya fi dandeettii dhaqqabamummaa bu'uura godhateen tajaajila kennuudhaan gahee isaanii akka bahan eeraniiru.

Hojii gaggeessaan hospitaala walii galaa Maqraz Dr. Naatinaa'eel Taayyee gama isaaniitiin, Itioophiyaa giddu-gala turiizimii wal'aansaa gochuuf tajaajila wal'aansa fayyaa sadarkaa addunyaa eeggate kennuun akka barbaachisu ibsaniiru.

Mootummaan damee kana gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf hojiiwwan eegale jajjabeessoo ta'uu eeranii, dhaabbata fayyaa ammayyeessuu fi meeshaalee wal'aansaa ammayyaa biyya keessa hin jirre bal'inaan akka galan gochuun akka barbaachisus kaasaniiru.

Mootummaan dandeettii qorichaa fi dhiheessii wal'aansaa biyya keessatti oomishuu cimsuuf damee faarmaasiyutikaaliitiif xiyyeeffannoo kennuudhaan, dhaabbanni fayyaa yeroon fi gosaan akka dhaqqabu haala mijataa uumuu isaas dinqisifataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015