Tamsaasa Kallatti:

Wixineen labsichaa sirna gibiraa ammayyaa diriirsuun gumaacha olaanaa kan taasisu dha-Koree Dhaabbataa

Waxabajjii 9/2018 (ENA): Wixineen labsii riifoormii Bulchiinsa Taaksii Federaalaa irratti bahe sirna gibiraa ammayyaa diriirsuuf gumaacha olaanaa akka taasisu Koreen Dhaabbii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa dhimmoota karooraa, baajataa fi faayinaansii ibseera.


 

Wixinee labsii riifoormii Bulchiinsa Taaksii Federaalaa irratti koreen dhaabbii dhimmoota karoora, baajataa fi faayinaansii mana maree bakka bu'oota ummatootaa waltajjii marii ummataa gaggeessee jira.

Ministeera Maallaqaatti Itti Gaafatamaan Kutaa Dhimmoota qajeelfama Seeraa Tawaddaaj Mahaammad akka himanitti, yaada jalqabaa labsii haaromsaa yeroo dhiyeessan labsichi bulchiinsi gibiraa akka sirreeffamuu fi dinagdeen biyyattii akka guddatu kan dandeessisu ta’uu ibsani.


 

Sinichi Mirgaa fi dirqama kaffaltoota gibiraa kabajuun haqummaa fi dirqama gibira haala madaalawaa ta’een akka kaffalu kan dandeessisu ta’uu eeraniiru.

Kunis kaffalaan gibiraa sirna gibiraa irratti amantaa qabaachuu fi dirqama isaa sirnaan akka ba’u ni gargaara jedhan.

Sirna bulchiinsa gibiraa keessatti muuxannoowwan idil-addunyaa gaarii ta’an hammachuudhaan waldhabdee gibiraan walqabatu waliigalteedhaan furuun ni danda’ama jedhan.

Keessattuu nagahee waliin walqabatee sirna dijitaalaa diriirsuun bulchiinsa gibiraa ammayyaa ijaaruuf ni gargaara jedhaniiru.

De’eetaan Ministeera Galiiwwanii obbo Yaasmiin Wahabrabbii akka jedhanitti, Labsiin Bulchiinsa Taaksii fooyya’ee sirna sirrii ta’e ijaaruu fi komii kaffaltoota gibiraa irraa ka’uuf deebii kan kennu ta’a.

Biyyattiin gibira sirnaan walitti qabuun diinagdee biyyattii maallaqaan gargaaruuf haala mijeessuu ni uuma jedhaniiru.

Sirna dijitaalaa qunnamtii namaa irraa bilisa ta’e diriirsuun dhaqqabummaa fi gahumsa mirkaneessuu, akkasumas sirna galii walitti qabuu malaammaltummaa irraa bilisa taasisuu keessatti gahee murteessaa akka taphatu hubachiisaniiru.

Kutaaleen hawaasaa adda addaa sagantaa marii kanarratti hirmaatan wixineen labsii kun mala waldhabdee kaffaltii gibiraa waliin walqabatu waliigalteedhaan hiikuu kan of keessatti hammate ta’uun isaa kan jajjabeessaa ta’uu ibsaniiru.

Sirna dijitaalaa hojiirra oolchuun yeroo qusachuu fi malaammaltummaa dhabamsiisuun, kunis boqonnaa guddaa akka ta’u ibsaniiru.

Dura taa’aan koree dhaabbii obbo Dassaaleny Wadaajoo gamasaaniitiin, wixineen labsii kun dhimmoota sirna gibiraa qormaata ta’an furuuf kan qophaa’e ta’uu ibsaniiru.

Dura taa’aan kun akka himanitti galiin gibiraa akka biyyaatti walitti qabamu dabalaa kan jiru yoo ta’u, kunis bu’a qabeessummaa riifoormii dinagdee Gooroo, imaammata faayinaansii fi sirna gibiraa kan agarsiisudha jedhani.

Hubannoo uumuu fi jajjabeessuun kaffaltoota gibiraaf gaggeeffamaa jirus kaka’umsa kaffaltoonni gibiraa dirqama isaanii bahachuuf qaban dabalaa jira jedhaniiru.

#ENA_Afaan_Oromoo #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015