Tamsaasa Kallatti:

Miidiyaaleen amantaa oduu sobaa fi haasaa jibbiinsaa ittisuu keessatti gahee isaanii daran cimsuu qabu

Waxabajjii 9/2018 (ENA): Miidiyaaleen amantaa oduu sobaa fi haasawa jibbiinsaa ittisuu keessatti gahee isaanii daran cimsuu akka qaban Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itiyoophiyaa ibseera.
Abbaan taayitichaa oduu sobaa fi haasawa jibbiinsaa akka hin babal’anne waliin ta’uun ittisuuf Mana Maree Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa waliin waliigaltee mallatteesseera.


Waliigaltee kana Daarektarri Olaantuu Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa aadde Haymaanot Zallaqaa fi Barreessaa Olaanaa Mana Maree Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa Liqa Tiguhaan Qeesis Taagay Taddalaa waliin mallatteessaniiru.

Jijjiirama kana hordofuun haala mijataa uumameen hanga ammaatti miidiyaaleen amantaa 51 eegalamuu isaanii Daarektarri Olaantuun Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa aadde Hayimaanot Zallaqaa ibsaniiru.

Dhaabbileen kunneen gamtaa, kabajaa fi ijaarsa duudhaalee Itiyoophiyaa irratti xiyyeeffachuun hojjechaa akka jiran ibsaniiru.
Gama biraatiin waliigalteen kun qaamolee walitti bu’iinsa kakaasan fi duudhaale amantaalee gatii dhabsiisan ittisuu keessatti gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru.

Kanaafis, abbaan taayitichaa appilikeeshinii "EMA APP" (EMA APP) jedhamuu fi sarara bilbilaa bilisaa 9192 kan haasaa jibbiinsaa karaa miidiyaa dijitaalaatiin babal'ate gabaasuuf gargaaru jalqabuu isaa beeksiseera.

Abbaan taayitichaa Miidiyaaleen seera hin kabajne itti gaafatamummaa akka qabaatan Mana Maree Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa waliin ta’uun kan hojjetu ta’uu ibsuun, kanaafis deeggarsi teeknikaa barbaachisaa ta’e akka taasifamu mirkaneesseera.

Barreessaan olaanaa Mana Maree Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa Liqa Tiguhaan Qeesis Taagay Taddalaa gamasaaniitiin, waliigalteen kun miidiyaaleen amantaa akka fedha isaaniitti akka socho’an dandeessisuu fi tumsa dandeettii horachuu isaanii cimsuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsaniiru.

Amantiin guddifamuu kan danda’u yeroo nageenyi jiru qofa ta’uu kan eeru Barreessaan Muummichaa kun, nagaa fi gamtaa waaraa ummatootaaf miidiyaaleen amantaa sadarkaa olaanaatti hojjechuu akka qabanis cimsanii dubbataniiru.

#Abdii haa dhaabnu #TOI #ENA Afaan Oromoo #Ashaaraamagariisaa
#GreenLegacy

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015