Tamsaasa Kallatti:

Guyyoota 90 dhufan keessatti hojiiwwan fayyadamummaa hunda galeessa jiraattota magaalichaa mirkaneessan irratti xiyyeeffatamanii hojjetamu

Waxabajjii 9/2018 (ENA): Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee guyyoota 90 itti aanan keessatti hojiiwwan fayyadamummaa hunda galeessa jiraattota magaalichaa mirkaneessan irratti xiyyeeffatan ni hojjeta jedhan kantiibaan magaalattii aadde Adaanech Abeebee.


Bulchiinsi magaalichaa waltajjii marii karoora hojii mootummaa fi paartii kan guyyoota 90 irratti hoggantoota magaalaa hundaa waliin mari'ateera.
Waltajjiin marii kun guyyoota 90’f hojiilee kanaan dura galmaa’e cimsuu fi pirojektoota misoomaa fi riifoormii gurguddaa magaalattii keessatti eegalaman saffisaan xumuruuf gahee olaanaa qaba jedhani.

Karoorri kun irra caalaa misooma koridarii, sassaabbii galii, misooma magariisaa, baasii jireenyaa hir’isuu, carraa hojii uumuu, walgargaarsa Gannaa fi baay’ina tajaajila giddugala tokkotti kennamu dabaluu fi hojiiwwan tarsiimoo biroo fayyadamummaa ummataa mirkaneessan irratti kan xiyyeeffate ta’uu eeraniiru.

Qonna magaalaa, maaddii guutuu, damee barnootaa fi marsaa qophii, akkasumas hojii ittisa lolaa xiyyeeffannoon akka raawwatamu cimsanii dubbataniiru.


Hoggansi sadarkaa sadarkaan jirus kaayyoo karoorfame galmaan ga’uuf kutannoo fi miira itti gaafatamummaa ol’aanaadhaan hojjechuu akka qabu dubbataniiru.
Karoorri mootummaa fi paartii waltajjicharratti dhiyaate mul’ata magaalattii mijataa, qulqulluu, ammayyaa taasisuu irratti kan hundaa’e ta’uu kantiibaan Adaanech Abeebee ibsaniiru.

Pirojektoonni misoomaa eegalaman karoora yeroo fi qulqullina murtaa’e keessatti akka xumuraman taasisu ta’uu, milkaa’ina isaaniif carraaqqiin taasifamuu akka qabu dubbataniiru.

#Abdii haa dhaabnu #TOI #ENA Afaan Oromoo #Ashaaraamagariisaa
#GreenLegacy

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015