ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Itoophiyaa fi Faransaay tumsa dinagdee isanii cimsuuf akka hojjetan ibsan
Oct 13, 2026 207
Onkoloolessa 3/2019 (ENA) Itoophiyaa fi Faransaay tumsa diinagdee yeroo dheeraa gidduu isaanii jiru caalaatti cimsuuf akka hojjetan beeksisan. Walga’iin waggaa Dhaabbata Maallaqa Addunyaa (IMF) fi Baankii Addunyaa bara 2026 Taayilaand, Baangkookitti gaggeeffamaa jiru itti fufeera. Jilli bulchaa Baankii biyyaalessaa Itoophiyaa Dr. Iyyoob Takaalinyiin durfamu Walga’ii kanarratti hirmaachaa jira . Jilli kun walga’ii kana cinaatti itti aanaa barreessaa olaanaa Maallaqaa Faransaay Thomaas Riviyaal waliin marii gam-lamee gaggeessaniiru. Walga'iin kun tumsa dinagdee yeroo dheeraa Itoophiyaa fi Faransaay gidduu jiru gamaaggamuuf carraa gaarii uumeera. Marichaanis, ce’umsa riifoormii diinagdee gooroo Itoophiyaan hojiirra oolchaa jirtuun jijjiiramni bu’aa qabeessi dhufeera. Dabalataanis, deeggarsaa fi hirmaannaa Faransaay dhiyeessii misoomaa Itoophiyaatiif gochaa jirtu irratti mari'atameera. Maricharratti gareen lamaan misooma faayinaansiin, sirna liqii itti fufinsa qabuu fi bulchiinsaa, investimentii fi ijaarsa dandeettii dhaabbilee irratti caalaatti waliin hojjechuuf yaada wal-jijjiirraniiru. Marii kun tasgabbii diinagdee fi guddina waaraa mirkaneessuuf tumsa itti fufinsa qabuuf gahee murteessaa akka qabu irratti xiyyeeffatameera.
Hojii dhabdummaadhaan yeroo dabarsinu gara oomishtummaatti jijjiiruun kanneen biroofis madda galii uumaa jirra
Oct 13, 2026 116
Onkoloolessa 03/2019 (ENA)- Dargaggoonni magaalaa Jimmaa Bunaa fi loozii sona itti dabaluun hojii dhabdummaadhaan yeroo dabarsan gara oomishtummaatti jijjiiruun kanneen biroofis madda galii uumaa jiraachuu ibsan. Jimmaa fi naannoon ishee Bunaa fi looziidhaan beekamaa ta’us, oomishaaleen kunneen sona osoo itti hin dabaliin callaansaanii gabaaf kan dhihaatan waan ta’eef oomishtootarraa kaasee amma dargaggootaatti kan fayyadamu nama muraasa ture. Kana malees dargaggoonni naannawichaa hedduun carraan hojii gahaan waan hin jirreef hojii dhabdummaaf saaxilamanii turaniiru. Haa ta’u malee yeroo dhihoo asitti dargaggoonni magaalaa Jimmaa waldaalee xiqqaa fi maayikiroon gurmaa’an hula kana gara carraa gaariitti jijjiiraa jiru. Oomishaalee akka jirutti gurguruu manna teeknooloojii fi kalaqatti gargaaramuun akaawwii, dhadhaa loozii fi daakuu fi buna saamsamame qiqindeessuun gabaaf dhiheessuu eegalaniiru. Jiraataan magaalaa Jimmaa dargaggoo Junaddii Alii hojii dhabee yeroosaa qisaasaa akka ture dubbata. Yeroo booda garuu haala naannawataa hubachuu fi qorachuun buna daakame gabaaf dhiheessuuf karoorsee hiriyyootasaa waliin gurmaa’ee hojii eegaluusaa ibseera. Bulchiinsi magaalichaarraa leenjii argachuusaa fi hordoffiin akka taasifameef ibsee, yeroo ammaa buna qiqindeessuun gabaaf dhiheessaa akka jiru dubbateera. Dargaggoo Najaa Danuur hiriyyootasaa waliin gurmaa’uun loozii qiqindeessuun carraa hojii uummatariiru. Bittaan maashinii fi bakki hojii erga mijeeffameefiif booda hojii eegalanii haadholii naannawichaa 13’f carraa hojii uumaniiru. Hojii kana gara Invastimantiitti jijjiiruuf fedhii akka qaban dargaggoo Najaa dubbateera. በDargaggoota Kanaan carraa hojii kan argatan adde Foozee Abbaafiraa hojii argachuusaaniitti akka gammadan dubbataniiru. Adde Waziifaa Abbaaraayyaa fi Shamsee Abbaamoggaa carraa hojii kanatti fayyadamuusaanii dubbataniiru. Waajjira carraa hojii uumuu magaalaa Jimmaatti dursaan garee carraa hojii uumuu obbo Ashannaafii Girmaa, bara kana namoota kuma 31 fi 700’f carraa hojii uumuuf karoorfamee kurmaana jalqabaatti namoota kuma 2 fi 300’f carraan hojii uumamuusaa ibsaniiru. Bara kana dargaggoota kuma 7 fi 400 caalan damee industiriin qofa hojiitti galchuuf karoorfamuu dubbataniiru. Kurmaana jalqabaatti industirii godootiin waldaaleen 23 gurmaa’anii hojii eegaluusaanii dubbataniiru. Dargaggoonni hojii eegalan oomishasaanii gabaaf akka dhiheessan baazaarii garagaraa fi kanneen birootiin dursa kennuun walitti hidhaminsi gabaa uumamaa jiraachuu obbo Ashannaafiin ibsaniiru. Sadarkaan qulqullinaas abbaa taayitaa to’annoo qorichaa fi nyaataa waliin qindoominaan hordofamaa akka jiru eeraniiru.
Itiyoophiyaa fi Emereetonni Araba Gamtoomanii damee Baankii fi faayinaansiin tumsa cimsuuf kutannoosaanii mirkaneessan
Oct 13, 2026 155
Onkoloolessa 3/2019 (ENA)- Itiyoophiyaa fi Emereetonni Araba Gamtoomanii damee Baankii fi faayinaansiin tumsasaanii caalaatti cimsuuf akka hojjetan beeksisan. Walgahiin wagga dhaabbata maallaqaa idil addunyaa (IMF) fi baankii addunyaa Taayilaandi Baankookitti gaggeeffamaa jiru har’a guyyaa lammaffaasaati. Gareen jilaa Itiyoophiyaa bulchaa baankii biyyaalessaa Itiyoophiyaa Dr. Iyyoob Takkaalinyiin durfamu walgahii kanarratti hirmaachaa kan jiru yoo ta’u marii gam lame garagaraa gaggeessaa jira. Doktar Iyyoob Takkaalinyi wal gahii kana cinaatti bulchaa baankii jiddu galeessaa Emereetota Araba gamtoomanii Kaaliid Mahaammad Baalaamaa waliin mari’ataniiru. Mariin bulchitoota baankota giddu galaa biyyoota lamaanii kun tumsa dhimmoota tarsiimawaa gama baankii fi faayinaansiin jiru caalaatti cimsuun haala danda’amurratti kan xiyyeeffatedha. Sirnoota faayinaansii biyyoota lamaanii caalaatti walitti fiduu fi muuxannoo wal jijjiiruuf dhimmoota gargaaranirratti yaada wal jijjiiraniiru. Mariin kun tumsa tarsiimawaa Itiyoophiyaa fi Emereetota Araba gamtoomanii jidduu jiru irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, tumsa gam lamee caalaatti cimsuuf kan akeeke ta’uun beekameera.
Mootummaa Ida’amuu: Boqonnaa Haaraa Olka’insaa Biyyaa
Oct 13, 2026 285
Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad har’a miseensota Kaabinee Mootummaa Ida’amuu muudamaaf dhiyaatan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti dhiyeessuun, muudamni isaanii akka ragga’u taasisaniiru. Muudamni miseensota Kaabinee kun dandeettii fi fedhii uummata tajaajiluu, qophii barnootaa, muuxannoo hojii fi bu’aqabeessummaa waliigalaa bu’uura godhatee kan raawwatamedha. Akka waliigalaatti, itti gaafatamummaa fi imaanaa guddaan Itoophiyaa gara sadarkaa guddinaa fi olka’iinsaa fooyya’aatti ceesisuu isaan irra kaa’ameera. Kana malees, raawwii hojii olaanaadhaan guddina biyyattii itti fufsiisuu fi jireenya guyyaa guyyaa lammiilee keessatti jijjiirama mul’atu fiduuf ciminaan hojjechuun isaan irraa eegama. Mootummaan Ida’amuu itti fufiinsa dhaabbilee, ijaarsa sirnaa fi bu’aqabeessummaa tajaajila uummataa irratti hundaa’uun adeemsa ijaarsa biyyaalessaa itti fufsiisuuf xiyyeeffannoo guddaa kennuun akka hojjetu ni eegama. Milkaa’inni dhaabbilee mootummaa kan madaalamu tajaajila uummataaf saffisaa, si’aawaa fi bu’a qabeessa ta’een waan ta’eef, ministiroonni haaluma kanaan qophaa’anii hojjechuu qabu. Lammiileen fayyadamaa akka ta’an mirkaneessuu fi tajaajiltoota dhugaa uummataa ta’uuf ciminaan hojjechuu qabu. Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad, kaadhimamtoonni miseensota Kaabinee Mootummaa Ida’amuu dandeettii fi fedhii hojii raawwachuu, muuxannoo hojii fi qophii barnootaa akka ulaagaalee bu’uuraa ta’anitti fudhatamuun, fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuu fi tajaajiltoota dhugaa uummataa ta’uuf qophaa’uu akka qaban hubachiisaniiru. Muudamni mootummaa “kan ittiin bashannanan osoo hin taane, kan ittiin hojjetan” fi imaanaa uummataa olaanaa ta’uu kan eeran Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad, miseensonni Kaabinee biyya isaanii fi uummata isaanii amanamummaa fi qulqullina yaadaatiin tajaajiluuf ciminaan akka hojjetan dhaamaniiru. Mootummaan Ida’amuu carraa biyya bulchu argate kanaan, hojiiwwan misoomaa jalqabaman itti fufsiisuu, ijaarsa dhaabbilee cimsuu, olaantummaa seeraa mirkaneessuu fi fayyadamummaa lammiilee itti fufsiisuuf hojjechuun isaa eegama. Mootummaa Ida'amuu. Biyya Guddoo, Ummata Guddaa fi Mul'ata Guddaa
Itiyoophiyaan guddina damee teeknooloojii hubannoo nam-tolcheetiin taasiftu itti fufsiisuuf leenjii fi tumsa irratti xiyyeeffachuu barbaachisa
Oct 13, 2026 134
Onkoloolessa 3/2019(ENA)- Itiyoophiyaan imaammattoota dandeettii damee teeknooloojii hubannoo nam-tolcheetiin qabdu hojiirra oolchuun gamatti dandeettii humna namaa leenjiin gabbisuu fi tumsa dhaabbilee cimsuun akka barbaachisu ibsame. Yunivarsiitiin Jimmaa fi akkaadaamiin innoveeshin endi teeknooloojii dijitaalaa Afriikaa (ADITA) gama misooma teeknoolooji, leenjii fi tajaajila gorsa ogummaatiin waliin hojjechuuf walii galaniiru. Hubannoo nam-tolchee baruu fi barsiisuu fi qorannoof itti gargaaramuuf dhimmoota barbaachisanirratti hoggantootaa fi ogeessota Yunivarsiitichaaf leenjiin kennameera. Hojii raawwachiisaan olaanaa akkaadaamii innoveeshin endi teeknooloojii dijitaalaa Afriikaa piroofeesar Shaggaawu Annaagaawu, akkaadaamichi gama misooma teeknooloojiin, leenjii fi dhimmoota konsaltaansiitiin Yunivarsiitii Jimmaa waliin hojjechuuf walii galuusaa ibsaniiru Tumsi kun Yunivarsiitonni hubannoo nam-tolchee baruu fi barsiisuu fi qorannoof sirnaan akka fayyadaman gargaaruuf kan akeekame ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan gama hubannoo nam-tolcheen jijjiirama guddaa agarsiisaa jiraachuu ibsanii, inistiitiyuutiin hubannoo nam-tolchee hundeeffamuunsaa fi imaammanni damee kanaaf gargaaru bahuunsaa misooma teeknooloojichaa si’achiisuuf barbaachisoodha jedhaniiru. Guddinni teknooloojii bu’a qabeessa akka ta’u nama ogummaan cime horachuu fi dhaabbilee barnootaa, dargaggootaa fi dhaabbilee garagaraaf leenjii kennuun akka barbaachisu eeraniiru. Inistiitiyuutichi kaayyoo kanarratti hundaa’uun Yunivarsiitii Gondor, Bahaar Daar, Finfinnee fi Jimmaa dabalatee Yunivarsiitiiwwan biroo keessatti leenjii kennaa akka jiru Piroofeesar Shaggaawu dubbataniiru. Itiyoophiyaan moodaloota hubannoo nam-tolchee afaan biyyattii garagaraan hojjetan qopheessuun teeknooloojicharraa caalaa fayyadamuu akka qabdu eeraniiruy. Pirezidaantiin Yunivarsiitii Jimmaa Dr. Darajjee Ingidaa gamasaaniin, Yunivarsiitichi itti fayyadama teeknooloojii babal’isuuf dhaabbilee garagaraa waliin tumsaan hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Yunivarsiitichi hojjettootasaa teeknooloojiin ga’oomsuun gamatti dame hubannoo nam-tolcheetiin lammiilee ga’ooman horachuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Daarektarri wiirtuu ‘ICT’ Yunivarsiitii Jimmaa Dr. Mahaammad Muntaaz, leenjiin akkaadaamichi Yunivarsiitii Jimmaatti kennaa jiru itti fayyadama hubannoo nam-tolchee guddisuuf qooda guddaa akka qabu ibsaniiru. Yunivarsiitichatti daarektarri wiirtuu qacarrii hojii fi kalaqaa Dr. Wayinisheet Daffaar gamasaaniin, leenjiin kun hoggantoota olaanoo Yunivarsiitichaaf kennamuunsaa sadarkaadhumaan kanneen biroos leenjisuuf akka gargaaru dubbataniiru. Leenjiin kun guyyoota lamaaf akka kennamu beekameera.
Siyaasa

Mootummaa Ida’amuu: kallattii haaraa guddinaa fi badhaadhina Itoophiyaa!
Oct 13, 2026 287
Itoophiyaan filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa booda Mootummaa Ida’amuu haaraa hundeessuun boqonnaa siyaasaa fi bulchiinsaa haaraa keessa seenteetti. Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Dr. Abiyyi Ahimad Muummee Ministiraa ta’uun erga muudamanii fi kakuu raawwatanii booda, mootummaa haaraa hundeessuun Imalli badhaadhinaa Itoophiyaa deemsa isaa cimse itti fufeera. Hundeeffamni mootummaa haaraa kun imala siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa Itoophiyaa keessatti hiika guddaa qaba. Mootummaan Ida’amuu yaad-rimee garaagarummaa kabajuu, humnoota adda addaa walitti fiduu, tumsa cimsuu fi kaayyoo waliinii galmaan ga’uuf waliin hojjechuu irratti hundaa’a. Itoophiyaan yaad-rimee kana filachuun guddina dinagdee, tokkummaa biyyaalessaa, qindoomina dameewwan misoomaa fi dandeettii lammiilee fayyadamuun jijjiirama fiduu irratti xiyyeeffachuu ishee ibsa. Mootummaan Ida’amuu Maal Jechuudha? Mootummaan Ida’amuu jechuun garaagarummaa jiru hubachuu fi kabajuun, humnoota, yaadota, beekumsa, dandeettii fi qabeenya adda addaa kaayyoo waliinii galmaan ga’uuf walitti fiduun hojjechuu jechuudha. Yaad-rimeen kun garaagarummaa akka gufuu guddinaatti osoo hin taane, akka madda humnaa, kalaqaa fi carraa misoomaatti ilaala. Akka kitaaba Mootummaa Ida’amuu fuula 7 irratti ibsametti, Mootummaan Ida’amuu mootummaa falaasama Ida’amuu irratti hundaa’uun hojjetu yoo ta’u, mootummaa misoomawaa (Developmental State) ta’ee jijjiirama caasaa irratti xiyyeeffata. Duudhaalee, qabeenya, aadaa, kennaa fi dandeettii hawaasni qabu walitti fiduun humna dhuunfaa caalaa bu’aa guddaa akka argamsiisu amana. Walitti dhufeenya, walhubannaa fi qindoomina cimsuun qabeenyaa fi horata uumuuf murteessaa ta’uu irratti xiyyeeffata. Akkasumas, walitti dhufeenya hawaasaa keessatti madaallii eeguu, fakkoommiiwwan biyyaalessaa garaagaraa walitti fiduun hawaasa siyaasaa fi dinagdee ijaaruu, olaantummaa seeraa kabajuu fi jijjiirama itti fufiinsa qabu mirkaneessuu irratti hundaa’a. Ilaalchi isaa kaleessa, har’aa fi egeree walitti hidhuun jijjiirama waaraa fiduu irratti xiyyeeffata. Kanaaf, Mootummaan Ida’amuu sirna siyaasaa,seera, bulchiinsaa, dinagdee, haqaa, misoomaa fi hawaasummaa qajeeltoowwan kanneen irratti hundaa’e ijaaruuf kan kaayyeffatefi daandii badhaadhinaa damdaneessa horfdofa. Itoophiyaan biyya saboota, sablammootaa fi ummattoota afaan, aadaa, seenaa, amantii fi duudhaa garaagaraa qaban of keessatti qabduudha. Haala kana keessatti, garaagarummaa kabajuu, walhubannaa cimsuu, dandeettii jiru qindeessuu fi kaayyoo waliinii irratti hojjechuun bu’uura yaad-rimee Ida’amuu keessaa isa tokko ta’a. Ida’amni garuu garaagarummaa balleessuu, eenyummaa namootaa ukkaamsuu ykn namoonni hundi yaada tokko qofa akka qabaatan dirqisiisuu miti. Kanaa mannaa, namoonni yaada, ilaalcha, dandeettii fi muuxannoo garaagaraa qaban garaagarummaa isaanii kabajanii, faayidaa waliinii irratti waliigaltee uumuun rakkoolee waloo furuuf waliin hojjechuu jechuudha. Yaadamni Ida’amuu kun siyaasaa fi bulchiinsa qofarratti kan daangeffamu miti. Dinagdee, hawaasummaa, aadaa, barnoota, saayinsii, teeknooloojii fi hariiroo biyyoota biroo waliin taasifamu keessatti hojii irra ooluu danda’a. Kaayyoon isaa humnoota adda addaa walitti fiduun bu’aa waliinii uumuu, dandeettii jiru guutummaatti fayyadamuu fi guddina itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf hojjechuudha. Amaloota Ijoo Mootummaa Ida’amuu 1. Garaagarummaa kabajuu fi tokkummaa cimsuu Amalli ijoo Mootummaa Ida’amuu keessaa tokko garaagarummaa kabajuu fi humnoota garaagaraa kaayyoo waliiniif walitti fiduudha. Itoophiyaan qabeenya aadaa, afaanii, seenaa fi duudhaa bal’aa qabdi. Qabeenyi kun sirnaan yoo qindaa’e, tokkummaa biyyaalessaa cimsuu, walhubannaa guddisuu fi misooma biyyattii saffisiisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Ilaalcha kanaan, garaagarummaan akka sababa walitti bu’iinsaatti osoo hin taane, akka carraa walirraa barachuu fi waliin guddachuuf gargaarutti ilaalama. Tokkummaan biyyaalessaa dhugaan garaagarummaa ukkaamsuun osoo hin taane, mirga, kabaja fi faayidaa waliinii kabajuun ijaarama. 2. Tumsa, marii fi waliigaltee irratti hundaa’uu Amalli lammaffaan Mootummaa Ida’amuu tumsa, marii fi waliigaltee irratti xiyyeeffachuudha. Rakkooleen biyya tokko mudatan hedduun qaama tokko qofaan furmaata argachuu hin danda’an. Kanaaf, qaamoleen mootummaa, dhaabbileen dhuunfaa, hawaasni, ogeeyyiin fi uummanni waliigalaan gahee isaanii bahachuun barbaachisaa dha. Marii bu’a qabeessa taasisuun, yaada garaagaraa dhaggeeffachuun, walhubannaa uumuu fi furmaata waliinii irratti hojjechuun rakkoolee furuuf murteessaa dha. Kana malees, hirmaannaa uummataa guddisuun, iftoomina mirkaneessuun fi itti gaafatamummaa cimsuun bulchiinsa gaarii ijaaruuf bu’uura ta’u. 3. Misooma dameewwan walitti hidhatan mirkaneessuu Amalli sadaffaan misooma dameewwan adda addaa walitti hidhuun raawwachuudha. Akka ilaalcha Ida’amuu keessatti, misoomni damee tokkoo damee biraa irraa adda ba’ee ilaalamuu hin qabu. Dameewwan dinagdee walitti hidhata waan qabaniif, damee tokko irratti hojjechuun bu’aa dameewwan biroo irrattis dhiibbaa qaba. Fakkeenyaaf, qonni oomisha dabaluuf teeknooloojii, humna ibsaa, geejjiba, gabaa fi warshaalee waliin walitti hidhata qaba. Oomishni qonnaa yoo dabale, warshaaleen oomisha qonnaa irraa argamu fayyadamuun oomishaalee dabalataa oomishuu danda’u. Geejjibni fi bu’uuraaleen misoomaa yoo fooyya’an, oomisha gara gabaa geessuun salphata. Kanaaf, dameewwan misoomaa qindoominaan guddisuun oomishtummaa dabaluun, carraa hojii uumuu fi dinagdee cimsuu keessatti gahee olaanaa qaba. 4. Dandeettii namaa, kalaqaa fi teeknooloojii fayyadamuu Mootummaan Ida’amuu dandeettii namaa, beekumsa, saayinsii, teeknooloojii fi kalaqa walitti fiduun rakkoolee furuuf xiyyeeffata. Biyyi tokko qabeenya uumamaa qofa irratti hirkachuu osoo hin taane, beekumsa fi dandeettii lammiilee ishee guddisuun guddina waaraa galmaan ga’uu dandeessi. Kanaaf, barnoota qulqullina qabu babal’isuu, dandeettii ogummaa guddisuu, qorannoo saayinsii jajjabeessuu fi teeknooloojii haaraa hojii irra oolchuun barbaachisaa dha. Dargaggootaaf carraa hojii uumuu, kalaqa deeggaruu fi oomishtummaa guddisuunis bu’uura misooma Ida’amuu keessaa isa tokko. 5. Qabeenya jiru qindeessuun bu’aa guddaa argamsiisuu Qabeenyi uumamaa, humni namaa, beekumsi, maallaqni fi bu’uuraaleen misoomaa sirnaan yoo qindaa’an bu’aa guddaa argamsiisuu danda’u. Ida’amni qisaasama qabeenyaa hir’isuun, humna jiru gara hojii bu’a qabeessaatti jijjiiruun fi carraawwan jiran walitti hidhuun bu’aa waliinii guddisuuf yaala. Fakkeenyaaf, qonnaan bulaan oomisha isaa gara gabaa geessuuf geejjiba, odeeffannoo gabaa fi tajaajila faayinaansii yoo argate galii isaa guddisuu danda’a. Akkasumas, dargaggoonni beekumsa teeknooloojii qaban dhaabbilee oomishaa fi tajaajilaa waliin yoo hojjetan, carraa hojii uumuu fi dinagdee cimsuu keessatti gahee guddaa bahachuu danda’u. 6. Haqa, itti gaafatamummaa fi bulchiinsa gaarii cimsuu Yaadamni Ida’amuu hojii irra ooluu kan danda’u dhaabbileen mootummaa itti gaafatamummaa qaban, seera kabajan, haqaan hojjetan fi uummataaf tajaajila kennan yoo jiraatanidha. Kanaaf, haqni, walqixxummaan carraa, iftoomni, olaantummaan seeraa fi malaammaltummaa ittisuun milkaa’ina mootummaa keessatti iddoo olaanaa qabu. Akkasumas, uummanni murtoowwan isa ilaallatan keessatti hirmaachuu, komii isaa dhiyeeffachuu fi tajaajila mootummaa argachuuf carraa walqixa qabaachuu qaba. Kunis amantaa uummataa cimsuun mootummaa fi uummata gidduutti hariiroo gaarii uuma. Itoophiyaan Maaliif Maqaa “Mootummaa Ida’amuu” Filatte? Itoophiyaan maqaa “Mootummaa Ida’amuu” filachuun yaadamaa Mootummaa Ida’amuu fi Paartiin Badhaadhinaa guddina biyyaalessaa, tokkummaa, tumsa fi jijjiirama dinagdee ittiin ibsan waliin walqabata. Ilaalchi kun humnoota biyyattii keessa jiran walitti fiduun, qabeenya jiru qindeessuun fi kaayyoo guddinaa waliinii galmaan ga’uuf hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsa. Itoophiyaan garaagarummaa afaanii, aadaa, seenaa fi muuxannoo bal’aa qabdi. Garaagarummaan kun walhubannaa, walqixxummaa fi hirmaannaa irratti hundaa’uun yoo qindaa’e, carraa guddina biyyaalessaa guddaa uuma. Sababni biraa dameewwan misoomaa walitti hidhuun guddina saffisaa fi itti fufiinsa qabu galmaan ga’uudha. Rakkoolee dinagdee, hojii dhabdummaa, oomishtummaa gadi aanaa fi hanqina tajaajila hawaasummaa furuuf qabeenya jiru qindoominaan fayyadamuun murteessaa dha. Yaadamni Ida’amuu qabeenya, dandeettii fi carraawwan adda addaa walitti fiduun rakkoolee kanaaf furmaata barbaaduu irratti xiyyeeffata. Dabalataanis, maqaan kun garaagarummaa yaadaa fi dandeettii jiru kaayyoo waliinii irratti bobbaasuun jijjiirama fiduuf yaada mootummaa ibsa. Itti Gaafatamummaa fi Milkaa’ina Mootummaa Ida’amuu Mootummaan Ida’amuu kaayyoo isaa galmaan ga’uuf hojii irra oolmaa bu’a qabeessa ta’e barbaada. Garaagarummaan yaadaa karaa nagaa fi seera qabeessa ta’een ibsamuu, komiin uummataa dhaggeeffatamuu fi murtoowwan uummata irratti dhiibbaa qaban keessatti hirmaannaan bal’aan jiraachuu qaba. Haalli akkanaa amantaa uummataa cimsuu fi bulchiinsa itti gaafatamummaa qabu ijaaruu keessatti murteessaa dha. Milkaa’inni Mootummaa Ida’amuu bu’aa qabatamaa jireenya uummataa keessatti fidaa jira. Hojii uumuu, galii maatii guddisuu, qulqullina barnootaa fi tajaajila fayyaa fooyyessuu, bu’uuraalee misoomaa babal’isuu, oomishtummaa guddisuu fi tajaajila mootummaa fooyyessuun mallattoolee milkaa’ina isaa keessaa muraasa. Hojiiwwan kunneen iftoomina, madaallii bu’aa fi itti gaafatamummaa waliin raawwatamuu qabu. Uummannis hojii mootummaa irratti odeeffannoo argachuu, raawwii isaa hordofuu fi yaada kennuu keessatti carraa qabaachuu qaba. Kunis mootummaa fi uummata gidduutti amantaa cimsuun, qabeenya uummataa sirnaan fayyadamuu fi bu’aa misoomaa fooyyessuuf gargaara. Mootummaan Ida’amuu garaagarummaa kabajuun, tumsa cimsuun, qabeenya jiru qindeessuun fi dandeettii lammiilee fayyadamuun guddina Itoophiyaa saffisiisuun kaayyoo qabatee milkeessaa jira. Yaadamni Ida’amuu garaagarummaa madda humnaa taasisuun, hirmaannaa uummataa cimsuun fi misooma walitti hidhame hojiitti hiikuun deeggarame, guddina waaraa fi badhaadhina waliinii ijaaruu keessatti gumaacha guddaa qabaahaachaa jira.
Dhaaltuun mootummaa Sa’udii Arabiyaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiif ergaa baga gammaddanii dabarsan
Oct 13, 2026 197
Onkololeessa 3/2019 (ENA) Dhaaltuun Mootummaa Sa'udii Arabiyaa Mohammad bin Salman bin Abdulaziz Al Sa'ud, Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiif ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru. Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa 7ffaan bara hojii 1ffaa fulbaana 25/2019 walga'ii idilee 1ffaa hundeeffama mana marichaa irratti Dr. Abiyyi Ahimad ministira muummee moggaaseera. Dhaaltuun mootummaa Sa’udii Arabiyaa Mohammad bin Salman bin Abdulaziz Al Sa'udii ergaa dabarsaniin, Ministira Muummeetiif baga gammaddan jechuun hawwii gaarii qaban ibsaniiru. Dhaaltuun mootummaa Ministira Muummeetiif milkaa'ina, ummata Itoophiyaatiif immoo guddinaa fi badhaadhina ittifufinsa qabu akka tahu hawwaniiru.
Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad Ministira Muummee Israa’el Beeniyaamiin Neetaniyahuu waliin bilbilaan mariyatan
Oct 13, 2026 238
Onkololeessa 3/2019 (ENA):- Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad Ministira Muummee Israa’el Beeniyaamiin Neetaniyahuu waliin bilbilaan mariyataniiru. Dookar Abiyyi Ahimad fuula miidiyaa hawaasaa ‘X’ irratti akka ibsanitti, marii kanaan hariiroo biyyoota lamaanii fi dhimmoota ijoo naannawaa irratti marii bu’a qabeessaa taasisaniiru. Dabalataanis, tumsa biyyoota lamaanii caalaatti cimsuuf kutannoo qabuuchuu isaanii mirkaneessaniiru.
Naannoo Tigraayitti adeemsi hidhattoota hidhannoo hiikkachiisuu fi gara jireenya nagaatti deebisuu (DDR) addaan cite ture deebi’ee eegalame.
Oct 13, 2026 240
Onkololeessa 3/2019 (ENA):- Dargaggoonni humnoota hidhatan keessaa ba’uun gara jireenya nagaatti deebi’uu barbaadan Magaalaa Maqaleetti galmaa’aa jiraachuun ibsame. Naannoo Tigraayitti adeemsi hidhannoo hiikkachiisuu, humnoota hidhatan keessaa ba’uu fi gara jireenya nagaa deebisuu (DDR) addaan citee ture irra deebi’ee eegalamuu isaa hordofee, hidhattoonni gara jireenya nagaa deebi’uu barbaadan galmaa’aa jiraachuun ibsameera. Adeemsa kana itti fufsiisuuf, hidhattoonni waamicha nagaa dhihaateef fudhachuun Magaalaa Maqaleetti wiirtuu galmee Komishinii Poolisii Tigraayitti argamuun galmaa’aa akka jiran ibsameera. Dargaggoota adeemsa galmee kana irratti hirmaachaa jiran keessaa muraasni akka jedhanitti, naannoo isaanii keessatti kutaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaatti argamani meeshaalee waraanaa isaanii erga kennanii booda, galmaa’uuf gara Maqalee dhufaniiru. Adeemsi DDR irra deebi’ee eegalamuu isaa, hidhattoonni sababa walitti bu’iinsaatiin jireenya rakkisaa keessa turan jireenya waraanaa keessaa ba’anii gara jireenya hawaasummaa fi dinagdee tasgabbaa’aatti akka ce’an carraa haaraa kan uumu ta’uun ibsameera. Hoggantoonni Komishinii Haaromsa Biyyaalessaa gama isaaniin, keessumaa dargaggoonni Tigraay sababa walitti bu’iinsa duraanii irraa kan ka’e rakkoolee garaagaraaf saaxilaman abdii osoo hin kutatin carraawwan gara jireenya nagaa isaan deebisanitti akka fayyadaman, akkasumas jireenya isaanii gara fuulduraa irra deebi’anii akka ijaarratan waamicha dhiheessuu isaanii ni yaadatama. Kaayyoon ijoo adeemsa DDR hidhattoonni humnoota hidhatan keessaa ba’uun gara jireenya hawaasummaa idileetti akka deebi’an, akkasumas ijaarsa nagaa fi hojiiwwan misoomaa keessatti akka hirmaatan taasisuudha. Kaayyoo kana milkeessuuf mootummaan Itoophiyaa, dhaabbileen biyya keessaa fi michoonni idil-addunyaa qindoominaan hojjechuun deeggarsa taasisuun murteessaa ta’uunis eerameera. Hidhattoonni yeroo galmaa’an dubbisne keessaa muraasni, adeemsi DDR irra deebi’ee eegalamuu isaa jireenya hidhannoo keessaa ba’anii gara jireenya nagaa ce’uuf tarkaanfii barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Dabalataanis, Komishiniin Haaromsa Biyyaalessaa hidhattoonni galmaa’uu barbaadan Magaalaa Maqaleetti wiirtuuwwan Komishinii Poolisii Tigraayii fi Ajaja Kaabaa keessatti argamanitti akka galmaa’an waamicha dhiheessuu isaa ibsameera.
Guyyaa Alaabaa yeroo kabajnu ergama biyyaalessaa nutti kenname ba’achuun hojiiwwan tokkummaa biyyaalessaa fi Waliigaltee cimsan ittifufsiisuuf waadaa seenuuni - gaggeessitoota fi hojjettoota ENA
Oct 12, 2026 363
Onkoloolessa 2/2019(ENA) Gaggeessitoonnii fi hojjettoonni ENA akka jedhanitti, Guyyaa Alaabaa yeroo kabajnu ergama biyyaalessaa nutti kenname ba'achuudhaan hojiiwwan tokkummaa biyyaalessaa fi walii galtee cimsan itti fufsiisuuf waadaa seenuudhaan ta’uu ibsaniiru. Guyyaan Alaabaa biyyaalessaa 19ffaan mata duree “Alaabaan keenya walii galtee biyyaalessaa fi tokkummaa keenyaaf” jedhuun guutuu biyyatti kabajamee jira. Gaggeessitoonnii fi hojjettoonni ENA guyyaa Alaabaa biyyaalessaa marii paanaalitiinii fi sirna alaabaa ol baasutiin kibajaniiru. Hojii Raawwachiisaa olaanaan ENA Obbo Seyifee Darribee wayita sana akka jedhanitti, Alaabaan biyyaalessaa hiika hedduu kan qabu mallattoo biyyaati jedhaniiru. Alaabaan Itoophiyaa itti fufiinsa biyyaa mirkaneessuudhaaf, tokkummaa sab-daneessummaa eeguudhaaf fi jaalala lammimma jabeessuudhaaf itti gaafatamummaa guddaa biyyaalessaa kan qabate ta’uu ibsaniiru. Kanaanis waan nurraa eegamu ba'achuun biyya jabduu dhaloota dhufuuf dabarsuuf ciminaan hojjechuu qabna jedhaniiru. Dameen miidiyaa fi komunikeeshinii odeeffannoowwan walii gala biyyaalessaa fi tokkummaa uummataa jabeessan bifa sirriitiin uumuudhaan jaalala lammummaa cimsuu akka qabu ibsaniiru. Gaggeessitoonni fi hojjettoonni ENA akka jedhanitti, Guyyaa Alaabaa yoo kabajnu ergama biyyaalessaa nutti kenname ba'achuudhaan hojiiwwan tokkummaa biyyaaleessaa fi waliigaltee jabeessan itti fufsiisuuf waadaa seenuudhaani jedhaniiru. Itti Aanaa Hojii gaggeessa olaanaa ENA Obbo Nagaasii Ambaayee gama isaaniitiin akka jedhanitti, tokkummaa biyyaalessaa jabeesuuf seenessa tokkummaa cimsu gara fuulduraatti fiduun ta’uu qaba jedhaniiru. itti Aanaa Hojii raawwachiisaa olaanaa ENA Obbo Tafarra Baqqalaa akka ibsanitti, ENA’n oduu fi hojiiwwan oduu walqabatan l cimsee hojjechuun walii galtee biyyaalessaa fi tokkummaa caalaatti jabeessuudhaaf akka hojjetu dubbataniiru. Itti Aantuu Hojii raawwachiisaa olaanaa ENA Beteliheem Ababaaw gama isaniitiin alaabaan keenya mallattoo tokkummaa keenyaa ta'uu eeruun, kunis Afrikaanotaaf fakkeenya bilisummaa ta'uu dubbataniiru. Hirmaattonni marii fi hojjettoonni yaada kennaniin, Guyyaa Alaabaa yoo kabajnu ergama biyyaalessaa nutti kenname ba'achuudhaan hojiiwwan tokkummaa biyyaalessaa fi waliigaltee cimsan itti fufsiisuuf waadaa kan seennudha jedhaniiru. #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #mulataguddaa
Alaabaa keenya aarsaan har’a gahe kabajuudhaan waloomnee misoomaaf hojjechuu qabna-af-yaa’ii Sulxaan Abdusalaam
Oct 12, 2026 297
Onkoloolessa 2/2019 (ENA)- Alaabaa keenya aarsaan har’a gahe kabajuudhaan waloomnee misoomaaf hojjechuu qabna jechuun dubbatan af-yaa’iin naannoo Hararii Sulxaan Abdusalaam. Guyyaan alaabaa biyyaalessaa 19ffaan “Alaabaan keenya waliigaltee biyyaalessaa fi tokkummaa keenyaaf” jedhuun naannoo Harariitti kabajameera. Pirezidaantiin naannichaa obbo Ordiin Badrii, af-yaa’iin mana maree naannichaa obbo Sulxaan Abdusalaam, hoggantoonni olaanoo naannichaa fi miseensonni poolisii sirnicharratti argamaniiru. Pirezidaanti Ordiin Badrii fi af-yaa’iin mana maree naannoo Hararii obbo Sulxaan Abdusalaam Alaabaa Fannisaniiru. Af-yaa’iin mana maree naannoo Hararii obbo Sulxaan Abdusalaam saganticharratti akka jedhanitti, Alaabaan abboootii keenyarraa kan dhaalle eenyummaan keenya kan ittiin beekamuu fi ibsituu eenyummaa keenyaati. Alaabaa aarsaan har’a gahe kabajuudhaan waloomnee misoomaaf hojjechuun akka barbaachisu dubbataniiru. Kanaaf mootummaan ida’amuu karoora biyya ceesisan hojiirra oolchuun fayyadama ummataa mirkaneessuu akka qabu eeraniiru. Hogganaan waajjira dhimmoota komunikeeshinii mootummaa naannichaa obbo Heenook Mulunaa gamasaaniin; guyyaan Alaabaa kabajamuunsaa dhalootaaf imaanaa kan kenninuu fi badhaadhina bu’ura cimaarra kan dhaabnudha jedhaniiru. Kanaaf Alaabaan waadaa walii galtee biyyaalessaa ittiin cimsinu, nagaa fi misooma ittiin mirkaneessinu ta’uu ibsaniiru. Alaabaan keenya bilisummaa keenyaaf raga, haaromsa keenya gaggeessuu fi Itiyoophiyaa egereef roga amansiisaa ta’ee bara baraaf ol kaafamee ni mirmirfama jedhaniiru.

Hawaasummaa
Barnoonni keenya galma qabsoo keenyaa kan itti murteessinudha -- Obbo Shimallis Abdiisaa
Oct 10, 2026 605
Mootummaan Naannoo Oromiyaa cabiinsa sirna barnootaa keessatti mudate suphuun dhaloota ofitti amanamummaa fi dorgomaa ta’e akkasumas jaalala biyyaa qabu horachuuf Sirna barnootaa qulqullina qabu, dhaqqabummaafi haqa qabeessaa ta’e hojiirra akka oolu taasisaa jira. Biiroon Barnootaa Oromiyaas barattoota bara 2018 Qormaata Biyyaalessaa kutaa 12ffaan qabxii olaanaa galmeessan guyyaa har'aa magaalaa Bishooftuutti beekkamtiifi badhaasa kenneera Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa dagantaa kanarratti ergaa dabarsaniin Barnoonni keenya egeree keenya, meeshaa waa hundaan itti dursinu ta'uu kaasuun, Barnoonni keenyaa hundaa ol Galma qabsoo keenyaa kan itti murteessinu ta'uu ibsaniiru. Barnootarratti xiyyeeffannaan kennamee hojii hojjetamaa jiruun bakka kufeerraa mataasaa akka ol qabatu taasifamee jiraachuu kaasuun, sabni barnootaafi teeknolojiin hin gahoomne eessayyuu gahuu hin danda'u waan ta'eef dhaloota barnootaaf teeknoloojiidhaan gahoomsuudhaaf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu himaniiru. Yeroo itti aanuuttis barnoonni keenyaa ka'ee akka dhaabbatu, dandeettii barsiisoota keenyaa fooyyeessuu, gosoota baruumsaa murteessoo ta'an irratti xiyyeeffachuufi hooggansa barnootaa fooyyeessuurratti xiyyeeffachuun kan hojjetamu ta'uu dubbachuun, Barattoonni guyyaa har'aa badhaafaman qabxiin amma fidan qabxii sabichaa ta'uu beekuun naamusa cimaadhaan ergama qabsoo itti aanuuf of qopheessuu akka qaban dhaamaniiru.
Biiroon Barnoota Oromiyaa, barattoota bara 2018 Qormaata Biyyaalessaa kutaa 12ffaa qabxii olaanaa galmeessaniif beekamtiifi badhaasa ni laata
Oct 10, 2026 458
Fulbaana 30/2019(ENA) Biiroon Barnoota Oromiyaa, barattoota bara 2018 Qormaata Biyyaalessaa kutaa 12ffaa qabxii olaanaa galmeessaniif beekamtiifi badhaasa akkakennu beeksiseera. Biirichi sagantaa beekamtii kana mata duree ''Barnoota Qulqullina qabu Mana Barnootaa Qulqullina qabu Keessatti'' jedhuun magaalaa Bishooftuutti kan qopheesse yoo ta'u barattoota qabxii olaanaa galmeessaniif badhaasaa onneechiftuu kan kennu ta'a. Sagantaa badhaasa kanaanis, barattoota 165 bara 2018 Qormaata Biyyaalessaa kutaa 12ffaan qabxii olaanaa galmeessanif beekamtiifi badhaasa ni kennama jechuun BKO beeksiseera
Godina Giddugaleessa Oromiyaa magaalaa Ambootti Irreechi hora Ayeetuu Amboo karaa duudhaa isaa eeggateen irreeffatame
Oct 10, 2026 356
Fulbaana 30/2019(ENA) Godina Giddugaleessa Oromiyaa magaalaa Ambootti Irreechi hora Ayeetuu Amboo karaa duudhaa isaa eeggateen irreeffatameera. Abbootii Gadaa, haadholii Siinqee ,Qeerroofi Qarree dabalatee Qaamoleen hawaasaa garaa garaa uffata aadaa Oromoon faayamuun ayyaana irreeffatan. Irreechi Hora Ayeetuu Amboo dhiibbaa sirnoota darbaniin waggoota 126'tiif adda citee ture sirna bulchiinsa jijjiiramaatiin bakkatti deebi'uun bara kana marsaa 6ffaaf kabajame. Namootni ayyaana irreechaa kana irratti hirmaatanis mootummaan jijjiiramaa haaromsaa aadaa gaggeessaa jiruun sirna irreeffannaa bakkatti deebisuutti baay'ee gammaduu himaniiru.
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa balallii idilee gara Magaalaa Maqaleetti addaan citee ture Dilbata dhufu eegalchiisa
Oct 9, 2026 441
Fulbaana 29/2019 (ENA):- Daandiin Qilleensa Itoophiyaa yeroo muraasaaf balallii idilee gara Magaalaa Maqaleetti addaan citee ture, Dilbata Onkoloolessa 1/ 2019 irraa eegalee akka deebi’u beeksise. Maamiltootnis waajjira Daandii Qilleensa Itoophiyaa dhihoo jiruu fi giddugala bilbilaa lakkoofsa 6787 irratti bilbiluudhaan imala isaaniif galmaa’uu fi tikeetii bitachuu akka danda’an beeksiseera. Mootummaa Ida’amuu! Biyya Guddoo, Ummata Guddaa fi Mul'ata Guddaa
Diinagdee
Itoophiyaa fi Faransaay tumsa dinagdee isanii cimsuuf akka hojjetan ibsan
Oct 13, 2026 207
Onkoloolessa 3/2019 (ENA) Itoophiyaa fi Faransaay tumsa diinagdee yeroo dheeraa gidduu isaanii jiru caalaatti cimsuuf akka hojjetan beeksisan. Walga’iin waggaa Dhaabbata Maallaqa Addunyaa (IMF) fi Baankii Addunyaa bara 2026 Taayilaand, Baangkookitti gaggeeffamaa jiru itti fufeera. Jilli bulchaa Baankii biyyaalessaa Itoophiyaa Dr. Iyyoob Takaalinyiin durfamu Walga’ii kanarratti hirmaachaa jira . Jilli kun walga’ii kana cinaatti itti aanaa barreessaa olaanaa Maallaqaa Faransaay Thomaas Riviyaal waliin marii gam-lamee gaggeessaniiru. Walga'iin kun tumsa dinagdee yeroo dheeraa Itoophiyaa fi Faransaay gidduu jiru gamaaggamuuf carraa gaarii uumeera. Marichaanis, ce’umsa riifoormii diinagdee gooroo Itoophiyaan hojiirra oolchaa jirtuun jijjiiramni bu’aa qabeessi dhufeera. Dabalataanis, deeggarsaa fi hirmaannaa Faransaay dhiyeessii misoomaa Itoophiyaatiif gochaa jirtu irratti mari'atameera. Maricharratti gareen lamaan misooma faayinaansiin, sirna liqii itti fufinsa qabuu fi bulchiinsaa, investimentii fi ijaarsa dandeettii dhaabbilee irratti caalaatti waliin hojjechuuf yaada wal-jijjiirraniiru. Marii kun tasgabbii diinagdee fi guddina waaraa mirkaneessuuf tumsa itti fufinsa qabuuf gahee murteessaa akka qabu irratti xiyyeeffatameera.
Hojii dhabdummaadhaan yeroo dabarsinu gara oomishtummaatti jijjiiruun kanneen biroofis madda galii uumaa jirra
Oct 13, 2026 116
Onkoloolessa 03/2019 (ENA)- Dargaggoonni magaalaa Jimmaa Bunaa fi loozii sona itti dabaluun hojii dhabdummaadhaan yeroo dabarsan gara oomishtummaatti jijjiiruun kanneen biroofis madda galii uumaa jiraachuu ibsan. Jimmaa fi naannoon ishee Bunaa fi looziidhaan beekamaa ta’us, oomishaaleen kunneen sona osoo itti hin dabaliin callaansaanii gabaaf kan dhihaatan waan ta’eef oomishtootarraa kaasee amma dargaggootaatti kan fayyadamu nama muraasa ture. Kana malees dargaggoonni naannawichaa hedduun carraan hojii gahaan waan hin jirreef hojii dhabdummaaf saaxilamanii turaniiru. Haa ta’u malee yeroo dhihoo asitti dargaggoonni magaalaa Jimmaa waldaalee xiqqaa fi maayikiroon gurmaa’an hula kana gara carraa gaariitti jijjiiraa jiru. Oomishaalee akka jirutti gurguruu manna teeknooloojii fi kalaqatti gargaaramuun akaawwii, dhadhaa loozii fi daakuu fi buna saamsamame qiqindeessuun gabaaf dhiheessuu eegalaniiru. Jiraataan magaalaa Jimmaa dargaggoo Junaddii Alii hojii dhabee yeroosaa qisaasaa akka ture dubbata. Yeroo booda garuu haala naannawataa hubachuu fi qorachuun buna daakame gabaaf dhiheessuuf karoorsee hiriyyootasaa waliin gurmaa’ee hojii eegaluusaa ibseera. Bulchiinsi magaalichaarraa leenjii argachuusaa fi hordoffiin akka taasifameef ibsee, yeroo ammaa buna qiqindeessuun gabaaf dhiheessaa akka jiru dubbateera. Dargaggoo Najaa Danuur hiriyyootasaa waliin gurmaa’uun loozii qiqindeessuun carraa hojii uummatariiru. Bittaan maashinii fi bakki hojii erga mijeeffameefiif booda hojii eegalanii haadholii naannawichaa 13’f carraa hojii uumaniiru. Hojii kana gara Invastimantiitti jijjiiruuf fedhii akka qaban dargaggoo Najaa dubbateera. በDargaggoota Kanaan carraa hojii kan argatan adde Foozee Abbaafiraa hojii argachuusaaniitti akka gammadan dubbataniiru. Adde Waziifaa Abbaaraayyaa fi Shamsee Abbaamoggaa carraa hojii kanatti fayyadamuusaanii dubbataniiru. Waajjira carraa hojii uumuu magaalaa Jimmaatti dursaan garee carraa hojii uumuu obbo Ashannaafii Girmaa, bara kana namoota kuma 31 fi 700’f carraa hojii uumuuf karoorfamee kurmaana jalqabaatti namoota kuma 2 fi 300’f carraan hojii uumamuusaa ibsaniiru. Bara kana dargaggoota kuma 7 fi 400 caalan damee industiriin qofa hojiitti galchuuf karoorfamuu dubbataniiru. Kurmaana jalqabaatti industirii godootiin waldaaleen 23 gurmaa’anii hojii eegaluusaanii dubbataniiru. Dargaggoonni hojii eegalan oomishasaanii gabaaf akka dhiheessan baazaarii garagaraa fi kanneen birootiin dursa kennuun walitti hidhaminsi gabaa uumamaa jiraachuu obbo Ashannaafiin ibsaniiru. Sadarkaan qulqullinaas abbaa taayitaa to’annoo qorichaa fi nyaataa waliin qindoominaan hordofamaa akka jiru eeraniiru.
Itiyoophiyaa fi Emereetonni Araba Gamtoomanii damee Baankii fi faayinaansiin tumsa cimsuuf kutannoosaanii mirkaneessan
Oct 13, 2026 155
Onkoloolessa 3/2019 (ENA)- Itiyoophiyaa fi Emereetonni Araba Gamtoomanii damee Baankii fi faayinaansiin tumsasaanii caalaatti cimsuuf akka hojjetan beeksisan. Walgahiin wagga dhaabbata maallaqaa idil addunyaa (IMF) fi baankii addunyaa Taayilaandi Baankookitti gaggeeffamaa jiru har’a guyyaa lammaffaasaati. Gareen jilaa Itiyoophiyaa bulchaa baankii biyyaalessaa Itiyoophiyaa Dr. Iyyoob Takkaalinyiin durfamu walgahii kanarratti hirmaachaa kan jiru yoo ta’u marii gam lame garagaraa gaggeessaa jira. Doktar Iyyoob Takkaalinyi wal gahii kana cinaatti bulchaa baankii jiddu galeessaa Emereetota Araba gamtoomanii Kaaliid Mahaammad Baalaamaa waliin mari’ataniiru. Mariin bulchitoota baankota giddu galaa biyyoota lamaanii kun tumsa dhimmoota tarsiimawaa gama baankii fi faayinaansiin jiru caalaatti cimsuun haala danda’amurratti kan xiyyeeffatedha. Sirnoota faayinaansii biyyoota lamaanii caalaatti walitti fiduu fi muuxannoo wal jijjiiruuf dhimmoota gargaaranirratti yaada wal jijjiiraniiru. Mariin kun tumsa tarsiimawaa Itiyoophiyaa fi Emereetota Araba gamtoomanii jidduu jiru irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, tumsa gam lamee caalaatti cimsuuf kan akeeke ta’uun beekameera.
Magaalaa Bishooftuu wiirtuu turizimii fi konfaransii gochuuf hojiiwwan bu’a qabeessa hojjetaman caalaa gochuuf xiyyeeffatameera
Oct 13, 2026 109
Onkoloolessa 3 /2019 (ENA)- Magaalaa Bishooftuu wiirtuu turizimii fi konfaransii filatamtuu gochuuf hojiiwwan bu’a qabeessa hojjetaman caalaa gochuuf xiyyeeffatamuusaa kantiibaan magaalattii Alamaayyoo Asaffaa ibsan. Biyya guddoo, ummata guddaa, mul’ata guddaa Sababa misooma kooriidaraa yaadama mootummaa ida’amuutiin guutuu biyyaatti hojjetamaa jiraniin magaalota haaromfamanii fi haaromfamaa jiran keessaa magaalaan Bishooftuu ishee tokkodha. Bulchiinsi magaalaa Bishooftuu misooma kooriidaraa dabalatee kennaa magaalattiin misoomuuf qabdu misoomsuun hawata turizimiif qabdu caalaatti saaqaa jira. Kantiibaan magaalaa Bishooftuu Alamaayyoo Asaffaa turtii ENA waliin taasisaniin akka ibsanitti, baay’ina turistii dabaluudhaan carraa hojii haaraa lammiileef uumuuf hojjetamaa jira. Magaalattiin qabeenya uumamaa qabdu misoomsuun, bu’uraalee misoomaa turizimii caalaatti babal’isuun fayyadama dinagdee dame kanarraa argamu caalchisuuf xiyyeeffatamuu dabalanii ibsaniiru. Haroowwan magaalattii keessatti argaman torba, haala qilleensaa mijataa fi bu’uraalee misoomaa riizoortotaa fi hoteelotaatti fayyadamuun baay’ina daawwattootaa guddisuuf xiyyeeffatamuu ibsaniiru. Dureeyyii biyya keessaa fi biyya alaa qarree haroowwaniitti bu’uraalee misoomaa turizimii fi bakkeewwan bashannanaa ijaaruu barbaadaniif haalli mijataa uumamuu dubbataniiru. Magaalaan Bishooftuu bu’uraalee misoomaa wal gahiiwwan idil addunyaa keessummeessuuf gargaaran guutuuf hojjetamaa jiraachuu eeranii, hojiiwwan kun bara bajataa kanattis cimanii akka itti fufan mirkaneessaniiru. Qabeenyota uumamaa fi nam-tolchee misoomsuun baay’ina turizimii fi fayyadama dinagdee damee kanarraa argamu guddisuuf hojjetamaa akka jiru kantiibichi dabalanii dubbataniiru. Haala Kanaan wiirtuun konveenshinii fi galmi wal gahii akkasumas galmoonni tajaajila biroof oolan naannawa Haroo Harsadee jiraachuunsaanii kanaaf haala mijataa akka uuman ibsaniiru. Hoteelota, riizortiiwwanii fi bakkeewwan bashannanaa babal’isuudhaan dandeettii magaalattiin turistoota keessummeessuuf qabdu guddisuuf akka hojjetamu dubbataniiru. Buufanni Xiyyaaraa idil addunyaa magaalattiitti ijaaramaa jiru magaalattiif bu’aa dinagdee dabalataa ta’uusaa fi sochii dinagdee magaalattii guddisuun carraa hojii uumuuf gumaacha olaanaa akka gumaachu ibsaniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Itiyoophiyaan guddina damee teeknooloojii hubannoo nam-tolcheetiin taasiftu itti fufsiisuuf leenjii fi tumsa irratti xiyyeeffachuu barbaachisa
Oct 13, 2026 134
Onkoloolessa 3/2019(ENA)- Itiyoophiyaan imaammattoota dandeettii damee teeknooloojii hubannoo nam-tolcheetiin qabdu hojiirra oolchuun gamatti dandeettii humna namaa leenjiin gabbisuu fi tumsa dhaabbilee cimsuun akka barbaachisu ibsame. Yunivarsiitiin Jimmaa fi akkaadaamiin innoveeshin endi teeknooloojii dijitaalaa Afriikaa (ADITA) gama misooma teeknoolooji, leenjii fi tajaajila gorsa ogummaatiin waliin hojjechuuf walii galaniiru. Hubannoo nam-tolchee baruu fi barsiisuu fi qorannoof itti gargaaramuuf dhimmoota barbaachisanirratti hoggantootaa fi ogeessota Yunivarsiitichaaf leenjiin kennameera. Hojii raawwachiisaan olaanaa akkaadaamii innoveeshin endi teeknooloojii dijitaalaa Afriikaa piroofeesar Shaggaawu Annaagaawu, akkaadaamichi gama misooma teeknooloojiin, leenjii fi dhimmoota konsaltaansiitiin Yunivarsiitii Jimmaa waliin hojjechuuf walii galuusaa ibsaniiru Tumsi kun Yunivarsiitonni hubannoo nam-tolchee baruu fi barsiisuu fi qorannoof sirnaan akka fayyadaman gargaaruuf kan akeekame ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan gama hubannoo nam-tolcheen jijjiirama guddaa agarsiisaa jiraachuu ibsanii, inistiitiyuutiin hubannoo nam-tolchee hundeeffamuunsaa fi imaammanni damee kanaaf gargaaru bahuunsaa misooma teeknooloojichaa si’achiisuuf barbaachisoodha jedhaniiru. Guddinni teknooloojii bu’a qabeessa akka ta’u nama ogummaan cime horachuu fi dhaabbilee barnootaa, dargaggootaa fi dhaabbilee garagaraaf leenjii kennuun akka barbaachisu eeraniiru. Inistiitiyuutichi kaayyoo kanarratti hundaa’uun Yunivarsiitii Gondor, Bahaar Daar, Finfinnee fi Jimmaa dabalatee Yunivarsiitiiwwan biroo keessatti leenjii kennaa akka jiru Piroofeesar Shaggaawu dubbataniiru. Itiyoophiyaan moodaloota hubannoo nam-tolchee afaan biyyattii garagaraan hojjetan qopheessuun teeknooloojicharraa caalaa fayyadamuu akka qabdu eeraniiruy. Pirezidaantiin Yunivarsiitii Jimmaa Dr. Darajjee Ingidaa gamasaaniin, Yunivarsiitichi itti fayyadama teeknooloojii babal’isuuf dhaabbilee garagaraa waliin tumsaan hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Yunivarsiitichi hojjettootasaa teeknooloojiin ga’oomsuun gamatti dame hubannoo nam-tolcheetiin lammiilee ga’ooman horachuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Daarektarri wiirtuu ‘ICT’ Yunivarsiitii Jimmaa Dr. Mahaammad Muntaaz, leenjiin akkaadaamichi Yunivarsiitii Jimmaatti kennaa jiru itti fayyadama hubannoo nam-tolchee guddisuuf qooda guddaa akka qabu ibsaniiru. Yunivarsiitichatti daarektarri wiirtuu qacarrii hojii fi kalaqaa Dr. Wayinisheet Daffaar gamasaaniin, leenjiin kun hoggantoota olaanoo Yunivarsiitichaaf kennamuunsaa sadarkaadhumaan kanneen biroos leenjisuuf akka gargaaru dubbataniiru. Leenjiin kun guyyoota lamaaf akka kennamu beekameera.
Tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob sirna hirmaachisaa lammiileen hundi walqixa itti keessummeeffamanidha
Oct 8, 2026 682
Fulbaana 28/2019 (ENA): Tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob sirna hirmaachisaa lammiileen hundi walqixa itti keessummeeffaman ta’uun ibsame. Tajaajilli wiirtuu tokkoo masoob tajaajila si’ataa fi amansiisaa ta’e uumuun amantaa tajaajilamtootaa kan cimsu ta’uu Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantii oromiyaatti Bulchaan Godina kibba bahaa Oromiyaa Obbo Ahimad Idriis ibsan. Obbo Ahimad tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob magaalaa Dalloo Mannaatti ijaarame eebbisanii hojiif banaa taasisaniiru. Bulchaan Godinichaa akka jedhanitti, mootummaan naannichaa tajaajila bu’uuraa lammiileen mootummaarraa argatan ammayyeessuu irratti xiyyeeffannoon hojjechaa jira. Rakkoo kenninsa tajaajilaa fi qaamolee adda addaa biratti mul’atu furuuf tajaajilli wiirtuu tokkoo furmaata tokko ta’uusa dubbataniiru. Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob lammiileen kabajaa fi si’oominaan akka tajaajilaman, akkasumas dhaabbilee irratti amantaa akka horatan kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Aanaalee godinichaa hunda tajaajila wiirtuu tokkoo babal’isuun dhiyeessii tajaajila mootummaa si’ataa ta’e uumuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Obbo Ahimmad tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob imala Dijiitaala Itoophiyaa qabame kan deeggaru ta’u ibsaniiru. Kana malees, tajaajilichi lammiilee baasii hin barbaachisne irraa kan baraaruu ta'uu dubbataniiru. Gama biraatiin, Bulchaan Aanicha Obbo Umar Mahaammad, tajaajilli wiirtuu tokkoo tajaajiloota 82 wiirtuu tokkotti kan dhiyeessu ta’uu dubbataniiru. Tajaajilli wiirtuu takkaa Mesob sirna hirmaachisaa lammiileen hundi walqixxummaan itti tajaajilaman ta’uu isaas eeraniiru.
Barumsi inistiitiyuutii teeknooloojii Shaggaritti kennamaa jiru biyyi keenya teeknooloojiin akka dorgomtu kan taasisudha
Oct 2, 2026 917
Fulbaana 22/2019 (ENA) - Barumsi inistiitiyuutii teeknooloojii Shaggaritti kennamaa jiru biyyi keenya teeknooloojiin akka dorgomtu kan taasisuu fi dhalootaaf abdii kan kennu ta’uusaa miseensonni hawaasa diyaasporaa Oromiyaa ibsan. Ayyaana Irreechaa kabajuuf biyya kan dhufan miseensonni diyaasporaa Oromiyaa magaalaa Shaggaritti kan argamu inistiitiyuutii teeknooloojii Shaggar dabalatee hojiiwwan misoomaa garagaraa daawwataniiru. Miseensonni diyaasporaa hojiilee misooma dijitaalaa hojjetaman dinqisiifataniiru. Ameerikaarraa kan dhufan Doktar Tamasgeen Shaashoo ENA’f akka ibsanitti, hojiin inistiitiyuutii teeknooloojii Shaggaritti argan biyyi keenya teeknooloojiin dorgomtuu akka taatu kan dandeessisuu fi dhaloota boruuf abdii guddaa kan kennudha. Yeroon kun addunyaan hubannoo nam tolcheen(AI) deeggaramaa yeroo jirtu waan ta’eef biyyi keenya teeknooloojiiwwan dameewwan garagaraa alaa galan biyya keessatti bakka buusuuf hojiin hojjechaa jirtu guddaa kan jajjabeeffamuu qabudha jedhaniiru. Keessumaa barattoonni qabxii olaanaa galmeessisan hubannoo nam-tolchee(AI) akka deeggaramanii fi akka ga’ooman gochuuf hojiin hojjetame kan dinqisiifatan Doktar Tamasgeen, hojiiwwan amma hojjetaman kan abdii namaa kennan ta’uu dubbataniiru. Afriikaa kibbaarraa kan dhufan Umar Usmaan gamasaaniin, hojii inistiitiyutichatti arganitti guddaa gammaduusaanii ibsaniiru. Hojiin gama teeknooloojiitiin naannoo Oromiyaatti hojjetamaa jiru biyyi keenya teeknooloojiidhaan kallattii sirriirra akka jirtu agarsiisa jechuun ibsaniiru. Noorweeyirraa kan dhufan adde Leensaa Lammeessaa, barumsi inistiitiyuutichatti kennamaa jiru sadarkaasaa kan eege waan ta’eef dargaggoonni barumsa qulqulluu biyyasaanii keessatti argatanii sadarkaa idil addunyaatti dorgomuuf akka isaan dandeessisu taasisa jedhaniiru. Dura taa’aan boordii diyaasporaa Oromiyaa obbo Tasfaayee Diimaa akka jedhanitti, daawwannaan kun qama aadaa daawwannaa pirojektoota gurguddoo torban irreechaatti wagga waggaan taasifamuuti. Daarektarri dhimma diyaasporaa Oromiyaa obbo Amiin Jundii gamasaaniin, inistiitiyuutichi erga hundeeffamee wagga tokko ta’uusaa ibsanii, amma ammaatti barattoota qabxii olaanaa Fidan 200 ol simatee barumsa hubannoo nam-tolchee(AI)‘n deeggarame barsiisaa jira jedhaniiru. Kaayyoon ijoo daawwannaa kanaa jijjiirama hunda galeessa biyya keenyatti dhufaa jiru qabatamaan agarsiisuun miseensonni diyaasporaa Oromoo beekumsaanis ta’e invastimantiidhaan biyyasaanii deeggaruuf akka qophaa’an gochuu akka ta’e dubbataniiru
Dhaabbatichi kalaqoota teeknooloojii fi intarpiraayizoota of danda’an horachuun qoodasaa bahachaa jira
Sep 25, 2026 1355
Fulbaana 15/2019 (ENA)- Inistiitiyuutiin leenjii teekniikaa fi ogummaa FDRI kalaqoota teeknooloojii fi intarpiraayizoota of danda’an horachuun qoodasaa bahachaa jiraachuu ibse. Dhaabbatichi hojiisaa hawaasaaf beeksisuuf kan isa gargaaruu fi guyyoota 15’f kan turu ‘torban odeeffannoo’ ilaalchisee ibsa kenneera Itti aanaan daarektara olaanaa inistiitiyuutichaa Dr. Habtaamuu Mulugeetaa wayita kana, dhaabbatichi woorkishooppiiwwan gurmaa’an, laaboraatooriiwwanii fi bakka itti shaakalamu qabaachuunsaa dargaggootaaf dandeettii fi carraa guddaa akka uumu ibsaniiru. Dhaabbatichi dargaggoonni carraa hojii uumuu isaan dandeessisu akka isaaniif argamsiise eeraniiru. Haala Kanaan dhaabbatichi kalaqoota teeknooloojii biyyattii guddisuu danda’anii fi በintarpiraayizoota of danda’an horachuudhaan qoodasaa bahachaa akka jiru ibsaniiru. Barattoota bara 2019 simatuuf barnoota bu’a qabeessa kennuuf qophii ga’aa taasisuusaa dubbataniiru. Waggoottan lamaan darban qofa fedhii yeroon barbaadu kan guute sagantaawwan haaraa 11 ta’aneegaluusaanii beeksisaniiru. Kanneen keessaa sagantaan leenjii hubannoo nam-tolchee(AI) isa tokko yoo ta’u, sagantaa Kanaan bara 2018 irraa eegalee barattoota simatee leenjisaa akka jiru ibsaniiru. Itti aantuun daarektara olaanaa inistiitiyuutichaa Tsadaalee Takluu gamasaaniin, inistiitiyuutichi xiyyeeffannoon qulqullina barnootaaf kenne bu’aa qabatamaa fidaa jiraachuu ibsaniiru. Dhaabbatichi kaampaasiisaa muummeetti beekamtii ISO 9001:2015 mirkaneessuusaa dubbataniiru.
Ispoortii
Atileet Tigisti Asaffaa kaadhimamtuu Atileetii Filatamtuu Dubartoota Atileetiksii Addunyaa taate
Oct 6, 2026 871
Fulbaana 26/2019 (ENA ): Atileet Tigisti Asaffaa kaadhimamtuu Atileetii Cimtuu Dubartoota Atileetiksii Addunyaa bara 2026 keessatti hammatamte. Atileetiksiin Addunyaa har'a atileetota addunyaa kanarraa ciccimoo ta'an 10 koorniyaa lamaanii ifoomsoosera. Kaadhimamtoota dubartoota keessaa atileetii lammii Itoophiyaa Taagisti Asaffaati. Atileet Taagisti kanaan dura Atileeti Cimtuu Dubartoota Atileetiksii Addunyaa bara 2023 fi 2025 ta’uun kaadhimamtee turte. Tibbana Maraatoonii Barliin irratti miidhamaan qoramtee turtus, atileetiin kun sa'aatii 2, daqiiqaa 11 fi sekondii 04’n xumuruun sa'aatii saffisaa addunyaa irratti sadarkaa 3ffaa galmeessiteetti. Akkasumas Maraatoonii Landan bara 2026 irratti sa'aatii 2, daqiiqaa 15 fi sekondii 41’n maaraatoonii dubartootaatiin riikardii addunyaa haaraa galmeessiteetti.
Fiigichi guddichi Irreechaa duudhaalee ayyaana Irreechaa addunyaatti beeksisuuf gahee olaanaa qaba
Oct 1, 2026 960
Fulbaana 21/2019 (ENA) — Fiigichi Guddichi Irreechaa, fageenya kiilomeetira 10n magaalaa Bishooftuutti gaggeeffame, faayidaa ispoortii, hawaasummaa fi biyyaalessaa cimsuu bira darbee, Ayyaana Irreechaa sadarkaa addunyaatti beeksisuuf gahee olaanaa qabaachuun ibsame. Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Ispoortii Oromiyaa, Aadde Rozaa Biyyaa, sagantaa jalqabbii fiigichaa guddicha Irreechaa irratti ergaa dabarsaniin, ispoortiin nagaa, jaalala, tokkummaa fi obbolummaa ummatootaa cimsuuf gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru. Aadde Rozaan, fiigichi guddaan kun duudhaalee, aadaa fi seenaa Ayyaana Irreechaa hawaasa addunyaatti bal’inaan beeksisuuf waltajjii guddaa ta’uu himaniiru. Kanaaf fiigicha kana osoo walirra hin kutiin waggaa waggaan akka gaggeeffamu kan hojjetamu ta'uu himaniiru. Kantiibaan Magaalaa Bishooftuu, Obbo Alamayyoo Asaffaa, gamasaaniin, fiigichi kun Bishooftuu giddugala turiizimii caalaatti taasisuuf hojiiwwan hojjetamaa jiran saffisiisuufi cimsuuf gumaacha olaanaa qabaachuu ibsaniiru. Fiigichi kun waggoota torba booda yeroo lammaffaaf, mata-duree “Irreechaa Waliigaltee Biyyaalessaaf” jedhuun gaggeeffame. Fuuldurattis addaan osoo hin cinne, waggaa waggaadhaan akka gaggeeffamu himaniiru. Dorgommicharratti hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaa fi naannoo, Abbootiin Gadaa, maatii atileetota beekamoo addunyaa kanneen akka Xuruneesh Dibaabaa, atileetonni profeeshinaalaa 1,400 ol, akkasumas jiraattonni Magaalaa Bishooftuu fi deeggartoonni 50,000 ol hirmaataniiru.
Fiigichi irreechaa 2ffaan mata duree “irreechi walii galtee biyyaalessaaf” jedhuun Biishooftuutti gaggeeffamaa jira
Oct 1, 2026 735
Fulbaana 21/2019 (ENA)- Jala bultii ayyaana irreechaa 2019 ilaalchisuun fiigichi irreechaa 2ffaan mata duree “irreechi walii galtee biyyaalessaaf” jedhuun Biishooftuutti gaggeeffamaa jira. Irreechi ayyaana galateeffannaa, araaraa, jaalalaa fi tokkummaa ta’uun olitti, sabaa fi sab lammoota garagaraa bakka tokkotti kan fidu akkasumas waliigaltee,nageenyaa fi obbolummaa kan cimsu waltajjii waloo ta’aa dhufeera. Ayyaanni irreechaa aadaa fi duudhaa Oromoo dhalootarraa dhalootatti dabarsuurra darbee, garaagarummaa keessatti walkabajaa fi jaalala guddisuun Itiyoophiyaaf qabeenya waloo ta’uudhaan biyya keenya sadarkaa idil addunyaatti beeksisaa jira. Kaayyoon fiigichi daandiirraa kun irreechi waltajjii obbolummaa, tokkummaa fi dhiifamaa ta’uusaa addunyaaf beeksisuudhaan hawattummaasaa guddisuu akka ta’e ibsameera. Atileetonni biyya keessaa fi biyya alaa akkasumas namoonni kuma 50 caalan fiigicha irreechaa daandiirraa km. 10 fagaatu kanarratti hirmaachaa jiru.
Atileettonni Itoophiyaa maratoonii Barliin koorniyaa Lamaaniinuu Injifatan
Sep 27, 2026 1118
Fulbaana 17/2019 (ENA): Maratooniin Barliin 52ffaan har'a ganama gaggeeffameera. Dubartootaan atleetiin Tigist Asaffaa sa'aatii 2, daqiiqaa 11 fi sekondii 04n injifatteetti. Atileetiin kun Maratoonii Barliin yoo injifattu kan ammaa yeroo sadaffaadhaaf. Dhiiraan atileetiin Guyyee Adoolaa sa'aatii 2, daqiiqaa 2 fi sekondii 51n injifataa ta'eera. Kanaan dura waggaa shan dura dorgommicha injifateera. Atleetiin kun dorgommii waggaa darbeerratti sadarkaa 4ffaan xumuruun isaa kan yaadatamudha.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Ergaa Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad dabarsan:
Oct 13, 2026 154
Inistitiyuutii Metiworooloojii Itoophiyaa daawwachuuf carraa argadheen ture. Dhaabbatichi tajaajila raaga qilleensaa guutuu kennuudhaan dhaabbata humna misoomaa biyyattiif hojiiwwan murteessaa ta'an hojjechuudhaan umurii bara dheeraa qabudha. Daawwannichaan haala qilleensaafi amala qilleensaa jijjiiramaa jiru ilaalchisee haalota hubachuufi deebii kennuudhaan humna qabnu cimsuudhaaf odeeffannoo meetiriiwooloojii funaanuun, qorannoon saayinsaawaafi guddinni teknooloojii faayidaa olaanaa qabu kan mirkaneesse ta'uu argeera. Dhaabbilee akka Inistitiyuutii Metiworooloojii Itoophiyaa jiran cimsuun baay'ee barbaachisaadha. Tajaajiloota dameewwan ijoo akka qonnaa, bishaan, fayyaa, aviyeeshiniifi hooggansi hojii yaaddoo balaa itti hirkatan fooyyessuuf ijaarsa dandeettii humna namaa, teknooloojiiwwan ammayyaafi misooma bu'uraa odeeffannoo irratti qabeenya ramadanii hojechuun murteessaadha. Keessaayyuu balaawwan dursanii tilmaamuuf, naannaawwan kamitti dafanii qaqqabuun caalaatti akka barbaachisu murteessuuf akkasumas karaa wayitawaa fi bu'a-qabeessa ta'e akka sochoonu gochuuf faayidaa sirnoonni dursanii akeekkachiisuu qaban najajjabeesseera. Odeeffannoo amansiisaan gara qajeelfamoota qabatamaatti yoo jijjiiramu lubbuu baraara; qabeenya kunuunsa, akkasumas murtii fooyya'aa kennuuf gargaara. Hojiin akkasii saatalaayitii ilaaluu bira kan darbudha. Hojichi odeeffannoowwan funaanamanii, qindaawwaaniifi qaacceffamanii tarkaanfii wayitaawaa fudhachuuf akka gargaaran, buufatawwan funaansa odeeffannoofi man'ee giddugala odeeffannoo ciccimoo guutummaa biyyattiitti argaman irraattis kan hundaa'edha.
Harka Lammiilee isheen Dachee Laliste -Itoophiyaa
Sep 22, 2026 2326
Waggoota kurnan darban keessa uwwisni bosonaa ishee baay’ee haphatee ture. Haalli kunis biyyattii jijjiirama haala qilleensaa fi eegumsa naannoof qormaata itti ta’aa tureera. Kaka’umsa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin ifatti bara 2011 kan jalqabame sagantaan ashaaraa magariisaa bu’aa olaanaa fidaa jira. Sagantaa ashaaraa magariisaa kanas ummanni Itoophiyaa qajeelfama hoggansa isaa fudhachuun duulaan biqiloota dhaabuun adda duree akka ta’e Zegaardiyaan gabaasa isaa keessatti bal’inaan ibseera. Haliimaa Kadir yeroo jalqabaaf gaafa biqiltuu dhaabuu jalqabdu namoonni akka ishee shakkanii fi itti qoosan akka turte illee Zegaardiyaan gabaasa isaa keessatti eereera. Biqiloonni dhaabaman kunniin muuzii,zayituunaafi Giraaviiliyaa, akkasumas gosoota kuduraa fi muduraa adda addaan oyiruu uwwifame bira teessoo mukaarra teessee gaafa biqiltuu dbaabuuf jettu sana gara duubatti yaadatti. Olloonni koo abdii na kutachiisanii ture jetti. Garuu waan ajaa’ibaa hojjette. Namoota Tokkoo tokkoo isaaniif ifaajii homaa hin baafne itti fakkaatee ture;garuu booda biqiloonni dhaabaman kunniin jijjiirama qilleensaa fi wabii nyaataa mirkaneessuuf furmaata ta’ee gaafa argamu dhugaa jiru hubachaa dhufuu isaanii ibsiti. Naannoo Oromiyaa aanaa Barbareetti kan kan argamtu Haliimaa Kadir umuriin waggaa 35 kan taate,biqiloota kumaatamaan lakkaa’aman dhaabuun eegumsa naannoof modeela taateetti. Biyya akka Itoophiyaa mancaatiin bosonaa mudatuti hojiin Haalimaa salphaa hin turre; ija jabina naamusaa fi cimina guddaa gaafata ture. Amma garuu wanti hundi jijjiirameera jetti Haalimaan. Biqiltoonni isheen dhaabde guddachuu fi naannoon ishee magariisa ta'aa dhufuun, warri jalqaba abdii kutachiisuuf yaalan illee hojii cimaa fi kutannoo ishee akka dinqisiifatan ibsiteetti. Haalimaaf biqiltuun isheen dhaabdu muka ofii isaatii irra darbee hiika qaba; isaanis hiriyyoota ishee dhiyootiin akkasumas qormaata hawaasa ishee addunyaa irratti jijjiirama qilleensaaf saaxilamoo ta’an keessaa tokko ta’eef furmaata ta’anii ilaalamu. Akkuma ‘The Guardian’ gabaasetti; Itiyoophiyaan babal’ina qonnaa, biqiltuu qoraaniif oolan fi itti fayyadama cileef irraa kan ka’e uwwisa bosona ishee bal’aa dhabdeetti. Kunis heddummina lubbu qabeeyyii, gabbina biyyee fi qabeenya bishaanii irratti miidhaa guddaa kan geessise yoo ta’u, balaawwan haala qilleensaatiin walqabatan hammeesseera. Inishiyeetiiwwan hedduu mootummaan Itiyoophiyaan eegalte keessaa tokko kan ta’e Ashaaraa Magariisaan, jijjiirama qilleensaa fi mancaatii bosonaa hir’isuu keessatti gahee olaanaa taphateera. Gabaasni kun akka mul’isutti waggoota torban darban keessatti biqiltuun biiliyoona 48 ta’u sagantaa kanaan dhaabameera, kan amma jiru osoo hin dabalatiin jechuudha. Ollaan Haalimaa Faxee Abdullaahi milkaa’ina Haalimaa erga argitee booda eegumsa naannoo irratti hirmaattetti. Isheenis nuti akka hin dogoggorre nutti agarsiifte jechuun Haalimaa jajuun, rakkoon furmaata biyya keessaatiin rakkoo addunyaa furuun furuun akka danda’amu agarsiisuudhaan fakkeenya taatee jirti jette. Hawaasni Oromoo daa’ima nama biraa irraa dhalate abbaa fi haadha uumamaa ykn walitti dhufeenya dhalootaa tokko malee fudhachuun akka dhala ofiitti guddifachuun, akka ilmoo ofiitti guddisee, faayidaa dinagdee fi hawaasummaa isaa eeguun aadaa qaba. Ummanni Oromoo biqiltuu akka ilmoo isaatti ilaala. Haalimaan duudhaa kana irraa ka’uun biqiloota dhaabuun kunuunsuun akka ishee gargaare ibsiteetti. Akkasumas walitti dhufeenya ijoollee ishee waliin qabdu miira haadhummaa waliin walqabsiistee jirti. ''Akkuma aadaa keenya keessatti ijoollee guddifnu, biqiltuus akka ijoollee kootti nan ilaala,'' jetteetti. Naannoo hanqinni bishaanii hamaan jiru keessa kan jiraattu Haalimaan gara sa'aatii tokkoo deemtee biqiltuu ishee bishaan obaasti. Ilmi Haalimaa ganna 13, Anwaar Hasan, haadha isaatti akka boonu ibsuun, kaayyoo ishee hordofuu akka barbaadu dubbata. Jijjiirama qilleensaa ittisuuf umurii guutuu waadaa galuu akka barbaadus himeera. Maatiin fi dubartoonni kumaatamaan lakkaa’aman ganda naannoo sana jiranis sagantaa biqiltuu dhaabuu kana irratti hirmaataniiru. Akka qorattoonni naannoo fi ogeeyyiin jedhanitti, gosoonni mukaa dhalootaan maatii fi dhaabbilee adda addaatti raabsaman hedduun isaanii guddataniiru. Naannolee gammoojjii fi haala qilleensaaf miira qaban keessatti tattaaffiin kun hawaasni jijjiirama qilleensaa caalaatti akka dandamatu gargaaruu danda’a. Qindeessaan Sagantaa Biyyaalessaa ‘REDD+’ Misooma Bosonaa Itiyoophiyaa Doktar Xibabuu Mogas sagantaa dhaabbii biqiltuu hanga ammaatti milkaa’inni guddaan argame badda dareetti ta’uu dubbatu. Itiyoophiyaan jijjiirama qilleensaa ittisuuf kutannoon hin raafamne akka biyyaattis ta’e idil-addunyaatti guddachaa fi babal’achaa dhufeera. Miidiyaa Dijitaalaa ENA hordofaa- https://www.ena.et/web/links
Raaga haala Qilleensaa bal'inaan dhaqqabamaa taasisuun qophii gahaan akka jiraatuuf dhiheenyaan hojjetamaa jira
Sep 18, 2026 1717
Fulbaana 8/2019 (ENA) Odeeffannoo raaga haala qilleensaa bal'inaan dhiyeessuun qophii fi offeeggannoo duraa akka jiraatuuf dhiyeenyaan hojjetamaa jiraachuusaa Inistitiyuutiin Meetiroloojii Itoophiyaa beeksise. Inistitiyuutichi gamaggama haala qilleensa gannaa fi raaga haala qilleensa bonaa fuulduraa hirmaannaa qooda fudhattootaatiin Adaamaatti gaggeessaa jira. Daarektarri Olaanaan Inistitiyuutichaa Dr.Faxxanaa Tashoomaa akka jedhanitti, Inistitiyuutichi misoomawwan hawaasummaafi dinagdee biyyaattif faayidaa kan qaban raaga haala qilleensaa yeroo gabaabaa fi dheeraa yeroosaa eeggatee dhiyeessuun gaheesaa ba'achaa jira. Odeeffannoon kunneen keessattuu dameelee Qonnaafi misooma jallisiif, Bulchiinsa qabeenya bishaaniif, hir’ina sodaa balaatiif,Aviyeeshinii fi geejibaatiif ,Barnootaafi fayyaaf gaggeesuuf murteessaa ta’uusaanii ibsaniiru. Akkasumas,odeeffannoo haala qilleensaa yeroosaa eeggatee fi amansiisaa ta'e uummataafi qooda fudhattootaaf dhiyeessuun misoomaa fi guddina biyyaatiif murteessaa ta'uu isaafi hojiin kun cimee kan ittifufu ta'uu ibsaniiru. odeeffannoo raaga haala qilleensaa yeroodhaan dhiyeessuun qophii fi deebii sirrii kennuuf kan gargaaruudhas jedhan. Qooda fudhattoonnis odeeffannoo kanatti fayyadamanii tarkaanfii qophiitiif akka itti fayyadaman waamicha dhiyeessaniiru. Gara biraatiin, raaga haala qilleensa Bonaa kan dhiyeessan Itti Aanaa Daarektara Inistitiyuutichaa Dr.Asaamminnoo Tashoomaa akka ibsanitti,Bona dhufu kanatti naannowwan horsiise bulaatti haalli qilleensaa misooma qonnaatiif mijaawaa ta'ee fi roobni gaariin akka jiraatu ibsaniiru. Naannoowwan kunniin rooba kana jalqaba baatii Onkololeessaatii jalqabanii kan argatan ta'uun ibsameera. See less
Naannoo Harariitti Biqiltuuwwan Ashaaraa Magariisaan dhaabaman kunuunsuun cimee itti fufa
Sep 16, 2026 1698
Fulbaana 6/2019 (ENA) — Naannoo Harariitti biqiltuuwwan Sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaabaman kunuunsuun cimee akka itti fufu Pirezidaantiin Naannichaa Obbo Ordiin Badirii ibsan. Pirezidaantiin Naannoo Hararii Ordiin Badirii fi hoggantoonni naannichaa biqiltuuwwan ji’oota gannaa keessa dhaabaman kunuunsaniiru. Hoggantoonni kunneen biqiltuuwwan dhaabaman haala gaariin akka guddatan taasisuuf hojii kunuunsaa barbaachisaa ta’e irratti xiyyeeffachuun hojiiwwan adda addaa raawwataniiru. Naannichatti sagantaalee dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaan biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban dhaabamuu isaanii ni yaadatama. Hojii dhaabbii biqiltuuwwanii irratti hoggantoonni olaanoo naannichaa, qaamoleen ittisaa fi nageenyaa, hojjettoonni mootummaa, dargaggoonni fi dubartoonni, qonnaan bultoonni akkasumas kutaaleen hawaasaa gara garaa hirmaataniiru. Har’as Pirezidaantiin Naannichaa Obbo Ordiin Badirii fi hoggantoonni olaanoo naannichaa Gaara “Haakim” irratti biqiltuuwwan yeroo gannaa dhaabaman bishaan obaasuu fi kunuunsuu isaanii ibsameera. Naannicha keessatti biqiltuuwwan yeroo ji’oota gannaa dhaabaman hanga muka guddaa ta’anitti kunuunsi barbaachisaa ta’ee xiyyeeffannaan kennamee hojjetamaa jira. Pirezidaantiin Naannichaa Obbo Ordiin Badirii yeroo kanatti akka jedhanitti, biqiltuuwwan yeroo gannaa naannichatti dhaabaman sirnaan akka latanii fi guddatan gochuuf kunuunsa barbaachisaa ta’e taasisuun murteessaadha. Yeroo ammaa kanas, keessumaa biqiltuuwwan dhaabaman kaayyoo barbaadameef akka oolan qaamoleen adda addaa hojii kunuunsaa hojjechaa jiran jajjabeeffamuu akka qaban hubachiisaniiru. Itti aansuunis biqiltuuwwan bishaan obaasuu fi marga irraa qulqulleessuun sirnaan akka latanii fi guddatan gochuun barbaachisaa ta’uu Pirezidaantiin Naannichaa hubachiisaniiru. Kana malees, Pirezidaantiin Naannichaa Obbo Ordiin Badirii hojii pirojektii Inisheetivii gaara Haakim daawwachuu isaanii ibsameera. Hojiin pirojektichaa karoora yeroo qabame keessatti saffisaa fi qulqullinaan raawwatamaa jiraachuu isaa eeraniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 21796
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 18957
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.