ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Cancala qabeenya uumamaa Afrikaa fooyyessuun, guddina diinagdee Ardichaa ariifachiisuun barbaachisaadha-Kilaavar Gaateetee
Feb 11, 2026 11
Guraandhala 4/2018 (ENA) - Cancala qabeenya uumamaa Afrikaa fooyyessuun, guddina diinagdee Ardichaa ariifachiisuun barbaachisaadha jedhan barreessaan olaanaa Komishinii Diinagdee Mootummoota Gamtoomanii Afrikaa Kilaavar Gaateetee. Yaa’iin Idilee 48ffaa Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa mata duree "Dhiyeessii bishaanii waaraa fi sirnoota eegumsa qulqullinaa nageenyummaan isaanii eegame mirkaneessuu; milkaa'ina galmoota Ajandaa 2063'f" jedhuun gaggeeffamuu eegaleera. Walgahii kana irratti Ministirri Dhimma Alaa, doktar Geediyoon Ximootiwoos, Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa, Mahamuud Alii Yuusuf, Ministirri Dhimma Alaa Angoolaa fi Dura taa’aan Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Ambaasaaddar Teetee Antooniyoo fi Ministiroonni Dhimma Alaa biyyoota miseensa ta’anii argamaniiru. Kanuma waliin barreessaan olaanaa Komishinii Diinagdee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Afrikaa Kilaavar Gaateetee mata dureen bishaanii fi qulqullina naannoo Gamtaa Awurooppaa milkaa’ina Ajandaa 2063tiif gahee guddaa qaba jedhan. Cancala qabeenya uumamaa Afrikaa, anniisaa haaromfamuu danda’u, albuudaa fi qabeenya uumamaa fooyyessuudhaan guddina dinagdee ardii kanaa saffisiisuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru. Madaalliin liqaa fi caasaa fiizikaalaa ardii kanaas daldalaa fi invastimantii quucarsaa jiraachuu eeruun, kunis guddina Afrikaa irratti dhiibbaa guddaa uuma jedhan. Daldalaa fi invastimantii Afrikaa guddisuun haala dinagdee babal’isuu qabu ijaaruuf walitti dhufeenya cimaa irratti hundaa’uun tumsa biyyoota miseensa ta’an cimsuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru. Gara fuula duraatti bu’uuraalee hawaas-diinagdee babal’isuun tatamsa’ina dhibeewwan bishaaniin daddarban Afrikaanota mudatan to’achuun barbaachisaa ta’uus ibsaniiru. Waliigaltee Naannoo Daldala Walaba Ardii Afrikaa guutummaatti hojiirra oolchuu saffisiisuun walitti dhufeenya hawaas-dinagdee lammiilee ardii kanaa cimsuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru. Manni Maree Hojii Raawwachiiftuu Ministiroota Dhimma Alaa Gamtaa Afrikaa ajandaa Yaa’ii Gamtaa Afrikaa 39ffaa Guraandhala 7 fi 8/ 2018 gaggeeffamuuf ni raggaasisa jedhamee eegama.
Dargaggoonni Adoolaa Waayyuu Carraa hojii uumameefiin fayyadamoo ta’aniiru
Feb 11, 2026 12
Guraandhala 4/2018(ENA)- Godina Gujii Magaalaa Adoolaa waayyuu Dargaggoonni Carraa hojii uumameefiin fayyadamoo ta’aa dhufuusaanii ibsan. Godinichatti Magaalaa Adoolaa waayyuutti dargaggoonni carraan hojii dameelee adda addaan isaaniif uumame fayyadamummaa Diinagdeesaanii guddachaa dhufuusaa ibsaniiru. Magaalichatti miseensa Waldaan IMX Horsiisa Lukkuu Baarkoot Dargaggoo Laamasgin Baqqalaa, hojiin misooma lukkuu ciminaa fi of-eeggannoon yoo hojjetame bu’aa qabeessa akka nama taasisu dubbateera. Hojiisaanii waggaa sadiin dura Lukkuu 250n eegaluusaanii ibsuun, yeroo ammaa lukkuu killee buustu kuma sadii akka qaban ibsaniiru. Walitti hidhaminsa gabaa mootummaan isaaniif uumeen guyyaatti killee kuma tokko daldaltootaa fi fayyadamtootaaf dhiheessuun galiisaanii guddifachaa jiraachuu dubbataniiru. Yeroo ammaa hojiisaanii Invastimentiiin babal’isuuf gaaffii lafaa dhiheessuun bulchiinsa magaalaarra deebii argachuusaanii ibsaniiru. Dura ta’aan waldaa IMX Horsiisa lukkuu Ifa boruu Dubree Boontuu Waaree gamasheen waldaansaanii cuucii guyyaa tokkoo fudhatanii guddisuun lukkuu goromtii guyyaa 45n fi kaakkiftuu fayyadamtootaaf akka dhiheessan dubbatteetti. Barnoota ogummaa Qonnaan digiriin eebbifamuu kan ibsite Boontuun, damee hojii hiriyootashee waliin irratti bobbateen fayyadamoo ta’aa jiraachuu ibsiteetti. Dura taa’aan Waldaan IMX omisha Gaagura kaannisaa Lalisee, Qumnagarii fi Alam, Abiraam Zawuduu gamasaan, gurmaa’anii gara hojiitti galanii baatii sadii keessatti gaagura ammayyaa 100 fayyadamtootaaf dhiheessuusaanii ibseera. Hojichi bu’aa qabeessaa fi guddachaa kan deemu ta’uu ibsuun, yeroo ammaa namoota 10’f carraa hojii uumuun fayyadamtoota isaan taassisuu ibsaniiru. Itti Aanaa Kantiibaa Magaalaa Adoolaa Waayyuu fi Itti Gaafatamaan Waajjira Carraa Hojii Uumuu fi ogummaa Obbo Shimallis Irbaa, magaalichatti baatiiwwan ja’an darban dargaggoota kuma 1 fi 583 damee Qonnaan, Industirii fi dameelee misoomaa biroon carraan hojii isaaniif uumamuu eeraniiru. Dargaggoota kanaaf liqaa birrii miiliyoona 31 ol isaaniif mijessuurra darbee bakka hojii fi gurgurtaa lafa karee kuma 6 fi 800 ol dhihaachuusaa ibsaniiru. Carraawwan gabaa fi humna damichaan jiru hunda guutummaan fayyadamuun sagantaa maaddii guutuu waliin walitti hidhuun faayidaa damicharraa argamu guddisuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Lammiilee hojicharratti bobba’aniif deeggarsi taassifamu cimee ittifufa jechuun obbo shimallis ibsaniiru.
Ardichatti sochiiwwan misoomaa ariifachiisuuf maddoota faayinaansii haaraa barbaaduun barbaachisaadha
Feb 11, 2026 20
Guraandhala 4/2018 (ENA) - Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahammuud Alii Yuusuf, hojiiwwan misoomaa ardii kanaa saffisiisuuf maddoonni faayinaansii haaraan barbaadamuu akka qaban ibsaniiru. Yaa’iin Idilee 48ffaa Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa waajjira muummee Gamtichaa Finfinneetti gaggeeffamuu eegaleera. Walgahii kana irratti barreessaan olaanaa Komishinii Diinagdee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Afrikaa Kilaavar Gateetee, Ministirri Dhimma Alaa Angoolaa fi Dura taa’aan Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Ambaasaaddar Teetee Antooniyoo fi Ministiroonni Dhimma Alaa biyyoota miseensa ta’an argamaniiru. Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahammuud Alii Yuusuf, Yaa’iin Gamtaa Afrikaa bara kanaa fedhii waloo fi walitti dhufeenya misoomaa ardii kanaa kan cimsu ta’uu ibsaniiru. Komishiniin Gamtaa Afrikaa hojiiwwan haaromsaa hedduu gaggeessaa akka jiru eeruun, Hojiiwwan hedduu gama nageenyaa fi tasgabbii, faayinaansii fi sirna haqaa irratti hojjetamaa jiran akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Manni Marichaa dhimma nageenyaa fi tasgabbii ardii kanaa irratti deebii kennaa akka jiru eeruun, Giinii fi Gaaboon gara Gamtaa Afrikaatti deebi'uu isaaniitti gammadeera jedhani. Hojiiwwan misoomaa ardii kanaa saffisiisuuf maddoonni faayinaansii haaraan barbaadamuu akka qaban kan ibsan yoo ta’u, gama kanaan dameen dhuunfaa, waldaaleen siivikii fi dhaabbileen tola ooltummaa hirmaachuu qabu jedhaniiru dura taa’aan kuni. Waggaa darbe keessaa qaamolee Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu haala gaariin hoogganan galateeffataniiru. Manni Maree Hojii Raawwachiiftuu Ministiroota Dhimma Alaa Gamtaa Afrikaa, Ajandaa Yaa’ii Gamtaa Afrikaa 39ffaa Guraandhala 7 fi 8/2018 gaggeeffamuuf ni raggaasisa jedhamee eegama.
Riifoormiin diinagdee Gooroo dameen industirii akka guddatu bu'uura kaa'eera – Ministira Malaakuu Alleebal
Feb 11, 2026 20
Guraandhala 4/2018 (ENA)- Ministirri Industirii Malaakuu Alleebal haaromsi diinagdee Gooroo dameen industirii akka guddatu bu’uura kaa’uu ibsaniiru. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad haasawa tibbana Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf taasisaniin, Riifoormiin diinagdee Gooroo Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffame damee hundaan bu’aa gaarii argamsiiseera jedhanii ture. Riifoormichi dinagdee qonna irratti hundaa’e irraa gara damee adda addaatti jijjiiruun guddina qulqullina qabu mirkaneessuu fi ba’aa liqaa hir’isuuf kan kaayyeffate ta’uu hubachiisaniiru. Riifoormiin dinagdee Gooroo bal’aan kun irra caalaa sharafa alaa gabaa irratti kan hundaa’e gochuu, imaammata faayinaansii fi maallaqaa sirreessuu, hirmaannaa damee dhuunfaa guddisuun madaallii daldalaa biyyattii sirreessuuf kan akeekedha. Akka Ministirri Industirii Malaakuu Alleebal turtii ENA waliin taasisaniin ibsanitti, Haaromsi diinagdee Gooroo kun dadhabbina caasaa waggootaaf diinagdee dhiphisaa ture suphuun bu’aa qabatamaa argamsiisaa jira jedhan. Damee omishaa keessatti rakkoolee mudatan furuu fi oomishtummaa guddisuuf gumaacha olaanaa taasisaniiru jedhaniiru. Garaagarummaan sharafa alaa kanaan dura ture omishtoonni omishasaanii gara alaatti erganii faayidaan argatan xiqqaa ta’uu yaadachiisuun, fooyya’insi haaraan taasifame garaagarummaa kana dhiphisuun Al-ergiin bu’aa qabeessa akka ta’u gargaareera jedhan. Gama biroon dhiheessiin sharafa alaa fooyya’uun, omishtoonni adeemsa omishaaf galteewwan barbaachisan salphaatti akka argatanii fi omisha alaa galan omisha biyya keessaan akka bakka bu’aniif carraa uumuu ibsaniiru. Fooyya’insichi madaalli daldalaa akka wal-gitu gochuurratti shoora olaanaa taphachaa jiraachuu fi kunis industirii omishaarratti bu’aa galmeessa jiraachuu ibsaniiru. Industiriin omishaa guddina biyyaa keessatti qooda qabu haala adda ta’een akka guddatu gochuusaa beeksisaniiru. Fooyya’insi Diinagdee Gooroo guutuu yaa’insa Investimantiiwwan haaraa harkisuurratti jijjiirama qabatamaa fidaa jiraachuu obbo Malaakuun dabalanii ibsaniiru.
Afrikaan biyya harka biyyoota biroo ilaaluun jiraattu osoo hin taanee, michoota misoomaa dhugaa kan ishee barbaachisu lafa abdiiti - Ministira doktar Geediyoon Ximootiwoos
Feb 11, 2026 20
Guraandhala 4/2018 (ENA) - Ministirri Dhimma Alaa doktar Geediyoon Ximootiwoos Afrikaan biyya qabeenya uumamaa fi abdii hedduu qabduu fi michoota misoomaa dhugaa barbaaddu malee kan harka biyyoota biroo ilaaltu miti jedhan. Yaa’iin Idilee 48ffaa Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa mata duree "Dhiyeessii bishaanii waaraa fi sirnoota eegumsa qulqullinaa nageenyummaan isaanii eegame mirkaneessuu; milkaa'ina galmoota Ajandaa 2063'f" jedhuun gaggeeffamuu eegaleera. Walgahii kana irratti Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahamuud Alii Yuusuf, Ministirri Dhimma Alaa Angoolaa fi Dura Taa’aan Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Ambaasaaddar Teetee Antooniyoo fi Ministiroonni Dhimma Alaa biyyoota miseensa ta’anii argamaniiru. Wayita sanatti Ministirri Dhimma Alaa Geediyoon Ximootiwoos, Afrikaan haaromsa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, haala qilleensaa fi ijaarsa faayinaansii idil-addunyaa irratti ejjennoo waloo akka qabdu ibsaniiru. Kunis gahee Afrikaan addunyaa irratti qabdu guddisuuf yaa’ii Biyyoota Garee 20 (G20) Afrikaa Kibbaa Piritooriyaatti gaggeeffame irratti ifatti akka mul’ate hubachiisaniiru. Biyyoota Afrikaa hedduu filannoo biyyoolessaa gaggeessan keessaa Rippaabilikni Giinii fi Rippaabilikni Gaaboon sirna heera mootummaatti deebi’uun gara Gamtichaatti deebi’uu isaanii akka fakkeenyaatti eeraniiru. Yeroo ammaa kaayyoo hundeeffama Gamtaa Afrikaan ala kan ta’an, al-seerummaa jijjiirama mootummaarratti taasifamanii fi haalli ji’oopoolitikaa addunyaa nagaa fi tasgabbii ardii kanaaf qormaata ta’uu hubachiisaniiru. Ol’aantummaan teeknooloojii, to’annoon qabeenya albuudaa fi daandii loojistiskii dorgommiin cimaan sadarkaa addunyaatti dabalaa akka jirus ibsaniiru. Maariin Biyyaalessaa Ituyoophiyaa rakkoo jiruuf furmaata waaraa fiduuf kan dandeesisudha Humnoonni gurguddoo fi gidduugaleeyyiin Afriikaa akka dirree dorgommii fi iddoo fedhiisaanii itti guuttatan, rakkoolee gama kamiinuu dhufan ittisuuf gamtaa cimsuun akka barbaachisu ibsaniiru. Afriikaan waan xiqqaa isheef kennamu osoo hin ta’iin deeggartoota misoomaa dhugaa ishee barbaachisa kan jedhan Ministirichi, kanaafis tokkummaa Ardii fi misooma waloof, milkaa’ina kaayyoo misooma waloof kutannoon hojjechuu akka qaban xiyyeeffataniiru. Ajanda 2063’f Afriikaa barbaannu dhugoomsuuf waliigaltee daldala bilisaa Ardii Afriikaa bifa addaan haala fooya’een hojiirra oolaa jiraachuu ibsaniiru. Ardichatti jijiirama haala qilleensaa hir’isuun, Fayyaan, Qonnaa fi tajaajiloota dameelee Hawaasummaa fi Diinagdeen guddinni tasgabbaa’aan galmaa’aa jirachuu eeraniiru. Gara fuula duraattis shora ijaarsaa gamtaa Afriikaa caalaatti guddisuun , carraa fooya’aa waloof tokkummaa fi kutannoon hojjechuu akka gaafatu hubachiisaniiru. Rakkoo Afriikaanotaa furmaata Afriikaan kennuun nageenya fulla’aa fi Qajeeltoowwan heeraan bitamuun Ardii badhaate ijaaruu akka qaban ibsaniiru. Dabalataanis Afriikaan Murtiiwwan dhaabbilee Idil- Addunyaarratti bakka sirrii hanga argattutti gaaffiin deeggarsa Idil- Addunyaa cimee ittifufuu akka qabu hubachiisaniiru. Manni Maree hojii raawwachiiftuu Misistirotaa dhimma Alaa Gamataa Afriikaa Ajandaawwan yaa’ii hoggantoota Gamtaa Afriikaa 39ffaa Guraandhala 7 fi 8 bara 2018 gaggeeffamuuf dhihaatu akka mirkaneessan ni eegama.
Siyaasa
Ministiroonni Dhimma Alaa Afrikaa Finfinnee Galaa jiru
Feb 11, 2026 42
Guraandhala 04/2018 (ENA)- Ministiroonni Dhimma Alaa Biyyoota Afrikaa adda addaa irraa dhufan Yaa’ii Idilee 48ffaa Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afriikaa fi Yaa’ii Gamtichaa 39ffaa irratti hirmaachuuf Finfinnee galaa jiru. Kanneen har’a ganama Finfinnee galan keessaa Ministirri Dhimma Alaa Gaanaa Saamu’eel Okudizeetoo Ablaakawaa, Ministira Dhimma Alaa Siisheelsii Baarii Fowaar, Ministira Dhimma Alaa Senegaal Chaakii Naangii fi Ministira Dhimma Alaa Sudaan Kibbaa fi Ambaasaaddara Tumsa Idil Addunyaa Mondayesaa Saamiyaa Kumbiyaa ni argamu. Dabalataan, Ministira Dhimma Alaa fi Tumsa Idil-addunyaa Iswaatinii, Foolil Dilaamiinii Shakaantuu, Ministira Dhimma Alaa Toogoo, Piroofeesar Roobarti Duusaay, Ministira Dhimma Alaa Taanzaaniyaa fi Ministira Tumsa Baha Afrikaa, Ambaasaaddar Maahimmad Taabiit Kaamboo fi Ministira Dhimma Alaa Laayibeeriyaa Saaraa Baayisooloo Niyaantii Finfinnee galaniiru. Akksumas Itti aanaa Ministeera Dhimma Alaa Koongoo Noyilaa Naakiwiipaanee Ayyeegaanagaatoo yaa’ii idilee Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa 48ffaa fi Yaa’ii hongaantootaa Gamtichaa 39ffaa irratti hirmaachuuf warreen Finfinnee galan keessaa kanneen eeramanidha. Ministiroonni kunneen Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee wayita gahan Deetaan Ministira Dhimma Alaa Ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayee simataniiru. Walgahiin Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Ministirootaa Ajandaa Yaa’ii Gamtichaa 39ffaa ni raggaasisa jedhamee eegama.
Yaa'iin Idilee 48ffaa Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa har'a Jalqaba
Feb 11, 2026 41
Guraandhala 04/2018 (ENA) - Yaa’iin Idilee 48ffaan Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa har’a waajjira Muummee Gamtichaa Finfinneetti ni eegala. Ministiroonni dhimma alaa Afrikaa, dippilomaatonnii fi hoggantoonni dhaabbilee Gamtichaa ni hirmaatu. Ministiroonni dhimma alaa fi deetaan ministirootaa Afrikaa, akkasumas hoggantoonni olaanoo walgahii kana irratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru. Manni Marichaa ajandaawwan Yaa’ii 51ffaa Koreen Bakka Bu’oota Dhaabbataa Gamtaa Afrikaa Amajjii 2018 mari’ate irratti ni mari’ata. Manni Marichaa caasaa gurmaa’insa Dhaabbilee Gamtaa Afrikaa, gabaasa dhaabbilee, qophii Gamtaa Afrikaa, koreewwan xixiqqaa Mana Maree kana jala jiranii fi raawwii Ajandaa 2063 ni dhaggeeffata jedhamee eegama. Qabxiileen ajandaa irratti mari’ataman wabii nyaataa fi qulqullina bishaanii, raawwii Ajandaa 2063 fi walitti hidhamiinsa ardiilee, misooma hawaasummaa fi diinagdee, misooma humna namaa, haaromsa dhaabbilee fi faayinaansii, tumsa naannoo fi ga’ee Afrikaan waltajjii addunyaa irratti qabdu kan dabalatudha. Walgahii biyyoota garee 20(G20) akka lakkoofsa faranjootaa bara 2025 Afrikaa Kibbaatti gaggeeffame irrattis hirmaannaan Afrikaa ni gamaaggamama. Manni Maree kun yaa’ii kana irratti filannoo gaggeessuun miseensota qaamolee gurmaa’insa Gamtaa Afrikaa keessatti hirmaatan ni muuda. Korichi haala Adeemsa Odiitii Dandeettii fi Madaallii Gahumsaa (SACA) kan riifoormii humna namaa ijoo Gamtaa Afrikaa ta’e irratti ni mari’ata jedha odeeffannoon ENA’n Gamtaa Afrikaarraa argate akka mul’isutti. Bu’uuraalee seeraa fi dhimmoota bulchiinsaa irrattis ni mari’ata jedhamee eegama. Dhaabbilee fi caasaa gurmaa’insa Gamtaa Afrikaa irratti ibsii fi sagantaaleen adda addaa har’a ni gaggeeffamu. Walga'iin Hoggantoota Gamtaa Afriikaa immoo Guraandhala 7 fi 8 Finfinneetti taa'ama. Ministiroonni kunneen Ajandaa Yaa’ii Idilee Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 39ffaaf dhiyaatu ni raggaasisuun eegama. Walgahiin idilee Mana Marichaa hanga guyyaa boruutti itti fufa
Paartiin Badhaadhinaa filannoo waliigalaa 7ffaaf mallattoon isaa Bissii Qamadii akka ta'u beeksise
Feb 10, 2026 169
Guraandhala 3/2018 (ENA)- Paartiin Badhaadhinaa mallattoon filannoo waliigalaa 7ffaa isaa Bissii qamadii ta’uu akka qabu beeksiseera. "Itiyoophiyaan gara biyya fakkeenyaatti!" Paartiin Badhaadhinaa manifastoo fi mallattoo filannoo waliigalaa 7ffaa beeksisuuf waltajjii gaggeessaa jira. Waltajjicharratti itti aanaa Ministira Muummee fi itti aanaa pereezdaantii paartii badhaadhinaa obbo Tamasgeen Xurunaa , Hogganaa Giddugala Qindeessaa Ijaarsa Sirna Dimokiraasii sadarkaa itti aanaa Ministira Muummeetti fi itti aanaa pireezdaantii paartii badhaadhinaa obbo Adam Faaraah, akkasumas miseensonni Mana Maree fi Koreen Hojii Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa, Hoggantoonni Komishinii Inspeekshinii fi Naamusaa; hooggantoonni olaanoo dhaabbatichaa fi keessummoonni affeeraman argamaniiru. Itoophiyaan gara biyya fakkeenyaatti!argamaniiru. "Itiyoophiyaan gara biyya fakkeenyaatti!" filannoo waliigalaa 7ffaa bara kanaatiif dhaadannoo Paartii Badhaadhinaa jedhamee moggaafameera. Paartiin Badhaadhinaa mallattoon filannoo waliigalaa 7ffaa isaa bara kanaa Bissii qamadii, kan mallattoo ida’amuu, tokkummaa,tumsaa fi oomishtummaa bakka bu'u ta'uu beeksiseera. Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa filannoo waliigalaa 7ffaa Itiyoophiyaa Caamsaa 24/2018 akka gaggeeffamu beeksisuun isaa ni yaadatama.
Ministiroonni Dhimma Alaa Afrikaa Finfinnee galaa jiru
Feb 10, 2026 124
Guraandhala 3/2018 (ENA)-Ministiroonni Dhimma Alaa Biyyoota Afrikaa adda addaa irraa Yaa’ii Idilee 48ffaa Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa irratti hirmaachuuf Finfinee galaa jiru. Haaluma kanaan, har'a ganama Ministirri Dhimma Alaa Somaaliyaa Abdisalaam Abdii Alii fi Ministirri Dhimma Alaa Mooriitaaniyaa Mohaammad Saaleem Marzuug Finfinnee galaniiru. Dabalataanis Ministirri Dhimma Alaa Seeraaliyoon Timootii Muusaa Kaabaa fi Ministirri Dhimma Alaa Rippabiliika Dimookiraatawaa Arabaa Sahaaraa Mohaammad Yesalaam Beeysat Finfinnee galaniiru. Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee wayita gahan ministiroonni kunneen qondaaltota olaanoo Ministeera Dhimma Alaa Itiyoophiyaatiin simatamaniiru. Walga’iin idilee Hojii Raawwachiiftoota Gamtaa Afrikaa ajandaa Yaa’ii Hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaaf dhiyaatu ni raggaasisa jedhamee eegama.
Iiziin duula addaa aggaammiiwwan taassifaman ittisuun Iizii haala jijjiirudha
Feb 9, 2026 238
Guraandhala 2/2018(ENA) - Iiziin duula addaa lootee galtootaa fi shororkeessitoota hordofuun dhabamsiisuunii fi shirasaanii dursee fashaleessuun aggaammiiwwan keessaas ta’e alaa taassiffaman ittisuurratti Iizii haala jijjiiru ta’uu Leetenaal Jeneraal Shuumaa Abdataa hubachiisan. Ajajaan Iizii duula addaa Leetenaal Jeneraal Shuumaa Abdataa hundeeffama waggaa 65ffaa Iizichaa ilaalchisuun ibsa kennaniiru. Ibsa isaaniin, ayyaanni hundeeffamaa qophiiwwan adda addaan Guraandala 7 hanga 15 bara 2018 magaalaa Hawaasatti qophiiwwan adda addaan akka kabajamu beeksisaniiru. Yeroo kabajichaa Iizichi waggoottan kurnan jahan darban injifannoowwan galmeessise ni yaadatamuun ni kabajamu jedhaniiru. Iizichi nageenya biyyaa kabachiisuurratti gootummaa fi cimina qabu qabatee kan itti fufe, dhaloonni ammaas qabsoo kana dhaloota itti aanu akka dhaalchisanii fi ciminoota qaban cimsanii akka ittifufsiisan dandeessisa jedhaniiru. Komaandoo, humna qilleensaa fi humna addaa farra shororkessitootaa qormaata adda addaa kan darbanii fi cimaa kan dhufan waan ta’aniin olitti, humna diinaa kan cabsanii fi ggootummaan biyya kan boonsan raawwachuu isaaniis eeraniiru. Iiziin duultota addaa lootee galtootaa fi shororkeessitoota hordofee barbadeessuu fi shira isaanii dursanii fashaleessuun haleellaa keessaa fi alaa ittisuu irratti gahee olaanaa bahataniiru jedhani. Kanaaf, waggaa 65ffaan hundeeffama ajaja kanaa Guraandhala 7 fiigicha daandii kiiloo meetira 10 Hawaasaatti gaggeeffamuun akka eegalu akeekaniiru. Eebba kitaabaa fi asxaa, agarsiisa suuraa fi mariin paanaalii, akkasumas taateewwan biroo Guraandhala13 irraa eegalee akka kabajamu akeekaniiru. Qeerramsoonni didiimoo kunniin kanneen hin jilbeffanne,qilleensaarraan, lafaa fi bishaan irratti agarsiifni dheyeessan ayyaanicha kanneen miidhagsan keessatti ramadamu. Kabajni ayyaanichaa Guraandhala 15/2018 Istaadiyeemii Hawaasaatti taateewwan addaa fi sirna guddaa waliin kan gaggeeffamu ta’uu odeeffannoon Miidiyaa oonlaayinii Raayyaa Ittisaa ENA’f erge ni mul’isa.
Jaalatamtoota Itiyoophiyaanotaa
Feb 9, 2026 183
Tibbana biyyi keenya Afrikaanota obbolaawwan Yaa’ii Gamtaa Afrikaa irratti hirmaachuuf dhufan simachuuf harka ishee bal’istee ni simatti. Michuuwwan keenya kunneen halluuwwan alaabaa keenyaa kan qooddatan, Itiyoophiyaa akka gonfoo bilisummaatti kan ilaalan, darbees biyyi keenya dhagaa bu’uuraa mul’ata siyaasaa Ardichaa akka taatetti fudhachuun kan kabajanidha. Itiyoophiyaan keessummaa simachuun maaliif kabajamuu akka dandeesse simannaa keenyaan itti ni agarsiifna. Akka mana isaaniitti akka itti dhagahamu haa goonu. Kabajaan haa simannuu. Jaalalaan haa tursiisnu. Ida’amnee alaabaa keenya kan bakka bu’u miira tokkummaa Afrikaa fi mul’ata waloo walitti nu hidhu haa taasifnu. Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimad
Mootummaan Shaabiyaa diina ummataa ta’uusaa qabatamaan agarsiiseera- Jiraattota naannoo Tigiraay
Feb 6, 2026 528
Amajjii 29/2018(ENA) - Mootummaan Shaabiyaa diina ummataa ta’uu isaa gocha qabatamaan agarsiiseera jedhan jiraattonni magaalota naannoo Tigraay adda addaa ENA’n dubbise. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad yaa’ii idilee 10ffaa mana maree bakka bu’oota ummataa irratti akka ibsanitti, waldhabdeen mootummaa Eertiraa waliin uumame yeroo Waraana Kaabaa Raayyaan Ittisa Itiyoophiyaa Shiree to’achuun, waraanni Eertiraas kana hordofee manneen namoota dhuunfaa fi gamoo diiguu eegaluun akka ta’e ibsuun isaanii ni yaadatama. Magaalota Adwaa fi Addigiraatitti waarshaalee saamuunii fi bubuqqisee konkolaataan fe’achuun, akkasumas Aksumitti immoo dargaggoota irratti yakka ajjeechaa inni raawwate mootummaa Itiyoophiyaa waliin lola cimaa keessaa isa galchuu danda’eera jedhan. Kana waliin walqabatee magaalota Shiree, Aksumii fi Maqalee keessa naanna’uun galaalchaan ENA jiraattota gaafateen, mootummaan Shaabiyaa diina ummataa ta’uusaa qabatamaan agarsiiseera jedhan. Jiraattuun magaalaa Shiree Indasillaasee aadde Raahiwaa Alamaayyoo, yeroo waraana kaabaa sanatti loltoonni Shaabiyaa magaalaa Shiraaroo irraa hanga naannoo Maqaleetti lammiilee nagaa irratti ajjeechaa fi saamicha dabalatee yakkoota sukaneessaa raawwachuu isaanii himaniiru. Keessumaa magaalota keessaa warshaalee fi qabeenya ummataa adda addaa bubuqqisee fe’uun qabeenya ummataa ifatti saameera jedhan. Mootummaan Shaabiyaa nageenya kan hin barbaanne diina ummataa ta’uusaa qabatamaan agarsiiseera jedhan. Yeroo waraana Kaabaa sanatti loltoonni Eertiraa magaalota naannooTigiraay keessatti ummataa fi qabeenya irra yakka sukaneessaa hojjechuu isaanii kan himan jiraataa magaalaa Aksum kan ta’an barsiisaa Abrahaam Tamasgeenidha. Kana waliin walqabatee Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsa kennan qabatamaan mul’atee kan darbedha jedhan. Naannoo Maqalee aanaa Indaartaa ganda Masaboo keessa kan jiraatan qonnaan bulaa Malaakuu Barihaa, yeroo waraana Kaabaa loltoonni Eertiraa meeshaalee manaa, oomishaa fi beeyladoota dabalatee saamanii fudhataniiru jedhan. Sababa kanaan qonnan bultoonni hedduu rakkoo hamaa keessa bu’uu himuun, namoonni yeroo isaan yakka akkanaa raawwatan warreen dhowwachuu yaalan irratti ajjeechaa fi yakka sukaneessaa raawwachaa turuu isaanii himan. Kanaaf mootummaan Eertiraa yoomillee taanaan, mootummaa Itiyoophiyaa fi ummatsheef waan gaarii kan hin yaannee fi kaayyoo diigumsaa qabatee kan hojjetu ta’uu isaa yaada kennitoonni kunniin ibsaniiru.
Naannoo Harariitti Milkaa’inoonni bara baajatichaa baatiiwwan ja’an darbanitti galmaa’an cimanii itti fufu – Bulchaa Nannichaa Ordiin Badrii
Feb 6, 2026 252
Amajjii 29/2018(ENA)-Naannoo Harariitti Milkaa’inoonni bara baajatichaa baatiiwwan ja’an darbanitti galmaa’an cimanii itti fufu jechuun Bulchaan Nannichaa Ordiin Badriin dubbatan. Naannoo Harariitti gamaggamni karoora raawwii hojii Mootummaa fi paartii walakkaa waggaa bara 2018 gaggeeffamuu eegaleera. Waltajjii gamaggamichaarratti Bulchaan Naannichaa Ordiin Badirii akka ibsanitti, walakkaa waggaa bara baajatichaatti naannichatti hojiin abdachiisaan raawwatamuun danda’ameera. Xiyyeeffannoon Waltajjichaa gamaggama raawwii hojii moootummaa fi paartii baatiiwan ja’aa karoora bu’uureffate gamaggamuun hojiiwwan fuulduraatiif of qopheessuuf ta’uus eeraniiru. Waltajjiin gamaggamichaas ciminoota walakkaa waggaa bara baajatichaa jiran babal’isuun, hanqinoota mul’atan guutuun bu’aawwan argaman itti fufsiisuuf galteen kan itti walitti qabamu, akkasumas filannoo biyyoolessaa 7ffaatiif qophiin kan taassifamuu fi haalli mijataan kan itti uumamu ta’uu eeraniiru. Keessumaa hojiiwwan gurmaa’insaa fi siyaasaa sirnaan ilaaluun hubannaa waloo qabaachuu akka qaban hubachiisaniiru. Hojiin mootummaa inni guddaan guddina Dinagdee Ariifataa mirkaneessuu fi fayyadamumma misooma uummatichaa fooyyessuuf hojiiwwan hojjetaman sakatta’amuu qabna jedhaniiru. Kanaanis omishaa fi omishtummaa dagaagsuuf, carraa hojii babal’isuu fi qaala’insa jireenyaa hir’isuuf, Invastimantii jajjabeessuu fi gama biroon hojiiwwan hojjetaman ni gamaggamamu jedhaniiru. Hirmaanaa fi qulqullina Barnootaa, tajaajila fayyaa fi dameelee Hawaasummaa biroon akkasumas ijaarsa bu’uuraalee misoomaa, Galii Mana qopheessa fi diinagdee maddisiisuu duguuganii walitti qabuurratti hojii hojjetame gadi fageenyaan ni ilaalamu jedhaniiru. Rakkoo bulchiinsa gaarii dhabamsiisuu fi hoj-maata badaa hanbisuuf ilaalchisee hojiiwwan hojjetaman waltajjichaan akka gamaggamamu kaasaniiru. Naannichatti nageenya cimsuu fi olaantummaa seeraa mirkaneessuuf hojiiwwan hojjetamaa jiran cimsuu akka qaban hubachiisaniiru. Waltajjii gamaggamichaarratti Afayaa’iin Mana maree naannichaa Sulxaan Abdusalam, hogganaan paartii Badhaadhinaa damee Hararii Obbo Geetuu wayyeessaa dabalatee hoggantoonni olaanoonii fi gidduugaleessaa mootummaa fi Paartii Naannichaa hirmaachaa jiru.

Hawaasummaa
Walga’iin qorannoo nageenyaa biyyaalessaa 6ffaan manni maree dhaabbiilee Amantaa Itiyoophiyaan qopheesse eegalame
Feb 11, 2026 31
Guraandhala 4/2018(ENA)- Walga’iin qorannoo Nageenya biyyaalessaa 6ffaan Mananni Maree dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaan qopheesse Magaalaa Hosaa’inaatti gaggeeffamaa jira. Walga’iin qorannichaa mata duree “Amantaan Nageenyaaf ” jedhuun gaggeeffamuu kan eegale yoo ta’u, manni maree dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa Mana Maree Dhaabbilee Amantaa naannoo gidduugaleessa Itiyoophiyaa waliin ta’uun kan qopheessedha. Waltajjicharratti dhaabbileen Amantaa fi gaggeessitoonni Amantaa qooda ijaarsa nageenyaarratti qaban, qabaannaa hedduumminaa fi haala ijaarsa nageenyaarratti hojiiwwan hojjetamaniif gabaasni dhihaatee mariin akka irratti taasifamuu fi kallattiin fuula duraa akka kaa’amu ibsameera. Sagantichi Bulchaan Naannoo gidduu galeessa Itiyoophiyaa Doktar Indaashaw Xaasoo, Barreessaan walii galaa mana maree dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa Luba Taagaay Taaddalaa, bakka bu’oota ministeera nageenyaa dabalatee hoggantoonni olaanoon mana maree Amanataa fi Abbootiin Amantaa akkasumas keessummoonni Afeeraman hirmaachaa jiru.
Sirna Mana Murtii Aadaa Affaar (Affaar Madi’aa) UNESCOtti galmeessisuuf sagantaan marii magaalaa Samaraatti gaggeefamaa jira
Feb 10, 2026 85
Guraandhala 3/2018 (ENA)- Sirna Mana Murtii Aadaa Affaar (Affaar Madi’aa) Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti, Dhaabbata Barnootaa, Saayinsii fi Aadaa (UNESCO)tti galmeessisuuf sagantaan marii magaalaa Samaraatti gaggeefamaa jira. Sagantaa kanarratti Jilli Hogganaan Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Affaar Awwal Arbaa fi Deetaa Ministira Aadaa fi Ispoortii Aadde Nafiisaa Al-Mahaadii, akkasumas hoggantoonni mootummaa federaalaa fi naannoo; hoggantoota gosoota naannoo; abbootii amantaa fi hoggantoonni olaanoo irratti argamaniiru. Affaar Madi’aan sirna abbaa seerummaa aadaa Affaar keessatti abbootiin murtii hoggantoota gosaatiin muudamanii dhugaa barbaaduun baasuun kan dhugaan argamu sirna haqa baasuu uummataati. Affaar Madi’aan sirna haqaa aadaa uummanni Affaar durii kaasee hojiirra oolchaa kan ture yoo ta’u, mana murtii naannootiin beekamtii argatee hojiiwwan bu’aa qabeessa hojjechaa jiraachuus ibsameera. Waltajjii kana irrattis waraqaaleen qorannoo hambaan kuni naannicharra darbee akka hambaa addunyaatti galma’uu dandeessisan dhiyaachuun mariin irratti akka gaggeeffamus ibsameera. Sagantaan kun guyyoota sadii walitti aansuun akka turus himameera.
Mootummaan dhimmoota waloo biyyoolessaa irratti hoggantoota Mana Maree Kiristaanaa Warra Wangeelaa Itiyoophiyaa waliin caalaatti walitti dhiyeenyaan ni hojjeta - Itti aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa
Feb 9, 2026 140
Guraandhala 2/2018 (ENA)- Mootummaan dhimmoota waloo biyyoolessaa irratti hoggantoota Mana Maree Kiristaanaa Warra Wangeelaa Itiyoophiyaa waliin caalaatti walitti dhiyeenyaan akka hojjetu Itti aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa ibsani. Itti aanaan Ministira Muummee ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin, hoggantoota haaraa filataman Mana Maree Kiristaanaa Warra Wangeelaa Itiyoophiyaa waliin har’a mari’ataniiru. Yaa’ii waliigalaa idilee mana marichaa 5ffaa, kan abbootiin amantaa, geggeessitoonni waldaa fi keessummoonni affeeraman irratti hirmaatan milkaa’inaan gaggeeffamuu isaatiif hoggantoota mana marichaaf dinqisiifannaa guddaa akka qaban ibsaniiru. Mootummaan dhimmoota waloo biyyoolessaa irratti hoggantoota Mana Maree Kiristaanota Warra Wangeelaa Itiyoophiyaa waliin caalaatti walitti dhiyeenyaan kan hojjetuu fi deeggarsa barbaachisu hunda kan taasisu ta’uus ibsaniiru. Itti aanaan Ministira Muummee ergaa isaanii keessatti hoggantoota mana marichaaf yeroo tajaajila gaarii hawwaniiru.
Mariin biyyaalessaa sadarkaa murteessaa irra gahe akka milkaa’u gahee bahachuaa jirru cimsinee itti fufna - Mana Maree dhaabbilee Hawaasa Siivikii
Feb 9, 2026 107
Guraandhala 2/2018 (ENA) - Mariin biyyoolessaa sadarkaa murteessaa irra gahe akka milkaa’u gahee bahacha jirru cimsinee itti fufna jedhe Manni Maree Dhaabbilee Hawaasa Siivikii. Manni Marichaa adeemsi marii kanaa akka milkaa’uuf Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa waliin qindoominaan hojjechaa akka jiru ibseera. Komishiniin marii biyyoolessaa Itiyoophiyaa dhaabbata walabaa labsii lakk. 1265/2014 kan hundaa’e yoo ta’u, dhimmoota ijoo ta’anii akka gaaffiitti ka’anii waldhabdeef sababa ta’an irratti mari’achuun seenessa waloo uumuudha. Komishiniin Marii biyyaalessaa hanga ammaatti hojii ajandaa hirmaachisaa ta’e walitti qabuu fi namoota konfiraansii guddicha irratti hirmaatan adda baasuun naannolee kudha tokkoo fi bulchiinsa magaalaa lama keessatti milkaa’inaan raawwateera. Pirezidaantiin Mana Maree dhaabbilee Hawaasa Siivikii Ahimad Huseen ENA waliin turtii taasisaniin, Manni Marichaa marii biyyaalessaa keessatti dhaabbileen hawaasa siivikii sochoosuun gahee olaanaa akka qabaataniif hojjechaa turuu ibsaniiru. Dhaabbatichi hojii hubannoo uumuu, ajandaa walitti qabuu, hirmaattoota adda baasuu fi kanneen biroo irratti Komishinicha waliin qindoominaan hojjechaa akka jira ibsaniiru. Manni Marichaa Komishinicha waliin waliigaltee mallatteessuu eeruun, kana irratti hundaa’uun hojiiwwan hedduun waliin ta’uun hojjetamaa akka jiran hubachiisaniiru. Marichi hammataa ta’uusaa qabatamaan mirkaneessuu eeruun, hirmaannaan dubartoota, dargaggoota, qaama miidhamtoota, maanguddootaa fi hayyootaa, akkasumas nama hundaa mirkanaa’uu isaa hubachiisaniiru. Mariin kun sadarkaa murteessaa irra akka ga’e ibsuun, Manni Marichaas milkaa’ina isaa mirkaneessuuf gumaacha isaa akka cimsu dhaamaniiru. Mariin biyyaalessaa garaagarummaa gara aadaa siyaasaa marii fi olaantummaa yaadaatti geessutti jijjiiruuf carraa guddaa ta’uus ibsaniiru. Adeemsi kun lammiileen dhimma biyyaalessaa irratti bilisaan akka mari’atan gochuun, ijaarsa mootummaa biyyaaf bu’uura ta’uu ibsaniiru.
Diinagdee
Cancala qabeenya uumamaa Afrikaa fooyyessuun, guddina diinagdee Ardichaa ariifachiisuun barbaachisaadha-Kilaavar Gaateetee
Feb 11, 2026 11
Guraandhala 4/2018 (ENA) - Cancala qabeenya uumamaa Afrikaa fooyyessuun, guddina diinagdee Ardichaa ariifachiisuun barbaachisaadha jedhan barreessaan olaanaa Komishinii Diinagdee Mootummoota Gamtoomanii Afrikaa Kilaavar Gaateetee. Yaa’iin Idilee 48ffaa Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa mata duree "Dhiyeessii bishaanii waaraa fi sirnoota eegumsa qulqullinaa nageenyummaan isaanii eegame mirkaneessuu; milkaa'ina galmoota Ajandaa 2063'f" jedhuun gaggeeffamuu eegaleera. Walgahii kana irratti Ministirri Dhimma Alaa, doktar Geediyoon Ximootiwoos, Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa, Mahamuud Alii Yuusuf, Ministirri Dhimma Alaa Angoolaa fi Dura taa’aan Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Ambaasaaddar Teetee Antooniyoo fi Ministiroonni Dhimma Alaa biyyoota miseensa ta’anii argamaniiru. Kanuma waliin barreessaan olaanaa Komishinii Diinagdee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Afrikaa Kilaavar Gaateetee mata dureen bishaanii fi qulqullina naannoo Gamtaa Awurooppaa milkaa’ina Ajandaa 2063tiif gahee guddaa qaba jedhan. Cancala qabeenya uumamaa Afrikaa, anniisaa haaromfamuu danda’u, albuudaa fi qabeenya uumamaa fooyyessuudhaan guddina dinagdee ardii kanaa saffisiisuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru. Madaalliin liqaa fi caasaa fiizikaalaa ardii kanaas daldalaa fi invastimantii quucarsaa jiraachuu eeruun, kunis guddina Afrikaa irratti dhiibbaa guddaa uuma jedhan. Daldalaa fi invastimantii Afrikaa guddisuun haala dinagdee babal’isuu qabu ijaaruuf walitti dhufeenya cimaa irratti hundaa’uun tumsa biyyoota miseensa ta’an cimsuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru. Gara fuula duraatti bu’uuraalee hawaas-diinagdee babal’isuun tatamsa’ina dhibeewwan bishaaniin daddarban Afrikaanota mudatan to’achuun barbaachisaa ta’uus ibsaniiru. Waliigaltee Naannoo Daldala Walaba Ardii Afrikaa guutummaatti hojiirra oolchuu saffisiisuun walitti dhufeenya hawaas-dinagdee lammiilee ardii kanaa cimsuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru. Manni Maree Hojii Raawwachiiftuu Ministiroota Dhimma Alaa Gamtaa Afrikaa ajandaa Yaa’ii Gamtaa Afrikaa 39ffaa Guraandhala 7 fi 8/ 2018 gaggeeffamuuf ni raggaasisa jedhamee eegama.
Dargaggoonni Adoolaa Waayyuu Carraa hojii uumameefiin fayyadamoo ta’aniiru
Feb 11, 2026 12
Guraandhala 4/2018(ENA)- Godina Gujii Magaalaa Adoolaa waayyuu Dargaggoonni Carraa hojii uumameefiin fayyadamoo ta’aa dhufuusaanii ibsan. Godinichatti Magaalaa Adoolaa waayyuutti dargaggoonni carraan hojii dameelee adda addaan isaaniif uumame fayyadamummaa Diinagdeesaanii guddachaa dhufuusaa ibsaniiru. Magaalichatti miseensa Waldaan IMX Horsiisa Lukkuu Baarkoot Dargaggoo Laamasgin Baqqalaa, hojiin misooma lukkuu ciminaa fi of-eeggannoon yoo hojjetame bu’aa qabeessa akka nama taasisu dubbateera. Hojiisaanii waggaa sadiin dura Lukkuu 250n eegaluusaanii ibsuun, yeroo ammaa lukkuu killee buustu kuma sadii akka qaban ibsaniiru. Walitti hidhaminsa gabaa mootummaan isaaniif uumeen guyyaatti killee kuma tokko daldaltootaa fi fayyadamtootaaf dhiheessuun galiisaanii guddifachaa jiraachuu dubbataniiru. Yeroo ammaa hojiisaanii Invastimentiiin babal’isuuf gaaffii lafaa dhiheessuun bulchiinsa magaalaarra deebii argachuusaanii ibsaniiru. Dura ta’aan waldaa IMX Horsiisa lukkuu Ifa boruu Dubree Boontuu Waaree gamasheen waldaansaanii cuucii guyyaa tokkoo fudhatanii guddisuun lukkuu goromtii guyyaa 45n fi kaakkiftuu fayyadamtootaaf akka dhiheessan dubbatteetti. Barnoota ogummaa Qonnaan digiriin eebbifamuu kan ibsite Boontuun, damee hojii hiriyootashee waliin irratti bobbateen fayyadamoo ta’aa jiraachuu ibsiteetti. Dura taa’aan Waldaan IMX omisha Gaagura kaannisaa Lalisee, Qumnagarii fi Alam, Abiraam Zawuduu gamasaan, gurmaa’anii gara hojiitti galanii baatii sadii keessatti gaagura ammayyaa 100 fayyadamtootaaf dhiheessuusaanii ibseera. Hojichi bu’aa qabeessaa fi guddachaa kan deemu ta’uu ibsuun, yeroo ammaa namoota 10’f carraa hojii uumuun fayyadamtoota isaan taassisuu ibsaniiru. Itti Aanaa Kantiibaa Magaalaa Adoolaa Waayyuu fi Itti Gaafatamaan Waajjira Carraa Hojii Uumuu fi ogummaa Obbo Shimallis Irbaa, magaalichatti baatiiwwan ja’an darban dargaggoota kuma 1 fi 583 damee Qonnaan, Industirii fi dameelee misoomaa biroon carraan hojii isaaniif uumamuu eeraniiru. Dargaggoota kanaaf liqaa birrii miiliyoona 31 ol isaaniif mijessuurra darbee bakka hojii fi gurgurtaa lafa karee kuma 6 fi 800 ol dhihaachuusaa ibsaniiru. Carraawwan gabaa fi humna damichaan jiru hunda guutummaan fayyadamuun sagantaa maaddii guutuu waliin walitti hidhuun faayidaa damicharraa argamu guddisuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Lammiilee hojicharratti bobba’aniif deeggarsi taassifamu cimee ittifufa jechuun obbo shimallis ibsaniiru.
Ardichatti sochiiwwan misoomaa ariifachiisuuf maddoota faayinaansii haaraa barbaaduun barbaachisaadha
Feb 11, 2026 20
Guraandhala 4/2018 (ENA) - Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahammuud Alii Yuusuf, hojiiwwan misoomaa ardii kanaa saffisiisuuf maddoonni faayinaansii haaraan barbaadamuu akka qaban ibsaniiru. Yaa’iin Idilee 48ffaa Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa waajjira muummee Gamtichaa Finfinneetti gaggeeffamuu eegaleera. Walgahii kana irratti barreessaan olaanaa Komishinii Diinagdee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Afrikaa Kilaavar Gateetee, Ministirri Dhimma Alaa Angoolaa fi Dura taa’aan Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Ambaasaaddar Teetee Antooniyoo fi Ministiroonni Dhimma Alaa biyyoota miseensa ta’an argamaniiru. Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahammuud Alii Yuusuf, Yaa’iin Gamtaa Afrikaa bara kanaa fedhii waloo fi walitti dhufeenya misoomaa ardii kanaa kan cimsu ta’uu ibsaniiru. Komishiniin Gamtaa Afrikaa hojiiwwan haaromsaa hedduu gaggeessaa akka jiru eeruun, Hojiiwwan hedduu gama nageenyaa fi tasgabbii, faayinaansii fi sirna haqaa irratti hojjetamaa jiran akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Manni Marichaa dhimma nageenyaa fi tasgabbii ardii kanaa irratti deebii kennaa akka jiru eeruun, Giinii fi Gaaboon gara Gamtaa Afrikaatti deebi'uu isaaniitti gammadeera jedhani. Hojiiwwan misoomaa ardii kanaa saffisiisuuf maddoonni faayinaansii haaraan barbaadamuu akka qaban kan ibsan yoo ta’u, gama kanaan dameen dhuunfaa, waldaaleen siivikii fi dhaabbileen tola ooltummaa hirmaachuu qabu jedhaniiru dura taa’aan kuni. Waggaa darbe keessaa qaamolee Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu haala gaariin hoogganan galateeffataniiru. Manni Maree Hojii Raawwachiiftuu Ministiroota Dhimma Alaa Gamtaa Afrikaa, Ajandaa Yaa’ii Gamtaa Afrikaa 39ffaa Guraandhala 7 fi 8/2018 gaggeeffamuuf ni raggaasisa jedhamee eegama.
Riifoormiin diinagdee Gooroo dameen industirii akka guddatu bu'uura kaa'eera – Ministira Malaakuu Alleebal
Feb 11, 2026 20
Guraandhala 4/2018 (ENA)- Ministirri Industirii Malaakuu Alleebal haaromsi diinagdee Gooroo dameen industirii akka guddatu bu’uura kaa’uu ibsaniiru. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad haasawa tibbana Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf taasisaniin, Riifoormiin diinagdee Gooroo Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffame damee hundaan bu’aa gaarii argamsiiseera jedhanii ture. Riifoormichi dinagdee qonna irratti hundaa’e irraa gara damee adda addaatti jijjiiruun guddina qulqullina qabu mirkaneessuu fi ba’aa liqaa hir’isuuf kan kaayyeffate ta’uu hubachiisaniiru. Riifoormiin dinagdee Gooroo bal’aan kun irra caalaa sharafa alaa gabaa irratti kan hundaa’e gochuu, imaammata faayinaansii fi maallaqaa sirreessuu, hirmaannaa damee dhuunfaa guddisuun madaallii daldalaa biyyattii sirreessuuf kan akeekedha. Akka Ministirri Industirii Malaakuu Alleebal turtii ENA waliin taasisaniin ibsanitti, Haaromsi diinagdee Gooroo kun dadhabbina caasaa waggootaaf diinagdee dhiphisaa ture suphuun bu’aa qabatamaa argamsiisaa jira jedhan. Damee omishaa keessatti rakkoolee mudatan furuu fi oomishtummaa guddisuuf gumaacha olaanaa taasisaniiru jedhaniiru. Garaagarummaan sharafa alaa kanaan dura ture omishtoonni omishasaanii gara alaatti erganii faayidaan argatan xiqqaa ta’uu yaadachiisuun, fooyya’insi haaraan taasifame garaagarummaa kana dhiphisuun Al-ergiin bu’aa qabeessa akka ta’u gargaareera jedhan. Gama biroon dhiheessiin sharafa alaa fooyya’uun, omishtoonni adeemsa omishaaf galteewwan barbaachisan salphaatti akka argatanii fi omisha alaa galan omisha biyya keessaan akka bakka bu’aniif carraa uumuu ibsaniiru. Fooyya’insichi madaalli daldalaa akka wal-gitu gochuurratti shoora olaanaa taphachaa jiraachuu fi kunis industirii omishaarratti bu’aa galmeessa jiraachuu ibsaniiru. Industiriin omishaa guddina biyyaa keessatti qooda qabu haala adda ta’een akka guddatu gochuusaa beeksisaniiru. Fooyya’insi Diinagdee Gooroo guutuu yaa’insa Investimantiiwwan haaraa harkisuurratti jijjiirama qabatamaa fidaa jiraachuu obbo Malaakuun dabalanii ibsaniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Godinichatti baatiwwan jahan darban jiraattonni kuma112 ol waraqaa eenyummeessaa Dijiitaalaa fudhataniiru
Feb 11, 2026 25
Guraandhala 4/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaa Godina Iluu Abbaabooritti bara bajatichaa walakkaa waggaatti jiraattonni kuma112 ol eenyummeessaa Dijiitaalaa fudhachuusaanii Bulchiinsi Godinichaa beeksise. Itti Aanaan Bulchaa Godinichaa Mahaammadxahaa Abbaa Fiixaa, jiraattonni godinichaa eenyummeessaan Dijiitaalaa imala Dijiitaalaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf kan deeggaru ta’uu hubachuun, eenyummeessaa kana fudhachaa jiraachuu ibsaniiru. Eenyummeessaa Dijiitaalaa kallattiiwwan biyyaalessaa damee Teekinooloojiin qabaman keessaa tokko ta’uu ibsuun jiraattonni godinicha hundi eenyummeessaa kana akka argataniif xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Bara baajataa qabame jiraattonni kuma 164 ol eenyummeessaa dijiitaalaa akka argatan karoorfamee walakkaa waggaatti jiraattonni kuma 112 ol ta’an argachuusaanii ibsaniiru. Milkaa’inasaaf Godinichatti Aanaawwan hundatti dameelee Baankii fi Itiyoo teelee koomii waliin qindaa’uun hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Fuuldurattis jiraattonni Godinichaa waraqaa eenyummeessaa dijiitaalaa akka qabataniif hojiin eegale cimee itti fufa jedhaniiru. Godinichatti baatiwwan jahan darban jiraattonni kuma112 ol waraqaa eenyummeessaa Dijiitaalaa fudhataniiru Milkaa’inasaaf Godinichatti Aanaawwan hundatti dameelee Baankii fi Itiyoo teelee koomii waliin qindaa’uun hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Fuuldurattis jiraattonni Godinichaa eenyummeessaa dijiitaalaa akka qabataniif hojiin eegale cimee itti fufa jedhaniiru.
Dijitaalli Itiyoophiyaa sirna faayinaansii ammayyeessuun, kenniinsa tajaajilaa saffisaa kennuuf dandeessiseera
Feb 10, 2026 67
Guraandhala 3/2018 (ENA) - Hojiirra oolmaan Dijitaalaa Itiyoophiyaa sirna faayinaansii ammayyeessuun lammiileen bakka jiranitti tajaajila saffisaa akka argatan dandeessisaa jira jedhan hoggantoonnii fi fayyadamtoonni damee faayinaansii. Teekinooloojii dijitaalaan damichaa deeggaruun tattaaffiin taasifamaa jiru sirna ammayyaa fi kenniinsa tajaajilaa saffisaa ta’e kennuudhaan guddina biyyoolessaa keessatti gahee olaanaa bahachaa jira. Akka hoggantoonnii fi fayyadamtoonni damee faayinaansii jedhanitti, sagantaan Dijitaalaa Itiyoophiyaa sirna faayinaansii ammayyeessuun lammiileen bakka jiranitti tajaajila saffisaa akka argatan taasisaa jira. Biiroo Misooma Daldalaa fi Industirii Naannoo Kibba Itiyoophiyaatti Daarektarri Galmeessaa fi eeyyama Daldalaa obbo Saamu’eel Gujoo ENAtti akka himanitti, sirni dijitaalaa tajaajila faayinaansii si’aawaa taasisuun jireenya lammiilee irratti jijjiirama bu’uuraa fideera. Keessattuu tajaajilli dijitaalaa kun hawaasni daldalaa gara dhaabbilee faayinaansii osoo hin deemiin, bakka jiran hundatti tajaajila akka argatan taasisaa jira jedhani. Galmeen daldalaa haaraa, haaromsa eeyyama daldalaa fi tajaajiloonni biroo karaa sirna dijitaalaa kennamaa akka jiran himaniiru. Ji’oota 6’n darbanitti eeyyamni daldalaa kuma 107 ol kan haaromfame yoo ta’u, kana keessaa kuma 57 ol karaa ‘e-Trade’ fi tajaajila ‘Woreda Net’n kan kenname ta’uu ibsameera. Daldaltoonni naannichaa Godinoota 12 fi magaalota Riijiwoo poolisii 3 keessa jiran bakka jiranitti tajaajila akka argatan gochuun, hojiirra oolmaa sirna dijitaalaa kanaan rakkoolee hedduun furmaata argataniiru jedhan obbo Saamu’eel. Hogganaan Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa Damee Arbaa Minci obbo Darajjee Maarqos "Dijitaalaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf tajaajila dameewwan faayinaansii haaromsuun barbaachisaa dha" jedhan. Hojiin faayinaansii baankichaa dhibbeentaan 87 ol sirna dijitaalaan kan raawwatamu yoo ta’u, maamiltoonni filannoo kaffaltii adda addaa baankichi qopheesse fayyadamuun mana isaanii ykn bakka hojii isaanii taa’anii tajaajila argachaa akka jiran hogganaan kun ibsaniiru. Gargaarsa baankii moobaayilaatiin maamiltoonni yeroo fi bakkaan osoo hin daangeffamiin daldala gaggeessuu kan danda’an yoo ta’u, karaa baankii interneetii dhaabbileen dhuunfaa fi mootummaa daldala gaggeessuu fi hojjettoota isaaniif tajaajila kennuu danda’u jedhan. Kunis kaffaltii akka raawwatan haala mijataa uumeera jedhaniiru. Maamiltoonni waraqaa eenyummaa biyyoolessaa isaanii sirna baankii waliin walqabsiisuudhaan tajaajila amanamaa akka argatan dandeessisaa jiraachuu ibsaniiru obbo Darajjeen. Tajaajilli dhaabbilee faayinaansii dijiitaala ta’uun baasii fi rakkina nu mudatu irraa nu baraareera kan jedhe immoo dargaggeessa jiraataa magaalaa Arbaa Minci kan ta’e Hardiidoo Doloboo dha.
Iiziin gidduugala Daalool Mana Kitaabaa Dijiitaalaa Magaalaa Saqoxaatti ijaare eebbifame
Feb 8, 2026 137
Guraandhala 1/2018 (ENA)- Raayyaa Ittisa biyyaatti gidduugalli Iizii Daalool Mana Kitaabaa Dijiitaalaa Magaalaa Saqoxaatti ijaarsise eebbifame. Mana kitaabaa kana Bulchaa Naannoo Amaraa Araggaa Kabbada fi Qodaaltonni olaanoon Raayyaa Ittisa biyyaa Eebbisaniiru. Manni kitaabaa kun dhaloonni beekumsaa fi dandeettii gonfatanii ijaarsa biyyaa keessatti qoodasaanii akka bahaniif shoora olaanaa akka qabaatu ibsameera. Sirna eebbaa kanarratti Raayyaa Ittiisa biyyaatti Ajajaan olaanaan Iizii Daalol Leetenaal Jeneraal Zooduu Balaay , Ajajaa Olaanaa Iizii Kaabaa Bahaa Leetenaal Jeneraal Asaffaa Chokkolii fi Hoggantoonni hojii olaanoon Naannichaa fi Qondaaltonni olaanon Raayyaa Ittisa biyyaa argamaniiru.
Lakkoofsi fayyadamtoota tajaajila Mobaayila miiliyona 97 ga’eera
Feb 4, 2026 168
Amajjii 27/2018(ENA)- Lakkoofsi fayyadamtoota tajaajila Mobaayila miiliyona 97 ga’uusaa Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsan. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Mana maree bakka bu’oota ummataa 6ffaa walgahii idilee 10ffaarratti argamanii gabaasa raawwii batii 6 irratti gaaffiiwwan miseensota mana mareerraa ka’aniif deebii fi ibsa kennaniiru. Dameen dijiitalaa keeessumaa fayyadamtoonni tajaajila Mobaayilaa guddachaa dhufuusaa kaasaniiru. Yeroo jijiiramni dhufu lakkoofsi fayyadamtota mobaayilaa miiliyoona 37 akka ture kaasuun, yeroo ammaa Itiyoo- Telekoomiin, miiliyoona 87, saafaarii koomiin miiliyoona 10 ol walii gala fayyadamtoonni mobaayilaa miiliyoona 97 jiraachuusaanii eeraniiru. Kunis jijiiramaa asitti miiliyoona 60n dabaluusaa agarsiisa kan jedhan ministirri muummee, ta’us kun ga’aa akka hin taanee fi tokkoon tokkoo Itiyophiyaanotaa fayyadamtota mobaayilaa akka ta’an hojjetamuu akka qabu ibsaniiru. Dhaqqabamummaan Tajaajila neetworkii 4G fi 5G babal’achaa jiraachuu kaasuun, magaalonni kuma 1 fi 70 fayyadamtoota 4G akkasumas magaalonni 28 fayyadamtoota 5G ta’uusaanii dubbataniiru. Kunis lammiileen tajaajilaa fi daldala si’ataa akka argatan dandeessisaa jira jedhaniiru. Damee faayinaansiin waggoottan sadanii asitti lakkoofsi daddabarsa maallaqaa mobaayilaa miiliyona 58 ga’uu eeraniiru. Sirni gurgurtaa dijiitaalaas maallaqa callaan gochuurra saffisaaan gaggeeffamuu eeranii, kunis bu’aa Imaammata imala tarkaanfii Itiyoophiyaa ta’uusaa kaasaniiru. Tajaajila kaffaltii dijiitalaanis baatiiwwan ja’an darban bu’aawwan galmaa’an kan waggaa darbee yeroo Kanaan yoo madaalamu dhibbantaa 60 dabaluu eeraniiru. Qusannaa maallaqaa dijiitaalaa fi tajaajilli qusannoo guddachuusaa hubachiisaniiru.
Ispoortii
Maanchistar Yunaayitid Westiham Yunaayitid waliin ni taphata
Feb 10, 2026 111
Guraandhala 3/2018(ENA)- Sagantaa Piriimar Liigii Ingiliz torban 26ffaan har’a eegaluun taphoonni Afur ni gaggeeffamu. Istaadiyeemii Landanitti Westihaam Yunaayitid Maanchistar Yunaayitid waliin galgala sa’aatii 5 :15tti ni taphatu. Westihaam Yunaayitid qabxii 23n Sadarkaa18ffaa qabatee sadarkaa gad bu’aarratti argama. Maanchistar Yunaayitid qabxii 44n sadarkaa 4ffaa qabateera. Taphoota liigichaa shan darban keessaa sadii kan mo’ate Wastihaam Yunaayitid sadarkaa gahumsaa gaariirratti argama. Leenjisaa yeroo Maaykil Kariikin kan durfamu Maanchistar Yunaayitid taphoota itti fufaa Afur darban injifateera. Westihaam Yunaayitid sadarkaa gad bu’aa keessaa bahuuf morkii cimaa gaggeessuuf qabxiin sadii baay’ee murteessaadha. Shaampiyoonsi liigii Awurooppaarratti hirmaachuuf morkachaa kan jiru Yunaayitid liigichaan injifannoo itti fufaa shan galmeessuuf ni taphata. Maanchistar Yunaayitid yeroo dhumaaf liigichaan taphoota ittifufaa shan kan mo’ate A.L.A bara dorgommii 2023/24 dha. Taphichaan morkiin cimaan isa eeggata jedhamee ni eeggama. Taphicha Saayimen Hupper Abbaa Seerummaan gaggeessu. Sagantaa biroon Chelsiin Liids Yunaayitid waliin galgala sa’aatii 4:30tti Istaadiyeemii Istaamfoor Biriijiitti taphatu. Chelsiin qabxii 43n sadarkaa 5ffaa, Liidis Yunaayitid qabxii 29n sadarkaa 16ffaa qabataniiru. Gareewwan lamaan liigichaan injigfannoo itti fufaa galmeessisuuf wal morkatu. Tootenihaam Hootisparsi Niwuukaastil Yunaayitidi fi Everten Boornimaawuz waliin sa’aatii wal fakkaataa galgala sa’aatii 4 :30tti ni taphatu.
Ispoortessitoota bakka bu’an horachuuf xiyyeeffannoon kennameera – Ministira Shawwiit Shaankaa
Feb 8, 2026 136
Guraandhala1/2018 (ENA)- Ispoortiin Ijaarsa Naamusaa fi Ispoortessitoota bakka bu’an horachuuf dandeettii qabu milkeessuuf xiyyeeffannoon kennamuu Mistirri Aadaa fi Ispoortii Shawwiit Shaankaa ibsan. Dorgommiin madaallii Ispoortii guddattoota biyyoolessaa mata duree “Guddina Ispoortessitootaa egeree, guddina Ispoortii keenyaaf” jedhuun Istaadiyeemii Yuunvarsiistii Saayinsii fi Teekinooloojii Adamaatti har’a eegalameera. Mistirri Aadaa fi Ispoortii Shawwiit Shaankaa wayitasana akka jedhanitti, Ispoortiin ijaarsa Naamusaa fi dhaloota bakka bu’u horachuuf humna qabu mikeessuuf xiyyeeffannoon kennamuu ibsaniiru. Ispoortii Ijaarsa biyyaa fi qooda walitti hidhaminsa hawaasaa guddisuu dandeessisuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Ispoortessitoota bakka bu’an horachuuf sirni fo’annoo fi leenjii diriiruun cinaatti dhaqqabamummaa bu’uuraalee misoomaa Ispoortiif xiyyeeffannoon kennamuu kaasaniiru. Waggoottan saddettan darban Iddoowwan Ispoortiin itti shaakalamu kuma 17 fi 636 ta’an biyyattiitti ijaaramanii tajaajila dandeettii gahumsa qaamaa fi sammuu guddattootaa gabbisuuf akka oolan taassifamuu ibsaniiru. Dorgommiin har’a Adaamaatti eegalame Ispoortisitoota bakka bu’an horachuuf qooda murteessaa qabaachuu eeraniiru. Hoggantuun Biroo dargaagoo fi Ispoortii Oromiyaa Roozaa Biyyaa akka dubbatanitti, Naannichi damee misoooma Ispoortiif xiyyeeffannoo kennuun leenjii kennaa jira. Misooma ispoortii milkeessuuf Magaalotaa naannichaa fi Aanaawwanitti bakka shaalaka ispoortii misooma koriideraa waliin wal qabsiisuun hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Har’a gosawwan Ispoortii 15n guddatoota kuma 3 ol naannoolee hundarraa dhufan dorgommicharratti hirmaachaa jiru jedhaniiru. Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa obbo Haayiluu Jaldee gamasaaniin magaalittii jirattotaaf mijattuu taassisuuf bu’uuraalee misoomaa Ispoortii fi kanneen biroon ijaaramaa jiru jedhaniiru. Guddattoonni kun sammuu fi qaamaan akka gahooman bakkeewwan bashannanaa fi Ispoortii bal’inaan ijaaramaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Magaalaan Shaggarii fi Midire gannat shireen qabxii qooddatan
Feb 4, 2026 218
Amajjii 27/2018(ENA)- Pireemar liigii Itiyoophiyaa sagantaa torban 19ffaan tapha jalqabaan Magaalaa Shaggarii fi Midire gannat shireen galchii malee qixaan adda bahaniiru. Taphichi Istaadiyeemii Finfinneetti gaggeeffameera. Bu’aa kana hordofuuun Magaalaan Shaggar qabxii 21n sadarkaasa 13ffaarraa gara 12ffaatti ol guddifateera. Guddaattuu haaraan Magaalaan Shaggar inijifannoo ittifufaa galmessuu hin dandeenye. Midire Gannet Shireen qabxii 23n sadarkaa 11ffaarraa gara 10ffaatti ol siiqeera . Garichi taphoota sadan darban hin mo’anne.
Maraatoonii Dubaay Atileetonni Itiyoophiyaa Olaantummaa kan irratti gonfatan
Feb 1, 2026 438
Amajjii 24/2018(ENA)- Maraatoonii Dubaay 25ffaa ganama har’aa gaggeeffameen atileetonni Itiyoophiyaa koorniyaa lamaaniinuu injifataniiru. Dorgommii dhiirotaan Nibirat Malaak sa’aatii 2, daqiiqaa 4 fi sekondii 00’n tokkoffaa ba’eera. Atileetiin Itiyoophiyaa kan biraa Yaasiin Hajii 2ffaa, lammiin Ruwaandaa Joon Hakizimaanaa immoo 3ffaa qabataniiru. Dorgommii dubartootaatiin Anchiin’aaluu Daseen sa’aatii 2, daqiiqaa 18 fi sekondii 31’n injifatteetti. Muliyyee Dhaqqaboo fi Fantuu Warquun 2ffaa fi 3ffaa bahaniiru. Dorgommicha Atileetonni Itiyoophiyaa sadarkaa 1ffaa hanga 10ffaatti xumurani. Atileetonni Itiyoophiyaa koorniyaa lamaan injifatan badhaasa walfakkaatu Doolaara Ameerikaa kuma 80 badhaafamaniiru. Qindeessitootni dorgommichaa walumaa galatti maallaqa badhaasaaaf oole Doolaara Ameerikaa kuma 336 ol atileetotaaf badhasa kennuu ibsaniiru. Maraatooniin Dubaay akka lakkoofsa warra Faranjootaa 1998tti kan eegalame yoo ta’u, dorgommii daandii irraa atileetiksii addunyaa warqeen badhaafameedha.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Itiyoophiyaan imala misooma hunda hammate kan jalqabde galmaan ga’uuf, raaga haala qilleensaa fayyadamuu sirnaan hojiirra oolchuun barbaachisaa dha
Feb 9, 2026 93
Guraandhala 2/2018 (ENA)-Itiyoophiyaan imala misooma hunda hammate kan jalqabde galmaan ga’uuf, raaga haala qilleensaa fayyadamuu sirnaan hojiirra oolchuun barbaachisaa akka ta’e Ministeerri Bishaanii fi Inarjii hubachiise. Inistiitiyuutiin Mitiriwooloojii Itiyoophiyaa waltajjii raaga haala qilleensaa Bonaa gamaaggamuu fi raaga haala qilleensaa baatii Arfaasaa ifoomsuu Adaamaatti gaggeessaa jira. Waltajjicharratti gorsaa Ministira Bishaanii fi Inarjii Mootummaa Maqaasaa haasawa taasisaniin, inistiitiyuutichi amanamummaa fi gahumsa raaga Mitiriwooloojii guddisuun misooma hunda hammate galmaan ga’uuf tattaaffii taasifamaa jiru keessatti gahee isaa bahaa jira jedhan. Odeeffannoon Mitiriwooloojii damee qonnaa, bishaanii fi anniisaa, geejjibaa, eegumsa naannoo fi bulchiinsa balaa, inshuraansii fi industiriitiif karaa saayinsaawaa ta’een xiinxalamee dhiyaachuu isaa ibsaniiru. Odeeffannoon tilmaamaa fi akeekkachiisa dursaa kun murtee kennitootaa fi hawaasa fayyadamtootaaf gargaarsa guddaa taasiseera jedhan. Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Mitiriwooloojii Itiyoophiyaa Faxxanaa Tashoomaa gama isaaniin, inistiitiyuutichi odeeffannoo haala qilleensaa fi haala qilleensaa waliin walqabatu yeroo yeroon fayyadamtootaaf kennaa jiraachuu ibsaniiru. Raagaan haala qilleensaa Bonaa, Arfaasaa fi Gannaa haala qilleensaa tajaajilli akeekkachiisa dursaa sochii hawaasummaa fi diinagdeef kennamu bu’aa akka argamsiise hubachiisaniiru. Tilmaamni raaga haala qilleensaa Bonaa yeroo fi bakka taateewwan waliin kan walsimu akka tures daarekatarri olaanaa kuni ibsaniiru. Waltajjiin kun dhiibbaa gaarii fi hamaa roobni Arfaasaa biyya keenyaarratti geessisuu danda’u dandamachuuf hubannoo uumuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru. Ummanni odeeffannoo tilmaamaa fi akeekkachiisa dursaa inistiitiyuutichi kennu hordofuu fi itti fayyadamuu akka qabus dhaamaniiru.
Bakkeewwan biyyattii Arfaasaa misooman rooba Idilee fi Idileen olii ni qabaatu
Feb 9, 2026 79
Guraandhala 2/2018(ENA)-Bakkeewwan biyyattii hedduun Arfaasaa misooman rooba idilee fi idileen ol akka argatan Inistitiyuutiin Meetiriwooloojii Itiyoophiyaa beeksise. Inistitiyuutichi waltajjii gamaggama raaga haala Qilleensaa yeroo bonaa fi raaga haala yeroo Arfaasaa hoggantoonni hojii mootummaa olaanoo fi qaamoleen qooda fudhattoonni damichaa bakka argamanittii Adaamaattii gaggeessaa jira. Inistitiyuutichi waltajjicharratti akka ifoomsetti raaga haala qilleensaa yeroo Arfaasaa bakkeewwan biyyattii bokkaan Arfaasaa idilee isaaniif ta’etti roobni idilee fi idileen olii jiraachuu akka danda’u eereera. Bu’uuruma Kanaan Godinaaleen Booranaa fi Gujii, Sidaamaa fi kibba Itiyoophiyaa bokkaa Idileen olii argatu. Akkasumas Naannoo Somaalee gara kibaa fi lixaa fi kibba lixaa kutaan biyyattii rooba idilee fi idileen olii akka argatan Inistitiyuutichi beeksiseera. Dabalataanis yeroo ammaa haalawwan qilleensaa jiranirraa ka’uun Kaaba dhihaa, gidduugaleessaa fi naannoowwwan bahaa biyyattiittis bokkaan idilee fi idileen olii ni jiraata jedhaniiru. Gama biroon hangi ho’i guyyaa naannoowwan Kaaba Bahaaatti, Lixaattii fi kibba lixaatti idileen ol akka ta’u , raagni haala qilleensaa mul’isa jedhaniiru. Haallli jalqabbii bookkaa Arfaasaa naannoowwan walakkaa kibbaatti dursee kan eegalu yoo ta’u, haalli bahinsa caamaa guyyoota muraasa turee baha jechuun beeksiseera. Hanga rooba kanaa sirnaan fayyadamuu fi hojii qonnaa waktichatti hojjetamuu fi hojiiwwan hawaasummaa fi diinagdee wayitasana hojjetaman ogeyyii waliin marii’achuun hojjechuun barbaachisaa dha jedhaniiru. Hangi bokkaa Arfaasaa bara kanaa hojii qonnaaf mijataa ta’uu ibsaniiru.
Haroo Haramaayaa misoomsuun bakka gahumsa turistii taasisuuf qindoominaan hojjetamaa jira
Feb 2, 2026 185
Amajji 25/2018(ENA) – Haroo Haramaayaa misoomsuun bakka gahumsa turistii taasisuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu Biiroon Aadaa fi Turizimii Oromiyaa beeksise. Bulchiinsa Magaalaa Maayaa jalatti kan argamu bakkeewwan hawata turizimii ta’an keessaa tokko Haroo Haramaayaati. Harri Haramaayaa waggoota hedduuf gogee kan ture yoo ta’u,hojiilee kunuunsa qabeenya uumamaa fi Ashaaraa Magariisaan hojjetamaniin bishaan kuufachuun akka duriisaatti deebi’eera. Bulchiinsi magaalichaa fi hawaasni naannichaa hara sana kunuunsuunii fi misoomsuun lakkoofsi dawwattootaa dabalaa dhufuu isaa hoggantuun Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa aadde Jamiilaa Simbiruu dubbataniiru. Yeroo ammaa Harichi bakka bashannanaa ta’uu irra darbee,dargaggootaaf carraa hojii uumaa kan jiru yoo ta’u, diinagdee damee kana irraa argamu guddisuuf ciminaan kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru. Naannichi qabeenya uumamaa hedduu kan qabu ta’uu fi lafa madda aartistootaa ta’uu himaniiru. Kantiibaan Magaalaa Maayaa doktar Ifraahi Waziir gama isaaniin, kunuunsa bishaanii fi biyyee akkasumas Ashaaraa Magariisaan kan deebi’e Harri kuni, kunuunsi qabeenya uumamaa cimee hojjetamaa jira jedhan. Kana malees madda galii ta’aa jira jedhan. Harri Haramaayaa kunuunsa isaaf taasifameen miidhagee carraa hojii dargaggootaas ta’ee jiraachuu isaa argeera kan jedhan Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Naannoo Oromiyaatti ogeessa turizimii Oliiyaad Bariisoo dha. Naannichatti abbootii qabeenyaa affeeruun loojiiwwanii fi riizoortiiwwan babal’isuun hojiilee fooyya’aa hojjechuun akka danda’amus ibsan obbo Oliyaad. Haroo Haramaayaa irratti tajaajila bidiruu kan kennu dargaggeessi Muktii Ahimad daawwattoota bidiruutiin daawwachiisuun dabalatatti hojii misooma qurxummii irratti hirmaachaa jiraachuus himeera.
Misoomni ashaaraa magariisaa, sululaa fi qarqara lageenii bishaan eeguudhaan bu’aa qabatamaa agarsiisaa jiru
Feb 2, 2026 154
Amajjii 25/2018 (ENA)- Misoomni ashaaraa magariisaa, sululaa fi qarqara lageenii bishaan eeguudhaan bu’aa qabatamaa agarsiisaa jiraachuu abbaan taayitaa eegumsa naannoo beeksise. Abbaan taayitichaa guyyaa lafa bishaan qabnii kan baranaa mata duree “lafa bishaan qabuu fi beekumsa mandhalee, hambaa aadaa keenyaa haa kabajnu” jedhuun kabajaa jira. Itti aantuun daarektara olaanaa abbaa taayitaa eegumsa naannoo Fireenash Makuraa akka ibsanitti, Itiyoophiyaan lafa bishaan qabuu fi lubbu qabeeyyii gragaraan kan badhaatedha. Qabeenyi uumamaa kunneen kunuunfamanii dhalootatti akka darban beekumsa mandhalee fi toftaawwan kunuunsa karaa aadaa qooda olaanaa bahachaa akka turan turuusaanii ibsaniiru. Hawaasni seerota aadaa fi duudhaalee dur qabuun lafa bishaan qabuu fi bishaan kunuunsaa turuusaa eeraniiru. Lafti bishaaan qabatu faayidaa olaanaa taasisaa akka jiran eeranii, bishaan faalame karaa uumamaan calaluu, balaa lolaa ittisuu fi jiidha lafaa eeguu akkasumas jijjiirama haala qilleensaa damdamachuu fi hoo’a naannawaa hir’isuu wabeeffataniiru. Miidhaa qabeenya uumamaa kanneen irra qaqqabu furuuf beekumsi saayinsaawaa ammayyaa beekumsa mandhalee waliin qindeessuun hojiirra oolchuun akka barbaachisu dubbataniiru. Pirojektoonni ashaaraa magariisaa fi misooma qarqara lagaa yeroo ammaa hojjetamaa jiran nageenya lafa bishaan qabataniif gumaacha olaanaa gumaachaa akka jiran mirkaneessaniiru. Abbaan taayitichaa naannolee fi qaamolee qooda fudhattootaa dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjechaa akka jiru eeranii, kunuunsi taasifamu mootummaa qofaan osoo hin taane itti gaafatama hawaasaa, dhaabbilee qorannoo fi dame dhuunfaa ta’uu himaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 2018
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 10248
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.