Angafoota Oduu
Naannoo Oromiyaatti barattoonni miliyoonni 10 ol fayyadamtoota tajaajila dhiheesii soorata mana barnootaa ni ta'u
Sep 14, 2024 234
Fulbaana 4/2017(TOI) - Naannoo Oromiyaatti bara barnootaa kana barattoonni miliyoonni 10 ol fayyadamtoota taajila soorataa mana barnootaatti dhihaatuu akka ta'an Biiroon Barnootaa naannichaa beeksise. Dhiheessiin sorootaa mana barnootatti barattootaaf taasifamu hanga barattoota mana barnootaa irraa hafanii kan xiqqeessu qofaa osoo hin taane bu'a qabeessas akka ta'aniif fayidaa guddaa qaba. Akka biyyaatti tajaajilli kun waggaa afuriin dura kan jalqabame yoo ta'u tasimoo fi imaammannii raawwiif barbaachisu qophaa'eefii bal'inaan hojiirra oolaa jira. Naannolee sagantaan kun hojiirra itti oolaa jiru keessaa Oromiyaan tokkodha. Itti aanaan hogganaa biiroo Barnoota Oromiyaa obbo Girmaa Baay'isaa TOI'tti akka himanitti; naannichatti dhiheesiin nyaataa barattootaf mana barnootaatti taasifamu waliin gahinsa barnootaa fi qulqullina barnootaa keessaatti gahee olaanaa bahaa jira. Manneen barnootaa nyaanni barattootaaf itti dhihaatutti hirmaannaan barnootaa fi bu'aan qabeesummaan irratti rakkoo jiru furuuf akka mala ijootti tajaajilaa jira jedhaniiru. Kana ilaalacha keessa galchuun sagantaa kana babal'isu fi cimsuu irratti xiyyeeffannoon hojjetama jira jedhaniiru. Haaluma kanaan bara 2016 barattoonnii miliyoonni 6.8 fayyadamtoota nyaata mana barnootaatti dhihaatuufii ta'uu himaniiru. Bara bajataa 2017tti manneen barnootaa kuma 20tti barattoonni miliyoonni 10.1 fayyadamtoota tajaajila dhiheessii soorata mana bartootatti dhihaatuu ni ta'u jedhaniiru. Sagantaan kun akka milkaa'uu karaa Buusaa Gonofaa qophiin dursaa taasifama jirachuus ibsaniiru.
Jiddugalli Uummatoota Gurraacha Idil addunyaa Ameerikaa dabalatee biyyoota adda addaatti damee isaa ni banata
Sep 14, 2024 258
Fulbaana 4/2017(TOI) - Waajjirri muummee isaa Finfinneetti kan argamu Jiddugalli Uummatoota Gurraacha Idil addunyaa Ameerikaa dabalatee biyyoota adda addaatti damee isaa akka banatu beeksise. Jiddugalicha cimsuuf uummatoonni gurrachi addunyaa maraarra jiran deeggarsa akka taasisan waamicha taasiseera. Jiddugalli Uummatoota Gurraachaa qiinxaltoota seeraa, seenaa, aadaa fi kanneen biroo irratti muuxannoo guddaa qaban kan teessoo isaanii Ingiliz taasifataniin dhaabbata jalqabamedha. Xiyyeeffannoo isaa seenaa, hambaa fi barnoota kan taasifate Jiddugalli Uummatoota Gurraachaa idil Addunyaa Sadaasaa 28/2016 sirna galma Gamtaa Afrikaatti geggeeffame irratti waajjira isaa muummicha magaalaa Finfinneetti banate. Jiddugalichi Itti aanaa Ministira Muummee Itoophiyaa duraanii Obbo Dammaqaa Mokoniin Pirezidaantii, Ministira dhimma alaa Siraaliyoon duraanii Piroofesar Deeviid Afraanisis hogganaa boordii fi ilma nama sosochii paan Afrikaanizimii geggeesuun Maarkiis Garveeyin kan ta'an doktar Juuliiyaas Gaarveeyis hogganama. Walitti qabaan Boordii jiddugalichaa Piroofesar Deeviid Firaansiis TOI waliin turtii taasisaniin jiddugalichi erga hundaa eegalee hanga ammaatti boqonnaawwan murteessoo hedduu keessa darbeera. Jiddugalichi ergaa beekamtii seeraa argatee fi adeemsaa caasaa ijaaruu kan xumure yoo ta'u wajjirra isaa Yaadaannoo Adwaatti banatettii yeroo dhihootti hojii jalqaba jedhaniiru. Jiddugalichi waajjirri muummee isaa Itoophiyaa ta'uus biyyoota addunyaa adda addaatti damee kan banatu ta'uu eeraniiru.
Bu’uraaleen misoomaa birrii miiliyoona 110n magaalaa Shaakkisootti ijaaramaa jiran si’achaa jiru
Sep 14, 2024 29
Fulbaana 4/2017 (TOI)- Bu’uraaleen misoomaa birrii miiliyoona 110n godina Gujii magaalaa Shaakkisootti ijaaramaa jiran si’achaa akka jiran bulchiinsi nagaalichaa beeksise. Hojiigaggeessaaan mana qopheessaa magaalichaa obbo Baasaayyee Baannataa, bu’uraleen misoomaa garagaraa 14 magaalattiitti ijaaramaa jiru jedhaniiru. Pirojektoonni kunneen sheediiwwan itti oomishamanii fi itti gurguraman kan carraa hojii uumuuf deeggaran kan ofkeessaa qaban ta’uu eeranii, pirojektoota barnootaa, fayyaa, jiddugaleessa bashannanaa daandii, bo’oo lolaan keessa darbuu fi kanneen biroof fakkeenyaaf eeraniiru. Amma ammaattis manneen barnootaa 4, bakki bashannanaa dargaggootaa tokko, daandiin kobilistoonii kiiloo meetira 2 tuqaa 5, kaandiin keessoo fi bo’oowwan lolaan keessa darbu 9 xumuramuu ibsaniiru. Pirojektoota kanneen keessaa manneen barumsaa idileen duraa hirmaannaa ummataan ijaaraman afur walumaa gala kan kutaalee 16 ofkeessaa qaban akka keessatti argaman himaniiru. Manneen barnootaa kunneen daa’imman barumsa idileen duraa 960 ol simachuu akka danda’an beeksisaniiru. Pirojektoonni mootummaa fi hirmaannaa ummataatiin ijaaraman jiraataa magaalichaa kuma 30 caalan kan fayyadan yoo ta’u ijaarsa pirojektootaaf birriin miiliyoona 110 caalu baasii taasifamuu beeksisaniiru. Magaalichatti jiraataan ganda Bantii Arbaa obbo Teewodiroos Zarihun, rakkoon bu’ura misoomaa magaalaa Shaakkisoo bara dheeraaf kan ture ta’uu yaadataniiru. “Hojiiwwan mootummaa fi hirmaannaa ummataan raawwatamaa jiran gaaffilee keenyaaf deebii ta’aa akka jira yaajjabeera” jedhaniiru. Jiraataan magaalichaa kan biraan obbo Kaasaahuun Gannanaa, bu’uraaleen misoomaa ijaaraman magaalattii qaqqabiinsa daldalaa fi invastimantii gochuuf kan gargaaranii fi abdii namatti horan ta’uu dubbataniiru.
Kan mul'ate

Finfineetti bara baajataa kana lammiilee kuma 300'f carraa hojii uumuuf hojjetamaa jira
Sep 13, 2024 249
Fulbaana 3/2017 (TOI) - Bulchiinsi magaalaa Finfinneetti bara baajataa kanatti lammiilee kuma 300'f carraa hojii uumuuf hojjechaa jiraachuu Waajjirri Hojii fi Ogummaa Bulchiinsa Magaalichaa beeksise. Sadarkaa hogganaa waajjiraatti itti gaafatamaan damee hojii fi wabii nyaataa obbo Asfaaw Laggasee TOI'tti akka himanitti; Hojii barbaaddonni magaalichaa keessa jiran carraa hojii akka argatan hojjetamaa jira. Fakkeenyaaf Mootummaan dargaggoota gurmaa’aniif carraa hojii uumuuf, liqii mijeessuu irraa eegalee walitti hidhamiinsa gabaa, bakka hojii fi iddoo gurgurtaatti waan jiru mijeesuuf xiyyeeffannaa kennee hojjecha jira jedhaniiru. Yeroo ammaa kana magaalaa Finfineetti intarpiraayizoonni kuma 34 fi 350 damee omishaa, konistiraakshinii, qonna magaalaa, daldalaa fi tajaajilaa irratti bobba’anii hojii bu’a qabeessa ta’e hojjecha jirachuu eeraniiru. Intarpiraayizoonni Finfinnee keessatti argaman dargaggootaaf carraa hojii uumuu qofa osoo hin taane, misooma itti fufiinsa qabuu fi badhaadhina magaalichaa keessattis gahee olaanaa tbahachaa jirachuu ibsaniiru. Bara baajataa xumurame kana lammiileen kuma 291 fi 577 carraa hojii argachuu eeruun bara bajataa kanatti lammiilee kuma 300 ta’aniif carraa hojii uumuuf karoorfamee hojjetama jira jedhaniiru. Lammiileen carraan hojii uumamuf damee hojii irratti bobba'an irratti milkaa'oo fi bu’a qabeessa akka ta’aniif hojiin ijaarsa dandeetti, carraa hojii uumuu fi walitti hidhamiinsa gabaa kan uumuuf kan hojjetamu ta'uus ibsaniiru. Hojii barbaaddonni leenjii ogummaa fudhatanii madaallii gahumsaa erga darbanii booda carraan hojii akka mijaa'u fi gara fuulduraattis cimee itti fufa jedhaniiru. Like Comment Send Share  
Siyaasa

Carraan dhaloota boruu imala badhaadhinaa keenya keessatti maal ta’uu akka danda’u imaammattootaa fi karoora badhaadhinaa keenyarratti ifatti keenyeerra-Obbo Adam Faaraah
Sep 10, 2024 728
Qaam’ee 5/2016(TOI)- Carraan dhaloota boruu imala badhaadhinaa keenya keessatti maal ta’uu akka danda’u imaammattootaa fi karoora badhaadhinaa keenyarratti ifatti keenyeerra jedhan sadarkaa ittaanaa ministira muummeetti hoogganaan jiddugaleessa qindeessaa ijaarsa sirna demokiraasii fi ittaanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah ibsan. Biyyi keenya fuulduraaf dhaloota naamusaan guutame, abdiinsaa guutuu akka ta’e kan amanu, obbolummaaf bakka kan kennu, ilaalchisaa namoomaa kan gabbate, hamileensaa ga’oomaan guutame akka qabaattu abjuu guddaa qabaacchuun imala keenya jalqabneerra jedhaniiru. Kun akka dhugoomu imaammattoonni keenya barnootaa, fayyaa, misooma magaalaa fi kanneen biroos imaammattoonni hawaasummaa, siyaasaa fi dinagdee dhaloota boruu tilmaama keessa galchuun akka fooyya’an akkasumas bara dhaloota dhufuu yaadota haaraan akka baraaran taasifameera jedhan obbo Adam fuula marsariitiisaaniin. Hojiileen dhaloota yaadamoota mandhalee Teeknooloojii, Ammayyummaa, yaadota kalaqaaf dhihoo ta’etti hirkatee guddina hawaasummaa mirkaneessu uumuuf jalqabne yeroo gabaabaatti firii agarsiisuu jalqabaniiru jedhaniiru. ‘Guyyaan Boruu’ har’a Qaam’ee 5 kabajnu dhaloonni abdii qabeessi dhaloota ida’amuu jennee moggaafne caalaatti biyyasaa akka jaalatu, biyyasaarratti abdii akka qabu akka yaadu kan itti taasifnu, siif jirra jennee cinaasaa kan dhaabannu, dogoggora keenyarraa barannee boru miidhagaa taasifne biyya fooyyofte akka dabarsinuuf kan waadaa itti gallu waan ta’eef baga geessan baga geenye jechuun barbaada jedhaniiru.

Hawaasummaa
Naannoo Oromiyaatti barattoonni miliyoonni 10 ol fayyadamtoota tajaajila dhiheesii soorata mana barnootaa ni ta'u
Sep 14, 2024 234
Fulbaana 4/2017(TOI) - Naannoo Oromiyaatti bara barnootaa kana barattoonni miliyoonni 10 ol fayyadamtoota taajila soorataa mana barnootaatti dhihaatuu akka ta'an Biiroon Barnootaa naannichaa beeksise. Dhiheessiin sorootaa mana barnootatti barattootaaf taasifamu hanga barattoota mana barnootaa irraa hafanii kan xiqqeessu qofaa osoo hin taane bu'a qabeessas akka ta'aniif fayidaa guddaa qaba. Akka biyyaatti tajaajilli kun waggaa afuriin dura kan jalqabame yoo ta'u tasimoo fi imaammannii raawwiif barbaachisu qophaa'eefii bal'inaan hojiirra oolaa jira. Naannolee sagantaan kun hojiirra itti oolaa jiru keessaa Oromiyaan tokkodha. Itti aanaan hogganaa biiroo Barnoota Oromiyaa obbo Girmaa Baay'isaa TOI'tti akka himanitti; naannichatti dhiheesiin nyaataa barattootaf mana barnootaatti taasifamu waliin gahinsa barnootaa fi qulqullina barnootaa keessaatti gahee olaanaa bahaa jira. Manneen barnootaa nyaanni barattootaaf itti dhihaatutti hirmaannaan barnootaa fi bu'aan qabeesummaan irratti rakkoo jiru furuuf akka mala ijootti tajaajilaa jira jedhaniiru. Kana ilaalacha keessa galchuun sagantaa kana babal'isu fi cimsuu irratti xiyyeeffannoon hojjetama jira jedhaniiru. Haaluma kanaan bara 2016 barattoonnii miliyoonni 6.8 fayyadamtoota nyaata mana barnootaatti dhihaatuufii ta'uu himaniiru. Bara bajataa 2017tti manneen barnootaa kuma 20tti barattoonni miliyoonni 10.1 fayyadamtoota tajaajila dhiheessii soorata mana bartootatti dhihaatuu ni ta'u jedhaniiru. Sagantaan kun akka milkaa'uu karaa Buusaa Gonofaa qophiin dursaa taasifama jirachuus ibsaniiru.
Finfineetti bara baajataa kana lammiilee kuma 300'f carraa hojii uumuuf hojjetamaa jira
Sep 13, 2024 249
Fulbaana 3/2017 (TOI) - Bulchiinsi magaalaa Finfinneetti bara baajataa kanatti lammiilee kuma 300'f carraa hojii uumuuf hojjechaa jiraachuu Waajjirri Hojii fi Ogummaa Bulchiinsa Magaalichaa beeksise. Sadarkaa hogganaa waajjiraatti itti gaafatamaan damee hojii fi wabii nyaataa obbo Asfaaw Laggasee TOI'tti akka himanitti; Hojii barbaaddonni magaalichaa keessa jiran carraa hojii akka argatan hojjetamaa jira. Fakkeenyaaf Mootummaan dargaggoota gurmaa’aniif carraa hojii uumuuf, liqii mijeessuu irraa eegalee walitti hidhamiinsa gabaa, bakka hojii fi iddoo gurgurtaatti waan jiru mijeesuuf xiyyeeffannaa kennee hojjecha jira jedhaniiru. Yeroo ammaa kana magaalaa Finfineetti intarpiraayizoonni kuma 34 fi 350 damee omishaa, konistiraakshinii, qonna magaalaa, daldalaa fi tajaajilaa irratti bobba’anii hojii bu’a qabeessa ta’e hojjecha jirachuu eeraniiru. Intarpiraayizoonni Finfinnee keessatti argaman dargaggootaaf carraa hojii uumuu qofa osoo hin taane, misooma itti fufiinsa qabuu fi badhaadhina magaalichaa keessattis gahee olaanaa tbahachaa jirachuu ibsaniiru. Bara baajataa xumurame kana lammiileen kuma 291 fi 577 carraa hojii argachuu eeruun bara bajataa kanatti lammiilee kuma 300 ta’aniif carraa hojii uumuuf karoorfamee hojjetama jira jedhaniiru. Lammiileen carraan hojii uumamuf damee hojii irratti bobba'an irratti milkaa'oo fi bu’a qabeessa akka ta’aniif hojiin ijaarsa dandeetti, carraa hojii uumuu fi walitti hidhamiinsa gabaa kan uumuuf kan hojjetamu ta'uus ibsaniiru. Hojii barbaaddonni leenjii ogummaa fudhatanii madaallii gahumsaa erga darbanii booda carraan hojii akka mijaa'u fi gara fuulduraattis cimee itti fufa jedhaniiru. Like Comment Send Share  
Sirna bulchiinsa odeeffannoo magaalaa Finfinnee ammayyeesuuf galmee siviilii dirqamaa babal’isuuf hojjetamaa jira
Sep 13, 2024 70
Fulbaana 3/2017(TOI) - Sirna bulchiinsa odeeffannoo magaalaa Finfinnee ammayyeesuuf galmee siviilii dirqamaan hojiirra oolchuuf hojjechaa jiraachuu Ejensiin Galmee Siivilii fi Tajaajila Jiraattotaa magaalaa Finfinnee beeksise. Sirni tajaajila galmee murteessaa biyya tokkoo karaa lama ijaaramuu akka danda’u ogeeyyiin damee kanaa ni ibsu. Gama tokkoon hojii hubannoo uumuun gama biraatiin immoo hojimaata dirqamaa diriirsuun tajaajila galmee siiviilii dhaqqabamaa gochuun akka danda’amu akeeku. Itoophiyaatti tajaajilli galmee murteessaa kun bara 2008 irraa eegalee hojiirra ooleera. Magaalaa Finfinneetti tajaajilli kun erga hojiirra oolee hubannoo uummataa dabaluuf hojiileen adda addaa hojjetamaa turuu daayreektarri olaanaa ejensii galmee siiviilii fi tajaajila jiraattota magaalichaa obbo Yoonaas Alamaayyoo TOI'tti himaniiru. Ta'uus garuu hubannoon hawaasni galmee siiviilii irratti qabu guddachaa jiraatus bu'aan isaa sadarkaa barbaadamerra akka hin jirre himaniiru. Biyyoota guddatan keessatti galmeen siiviilii hubannoo hawaasaa guddisuun qofa bu'a qabeessa akka hin taane eeranii; sirnoota dirqamsiisuus hojiirra akka oolchaan ibsaniiru. Gama kanaan magaalaa Finfinneetti tajaajilli galmee siiviilii fedhii irratti kan hundaa’e waan ta’eef sirni bulchiinsa odeeffannoo ammayyaa akka hin uumamnee eeraniiru. Rakkoo kana hiikuuf dhaabbile adda addaa waliin ta’uun galmeen siviilii kan dhalootaa, gaa’ela, wal hiikkaa gaa'ilaa fi du’aa dirqamaan akka ta'u taasifamaa jirachuu himaniiru. Kana waliin walqabatee galmee dirqamaa hayyama konkolaachisummaa fi sirna awwaalchaa waliin walqabatu guutummaatti hojiirra oolchuuf tattaaffiin taasifamaa jira jedhan. Rakkoolee hawaasummaaf furmaata barbaaduuf galmeen siiviilii barbaachisaa waan ta’eef, lammiileen yeroo murtaa’etti taateewwan barbaachisoo ta’an galmeessisuuf dirqama isaanii sirnaan akka ba’an waamicha dhiyeessaniiru.    
Manni barnootaa birrii miiliyoona 179n naannoo Tigraayitti ijaarame xumuramee tajaajilaaf qophaa’e
Sep 13, 2024 90
Fulbaana 3/2017(TOI)- Manni barnootaa sadarkaa lammaffaa birrii miiliyoona 179n naannoo Tigraayitti ijaarame xumuramee tajaajilaaf qophaa’uusaabulchiinsa yeroo naannichaatti waajjirri barnootaa magaalaa Shiree Indaasillaasee beeksise. Hoogganaan waajjirichaa obbo G/madin W/Goorgis TOTf akka ibsanitti, manni barnootaa sadarkaa lammaffaa baasii guutuu mootummaan naannoo Oromiyaa taasiseen magaalaa Shireetti ijaaramaa ture kun bara haaraatti tajaajila nijalqaba. Manni barumsaa sa’aatii duraa fi boodaan barattoota kuma 2 fi 160 simachuu danda’u kun kutaalee barnootaa akkasumas kutaalee tajaajiloota addaddaaf oolan kan qabu ta’uu hoogganaan kun ibsaniiru. Bilookonni gamoo kunneen mana kitaabaa dijitaalaa, Laaboraatoorii, jiddugaleessa teeknooloojii komunikeeshinii odeeffannoo, woorkishooppii, galma walgahii fi kiliniikii akka qabu himaniiru. Hojii gaggeessaan pirojektichaa obbo Galataa Caalaa gamasaaniin, manni barnootaa sadarkaa lammaffaa kun lafa heektaara afur tuqaa lama irratti akka ijaarame ibsaniiru. Manni barumsaa kun baatii 10 keessatti xumuramee barumsa baranaaf akka qaqqabu deeggarsi bulchiinsa magaalaa Shiree Indasillaasee olaanaa akka ture ibsaniiru. Ijaarsi mana barnootaa kun xumuramee tajaajilaaf gahuusaatti gammaduusaanii jiraattonni gammachuusaanii ibsaniiru. Jiraattota TOIf yaada kennan ijaarsi mana barumsichaa qulqullinaa fi yeroo gabaabaatti xumuramuunsaa pirojektoota biroofis fakkeenya gaarii ta’uusaa ibsaniiru. Barsiisaan magaalaa Shiree Indasillaasee jiraatan Muluu Ar’ayaa, manni barumsichaa yeroo gabaabaatti qulqullinaan ijaaramuunsaa barumsaaf haala mijataa ni’uuma jedhaniiru.
Diinagdee
Bu’uraaleen misoomaa birrii miiliyoona 110n magaalaa Shaakkisootti ijaaramaa jiran si’achaa jiru
Sep 14, 2024 29
Fulbaana 4/2017 (TOI)- Bu’uraaleen misoomaa birrii miiliyoona 110n godina Gujii magaalaa Shaakkisootti ijaaramaa jiran si’achaa akka jiran bulchiinsi nagaalichaa beeksise. Hojiigaggeessaaan mana qopheessaa magaalichaa obbo Baasaayyee Baannataa, bu’uraleen misoomaa garagaraa 14 magaalattiitti ijaaramaa jiru jedhaniiru. Pirojektoonni kunneen sheediiwwan itti oomishamanii fi itti gurguraman kan carraa hojii uumuuf deeggaran kan ofkeessaa qaban ta’uu eeranii, pirojektoota barnootaa, fayyaa, jiddugaleessa bashannanaa daandii, bo’oo lolaan keessa darbuu fi kanneen biroof fakkeenyaaf eeraniiru. Amma ammaattis manneen barnootaa 4, bakki bashannanaa dargaggootaa tokko, daandiin kobilistoonii kiiloo meetira 2 tuqaa 5, kaandiin keessoo fi bo’oowwan lolaan keessa darbu 9 xumuramuu ibsaniiru. Pirojektoota kanneen keessaa manneen barumsaa idileen duraa hirmaannaa ummataan ijaaraman afur walumaa gala kan kutaalee 16 ofkeessaa qaban akka keessatti argaman himaniiru. Manneen barnootaa kunneen daa’imman barumsa idileen duraa 960 ol simachuu akka danda’an beeksisaniiru. Pirojektoonni mootummaa fi hirmaannaa ummataatiin ijaaraman jiraataa magaalichaa kuma 30 caalan kan fayyadan yoo ta’u ijaarsa pirojektootaaf birriin miiliyoona 110 caalu baasii taasifamuu beeksisaniiru. Magaalichatti jiraataan ganda Bantii Arbaa obbo Teewodiroos Zarihun, rakkoon bu’ura misoomaa magaalaa Shaakkisoo bara dheeraaf kan ture ta’uu yaadataniiru. “Hojiiwwan mootummaa fi hirmaannaa ummataan raawwatamaa jiran gaaffilee keenyaaf deebii ta’aa akka jira yaajjabeera” jedhaniiru. Jiraataan magaalichaa kan biraan obbo Kaasaahuun Gannanaa, bu’uraaleen misoomaa ijaaraman magaalattii qaqqabiinsa daldalaa fi invastimantii gochuuf kan gargaaranii fi abdii namatti horan ta’uu dubbataniiru.
Itoophiyaan misooma Baala Shaayee irratti Keeniyaa waliin tumsaan hojjechuu ni barbaaddi.
Sep 13, 2024 56
Fulbaana 3/2017 (TOI) - Itoophiyaan misooma Baala Shaayee irratti Keeniyaa waliin tumsaan hojjechuu kan barbaaddu ta'ii Imbaasii Itoophiyaa Keeniyaa jirutti dursaan itti aanaa Misiyoonii ambaasaaddar Dammaqaa Axinaaf beeksisan. Jilli qooda fudhatoota mootummaa fi damee dhuunfaa Itoophiyaatti indastirii Shaayee irratti bobba'anii hojjechaa jiran Keeniyaatti oomisha baala shaayee fi indatirii isaa irratti muuxannoo fudhachuuf daawwannaa taasisaniiru. Jilli kun kutaalee Itoophiyaa adda addaarra kan walitti dhufan yoo ta'u hawaasa daldalaa illee kan of keessatti hammatedha jedhameera. Jilichi hoggantoota ejensii misoomaa Shaayee Keeniyaa mari'ateera. Keeniyaatti qonnaan bultoonni lafa qixxaa qabanii fi indastiriiwwaan Shaayee oyiruu qonnaa irraa hanga gurgurtaatti walitti hidhamsa isaan qaban irratti ibsi kennameefira. Jilli kun ooyiruu baala shaayee, warshaalee qindeessan fi maashinoota ittiin oomishamu daawwateera. Dawwaanna kun tumsa Itoophiyaa fi keeniyaan misooma baala shayee irratti qaban caalaatti kan cimsu ta'uun himameera. Imbaasii Itoophiyaa Keeniyaatti argamutti dursaan itti aanaa Misiyoonii kan ta'an ambaasaaddar Dammaqaa Axinaaf Ejensiin Misooma Shaayee Keeniyaa muuxannoo oomisha Shaayee fi invastimantii irratti qabu qoodufisaaf galateeffataniiru. Itoophiyaa fi Keeniyaan misooma baala shaayee dabalatee damee adda addaarratti muuxannoo wal jijjiruun jireenya lammilee jijjiruuf kan hojjetan ta'uu ibsuu isaanii Odeeffannoon TOI Imbaasii Itoophiyaa Keeniyaatti argamurra argate ni muli'isa.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Mariin paanaalii guyyaa beekamuu idil addunyaa ilaallatu har’a nitaasifama
Sep 13, 2024 41
Fulbaana 3/2017(TOI)- Mariin paanaalii guyyaa beekamuu idil addunyaa bara 2024(International Identity Day) ilaallatu har’a nitaasifama. Mariin anga’oota olaanoo karaa Intarneetiin gaggeeffamu Kun fooyyessa sirna bulchiinsaa dijitaalaayzeeshinii irratti kan xiyyeeffate akka ta’e ibsameera. Ministirri Innoveeshinii fi teeknooloojii Dr. Ballaxaa Mollaa, daarektarri olaanaa sagantaa waraqaa eenyummaa biyyaalessaa Yoodaahee Zemikaa’el fi gorsaan olaanaa baankii biyyaalessaa Jooteewarq Ayyalaa marii kanarratti haasawa nitaasisu. Dura taa’aan muummee dhaabbata paan Afriikaa ‘Ayidii 4 Afriikaa maalummaa dijitaalaarratti hojjetuu Dr. Jooseef Atikaa, ogeessi dinagdee olaanaan baankii addunyaa Juuliyaa Kilaark fi dura taa’aan boordii daarektarootaa abbaa taayitaa mirkaneessaa fi galmee eenyummaa biyyaalessaa Yugaandaa Jooseef Biirboonwaa marii paanaalii kanarratti afeeramuun haasawa nitaasisu jedhameetu eegama. Guyyaan beekamuu idil addunyaa A.L.A Fulbaana 16 waggaa waggaan kan kabajamu yoo ta’u guyyaan kun faayidaa bu’uraa ibsituun eenummaa mirkanaa’ee qabuu fi hunda hammataa ta’uu akka qabu hubachiisuuf kan kaayyeffatedha. Guyyaan ayyaanichi itti kabajamu guyyaan 16 kan filatame galma misooma egeree dhaabbata mootummoota gamtoomanii lakkoofsa 16 irratti kan ibsame mul’ata abbummaa eenyummaa waliin walsimsiisuufidha. Galma kanarratti A.L.A bara 2030tti jiraataan addunyaa hundi galmee dhalootaa dabalatee eenyummaa seera qabeessaa akka argatu kaa’ameera.
Ispoortii
Itiyoophiyaan tapha gulaallii jalqabaa Waancaa Afriikaa har’a Taanzaaniyaa waliin nitaphatti
Sep 4, 2024 278
Hagayya 29/2016 (TOI)- Gareen biyyaalessaa Itiyoophiyaa tapha gulaallii jalqabaa Waancaa Afriikaa har’a Taanzaaniyaa waliin nitaphata. Taphni garee lamaanii galgala sa’aatii 1tti Istaadiyeemii Beenjaamiin daawwattoota kuma 60 qabatuttii nitaphatama. Tapha gulaallii Waancaa Afriikaa 35ffaa Moorookoon keessummeessiftu biyyoonni 48 ramaddii 12tti qoodamanii nitaphatu. Gulaallii Kanaan Itiyoophiyaan ramaddii Giinii, Taanzaaniyaa fi Demokiraatiik rippaabiliik Koongoo waliin ramaddii 8tti ramadamuunshee nibeekama. Gareen Waaliyootaa har’a tapha jalqabaa Taanzaaniyaa waliin nitaphata. Leenjisaan garee Waaliyootaa G/Madin Hayilee marsaa jalqabaatiin taphattoota 28 waamicha taasisuun gareen kun magaalaa Finfinnee fi Adaamaatti shaakallii taasiseera. Gareen biyyaalessaa kun taphoota gulaallii lama Taanzaaniyaatti taasisuun taphattoota 23 qabatee dheengadda Taanzaaniyaa galuunsa nibeekama. Taphattoonni guyyoota lamaan darbaniif Taanzaaniyaatti shaakallii taasisaniiru. Shaakallii xumuraa kaleessa Istaadiyeemii biyyaalessaa taanzaaniyaa taphichi itti taphatamutti kaleessa taasiseera. Gareen biyyaalessaa Taanzaaniyaa turban tokkoof Daaree Salaamitti qophii taasisaa tureera. Itiyoophiyaa fi Taanzaaniyaan Kanaan dura taphoota michoomaa fi dorgommii dabalatee yeroo 23f waliin taphataniiru. Itiyoophiyaan al 10, Taanzaaniyaan al 6 yemmuu mo’atan al 7 ammoo walqixa bahaniiru. Gareen biyyaalesaa Itiyoophiyaa tapha tapha dirree kan lammataa Qaam’ee 4 bara 2016 Demokiraatiik Rippaabiliik Koongoo waliin Istaadiyeemii Beenjaamiin Mikaapoo Daaree Salaamitti argamutti(Istaadiyeemii biyyaalessaa Taanzaaniyaatti) nitaphata.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Guyyoota 10 dhufan naannawoota biyyattii kaabaa fi Kaaba bahaatti roobni hir’achaa dhufa
Sep 12, 2024 62
Fulbaana 2/2017(TOI)- Guyyoota 10 dhufan naannawoota biyyattii kaabaa fi Kaaba bahaatti tamsaasni roobaa hir’achaa wayita dhufu bakkeewwan birootti roobni idilee olii jiraachuu akka danda’u Inistiitiyuutiin Miitiyoorooloojii Itiyoophiyaa beeksise. Inistiitiyuutichi ibsa TOIf ergeen kutaa biyyattii Lixaa fi Kibba Lixaatti roobni ittifufuu akka danda’u himeera. Kutaa kibba Itiyoophiyaa waqtii roobaa kan lammaffaa suuta suutaan argachuu akka jalqabu eereera. Kutaan biyyattii Kaaba lixaa, kibba lixaa akkasumas jiddugaleessaa roobni xiqaarraa amma jiddugaleessaatti argachuu akka danda’an raageera. Bakkeewwan tokko tokkotti kuusaawwan hurrii humna ibsaatiin ciman rooba cimaa hordofsiisuu akka danda’an odeeffannoowwan raagaa ni’eeru. Guyyoota kudhan dhufan naannolee Tigraayi, Amaaraa, Beeniishaangul Gumuz, Oromiyaa, jiddugaleessa Itiyoophiyaatti akkasumas Finfinneen roobni xiqqaarraa amma cimaatti nirooba jedhameetu eegama. Gama biraatiin godinaaleen Affaar, Oromiyaa Harargee Bahaa fi Lixaa, naannoo Amaaraa kaabaa fi Kibbaa Walloo, naannoo Gaambeellaa, naannoo Tigraayi godinaalee kibbaa fi kibba lixaa , Kibba lixa Itiyoophiyaa, naannolee Somaalee fi Hararii akkasumas Dirree Dawaan rooba cimaa argatu jedhameetu eegama jedhameera. Naannoleen qonna gannaa adeemsisan irra caalaan ciidhina xiqqaa amma guddaatti ni’argatu jedhameetu eegama. Kanaaf midhaan firiif qaqqaban akkasumas turanii facaafamaniif akkasumas kuduraa fi muduraaf faayidaa olaanaa qaba jedhameera. Gama biraatiin sulula Hawaasirraa hidhoonni Qooqaa, Tandaahoo fi Kasam Sulula Abbayyaarraa hidhoonni Xaanaa Balas, Rib fi Fincaa’aa baay’ina bishaaniirraa kan ka’e naannawoota sulula gadiirratti dhiibbaa akka hingeessifne hordoffiin nibarbaachisa jechuun hubachiiseera.
Biqiltuu dhaabuun alatti kunuunsuudaan dammaqinaan hirmaachuun naannawa jireenyaa fi bakka hojii mijataa uumuuf hundi cimee hojjechuu qaba
Sep 5, 2024 184
Hagayya 30/2016 (TOI)-Biqiltuu dhaabuun alatti kunuunsuudaan dammaqinaan hirmaachuun naannawa jireenyaa fi bakka hojii mijataa uumuuf hundi cimee hojjechuu akka qabu mana maree bakka bu’oota ummataatti itti waamamaan mootummaa muummeen Dr. Tasfaayee Beeljigee ibsan. Qaamoleen hooggansaa mana maree bakka bu’oota ummataa fi dhaabbilee mana marichaaf itti waamaman kan itti wamamaa mootummaa muummee Dr. Tasfaayee Beeljigeen gaggeeffamu Dirree Dawaatti argamuun Biqiltuu dhaabuun ashaaraa magariisaa kaa’aniiru. Biqiltuun mata duree “biyya biqiltuu dhaabdu dhaloota ittifufsiisu” jedhuun dhaabame qaama sagantaa ashaaraa magariisaa baatii gannaa barana adeemsifamee ta’uun ibsameera. Mana marichatti ittiwaamamaan mootummaa muummee Dr. Tasfaayee Beeljigee wayita kana akka jedhanitti, biqiltuuwwan waggoottan darban ashaaraa magariisaan dhaabaman dinagdee jijjiirama qilleensaaf hinsarmine ijaaruu keessatti gumaacha murteessaa qabu. Keessumaa magaalaawwan bakka hojii fi jireenyaa mijataa gochuu keessatti gumaacha taasisaa jiru eeraniiru. Biqiltuuwwan barana akka biyyaatti dhaabaman kunuunsuu fi guddisuuf hojiilee jalqabaman cimsuun akka barbaachisu hubachiisaniiru. Biqiltuu dhaabuurratti kan hirmaatan Af-yaa’iin bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaa adde Fathiityaa Aden gamasaaniin, sagantaan kilaastara baadiyyaa fi ashaaraa magariisaa magaalaa Dirree Dawaa milkaa’aajira. Biqiltuuwwan dhaabuu fi kunuunsuun gumaacha fooyya’insa jireenya hawaasa Dirree Dawaaf qabu hubachuun abbummaan hojjetamaa akka jiru kaasaniiru. Miseensonni mana maree bakka bu’oota ummataa olaanoo fidhaabbileen mana marichaaf itti waamaman Dirree Dawaatti argamuun ashaaraa magariisaa kaa’uusaaniif af-yaa’iin adde Fathiiyaa gammachuusaanii ibsaniiru. Kantiibaa bulchiinsa Dirree Dawaa Kadir Juhaar dabalatee hooggantoonni biroos sagantaa biqiltuu dhaabuurratti hirmaataniiru.
Miseensonni Hooggansaa fi hojjettoonni waajjira pirojektii qindeessaa hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichaa biqiltuu ashaaraa magariisaa dhaaban
Aug 26, 2024 339
Hagayya 20/2016 (TOI)- Miseensonni Hooggansaa fi hojjettoonni waajjira pirojektii qindeessaa hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichaa biqiltuu ashaaraa magariisaa Adaamaatti dhaaban. Waajjirichi waajjira pirojektii qindeessaa hidha haaromsaa guddicha naannoo Oromiyaa waliin ta’uun har’a magaalaa Adaamaa aanaa Gooroo gaara Coqqonuurra biqiltuu dhaabeera. Daarektarri olaanaan waajjira pirojektii qindeessaa hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichaa Dr. Aragaawii Barihee wayita kana akka jedhanitti, sagantaan ashaaraa magariisaa biqiltuu dhaabuu hidhi haaromsaa tajaajila dheeraa akka kennu gumaacha olaanaa taasisa. Haala Kanaan waggoottan darban miseensonni hooggansaa fi hojjettoonni waajjirichaa walitti aansuun sagantaa biqiltuu dhaabuurratti hirmaachaa jiru jedhaniiru. Hidhi haaromsaa sababa lolaatiin dalaliin akka hinguutamne qabiyyee uumama lafaa deebisuuf biqiltuu dhaabuu fi kunuunsuun hundarraa eegama jedhaniiru. Ashaaraan magariisaa mootummaa qofaan osoo hinta’iin hirmaannaa ummataan bu’a qabeessa ta’aa dhufuunsaa kan nama boonsu ta’uu ibsaniiru. Daarektarri olaantuu waajjira pirojektii qindeessaa hidha haaromsaa naannoo Oromiyaa adde Qonjiit Baqqalaa gamasaaniin qindeessichi biqiltuu dhaabuurratti hirmaachaa akka jiru yaadachiisaniiru. Qindeessichi ittigaafatama qabun alatti hidhi kun Itiyoophiyaanotaaf tajaajila fooyya’aa kennuu akka danda’uu fi qabiyyeen naannawaa akka eegamu hundi sagantaa kanarratti akka hirmaatu hubannoon uumamaa akka ture ibsaniiru. Sagantaan kun rakkoo jijjiirama qilleensaa furuun gamatti namoota hedduuf carraa hoojii uumuusaa ibsaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 6756
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015