Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Tajaajila fayyaa fi sirna odeeffannoo dijitaala gochuuf hojjetamaa jira-Dr. Maqdas Dhaabaa
Sep 18, 2025 22
Fulbaana 08/2018(TOI)-Tajaajila fayyaa dijitaalaan deeggaruun, raabsii dawaa fi meeshaalee waldhaansaa si’annaan akka walgahan gochuuf hojjetamaa akka jiru ministirri fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa ibsan. Itiyoo Telekoom fi tajaajilli dhiheessii dawaa Itiyoophiyaa waliigaltee cehumsa caancala dhiheessii fayyaa dijitaalaa Ismaartii hojiirra oolchuuf dandeessisu mallatteessaniiru. Waliigaltichi waliin gahiinsa dawaa fi meeshaalee waldhaansaa guutuu biyyaatti kan si’achiisu amansiisaa fi sirna caancala dhiheessii odeeffannoon deeggarame diriirsuuf kan akeekame ta’uun ibsameera. Ministirri fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa wayita kana, ministeerichi tajaajila fayyaa si’ataa hawaasaa n ga’uun fi dhukkuba ittisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Waliigalteen har’a mallatteeffames tajaajila dawaa fi meeshaalee waldhaansaa karaa si’ataa ta’een hawaana biraan gahiif hojiiwwan jalqabaman akka cimsu eeraniiru. Tajaajila fayyaa waliigalaa dijitaalaan deeggaruu fi odeeffannoo karaa ammayyaan qabachuuf hojjetamaa kakka jiru eeraniiru. Daarekteerri olaanaan dhiheessii Qoricha Itiyoophiyaa Dr.Abdulqaadir Galgaloo gamasaaniin, walii galitichi hojii jijiiramaa dhaabbatichaa kan saffisiisudha jedhaniiru. Tajaajilicha caalaatti saffisiisuu fi raabsa qorichaa teeknooloojiin to’achuuf akka dandeessisu kaasaniiru. Chiif ofiisariin soluushinii intarpiraayizii Itiyoo-Telekoomii obbo Yohaannis Geetahuun gamasaaniin, haala walii galtichaan guutuu biyyoolessaatti waliin gahiinsi dawaa fi meeshaalee wal’aansaa kan saffisiisu ammayyaa, amansiisaa,fi cancala dhiheessii fayyaa odeeffannoon deeggaramee hojiirra ni’oola jedhaniiru. Sirni haaraan hojiirra oolu hojmaata dhiheessii dawaa Itiyoophiyaa akka saffisiisu dubbataniiru. Sirrummaa sirna to’annaa Qorichaa fi lakkoofsa qabeenyaa mirkaneessuuf, to’annoo qabeenyaa cimaa taassisuu fi seeraaf bitamuu mirkaneessuuf man-kuusaarraa eegalee hanga fayyadamtootaatti qulqullinaa fi ariitiin tajaajila raabsaa dawaa jiru mirkaneessuu akka danda’u eeraniiru.
Ijaarsa buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu xumura Sadaasa dhufuu jalqabuuf karoorfameera-Daandii qilleensaa Itiyoophiyaa
Sep 18, 2025 44
Fulbaana 08/2018(TOI)- Ijaarsa buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu xumura Sadaasa bara 2018 jalqabuuf karoorfamuu hojii raawwachiisaan olaanaa garee daandii qilleensaa Itiyoophiyaa Masfin Xaasoo ibsan. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Qaammee 4 bara 2017 hidha haaro,saa Itiyoophiyaa guddicha wayita eebbisan ijaarsi buufata Xiyyaaraa Idil addunyaa Bishooftuu pirojektoota meeggaa bara haaraatti eegalaman keessaa tokko ta’uu ibsaniiru. Hojii raawwachiisaan garee daandii qilleensaa Itiyoophiyaa obbo Masfin Xaasoo buufanni Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu industirii Aviyeeshinii Itiyoophiyaa boqonnaa olaanaatti akka ceesisu beeksisaniiru. Buufanni Xiyyaaraa kun qooda adda durummaa daandiin qilleensichaa geejjiba Afriikaarratti bahachaa jiru caalaa akka guddisu dubbataniiru. Ijaarsa buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu jalqabuuf qophiin xumuramaa akka jiru hojii raawwachiisaan olaanaa kun kaasaniiru. Hojii ijaarsaa sdarkaa jalqabaa hojjechuuf kontiraaktaroonni fo’amaa akka jiran eeraniiru. Ijaarsa buufata Xiyyaaraa Idil addunyaa Bushooftuu xumura baatii Sadaasaa jalqabuuf karoorfamuu dubbataniiru. Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa waggaa tokkoo fi walakkaa darbe Booyingii fi Erbaas irraa Xiyyaara ajajuu kaasanii, kanneen keessaa A.L.A bara 2026 jajaajilarra ni’oola jedhamee kan eegamu Booyiing 777-9 akka keessatti argamu ibsaniiru. Daandiin Qilleensichaa Xiyyaarota Booying 777-9 digdama ajaje waggaa tokkoo fi walakkaan booda fudhachuu akka eegalu ibsuun, kunis daandii qilleensichaa, daandiiwwan xiyyaaricha ajajan muraasa keessaa tokko isa taassisa. Daandiin qilleensichaa Xiyyaarota ammayyaa fayyadamuun hojmaatasaa si’eessaa jiraachuu ibsuun, ajajni Booyingii haaraa kunis qaama kanaa ta’uu beeksiseera. Hojii Raawwachiisaan olaanaa Baankii Invastimantii Siibi’ii kaappitaalaa Zamadeneh Nigaatuu gamasaaniin daandiin Qilleensaa Idil-Addunyaa Bishooftuu galma daandiin qilleensichaa qabateef bu’uura ta’uu ibsaniiru. Imaltoota addunyaarraa gara Afriikaa dhufan akkasumas Afriikaarraa gara Biyyoota Addunyaa birootti deemaniif seensi inni tokko buufata xiyyaara Idil-Addunyaa Boolee ta’uu eeraniiru. Imaltoonni Miiliyoona 25 daandii Qilleensaa kan keessa akka darban ibsuun, Ijaaramuun Daandii Qilleensa Bishooftuu lakkoofsa imaltootaa gara miiliyoona 100 guddisuun Itiyoophiyaa fi Afriikaatiif faayidaa guddaa akka fidu ibsaniiru. Biyyoota buufata xiyyaaraa gurguddaa qabn waliin dorgomuuf akka danda’us ibsniiru. Bu’uuraaleen misoomaa Buufata Xiyyaaraa gurguddoon biyyoota garagaraa keessatti guddina Dinagdeef bu’uura ta’uu ibsuun, buufanni xiyyaaraa Bishooftuus dinagdee Itiyoophiyaa akkasumsa Afriikaa guddisuuf dandeettii akka qabaatu hubachiisaniiru.
Cimee Hojjechuu kotiin qabxiin argadhetti Gammadeera
Sep 18, 2025 49
Fulbaana 08/2018(TOI)-Milkaa’ina Kaayyoosheetiif cimtee hojjechuusheetiin qabxii argattetti gammaduushee Dirree Dawaatti barattuu Mana Barumsaa Immabeetaachiin Afoomiyaa Gashuu ibsite. Qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2017 qabxii olaanaa kan galmeessan keessaa Dirree Dawaatti barattuu Mana Barumsaa Immabeetaachiin kan taate Afoomiyaa Gashuu ishee tokko. Barattuun kun cimtuu, naamusaan kan guutamtee fi namoota biroof fakkeenya ta’uunshee, qabxiin fidde kan eegamu ta’uu barsiisotashee nidubbatu Qormaanni biyyoolessaa kutaa 12ffaa Ifoomuusaa hordofee Barattoonni qabxiisaanii ifatti beekanii gahumsasaanii itti aanu tilmaamaa jiru. Barattoota kana keessaa akka biyyaa fi Diree Dawaatti barattoota qabxii olaanaa galmeessisan keessaa barattuu Mana Barumsaa Immabeetaachiin Afoomiyaa Gashuu ni eeramti. Barattuun kun qabxii walii galaa 600 keessaa 574 galmeessisuun Diree Dawaarra adda duree ta’uu dandeesseetti. Barattuu Afomiyaan Gashuu qabxiin galmeessiste Cimtee hojjechuusheen, bu’aa dadhabbiishee ta’uu TOI’f ibsiteetti. Teekinooloojii Dijiitaalaa Beekumsa barnootaa gabbifachuuf akka fayyadamtu eeruun, barnootashee naamusa guddaan hordofuusheen bu’aa miidhagaaf akka ishee gargaare dubbatteetti. Maatiinshee fi deeggarsi fi hordoffiin barsiisotaa bu’aa qabxii miidhagaa kanaaf olaanaa ta’uu kan ibsite barattuu Afoomiyaan, keessumaa dubartoonni bu’aa fimilkaa’ina kaayyoosaanii egereef yeroo fi humnasaanii Barnootaaf kennuu akka qaban muuxannooshee qooddeetti. Damee saayinsii fi teekinooloojiitiif fedhii guddaa qabaachuusee kan ibsite barattuun kun, fuulduratti toora kanatti beekumsaa fi dandeettii fooyya’aa qabachuun mataashee fi maatiisheerra darbitee hojii biyyaaf fayyadu akka milkeessitu dubbatteetti. Milkaa’ina kaayyookootiif cimee hojjechuu kootiin qabxiin argadhetti gammadeera jetti Afoomiyaan. Barattoonni milkaa’oo fi dhaloota biyya ijaaran akka ta’aniif hordoffii fi deeggarsi maatii cimaan qooda olaanaa qabaachuu kan ibsan immoo abbaa barattuu Afoomiyaa Gashuu Muluuti. Ijoollumaasheerraa eegaltee barnootaaf xiyyeeffannoo addaa akka kennituu fi akka milkooftuuf akka maatiitti qooda keenya baaneerra, Barsiisotashee waliin kan facaafne bu’aasaa gammachuun haammanneera, kanaattis gammanneera jedhaniiru. Barattuu Afoomiyaa Gashuu barnootasheerratti dadhabe, nuffe osoo hin jedhiin barattuu kaayyoo qabdu ta’uushee kan ibsan immoo Barsiisaa Barnoota Fiiziksii fi to’ataa dareeshee kan ture barsiisaa Haayilemariyam Rattaa ti . Barattuun kun naamusa gaarii gahumsaa fi cimina waliin qabachuun fakkeenyummaan kan eeramtu barattuu sadarkaa ta’uushee ibsaniiru. Itti Aanaan Daarektara Mana Barumsaa Immabeetachiin obbo Bayyanaa Daggafaa , barattuu Afoomiyaan qabxii olanaa akka fiddu hundisaanii kan eegan ta’uu dubbataniru. Barattuun kun gara fuulduraatti damee Teekinooloojiin hojii biyya waamsisu akka hojjettu abdii guutuun dubbachuu nan barbaada jedhaniiru. Barattoonni bara kana naamusaan qulqullaa’anii akka barattuu Afoomiyaa bu’aa qabeessa akka ta’aniif maatiin barsiisota waliin qindaa’anii hordoffii fi deeggarsa gochuu akka qaban ergaa dabarsaniiru.
Kan mul'ate

Xumuramuun hidha haaromsaa injifannoo guddaa Afriikaanonni deebi’anii akka dadammaqan kan taasisedha-Ministeera dhimma alaa
Sep 18, 2025 74
Fulbaana 08/2018(TOI)- Xumuramuun hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichaa miira nidanda’amaa jecharraa gochatti jijjiire injifannoo guddaa Afriikaanonni deebi’anii akka dadammaqan kan taasise ta’uu dubbi himaan Ministeera dhimma alaa ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo ibsan. Dubbi himaan ministeera dhimma alaa ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo hariiroon dhimma maalirra akka jiru ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru. Ambaasaaddar Nabiyaat ibsa kennaniin, hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa eebbifamuunsaa xiyyeeffannoo hawaasa addunyaa fi miidiyaalee idil addunyaa hawateera jedhan. Hidhichi xumuramuunsaa milkaa’inni dippilomaasii Itiyoophiyaa kan itti mul’atee fi Afriikaanonni deebi’anii akka dadammaqan kan isaan taasise ta’uu dubbataniiru. Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi miirri nidanda’amaa jecharraa gochatti kan itti jijjiirame ta’uu kaasanii, Itiyoophiyaan muuxannoo hooggansa pirojektii bu’a qabeessa pirojektii jalqabanii xumuruu kanneen biroof kan qooddu ta’uu ta’uu ibsaniiru. Xumuramuun hidha haaromsaa Itiyoophiyaan shoora dippilomaasii Itiyoophiyaan Afriikaa fi riijinichatti bahachaa jirtu kan guddisudha jedhaniiru. Ambaasaaddar Nabiyaat ibsasaaniin yaa’ii jijjiirama haala qilleensaa Afriikaa lammaffaa fi walgahii hawaasa biyyoota Afriikaa-Kaariibiyaan irratti hojiilee bu’a qabeessa raawwachuushee dubbataniiru. Itiyoophiyaan bu’aalee yaa’ii sirna nyaataa addunyaa dabalatee taateewwan idil addunyaa Finfinneetti taa’aman irraa argaman qindeessitee akka dhiheessitu eeraniiru. Yaa’ii dhaabbata mootummoota gamtoomaniin cinaatti mariilee tumsa cimsan akka taasiftu eeraniiru.

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Xumuramuun hidha haaromsaa injifannoo guddaa Afriikaanonni deebi’anii akka dadammaqan kan taasisedha-Ministeera dhimma alaa
Sep 18, 2025 74
Fulbaana 08/2018(TOI)- Xumuramuun hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichaa miira nidanda’amaa jecharraa gochatti jijjiire injifannoo guddaa Afriikaanonni deebi’anii akka dadammaqan kan taasise ta’uu dubbi himaan Ministeera dhimma alaa ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo ibsan. Dubbi himaan ministeera dhimma alaa ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo hariiroon dhimma maalirra akka jiru ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru. Ambaasaaddar Nabiyaat ibsa kennaniin, hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa eebbifamuunsaa xiyyeeffannoo hawaasa addunyaa fi miidiyaalee idil addunyaa hawateera jedhan. Hidhichi xumuramuunsaa milkaa’inni dippilomaasii Itiyoophiyaa kan itti mul’atee fi Afriikaanonni deebi’anii akka dadammaqan kan isaan taasise ta’uu dubbataniiru. Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi miirri nidanda’amaa jecharraa gochatti kan itti jijjiirame ta’uu kaasanii, Itiyoophiyaan muuxannoo hooggansa pirojektii bu’a qabeessa pirojektii jalqabanii xumuruu kanneen biroof kan qooddu ta’uu ta’uu ibsaniiru. Xumuramuun hidha haaromsaa Itiyoophiyaan shoora dippilomaasii Itiyoophiyaan Afriikaa fi riijinichatti bahachaa jirtu kan guddisudha jedhaniiru. Ambaasaaddar Nabiyaat ibsasaaniin yaa’ii jijjiirama haala qilleensaa Afriikaa lammaffaa fi walgahii hawaasa biyyoota Afriikaa-Kaariibiyaan irratti hojiilee bu’a qabeessa raawwachuushee dubbataniiru. Itiyoophiyaan bu’aalee yaa’ii sirna nyaataa addunyaa dabalatee taateewwan idil addunyaa Finfinneetti taa’aman irraa argaman qindeessitee akka dhiheessitu eeraniiru. Yaa’ii dhaabbata mootummoota gamtoomaniin cinaatti mariilee tumsa cimsan akka taasiftu eeraniiru.
Mootummaan Ida’amuu biyyoota guddachuu barbaadaniif guddaa barbaachisaadha-Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Sep 18, 2025 73
Fulbaana 07/2018 (TOI)- Kitaabni Mootummaan Ida’amuu biyyoota kanneen akka Itiyoophiyaa guddachuu fi jijjiiramuu barbaadan hundaaf guddaa barbaachisaa akka ta’e Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan. Kitaabni “Mootummaa Ida’amuu” Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad barreessan eebbifameer. Miistirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad wayita kana dubbii dubbataniin, Kitaabni mootummaa Ida’amuu, sanada yeroon nuuf kennameera, Ilaalchaa fi yaadama ifaan biyya keenya yoo hojjenne kan seenaa hojjennu malee seenaa yaadannu hintaanu jedhuun kan qophaa’edha jedhaniiru. Kunis biyyooya kanneen akka Itiyoophiyaa guddachuu fi jijjiiramuu barbaadan hundaaf barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Guduunfaan kitaaba mootummaa Ida’amuu ka’umsa yoo ta’u ka’umsi kun gaabbii ta’uu ibsaniiru. Gaaffiiwwan gaabbii Itiyoophiyaan maaliif hiyyoomte? Itiyoophiyaan maaliif biyya gargaaramtu taate? Itiyoophiyaan eenyuu gadi taateetu kanneen biroo ishee gargaaru? Jedhanii fi sababasaa barbaaduufi ka’umsi jedhaniiru. Sababni amansiisaan yoo hin argamne gaabbiin hamaadha, hirriba nama dhorka kan jedhan Ministirri Muummee, kunis kitaaba ida’amuuf ka’umsa ta’eera jedhaniiru. Biyyoonni hiyyeeyyiin hedduun jiraatanis Itiyoophiyaaan hiyyeessa ta’uunshee kan gaabbisiisu, dachee durdurii ta’uushee, injifannoo bilisummaa kan qabdu, aadaa fi seenaan hojii boonsaa kan qabdu ta’uusheeti. Akka dachee durduriitti hojii qonnaa dursinee jalqabnus, hojmaanni keenya amma barbaadamu teeknooloojiin guddachuu dhabuun nama gaabbisiisa. Gaabbiin biyyi Wayyaa dhawuun akkasumas qoricha aadaatiin muuxannoo ture qabnu attamiin bal’inaan oomishuu fi ofdanda’uu dadhabnee? Jedhu ka’umsa ta’uusaas dubbataniiru. Gaabbiin alattis hinaaffaan mootummaa ida’amuuf ka’umsa akka ta’es ibsaniiru. Dhimmoota jajjaboo mootummaan Ida’amuu hubate keessaa, gaaffileen waldhahan jiraachuu fi kanaaf ammoo adeemsa jijjiiramaa diiggaa ta’e hordofuun kan jedhan keessatti argamu jedhaniiru. Hidhi haaromsaa milkaa’ina mootummaa fi nama dhuunfaa osoo hintaane, injifannoo Itiyoophiyaanotaa fi michuuwwan Itiyoophiyaa ta’uu dubbataniiru.
Mootummaan Ida’amuu har’arra ta’ee egeree fooyya’aa kan arguu fi kan ijaarudha-Ministira  Muummee  Dr.Abiyyi Ahimad
Sep 17, 2025 199
Fulbaana 07/2018(TOI)-Mootummaan Ida’amuu har’arra ta’ee egeree fooyya’aa kan arguu fi kan ijaarudha jechuun Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad ibsan. Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad Yaadama Ida’amuun kitaaba 4ffaa mata duree “ Mootummaa Ida’amuu” jedhuun barreessan har’a eebbifameera. Pirezidantiin Federala Dimokiraatawaa Rippaabiliikii Itiyoophiyaa Taayyee Atsqasillaasee, Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad, Qondaaltonni Mootummaa Olaanoo, Qondaaltonni Waranaa Olaanoo fi kutaan Hawaasa adda addaa saganticharratti hirmaataniiru. Ministirri Muummee wayita kana akka jedhanitti, Kitaabichi yaadota “Ka’umsa,” “Gahumsa”,“Daandii” fi “Mootummaa” jedhan afur irratti akka xiyyeeffatu ibsaniiru. Kitaaba kanarraa yaada gaabbii Itiyoophiyaan maaliif hiyyoomte jedhurraa akka ka’uu fi furmaata ifaa akka argisiisu eeraniiru. Furmaanni isaaniimmoo bakka gahumsaa Itiyoophiyaa ifatti kan kaa’an ta’uu kaasanii, mootumman Ida’amuu badhaadhina Itiyoophiyaa kan hawwu qofa osoo hin ta’iin akka milkaa’uuf kan hojjetudha jedhniiru. Yaadamni waliigalaas kanneen biroo fakkaachuuf kan tattaafattu osoo hin taane biyya fakkkeenya taatu ijaaruuf hojjechuudha, kunis karaa milkaa’ina qabuun ni raawwatama jedhaniiru. Hidha Haaromsa Ityoophiyaa Guddichaa fi Ashaaraa Magariisaa dabalatee milkaa’inonni kallattii adda addaan galmaa’an gama Kanaan fakkeenya ta’uu kan kaasan Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad, kunis Itiyoophiyaan akka dandeessu argisiiseera jedhaniiru. Biyya fooyyoftee fi Badhaate dhugoomsuuf daandiinsaa maali kan jedhu yaada sadaffaa kitaabichi irratti xiyyeeffatu ta’uu Ministiri Muummee dubbataniiru. Haala Kanaan mul’ata keenya dhugoomsuuf daandiin irra deemnu hirmaachisaa fi keessaa gara alaatti kan ilaalu ta’uu qaba jedhaniiru. Itiyoophiyaati sirna hammataa hundaaf ga’u ijaaruun akka danda’amu ibsuun, kan ida’amnu sammuu tokkoon yaaduuf osoo hin ta’iin waa’ee biyya tokkoo waliin hojjechuufi jedhaniiru. Gama Kanaan Itiyoophiyaaf ida’amuun Cabinsa barootaatiif dawwaa furmaataa ta’uu Ministirri Muummee dubbataniiru. Gama biraan mul’anni borurra dabarsinee qabanne kan dhugoomu mootummaan cimaan yoo jiraatedha, motummaan immoo bu’uura milkaa’ina hundaati jechuun ibsaniiru. Gama Kanaan Mootummaan Ida’amuu har’arra ta’ee booru kan arguu fi kan hojjetu ta’uu Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad ibsaniiru.
Itiyoophiyaanonnii tokko taanee yoo kaane waanti nudhaabu hinjiru-Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee
Sep 14, 2025 552
Fulbaana 04/2018(TOI)- Itiyoophiyaanonnii tokko taanee yoo kaane waanti nudhaabu hinjiru-Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee ibsan. Hidhi haaromsaa guddichi eebbifamuu sababeeffachuun mata duree “Itiyoophiyaan dandeesseetti jedhuun hiriirri deeggarsa ummataa Finfinneetti gaggeeffameera. Pirezidaant Taayyeen wayita kana dubbii dubbatameen, hidhi haaromsaa hunda dura humni ummatummaa cimaa ta’uu eeranii, ergaansaas Itiyoophiyaanonni nidandeenya kan jedhu ta’uu ibsaniiru. Addunyaan rakkisaan kun isin hiyyummaa fi beelaan beekamtu yoo nuun jedhu,ilaalchi kun soba ta’uusaa fi hojjennee jijjiiramuu akka dandeenyu kan itti agarsiifnedha jedhaniiru. Ergaan hidha kanaa, Itiyophiyaanonni tokkummaan yoo qindaa’an,akeekaa fi galmasaanii yoo adda baasan nidanda’u, waanti dadhaban hinjiru jedhan dubbi dubbataniin. Olaantummaan yaadaas Itiyoophiyaan nidandeessi kan jedhu ta’uu, guddummaa hojii fi mo’attummaa ifatti agarsiisuu eeraniiru. Sammuuwwan yaadan, harki ogummaa hojiif dhama’an, hoogaantoonnii fi hojjettoonni jalqabuufis ta’e sirnaan xumuruuf hojjetan yemmuu jiran, guddinni yaannii fi gochi gaariin yoo walfudhatan jechuudha jechuun ibsaniiru. Yaada jallate soroorsuuf, raawwii jallate sirreessuuf kan hojjetan akkasumas hoggantoonni jeeja’uu jibban yemmuu jiraatan, hojii fi hojjechiisaan waliigalu, hojiinis niqajeela,aadaan hojiis nigabbata jedhan.
Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi Itiyoophiyaanotaaf abdii ifaa , bu’ura bayyanachuuti-Kantiibaa Adaanech Abeebee
Sep 14, 2025 413
Fulbaana 04/2018 (TOI)- Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi Itiyoophiyaanotaaf abdii ifaa , bu’ura bayyanachuuti jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee. Jiraattonni magaalaa Finfinnee mata duree “Itiyoophiyaan dandeesseetti, walta’uu keenyaan dandeenyeerra” jedhuun xumuramuu hidha haaromsaa sababeeffachuun hiriira deeggarsa ummataa guddaa addababayii masqalaatti gaggeessaniiru. Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee, itti aanaan ministira muummee Tamsgeen Xurunaa, etaamaajoor shuumiin waliigalaa humnoota waraanaa fiildi maarshaal Biraanuu Juulaa, kantiibaa Adaanech Abeebee, ministiroonnii fi hooggantoonni mootummaa olaanoon hiriira deeggarsaa kanaratti argamaniiru. Kantiibaa Adaanech Abeebee watita kana hihdi haaromsaa Itiyoophiyaa fi Itiyoophiyaaotaaf ifa abdii, bu’ura bayyanachuuti jechuun dubbatan, Sagalee tokkoon kan barreeffamee fi yoomiyyuu kan hindimimmifne, seenessa keenya waloo bu’ura walooma keenyaa akkasumas dafqaa fi dhiiga keenyaan kan dhugoome hidhi haaromsaa xumuramuusaatti baga gammaddan jedhaniiru. Lammiilee gaara Gubaa jalatti beekumsasaanii, dafqasaanii, dhiigasaanii fi lubbuusaanii kutannoon kaffalaniif kajaja qabu jechuun galateeffataniiru. Shira, haleellaa fi weerara lafa jalaa diinonni keessaa fi alaa walta’uun yaadan aarsaa gootummaan kaffalameen darbuun dhugoomsuun akka danda’ame eeraniiru. Keessumaa waggoottan toorban darban hooggansa cimaa ministira muummee Dr, Abiyyi Ahimadiin rakkoo cimaa hidhichi keessa gale keessaa baasuun dhugoomsuun akka danda’ame dubbataniiru. Dhiibbaawwan garagaraa numudatan damdamachuuf gatii qaamoleen nageenyaa kaffalaniif galateeffataniiru. Manni maree tasgabbii mootummoota gamtoomanii dhiibbaa Itiyoophiyaarraan gahuuf haala hinbaramneen hidhicha ilaalchisee al 13 walgahii taa’uusaa yaadachiisaniiru. Yaaliin kunadeemsa dippilomaasii cimina qabuun fashalaa’uusaa eeranii, dippilomaatota gama Kanaan hirmaatanis galateeffataniiru. Qaamolee miidiyaa, hirmaannonni miidiyaa hawaasaa, Itiyoophiyaanonnii fi dhalattoonni Itiyoophiyaa, akkasumas harki keessan kan hindachaane hundi galata qabdu jedhaniiru. Itiyoophiyaanonni dhiibbaa kallattii garagaraan itti aggaamaman walta’insaan qolachuun keenya, yoo wal taane waan yaanne milkeessuu akka dandeenyu kan agarsiisedha jedhaniiru. Dhiibbaan kamiyyuu kaayyoo keenyarraa duubatti akka nundeebifne xumuramuun hidha kanaa agarsiiftuu ta’uu dubbataniiru. Hidhi kun dhugoomuunsaa ji’oo siyaasaa kan jijjiiree fi Itiyoophiyaan akka dandeessu addunyaatti kan agarsiifte siidaa barabaraati jedhaniiru. Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi Qaammee 4 bara 2017 ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin eebbifamuunsaa nibeekama. Pirezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruuttoo, Pirezidaantiin Jibutii Ismaa’el Omaar Geelee, pirezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mahaammad pirezidaantiin Sudaan Kibbaa Saalvaa Keer fi hooggantoonni biyyoota Afriikaa fi Kaariibiyaan sirna eebba hidha haaromsaarratti argamuunsaanii niyaadatama.A2a
Nageenya Magaalichaa Cimsuun hojiin Misooma Saffisiisuun Cimee itti fufa- Dursaa Itti Aanaa Kantiibaa Magaalaa Bahaar Daara Goshuu Indaalammaawu
Sep 12, 2025 642
Fulbaana 02/2018(TOI)-Nageenya Magaalaa Bahaar Daara cimsuunii fi Misoomaaf tattaafachun hojiin fayyadamummaa uummataa mirkaneessu cimee Akka Ittifufu Dursaan Itti Aantaa Kantiibaa Magaalichaa Goshuu Indaalammaawu Ibsan. Paartii Badhaadhinaatti Hoggantonni Magaalaa Bahaar Daara hojiiwwan Misoomaa fi Bulchiinsa gaarii waggoottan darban paartichaan galmaa’an akkasumas dhimmoota biroo ilaalchisee waltajjiin marii gaggeeffamaa jira. Saganticharratti Haasaa baninsaa kan taassisan dursaan Itti Aanaa Kantiibaa Magaalaa Bahaar Daara Goshu Indalammaawu, waggoottan Jijiiramaa gama Hawaasummaan, Dinagdeenii fi Siyaasaan milkaa’inoonni fooya’oon galmaa’uusaanii kaasaniiru. Ta’us bu’aawwan kana caalaa itti fufusiisuuf keessumaa miseensi hoggansaa fakkeenya nageenyaa fi misoomaa ta’uun bu’aa caaluuf tattaafachuun akka irraa eeggamu dubbataniiru. Gaaffiiwwan Misoomaa fi Bulchiinsa gaarii deebisuuf yeroo kamiyyuu caalaa qophaa’oo ta’uu hunda keenyarraa eegama jechuun kaasaniiru. Dandeettii humna raawwachiisummaa gaggeessa fi hirmaannaa ho’aa Hawaasaan dabalamee imala badhaadhinaa eegalame fi milkaa’ina galma karoorfameef qindoominaan hojjechuun nurraa eegama jedhaniiru. Gama Kanaan nageenya Magaalichaa cimsuun misoomaaf dhimmuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf akka hojjetamu dubbataniiru. Waltajjiin marii gaggeessitoota paartii kun har’aa eegalee guyyoota sadan itti aanaaniif kan gaggeefamau ta’uun beekameera

Hawaasummaa
Cimee Hojjechuu kotiin qabxiin argadhetti Gammadeera
Sep 18, 2025 49
Fulbaana 08/2018(TOI)-Milkaa’ina Kaayyoosheetiif cimtee hojjechuusheetiin qabxii argattetti gammaduushee Dirree Dawaatti barattuu Mana Barumsaa Immabeetaachiin Afoomiyaa Gashuu ibsite. Qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2017 qabxii olaanaa kan galmeessan keessaa Dirree Dawaatti barattuu Mana Barumsaa Immabeetaachiin kan taate Afoomiyaa Gashuu ishee tokko. Barattuun kun cimtuu, naamusaan kan guutamtee fi namoota biroof fakkeenya ta’uunshee, qabxiin fidde kan eegamu ta’uu barsiisotashee nidubbatu Qormaanni biyyoolessaa kutaa 12ffaa Ifoomuusaa hordofee Barattoonni qabxiisaanii ifatti beekanii gahumsasaanii itti aanu tilmaamaa jiru. Barattoota kana keessaa akka biyyaa fi Diree Dawaatti barattoota qabxii olaanaa galmeessisan keessaa barattuu Mana Barumsaa Immabeetaachiin Afoomiyaa Gashuu ni eeramti. Barattuun kun qabxii walii galaa 600 keessaa 574 galmeessisuun Diree Dawaarra adda duree ta’uu dandeesseetti. Barattuu Afomiyaan Gashuu qabxiin galmeessiste Cimtee hojjechuusheen, bu’aa dadhabbiishee ta’uu TOI’f ibsiteetti. Teekinooloojii Dijiitaalaa Beekumsa barnootaa gabbifachuuf akka fayyadamtu eeruun, barnootashee naamusa guddaan hordofuusheen bu’aa miidhagaaf akka ishee gargaare dubbatteetti. Maatiinshee fi deeggarsi fi hordoffiin barsiisotaa bu’aa qabxii miidhagaa kanaaf olaanaa ta’uu kan ibsite barattuu Afoomiyaan, keessumaa dubartoonni bu’aa fimilkaa’ina kaayyoosaanii egereef yeroo fi humnasaanii Barnootaaf kennuu akka qaban muuxannooshee qooddeetti. Damee saayinsii fi teekinooloojiitiif fedhii guddaa qabaachuusee kan ibsite barattuun kun, fuulduratti toora kanatti beekumsaa fi dandeettii fooyya’aa qabachuun mataashee fi maatiisheerra darbitee hojii biyyaaf fayyadu akka milkeessitu dubbatteetti. Milkaa’ina kaayyookootiif cimee hojjechuu kootiin qabxiin argadhetti gammadeera jetti Afoomiyaan. Barattoonni milkaa’oo fi dhaloota biyya ijaaran akka ta’aniif hordoffii fi deeggarsi maatii cimaan qooda olaanaa qabaachuu kan ibsan immoo abbaa barattuu Afoomiyaa Gashuu Muluuti. Ijoollumaasheerraa eegaltee barnootaaf xiyyeeffannoo addaa akka kennituu fi akka milkooftuuf akka maatiitti qooda keenya baaneerra, Barsiisotashee waliin kan facaafne bu’aasaa gammachuun haammanneera, kanaattis gammanneera jedhaniiru. Barattuu Afoomiyaa Gashuu barnootasheerratti dadhabe, nuffe osoo hin jedhiin barattuu kaayyoo qabdu ta’uushee kan ibsan immoo Barsiisaa Barnoota Fiiziksii fi to’ataa dareeshee kan ture barsiisaa Haayilemariyam Rattaa ti . Barattuun kun naamusa gaarii gahumsaa fi cimina waliin qabachuun fakkeenyummaan kan eeramtu barattuu sadarkaa ta’uushee ibsaniiru. Itti Aanaan Daarektara Mana Barumsaa Immabeetachiin obbo Bayyanaa Daggafaa , barattuu Afoomiyaan qabxii olanaa akka fiddu hundisaanii kan eegan ta’uu dubbataniru. Barattuun kun gara fuulduraatti damee Teekinooloojiin hojii biyya waamsisu akka hojjettu abdii guutuun dubbachuu nan barbaada jedhaniiru. Barattoonni bara kana naamusaan qulqullaa’anii akka barattuu Afoomiyaa bu’aa qabeessa akka ta’aniif maatiin barsiisota waliin qindaa’anii hordoffii fi deeggarsa gochuu akka qaban ergaa dabarsaniiru.
Awwaalchi gazexessaa Gabrahiywoot Kaahisaay raawwatame
Sep 16, 2025 293
Fulbaana 06/2018(TOI)-Sirni awwaalchaa Gaazexessaan Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa duraanii Gabrahiywoot Kaahisay michoonnii fi firoottansaa waa’iltoonni isaa ogummaa bakka argamanitti Adaamaa bataskaana kaateediraalii madaana alam qulqulluutti raawwatame. Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti waggaa 30’f kan tajaajile Gaazexessaan Gabrahiywoot Kaahisaay rakkoo fayyaa battalaa isa mudateen kaleessa addunyaa kanarraa boqoteera. Gaazexessaa Gabrahiywoot Kaahisaayi abbaasaa obbo Kaahisaayi Abrahaa fi haadhasaa adde Balaayinash Quwaaletaayi irraa naannoo Tigraayi Awuraajjaa Indartaa Mudde 5 bara 1953 ture kan dhalate. Gaazexessaa Gabrahiywoot Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti hojii erga eegalee baatii Adoolessa bara 1983 irraa amma Amajjii 1 bara 2015 soorama bahetti riippoortararraa amma Itti aanaa gulaalaatti tajaajileera. Damee barnootaa Gaazexessummaa fi Komunikeeshinii digirii jalqabaa kan qabu Gabrahiywoota miiltoo hojii biratti kan jaalatamu gaazexessaa cimaa ture. Oduu qindeessuun gamatti barreeffamoonni garagaraa mata dureewwan garagaraarratti barreesse gaazexaa Addis zamanii fi kitaabeewwanirratti maxxanfamaniiru. Gaazexessaa Gabrahiywoot Kaahisaayi jireenya hawaasummaasaatiin waliigalee kan jiraatu, miiltoowwan hojii biratti kan jaalatamu, dadhabe osoo hinjedhiin kan hojjetu gaazexessaa cimaa ta’uu miiltoon isaa gaazexessaa Ballaxaa Adinoo nidubbata. Miiltoonsaa Gaazexessaa Mattaafaraa Girmaa, gaazexessaa Gabrahiywoot Kaahisaayi hojiisaan kan galateeffame cimaa fi gazexessoota dargaggoof fakkeenya ta’uu dubbateera. Gaazexessaa Gabrahitwoot Kaahisaayi bultii kan qabuu fi abbaa ijoollee durbaa lamaa fi dhiira tokkooti.
Godina Shawaa Lixaatti Manneen Barnootaa Idileen duraa fi sadarkaa1ffaanTajaajila tola ooltummaa gannaan ijaaraman tajaajila kennuu eegalaniiru
Sep 16, 2025 180
Fulbaana 06/2018(TOI )-Godina Shawaa Lixaatti Manneen Barnootaa Idileen duraa fi sadarkaa 1ffaa tajaajila tola ooltummaa Gannaan ijaaraman tajaajila kennuu eegaluusaanii Waajjirri Barnootaa Godinichaa Beeksise. Hojiin baruu Barsiisuu bara Barnootaa 2018 itti gaafatamtoonni Waajjira Barnootaa Godinichaa bakka argamanitti Aanaa Ejersa Lafoo Mana Barumsaa Gabaa Dilbataa sadarkaa 1ffaatti kaleessa eegalameera. Itti Gaafatamaan Waajira Barnootaa Godina Shawaa Lixaa Obbo Baandiraa Galaanaa, bara barnootichaa bu’aa qabeessa taassisuuuf baatiiwwan gannaatti hojiiwwan adda addaa raawwatamuusaanii ibsaniiru. Keessumaa hojii tola ooltummaa gannaan Manneen Barumsaa Idileen duraa fi sadarkaa 1ffaa, Mannni Jireenyaa Barsiisotaa fi Manni Kitaabaa Dijiitaalaa ijaaramuusaanii dubbataniiru. Bara Barnootaa kanatti barattoonni kuma 700 dhaabbilee Barnootaa Godinichatti argaman kuma 2 fi 167 keessatti barachaa jiru jedhaniiru. Itti Gaafatamaan Waajjira Barnootaa Aanaa Ejersa Lafoo Obbo Takkaalliny Fiqiree gamasaaniin, Manneen Barnootaa Idileen duraa Tajaajila tola Ooltummaa Gannaan ijaramnan tajaajila eegalaniiru. Kananis Aanichatti bara Bara kana barattoonni kuma 17 galmaa’anii Barnoota eegaluusaanii ibsanii, hojiin baruu fi barsiisuu cimee kan itti fufu ta’uu himaniiru. Aanichatti kan argamu Daarektarri Mana Barumsaa Idileen Duraa Oolmaa Odaa kan ta’an Bayyanach Qaqqabaa gamasaaniin, Manni Barumsaa Idileen duraa hojii eegaluun isaa jiraattota naannichaaf faayidaa guddaa qaba jedhaniiru. Aanichatti barattuu kutaa 8ffaa kan taate Haannaa Maammoo, baatii gannaa barachaa turuushee himuun, barnoota idilees sirnaan hordofuuf qophaa’uushee ibsiteetti. Haaluma wal fakkattuun hojiin baruu fi Barsiisuu bara barnootaa baranaa Godina Wallaga Lixaa fi Iluu Abbaabooritti guyyaa kaleessa eegaleera. Waajjira Barnootaa Godina Wallaga Lixaatti Ogeessi Madaallii Barnoota Idileen duraa Kennasaa Kabbadaa TOI’f akka ibsaniti, hojiin baruu fi barsiisuu bara Barnootaa 2018 eegaleera. Godinichatti bara Barnootaa kanatti Barattoonni kuma 540 ol Idileen duraa irraa eegalee hanga sadarkaa 2ffaatti barsiisuuf haaldureen xumuramuu ibsaniiru. Godina Iluu Abbaaboor Aanaalee hundatti dhaabbiileen Barnootaa kuma 1 ol har’a barsiisuu eegaluu Itti Aanaan Waajjira Barnootaa Godinichaa Obbo Goobanaa Alamaayyoo beeksisaniiru. kanaanis Godinichatti, manneen barnootaa kuma 1 fi 35 Idileen duraa hanga kutaa 12ffaatti Barnoonni Idilee kennamu kan eegale yoo ta’u, walii gala barattoota kuma 200 ol simatee barsiisuuf karorsuun hojiin eegalamuu ibsaniiru.
Diinagdee
Ijaarsa buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu xumura Sadaasa dhufuu jalqabuuf karoorfameera-Daandii qilleensaa Itiyoophiyaa
Sep 18, 2025 44
Fulbaana 08/2018(TOI)- Ijaarsa buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu xumura Sadaasa bara 2018 jalqabuuf karoorfamuu hojii raawwachiisaan olaanaa garee daandii qilleensaa Itiyoophiyaa Masfin Xaasoo ibsan. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Qaammee 4 bara 2017 hidha haaro,saa Itiyoophiyaa guddicha wayita eebbisan ijaarsi buufata Xiyyaaraa Idil addunyaa Bishooftuu pirojektoota meeggaa bara haaraatti eegalaman keessaa tokko ta’uu ibsaniiru. Hojii raawwachiisaan garee daandii qilleensaa Itiyoophiyaa obbo Masfin Xaasoo buufanni Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu industirii Aviyeeshinii Itiyoophiyaa boqonnaa olaanaatti akka ceesisu beeksisaniiru. Buufanni Xiyyaaraa kun qooda adda durummaa daandiin qilleensichaa geejjiba Afriikaarratti bahachaa jiru caalaa akka guddisu dubbataniiru. Ijaarsa buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu jalqabuuf qophiin xumuramaa akka jiru hojii raawwachiisaan olaanaa kun kaasaniiru. Hojii ijaarsaa sdarkaa jalqabaa hojjechuuf kontiraaktaroonni fo’amaa akka jiran eeraniiru. Ijaarsa buufata Xiyyaaraa Idil addunyaa Bushooftuu xumura baatii Sadaasaa jalqabuuf karoorfamuu dubbataniiru. Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa waggaa tokkoo fi walakkaa darbe Booyingii fi Erbaas irraa Xiyyaara ajajuu kaasanii, kanneen keessaa A.L.A bara 2026 jajaajilarra ni’oola jedhamee kan eegamu Booyiing 777-9 akka keessatti argamu ibsaniiru. Daandiin Qilleensichaa Xiyyaarota Booying 777-9 digdama ajaje waggaa tokkoo fi walakkaan booda fudhachuu akka eegalu ibsuun, kunis daandii qilleensichaa, daandiiwwan xiyyaaricha ajajan muraasa keessaa tokko isa taassisa. Daandiin qilleensichaa Xiyyaarota ammayyaa fayyadamuun hojmaatasaa si’eessaa jiraachuu ibsuun, ajajni Booyingii haaraa kunis qaama kanaa ta’uu beeksiseera. Hojii Raawwachiisaan olaanaa Baankii Invastimantii Siibi’ii kaappitaalaa Zamadeneh Nigaatuu gamasaaniin daandiin Qilleensaa Idil-Addunyaa Bishooftuu galma daandiin qilleensichaa qabateef bu’uura ta’uu ibsaniiru. Imaltoota addunyaarraa gara Afriikaa dhufan akkasumas Afriikaarraa gara Biyyoota Addunyaa birootti deemaniif seensi inni tokko buufata xiyyaara Idil-Addunyaa Boolee ta’uu eeraniiru. Imaltoonni Miiliyoona 25 daandii Qilleensaa kan keessa akka darban ibsuun, Ijaaramuun Daandii Qilleensa Bishooftuu lakkoofsa imaltootaa gara miiliyoona 100 guddisuun Itiyoophiyaa fi Afriikaatiif faayidaa guddaa akka fidu ibsaniiru. Biyyoota buufata xiyyaaraa gurguddaa qabn waliin dorgomuuf akka danda’us ibsniiru. Bu’uuraaleen misoomaa Buufata Xiyyaaraa gurguddoon biyyoota garagaraa keessatti guddina Dinagdeef bu’uura ta’uu ibsuun, buufanni xiyyaaraa Bishooftuus dinagdee Itiyoophiyaa akkasumsa Afriikaa guddisuuf dandeettii akka qabaatu hubachiisaniiru.
Bulchiinsa magaalichaatti qonna gannaatiin lafa heektaara kuma 16 irratti Xaafiin kilaastaraan misoomeera
Sep 18, 2025 39
Fulbaana 08/2018(TOI)- Bulchiinsa magaa Adaamaatti qonna gannaa baranaatiin lafa heektaara kuma 16 irratti Xaafiin kilaastaraan misoomuusaa waajjirri qonnaa magaalichaa ibse. Hoogganaan waajjirichaa obbo Alamuu Qilxuu akka ibsanitti, bulchiinsa magaalichaatti wabii nyaataa mirkaneessuun lafti qonnaa ala jiru oomishatti akka galu taasifameera. Haala Kanaan maaddii guutuun cinaatti qonna qotamaa jiruun qonnaan bulaa fi jiraataan akka fayyadamu hojjetamaa jira jedhaniiru. Bara oomishaa eegalames oomisha kilaastaraa babal’isuurra darbee fayyadama qonnaan bulaa mirkaneessuuf lafa heektaara kuma 16 irratti Xaafiin misoomaa jira. Oomishtummaa Xaafii guddisuuf jiddugaloota qorannoo waliin ta’uun qonnaan bultoota magaalichaaf cehumsi beekumsaa, muuxannoo fi teeknooloojii taasifamuu eeraniiru. Keessumaa sanyiiwwan bu’a qabeessa ta’anii fi qorannoon mirkanaa’an, dhiheessii galtee fi sanyii filatamaa xiyyeeffannoon raawwatamuu ibsaniiru. Oomishtummaa midhaanii guddisuuf deeggarsii fi hordoffii walirraa hincinne taasifamaa akka jiru eeranii, Xaafii kilaastaraan oomishamerraa heektaararraa jiddugaleessaan kuntaala 26 amma 28 akka abdatamu himaniiru. Misooma Xaafiin cinaatti midhaan biroonis lafti heektaara kuma 25 caalu facaafamuu eeranii, Boqqoolloon heektaara kuma 4 caalu fi Boloqqeen diimaa heektaara kuma 2 irra kilaastaraan misoomuu dubbataniiru. Yeroo gannaatti roobni gaariin waan jiruuf dhaabbiin midhaanii haala gaariirra akka jiru ibsaniiru. Hooggantoonni biiroo qonnaa naannichaa tibbana hojii misooma qonnaa bulchiinsa magaalaa Adaamaatti hojjetamaa jiru daawwachuunsaanii niyaadatama.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Hojiilee damee Innoveeshinii fi Teeknooloojiin hojjetamaniin bu’aaleen jajjabeessoon argamaniiru
Aug 28, 2025 850
Hagayya 22/2017(TOI)-Bu’aalee teeknooloojii guddina biyyaaf hojiirra oolchuun bu’aaleen jajjabeessoon argamuusaanii ministirri Innoveeshinii fi Teeknooloojii Dr. Ballaxaa Mollaa dubbatan. Ministeerri Innoveeshinii fi Teeknooloojii fi dhaabbileen itti waamamtootaa akkasumas dhaabbileen naannolee dmichaa raawwii hojii bara 2017 fi karoora bara 2018 irratti Dirreedawaatti mari’achaa jiru. Ministirri Innoveeshinii fi Teeknooloojii Dr. Ballaxaa Mollaa marii kanarratti akka jedhanitti, guddinaa fi guddummaa biyyaa mirkaneessuuf bu’aalee teeknooloojii baay’inaa fi qulqullinaan hojiirra oolchuun xiyyeeffannoo argateera. Bara bajataa xumurame bu’aalee teeknooloojii fi hojiilee kalaqaa hojiitti galchuun tajaajiloonni teeknooloojiin deeggaraman kennuun bu’aan argamuu ibsaniiru. Bu’uraalee misoomaa diriirsuun fi naannolee waliin qindaa’iin hojii hojjitameen hojiileen fakkeenya qaban hojjetamuu yaadahiisaniiru. Kana malees labsiin ‘staar aappii’ mirkanaa’ee hojiitti cehuusaa dubbataniiru. Misoomaa fi ogummaa humna namaan lammiilen leenjii Itiyoo-koodiing miiliyoona shanii fudhachuun beekumsa dijitaalaa akka guddifatan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Mariin Dirree Dawaatti eegalame akka biyyaattis ta’e akka Dirree Dawaatti bu’aalee argaman cimsuu fi jijjiirama fooyya’aa fiduuf haala mijataa uuma kan jedhan ammoo maricharratti kan hirmaatan itti aanaa kantiibaa bulchiinsa Dirree Dawaa Harbii Buh dha. Itti fufuun akka jedhanitti dhaabbileen bulchiinsa Dirree Dawaa teeknooloojii dijitaalaa fi bu’aalee kalaqaa haaraa fayyadamuun tajaajilli si’ataa fi hatattamaa ummata qaqqabaa jira. Hooggantoonni olaanoo ministeera Innoveeshinii fi Teeknooloojii fi dhaabbileen itti waamamtootaa akkasumas hooggantoonni naannolee damichaa waltajjii guyyoota lamaaf turu kanarratti nihirmaatu.
Itiyoo-teleekoom tarsiimoo waggaa sadii Addis Admaas namarratti xiyyeeffate kan Fayyadamummaa Lammiilee Bu’uura godhatee ifoomse
Aug 26, 2025 879
Hagayya 20/2017(TOI)-Itiyoo-teleekoom tarsiimoo waggaa sadii Addis Admaas namarratti xiyyeeffate kan Fayyadamummaa Lammiilee Bu’uura godhatee ifoomse Dhaabbatichi tarsiimoo Addis Admaas waggoota sadii itti aanu bara 2018 amma 2020tti hojiirra oolu ifoomseera. Hojii raawwachiistuu olaanaan Itiyoo Telekoom Fireehiywoot Taammiruu wayita kana akka ibsanitti, Addis Admaas tarsoomoo waggaa sadan dhufanii jalqabbii haaraa, abdii haaraa fi ilaalcha haaraa kan qabatedha. Tarsiimoon kun tarsiimoo biyyoolessaa fi karoora, taateewwan Idil Addunyaa akkasumas, hirmaachisummaa faayinaansii gidduugaleeffatee kan qophaa’e ta’uu ibsaniiru. Tarsiimoon Addis Adimaas Mul’ata nama irratti xiyyeefate qabatee karoora damee dameen qabaman akka milkaa’aniif kan deeggaru ta’uu ibsaniiru. Tarsiimichi tumsaa fi tokkummaa, olaantummaa, wal-amantaa fi tumsa, kalaqaa fi Itti Gaafatamummaa Hawaasaa galmaan ga’uuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru. Cehumsa Dijiiaala Itiyophiyaa cimsuuf Teekinooloojii Dijiitaalaaf dursa kennuu fi fedhii maamiltootaa bu’uura godhachuun kallattii fuulduraati jedhaniiru. Humna namaa Teekinooloojiiwwa Beekumsa haaraa fi dandeettii gaafatu madaalu horachuu, kalaqa nam-tolcheen tajaajila saffisaa kennuu, dhaabbata namoonni itti amanuu danda’an ijaaruun xiyyeeffannoo tarsiimoo kanaa ta’uu ibsaniiru. Itti quufinsa maamilaa guddisuu, gahumsa hojii guddisuu, raawwii hojjettootaa Madaaluu, fi gaggeeessummaa gabaa mirkaneessuun safartuu milkaa’ina tarsiimoo kanaa ta’uu eeraniiru.
Ispoortii
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Innisheetiivoota Itiyoophiyaan Dhiibbaa Haala Qilleensaa dandamachuuf Jalqabde tumsa kibba-kibbaan jabeessuu barbaachisa
Sep 12, 2025 383
Fulbaana 02/2018(TOI)- Innisheetiivoota Itiyoophiyaan Dhiibbaa Haala Qilleensaa dandamachuuf Jalqabde tumsa kibba-kibbaan jabeessuun akka barbaachisu hoggantoonni dhaabbilee Idil-Addunyaa ibsan. Hangi Faalama gaazii Afriikaan gallakkiftu dhibbentaa afur caaluu baatus dhiibbaa haala jijiirama qilleensaan baay’ee Miidhamtuu ta’uunshee hin oolle. Keessumaa Afriikaa dabalatee biyyoonni guddachaa jiran rakkoo dhiibbaa jijiirama Haala Qilleensaan isaanirra gahu gaaffii dhimma jiraachuu keessa kan galu ta’eera. Afriikaan Dhiibbaa Haala Qilleensaa dandamachuuf biyyoota gaazii qilleensa faalu guddaa dad-lakkisan eeggachuuurra , furmaata mataashee barbaaduu qabdi kan jedhu yaada dhaabbilee Idil-addunyaa hedduuti. Kanarra darbee biyyootaTeekinooloojiin badhaadhan kanneen akka Chaayinaa fi Jaappaan waliinTumsa waloo Kibba-kibbaa taassisuun humna Teekinooloojii guddifachuu akka qabdu ibsaniiru. Gargaaraan Barreessaa dhaabbata Meetiworooloojii Addunyaa Toomaas Asaaree TOI’f akka ibsanitti , Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa Guddicha faayinaansii haala Qilleensaa maddisiisuu fi biyyoonni ollaa humna Haaromfamaan walitti hidhuun gumaacha guddaa qaba. Itiyoopiyaan sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuuwwan biiliyoonaan lakka’aman dhaabuun Dinagdee magariisaa Jijiirama Haala Qilleensaan hinraafamne ijaaraa jiraachuu ibsaniiru. Kanaafis Kutannoon gaggeessummaa Ministira Muummee Dr.Abiyi Ahimadii fi Hirmaannaan ummata Itiyoophiyaa qooda olaanaa qabachuu dubbataniiru. Ta’us Itiyoophiyaan Jijiirama Haala Qilleensaa dandamachuuf tattaaffii taassistu tumsa kibba -kibbaan jabeessuutu barbaachisa jedhaniiru. Gargaaraa Daarekteer Jeneraalaa dhaabbata qonnaa fi nyaataa addunyaa fi itti waamamaan Afriikaa Dr. Abbabaa Hayilagabreel gamasaaniin, waliigalteewwan Paarisii fi idil addunyaa kanneen biroo biyyoonni gaazii qilleensa faalu guddaa gad-lakkisan faayinaansii jijjiirama qilleensaa akka danda’an taasisuuf bahan sirnaan hojiirra hin oolle jedhaniiru. Dhiibbaa jijiirama haala Qilleensaa dandamachuuf tumsa kibba-kibbaa cimsuun humna teekinooloojiisaanii guddisuu akka qaban ibsaniiru. Afriikaan ardii humna haaromfamaa, qabeenyota albuudaa fi dilbii uumamaa kanneen biroo qabdu ta’uushee eeruun, teeknooloojii dilbii kana ittiif fayyadamtu tumsa kibba-kibbaan madaqsuu qabdi jedhaniiru. Hammattoo waliigaltee Kibba -Kibbaan biyyoon akka chaayinaa waan hedduun qoramanii humna teekinooloojii bu’uura qabatan ijaaraniiru kan jedhan Dr.Abbabaan , Afriikaan turtee seenuushee, /latecomer advantage/ akka carraatti fayyadamuu akka qabdu ibsaniiru. Biyyoonni akka Chaayinaa hammattoo tumsa tumsaan dandeettii teeknooloojii hedduu qoramanii bu’ura qabate ijaaraniiru kan jedhan Dr. Abbabaan, Afriikaan turtee itti seenuunshee /late comer advantage/ akka carraatti fayyadamuu akka qabdu ibsaniiru.
Afriikaan jijjiirama haala qilleensaaf gargaarsa osoo hintaane Invastimantii waloo barbaaddi-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Sep 8, 2025 551
Qaammee 3/2017(TOI)- Afriikaan jijjiirama haala qilleensaaf gargaarsa osoo hintaane Invastimantii waloo barbaaddi jedhan Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad. Yaa’iin jijjiirama haala qilleensaa Afriikaa lammaffaan jiddugala konveenshinii idil addunyaa Addisitti eegalameera. Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad dabalate hooggantoonni riijinichaa fi biyyoota Afriikaa garagaraa, hooggantoonni dhaabbilee idila addunyaa akkasumas qorattoonni jijjiirama haala qilleensaa yaa’icharratti hirmaataniiru. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad dubbii baniinsa yaa’ichaarratti dubbataniin, qormaata jijjiirama haala qilleensaa damdamachuuf hir’uu keenyarraa osoo hinta’iin kan qabnurraa eegaluu qabna jedhaniiru. Haala Kanaan Afriikaan dargaggoota hedduu, lafa misoomuu danda’u akkasumas humna haaromfamaaf wantoota hedduu qabdi jedhaniiru. Waan ta’eef asitti kan argamne jijjiirama haala qilleensaa addunyaaf furmaata kaa’uufi jechuun ibsan ministirri muummee. Kanaaf Afriikaan laftishee osoo hinmiidhamiin guddachuu akka dandeessu ibsaniiru. Afriikaan jijjiirama haala qilleensaaf kan barbaaddu gargaarsa osoo hintaane Invastimantii walooti kan jedhan ministirri muummee, invastimantiin jijjiirama haala qilleensaarratti taasifamu faayidaa guddaa akka qabu kaasaniiru. Afriikaan jijjiirama haala qilleensaaf furmaata ijoo ta’uu akka qabdus dubbataniiru.’ Afriikaan jijjiirama haala qilleensaarratti birmadummaa odeeffannoo mataashee qabaachuu akka qabdu kaasaniiru. Hammattoon Yuunivarsiitiiwwanii fi qorattoota Afriikaa akkasumas qooda fudhattoota biroo hirmaachisee fi jijjiirama haala qilleensaaf furmaata qindaa’e diheessu akka hindeeffamu yaada dhiheessaniiru. Haala Kanaan Itiyoophiyaan karaa ashaaraa magariisaa waggoottan toorba dura eegalameen biqiltuu biiliyoona 48 dhaabuushee eeraniiru. Sagantaan ashaaraa magariisaa naannawa eeguurra darbee bakkeewwan miidhaman akka bayyanatan, wabii nyaataa fi carraa hojii uumuuf carraa guddaa uumuusaa eeraniiru. Itiyoophiyaan misooma jallisii rakkoo jjjiirama haala qilleensaan walsime hojjechuun oomisha Qamadiin jijjiirama olaanaa fiduushee ibsaniiru. Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi tibbana eebbifamu anniisaa haaromfamu meegaa waattii kuma shan caalaa maddisiisuunItiyoophiyaa fi riijinicha fayyadamoo anniisaa akka taasisu ministirri muummee dubbataniiru. Itiyoophiyaan yaa’ii jijjiirama haala qilleensaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii keessummeessuu akka barbaaddus eeraniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 13725
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015