Jalqabaa - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
"Haala hinmijoofne keessa taa'anii kitaaba barreessuun misoomaaf oolchuun gootummaa guddaadha"
Mar 21, 2023 13
Bitootessa 12/2015(TOI) :- Ministirri Muummee Doktar Abiy Ahimad haala hin mijoofne keessa taa'anii kitaaba garaagaraa barreessuun dhalootaafi misoomaaf gumaachuun gootummaa guddaa ta'uu pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa ibsan. Kitaabni kun walgaarrefannaa dhaloota gidduu jiru maqsuun alatti kun misooma holqa Soofumariif ooluunsaa gammachuu olaanaa ta'uus dabalataan dubbataniiru. Gurgurtaa kitaaba Dhaloota Ida'amuu misooma Holqa Soofumariif ooluuf qarshiin miliyoonni 609 ol walittiqabameera. DhPItti gabaase.
Soomni Ramadaanaa Kamisa dhufu ni eegala
Mar 21, 2023 17
Bitootessa 12/2015 (TOI) :- Soomni Ramadaanaa bara hijiraa 1444 kamisa dhufu akka eegalu Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa beeksise. Soomanni kun kamisa kan jalqabuuf jiini har'a(kibxata) kana waan hin mul'anneef ta'uu beeksiseera. Pireezidaantiin Mana Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Sheek Hajii Ibraahim Tufaa soomni kun hawaasa muslimaa hundaaf tokkummaa, Waan gaarii gochuu, waaliif gadduufi eebba akka fidu hawwii qaban ibsaniiru.
Manni Maree Naannoo Sidaamaa Muudamaa fi Labsiiwwan Raggaasisuun Xumurame
Mar 21, 2023 17
Bitootessa 12 /2015 (TOI) – Yaa’iin Idilee aAdraffaa Bara Hojii Lammaffaa Marsaa Jaahaffaa Mana Maree Naannoo Sidaamaa Hooggantoota Biiroo fi Muudama Abbootii Murtee Raggaasise. Manni Maree kun Labsiiwwan dhihaataniif Sadii Raggaasisuun Xumurameera. Hooggantoota Mana Mareef Dhihaatanii Muudamnisaanii Raggaasifame Keessaa- Obbo Maammiruu Mokkee Hoogganaa Biiroo Qonnaa Naannichaa, Obbo Kabbadaa Gannoolee Hoogganaa Biiroo Bishaanii, Obbo Asaffaa Gurraachaa hoogganaa biiroo Siviil Sarviisii fi Misooma Humna Namaa, Obbo Makuraa Marshaayee hoogganaa BiirooMisooma Magaalaa fi Konistiraakshinii akkasumas Doktar Daawiit Hayyeessoo Hoogganaa Biiroo Pilaanii fi Misoomaa Ta’uun Muudamaniiru. Pirezidaantiin Mana Muree Walii Galaa Naannichaa Obbo Damisee Daalachaa Mana Murtee Walii Galaa Naannichaaf Abbootii Murtee Afur, Mana murtee Olaanaa Naannawa Hawaasaafjaaha, Mana Murtee Olaanaa Naannawa Bansaaf Lama, Mana Murtee Sadarkaa Tokkoffaa Hawaasaaf Jaha, Mana Murtee Sadarkaa Tokkoffaa Bansaaf Kudhan fi Mana murtee Sadarkaa Tokkoffaa Hawaasaaf Abbootii Murtee Lama Dhiheessanii Muudamaniiru. Kana Malees Manni Marichaa Labsii Mana Sirreessaa Mootummaa Naannoo Sidaamaa, Labsii Dhaabbilee Misoomaa fi Labsii Bulchiinsaa fi Itti FayyadamaLafa Baadiyyaa Raggaasisuun Yaa’iisaa Xumureera.
Sochiin Hojii Paarkiiwwan Industirii Jajjabeessaadha-Gorsitoota Dhimma daldala alaa Ameerikaa
Mar 21, 2023 17
Itiyoophiyaatti Gareen Gorsitootaa Dhimma Daldala Alaa Embaasii Ameerikaa Sochii hojii Paarkii Industirri Hawaasaa Daawwateera. Gorsitoonni Kunneen Sochii Hojii Paarkii Industirichaa Keessa Jiru daawwachuun alatti Abbootii Qabeenyaa Paarkicha Keessa Jiru Waliin Mari’ataniiru. Abbootiin Qabeenyaa Idil Addunyaa 22 Paarkii Industirii Hawaasaa Keessatti Invast Gochuun Namoota Kuma 27 Oliif Carraa Hojii Dhaabbataa fi Kan Yeroouumaniiru.
Itiyoophiyaan Walii Galtee Nageenyaa Hojiirra Oolchaa Wayita Jirtutti Adeemsi Qoqqoodaa fi Almadaalawaa Mootummaa Ameerikaatiin Adeemsifamaa Jiru Maree nageenyaaf Gufuudha- Ministira Dhimma Alaa
Mar 21, 2023 19
Bitootessa 12/2015 (TOI) – Itiyoophiyaan Waliigaltee Nageenyaa Hojiirra Oolchaa wayita Jirtutti Adeemsi Qoqqoodaa fi Almadaalawaa Waajjira Dhimma Alaa Ameerikaatti Mul’ate Marii Nageenyaa Itiyoophiyaan Adeemsisaa Jirtuuf Gufuu Akka Ta’u Ministeerri Dhimma Alaa Federaalaa Ibse. Gabaasni Sarbamuu Mirga Namoomaa Ilaalchisuun Waajjira Dhimma Alaa Ameerikaan Bahe Sirrii Akka Hintaane Mootummaan Itiyoophiyaa Beeksiseera. Gabaasni Waajjirri Dhimma Alaa Ameerikaa Dhimmicha Ilaalchisuun Baase Komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa fi Komishinariin Mirga Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Ija Qorannoo Waliin Taasisaniin Yemmuu Ilaalamu Argannoon Haaraan Akka Hinjirre Ta’uusaa Ministeerichi Beeksiseera. Kanaaf Gabaasa Waajjirri dhimma Alaa Ameerikaa Baase Mootummaan Itiyoophiyaa Akka Hinfudhanne Ibseera. Ibsi Waajjirri Dhimma Alaa Ameerikaa Baase Gamtokko Qofa Komachuurratti Kan Kaayyeffate Ta’uu Akeekeera. Gama Biraatiin Gabaasichi Itiyoophiyaan Filmaata Imaammata Haqaa Cehumsaa Adda Baasuuf Hojjechaa Wayita Jirtutti, Maree Biyyaalessaa Jalqabuuf Wayita Qophooftetti Kan Bahe Waan Taheef Yeroosaa Kan Hineegne Ta’uu Ibseera. Kana Malees Kaayyoon Gabaasa Kanaa Kamiyyuu Yoo Ta’e Biyyattii Keessatti Qaama Tokko Kan Biraarratti kakaasuuf Akka Fakkaatu Ministeerri Dhimma Alaa Ibsa Baaseen Beeksiseera. Gabaasni Mootummaa Ameerikaatiin Bahe Adeemsi nageenyaa hunda hirmaachisu Kan Itiyoophiyaan deeggarsa Taasisaa Turte kan karaatti Hanbisudha jedhe Ibsi ministeerri Dhimma Alaa Federaalaa Baase. Daawwannaan Ministira Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinken Itiyoopiyaatti taasisan Hariiroo Biyyoota Lamaanii Akka Cimsu Abdii Kan Agarsiisedha Kan Jedhe Ibsi Kun, Mareen Taasifamee fi Waliigalteen Irra Gahame gamtoomina Tarsiimawaa Biyyoota Lamaanii Ittifufsiisuuf Akka Gargaaru Amantaa Itiyoophiyaa Akka Ta’e Ibsameera. Haqaa Ce’umsaa fi Marii Biyyaalessaatiin waliigaltee Uumuu dabalatee tarkaanfiiwwan itti gaafatamummaa miidhamtootaaf mirkaneessuuf akka fudhataman kan mirkaneesse ibsichi, Michoonni Itiyoophiyaa deggersa ijaaraa taasisuun adeemsa kana akka gargaaran waamicha dhiyeesseera.
Siyaasa

Manni Maree Ministirootaa Walgahii Idilee 8ffaa Har’a Adeemsiseen Dhimmoota Addaddaarratti Mari’atee Murtee Dabarse
Mar 21, 2023 26
Bitootessa 12/2015 (TOI) - Manni Maree Ministirootaa Walgahii Idilee 8ffaa Har’a Adeemsiseen Dhimmoota Addaddaarratti Mari’atee Murtee Dabarsuusaa Waajjirri Mana Maree Ministira Muummee Beeksise. Manni Marichaa Jalqaba Wixinee Labsii Dhaabbilee Misoomaa Mootummaa Kan Mootummaan Qabamanii Irratti Yemmuu Ta’u Wixineen Labsii Dhihaates Sirni Korporeetiin Dhaabbilee Misoomaa Mootummaa Iftoominaa fi Ittigaafatama Kan Mirkaneessu Akka Ta’u, Bulchiinsi Faayinaansii Korporeetii Sirnasaanii Ammayyeessuun Dorgomuu Danda’uusaanii fi Bu’aqabeessummaasaanii Cimsuun kan Barbaachisu Waan Ta’eef, Bu’aasaanii Karaa Hinmiineen Dirqama Tajaajila Hawaasaa Karaa Bu’aqabeessa Ta’een Akka Bahan Idaa Irra Jiru Fooyyessuu Kan Dandeessisu Waan Ta’eef Walumaa Gala Wixineen Labsii Guddina Dinagdee Biyyaarratti Gumaacha Olaanaa Akkka Bahan Dandeessisu Qophaa’ee Mana Mareef Dhihaateera. Manni Marees Wixinee Labsii Kanarratti Erga Mari’atee Booda Galtee Itti Dabaluun Akka Ragga’u Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf Akka Darbu Sagalee Guutuun Murteesseera. Itti Aansuun Waliigaltee Wixinee Labsii Itiyoophiyaan Gibira Walirra Dhufu Hanbisuu fi Waliin dhahuu Taaksii Ittisuuf Mootummaa Logzambarg Akkasumas Konfedereeshinii Siwiiz Waliin Waliigalteewwan Taasifte Akka Ragga’an Irratti. Waliigalteewwan Taaksii Walirradhufu Hanbisuu fi Waliindhahuu Ittisuuf Itiyoophiyaan Mootummoota Lamaan Waliin Taasifte Abbootiin Qabeenyaa Biyyoota Lamaanii Qabeenyasaanii Biyya Keenyatti Invast Akka godhan Gama Jajjabeessuutiin Gumaacha Olaanaa Qabaachuun Olitti Abbootiin Qabeenyaa Galii Tokkoof Gibira Altokkoo Ol Akka Hinkafalle Kan Taasisu Waan Ta’eef Waliigalteewwan Kana Raggaasisuuf Wixineen Labsii Qophaa’ee Mana Maree Ministirootaaf Dhihaateera. Manni Marees Wixinee Labsii Kanarratti Erga Mari’atee Booda Galtee Ittidabaluun Akka Raggaasifamu Mana Maree Bakka Ummataaf Akka Darbu Sagalee Guutuun Murteesseera. Xumurarrattis Manni Maree Kun Wixinee Danbii Korporeeshiniin Baabura Lafoo Itiyoophiyaa Ittiin hundaa’u Fooyyessuuf Dhihaaterratti Mari’ateera. Kaappitaala Korporeeshinichaa Kan Eeyyamamee fi Kan Kafalame Fooyyessuun Kaayyoo fi Ergama Itti Hundaa’e Galmaan Gahuu Akka Dandahu Keessumaa Bu’uraaleen Misoomaa Baaburaa Ijaarsarra Jiran Akka Xumuraman Kan xumuramanis Hojii Akka Jalqaban, Bu’uraalee Misoomaa Baaburaa Fuuladura Ijaaramaniif Humna Cimaa Akka Qabaatu Kaappitaalli Eyyamameef Ammoo Birrii Biiliyoona 22tti Akka Guddatu Kaappitaallisaa Maallaqa Callaa fi Akaakuun Kafalame Ammoo Birrii Biiliyoona 120 Akka Ta’u Wixineen Danbii Qophaa’ee Dhihaateera. Manni Marichaas Wixinee Danbii Kanarratti Mari’atee Galtee Itti dabaluun Guyyaa Gaazexaa Magalataatti Maxxanfamee Baherraa Eegalee Hojiirra Akka Oolu Sagalee Guutuun Murteesseera.
Hooggantoonni olaanaa fi jiddugaleessaa naannoo Harari dhimma biyaa fi nannoorratti mari’achaa jiru
Mar 21, 2023 18
Bitootessa 12/2015 (TOI - Hooggantoonni olaanaa fi jiddugaleessaa naannoo Harari dhimma biyaa fi nannoorratti mari’achuunsaanii ibsame. Mariin kun murteewwan koreen hojii raawwachiiftuu paartii badhaadhinaa marii jidduu kana adeemsiseen dabarse irratti akka kiyyeeffate ibsameera. Miseensi koree Hojii raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa fi Ministirri galiiwwanii Aadde Ayinaalem Nugusee akkasumas itti Aantuun bulchaa naannoo Affaar fi miseensi Koree hojii raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa Obbo Elemaa Abibeker, itti gaafatamaa waajjira paartii badhaadhinaa obbo Abdujebar Mohaammad Pirezidaantii itti Aanaa naannoo Hararii fi hoggantuun waajjira Misooma Qonnaa Aadde Misraa Abdullaah dabalatee hoggantoonni olaanoo fi giddu galeessaa naannichaa waltajjicharratti argamaniiru. Miseensi koree hojii raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa fi ministirri Galiiwwanii adde Ayinaalem Nugusee sanada marii murteewwan koreen hojii raawwachiiftuu paartii badhaadhinaa jidduu kana dabarse qabate waltajjicharratti dhiheessaniiru. Mariin kun har’a dabalatee guyyoota lamaaf akka turuodeeffannoon waajjira komunikeeshinii naannicharraa argame ni eera.
Hariiroo seensqabeessa Itiyoophiyaa fi Yemen hariiroo ummata biyyoota lamaanii fayyadamuun haaromsuu nibarbaachisa-Obbo Dammaqaa Mokonnin
Mar 21, 2023 30
Bitootessa 12/2015 (TOI) – Hariiroo seenaqabeessa Itiyoophiyaa fi Yemen haaromsuuf hariiroo ummattootaa Kanaan dura ture fayyadamuun akka barbaachisu itti aanaa ministira muummee fi ministirri dhimma alaa obbo Dammaqaa Mokonnin ibsan. Itti aanaa ministira muummee fi ministirri dhimma alaa obbo Dammaqaa Mokonnin ministira dhimma alaa Yemen doktar Ahimad Awaad Biin Mubaarak waliin mari’ataniiru. Marii kanaanis haala wayitaawaa Itiyoophiyaarratti ibsa kennaniiru. Kana malees hariiroo biyyoota lamaanii dameelee addaddaattiin jiru cimsuun akka barbaachisu eeranii, ministirri dhimma alaa kun yaalii hariiroo kana haaromsuuf taasifamu walitti dhiheenyaan akka hojjetan gaafataniiru. Ministirri dhimma alaa Yemen doktar Mubaarak gamasaaniin biyyoonni lamaan marii siyaasaa akka isaan barbaachisu kaasaniiru. Itti dabaluunis, mootummaan Yemen lammiilee Itiyoophiyaa biyyatti galuuf fedhii qaban deebisuuf yaalii taasifamuuf deeggarsa akka taasisu dubbachuusaanii odeeffannoon ministeera alaarraa argame nimul’isa.
Gaaffiiwwan misoomaa fi bulchiinsa gaarii deebisuuf miseensonni mana maree xiyyeeffannoon hojjechuu qabu-Af-yaa’ii mana maree naannoo Sidaamaa
Mar 20, 2023 47
Bitootessa 11/2015 (TOI) - Gaaffiiwwan misoomaa fi bulchiinsa gaarii ummanni gaafatu deebisuuf miseensonni mana maree xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban Af-yaa’iin mana maree naannoo Sidaamaa hubachiisan. Yaa’iin idilee 4ffaa bara hojii 2ffaa marsaa 6ffaa mana maree naannoo Sidaamaa adeemsisaa jira. Af-yaa’iin mana maree naannichaa adde Faantaayee Kabbadaa baniinsa yaa’ichaarratti akka jedhanitti, miseensonni mana maree karoora mootummaan naannichaa qabate hojiirra ooluusaanii hordofuu qabu. Miseensonni mana maree ummata isaan filate waliin dubbachuun qindoominaan hojjechuu akka qaban eeraniiru. Marii ummata waliin taasifameen gaaffiiwwan misoomaa fi bulchiinsa gaarii hedduun akka jiran af-yaa’iin kun yaadatanii, gaaffilee kanneeniif deebiin kennamuusaa miseensonni mana maree hordofuu akka qaban hubachiisaniiru. Yaa’iin kun turtii guyyoota lamaatiin raawwii hojii mootummaa baatiiwwan torba darbanii niqorata, labsiiwwan addaddaarratti mari’atee niraggaasisa jedhameetu eegama.
Qabeenya Afriikaa misoomsuun lammiishee hiyyuma jalaa baasuuf gamtoominaa waloo fi yaalii hundakeenyaa gaafata- Ministira maallaqaa obbo Ahimad Shidee
Mar 20, 2023 38
Bitootessa 11/2015 (TOI) - Qabeenya Afriikaa misoomsuun lammiishee rakkinaa fi hiyyuma jalaa baasuuf gamtoominaa waloo fi yaalii hundakeenyaa gaafata jedhan ministirri maallaqaa RDFI obbo Ahimad Shidee. Eeggataan barreessaa muummee komishinii dinagdee Afriikaa Antooniyoo Peedroo gamasaaniin, Afriikaatti guddina dinagdee galmeessisuuf walitti hidhiinsa zoonii cimsuun nibarbaachisa jedhaniiru. Yaa’iin ministiroota faayinaansii, dinagdee fi pilaaniikomishinii dinagdee Afriikaa 55ffaa Finfinneetti taa’amaa jira,. Ministirri maallaqaa RDFI obbi Ahimad Shidee Itiyoophiyaa bakka bu’uun baniinsa yaa’ichaarratti haasawa taasisaniin, mudannoowwan uumamaa fi namtolchee guddina dinagdee Afriikaa jeequudhaan qormaata ta’aa dhufan kaasaniiru. Weerarri kooviid-19, lolli Ruusiyaa fi Yuukireen fi jijjiiramni haala qilleensaa yeroo ammaa guddina dinagdee Afriikaarratti gufuu ta’uun lammiishee rakkoof saaxiluusaanii ibsaniiru. Waan kana ta’eef rakkinoota Afriikaarratti dhiibbaa taasisaa jiran egereef hiikuu fi qabeenya Afriikaa misoomsuudhaan lammishee rakkoo fi hiyyuma jalaa baasuuf yaaliin waloo fi gamtoominni keenya dirqama ta’a jedhaniiru. Guddinaa fi badhaadhina Afriikaa mirkaneessuuf qabeenyii fi filmaanni hedduun waan jiruuf waltaanee yoo hojjenne rakkoo fi hiyyuma keessaa bahuu nidandeenya jedhaniiru. Faayinaansii misoomaaf barbaachisun of danda’uuf akkaataa galiin itti sassaabamu ammayyeessuu fi imaammata fooyyessuun nibarbaachisa jechuun ibsaniiru. Misooma waaraa Afriikaaf dinagdee cimaa fi carraa hojii amansiisaa uumuurra darbee cehumsa caasaa fiduun nibarbaachisa jedhan obbo Ahimad Shidee. Itiyoophiyaan hojii fooyyessa dinagdee biyya keessaarratti hojjechaa jirtuu fi tarkaanfiiwwan jijjiiramaa dameelee biroorratti jalqabde ibsaniiru. Eeggataan barreessaa muummee komishinii dinagdee Afriikaa Antooniyoo Peedroo gamasaaniin, Afriikaatti guddina dinagdee galmeessisuuf walitti hidhiinsa zoonii cimsuun nibarbaachisa jedhaniiru. Guddina dinagdee Afriikaa milkeessuun kan danda’amu qabeenya ofii misoomsuun faayidaarra oolchuun wayita danda’amu ta’uu ibsaniiru.
Nagaa fi tasgabbii Itiyoophiyaa keessattii dhufaa jiru gama dippilomaasii fi misooma dinagdeetiin bu’aa jajjabeessaa galmeessisaa jira
Mar 20, 2023 44
Bitootessa 11/2015(TOI) - Nagaa fi tasgabbii Itiyoophiyaa keessattii dhufaa jiru gama dippilomaasii fi misooma dinagdeetiin bu’aa jajjabeessaa galmeessisaa akka jiru itti aanaa ministira muummee fi ministirri dhimma alaa obbo Dammaqaa Mokonnin ibsan. Waltajjiin qindoomina biyyaa dippilomaasii dinagdee 7ffaan Finfinneetti taa’amaa jira. Waltajjiin kun mata duree “hojii farra kontirobaandii cimsuun misooma hawaas dinagdee fi nageenya biyya keenyaa nimirkaneessina, hojmaata qindoominaa cimsinee misooma biyya keenyaa nisaffisiifna” jedhuun adeemsifamaa jira. Itti aanaa ministira muummee fi ministirri dhimma alaa obbo Dammaqaa Mokonnin, pirezidaantota naannoo dabalatee kantiibonni magaalaa, ministiroonni, ambaasaaddaroonni biyyoota addaddaatti Itiyoophiyaa bakka bu’an, hooggantoonni federaalaa fi naannoo waltajjicharratti hirmaachaa jiru. Itti aanaa ministira muummee fi ministirri dhimma alaa obbo Dammaqaa Mokonnin, nageenyii fi tasgabbiin Itiyoophiyaa keessatti dhufaa jiru gama dippilomaasii fi misooma dinagdeetiin bu’aa jajjabeessaa galmeessaa akka jiru ibsaniiru. Nageenya argame cimsuun invastimantii kallattii alaa fi misoomaaf haala mijataa uumuun hojii hundarraa eegamudha jedhaniiru. Guddina dinagdee biyyaa mirkaneessuuf hanqinoota damee Invastimantiin mul’atan sirreessuun dirree misoomaa mijataa uumuun akka barbaachisu dubbataniiru. Ommishoota qonnaa fi kanneen biroo karaa kontirobaandii Itiyoophiyaarraa bahaniin biyyoonni biroo dorgomaa ta’uu danda’uusaanii kaasaniiru. Hanqina sirna daldalaa alaarratti mul’atuun qabeenyiItiyoophiyaa karaa seeraan alaa bahaa akka jiran eeranii, alseerummaan kun hafuu akka qabu dubbataniiru. Kontirobaandiin guddina quucarsuun sochii dinagdee biyyaa faallessuun dhiibbaa olaanaa akka akka geessisu eeraniiru. Sochii daldala seeraa alaatiif furmaata kennuudhaan Invastimantii jajjabeessuuf hoggantoonni mootummaa federaalaa amma naannoleetti jiran ittigaafatamasaanii sirriitti akka bahan hubachiisaniiru. Waltajjii kanarratti waraqaan barreeffamaa dhimmoota “rakkoolee invastimantii quunnamanii fi yaada furmaataa” akkasumas “ Itiyoophiyaatti haala qabatamaa kontirobaandii fi daldalaa” jedhu komishinara Invastimantii Lalisee Namee fi komishinara Gumuruukaa Dabalee Qaabataan dhihaatee mariin taasifamaa jira. Waltajjiin qindoomina biyyaa dippilomaasii dinagdee bara 2003 kan hundaa’e yemmuu ta’u, waltajjiin kun hudhaalee dameelee Invastimantii furmaata kennuun haala Invastimantii mijataa uumuuf kan kaayyeffatedha. Kaayyoon olaanaa qophii waltajjii kanaa dameelee Invastimantiim tuurizimii, daldala alaa fi kanneen biroorratti qindoominaan hojjechuuf yaaduun akka ta’e ibsameera. Waltajjichi gamtoomina dinagdee biyyaa cimsuun fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuuf kan xiyyeeffate ta’uun eerameera.

Hawaasummaa
Qorataan dhimmoota Naannoo kan ta'an doktar Tawaldebiraan Gabre Igzi'aabeer addunyaa kanarra boqotan.
Mar 21, 2023 28
Bitootessa 12/2015(TOI) - Qorataan dhimmoota Naannoo kan ta'an doktar Tawaldebiraan Gabre Igzi'aabeer addunyaa kanarra boqotan. Doktar Tawaldebiraan Gabre Igzi'aabeer dhimmoota naannoo irratti qorannoowwan beekamoo hedduu kan hojjetan yoo ta'u, qorannoo baayoo daayivarsiitii irratti hojjetaniin sadarkaa idil addunyaatti badhaasoota hedduu argataniiru. Qorataan beekamaan dhimmoota naannoo Doktar Tawaldebiraan Gabre Igzi'aabeer addunyaa kanarraa du'aan boqochuu isaanii maatiin isaanii TOItti himaniiru.
Lammiilee Koonsoo sababa ongeen balaaf saaxilaman baraaruuf Itiyoophiyaanonni hundi akka birmatan waamichi dhihaate
Mar 20, 2023 42
Bitootessa 11/2015 (TOI) – Naannoo Kibbaa lammiilee godina Koonsoo sababa ongeen balaaf saaxilaman baraaruuf Itiyoophiyaanonni hundi akka birmatan waamichi dhihaate Godinichatti waggoota afur walitti aansuun waan hinroobneef ongeen mudachuun kutaaleen hawaasaa addaddaa rakkoof saaxilamuusaanii miseensonni mana maree fi bakka buutonni kutaalee hawaasaa ibsaniiru. Saba Koonsoo fi miseemsa mana maree bakka bu’oota ummataa akkasumas daarektarri olaanaa bulchiinsa nageenya neetwoorkii odeeffannoo obbo Salamoon Sokkaa bakka bu’oonni hawaasaa, jaarsoliin biyyaa, abbootiin amantaa, miseensonni hayyootaa, bakka bu’oonni dargaggootaa,dubartootaa fi daa’immanii akkasumas hooggantoonni bakka argamanitti haala yeroorratti mari’ataniiru. Nageenya naannoo mirkaneessuu, lammiilee sababa ongeetiin beelaa fi buqqaatiif saaxilaman deebisanii dhaabuu fi hojii nyaata dhiheessuu hatattamaan hojjechuuf Itiyoophiyaanonni hundi xiyyeeffannoo akka kennaniif kutaaleen hawaasaa kunneen gaafataniiru. Ummanni Koonsoo balaan uumamaa ciminasaa qoru waan uumameef balaa beelaa fi qe’eerraa buqqa’uuf saaxilamuusaa eeraniiru. Balaawwan uumamaa fi namtolchee Koonsootti mudate furuuf mootummaa federaalaarraa kaasee dhaabbileen gargaarsaa akkasumas lammiin Itiyoophiyaa hundi akka birmatu obbo Salamoon waamicha dhiheessuusaanii odeeffannoon qajeelcha komunikeeshinii mootummaa godinichaarraa argame nimul’isa.
Itiyoophiyaan qabeenya tuurizimii misoomsitee fayyadamuuf yaalii taasiftu nideeggarra-Komishinii dinagdee Afriikaa
Mar 18, 2023 78
Bitootessa 09/2015 (TOI) - Itiyoophiyaan qabeenya tuurizimii misoomsitee fayyadamuuf yaalii taasiftu deeggaruuf qophii ta’uusaa Komishinii dinagdee Afriikaa ibse. Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti daarektarri Afriikaa bahaa komishiniin dinagdee Afriikaatti doktar Maamaa Keetaa, Turtii TOI waliin taasisaniin, Itiyoophiyaan qabeenya tuurizimii fi humna misoomuu kan qabdudha. Afriikaa bahaatti hariiroo ummatootaa, walitti hidhamiinsa daldalaa fi dinagdee si’achiisuuf murteessaa ta’uusaa eeraniiru. Kanaaf guddina misooma yuuriizimii Itiyoophiyaaf komishiniin dinagdee Afriikaa deeggarsa hundagaleessa gochuuf qophiidha. Sochiiwwan Itiyoophiyaan qabeenya tuurizimii misoomsuun damee kanarraa fayyadamuuf taasiftu deeggarsa teekniikaa fi kanneen biroo nitaasisa jechuun mirkaneessaniiru. Qabeenyi Tuurizimii Itiyoophiyaa baay’ee ta’uu doktar Maamaan eeranii, Teessumni lafaa, seenaa fi hambaanshee, haalli qilleensaa, qkennaan uumamaa fi namtolchee qabeenya guddaadha jedhaniiru. Qabannaa raga fi misoomni turizimii damee Kanaan biyyattiin adeemsisaa jirtu komishiniin dinagdee Afriikaa deeggarsa taasisu itti fufa jedhaniiru. Imaammannii fi tarsiimoon biyyoonni Afriikaa bahaa hiyyuma jalaa bahuuf bocan irra guddeessa damee tuurizimii yaada keessa kan galche ta’uu akka qabu gorsaniiru. Albuunni, qonnaan akkasumas sektaroonni carraa hojii uuman kanneen biroon hiyyuma jalaa bahuuf filaata gaarii akka ta’an himaniiru. Naannichatti walitti hidhiinsa daldalaa, bu’uura misoomaa fi kanneen biroo cimsuunis xiyyeeffannoon kennameera. Zooniin daldala bilisaa Afriikaa wayita hojiirra oolu lammiilee hedduuf carraa hojii uumuun hiyyuma keessaa bahuuf shoora guddaa akka qabaatu daarektarittiin dubbataniiru.
Itti aanaa Kantiibaa Jaanxiraar Abbaay pirojektoota kutaa magaalaa Aqaaqii Qaallittiitti birrii miiliyoona 328 oliin ijaaraman eebbisan
Mar 18, 2023 54
Bitotessa 09/2015(TOI) - Itti aanaa Kantiibaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Jaanxiraar Abbaay pirojektoota kutaa magaalaa Aqaaqii Qaallittiitti guyyoota 90 darban birrii miiliyoona 328 oliin ijaaraman eebbisanii tajaajila jalqabsiisaniiru. Itti aanaa kantiibaa Jaanxiraan dabalatee hooggantoonni olaanoo bulchiinsa magaalaa Finfinnee sirna eebbaa kanarratti argamaniiru. Pirojektiin kun horiisa lukkuu, jiddugaleessa nyaataa, iddoowwan Ispoortiin itti hojjetamu, manneen jireenyaa, qonna magaalaa, misooma addababayii , ibsaa fi kanneen daandii adda baasan akka of keessaa qabu ibsameera.
Diinagdee
"Haala hinmijoofne keessa taa'anii kitaaba barreessuun misoomaaf oolchuun gootummaa guddaadha"
Mar 21, 2023 13
Bitootessa 12/2015(TOI) :- Ministirri Muummee Doktar Abiy Ahimad haala hin mijoofne keessa taa'anii kitaaba garaagaraa barreessuun dhalootaafi misoomaaf gumaachuun gootummaa guddaa ta'uu pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa ibsan. Kitaabni kun walgaarrefannaa dhaloota gidduu jiru maqsuun alatti kun misooma holqa Soofumariif ooluunsaa gammachuu olaanaa ta'uus dabalataan dubbataniiru. Gurgurtaa kitaaba Dhaloota Ida'amuu misooma Holqa Soofumariif ooluuf qarshiin miliyoonni 609 ol walittiqabameera. DhPItti gabaase.
Sochiin Hojii Paarkiiwwan Industirii Jajjabeessaadha-Gorsitoota Dhimma daldala alaa Ameerikaa
Mar 21, 2023 17
Itiyoophiyaatti Gareen Gorsitootaa Dhimma Daldala Alaa Embaasii Ameerikaa Sochii hojii Paarkii Industirri Hawaasaa Daawwateera. Gorsitoonni Kunneen Sochii Hojii Paarkii Industirichaa Keessa Jiru daawwachuun alatti Abbootii Qabeenyaa Paarkicha Keessa Jiru Waliin Mari’ataniiru. Abbootiin Qabeenyaa Idil Addunyaa 22 Paarkii Industirii Hawaasaa Keessatti Invast Gochuun Namoota Kuma 27 Oliif Carraa Hojii Dhaabbataa fi Kan Yeroouumaniiru.
Afrikaatti oomishitummaa Qonnaa dabaluufi bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa cimsuuf xiyyeeffannoon addaa kennameera
Mar 21, 2023 18
Bitootessa 12/2015 (TOI): Afrikaatti oomishitummaa Qonnaa guddisuufi bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa cimsuun guddina itti fufiinsa qabu galmaan ga’uuf xiyyeeffannoo addaatiin hojjetama jedhame. Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Misooma itti fufiinsa qabuufi guddina Afrikaaf deeggarsa taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu beeksiseera. Yaa'iin 55ffaa Komishiinii misoomaa dinagadee Afrikaa fi ministirootaa misoomaa dinagdeefi pilaanii guyyoota lamaaf Finfinneetti geggeeffama ture dhimmoota idil-addunyaa fi ardiilee irratti maryachuun murtee dabrsee xumurameera. Yaa'ii kanarratti irra caalaan dhimmoota hiyyummaa hir'isuu, Walitti dhufeenyaa naannoo, Dhiibbaa weerarri Vaayirasii Koroonaa geesiseefi Jijjirama qilleessaafi kan biroorratti bal'inaan mariyatame. Afrikaan hiyyummaa keessaa bahuuf filanno isheen qabeenya uumamaa ishee fayyadamu, tumsa ardiilee fi naannoo daldala bilisaa cimsuun furmaata waaraa ta'uun himameera. Hiyyummaafi gufuulee misoomaa waliigalaa Afrikaa keessatti bal’inaan mul’achaa jiran maqsuuf tumsi fi waliin hojjechuun biyyoota Afrikaa hojii boriif jedhamuu hin qabne ta'uu akka qabus yaa'icharratti hubachiifameera. Kanaaf yaadotaa ogeeyyii ogeeyyiin dhiisanii fi ministiroonni irratti mariyatan cimsuun ibsa ejjennoo baasuun yaa'ichi xumurameera. Raawwii Waliigaltee Naannoo Daldala Walaba Afrikaa saffisiisuun, diinagdee dhiibbaa dandamatu ijaaruu, filannoowwan faayinaansii babal’isuu, oomishtummaa qonnaa guddisuufi bu’uuraalee misoomaa irratti hojii invastimantii hojjechuun hojii xiyyeeffannoon itti fufiinsaan hojjetyamuu qabu ta’uu irratti waliigalameera.
Godina Gujii Lixaatti karoora qabameen ol Hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaaf deeggarsi birrii miliyoona 6 walitti qabame.
Mar 21, 2023 17
Bitootessa 12/2015 (TOI) : - Godina Gujii Lixaatti karoora qabameen ol Hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaaf deeggarsi birrii miliyoona 6 walitti qabamuu Waajjirri Kominikeeshinii Godinichaa beeksise. Guyyaa dhagaan bu'uuraa Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa ka'aame Bitootessa 24 sababeeffachuun boondii birrii miliyoona 2 gurguruuf godinichatti sochiin taasifamaa jirachuu beeksiseera. Godina Gujii lixaatti itti gaafatamtuun waajjira qindeessafi hirmaannaa uummata hidha haaromsa guddicha Itoophiyaa aadde Faanosee Girmaa akka himanitti, Godinichi bara kana hidhichaaf deeggarsa birrii miliyoona 13 walitti qabuuf karoorfatee hojjechaa jira. Haga ammaattis hojii hojjetameen birriin miliyoona 19 walitti qabamuu eeruun, kunis karoora ol birrii miliyoona 6 walitti qabamuu himaniiru. Deeggarsa hidhichaaf walitti qabame keessaa gurgurtaan boondii miliyoona 14.7 yoo ta'u kennaan immoo birrii miliyoona 4.3 kan walitti qabame ta'uu himaniiru. Deeggarsa kanas kan taasisaan hojjetoota , Invastarootaa, daldaltota, Qonnaan bultoota, Horsiisee bultootaafi kutaalee hawaasaa adda addaa ta'uu himaniiru. Kabaja guyyaa dhagaan bu'uuraa hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaa itti kaa'amee bitootessa 24/2015 kabajamu sababeeffachuun deeggarsa kana caalaatti cimsuuf hojjetama jirachuu aadde Faanoseen himaniiru. Guyyaa sanatti boondii birrii miliyoona 2 gurguruuf karoorfamuu himaniiru. Jiraatoonni godinichaas deeggarsa gama hundaan hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaaf taasisan cimsanii akan itti fufan ta'uu himaniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Galteewwan elektirooniksii sadarkaa isaanii eeggatan gabaa biyya keessaaf akka dhihaatan hojjetamaa jira
Mar 21, 2023 15
Bitootessa 12/2015(TOI) - Miseensaa Komishiinii idil addunyaa Elektiroo- Tekinikaal keessatti hirmaachuun galteewwan elektirooniksii sadarkaa isaanii eeggatan gabaa biyya keessaaf akka dhihaatan hojjetamaa jiraachuu Instiitiyutiin Sadarkaalee Itoophiyaa beeksise. Inistiitiyutii sadarkaalee Itoophiya jalatti kan argamu miseensoota koreen Elektiroo- Tekinikaal Itoophiyaaf leenjii Elektiroonikisiifi tekinolijiiwwan biroon sadarkaa isaanii kan eeggata akka ta'aniif gargaaru kennameefira. Komishiiniin idil addunyaa Elektiroo- Tekinikaal Itoophiyaa dabalatee 170 biyyoota miseensoota kan qabu yoo ta'u Elektironik, Elektirikaaliifi Tekinolojiiwwan biroof akka idil addunyaatti sadarkaa kan kennudha. Itoophiyaatti tekinolojiiwwan sadarkaa idil addunyaan kennameef akka eeggatan ta'uu isaanii kan mirkaneessuu Koreen biyyaalessa Elektiroo- tekinikaal hundaa'uun isaa ni yaadatama. Koreen biyyaalessa Elektiroo-tekinikaal Itoophiyaa miseensoota dhaabbilee adda addaarra walitti dhufan 205 kan qabu yoo ta'u isaan keessaa 34 damee Elektiroonikiifi Elektiroo makanikaal irratti kan bobba'anidha. Daarektarri olaantuu Instiitiyuutii sadarkaalee Itoophiyaa doktar Masarat Baqqalee akka himanitti Biyya keessatti kan oomishamaniifi biyya alaa kan galan meeshaalee Elektiroonikiifi meeshaaleen isaan waliin hidhata qaban qulqullina isaanii kan eeggatan ta'uu qaba. Kanaaf Itoophiyaan miseensa Komishiinichaa ta'uun oomishaaleen sadarkaa isaanii eeggatan akka hojiirra oolaniif sadarkaa baasuun hojjechaa jiraachuu himaniiru. Kunis biyya keessatti kan oomishaman sadarkaa isaanii kan eeggatan akka ta'an gochuu keessatti gahee olaanaa akka qabu himaniiru. Haaluma kanaan Itoophiyaatti kan oomishaman haadni Elektironiik, Tiraanisformarootafi meeshaaleen Elektiromakaanilaaliin sadarkaa isaanii eeggatanii oomishamanii biyya keessatti tajaajilarra oolaa jiraachuu himaniiru. Inistiitiyutichi abbummaan sadarkaa oomishaalee kan baasuu yoo ta'u Dhaabbanni madaalli majaa'ummaa sadarkaalee immoo oomishaaleen kunneen haala sadarkaa baheen dhihaachuu isaanii mirkaneessa.
Yaa’iin waggaa ejensiin humna atoomiikii idil addunyaa Finfinneetti jalqabame
Mar 13, 2023 142
Bitootessa 04/2015 (TOI) - Yaa’iin waggaa ejensiin humna atoomiikii idil addunyaa kan bara 2023 Finfinneetti jalqabamuusaa ministeerri innoveeshinii fi teeknooloojii beeeksise. Ejensichi deeggarsi biyyoota miseensotaa Afriikaaf taasisuu fi hojiirra oolmaa gamtoomina teekniikaa yaa’ii Kanaan qoratee kallattii fuula duraa akka kaa’u ni eegama. Anga’oonni olaanoo ejensichaa, bakka bu’oonni biyyoota miseensotaa fi qindeessitoonni biyyaala essaa qu’annoo fi deeggarsaa biyyoota Afriikaa damee kanaa yaa’icgarratti argamuunsaanii eerameera. Yaa’iin kun Bitootessa 4 amma bitootessa 8/2015 akka gaggeeffamu odeeffannoon ministeericharraa argame nimul’isa.
Yaa’iin bulchiinsa Intarneetii Itiyoophiyaatti taa’ame dhimmoota bulchiinsa Intarneetii idiladdunyaa gama waliingahuutiin bu’aqabeessa akka ture ibsame
Mar 11, 2023 130
Bitootessa 02/2015 (TOI)- Yaa’iin bulchiinsa Intarneetii idil addunyaa Itiyoophiyaan keessummeessite keessummoota keessummeessuu fi dhimmoota bulchiinsa Intarneetii idil addunyaa gama waliingahuutiin bu’a-qabeessa jedhame. Itiyoophiyaan waltajjii hooggantoota olaanoo ‘IGF’ (Internet Governance Forum) Ostiriyaa Viyeenaatti adeemsifamaa jirurratti muuxannoo kana itti aansuun kan qopheessitu Jaappaaniif qooddeetti. Yaa’ii Kanaan hammattummaa dijitaalaa, hubachuu namtolchee, teeknooloojii haaraa, nageenya odeeffannoo marsariirii fi dhimmoota bulchiinsa intarneetii kanneen biroo gama waliin gahuutiin milkooftuu turte jedhameera. Waltajjii hooggantoota olaanoo bulchiinsa Intarneetii Viyeenaatti taasifamaa jiruu fi walgahii koree gorsaa hundagaleessa irratti de’eetaan ministiraa Innoveeshinii fi Teeknooloojii Huriyaa Alii akkaataa Itiyoophiyaan yaa’icha milkooftee itti keessummeessite qoodaniiru. Qaamolee yaa’iin Itiyoophiyaan keessummeessite akka milkaa’u taasisan minister de’eetaan kun galateeffatanii yaa’iin Jaappaanitti adeemsifamu akka milkaa’u hawwiisaanii ibsaniiru. Koreen hooggantoota olaanoo fi gorsaa hundagaleessaa dhaabbilee addaddaa Ostiriyaa Viyeenaatti argaman daawwataniiru. Yaa’iin bulchiinsa Intarneetii 17ffaa Itiyoophiyaatti kan qophaa’e yoo ta’u, yaa’iin bulchiinsa Intarneetii 18ffaa baatii Onkoloolessaa dhufu Jaappaan Tookiyootti akka adeemsifamu beekameera.
Inistiitiyuutonni lama Yunivarsiitii saayinsii fi teeknooloojii waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteesse
Mar 10, 2023 119
Bitootessa 01/2015 (TOI) – Inistiitiyuutiin misooma industirii albuudaa fi inistiitiyuutiin ji’ooloojikaalii Itiyoophiyaa yuunivarsiitii Saayinsii fi teeknooloojii Adaamaa waliin hojjechuuf sanada waliigaltee mallatteessan. Daarektarri olaanaa inistiitiyuutii misooma industirii albuudaa doktar Guutaa Laggasaa, daarektarri olaanaa inistiitiyuutii ji’ooloojikaal Itiyoophiyaa doktar Dajanee Hayilamaaramii fi pirezidaantiin itti aanaa Yuunivarsiitii saayinsii fi teknooloojii Adaamaa doktar Alamuu Disaasaa waliigalticha walii mallatteessaniiru. Waliigaltichi qorannoowwan damee albuudaa bu’a qabeessa gama taasisuu, misooma humna namaa fi damee teeknooloojiin gamtaan hojjechuuf kan dandeessisudha jedhameera. Pirezidaantiin itti aanaa Yuunivarsiitii saayinsii fi teknooloojii Adaamaa doktar Alamuu Disaasaa waliigaltichi qorannoo fi qu’annoo, teeknooloojii fi gabbisa dandeettii humna namaa irratti dhaabbilee kanneen gamtaan hojjechuuf akka dandeessisu himaniiru. Haala walfakkaatuun Inistiitiyuutiin misooma Industirii Albuudaa dhaabbata misooma galteewwan industirii Itiyoophiyaa waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru. Daarektarri olaanaa Inistiitiyuutii Misooma Industirii albuudaa doktar Guutaa Laggasaa gamasaaniin, waliigalteen kun hojiiwwan damee albuudaa bu’aqabeessa taasisuuf hojjetaman teeknooloojii fi misooma humna namaatiin kan deeggarudha jedhan. Damee Kanaan oomishaa fi oomishtummaa guddisuu, biyyoota ollaa waliin dorgomaa ta’uuf qorannoo fi qu’annoo taasisuufis akkasuma. Inistiitiyuutiin Ji’ooloojikaal Itiyoophiyaa laaboraatoorii albuudaa fi tajaajiloota biroorratti damee albuudaa deeggaraa akka jiru wayita kana ibsameera.
Ispoortii
Gareen biyyaalessaa Itoophiyaa tapha waancaa Afriikaa gita isaa Giinii waliin taphachuuf gara Morookootti imaale
Mar 21, 2023 21
Bitootessa 12/2015 (TOI) :- Gareen kubbaa miilaa biyyaalessaa Itoophiyaa tapha dorgommii waancaa Afrikaa gita isaa Giinii waliin taphachuuf gara Morookootti imaale. Taphatoota 23 kan of keessatti hammatee gareen kun kaleessa galgala gara Morookoo Kaazaabilaanlkaatti imaaluu Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa beeksiseera. Gareen kubbaa miilaa biyyoolessaa Itoophiyaa Tapha waancaa Afrikaa 34ffaa Kootdivuwaar qopheesiturratti hirmaachuuf gita isaa garee kubbaa miilaa biyyaalessaa Giinii waliin Bitootessa 15 fi 18/2015 tapha gulaalli rammaaddi ni xaphata. Leenjisaan garichaa Wubatuu Abaatee taphatootaa 23'f waamicha taasisuun Bitooteessa 6/2015 irraa jalqabee shaakala taasisaa turaniiru. Garichi dheengadda Istaadeemii Yunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti tapha madaallii gita isaa Ruwaandaa waliin taasisaniin goolii Kanaa'an Markineen galcheen 1 fi 0 injifachuun isaa ni yaadatama Gareen kubbaa miilaa biyyoolessaa Itoophiyaa dorgommii waancaa Afrikaa irratti ramaddii garee Arfaffaa keessatti kan argaman Gibtsi, Maalaawii fi Giinii waliin kan ramadame yoo ta'u haga ammaatti tapaha lama taphateen qabxii 3 dursaa jira.
Atileetoonni Itoophiyaa dorgommiwwan biyyoota adda addaatti taasifaman injifatan.
Mar 20, 2023 39
Bitootessa 11/2015(TOI) - Atileetoonni Itoophiyaa dorgommiwwan dhuma torban kanaa biyyoota adda addaatti taasifaman injifatan. Maraatoonii Dhiirootaan Ameerikaa Loosaanjalasitti geggeeffameen Atileet Jamaal Himar tokkooffaan yoo xumuru, Atileet Yamaanee Tsaggayee sadarkaa lammaffaan xumureera. Dorgommii maraatoonii dubartootaa magaala gudditti Tayiiwaan Taypeetti geggeeffameen Baqqalech Guddataa, Masarat Dinqeefi Gabaayinesh Ayyalaa walitti aansuun sadarkaa 1ffaa hanga sadaffaatti galuun injifataniiru Chaayinaa Shingeezitti dorgommii maraatoonii geggeeffameen saala lamaaniinuu atileetoonni Itoophiyaa injifataniiru. Haaluma kanaan dhiirotaan atileet Baantaayyoo Adaanee 1ffaan xumuruun yoo injifatu dubartootan immoo Agaree Taamir sadarkaa 1ffaan xumuruun injifateetti. Dorgommii maraatoonii Barsaloonaatti geggeeffameenis atileetiin Itoophiyaa Zenebaa Yimar sadarkaa tokkooffaan injifateetti. Dorgommii walakkaa maraatoonii Ameerikaa Niwuyoorikitti geggeffameenis dubartootaan atileet Sambaree Tafarii sadarkaa 2ffaan injifateetti.
Piriimer Liigii Beetkiingii Itiyoophiyaatiin magaalaan Arbaa Miinci magaalaa Walqixxee waliin nitaphatu
Mar 9, 2023 185
Guraandhala 30/2015 TOI) – Sagantaa torbee 16ffaa Piriimer Liigii Beetkiing Itiyoophiyaatiin magaalaan Arbaa Minci magaalaa Walqixxee waliin nitaphatu. Taphni kilaboota lamaanii guyyaa keessaa sa’aatii 11tti Istaadiyeemii Dirreedawaatti nitaphatama. Magaalaan Arbaa Minci taphoota Liigichaa 15amma ammaatti taphateen sadii mohatee al afur mo’atameera, al saddet ammoo walqixa baheera. Taphoota 15’n goolii 18 lakkoofsiseera, gooliin 20 ammoo ittigaleera. Haala Kanaan qabxii 17’n sadarkaa 14ffaa qabatee sadarkaa gadi bu’aa keessatti argama. Magaalaan Arbaa Minci taphoota liigichaa walitti aanan shan Kanaan dura taphateen altokko qofa mo’ate. Al tokko mo’atameera, alsadii ammoo walqixa baheera. Morkataansaa magaalaan Walqixxee taphoota piriimer Liigii amma ammaatti taphateen al shan mo’ateera, alshan ammoo mo’atameera, alshan ammoo walqixa baheera. Taphoota 15niin goolii 18 galcheera,gooliin 17 itti galeera. Qabxii jahaan sadarkaa 12ffaarra jira. Magaalaan Walqixxee taphoota Liigichaa walitti aanan shan taasiseen al tokko qofa mo’ate. Al lama mo’atameera,al lama walqixa baheera. Taphni garee lamaanii Guraandhala 23 bara 2015 taphatamuun kan irra ture yoo ta’u rooba cimaa Dirreedawaatti roobeen dirreen manca’uusaatiin taphni kun har’a akka taasifamu koreen naamusaa fi dorgommii murteessuunsaa nibeekama. Oduu walfakkaatuun taphoota torbee 16ffaa kaleessa taphatamaniin magaalaan Bahaardaar Itiyoo-elektiriik goolii 3 fi 1’n akkasumas magaalaan Adaamaa Faasiil Kanamaas goolii 2 fi 1’n mo’ataniiru.
Piriimer Liigii Beetkiing Itiyoophiyaatiin taphni Qiddus Goorgisii fi Madin Itiyoophiyaa har’a taasisan ni eegama
Mar 7, 2023 143
Guraandhala 28/2015 (TOI)- Sagantaa Piriimer Liigii Beetkiing Itiyoophiyaa torbee 16ffaa taphni Qiddus Goorgisii fi Madin Itiyoophiyaa waliin har’a taphatan ni eegama. Taphni kilaboota lamaanii kun galgala sa’aatii 1tti Istaadiyeemii Dirreedawaatti nitaphatama. Leenjisaa Zarihun Shangataan kan durfamu gareen kubbaa miilaa Qiddus Goorgis qabxii 32’n piriimer Liigicha dursaa jira. Qiddus Goorgis tapha liigichaa amma ammaatti taphate 15’n taphoota sagal mo’ateera, al tokko mo’atameera. Al shan ammoo walqixa baheera. Taphoota 15’n goolii 32 galchee gooliin sagal ammoo itti galeera. Taphoota piriimer Liigii taphoota walitti aanan shan Kanaan dura taphateen al sadii mo’atee al lama walqixa baheera. Leenjisaa Gabramadiin Hayileen kan leenji’u Madin Itiyoophiyaa qabxii 30’n sadarkaa lammaffaarratti argama. Madin Itiyoophiyaan taphoota ammaatti taasise 15’n sagal mo’atee, alsadii mo’amee alsadii ammoo walqixa baheera. Taphoota 15’n goolii 27 galchee gooliin 21 itti galeera. Madin Itiyoophiyaan taphoota liigii darban walitti aanan taasiseen al sadii mo’atee, al lama walqixa baheera. Abbaan murtii Intarnaashinaalaa Hayilayyasuus Baazzezew tapha kilaboota lamaanii kana nitaphachiisu. Sagantaa torbee 16ffaa kan biraatiin Bunni sidaamaa magaalaa Dirreedawaa waliin guyyaa keessaa sa’aatii 10tti nitaphatu. Bunni Sidaamaa tapha liigichaatiin qabxii 19’n sadarkaa 11ffaa irratti yoo argamu magaalaan Dirreedawaa qabxii 18’n sadarkaa 13ffaarra jira. Oduu walfakkaatuun taphoota piriimer Liigii Beetkiing Itiyoophiyaa torbee 16ffaa kaleessaatiin magaalaan Hawaasaa Lagaxaafoo Lagadaaadhii goolii 1 fi o’n yoo mo’atu Bunni Itiyoophiyaa Walaayittaa Diichaa waliin goolii malee adda bahaniiru.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Kooti kan jennu qabeenya waloo taasisuun fi misoomsuun waliin hojjennee haabadhaanu-ministira muummee Abiyyi Ahimad
Mar 20, 2023 36
Bitootessa 11/2015(TOI) – Ministrirri muummee doktar Abiyyi Ahimad kooti kan jennu qabeenya waloo taasisuun fi misoomsuun waliin hojjennee haabadhaanu jedhan ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad. Biyya hunda caaltu qabna kan jedhan ministirri muummee Abiyyi, ijji keenya banamee yoo hojjenne iddoowwan addunyaa hawachuu danda’an hedduun biyya keenya jiru jedhaniiru. Naannawa keenya ilaaluu fi sakatta’uu akka qabnu ibsanii, “kan kooti kan jennu qabeenya waloo haa taasisfnu, haamisoomsinu, waliin hojjennee haabadhaanu jedhuun ergaa fuula marsariitiisaaniirratti dabarsaniin ibsaniiru.
Godina Harargee lixaatti biqiltuuwwan ganna dhufu sagantaa ashaaraa magariisaan dhaabaman miiliyoona 368 qophaa’aa jiru
Mar 17, 2023 58
Bitootessa 08/2015 (TOI) - Godina Harargee lixaatti biqiltuuwwan ganna dhufu sagantaa ashaaraa magariisaan dhaabaman miiliyoona 368 qophaa’aa akka jiran waajjirri qonnaa fi qabeenya uumamaa godinichaa beeksise. Itti aanaa ittigaafatamaa waajjirichaa obbo Aliyyi Daadhii TOI’f akka ibsanitti, qophii amma ammaatti taasifameen biqiltuuwwan miiliyoona 368 ol qopheessuudhaan karoorarraa dhibbantaa 80 milkeessuun danda’ameera. Qophiin biqiltuu kun gandoota 495 aanaalee godinichatti argaman 15 keessatti fi buufataalee biqiltuu mootummaatti hojjetamaa akka jiru dubbataniiru. Godinichatti waggoota dheeraaf biqiltuu haaraa qopheessuu mannaa kan ture qofa fayyadamuun akka mul’atu itti gaafatamaa itti aanaa kun ibsaniiru. Haala Kanaan godinicha aanaalee hedduu keessatti muka ciruu fi lafti duwwaatti hafuun mudatee akka ture yaadataniiru. Kan darberraa barachuun sagantaan ‘ashaaraa magariisaa’ erga jalqabamee asitti ummata hirmaachisuun jijjiirama fiduun danda’ameera jedha. Kaayoon olaanaa hojii misooma sululaa hirmaannaa ummataan hojjetame kun naannoo magariisa uffisuu ta’uu ibsaniiru. Hojii misooma sululaa godinichatti hojjetameen lafa heektaara kuma 288 caalurratti hojiin misooma sululss hojjetameera jedhan. Biqiltuuwwan qophaa’aa jiran Maangoo, Avokaadoo, Giishxaa fi Temirii akkasumas mukoota misooma bosonaaf oolanii fi nyaanni loonii keessatti argamu. Biqiltuuwwan waggoota darban gaarren muka malee hafanii fi lolaan haqaman irratti dhaabaman akka gaariitti qabachuusaanii ibsanii, iddoowwan bosonni deebi’etti bineensonni bosonaa deebi’aa akka jiran dubbataniiru. Biqiltuuwwan Kanaan dura sagantaa ashaaraa magariisaatiin godinichatti dhaabaman keessaa dhibbantaan 88 qabachuusaanii mirkaneessaniiru. Namoonni miiliyoona 1 ol biqiltuu dhaabuurratti kan hirmaatan yemmuu ta’u, sagantaan biqiltuu dhaabuu kun lafa heektaara kuma 200 irratti ni adeemsifama jedhaniiru.
Qabeenya uumamaa eeguun qonna ammayyeessuuf hundi qindoominaan hojjechuu qaba- pirezidaantiinaannoo Gaambeelleeobbo Umood Ujuluu
Feb 11, 2023 185
Guraandhala 4/2015 (TOI)- Naannoo Gaambeellaatti kunuunsaa fi itti fayyadama qabeenya uumamaa egeree fooyyessuun qonna ammayyeessuuf hundi qindoominaan hojjechuu akka qabu pirezidaantiin naannichaa ob. Umood Ujuluu hubachiisan. Misoomni sululss baatiiwwan bonaa godinichaa godina Sablammii Nuweer aanaa Makkootyitti har’a ifatti jalqabameeera. Pirezidaant Umood wayita kanatti akka jedhanitti, Kunuunsaa fi itti fayyadama lafa, bishaanii fi qabeenya bosonaa naannichaa fooyyessuun wabii nyaataa mirkaneessuuf hundi qindoomee ciminaan hojjechuu qaba. Hojiiwwan kunuunsaa fi itti fayyadama qabeenya uumamaa waggoota darban hojjetamaniin rakkoo lafti qullaatti hafuu fi manca’a bosonaa gama ittisuutiin hojiileenjajjabeessoo hojjetamuu dubbataniiru. Kanaaf lafa qullaatti hafe gara duriitti deebisuun wabii nyaataa mirkaneessuuf hojiin misooma sululaa cimee akka itti fufu ibsaniiru. Milkaa’ina hojiiwwan sululaa baatii bonaa jalqabame kanaaf qaamoleen hooggansaa sadarkaa hundarra jiran kutannoon hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru. Bulchaan godina sablammii Nuweer ob. Boot Teer gamasaaniin hojiilee misooma sululaa cimsuun hojiin wabii nyaataa mirkaneessuu hojii ijoo qaamolee qooda fudhattoota hundaa ta’uu akka qabu dubbataniiru. Hijiin misooma sululaa baranaa sadarkaa naannootti aanaa keenya aanaa Makkooyitti jalqabamuusaatiin gammachuu qaban ibsanii bu’aqabeessummaasaatiif ummata qindeessanii akka hojjetan ibsaniiru. Baatii bonaa baranaatiin sululoota 124 lafa heektaara kuma 60 olirratti hojiilee eegumsa biyyoo fi bishaaniirratti hojjechuuf karoorfamee gara boqonnaa hojiitti seenamuusaa kan ibsan ammoo itti gaafatamaa biiroo qonnaa fi qabeenya uumamaa ob. Ajaak Uchaalaa ti. Hojiileen misooma sululaa kan adeemsifaman idilee fi pirojektootaag gargaaramuun ta’uu kan ibsan itti gaafatamaan kun kanaanis ummanni kuma 120 ol akka hirmaatu nieegama jedhaniir. Sagantaan sosochii misooma sululaa guyyaa kana jalqabame baatii tokkoof akka turu Ob. Ajaak ibsaniiru. Sagantaa jalqabsiisa misooma Sululaa irratti hooggantoonni olaanoo naannoo, godinaa fi aanaa akkasumas ogeeyyonni argamaniiru.
Godina Arsii Lixaatti sagantaa ashaaraa magariisaa ganna dhufuuf biqiltuun miiliyoona 200 qophaa’aa jira
Feb 8, 2023 175
Guraandhala 01/2015 (TOI) - Godina Arsii Lixaatti sagantaa ashaaraa magariisaa ganna dhufuuf biqiltuun miiliyoona 200 qophaa’aa akka jiru waajjirri qonnaa godinichaa ibse. Waajjirichatti gaggeessaan garee qabeenya uumamaa fi eegumsa naannoo ob. Umar Ejeree TOItti akka himanitti, biqiltuun kunneen gogiinsa dandamachuu fi ciidha tursiisuun oomishtummaa kan dabalanidha. Bara kana biqiltuuwwan miiliyoona 200 ol qopheessuuf karoorfamee hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Godinichi bokkaa gannaa roobu kuusuuf daagaa, boollii fi hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii kanneen biroo hojjechaa akka jiru ibsanii, sagantaan biqiltuu dhaabuu baatii Eblaa irraa kaasee akka adeemsifamu eeraniiru. Biqiltuuwwan qophaa’an xaa’ummaa lafaa kan dabalamanii fi nyaata looniif kan oolan sanyii addaddaa yoo ta’an, kunis hojiilee gogiinsa damdamachuuf hojjetamaa jiran keessaa isa tokkodha jedhaniiru. Biqiltuuwwan kunneen qophaa’aa kan jiran buufataalee biqiltuu godinichatti argaman kuma 3 fi 225 fi qonnaan bultootaan akka ta’e ibsaniiru. Sagantaan ashaaraa magariisaa ganna dhufuuf biqiltuuwwan biyya keessaa kanneen akka Waddeessaa, gaattiraa, muka gurraachaa, birbirsaa fi kanneen biroo qophaa’aa akka jiran beeksisaniiru. Sagantaa ashaaraa magariisaan waggaa darbe biqiltuuwwan dhaabbatan miiliyoona 146 keessaa kunuunsa taasifameen dhibbantaan 85 qabachuusaa ibsaniiru. Biqiltuu dhaabuun ala tajaajilaaf amma oolanitti kunuunsi barbaachisaan akka taasifamudubbataniiru.
Gabaasa addaa
Ministeerri Dhimma Alaa miidhaa sababa Kirkira lafaan Turkiyeetti mudateef gadda itti dhaga'ame ibsate.
Feb 6, 2023 183
Amajji, 29/2015(TOI) - Ministeerri Dhimma Alaa FDRI dhiimmaa sababa kirkira lafaa Kibba Turkiyyeetti mudateen lubbuun namootaa darbuu, miidhaa qaamaafi barbaadaa'uu qabeenyaaf gadda itti dhaga'ame ibsateera. Ministeerichi ibsa isaan Lammilee balaa kanaan lubbuu isaanii dhabaniif gadda guddaa itti dhaga'amee ibsuun , kanneen qaamaa miidhamanii ariitiin madaa isaaniirraa akka fayyaan hawii qabu ibseera. Ministeerichi odeeffannoo karaa miidiyaa hawaasumaa isaa qoodeen akka ibsetti Mootummaan Itoophiyaa yeroo rakkoo cimaa kanatti uummataafi mootummaa Turkiyyee cinaa kan dhaabbatu ta'uu eereera.
Balaa ibiddaa Finfinneefi Buraayyuutti mudateen qabeenyaa birrii miliyoona 2.9 ta'urraa miidhaan gaheera.
Jan 24, 2023 205
Amajji, 16/2015(TOI) - Komishiniin hooggansa balaa ibiddaa fi sodaa balaa Finfinnee balaa kaleessa magaalaa Finfinneefi Buraayyuutti Balaa ibiddaa mudateen qabeenyaa birrii miliyoona 2.9 ta'urraa miidhaan gahuu beeksise. Komishinichi qabeenyaa birrii 258 baasu balaa kanarraa baraaruun akka danda'amees beeksiseera. Daarektarri hariiroo hawaasaa komishinichaa obbo Gululaat Geetaneehe akka TOItti himanitti kaleessa galgala sa’aatii 4:48 irratti Kutaama magaala Lammii Kuraatti sababa balaa Elektirikiin gamootti ibiddi qabtee qabeenya birrii miliyoona 1.6tti tilmamamuu barbadeeseera. Hojjettoonni balaa tasaa 40 poolisii magaalaa Finfinnee fi hawaasni naannoo waliin ta’uun qabeenya birrii miiliyoona 148tti tilmaamamu balaa ibiddaa kanarraa baraaru danda'uus himaniiru. Balaa kanaan hojjettoota balaa tasaa sadii fi namoota biroo 7 irraa miidhaan salphaa gahuu himaniiru. Haaluma walfakkatuun kaleessaa galgala sa'aatii 3:55 irratti Kutaama magaalaa Gullee aanaa 5 naannoo buufata Konkolaataa konkolaataa geejjiba ummataa qaxxaamura biyyaa irratti ka'een qabeenyi birrii miliyoona tokkootti tilmaamamu barbadaa'uu ibsameera. Akka daayreektarri hariiroo hawaasaa kun jedhanitti, hojjettoonni balaa tasaa sagal Poolisii Federaalaa Itoophiyaa fi hawaasni naannoo waliin ta’uun balaa ibiddaa kana dhaamsaniiru. Gama biraatiin kaleessa galgala sa'aatii 10:46tti magaalaa Buraayyuutti warshaa huccuu Chaayinaa Shufenia jedhamu keessatti balaa ibiddaa sababa elektirikiin mudateen qabeenyi Birrii kuma 300tti tilmaamamu barbadaa'uu himaniiru. Balaa ibiddaa kana dhaamsuuf carraaqqii guddaa taasifameen qabeenyi birrii miiliyoona 100tti tilmaamamu balaarra hambisuun danda'umuus himaniiru. Obbo Gululaat lammiileen fi dhaabbileen ergaa of eeggannoo komishinichi yeroo yeroon erguun balaa ibiddaa fi balaa tasaa ittisuuf sirnaan hojiirra oolchuu akka qaban dhaamaniiru. Hawaasni balaan akkasii yeroo mudatu sarara bilbilaa bilisaa 939 bilbili; Bilbila 0111555300 ykn 0111568601 bilbiluun beeksisuu akka danda'us hubachiisaniiru.