Leenjiin Koodarsii kenna Tajaajila Mootummaa Ammayyeessuuf nu deeggareera– Hojjettoota - ENA Afaan Oromoo
Leenjiin Koodarsii kenna Tajaajila Mootummaa Ammayyeessuuf nu deeggareera– Hojjettoota
Mudde 3/2018(TOI)-Leenjiin Koodarsii kenna Tajaajila Mootummaa Ammayyeessuuf isaan gargaaruusaa hojjettootni mootummaa Godina Gujii ibsan.
Naannoo Oromiyaa Godina Gujiitti hojjettoonni Mootummaa Magaalaa Adoolaa Leenjii Itiyoo koodarsii fudhatan keessaa Guddataa Gammadaa tokko.
Leenjichi teekinooloojiin of gahoomsuun maamiltootaaf tajaajila si’ataa kennuuf humna dabalataa akka ta’u dubbateera.
Leenjichaan beekumsa Saayinsii kompiitaraa fi hubannaa namtolchee argagachuu milkaa’ina hojiif akka isa gargaare ibseera.
Yaada dargagoo Gammadaa kan qooddatan immoo hojjetaan mootummaa kan biraan Dargaggoo Dastaa Halakee gamasaan, leenjichi beekumsaa fi teekinooloojii qindeessuun dandeettii dorgommi guddifachuu dubbateera.
Leenjicha Xumuruun Waraqaa ragaa fudhachuusaa ibsuun, leenjichi gahumsaa fi dorgomummaa lammiilee guddisuun hojii fooya’aaf kaka’umsa kan uumudha jedheera .
Carraa kanatti fayyadamuun hoj-maata ammayaa’aa hojiirra oolchuuf beekumsaa fi dandeettiin ga’oomuuf namni hundi leenjicha fudhachuun misooma biyyaaf qoodasaa bahuu akka qabu muuxannoosaa qoodeera.
Waajjira Sivilsarvisii Godinichaatti Dursaan garee misooma humna namaa Biiluu Sorsaa Beekumsaa fi dandeettii hojjettoota Mootummaa guddisuuf hojjettoota kuma 25 leenjii Itiyoo Koodarsi akka fudhataniif karoorfamuu ibsaniiru.
Leenjichi Dinagdee Dijiitaalaa Ijaaruuf tattaaffii taassifamu kan deeggaru ta’uu eeruun hanga ammaatti godinichatti hojjettoonni kuma 23 fi 456 leenjicha xumuranii waraqaa ragaa fudhachuusaanii eeraniiru.
Leenjichi hojjettoonni Mootummaa Teekinooloojii Addunyaa waliin wal beeksisuun hojmaata gahoomee fi dorgomaa akka hordofan karoorfamuu ibsaniiru.
Kunis teekinooloojiin deeggaramuun fi tajaajila si’ataa kennuuf kan gargaaru ta’u hubachiisaniiru.