Tamsaasa Kallatti:

Foramiin Dargaggoota Afriikaa Itiyoophiyaatti ni gaggeeffama

Mudde 4/2018 (TOI)- Foramiin dargaggoota Afriikaa Mudde 7 fi 8 bara 2018 Magaalaa Finfinneetti ni gaggeeffama.

Foramichi mata duree “Dhiheessii Faayinaansii fooyyessuu, Innoveeshinii jajjabeessuu fi carraa hojii babal’isuun dargaggoota gahoomsuu” jedhuun gaggeeffama.

Waltajjii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti komishiniin dinagdee Afriikaa (ECA) qopheesse kanarratti hirmaatttonni 300 ol qaamaan kan hirmaatan yoo ta’u, 700 ol immoo filannoowwan karaa intarneetaan akka hirmaatan gabaafameera.

Dargaggoonnni gaggeessitoonni, Innoveetaroota, Imaammata baastonnii fi deeggartoonni misoomaa akka hirmaatan eerameera.

Hoggantoonni Itiyoophiyaa, Yugaandaa, Gaanaa, Zaambiyaa fi Kaameruun dabalatee biyyoota Afriikaa garagaraa irraa dhufan foramii kanarratti ni hirmaatu.

Waldaa Dargaggootaa Indaraasee fi Dhaabbata Misooma Idil-Addunyaa SNV taatee kana waloon qophessaniiru.

Foramiin waltajjiiwwan dargaggoo sadarkaa Afriikaatti dargaggootaan durfamanii dhiibbaa uuman keessaa tokko kan ta’e yaada haqaan durfamu kiisii 2025 gamtaa Afriikaa fi ajandaa 2063 waliin kan walitti hidhate ta’uun beekameera.

Foramichi Carraa hojii Uumuu dargaggootaa, Dhiheessii Faayinaansii, dandeettii daldalaa fi Kalaqarratti kan xiyyeeffate ta’uu qopheessitoonni taatee kanaa ibasaniiru.

Tumsa yeroo dheeraa carraawwan Diinagdee Dargaggoota fayyadamoo taassisan irratti xiyeeffatameera.

Foramiin dargaggoota Afriikaa dargagoonni hirmaattota Misooma Afriikaa fi human jijiiramaa taasisuuf kan deeggaru ta’uun eerameera.

Afriikaan Ardii Dargaggoota hedduu qabdu yoo taatu dhibbentaa 60 ol kan ta’an uummannishee umriinsaanii 25 gadidha.

Bu’aan hawaasaa kun ce’umsa Dinagdee fi Innoveeshiniif humna guddaa ta’ee tajaajila.

Bu’aawwan dargaggootaa fayyadamuuf barnootaan, hojii gaariin(Decent Work) fi hirmaannaa Dargaggootaarratti invast gochuun akka barbaachisu ni eerama.

Foramiin dargaggoota Afriikaa yeroon Afriikaa fuulduraa kan bocamu dargaggootaan ta’uu fi hirmaannaansaanii guutuun jijjiirama Ardii fi badhaadhinaaf murteessaa ta’uu ergaan badhaadhinaa kan darbu ta’uu qopheessitoonni fooramichaa beeksisaniiru.

Fooramicharrtti daawwannaan hojii kalaqa dargaggootaa kan itti dhihaatu yoo ta’u hirmaattonni sagantichaa hojiiwwan adda addaa magaalaa Finfinneetti hojjetaman ni daawwatu jedhamee eeggama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015