Sirni kaffaltii dijiitaalaa Itiyoophiyaa hirmaachisummaa faayinaansii mirkaneessuun biyyoota Afrikaaf fakkeenya ta’uu kan danda’u dha - ENA Afaan Oromoo
Sirni kaffaltii dijiitaalaa Itiyoophiyaa hirmaachisummaa faayinaansii mirkaneessuun biyyoota Afrikaaf fakkeenya ta’uu kan danda’u dha
Mudde 02/2018(TOI)- Sirni kaffaltii dijiitaalaa Itiyoophiyaa hirmaachisummaa faayinaansii mirkaneessuun biyyoota Afrikaaf fakkeenya ta’uu kan danda’u dha jechuun ibsan Barreessaa Olaanaan Naannoo Daldala Walaba Ardii Afrikaa Waamkeelee Meenee.
Daldala biyyoota Afriikaa mijeessuuf maallaqa waloo hojiirra oolchuun barbaachisaa ta’uus cimsanii dubbataniiru.
Yaa’iin Waggaa Kaffaltii Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2ffaa gaggeeffameera.
Barreessaa olaanaan naannoo daldala walaba ardii Afrikaa Waamkeelee Meenee yaa’icha irratti akka jedhanitti, daldala Afrikaa keessaa waggaatti doolaara biiliyoona shan ta’u bittaa fi gurgurtaa raawwatamu haala mijeessuudhaan galma maallaqa waloo qabame ardii kanaaf galmaan ga’uuf gumaacha olaanaa akka qabu ibsaniiru.
Barreessaan olaanaan kuni akka jedhanitti daldalli ardii kanaa maallaqa qaama sadaffaatiin kan gaggeeffamu yoo ta’u, kunis lammiilee Afrikaa baasii hin barbaachifneef saaxilaa jira.
Daldala biyyoota Afrikaa gidduutti adeemsifamu baasii kan qusatu, ammayyaa fi saffisaa taasisuuf maallaqni waloo ardii hojiirra ooluu akka qabu ibsaniiru.
Daldala ardii kanaa keessattis sirni saffisa qabu kan biyyoonni maallaqa ofiitiin daldala gaggeessan diriiruu akka qabu ibsaniiru.
Naannoon Daldala Walaba Ardii Afrikaas sirna daldala biyyoota Afrikaa gidduu jiru haala mijeessuuf yaada uumuun gahee isaa bahachaa akka jiru ibsaniiru.
Itiyoophiyaan jijjiirama dijitaalaa irratti guddina milkaa’aa agarsiisaa akka jirtus barreessaan onaanaa kuni hubachiisaniiru.