Manni marichaa guddina ijaarsa sirna demokiraasiif qoodasaa bahuuf xiyyeeffatee hojjechaa akka jiru ibse - ENA Afaan Oromoo
Manni marichaa guddina ijaarsa sirna demokiraasiif qoodasaa bahuuf xiyyeeffatee hojjechaa akka jiru ibse
Mudde 3/2018(TOI)-Manni maree waloo paartilee siyaasaa Itiyoophiyaa ijaarsa sirna demokiraasii guddisuuf hojii hojjetamuu keessatti qoodasaa bahuuf xiyyeeffatee hojjechaa akka jiru beeksise.
Manni maree waloo paartilee siyaasaa Itiyoophiyaa maneen maree waloo siyaasaa naannolee wajjin waltajjii maree gaggeessaa jira.
Gabaasni waggaa kan bara 2017 fi karoorri bara 2018 Mana maree waloo paartilee siyaasaa Itiyoophiyaa fi maneen maree waloo naannoo dihaatee akka mari’atamu ibsameera.
Walitti qabaan mana maree waloo paartilee Siyaasaa obbo Salamoon Ayyalaa wayita kana akka dubbatanitti, manni marichaa ijaarsa sirna demokiraasii biyyattiitti guddisuuf xiyyeeffatee hojjechaa jira.
Manni marichaa nageenya waaraa biyyaalessaa mirkaneessuuf qaamolee qooda fudhattootaa waliin waliin hojjechaa akka jiru eeraniiru.
Mariin biyyaalessaa akka milkaa’u ajandaa walitti qabuun dhiheessuu irraa eegalee komishinicha waliin hojjechaa akka jiru beeksisaniiru.
Filannoon biyyaalessaa torbaffaan haqa qabeessa, of danda’aa fi iftooma kan qabu akka ta’u qaamolee dhimmi ilaallatu waliin ta’uun hojjechaa akka jiru dubbataniiru.