Miidiyaaleen Faayidaa biyyoolessaa eegsisuu fi Ijaarsa Seenessa walorratti xiyyeeffannoon hojjechuu qabu - ENA Afaan Oromoo
Miidiyaaleen Faayidaa biyyoolessaa eegsisuu fi Ijaarsa Seenessa walorratti xiyyeeffannoon hojjechuu qabu
Mudde 2/2018(TOI)- Miidiyaaleen Faayidaa biyyoolessaa eegsisuu fi Ijaarsa Seenessa walorratti xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban Mana Maree bakka bu’oota ummataatti walitti qabaan Koree dhaabbataa Dhimmoota Dimokiraasii Unatuu Allanaa ibsan.
Miidiyaan sirna Dimokiraasii dagaagsuuf, iftoominaa fi itti gaafatamummaa mirkaneessuuf, Hawaasa dammaqee fi guddina Dinagdee mirkaneessuuf , dhaqqabamummaa odeeffannoo fi barsiisuun qooda olaanaa qabaachuun ni beekkama.
Mana Maree Bakka bu’oota ummataatti walitti qabaan Koree dhaabbataa Dhimmoota Dimokiraasii Iwunatuu Allanaa TOI’f akka ibsanitti, Itiyoophiyaatti hojiiwwan Aadaa Dimokiraasii dagaagsan, tokkummaa cimsanii fi faayidaa biyyoolessaa eegsisan hojjetamaa jiru.
Ijaarsa Sirna Dimokiraasii keessatti yaadni caalmaa fi hedduumminni murteessaadha kan jedhan walitti qabaan kun, kanaafis shoora Miidiyaa guddisuuf hoj-maanni mijataan diriirfamuu dubbataniiru.
Kanaafis odeeffannoowwan tamsa’an faayidaa biyyoolessaa kan hin miine, waloomaa fi tokkummaa ummattootaa kan hin diigne ta’uu qaba jedhaniiru.
Miidiyaan qabiyyee dabarsu irratti garaagarummaan jiraachuun akka hin oolle ibsuun, ergaawwan darban ka’umsa walitti bu’insaa, akka hin taane of eeggachuu akka qaban hubachiisaniiru.
Itiyoophiyaanonni kabaja biyyaa fi faayidaa biyyoolessaaf tokkummaa fi ejjennoon akka hiriiran Injifannoon Adawaa mallattoo barri hin jijjiirredha kan jedhan dura taa’aan kun keessuma dhimmicharratti garaagarummaan jiraatanis biyya dursuu qabu jedhaniiru.
Miidiyaan faayidaa biyyoolessaa eegsisuu fi ijaarsa seenessa waloorratti xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban cimsanii ibsaniiru.