Tamsaasa Kallatti:

Hojiilee damee hedduun waggoottan jijjiiramaa hojjetamaniin bu’aaleen ariifataa ummata fayyadan galmaa’aniiru-Jiraattota magaalaa Adaamaa

Mudde 4/2018(TOI)- Hojiilee damee hedduun waggoottan jijjiiramaa hojjetamaniin bu’aaleen ariifataa ummata fayyadan galmaa’uusaanii jiraattota magaalaa Adaamaa dubbatan.

Mariin ummataa mata duree “labsiiwwan Gubaa injifannoo mootummaa Ida’amuu” jedhuun qophaa’ee  jiraattonni magaalaa Adaamaa fi godina Shawaa bahaa irratti hirmaatan gaggeeffameera.

Waggoottan jjjiiramaa keessumaa misooma kooriidaraa dabalatee milkaa’inoota misooma qonnaa fi kenniinsa tajaajilaatiin galmaa’an kaasaniiru.

Hirmaataan Shaambal Tamasgeen Hayilamaaram, pirojektoonni magaalaa Adaamaatti hojjetaman magaalattii kan jijjiiranii fi hunda fayyadamaa kan taasisanidha jedhan.


 

Qamadii dabalatee misooma qonnaatiin misoomni kuduraa fi muduraa akkasumas maaddii guutuun jireenya namoota hedduu kan jijjiire ta’uu kaasaniiru.

Itiyoophiyaan ulaa galaanaa dhabuushee dhimma jiraachuu biyyaa gochuu Itiyoophiyaan abbaa ulaa galaanaa akka taatuuf tattaaffiin eegalame abdii guddaa kan nutti horedha jedhaniiru.

Qaala’insa jireenyaa xiqqeessuuf hojiileen hojjetamaa jiran jajjabeessaa ta’anis fuuldura dhimmanii hojjechuu waan gaafatuuf tattaaffii ummataa fi mootummaa cimaa ta’e gaafata jedhaniiru.

Hirmaattuun waltajjichaa Adde Zabiibaa Kadir, bu’aalee qabatamaa waggoottan jijjiiramaa argamaniif beekamtii kennuu fi hanqinoota jiran sirreessuun hunda keenyarraa eegama jedhaniiru.


 

Hojiileen waggoottan jijjiiramaa hojjetaman onnachiisoo waan ta’aniif fuulduras qaala’insa jireenyaa xiqqeessuu fi rakkoo mana jireenyaa furuun ni barbaachisa jedhaniiru.

Qulqulina barnootaa mirkaneessuuf  kitaaba dhiheessuurratti xiyyeeffatamuu qaba jedhan.

Godina Shawaa Bahaa aanaa Booraatti mariirratti kan hirmaatan obbo Tashoomaa Abarraa, misooma Qamadii dabalatee misoomni kuduraa fi muduraa milkaa’inni guddaan kan ittiin galmaa’e ta’uu ibsaniiru.


 

Magaalaa Adaamaa aanaa Wanjiirraa kan hirmaatan obbo Kabbadaa Zargaawu, hidha haaromsaa xumurree  warshaa Xaa’oo, misooma gaazii uumamaa fi abbaa ulaa galaanaa ta’uuf hojiileen eegalaman ajaa’ibsiisaadha jedhaniiru.

Waltajjii marii kan gaggeessan ministirri maallaqaa Ahimad Shidee, Inisheetiiviiwwan damee qonnaa Qamadii, Ruuzii fi inisheetiiviiwwan biroo bu’a qabeessa gochuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuun ajandaa mootummaa isa ijoo ta’ee itti fufa jedhaniiru.


 

Tattaaffii tajaajila dijitaalaa, misooma industirii, carraa hojii uumuu fi qaala’insa jireenyaa xiqqeessuuf taasifameen bu’aan jajjabeessaan galmaa’uu kaasanii fuulduras xiyyeeffannoon addaa kennameefii ni hojjetama jedhaniiru.

Mariin har’aas waadaa ummataaf galamee fi hojiileen raawwataman eessarra akka jiran ilaaluun kallattii fuulduraarratti hubannoo wal fakkaataa qabaachuuf waan ta’eef ummanni hirmaannaa qindaa’aa gochuu qaba jedhaniiru.


 

Ministirri Turizimii Salaamaawiit Kaasaa gamasaaniin, misoomni hawaasummaa fi dinagdee magaalaa Adaamaatti mul’achaa jiru cimee akka fulla’u hawaasni hirmaannaasaa itti fufuu qaba jedhaniiru.


 

Hogganaan biiroo barnootaa Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo, magaalaa Adaamaa fi godina Shawaa Bahaatti nagaa waaressuun fayyadamni dinagdee ummataa akka mirkanaa’u akkasumas qulqullinnii fi waliin gahiinsa barnootaa akka babal’atu ni hojjetama jedhaniiru.


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015