Tamsaasa Kallatti:

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa oomishaa fi oomishtummaa guddisuun wabii nyaataa mirkaneessuuf tattaaffii taasifamaa jiru qabatamaan deeggaraa jira

Mudde 02/2018(TOI)- Sagantaan Ashaaraa Magariisaa oomishaa fi oomishtummaa guddisuun wabii nyaataa mirkaneessuuf tattaaffii taasifamaa jiru qabatamaan deeggaraa jiraachuu Ministeerri Qonnaa ibse.

Sagantaan Ahaaraa Magariisaa kaka’umsa Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimadiin jalqabame, jijjiirama qilleensaa ittisuuf tattaaffii addunyaan taasisaa jirtu keessatti gumaacha olaanaa bahateera jedhame.

Sagantaan kun fayyadamummaa dhaloota ammaa kan mirkaneesse; dhaloota egereef ammoo abdii kan kenne yoo ta’u, carraa hojii uumuu fi wabii nyaataa mirkaneessuu keessattis gahee isaa ba’ataa jira.


 

Kanaaf yaa’ii haala qilleensaa addunyaa (COP-32) Biraazil magaalaa Beelam keessatti gaggeeffame irratti Itiyoophiyaan konfiraansii haala qilleensaa addunyaa 32ffaa (COP-30) keessummeessuuf filatamuun ishee ni yaadatama.

Ministeera Qonnaatti hojii gaggeessaa Misoomaa fi itti Fayyadama Qabeenya Uumamaa fi Barreessaan Koree Teeknikaa Biyyaalessaa Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Faanuusee Mokonnon akka jedhanitti, Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa wabii nyaataa mirkaneessuuf tattaaffii gochaa jirtuuf deebii qabatamaa kennaa jira.

Waggoota torba darban keessatti biqiltuun biiliyoona 48 ol kan dhaabame yoo ta’u, kana keessaa dhibbeentaan afurtama kan biyya keessaa ta’uu eeruun, kanneen hafan ammoo gosa adda addaa akka ta’anis beeksisaniiru.


 

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa dhiqama biyyee hir’isuun,gabbina biyyee eeguun,oomishaafi oomishtummaan haala olaanaan akka dabalu gumaacha guddaa buuseera jedhani. Akkasumas burqaan lafa jalaa dabaluun, misooma jallisiif shoora olaanaa bahachaa jiraachuu ibsaniiru.

Waggoota darbanitti kuduraalee fi muduraalee nyaataaf oolan dabalatee biqiltuuwwan biroo bal’inaan kan dhaabaman, galii maatii fi soorata maatii fooyyessuu keessatti gahee olaanaa akka qaban eeraniiru.

Biqiltoonni sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaabaman bosona ta’aa akka jiran, kunis oomisha dammaaf haala mijataa uumuun, namoota horsiisa kanniisaa irratti bobba’aniif faayidaa olaanaa qaba jedhaniiru. Itti dabaluunis dameelee hedduu irratti carraa hojii bal’aa uumuun keessumattuu dargaggootaafi dubartootaaf dinagdee isaani guddisaa jiraachuu eeraniiru.

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa naannoowwan hongeef saaxilamoo fi lafa qullaa hafan gara naannoo oomishaatti jijjiiruun wabii nyaataa mirkaneessuun gumaachaa akka jiru hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015