Tamsaasa Kallatti:

Milkaa’inoota qindoomina mootummaa fi ummataan argaman gabbisuun biyya badhaate dhaloota dhufuuf dabarsuuf ni hojjenna-jiraattota marii ummataa jimmatti gaggeeffamerratti hirmaatan

Mudde 4/2018(TOI)- Milkaa’inoota qindoomina mootummaa fi ummataan argaman gabbisuun biyya badhaate dhaloota dhufuuf dabarsuuf akka hojjetan jiraattonni marii ummataa jimmatti gaggeeffamerratti hirmaatanibsan.

Kutaaleen hawaasaa godinaa fi  bulchiinsa magaalaa Jimmaarraa walitti dhufan mata duree Labsiiwwan Gubaa  bu’aalee mootummaa ida’amuu” jedhuun haala yeroo biyyaarratti marii gaggeessaniiru.

Hirmaattonni yaada kaasaniin akka ibsanitti, jijjiiramaan asitti mootummaan milkaa’inoota  misoomaa dinqisiisoo hedduu galmeessiseera.

Misoomni magaalaa, hojiileen qonnaa baratti darban magaalaa jimmaatti hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Haala Kanaan Itiyoophityaa badhaate dhugoomsuun dhaloota dhufuuf dabarsuuf galmoota qabaman milkaa’uunsaanii eerameera.

Bulchaan naannoo Hararii Ordiin Badrii haasaa baniinsaa taasisaniin, bu’aaleen misoomaa qabatamaan badhaadhina Itiyoophiyaa dhugoomsan galmaa’aniiru jedhaniiru.

Gama qonnaa, Industirii, Turizimii, albuudaa fi dijitaalaan akkasumas carraa hojii gama uumuutiin dameelee misooma magaalaa fi kanneen biroonis hojiileen quubsaan hojjetamuusaanii dubbataniiru.


 

Labsiiwwan Gubaa ministira muummee DR Abiyyi Ahimadiin labsaman bayyanachuu Itiyoophiyaa kan dhugoomsanii fi guddina biyyaa si’oomsuu kan dandeessisanidha jedhaniiru.

Hojiileen hojjetaman bu’a qabeessa waan ta’aniif baandaan keessaa fi alagaan alaa gaaffii abbummaa ulaa galaanaa dhaabsisuu akka hin dandeenye ibsaniiru.

Injifannoowwan gurguddoo qindoomina mootummaa fi ummataan argaman dhamdhamachaa milka’ina caaluuf qophaa’uun akka barbaachisu eeraniiru.

Kantiibaan magaalaa Jimmaa Xahaa Qamar barreeffama ka’umsa mariif dhiheessaniin, jijjiiramaan asitti gaaffilee misoomaa fi bulchiinsa gaarii deebisuuf magaalaa Jimmaatti hojiileen bu’a qabeessi raawwatamuu dubbataniiru.

Gama carraa hojii uumuu, misooma magaalaa, bu’ura misoomaa babal’isuu, oomishtummaa guddisuun, fayyadama hawaasummaa fi dinagdee ummataa caalaa mirkaneessuutiin bu’aaleen quubsaan galmaa’aniiru.

Gaaffilee bulchiinsa gaarii ummatatti dhihaachuun deebisuuf bulchiinsi gandaa hedduun gurmaa’uusaanii eeranii, gama nageenyaatiinis ummata hirmaachisuun bu’aaleen galmaa’uu dubbataniiru.


 

Fuulduras dhiibbaa qaala;insa jireenyaa xiqqeessuuf, kenninsa tajaajilaa caalaa ammayyeessuu fi bu’uraalee misoomaa caalaa babal’isuuf xiyyeeffannoon olaanaa kennamuu eeraniiru.

Hirmaattonni yaada kaasaniin, jijjiiramaan asitti milkaa’inoonni akka misooma magaalaa, gama qonnaan ammo Qamadii, Shaayee akkasumas oomisha Ruuziitiin hojiileen baratti darban hojjetamaa jiru jedhaniiru.

Itiyoophiyaan ulaa galaanaa shiraan dhabde abbummaan akka harkatti galfattu qoodasaanii akka bahan eeranii, dhaloonni sirriitti akka hubatu maneen barnootaatti hubannoon akka uumamu dubbataniiru.

Paartii badhaadhinaatti hoogganaan waajjira damee ijaarsaa naannoo Oromiyaa Namarraa Bulii yada kennaniin, dhiibbaa qaala’insa jireenyaa xiqqeessuuf oomishtummaa guddisuuf xiyyeeffannoon olaanaan taasifamuu eeranii, maaddii guutuu fi qonna magaalaatiin hojiileen bu’a qabeessi hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.


 

Rakkoolee kenniinsa tajaajilaa fi bulchiinsa gaarii furuuf bakka hundatti bulchiinsi gandaa diriirfamuu eeranii, tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob naannicha bakkee shanitti gurmeeffamaa akka jiru eeraniiru.

Itti aanaan kantiibaa fi hoogganaan biiroo misooma Industirii magaalaa Finfinnee Jaanxiraar Abbaayi waltajjicharratti akka jedhanitti, mootummaan fayyadama hunda galeessa lammiilee mirkaneessuuf misooma raawwacha akka jirudubbataniiru.

Bulchaan naannoo Hararii Ordiin Badrii, Itti aanaan Kntiibaa fi hogganaan biiroo misooma Industirii magaalaa Finfinnee Jaanxiraar Abbaayi, Paartii badhaadhinaatti hoogganaan dame ijaarsaa waajjira damee naannoo Oromiyaa Namarraa Bulii, bulchaan godina Jimmaa Tiijaanii Naasir fi hirmaattonni magaalicharraa walitti dhufan waltajjicharratti argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015