Lammii fayya buleessaa fi oomishuu danda’u horachuun omishaa fi omishtummaa guddisuuf sosochii ispoortii barsiifata gochuu qabna - ENA Afaan Oromoo
Lammii fayya buleessaa fi oomishuu danda’u horachuun omishaa fi omishtummaa guddisuuf sosochii ispoortii barsiifata gochuu qabna
Mudde 4/2018(TOI)- Lammii fayya buleessaa fi oomishuu danda’u horachuun omishaa fi omishtummaa guddisuuf sosochii ispoortii barsiifata gochuun akka barbaachisu himame.
Korporeeshiniin misooma paarkiiwwan Industirii dirree Ispoortii zoonii dinagdee addaa Qilinxootti ijaarsise eebbisiiseera.
Hojii raawwachiisaan olaanaa korporeeshinii misooma paarkiiwwan Industirii Dr. Fissahaa Yittaagasuu akka dubbatanitti, Ispoortiin walitti dhufeenya hawaasaa cimsuun aadaa waliin hojjechuu kan gabbisudha.
Industiriiwwan oomishaalee garagaraa oomishuuf hojiilee hojjetu bu’a qabeessa gochuuf humni namaa oomishuu danda’u murteessaadha jedhaniiru.
Humna namaa qaban sirnaan itti fayyadamuuf, bu’a qabeessa gochuu fi omishaa fi omishtummaa guddisuuf lammii omishaa fayyaansaa eegame ijaaruun diqama ta’uu hubachiisaniiru.
Dirreen Ispoortii zoonii dinagdee addaa Qilinxoo keessatti ijaarame hojjettoonni zoonii dinagdichaa fi hawaasni naannawichaa kan itti fayyadamu ta’uu beeksisaniiru.
Hojii gaggeessaan olaanaa zoonii dinagdee addaa Qilinxoo Tolasaa Badhaadhaa gamasaaniin, dirreewwan Ispoortii kun hojjettoonni Ispoortii hojjechuun fayyaasaanii akka eegan ni taasisu jedhaniiru.
Dirreen Ispoortii kun kubbaa miilaa fi kubbaa kochoo dabalatee akaakuuwwan Ispoortii biroo hojjechuuf kan oolan akka ofkeessaa qabu eeraniiru.
Hogganaan waajjira federeeshinii kubbaa koochoo Finfinnee Alamneh Siyyum akka biyyaatti hawaasa fayya buleessa uumuuf babal’achuun dirree Ispoortii gumaacha olaanaa qaba jedhaniiru.