Tapha Piriimar Liigichaatiin Cheelsii fi Livarpuul injifataniiru - ENA Afaan Oromoo
Tapha Piriimar Liigichaatiin Cheelsii fi Livarpuul injifataniiru
Mudde 4/2018(TOI)- Tapha Piriimar Liigii Ingiliz turban 16ffaatiin har’a eegalameera.
Tapha Istaadiyeemii Istaamfoorditti gaggeeffameen Cheeliin 2 fi 0’n Evertaniin mo’ateera.
Cheelsiin qabxii 28’n sadarkaasaa gara afraffaatti guddifateera. Everten qabxii 24’n saddettaffaarra jira.
Tapha biraatiin Livarpuul 2 fi 0’n Biraayitaniin mo’ateera.
Akkaataa qabxii kanaatiin mo’ataan Liigichaa kan yeroo Liivarpuul qabxii 26’n jahaffaa, Biraayiten qabxii 23’n sadarkaa jahaffaa, Biraayiten qabxii 23’n saglaffaarratti argamu.
Halkan sa’aatii 5tti Liigicha dursaa kan jiru Arsenaal Wolvis waliin Istaadiyeemii Emereetisitti ni taphatu.
Sana dura Barnileeyi Fulhaam waliin sa’aatii 2;30tti ni taphatu.