Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan COP 32 akka qopheessitu filatamuunshee bu’a qabeessummaa hojiilee dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa damdamachuuf dandeessisanii kan agarsiisanidha

Mudde 1/2018 (TOI)- Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii (COP 32) akka qopheessitu filatamuunshee bu’a qabeessummaa hojiilee dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa damdamachuuf dandeessisanii kan agarsiisu ta’uu Itiyoophiyaatti dubbii raawwachiisaan embaasii Jarman Dr. Fardiinaandi Voon Weeyih ibsan.

Sagantaan ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa yaada ministrri muummee Dr. Abiyyi Ahimad maddisiisaniin bara 2011 eegalame nageenya lafa naannawaa eegsisuun gumaacha olaanaa taasisaa jira.

Kana hordofuun Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa addunyaa 30ffaa Biraaziil Baallamitti gaggeeffamerratti yaa’ii haala qilleensaa addunyaa 32ffaa(COP 32) akka keessummeessitu filatamuunshee niyaadatama.

Itiyoophiyaatti dubbii raawwachiisaan embaasii Jarman Dr. Fardiinaandi Voon Weeyih TOI’f akka ibsanitti, hojiilee humna hayidiroo elektiriikii, ashaaraa magariisaa fi misooma magariisaa biroon hojjetamaniin bu’aaleen qabatamaa galmaa’aniiru.

Itiyoophiyaan dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa damdamachuuf hojiin hojjechaa jirtu rakkinicha ittisuuf kutannoo qabdu akka agarsiisu dubbataniiru.

Itiyoophiyaatti hojiileen damee dinagdee magariisaan, human haaromfamuu fi misooma bosonaan hojjetaman Itiyoophiyaan yaa’ii COP 32 qopheessuuf akka filatamtu gumaachuusaa ibsaniiru.

Yaa’iiwwan jijjiirama haala qilleensaa biyyootaa fi sadarkaa idil addunyaatti gaggeeffamaniin hirmaannaan guddaa Itiyoophiyaan qabdu filatamuusheef ulaagaalee gargaaran keessatti akka eeraman ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015