Nageenya amansiisaa Baha Itiyoophiyaa itti fufsiisuun, Piroojektoonni misoomaa jalqabaman karaa nageenya amansiisaan akka milkaa’aniif qindoominaan ni hojjetama - ENA Afaan Oromoo
Nageenya amansiisaa Baha Itiyoophiyaa itti fufsiisuun, Piroojektoonni misoomaa jalqabaman karaa nageenya amansiisaan akka milkaa’aniif qindoominaan ni hojjetama
Mudde 02/2018(TOI)-Nageenya amansiisaa Baha Itiyoophiyaa itti fufsiisuun, Pirojektoonni misoomaa jalqabaman karaa nageenya amansiisaan akka milkaa’aniif qindoominaan akka hojjetamu itti aanaan ajajaa Iizii Bahaa Meejer Jeneraal Fiqaaduu Tsaggaayee ibsan.
Naannoolee ollaa Baha Itiyoophiyaa, bulchitoota godinootaa fi aanotaa,human waloo Nageenyaa nageenyaa fi tasgabbii irratti mariin gaggeeffameera.
Kaayyoon marii kanaa humnoota nageenyaa godinootaa fi bulchiinsa magaalotaa daran cimsuu fi nageenyaa fi tasgabbii naannoo eegsisuuf akka ta’e himameera.
Naannichatti nageenyaa fi tasgabbii itti fufsiisuuf hunduu tumsaan hojjechuu qaba jedhan Meejer Jeneraal Fiqaaduu Tsaggaayeen.
Kessumaa naannichi bakka kontiroobaandiin itti hedduummatuu fi shororkeessitoonni nageenya booressuuf socho’an waan ta’eef, qaamoleen nageenyaa hawaasa waliin ta’uun halkanii fi guyyaa nageenyaaf akka hojjetan ibsaniiru.
Waltajjii marii kana irratti hoggantoonni nageenyaa fi komishinaroota poolisii naannoo Oromiyaa Godinoota Harargee Bahaa fi Lixaa, Godinoota Somaalee godinoota Siitii fi Faafen, bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa fi bulchiinsa magaalaa Maayaa, akkasumas hoggantoonni olaanoo Ajaja Bahaa fi Poolisoonni Fedaraalaa argamaniiru.