Misoomni Qurxummii Haroo Nigaat hedduu keenyaaf carraa hojii kan uumee fi fayyadamoo kan nu taassisedha-dargaggoota - ENA Afaan Oromoo
Misoomni Qurxummii Haroo Nigaat hedduu keenyaaf carraa hojii kan uumee fi fayyadamoo kan nu taassisedha-dargaggoota
Onkoloolessa 5/2018(TOI)-Misoomni Qurxummii Haroo Nigaat hedduu keenyaaf carraa hojii kan uumee fi fayyadamoo taassisuu Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaatti Dargaggooni hojii Misooma Qurxummiirratti bobba’an dubbatan.
Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaarraa kan kuufame Haroon Nigaat Odoolawwan 70 ol kan qabuu fi bakka hawata Turistii guddaa yoo ta’u misoomni Qurxummii madda galii guddaa hawaasa naannichaa ta’aa jira.
Naannoo Benishaangul Gumuzitti dargaggoonni hedduun Haricharraatii Qurxummii kiyyeessuun gabaaf dhiheessuun ofirra darbanii namoonni biroon fayyadamoo akka ta’an gochaa jiru.
Dargaggoota Hojii kanaratti bobba’anii jiran keessa TOI’n dubbise Misoomni Qurxummii Haroo Nigaat carraa hojii hedduu keenyaaf uumeen fayyadamoo nu taassisaa jira jedhaniiru.
Naannichatti Aanaa Mangee Ganda Firdoositti Dargaggoota Waldaan Gurmaa’anii Qurxummii kiyyeessan keessaa Mikaa’el Anajum fi Ramadaan Sayyid, Haroon Nigaati Bakka bashannanaa Dinqisiisaa fi bakka argama Misooma Qurxummii ta’uusaan baay’ee keenya nu fayyadadeera, kanattis gammanneera jedhaniiru.
Misooni Qurxummii harichaa naannichatti Madda galii haarawaa fi filannoo soorataa murteessaa ta’ee hojjetamaa jiraachuu dargaggoonni kunneen dubbataniiru.
Godaantonni Sudaaniirraa dhufanii naannicha qubnatanii jiran Qurxummii gatii madaalawaandargaggoota kanarraa fudhachuun mana Nyaataa banatanii hojjechaa jiraachuu dubbachuun kanattiis gammadneerra jedhaniiru.
Godaantota keessaa Abdulbagiinuurii fi Dargaggoo Indriis Ariyaa, Hidhi Haaromsaa madda Ifaa ta’urra darbee keessumaa Misooma Qurxummiin Itiyoophiyaarra darbee nuunis fayyadeera jedhaniiru.
Mootummaan Itiyoophiyaa Godaantota simachuun michuu gaafa rakkinaa ta’uusaan gaarummaa argisiiseef galateeffachuun hawaasni naannichaa waan hundaan waloon akka fayyadamnu taassisaa jiraachuu fi Itiyoophiyaan Mana keenya lammataa taateetti jechuun dubbataniiru.
Naannichatti itti Aanaan Bulchaa Aanaa Mangee Obbo Saalaah Raahimatalaa, Eebbi Hidha Haaromsa hedduu ta’uusaanii ibsuun, Keessumaa Qurxummiin Haroo Nigaat jireenya Dargaggootaa jijiiraa jirachuu kaasaniiru.
Aanichatti jiraattonnii fi Godaantonni hedduun qubatanii jiran fayyadamoo qabeenya Qurxummii ta’uusaanii ibsaniiru.
Haroon Nigaat Bishaan Meetir kuubii Biiliyoona 74 kuufachuusaa, Odoolawwan 70 ol fi bal’ina Hektaara Kuma 187 fi 400 kan qabu ta’uun ni beekama.