Dhaabbiee fayyaa babal’isuudhaan lammiileef filannoo wal’aansaa dhiheessuuf hojjetamaa jira-ministeera fayyaa - ENA Afaan Oromoo
Dhaabbiee fayyaa babal’isuudhaan lammiileef filannoo wal’aansaa dhiheessuuf hojjetamaa jira-ministeera fayyaa
Sadaasa 4/2018(TOI)- Dhaabbiee fayyaa biyyattiitti babal’isuudhaan lammiileef filannoo wal’aansaa dhiheessuuf hojjetamaa jiraachuu ministeerri fayyaa beeksise.
Waartuun baankii ijaa Yunivarsiitii Jimmaatti ijaarame bakka hooggantoonni federaalaa fi naannoo argamanitti har’a eebbifameera.
De’eetaan ministira fayyaa Dr. Darajjee Dhugumaa wayita kana akka jedhanitti, biyyattiitti dhaabbilee fayyaa babal’isuudhaan lammiilee filannoo wa’aansaakka argatan gochuuf hojjetamaa jira.
Wiirtuun baankii ijaa ijaarame kun lammiilee wal’aansa barbaadaniif haala mijataa kan uumu ta’uu kaasaniiru.
Keessumaa rakkoo agartuu sababa godaannisa qaroo ijaan dhufan wal’aanuuf wiirtuun kun shoora guddaa akka qabaatu eeraniiru.
Hoggantuun biiroo fayyaa naannoo Oromiyaa Piroofeesar Natsaannat Warqinaa gamasaaniin, biirichi dhaabbilee fayyaa qaqqabamoo gochuuf hojjechaa jiraachuu eeranii, Wiirtuun baankii ijaa ijaarame dhaabuuf deeggarsa gochuusaa dubbataniiru.
Daarektarri olaanaa tajaajila dhiigaa fi tishuu Itiyoophiyaa Dr. Ashannaafii Taazzabawu, dhaabbatichi rakkoon mudaa ijaa yaaddessaa ta’uusaa hubachuun wiirtuuwwan wal’aansaa babal’isuuf deeggarsa gochaa jiraachuusaa ibsaniiru.
Pirezidaantiin Yunivarsiitii Jimmaa Dr. Jamaal Abbaa Fiixaa wiirtuu baankii ijaa kun wal’aansa ijaa namoota hedduu qaqqabsiisuuf shoora olaanaa qaba jedhaniiru.
Wiirtuun baankii ijaa har’a eebbifamee tajaajilaaf baname kun Yunivarsiitiin Jimmaa tajaajila dhiigaa fi tishuu Itiyoophiyaa fi biiroo fayyaa naannoo Oromiyaa waliin ta’uun ijaarsisuusaa kaasaniiru.