Tamsaasa Kallatti:

Biyyoonni Afriikaa Bahaa walitti hidhamiinsa riijinii fi mirkanaa’uu nageenya waaraaf kutannoon hojjechuu qabu

Mudde 3/2018 (TOI)-Biyyoonni Afriikaa Bahaa walitti hidhamiinsa riijinii fi mirkanaa’uu nageenya waaraaf kutannoon hojjechuu akka qaban barreessaan olaanaa IGAD Dr. Warqinaa Gabayyoo hubachiisan.

Wal gahiin koree ambaasaaddaroota IGAD kaleessa Jibutiitti gaggeeffameera.

Barreessaan olaanaa IGAD Dr. Warqinaa Gabayyoo fi miseensonni koree ambaasaaddarootaa walgahicharratti argamaniiru.

Koreen ambaasaaddarootaa IGAD tarsiimoo IGAD A.L.A bara 2026 amma 2030tti turu raggaasiseera.

Dabalataanis Koreen kun bajata IGAD 2026 irratti mari’achuun hojiitti akka galu murteesseera.

Kallattiiwwan hojii fuulduraa dhaabbata riijinichaas akeekeera.

Riijinii nagaa, walitti hidhamee fi qormaata damdamatu ijaaruuf tumsii fi kutannoon waloo biyyootaa miseensotaa murteessaa ta’uu barreessaan olaanaa IGAD Dr. Warqunaa Gabayyoo wayita kana dubbataniiru.

Karaa wal qabateen Koreen ambaasaaddarootaa IGAD walgahichaan cinaatti ijaarsi waajjira muummee haaraan IGAD maalirra akka jiru ilaaleera.

Ijaarsi bu’ura misoomaa kun dandeettii dhaabbatummaa fi tumsa waloo cimsuuf akka gargaaru barreessaan olaanaa kun dubbachuusaanii odeeffannoon Tajaajilli Oduu Itiyoophyaa Sakireetaariyaatii IGAD irraa argate nimul’isa.

Koreen ambaasaaddaroota IGAD ambaasaaddarootaa fi dippiloomaatota biyyoota miseensaa dhaabbata riijinichaa ofkeessatti qabata.

Hojiileen ijoo Koree kanaa IGADiin gorsuu, hordoffii fi deeggarsa hojiirra oolmaa imaammataa, hojmaata biyyoota miseensotaa qindaa’aa gochuu, yaada gorsaa fi yaadota murtoo dhiheessuu ykn rggaasuudha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015