Tamsaasa Kallatti:

Mariin Biyyoolessaa carraa jireenya keessatti yeroo tokko qofaa argamuu kan danda’u waan ta’eef, milkaa'ina isaaf garaagarummaa malee hirmaachuu qabna - Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa

Mudde 03/2018(TOI)-Mariin Biyyoolessaa carraa jireenya keessatti yeroo tokko qofaa argamuu kan danda’u waan ta’eef,  milkaa'ina isaaf garaagarummaa malee hirmaachuu qabna jedhe Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa.

Komishiniin Marii Biyyoolessaa Itiyoophiyaa Yaa’ii Guutuu Biyyaalessaa (National Plenary) jalqabuuf qophii xumuraa jiraachuu marii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa keessatti gaggeeffameen beeksiseera.

Marichaan dhimmoota naannoo Tigraay dabalatee hojiiwwan hafan tokko tokko saffisaan xumuramuu kan dandeessisanii fi yeroo gabaabaa keessatti konfiraansii Marii Biyyoolessaa eegaluu danda’an irratti mariin bal’aan gaggeeffameera.

Marii naannoo Tigraayitti gaggeeffamuuf hojiin haaldureewwanii raawwatamuu haala qindaa’aa ta’een kan gaggeeffame yoo ta’u, waltajjiiwwan duraa adda addaa kan bulchiinsa yeroo fi qooda fudhattoota biroo hirmaachise gaggeeffameera.  Akkasumas waltajjiiwwan kanneen irraas yaadni galtee gaarii ta’u argamuu himameera.

Dabalataan, Komishiniin Marii Biyyaalessaa mala haala naannichaa jiru tilmaama keessa galche fayyadamuun, ajandaa naannichaa qindeessuun, hirmaattoota Yaa’ii Marii Biyyaalessaa filachuun hojii hafe xumuruuf waliigaltee irra ga’uu isaa ibsameera.

Kanaafis ummanni Tigraay guutuun, paartileen siyaasaa naannicha keessa socho’an, hayyoonni, dhaabbileen hawaasa siivilii fi qooda fudhattoonni dhimmi kuni ilaallatu hojii komishinichaa ajandaa isaa milkeessuu fi hirmaattota konfiraansii naannoo Tigraay filachuu irratti guutummaatti akka deeggaran ergaan dabarfameera.

Mariin Biyyoolessaa seenaa keessatti al tokko qofaa argamuu waan danda’uuf,hunduu milkaa’ina isaaf tumsuu akka qabu dhaamaniiru.

Har’as balballi nagaa banaa ta’uu ibsuun, humnoota hidhatanii naannoo adda addaatti walitti bu’iinsa keessa jiran dabalatee, qaamni dhimma siyaasaa qaba jedhu kamiyyuu ajandaa isaa Komishinii Marii Biyyoolessaaf karaa nagaa akka dhiyeessu irra deebi’anii waamicha dhiyeessaniiru.

Aadaa siyaasaa keenya duubatti hafe bu’uuraan jijjiiruuf tattaaffii taasifamu keessatti namni hundi gahee isaa akka ba’uu fi Yaa’iin Marii Biyyaalessaa milkaa’inaan akka xumuramu waamicha dhiyeessuun Manni Marichaa marii kana xumureera.

Marii kana irratti Afyaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa, itti aanaa Afyaa’ii, Mana maree Bakka bu’oota uummataatti Ministira itti waamamaa mootummaa, Hogganaa fi itti Aanaa Hogganaa Komishinii Marii Biyyaalessaa, komishiniinaroonni hundi, hoggantoonni koree dhaabbii dhimma dimokiraasii fi qooda fudhattoonni biroo hirmaataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015