Dursaan liigichaa Arsenaal Wolvis waliin ni tapahata - ENA Afaan Oromoo
Dursaan liigichaa Arsenaal Wolvis waliin ni tapahata
Mudde 4/2018 (TOI) – Piriimar liigii Ingiliz torbee16n har’a eegala
Galgal sa’aatii 5:00tti Arsenaal Wolvisiin Istaadiyeemii Emireetisitti keessummeessa.
Liigicha Arsenaal qabxii 33’n dursaa kan jiru yoo ta’u, Woolvis qabxii 2n sadarkaa gad aanaa isa dhumaa 20ffaa qabateera.
Bara Dorgommichaan Arsenaal taphoota 15iin gaggeesseen 10n yoo injifatu yeroo lama mo’amee taphoota hafan 3n qixa baheera.
Morkataansaa Woolvis ligiichaan hanga ammaatti tapha kamiyyuu hin injifanne.
Woolvis 13n yoo mo’amu yeroo lama qixaan adda baheera.
Taphoota 15n gaggeesseen galchii 8 yoo lakkoofsisu galchii 33 keessummeesseera. Arsenaal torban 15ffaan Astonviilaan erga mo’amee booda gara injifannootti deebi’uuf ni taphata.
Piriimiyeer liigichaan bara dorgammii ulfaataa dabarsaa kan jiru Wolviis liigichaan yeroo jalqabaaf qabxii 3 argachuuf qormaata cimaan isa eeggata.
Arsenaal Taphicha Injifachuuf tilmaama guddaa kan argate yoo ta’u garaagarummaa qabxii Maanchistar Yunayitid waliin qaban gara 5tti ol guddisa.
Roobert Joonsi nama umurii waggaa 38 Taphicha Abbaa Seerummaan gaggeessu.
Sagantaawwan biroon Chelsiin Everteni waliin fi Liivar puul Biraayiten waliin sa’aatii wal fakkaataa galgala sa’aatii 12tti ni taphatu.
Bernileey Fuulhaam waliin galgala sa’aatii 2:30tti ni taphatu.