Tamsaasa Kallatti:

Taphni Hawwiin eegamaa ture Maanchisteer Siitiin Riyaal Maadriidiin injifate


Mudde2/2018(TOI)- Sagantaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan taphni hawwiin eegamaa ture Maanchisteer Siitiin  Riyaal Maadiriidiin 2 fi 1n  injifate. 
Tapha galgala Istaadiyeemii  Saantiyaagootti  gaggeeffameen  Niikoo  Ora’iyiliin   galchii  galcheen , Arlingiton Haaland ammoo rukkuttaa  adabbiitiin  galchii injifannoo lakkoofsiseera. 
Roodirigoon  galchii tokkicha Riyaal Maadiriidiif   galcheera. 
Taphicharrattii Maanchisteer Siitiin walakaa jalqabaarrattii fi  Riyaal Maadiriid  walakkaa lammaaffaarratti caalmaa fudhatanii  taphataniiru. 
Bu’aasaa hordofuun Maanchisteer Siitiin qabxii 13n  Sadarkaasaa gara 4ffaatti ol  guddiseera.
Injifataan dorgommichaa yeroo 15ffaa Riyaal  Maadiriid qabxii  12n sadarkaa 8ffaa qabateera. 
Arliingi  Haalaand  Shaampiyoonsi Liigiin   taphoota 50n galchii 51 kan lakkoofsise  taphataa jalqabaa ta’ee rikaardii haaraa  galmeessiseera. 
Sagantaa  biroon kilabiin Arseenaal Biruuzyiyaa 3 fi 0 injifateera. 
Tapha Istaadiyeemii Jaan Bireeyideelitti gaggeeffameen,  Noonii Maduweekee galchii lama yoo lakkoofsisu  Gabri’eel Martineliin  galchii hafe lakkoofsiseera. 
Arsenaal qabxii  18n dursummaasaa mirkaneeffateera.
Arsenaal Shaampiyoonsi Liigichatti taphoota hunda injifachuu danda’aniiru. 
Kilabiin Biruuzyiyaa qabxii  4n sadarkaa  31 qabateera. 
Injifataan  yerichaa  PSG  Atileetikoo   Biilbaa’oo waliin galchii malee  qixaan adda bahaniiru. 
Juveentus   galchii Jonatan Deevidii fi Weestoon Maakeeniin  galchaniin Paafoos  2 fi 1n injifate. 
Benefiikaan  Napooliin  2 fi 0 injifateera. 
Baayer Leeverkusen Niwuukaastil Yunaayitidii waliin ,Boruushiyaan  Doortimundiin Boodoo Gilimti  waliin  haala walfakkaatuun 2 qixaan adda  ba’aniiru. 
Tapha har’a dursee  gaggeeffameen  Ayaakis Karabagin  4 fi  2  Kopenhagen  Viyariyaaliin  3 fi 2n  injifateera

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015