Tamsaasa Kallatti:

Adeemsa Masriin laga Abbayyaa irratti  Seenessa koloneeffataa adeemsisaa jirtu goolabameera-Dr. Biqilaa Hurrisaa 

Mudde 02/2018(TOI)- Adeemsa Masriin laga Abbayyaa irratti  Seenessa koloneeffataa adeemsisaa jirtu goolabameera jedhan Waajjira Ministira Muummeetti Ministirri Qindeessaa Ijaarsa Sirna Dimookiraasii doktar Biqilaa Hurrisaa.

Yaadama bara koloneeffataan faaydaa mirkaneeffachuun akka hin danda’amne dubbataniiru doktar Biqilaa Hurrisaan.

Doktar Biqilaa Hurrisaan Miidiyaa Palsi Of Afrikaa waliin haasaa taasisanin, Ministirri Dhimma Alaa Gibtsii Mahaammad Abdallaattii dhimma Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa ilaachisee yaada kennan cimsanii balaaleffataniiru. Masiriin yaada nagaafi tasgabbii booressu irraa of qusachuu qabdi jedhaniiru. Dabalataanis yeroon seenessa koloneeffataa Masriin laga Abbayyaa irratti adeemsisaa jirtu barri isaa irra darbeera jedhani.

Yaanni Ministira Dhimma Alaa Masriin dhiyaate yaada yeroo ammaa kan hin madaalle ta’uu eeraniiru. Masiriin Laga Naayil anumti qofaan olaantummaan fudhachuu qaba kan jettu seenessa yeroo hin madaalle waan ta’eef nageenya naannawaafis sodaa keessaa kan galchu dha jedhani.

Yaanni isaanii kuni immoo faayidaa biyyoolessaa Itiyoophiyaa kan faallessuufi fudhatama kan hin qabne ta’uu himani.

Mootummaan Masirii Itiyoophiyaan akka hin tasgabboofneef garee ergamtootaa deeggaruun,filachuun hojiitti bobbaasuu eeruun,kuni amala itti gaafatamummaa hin qabne goolii uumuu ta’uu ibsaniiru.

Gama mirga itti fayyadama bishaanii fi tumsa naannootiin yaada isaanii kan kaasan Ministirri kun, Itiyoophiyaan laga Abbayyaa harka caalu kan ishee uwwisu qabeenya ishee fayyadamuuf mirga seeraa qabdi jedhan.

Gama biraatiin, gaaffiin Itiyoophiyaa mirga abbummaa ulaa galaanaa seera qabeessaa fi qajeelfama irratti kan hundaa’e ta’uu ibsaniiru doktar Biqilaa Hurrisaan.

Hawaasni Idil Addunyaas gaaffii mirga abbummaa kana beekamtii kennaa jiraachuu ibsaniiru.

Ejjennoon Masriin laga Abbayyaa qofatti fayyadamuu ishee yeroon kan irra darbee fi yaada koloneeffataa ta’uu isaa, akkasumas yaadaafi mala yeroon barbaadu waliin kan wal hin simne ta’uu akeekaniiru.

Adeemsa Masriin laga Abbayyaa irratti  Seenessa koloneeffataa adeemsisaa jirtu goolabameera jedhani.

#Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa

#TOI

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015