Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaa fi Zaambiyaan damee loltummaa irratti tumsaan waliin hojjechuuf walii galan

Mudde 01/2018(TOI)-Itiyoophiyaa fi Zaambiyaan damee waraanaa irratti tumsaan waliin hojjechuuf dhimmoota isaan dandeessisu irratti waliif mallatteessaniiru.

Walii galtichi hariiroo yeroo dheeraa biyyoota gidduu ture cimsuu fi damee waraanaa adda addaatiin faayidaa waloo irratti hojjechuuf kan kaayyeffate ta’uun ibsameera.

Haaluma kanaan Itaamaajoor shuumiin walii galaa humnoota waraanaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa fi Itaamaajoor shuumiin Waliigalaa Zaambiyaa Jeneraal Jeefri zi'eel gidduutti erga mari'ataniin booda hoggantoonni ittisaa sadarkaan jiranis waliigaltee kana mallatteessaniiru.

Itiyoophiyaan nageenyaa naannawaa fi biyyootaa tasgabbeessuuf kutannoon kan hojjettu ta’uu himan Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan.

Hariiroo Zaambiyaa waliin jiru daran cimsuuf kan hojjetan ta’uu mirkaneessaniiru.

Leetanaan Jeefrii Zi’eel gama isaaniin, waliigalteen loltummaa biyyoonni lamaan mallatteessan tumsa fooyya’aa uumuun fayyadamummaa waloo caalmaatti guddisuuf shoora qabaachuu dubbataniiru.

Hoggantoonni Raayyaa Ittisaa biyyoota lameenii waliigalticha kan mallatteessan yoo ta’u, kunis hariiroo bara dheeraa biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuu fi dameewwan loltummaa adda addaan fayyadamummaa waloof hojjechuuf kan kaayyeffate ta'uu ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015