Jireenya lammiilee bu’uurarraa jijjiiruuf tattaaffiin taassifamu cimee itti fufa – kantiibaa Adaanach Abeebee - ENA Afaan Oromoo
Jireenya lammiilee bu’uurarraa jijjiiruuf tattaaffiin taassifamu cimee itti fufa – kantiibaa Adaanach Abeebee
Mudde 4/2018 (TOI)- Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee jireenya lammiilee bu’urarraa jijjiiruuf hojiiwwan hojjetu cimsee akka ittifufu Kantiibaa Adaanacha Abeebee Ibsan.
Kantiibaa Adaanach Abeebee lammiilee fayyadamtoota seeftiineetii kan turaniif gamoo omishaa fi gurgurtaaf Kutalee Magaalaa Afuritti ijaarame dabarsanii kennaniiru.
Kantiibaan kun ergaa saganticharratti dabarsaniin Bulchiinsi Magaalicha fayyadamummaa hunda galeessa lammiilee mirkaneessuuf hojii bu’aa qabeessa hojjechaa jira.
Lammiilee galii xiqqaa fi fayyadamtoota sagantaa seeftiineetii ta’an fayyadamummaa Diinagdeesaanii guddisuuf hojii bal’aan hojjetamaa jira jedhaniiru.
Isaan keessaa har’a dabarfamee kan kenname bakki hojii fi gurgurtaa jiraattota gargaaramuurraa gara omishtummaatti kan ceesisu ta’uu akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Walii gala fayyadamtoota wabii nyaata kuma 520 ta’an gara dameelee hojii adda addaatti akka ce’an taasisuun bu’uurarraa jireenyasaanii akka jijjiiramuuf hojjetamaa jirachuu beksisaniiru.
Fuuldurattis lammiilee wabii nyaataan hammataman jireenyasaanii akka fooyyeffataniif hojiin hojjetamu cimee itti fufa jedhaniiru.
Fayyadamtoonni Gamoo bakka hojii fudhatan cimanii hojjechuun jireenya mataasaanii jijiiruurra darbee kanneen biroof carraa hojii uumuu akka qaban hubachiisaniiru.
Sadarkaa Itti Aanaa Kantiibaatti Itti Gaafatamaan Biiroo Carra Hojii Uumuu Magaalaa Finfinnee Miiliyoon Maatiwoos akka jedhanitti, bulchiinsi magaalichaa lammiileen damee hojii adda addaarratti bobba’anii qabeenya akka horatan taassisaa jira jedhaniiru.
Irra caalaatti fayyadamoo carraa hojii uumuu ta’uurra darbee bu’aa qabeessa akka ta’an gochuuf leenjiiwwan adda addaa akka fudhan taassifamaa jiraachu dubbataniiru.
Guyyaa har’aa Magaalaa Finfinnee kutaa Magaalotaa Aqaaqii qaallittii, Ekkaa fi Qiirqoositti Gamoowwan ijaaraman lammiilee fayyadamtoota sagantaa saaftineetii turaniif dabarfamee kennamuu ibsaniiru.
Walii gala guyyaa har’aa Intarpiraayizoota 292 fi bakka bu’oonni maatiiwwanii 976 fayyadamoo carraa hojii ta’uusaanii ibsaniiru.
Haaluma wal-fakkaatuun Kantiibaa Adaanach Abeebee lammiilee galii gad aanaan jiraataaniif Mana Jireenyaa Kutaa Magaalaa Lidataa dabarsanii kennaniiruuf.